Warning: mkdir(): Permission denied in /var/www/bootg/function.php on line 101

Warning: file_put_contents(aCache/detail/b/f/w/a/bfwalaloo.txt): Failed to open stream: Permission denied in /var/www/bootg/function.php on line 103
Buufata Walaloo - Telegram Web
Coming soon
Kitaaba Saalaah Qeeransooβ€πŸ’šβ€
Kitaaba walaloo haaraa Saalaah Qeeransoo tiin
Forwarded from Qualitymovbot
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Ati barataadhaa?

Akkas taanaan chaanaaloota barnoota kennaa oolan kanneen qabdaa?? kutaa itti argamtu Join godhi.
Eebba kitaaba Saalaah Qeeransoo πŸ₯°
Forwarded from HOJII ONLINE πŸ€‘
Ijoolleen Oromoo Fayyadamaa Isin Fayyadaa.

sa'ati 12 keessaa Al takka "Start Up" Gochu Qofaan Guyyaatti $10_100 Argattu.  App kun dhugaadha. Guyyaa Muraasa booda Birri Qabdan Hunda baafachu ni dandeessu.

http://www.chatany.world/h5/reg.html?invite_code=4GNUVP

Yoo hin galmoofne ta'e Amma galmaa'aa. Of hin dabarsiinaa. Itti fayyadamaa

#CatStar marsariitii hawaasummaa metaverse idil-addunyaa yoo ta'u, kaffaltii duraa tokko malee galmaa'uu qofaaf 5000coin fi toora interneetii irratti argamuun qofa maallaqa siif argamsiisa.  Waltajjiin kun irra caalaa Cat bilisaa ni argattu.

Link asi Gadi kanaan Galma'a Guyyatti al lama qofa Start Up innis Garaagarummaa Sa'aati 12 Booda Start Up Goochu  kaffaltii argattu.

Warrii kanaan dura galmooftan "Start Up" gochu hin dagatinaa.
πŸ‘‡
http://www.chatany.world/h5/reg.html?invite_code=4GNUVP
Forwarded from Qualitymovbot
Jaalalli gaafa wantoota duraan boonyuufitti kolfuu jalqabne dhuma.!

:¨·.·¨: ❀️
 `Β·. @orolovechats
Forwarded from Qualitymovbot
.

"Hamilee(qalbii) nama tokkoo cabsuun akka nama dhagaa garba guddaatti darbeeti. Garuu dhakichi hammam akka bishaanicha keessa gadi fagaatu ni beeytaa?"
.
Forwarded from HOJII ONLINE πŸ€‘
Salphaatti Birri Argachu Barbaaddaa ?

Linki asi Gadi kana bantanii account create Gootani Invest Kan Jadhu Kafaltii tokko  male Guyyaatti Birri Argattu.  App kun dhugaadha.
πŸ‘‡
https://shells.work/#/pages/public/reg?invter=I489508346
Yoo hin galmoofne ta'e link armaan Oli

fayyadamuun galmaa'aa. Of hin dabarsiinaa. Itti fayyadamaa.

https://shells.work/#/pages/public/reg?invter=I489508346
Forwarded from HOJII ONLINE πŸ€‘
Salphaatti Birri Argachu Barbaaddaa ?

Linki asi Gadi kana bantanii account create Gootani Invest Kan Jadhu Kafaltii tokko  male Guyyaatti Birri Argattu.  App kun dhugaadha.
πŸ‘‡
https://shells.work/#/pages/public/reg?invter=I489508346
Yoo hin galmoofne ta'e link armaan Oli

fayyadamuun galmaa'aa. Of hin dabarsiinaa. Itti fayyadamaa.

https://shells.work/#/pages/public/reg?invter=I489508346
Forwarded from HOJII ONLINE πŸ€‘
Salphaatti Birri Argachu Barbaaddaa ?

Linki asi Gadi kana bantanii account create Gootani Invest Kan Jadhu Kafaltii tokko  male Guyyaatti Birri Argattu.  App kun dhugaadha.
πŸ‘‡
https://shells.work/#/pages/public/reg?invter=I489508346
Yoo hin galmoofne ta'e link armaan Oli

fayyadamuun galmaa'aa. Of hin dabarsiinaa. Itti fayyadamaa.

https://shells.work/#/pages/public/reg?invter=I489508346
Forwarded from Dirree Aartii (Shamil N Mohammed)
Kitaaba dubbifnee, waliin qu'anne, wal qo'achiifne, nuffineerra.
Ani siree gubbaa qumxa qofa uffadhe, miila takka gad diriiffadhee takka ol cabsee; duuydaan ciisa. Isheenis: qamisii burraburree tokko uffattee, qal'attee, luka lachuu diriirfattee, duuydan ciifti. "Yeroo hundumaa maaltu akka na gaddisiisu ni beekta? Isa si waliin wal bareedha. Natti dhagayama miirrii ibidda caalaa na gubu. Dhakaa caalaa ulfaatu. Utuu na gubuu, utuu natti ulfaatu, sammuu kiyyaan dirqitti, hoggane deeman. Ana na miidhaara, akka nan miinef, si irraanfaachuf waan hin godhin hin qabu. Amma waantin ani of too'adhu tokko yoo jiraate, sitti dubbadhe si mufachiisu qofa. Namoota saalli isaani anarra faalla ta'an hunda yoon argu situ keessaa natti mul'ata. Uffata, dibata, nyaata, fi walumaa galattii waan dubartoonni, itti fayyadaman yoon arges, sima yaada. Mariya maalif ija jaalalaatin nan ilaaltu? Suuta sutaan gara kiyyatti as dhiyaattee, funyaan keetin funyaan kiyyaa hin xuqxu? Maalif suuta jette arraba tee qara tanaan arraba tiyya dunduma tana hin waraantu? Maalif hidhii tee tan gororri nadhi damma keessaa cophu tanaan, hidhi tiyya hi luugdu" jedhee akka dura ciisurra suuta suutan, itti gara galee morma ishe jala seene fooli ishee suufu eegale.

Isheenis dura samii ol ilaalte, na dhageeffacha turte. Gara harka mirgaatte, narra achi fuulan garaglte "Jamaal maalif akkaan irraa deddeebin sitti himu na goota? Ni beekta akkaan nama jaaladhu qabu. Hubachu dhabe miti, humna kooti ol waan ta'eef calliseema si ilaalu filadhe" nan jette
"Mariyaa amma anaaf si malee eenyu as jira? Please Mariyaa" jedhee suuta suutan gubbattii bahe. Rifeensa ishee qaqqabachaa morma ishe irraa fooli suufa. Isheenis baay'ee dadhabdee, mormaa gara garanatti mimicciiraa, akka nama duubatti ilaaltu wahi taate "Jamaal ani baay'ee si jaaladha. Garuu Jamaal waan ati jette godhuuf, waada hiriyyaa koos nyaadhe, uumaa koos mufachiisaa? Uuuuff ahaaa Jamaal hin godhin! hin godhin Jamaal! Uuman nu arga" nan jette anis utaalee irraa ka'e.

Garaa alatti bahuuf tarkaanfii eegale "Jamaal" na jettee. Yeroo suuta suutan morma koo micciire ishe laalu, luka ishe tokko ol cabsite, tokko diriirfattee, qamisiin immo hanga jilba irraa ol dacha'ee, harka ishee lamaan gara garanatti zaraggaate, rifeensi ishee siree irraan gad rarra'ee, quba miila ishee qofa kan soch'u arga. Isheenis baay'ee laafte na ilaalti.
Gororri tokko hidhi isheetirra gad lola'a. anis ilaale ofirraa gara gaalee deeme. Homaa dubbachuuf humna dhabe.

Gadi bahee karra dura baaldin tokko afaanin gad deebi'ee ol gara galee jira. Irraa taa'ee, ija koo junuunfadhee "Uuma koo obsa naaf kenni! Obsaa naaf kenni" jedhe. Isheenis gad baatee lafuma fuulle kiyya teessee. Anis irraa joore. " Maalif fuula na dhoorgatta? Maalif duyda natti laatta Jamaal? Jamaal onnee qulqulluun wal jaalanna! Maaltu beeka kan walii ta'uu dandeenya! Uumamni wanti inni waan barbaadu dhabuuf yeroo baay'ee, miira ofii too'achuu dadhabee, waan uumaa mufachiisufiidha. Uumaan immo yoo uumamni seera jallise, duuyda itti laata. Ati dhugumatti goota. Miira kana hunda moo'atte as jirta? Ani gaafan na dhiisi siin jedhu tasa na dhiifta jedhe hin yaanne. Ati garuu jaalala naaf qabduufi sodaa uumaaf qabdu hojiin mul'ifte"

~~
@dhwalaloo @orolovechats
Forwarded from Dirree Aartii (Shamil N Mohammed)
Takka takkaa, durii gaaf durii
Aadaadha taphanna
Seenaadha odeeysina
Ollaa wal barsiifna
Maatii walitti finnaa

Seenaan yoo gad laalan
Tapha keeysa jirtii
Akka arraa mitii
Bara interneetii

Takkiyyee fi lamiyyee
Ashangidoo laga arbaa
Wayin onnetti si darbaa

Asiin nabaasaa fii shirgiggoo
Tiilleen taableen fii tayoo tayi
Tokkoo lamaa mitii
Yoo jettaan lakkaayii

Utaalloo haadaa fii
Okkol okkol saree
Baallaa shimbirroofii
Shantee faatu jiraree

Jarrin ammaa yaame
Dhaalmaya abbaa kheenyaa
Kan durirraa dhaalle
Aadaa warraa kheenyaa

Isaaniin waa barraa
Hiriyaan wal garraa
Waan durii abuurraa
Ammammoo deebinee
If duuba dachaanee
Gufannee dhamaanee

Garuu bar...
Durillee tan jirtu
Tan ambarraa dhaalle
Biimoorii fii khoorkii
Walaamboo kubbaa
Maarrabee fii goommaan
Duruu ni argamaa

Tan ammaa tun baasa
Joolleen gaafa olkaatu
Halluu tam dibannaa?
Eeysatti qamaanaa?
Eenyu xabbasannaa?
Waan akkasiit yaaddii
Seenaa tam nuu bartii

Kanaafuu akkaan je'ee
Itti fufa barraa'ee...

Shamil Nasir Mohammed
~~
@dhwalaloo
@sammuukeef
www.tg-me.com/FahmiFuad

Link kana fayyadamaati Afiya home based clinicf maatii tahaa πŸ™
Forwarded from Dirree Aartii (Shamil N Mohammed)
Itti gaafatamummaan maatii kan itti dhaga'amuu fi dirqama itti gaafatamummaa kan ba'u si qofa taatee, Qormaanni karaa Maatii sitti dhufu si mudatee beekaa? Sanuu irra deddeebiin! Waan gochuu osoo yaadduu gochuuf humna dhabdee dhiphattee agarteettaa? Isa kana Rabbi na gargaaree jala ba'eera; Uuuffee" jettee osoo hin xumurin kan biraa irraan dabalamee... karoora dhuunfaakee fi imala jireenyaa kee hunda zeerootti deebisee takaalamtee beektaa? Waa gochuu osoo dandeessuu akka itti gootu dhabdee, nama waliin maryachuufis rakkattee, Yoo maryattes namni siif hubatu dhabamee jiraachuu si jibbisiisee beektaa? Osoo waa gochuu dandeessuy karaa fi akka dhabdee, Rakkina sana keessatti ilaalaa jiraachuu sammuun si fudhachuu didee waan murteessitu fa'a dhabdee of jibbitee beektaa? Taateedhuma kanahoo akka itti dubbattee ibsitu dhabdee akkanatti jechi si harkaa badeeraa?

Si mudatee beeka taanaan atuu beekta. Sin mudanne taanaan, rakkoo wal xaxaa akkasiin hin qoramne taanaan immoo sitti hin fidin; si haa baraaru!

Akka nama hirriba keessa waa haasa'uu na goggodhe mitii?

Nagaan bulaamee!

Alex Taye

@dhwalaloo @sammuukeef
2024/05/02 18:09:41
Back to Top
HTML Embed Code: