Telegram Web Link
ODUU AMMEE

Hidhattoonni Taaliban Kaabuul seenan
Loltoonni Taalibaan magaalaa guddittii Afgaanistaan Kaabuul
gama maraan seenaa akka jiran BBC'n odeeffateera.

Kaabul magaalota ijoo Afgaanistaan 24 keessaa kan harka
mootummaa Afgaanitti hafte yoo taatu loltoonni Taalibaan
gama maraan itti marsanii seenaa jiru.

Mootummaan Afgaanistaan wanti hundi to'annoo isaa jala
akka jiru ibsuun jiraattota tasgabbeessaa jira.
Hogganooti Taalibaan ammoo loltoonni isaanii Kaabul
keessatti hokkora akka hin kaafne, nama baqachuu fedhuuf
karaa akka banan ajajaniiru.

@bbcAfaanOromoo ..
========Read more===⤵️
l
2025/07/02 00:54:41
Back to Top
HTML Embed Code: