Telegram Web Link
Salphachuuf deemna!

Sa'aatii kanatti Jawar Mohammed sadarkaa hamaa irra gaheera.
Doktorronni isaas fala fiduu hin dandeenye! Oromoonni hedduun
naannoo mana hidhaa Qaallittiitti walitti qabamee jira! Namni
haala inni amma irra jiru bira gahee arge tokko akka naan
jedhetti jawar lafaa ka'uu dadhabeera. Qaamni isaa guutuun
dhiita'eera. Ambuulaansiin mooraa mana hidhaa fuldura
dhaabbatee eega jira, namni hedduun achitti walitti qabame
bo'aa jira! Bo'uun fala miti jarana Wayyoo Oromoo salphina
eeggachaa jirtu! AAbera TadesseTAbera Tadesse #Share

@Abdekso3
@abdataa3
"Lagannaa nyaataa dhaabuuf fedhii hin qabnu" - Obbo Jawaar Mohaammad fa’a

Obbo Jawaar Mahaammad, Baqqala Garbaa, Hamzaa Adaanaa fi Shamsaddiin Xahaa nyaata lagachuu erga jalqabanii har’i guyyaa 13ffaa ta'ee sababa kanaan heddu kan dadhaban tahuus lagannaa nyaataa kana dhaabuuf fedhii akka hin qabne himan.

Ganama kana namoonni siyaasaa Oromoo jajjaboon kanneen akka Obbo Daawud Ibsaa, Obbo Leencoo Lataa, Obbo Battee Urgeessaafi namoonni amantii kanneen akka Ustaaz Kaamil Shamsuu mana hidhaa Qaallitti deemanii nyaata akka fudhatan kan kadhatan ta'uus, akka isaan didan abukaatoon isaani Obbo Kadir Bulloo himaniiru.

@abdataa3
#MeseretDhaba

Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa har'a ganama humnoota nageenya mootummaatiin mana jireenya isheetii qabamte akka hidhamte 'Gareen Abukaatoota Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo - GAHSO' gabaaseera.

Gaazexeessituun Masarat Dhaabaa tibba darbe namoota uffannaa keelloo uffatanii dhaddacha Obbo Jawaar Mohaammad fa'a irratti argaman jedhamanii hidhamanii boodarra himannaan irratti dhiyaate ture mana murtiitti kufaa taasifame hiikaman keessa tokko turte.

@abdataa3
@abdataa3
#AMMEE👇👇

Qormaanni kutaa 12fa Guraandhala 29 eegalee kennama
***
Ibsa Ministeerri Barnootaa kenneen qormaatichi Guraandhala 29 irraa eegale hanga Bitootessa 2 bara 2013tti xumurama

Guraandhala 22 hanga 24tti waraqaan eenyummaa dijitaalaa ni raabsama. Ibsi qormaatichaa Guraandhala 26 bara 2013 kan kennamu ta'a.

#Ethiopian Press Agency
Qormaanni kutaa 12ffaa Guraandhala 29/2013 eegalee ni kennama!

Qormaanni kutaa 12ffaa Guraandhala 29 bara 2013 ALH akka kennamu Ministeerri Barnoota beeksiseera. Qormaatichi Guraandhala 29 hanga Bitooteessa 02 bara 2013 ALH ni kennama jedhameera.

Guraandhala 22 - 24 bara 2013 waraqaa eenyummaa dijitaala laatamee, ibsa qormaata (Orientation) Guraandhala 26/2013 akka laatamu Ministirri Ministeera Barnoota Dr Injinar Getaahun Makuriyaa ibsa har'a laataniin beeksisaniiru.

Qormaanni kun toora intarneetiin (online) akka laatamu kan ibsame ta'uus, amma garuu sababa taableetonni barattoota ittiin qoraman yeroo yaadameetti gara biyya keessa galuu waan hin dandeenyeef waraqaadhaan akka laatamu ibsameera.

Ministeerri Barnoota adeemsa kenniinsa qormaaticha irratti harkifannaa uumameef ifatti dhiifama gaafateera.

@abdataa3
@abdataa3
Oduu Ammee:

Sababni eda doktorri hatattamaan gara Qaallittiitti waamameef, Jawar of dadhabee garaan akka deebisuu godhaa ture. Amma sun irraa dhaabbatus baay’ee kan duraan caala laafuu isaatu himama.

Dajanee Xaafaa, Boonaa Tibbilee, Arafaat Abubakar fi Shamsaddiin Xaahaa hospitaala jiru.

Akkasumas tahee Jawar, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa lagannaa nyaataa guyyaa 15ffaas itti fufanii jiru
AMMEE:
Hiriirri Nagayaa Qeerroon waame guyyaa Sanbata Xiqqaa tahuun beekkame. Guutuu Oromiyaa keessatti hiriirri nagayaa kan waamame.

Dhaadannoolee Dhageessifaman
1. Hidhamtoonni siyaasaa hundii gadi haa lakkifaman
2. Ajjeechaan Hacaaluu nuuf haa qoratamuu! Yakkamtoonnii seerattii haa dhiyaatan!
3. Waajjiraaleen ABO fi KFO haa banaman!
4. Filannoon Oromoon keessa hin jirre Oromiyaa keessattii hin gaggeeffamu!
5. Jijjiirama dhiiga keenyaan fidne dabarsinee hin laannuu!
6. Cunqursaa kaleessaa keessattii hin deebinuu!
7. Filannoo sobaa irrattii Oromoon hin hirmaatuu!
8. Sirni Nafxanyaa nurratti hin deebi’u!
9. Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu!
10. Hoggantoonni siyaasaa nuuf jecha hidhamani! Nuuf jecha dararaman! Nuuf jecha beela’an!
11. Nuy Oromoon tokko, addaan nun qoodinaa! Sobaan nun diiginaa! Gantootaan hin diigammu!
https://www.tg-me.com/abdataa3
Ergaa Ariifachiisaa:

Warri amma dura hardkoorii jedhamtanii hidhamtanii turtan halkan kanaaf bakka jijjiiradhaa karaa irraa maqaa.
Gabaabumatti mootummaan Bilxiginnaa ofumaafuu of kuffiftee jirti. Addunyaan gargaarsa irraa dhaabde. Biyyi jeequmsa keessa jirti. Omishni hin jiru. Kanaaf omishni alaa galuu fi alatti ergamu du’ee jira. Waan gurguratanii Sharafa alaa argatan hin qaban. Doolaarri dhabame. Birriin baala taate. Warri waggaa har’aa milyoona 1 baankii qabu har’a qixxeen isaa irraa gadi bu’ee 500k qofa qabaata. Kasaaraa guddaa. Doolaarri gaafa Bilxiginnaan dhufte dachaan dabale. Tigraay guututti beelaan dhumuufi. Naannooleen hedduunis kan gargaarsa irratti hundaa’an har’a wanti gargaaraman hin jiru Oromiyaa dabalatee. Ummatni Oromoo Milyoonni 2 buqqa’e sun har’as kuun rakkinaan akka miidhamaa jiru namni quba hin qabu. Gabaabumatti Bilxiginnaan yeroo muraasa keessatti biyyattii beelaan fixuuf deemti. Dabalataan ammoo Abiy dhiheenyatti mana murtii addunyaa irratti dhihaachuuf deema. Hanga ammaatti ragaa yakka waraanaan isa hinachiisu gahaan akka jiru himaa jiru. Bilxiginnaan ni kufti osoo hin taane kuftee jirti. Waraana hamma harkaa qabduun ummata ukkaamsite jechuun mootummaatu jira nama hin jechisiisu. Mootummaa mataan irra hin jirre kan akka lukkuu mataan irraa muramtee battisu qofatu jira. Kanaaf ummatni hamilee cabuu hin qabu. Dhiheenyatti Bilxiginnaan ofumaaf of geggeessiti. Kana hin shakkinaa!
Nama dhiba! Ummata milyoona 60 akkanumatti soba jedhee yaadaa?

Waa’ee filannoo ilaalchisee cuunfaadhaan akka armaan gadii jedhee ummata Oromootti qoose.

"Abbaa barbaaddan filadhaa, eenyullee ana malee hin filatinaa isiniin jechuu hin danda'u. Yoo nu filattan qulqullummaan isin tajaajilla. Yoo kan biraas filattan hammannee dhungannee, dabarsinee taayitaa kenninaaf"
- Abiy Ahmad kan har’a Shaambuutti dubbate
#KFO

Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) filannoo biyyaaleessaa dhufu irratti akka dorgomu beeksise. Filannicha ilaalchisee miidiyaa 'Al Ain' jedhamu waliin turtii kan taasisan Dura-taa'aa KFO Profeesar Mararaa Guddinaa paartichi filannoo dhufurratti akka dorgomuu beeksisaniiru.

Haata'u malee haalli filannoo keessa hirmaachuu isaani akkaataa mootummaatin akka murteeffamu himaniiru, Prof. Mararaan.

Filannichi bilisa fi haqa qabeessa akka ta'uuf "gaaffilee murteessoo kaafnu qabna" kan jedhan Prof. Mararaan "mootummaan yoo nu baase malee filannoo keessaa hin baanu
AMMEE:
Manni murtii akka obbo Baqqalaan hospitaala dhuunfaatti yaalamu ajaje. Obbo Baqqalaan baay’ee miidhamuu irraa kan ka’e hatattamaan hospitaala akka deemu haakimni dhuunfaa ajajus manni hidhaa dhoorkuun ni yaadatama.
OMN buusuun hin danda’amu yeroo jennu hojiidhaan malee afaaniin qofa miti. Yaalii kaleessa OMN ukkaamsuuf godhame booda toora 2ffaa irratti olbaanee jirra. Tokko yoo bade kaaniin argattu. OMN fi Oromoo addaan baasuun kana booda hin yaadamu! Oromoon biyya alaa jirtan ammoo gahee keessan bahuu hin dagatinaa! Kan OMN sochoosaa jiru isin waan taataniif.

Toorri saatalaayitii 2ffaa irratti nu argattan TV ispoortii Varzish TV moggaatti yoo tahu,

Frequency: 11938MHz Horizontal
Symbol rate: 27500
FEC: 3/4
AMMEE:
Hakiimoota dhuunfaa Baqqalaa waliin Ambulansii seenan irraa bilbila(mobile) isaanii fudhatanii “ajaja oliiti dhufeedha” jechuun Baqqalaa hospitaala mootummaa geessaniiru. Lubbuun Baqqalaa harka ormaa keessa galteetti!
Afaanuma Juntaa gurguddaa too’annaa jala oolchine jedheen amma ammoo himatni isaanii addaan citee hiikaman jedhe EBCn. Yeroo jara kana hiikaa jiranitti hayyoota Oromoo ammoo dararaa jiran. Gabrummaan Oromoo irra jirtu adda!
#UPDATE

Obbo Baqqalaa Garbaa fedhii kiyya malee bakka mootummaan ofii barbaadetti hin waldhaanamu jechuun, Ambulaansii keessaa bu'uu waan didaniif wal'aansa tokkollee osoo hin argatiin galgalarra Poolisiin gara mana hidhaa Qaallittiitti isaan deebisuuf dirqamuu maatii himeera. Dr Ilillii Jamaal isaan waliin 'ugguramtee' erga turte booda halkan gad lakkifamteetti.
''Dhimma Itoophiyaa keessa uumamurratti harka keenya marannee, callisnee hinteenyu,'' - Isaayyaas Afawarqii [Pireezidantii Ertiraa]
HUBACHIISA!!

Jawar faa Mana Murtii waliigalaa Federaalaa 6kilo’tti boru akka dhihaatan kan ajajamaniif mana yaalaa dhuunfaa deemuu hin qaban jedhee Geediyoon erga xalayaa mana hidhaatti barreessee ajaja mana murtii ugguree booda abbaan alangaa waan ol iyyateefi. Mormiin godhamuuf deemu mana yaalaa mootummaatti yaalamuu qabdaniidha. Jawar faa ammoo mana yaalaa dhuunfaa malee kan mootummaa hin amannu kan jedhudha. Kuni hundi hoggantoota kana hospitaala mootummaa geessuufi. Ni taatii ree? Abadan!
أكثروا الصلاة على النبي صلى الله عليه وسلم يوم الجمعة وليلة الجمعة.
Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam irratti salawaata guyyaa jumu'aa fi halkan jumu'aa buusuu baay'isaa!
اللهم صل وسلم على نبينا محمد صلى الله عليه وسلم.
.
http://www.tg-me.com/Abdekso3
2025/07/08 06:28:58
Back to Top
HTML Embed Code: