#Ogeessota_fayyaa
"Guutuun guututti hojii dhaabaniiru, ogeessonni muraasni qofa hospitaalicha keessa jiru, hojiin dhaabateera jechuun ni danda'ama":- Hojjattoota Hospitaala Ispeeshalizdii Rifaraala Walaayita Soddoo
"Ogeessota Rezidantiin ala ogeessonni fayyaa biroo hojii irra jiru":- Daarektara Hospitaalicha
Ogeessonni fayyaa Hospitaala Ispeeshalizdii Rifaraala Walaayita Sooddoo yaada kennaniin rakkoo biyyalessaa tibbana kana jiruun walqabatee hojjattoonni Rezidantii hojii waan dhaabaniif sadarkaa guutuun guututti jedhamuun tajaajilli hospitaalicha guyyaa kaleessa irraa eegalee adda cituu isaa hubachiisaniiru.
Hospitaalichi guyyatti hawaasa guddaa qabuuf tajaajila kennaa akka ture kan ibsan yoo ta'u, guyyaa kaleessa kibxata irraa garuu haakimonni ispeeshalitii hojii dhaabuu isaaniitiin fayyadamtoonni dhufaa deebi'aa jiraachu himaniiru.
Dhimmichan walqabatee Daarektara olaanaa hospitaalicha Dr. Wakiil Waldee kan dubbise yoo ta'u, "Rezidantoota irraa kan hafe hospitaalli tajaajila kennaa jira" jedhaniiru.

Obbo Taayyeen 'Poolisii Federaalaan' to'atamuu maatiin himan
Deetaan Ministeera nageenyaa duraanii obbo Taayyee Danda'aa guyyaa har'aa ganama dhaddachaan booda mana jireenyaa isaaniitii poolisiin fudhatamuu isaanii haati manaa ibsaniiru.
Haati manaa obbo Taayyee Aadde Sintaayyoo Alamayyoo akka ibsitetti dhaddachaa ganamaa beellama isaanii hordofuun erga gara manaa deebi'anii booda har'a waaree booda naannoo sa'aa 10tti mana jireenyaasaanii keessaa qabamuu himaniiru.
Aadde Sintaayyoon dabalataan Poolisoonni Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa biiroo qorannoo yakkaa akka fidan ibsuun garas deemaa akka turan himaniiru.

❤3
Waldhabdeen Tiraamp fi Maask jidduu aarii Elon Maask seera gibira Tiraampiin eegale, amma Tiraamp konkolaataa Teslaa isaa gurguuruuf yaaduun gahaa jira. Ofii guyyoonni darba 10 hariiroosaanii attamiin ibsu?
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/mHFJRhy

BBC News Afaan Oromoo
Tiraampii fi Maask: Guyyoota 10 hariiroo isaan jidduu balleesse
Waldhabdeen Tiraamp fi Maask jidduu aarii Elon Maask seera gibira Tiraampiin eegale, amma Tiraamp konkolaataa Teslaa isaa gurguuruuf yaaduun gahaa jira. Ofii guyyoonni darba 10 hariiroosaanii attamiin ibsu?
#USA
Pirezidaant Doonaald Tiraamp Ertiraa fi Somaaliyaa dabalatee lammileen biyyoota 12 US Ameerikaa akka hin seenne seerri dhorku guyyaa har'aa galgala irraa hojitti seena.
Dhorgaa kanaaf biyyoota kanneen irraa lammiileen gara Ameerikaa imaluu hin danda'an jedhameera.
Kun ammoo gocha hamaa qaamolee alaan raawwatamurraa Ameerikaanota eeguudhaaf jedhameeti jedhan.
Biyyoota 12 Dhorgaan irra ka'ame 12 keessaa Afrikaanonni:-
-Ertiraa
-Suudaan
-Somaaliyaa
-Chaad
-Liibiyaa
- Dimokraatawa Koongoo fi
-Ekuwatooriyaak Giiniin keessatti argamu.

❤1
Misaa'ela Iraan kallattiidhaan giddu galeessa Israa'elitti dhukaafteen namoonni lama jalaa ajjeefamuu Israa’el beeksifte.
Misaa'elli Baalaastikii Iraan halkan edaa kallattiidhaan giddu galeessa Israa'elitti dhukaafte yoo xiqqaate nama lama jalaa ajjeessuu Israa’el beeksifte.
Haleellaa miisaa’ela Iraan kanaan kanneen ajjeefaman malees yoo xiqqaate lammiileen Israa’el 20 miidhamuudha kan gabaafame.
Israa'el 20 haa jettu malee namoonni haleellaa kanaan miidhaman 40 akka ta'an beeksifteetti.
Iraan gama isheetiin haleellaa Israa’el ishee irratti raawwatteen qondaaltota waraanaa buleeyyii dabalatee namoonni 78 jalaa ajjeefamuu beeksifteetti.
Kanneen ajjeefaman malees lammiileen ishee 320 ol miidhamuudha kan eerte.

Israa'el dhaabbata TV mootummaa Iraan haleelte
Qaaman tamsaasa TV mootummaa Iraan kan ta'e Neetworkiin Niwus Rippabiliika Islaamaa Iraan, Israa'eeliin haleellan irratti raawwatamusaa gabaasni Rooyitars mul'iseera.
Kunis doorsiisa har'a gara ganamaa ministirri ittisaa Israa'eliirraa dhufe hordofee kan yoo ta'u, biroodkaastarri mootummaa kun ''baduuf jedha'' jedhee ture. #BBC #Rooyiters

Bulchiinsi Doonaald Tiraamp, lammiilee Itoophiyaa dabaalatee lammiileen biyyoota 36 gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkuuf yaada akka qabu himame.
Dhimma kana ilaalchisees miidiyaaleen Rooyitars fi Waashingitan Poost sanada Waajjirri Dhimma Alaa US qopheesse ilaaluu eeruudhaan gabaasan.
Bal'inasaatiif
⬇️⬇️
https://bbc.in/3Tsw5S8

"Haal duree tokko malee harka kennadhaa!"- Tiraamp
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waa'ee Iraan har'a dubbii jajjabaa dubbataa jira. Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa "Truth" irratti barreessen "HAAL DUREE TOKKO MALEE HARKA LAADHAA!" jedhu maxxanse.
Ergaawwan walitti aansee maxxansaa jiruun, hedduun US waraana Israa'elifi Iraanitti hirmaatti sodaa jedhu hammeessaa jira.
Tiraamp ergaa jalqaba har'a maxxanseen "qilleensa Iraan guutummaan to'annee olaantummaa irratti qabna" jedhee ture.
Ittaansun ammoo, "Gaggeesan Iraan bakka dhokatee jiru beekna, garuu ammaaf hin ajjeefnu!" jechuun maxxanse.
Maxxansa si'a sadaffaa har'a maxxanseen, "haal duree tokko malee harka laadhaa!" jechuun namoota heddu shakkii keessa galcheera.

Iraan misaa'ela 'haypersonikii' Fattaah-1 jedhamu gara Tel Aviiv dhukaasuu himte
Eegdoti Warraaqsaa Iraan (IRGC) Akkaa jedhanitti, misaa’elli kuni galgala kaleessaa dhukaafame. Misaa’elli kuni jalqaba waggaa kana yeroo biyyoonni lamaan wal dhaban dhukaafameera. Erga dhihoo walitti bu’iinsi eegale garuu reefu dhukaafame.
Iiraan waldhabdeen Iraanii fi Israa’el gidduu jiru hammaataa dhufuu isaatiin halkan tokkotti misaa’ela 25 gara Israa’elitti furguggisaa akka jirtu gabaafameera.
Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatollaah Ali Khamenei miidiyaa hawaasaa irratti ''waraanni jalqabeera'' jechuun barreessaniiru.
Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka gabaasetti, Iraan waldhabdee guyyoota jahaaf biyyoota lamaan gidduutti uumameen yeroo jalqabaaf misaa'ela Fatah-1 hypersonic fayyadamteetti.
Israa’el gama isheetiin misaa’ela balistikii Iraan furguggifte kana ilaalchisee odeeffannoo hin kenninee.

Misaa'elii #Iraan dhukaasteen hospitaalota gurguddoo #Israa'el keessaa tokko rukutame
Misaa'elli Iraan dhukaaste hospitaala magaalaa kibba Israa'el, #Beersheba keessatti argamu rukutuun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 32 miidhamaniiru.
Misaa'elli Iraan dhukaaste kallattiidhaan hospitaala kana rukute jedhan qondaalonni Israa'el.
Haleellaa misaa'elaa Iraaniin iddoowwan jireenya uummataa sadi ta'anis miidhamuu qondaalli waraanaa Israa'el ibsaniiru.
Erga Iraan misaa'eloota hedduu gara Israa'elitti dhukaastee booda dhohiinsa gurguddaan magaalaa #Teel_Aviiv keessatti heddumminaan dhagahamaa jira.
Dubbi himaan hospitaala Soroka miidhaa guddaan qaqqabuu ibsan. Meeshaaleen balaafamoo ta'an uummata miidhuu danda'u sodaa jedhuun namoonni naannawa hospitaalichaarraa akka fagaatan akeekkachiifamaniiru.
Haleellaa mudate booda suuraaleen ba'aa jiran hospitaalli kun baayyee manca'uu mul'isu.
Ministira dhimma alaa itti aanaa Israa'el kan ta'an Sharren Haskel tarkaanfii Iraan kanaan ''yakka'' jechuun ibsan. (BBC)

Pirezidantiin Vilaadmiir Putiin dhimma hogganaan olaanaa Iraan Ayaatoolaa Alii Kameenii ajjeefamuu maluu jedhurratti dubbachuun hin barbaachisu jedhan. Lammiileen biyyattii hooggansa Teehraan duuba hiriiruu qabus jechuun dubbatan.
Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu galmi haleellaa isaanii sirna Iraan keessa jiru jijiiruu bira akka gahu akeekaniiru.
Doonaald Tiraamp ammoo yaada Kibxata darbe kennaniin US bakka Kameeniin dahatanii jiran akka beektu, ammoo ammatti akka hin ajjeefne ibsaniiru.
Putiin Israa'el deeggarsa US irraa argattuun Kameenii yoo ajjeefte deebiin keessan maal ta'a jedhamanii yoo gaafataman ''Kuni ta'uu danda'a jedhee irratti dubbachuu hin barbaadu. Hin barbaadu,'' jedhan.
Yaadni Kameenii ajjeesuu ilaallatu kennamuu quba qabaachuu himanii, waayee kanaa cirumaa dubbachuu akka hin barbaanne himan.
Putiin gaaffiifi deebii ejensii oduu biyyattii waliin taasisan keessatti ''Iraan rakkoo keessoo walxaxaa keessa jiraatteeyyuu uummatni hooggansa siyaasaa biyyattii jabeeffatee jira,'' jedhan.

Manni Marii Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma walitti bu’iinsa Iraanii fi Israa’el irratti mari’achuuf walgahii ariifachiisaa waame
**
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma walitti bu’iinsa Iraan fi Israa’el irratti mari’achuuf Jimaata kana walgahii ariifachiisaa waamuu isaa BBCn gabaaseera.
Walgahiin kun akka waammamu gaaffii Iraan, Raashiyaa, Chaayinaa, Paakistaanii fi Aljeeriyaanfaa dhiheessanii akka ta’e eerameera.
Walgahii ariifachiisaa waamame kana irratti ammoo Ambaasaaddarri Israa’el Daani Daanoon ni argamu jedhameera.

Itoophiyaan qaal’iinsa jireenyaatiin Afrikaa irra sadarkaa 1ffaa irratti argamuu ishee gabaafame.
Itoophiyaan biyyoota Afriikaa keessa jiraachuuf qaala’oo ta’an keessaa sadarkaa 1ffaa irra kan jirtu yoo ta’u, addunyaa irraa sadarkaa 53ffaa irra jiraachuu ishee gabaasni mul’iseera.
Akka gabaasa haaraa kuusaa ragaa baasii jireenyaa addunyaa guddichaa baaseetti lammiileen Itiyoophiyaa amma meeshaalee bu’uuraa kanneen akka nyaataa fi geejjibaa irratti biyyoota Afrikaa biroo keessa jiran caalaa baasii guddaa baasu jedheera.

Iraan Israa'elitti misaa'ela dhukaaste-IDF
====
Yeroo muraasaan dura misaa’eloonni Iraanirraa gara Israa’elitti dhukaafamuu adda baasuu isaa Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) ibsa baaseen beeksiseera.
Israa'el keessatti sagaleen akeekkachiisa balaas dhaamameera.
Akkasumas sirnoonni ittisaa balaa, misaa'ela dhukaafame kana to'achuuf socho'aa jiru.
IDF ummanni bakka eegumsa qabu seenee hanga beeksisi biraa bahutti akka achi turu gaafatee jira.
Waan amma ta'aa jiru toora tamsaasa kallattii kanaan hordofaa.
⬇️⬇️
https://bbc.in/4lit1Ef

US iddoowwan nikulaaraa Iraan irratti haleellaa raawwachu Tiraamp himan.
Doonaald Tiraamp Ameerikaan iddoowwan gabbiisa nikulaaraa Iraan keessa jiran sadi irratti haleellaa raawwachuu beeksiisan.
Iddoowwan kunneenis Foordoo, Naataanz fi Esfaahan kan jedhaman yoo ta'u, Ameerikaan haleellaa buufataalee kanneen irratti raawwattu xumurtee jirti jedhan.
Dabalataaf kunooti:
👇👇
https://bbc.in/4nrYOoa

☢️☣️ Addunyaarraa biyyoonni sagal bombii nikularaa qabu.
Biyyoonni kun eenyu fa'i? Hangi boombii nikularaa isaan qaban hoo hagami?
👇🏿
https://bbc.in/4kW5Lfq

Paarlaamaan Iraan yaada murteessaa ulaan ‘Strait of Hormuz’ akka cufamu dhihaate raggaasise
Boba’aan hincalalamiin addunyaa kanaa dhibbeentaan 20 ulaa ‘Strait of Hormuz’ kanaan daddabarfama.
Paarlaamaan Iraan ammoo haleellaa US Ameerikaan Israa’eliin tumsuudhaan biyyattii irratti raawwatte haaloo bahuuf ulaan ‘Strait of Hormuz’ kun akka cufamu yaada murtee dhihaateef raggaaseera.
Ulaan ‘Strait of Hormuz’ kiiloo meetira 40 bal’atu kun yoo cufame, dhiheesii boba’aa addunyaa irratti dhiibbaa guddaan uummamuu akka danda’u Niwiis Wiik Televizhiinii Iraan waabeffachuun gabaasera.
US Ameerikaan ammoo ulaan ‘Strait of Hormuz’ akka hincufamne Chaayinaan Iraan irratti dhiibbaa akka gootu gaaffachaa jiraachuudha kan himame.
Ministirri Dhimma Alaa US Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, ulaan kun akka hincufamne Chaayinaan Iraan irratti dhiibbaa akka gootu waamicha dhiheessaniiru.
Embaasiin Chaayinaa Waashingitan jiru garuu hanga ammaatti dhimma kana irratti yaada kan hinkennine ta’uun eerameera.

Iraan Buufata Waraanaa Ameerikaa Kuwaataaritti argamurratti haleellaa raawwatte. Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Kuwaataaritti argamurratti haleellaa misaa’eloota 6 raawwateerti. Haleellichi Ameerikaan Foordoowu dabalatee buufataalee niwukilaaraa Iraan Naataanzi fi Isfahaatti haleellaa boombii raawwatteef haaloo ba’uuf ta’uu BBCn gabaaseera.
❤2