Telegram Web Link
Cooperative Bank of Oromia
Photo
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, sagantaa badhaasa lootarii jijjiirraa maallaqa alaa adeemsisaa ture, galma Tajaajila Lootarii Itoophiyaatti guyyaa har’aa abbaa carraa adda baaseera.
Bu’uruma kanaan Carraa 1ffaan Konklaataa Elektirikaa ‘BYD Segul EV’ lakkoofsa loottoo 04609104871, carraa lamaffaan Doq-ddoqqee/ MootarSaayikilii lama lakkoofsa loottoo 13096113867 fi 01614101706 yoo ta’an;
• Carraa 3ffaan Kompuutara (‘Laptop HP Core i5’) badhaafaman 10. (Lakk. 1-10)
• Carraa 4ffaan TV SAMSUNG 43’ ta’e 10 (lakk. 11-20)
• Carraa 5ffaan Bilbila Ismaartii ‘New Techno Spark 20 PRO’ ta’e 40’f (Lakk. 21-60)tti jiraniif abbaan carraa adda baheera.
Lakkoofsa carraa loottoo 1-6otti jiran ilaaluuf dokumentii kanaa gadii cuqaasuun argachuu dandeessu.

Abbootiin Carraa Baga Gammaddan!


የኦሮሚያ ኅብርት ሥራ ባንክ ሲያካሂድ የነበረውን የውጭ ገንዘብ ምንዛሪ ሎተሪ መርሃ
ግብር እድለኛ በየኢትዮጵያ ሎተሪ አገልግሎት አዳራሽ ለይቷል፡፡
በዚህም መሰረት 1ኛ ዕጣ BYD Segul EV የኤሌክትሪክ መኪና ሎቶ ቁጥር 04609104871, 2ኛ ዕጣ 2 ሞተር ሳይክሎች ሎቶ ቁጥር 13096113867 እና 01614101706 ሲሆኑ፣

• 3ኛ ዕጣ 10 ላፕቶፕች (Laptop HP Core i5) ፣ (ከተራ ቁጥር 1 -10)
• 4ኛ ዕጣ 10 ባለ 43 ኢንች ቴሌቭዥኖች (SAMSUNG 43’) ፣ (ከተራ ቁጥር 11 -20)
• 5ኛ ዕጣ 40 ቴክኖ ስፓርክ ስማርት ስልኮች (New Techno Spark 20 PRO) ፣ (ከተራ ቁጥር 21 -60) እድለኞች ተለይተዋል፡፡
የዕድለኞች ሎቶ ቁጥር ዝርዝር ለመመልከት (ከ1-60) ከስር ማግኘት ትችላላችሁ።

እድለኞች እንኳን ደስ አላችሁ!
#Coopbank #ForeignCurrencyLottery #WinnersAnnounced #Congratulations #SmartBanking
32👍14👏1
Gatii jijjiirraa fooyya'aa qofa miti, kennaa gammachuu keessan lachuu guutuu taasisuun isin eegna!

የተሻለ ምንዛሪ ብቻ አይደለም የሁለቱንም ወገን/የሁለታችሁንም/ ደስታ ሙሉ የሚያደርግ ስጦታ አለን!
#Coopbank #Exchangerate #ExtraBonus
👍65
Har'i guyyaa Waldaa Hojii Gamtaa idil-addunyaati.
Guyyichi dhaadannoo “Addunyaa mijattuu uumuuf, furmaata hammataa fi waara'aa” jedhuun kabajamaa jira. Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaas, akka jaarmiyaa miseensa Alliyaansii Waldaa Hojii Gamtaa Idil-addunyaa (ICA) tokkootti, akkuma kanaan duraa, hammattummaa faaynaansii fi guddina waloo mirkaneessuuf cichoominaan hojjechuusaa itti fufa.

ዛሬ ዓለም አቀፍ የኅብረት ሥራ ማህበራት ቀን ነው!
ቀኑ “ምቹ ዓለምን ለመፍጠር አካታችና ዘላቂ መፍትሄ” በሚል መሪ ቃል እየተከበረ ይገኛል። የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክም፣ የዓለም አቀፉ የኅብረት ሥራ አሊያንስ (ICA) ዓባል እንደመሆኑ፣ የፋይናንስ አካታችነትን እና የጋራ ዕድገትን ለማረጋገጥ በትኩረት መሥራቱን ይቀጥላል።
#InternationalCooperativesDay2025 #Coopbank #CooperativeSpirit #InclusiveFinance #SustainableDevelopment #ICA #Ethiopia
👍2822🤝6🥰4
Sanbata kana, tasa kiisiin keessan maallaqaan yoo guutes, baasii hin eegamneen duwwaatti yoo hafes, fala qaba.
ATM ammayyaawoon keenya maallaqa galchuu ta'e baasuu isin dandeessisu!

በሳምንቱ መጨረሻ ድንገት ኪስዎ በገንዘብ ቢሞላም፣ በድንገተኛ ወጪ ባዶውን ቢቀርም መፍትሄ አለው።
ገንዘብ ማውጣትም ሆነ ማስገባት የሚያስችልዎ ኤ.ቲ.ኤማችን!
#Coopbank #SmartATM #24HourBanking #WithdrawAndDeposit #BankingMadeEasy #WeekendReady
49👍13🥰3🤝2
👍71
Cooperative Bank of Oromia
Photo
Biiliyeenera Miila Duwwaa Adeemee Barate, Mohed Altrad
Mohed Altrad bara 1948 ALAtti gammoojjii Siiriyaatti dhalate. Harmeen isaa daa’imummaatti irraa duunaan abbaan isaa haadha manaa kan biroo fuudhee, mucaa isaa ofitti qabuu didnaan akkoon isaa /haati harmee isaa/ harka qalleettiin ofitti fudhatte.
Gammoojjii Siiriyaa jireenyaaf mijataa hin turre keessatti kan guddate Altrad, carraa barnootaa mijataa argachuu mitii soorata gahaayyuu hin argachaa hin turre. Altrad haala kana keessa ta’us, dheebuu barnoota ammayyaaf qabu irraan kan ka’e, kophee malee cirracha gammoojjii Siiriyaa keessa miila duwwaa daandii dheeraa deemuun barnoota isaa hordofuuf murteesse. Dadhabbii deemsa karaa fi hanqina soorataa obsee barumsa isaa itti fufe. Hanqinni meeshaalee barnootaa illee yeroo isa qunnamu, hiriyootasaa irraa fudhatee fayyadamaa akka tures seenaan isaa ni ibsa.
Haala hammaataa kana keessatti cimina barumsa irratti agarsiiseen, carraa barumsa biyya alaa argatee, gara biyya Faransaayi deemuun barnoota isaa itti fufe. Rakkinnis biraa hafuu didee, biyya Faransaayittuu maallaqa dhabuun hagabuu bubbuleera. Abdii kutachuun barnoota isaa addaan kutee gara biyya isaatti deebi’uufis murteessuu jala gahee ture. Haata’u malee, ciniinnatee barnoota isaa kana xumuruu qofa osoo hin taane, hanga digrii 3ffaa/PhD/ttis itti fufee barachuun hawwii isaa dhugoomfachuun maqaa gaarii horateera.
Altrad, gara hojii ijaarsaa /Construction/tti seenuun hojiilee jajjaboo hojjechuu eegale. Bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuun gama hojiitiinis kan milkaa’e hayyuun kun, Biiznasii ALTRAAD jedhu hundeessuun, damee Konistiraakshinii, Inerjiifi boba’aa irratti bobba’uun, yeroo ammaa miseensa garee biiliyeenaroota addunyaatti dabalameera.
Injifannoon dirree jireenyaa irratti argamu, warreen haala kamiyyuu keessa ta’anii hamileen cimanii fi kan abdii hin murannetti dhiyoo ta’uu, seenaa kana irraa barachuu ni dandeenya.

ባዶ እግሩን ሄዶ የተማረው ቢሊዬነር፣ ሞሄድ አልትራድ
ሞሄድ አልትራድ እ.ኤ.አ በ1948 በሲሪያ በረሃ ተወለደ። በልጅነቱ በሞት ስለተለየችው አባቱ ሌላ ሴት በማግባቱ ሊያሳድገው ስላልቻለ በድህነት የምትኖር አያቱ/የእናቱ እናት/ ልታሳድግ ወሰደችው።
ለኑሮ አመቺ ባልነበረው የሲሪያ በረሃ ያደገው አልትራድ፣ ተገቢ የሆነ የትምህርት ዕድል ሊመቻችለት ቀርቶ በቂ ምግብ እንኳን አያገኙም ነበር። አልትራድ በዚህ ሁኔታ ውስጥ ቢኖርም ለዘመናዊ ትምህርት ከነበረው ጥማት የተነሳ፣ ባዶ እግሩን ያለጫማ በሲሪያ በረሃ አሸዋ ላይ ረጅም መንገድ እየተጓዘ ትምህርቱን ለመከታተል ወሰነ። የእግር ጉዞ ድካምና ረሃብን ችሎ ትምህርቱን በመቀጠል፣ የትምህርት መሳሪያ እጥረት ሲያጋጥመው ከጓደኞቹ ተውሶ ሲጠቀም እንደነበር ታሪኩ ያስረዳል።
በዚህ አስከፊ ሁኔታ ውስጥ በትምህርቱ ባስመዘገበው ከፍተኛ ውጤት የውጭ የትምህርት ዕድል አግኝቶ ወደ ፈረንሳይ በመሄድ ትምህርቱን ቀጠለ። ችግር ከሱ አልለይ ብሎ በፈረንሳይ ሀገርም በገንዘብ እጦት ጾሙን አድሯል፣ ተስፋ በመቁረጥ ትምህርቱን አቋርጦ ወደ ሀገር ቤት ለመመለስ ሊወስን ጫፍ ላይ ደርሶ ነበር። ይሁን እንጂ ጨክኖ ትምህርቱን መጨረስ ብቻ ሳይሆን እስከ 3ኛ ዲግሪ/PhD/ በመቀጠል ህልሙን በማሳካት መልካም ስም እፍርቷል። 
አልትራድ ወደ ግንባታ ሥራ/ኮንስትራክሽን/ በመግባት ታላላቅ ሥራዎችን መሥራት ጀመረ። ከብዙ ውጣ ውረድ በኋላ በሥራውም የተሳካለት ይህ ምሁር ALTRAD የተሰኘ ቢዝነስ በመመስረት፣ በኮንስትራክሽን ዘርፍ፣ በነዳጅና ኢነርጂ በመሰማራት በአሁኑ ሰዓት ከዓለም አቀፍ ቢሊዬነሮች ጎራ ተሰልፏል።
በህይወት መስክ የሚገኝ ድል፣ በየትኛውም ሁኔታ ውስጥ ሆነው መንፈሰ ጠንካራ ለሆኑና ተስፋ ለማይቆርጡ ሰዎች ቅርብ መሆኑን ከዚህ ታሪክ ለመረዳት ይቻላል።
#Coopbank #SuccessMindset #MondayMotivation
38👍9🥰3🤝2
Ergaa keessan oggasuma dhaqqabsiisuu qofa miti kennaan keenyas biraa hin hafu.

መልዕክትዎን ወዲያውኑ ማድረስ ብቻ አይደለም፣ ስጦታችንም አይቀርም
#Coopbank #Exchangerate #ExtraBonus
14👍2
Amma!
Wokishooppiin maanaajimantii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti eegalameera.
Odeeffannoo dabalataaf, nu eegaa

አሁን!
የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ  የማኔጅመንት ዎርክሾፕ በአዳማ ከተማ ገልመ አባ ገዳ ተጀምሯል::
ለተጨማሪ መረጃ፣ ይጠብቁን
#Coopbank #ManagementWorkshop #Adama #GalmaAbbaaGadaa #LeadershipInAction
89👍47👏9🤝7🥰6
Ergaa keessan oggasuma dhaqqabsiisuu qofa miti kennaan keenyas biraa hin hafu.

መልዕክትዎን ወዲያውኑ ማድረስ ብቻ አይደለም፣ ስጦታችንም አይቀርም
#Coopbank #Exchangerate #ExtraBonus
7👍7
Qabiinsa odeeffannoo miseensota Waldoolee Hojii Gamtaa fi Yuuniyeenotaarratti dabalataan, sirna herregaafi liqiif qusannaa isaanii kan si'eessu, Teknoloojii SACCO-Link dhiheessinee jirra.

የኅብረት ሥራ ማህበራት እና የዩኒየኖችን የአባላት መረጃ ከመቆጣጠር በተጨማሪ የሂሳብ አያያዝ እና የብድርና ቁጠባ ሥርዓታቸውን የሚያሳልጥ፣ SACCO-Link ቴክኖሎጂን አቅርበናል።
#Coopbank #SACCO #EmpoweringCooperativesAndUnions #SmartSolutions #DigitalTransformation #Ethiopia
37👍14👏4
2025/07/14 18:33:37
Back to Top
HTML Embed Code: