Telegram Web Link
Qophaa'aa Ta'i! | Ready YourSelf
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Jireenya jettee ati addunyaa kana irratti jiraattu kun yeroo hundaa akka ati feete siif hin taatu. Wanti ati har'a of harkaa qabdu guyyaa tokko akka dhabdu beekuu qabda.

Mee fakkeenya tokkon siif fudhadha: Nama ati hedduu jaalattu yeroo hundaa of biraa dhabuu hin feene yoo dhabdemmoo jireenyi kee hiika akka hin qabnetti fudhattee ija kee irraa buqqisuun illee si sassachiisu osoo of biraa du'aan dhabdehoo?? Ykn namni sun akka ati isa jaalatutti si jaalachuu dhiisee onneekee madeessee osoo deemehoo??

Argitee jireenya kana gaafa jiraattu dhiphinaaf, dhabaaf, gaddaaf, rakkinaaf qophaa'aa ta'uu qabda. Sababni isaas yeroo hundaa gammachuun hin jiru gaddi ni jiraata, jaalalli akkuma jiru jibbis ni jiraata, wal arguun akkuma jiru gargar bahuunis ni jiraata. Nama jaalatturraa gargar bahuu yaaduun ulfaataa ta'us guyyaa tokko dirqama nama sanarraa adda ni baata kun seera uumamaati! Kanaaf gammachuun yeroo hundaa waan hin jirreef gaddaaf of  qopheessi!

Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin, jireenyi rakkina kanaa booda akka waan hin jirreetti fudhattee mataa hin cabiin jabaadhu. Bor guyyaa addaa ta'uusaa bari.

Jireenya addunyaa kanaa salphisuus ulfeessuus kan danda'u suma mataa keedha. Al tokko tokko rakkinoota nu quunnamanirra rakkinichaaf deebiin nuti kenninu hedduu nu miidhu kanaaf jireenya kee salphistee jiraachuu yoo feete wanta har'a argite boru akka hin jirre, akkasumas adda bahuu namni ati hin feene guyyaa tokko akka irraa adda baatu beektee yeroo hundumaa qophaa'aa ta'uu qabda

Halkan akkuma jiru bariin illee dhufee halkanicha akka seenaatti ni haasofta, hin darbu wanti ati jette darbee boqonnaa haaraatti ni ceeta, guyyichas seenaa jettee dubbatatta. Kan jaalatte si jibbus kan abdatte si ganus godoon ati ijaarratte si jalaa diigamus guyyaa tokko hunduu darbee galmee seenaa kee irratti ni galmaa'a.

❍ Kanaaf yeroo hundumaa ati nama jabaa akka taateefi rakkinni si moo'uu akka hin dandeenye ofiiti dubbadhu! Gochi ati gootu firii yaada kee waan ta'eef waan gaarii yaaduu shaakali yeroos waan gaarii hojjetta jireenya kees salphistee jiraatta.

❍ Sababa malee namni kamuu addunyaa kana irratti hin uumamu, atis akkasuma sababa dhalatteef qabda; kanaaf gaafa rakkinni sitti dhufu guyyaa uumama kee hin abaarin! Dukkana booda ifni ni jira dukkanni har'aas darbee kaleessa ni ta'a isas borirra dhaabattee ni haasofta.... Ati uumama kaleessaa fi boru walitti araarsitee har'a gammachuudhaan jiraachuu danda'uudha; kanaaf ati yeroo hundaa nama addaati!! Jabaadhu jireenya moo'i malee jireenyi sin moo'in!

Jijjiiramni amma eegala

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Dhugaan ati beekuu qabdu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani. Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.

Inni kan biraan namni hedduun duubakee ilaalee, kufaatii kaleessa si muudate, qabeenyaafi fira kee ilaalee waan si tuffatuuf akka ati homaa hin dandeenyetti si tilmaamu. Gaafa waan haaraa eegaltu kun sin muudatu taanaan, wanti ati eegalte haaraa miti jechuudha.

"Duuba keessan goranii waa'ee keessan hammeessanii warra odeessaniif hin dhiphatiinaa. Dudduuba keessan kan ta'aniif sababaafidha" Waa'ee isaanii yaaduu fi oduu isaaniif deebii deebisuu jechuun Iddoo jirtanii gara duubaatti deebi'uu jechuudha.

Gaafa abjuu kee milkeessuuf carraqxuu hundu mataduree oduu si taasifata. Kan namni mataduree si taasifatuuf ati socho'aaf dursaa waan taheef kan jalqabbii hamee isaanii si taasifatanis ati hoggaana jireenya waan taatef.

Abjuu kee milkeessuuf yeroo kaatu gufuu baayyee si darbaatamu danda'a kunimmoo ati milkeessuu hin dandeessuu miti.dhagaa muka mangoo firii qabutti malee kan firii hin qabneetti hin darbatan. Kanaaf atis cimina jabina kee muldhisa waan jirtuuf gufuuwwan alarra sitti darbataman galmakee si hanqisu jechuu miti. Sareen dutteef Gaalli imalasaa hin dhaabu waan taheef Ati Abjuu keef amanami qajeeli.

    #join

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
"Osoo taa'uudhaan beekumsi argamee beekaan addunyaa kanaa dhagaa ture!"
  ⁃ Itti dadhabi!
  ⁃ Dubbisi!
  ⁃ Barreessi!
  ⁃ Hojjedhu!
  ⁃ Jajjabaadhu!
  ⁃ Milkaa'inaaf gatii baasi!
  ⁃ Ittuma jabaadhu!
  ⁃ Fiigi!

"Taa'anii buqqee jedhamuu irra fiiganii bubbee jedhamuu wayya!



https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Dྃu࿆ྃr࿆ྃe࿆ྃe࿆ྃs࿆ྃs࿆ྃi࿆ྃi࿆ྃ d࿆ྃu࿆ྃr࿆ྃe࿆ྃe࿆ྃs࿆ྃs࿆ྃa࿆ྃa࿆ྃ c࿆ྃa࿆ྃa࿆ྃl࿆ྃu࿆ྃu࿆ྃ

1,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑠𝑎𝑚𝑚𝑢𝑢 𝑖𝑠𝑎𝑛 𝑠𝑖𝑟𝑖𝑡𝑡𝑖 𝑦𝑎𝑎𝑑𝑢𝑢

2,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑚𝑢𝑙𝑑ℎ𝑎𝑡𝑎𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢𝑢

3,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑘𝑢𝑡𝑎𝑎𝑛𝑜𝑜 𝑞𝑎𝑏𝑢𝑢

4,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑜𝑓 𝑎𝑚𝑎𝑛𝑠𝑖𝑖𝑠𝑢𝑢

5,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑘𝑎𝑘𝑘𝑎𝑎'𝑢𝑚𝑠𝑎𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢

6,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑖𝑠𝑎𝑎 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑡𝑖𝑖 ℎ𝑜𝑗𝑗𝑎𝑎𝑡𝑢𝑢

7,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑢𝑚𝑎𝑎 𝑖𝑠𝑎 𝑔𝑎𝑙𝑎𝑡𝑒𝑒𝑓𝑓𝑎𝑡𝑢𝑢

8,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑛𝑎𝑚𝑎𝑓 𝑛𝑎𝑔𝑎𝑎 𝑏𝑢𝑠𝑢𝑢

9,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑘𝑢𝑓𝑒𝑒 𝑘𝑎'𝑢𝑢 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑎𝑎'𝑢𝑢

10,𝑁𝑎𝑚𝑎 𝑑𝑜𝑔𝑜𝑔𝑔𝑜𝑟𝑎 𝑖𝑠𝑎 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑟𝑎𝑡𝑢𝑢


𝐎𝐟 𝐭𝐚'𝐮𝐧 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐭𝐚'𝐮𝐮 𝐜𝐚𝐥𝐚𝐚!


👇Join
https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Forwarded from Regasa Official
#*Mul'ata*#

Addunyaa kan irratti wanti nama gaddisiisuu  jireenya kaayyoo hin qabneedha!

Kaayyoo hin qabdu taanaan mul'ata hin qabdu, mul'ata hin qabdu taanaan karoora hin qabdu, karoora hin qabdu taanaan yeroo kee hin too'attu, yeroo kee hin too'attu taanaan jireenya jiraachaa hin jirtuu, jireenya jiraachaa hin jirtuu taanaan, jooraa jirta jechudha.

Mul'anni waan amma qabatamatti hin jirre tokko qor-qalbii of keessatti arguu danda'uu jechudha. Jijjiiramaaf si caalaa namni sirrii, hin jiru.

Sammuu ittin rakkina uumneen rakkinicha furuu hin daandeenyu!
Namoonni baay'een mul'ata akka qaban dubbatu, mul'ata isaaniif kunuunsa waan hin taasisneef garuu mul'anni isaanii hawwii qofa ta'e hafa.

Mul'ata kee kunuunsuun ogummaa gudda jireenyi si gaafattuudha. Mul'ata gudda qabaattee sammuu mooo'ichaa qabaachuu yoo baattee hin milkooftu.Mul'anni humna kaayyoo Jireenya kee ittiin raawwattudha.

☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
     https://www.tg-me.com/RegasaDinku
Albert Einstein

● Gaaf tokko Albert Einstein Waltajjii wayii irratti baacoo tokko Uummatatti hime jennaan hundumtuu kit kit jedhee kolfa dhume.

● Ammas irra deebi'ee baacicha itti hime, muraasni ni kolfan kaan immoo calluma jedhan.

● Ammas yeroo sadaffaaf baacicha irra deebi'ee itti hime homtuu namni kolfu dhibe. Kana booda gaaffii tokko gaafate... ''Baacoo tokko si'a lama ykn sadii yoo dhageessan hin kolfitan, Maaliif rakkina si'a lama sadi isin quunnamuuf boo'aa ooltu? jedhee gaafate.
Namni Deebii deebisuuf ni dhibe. Atis mee Of gaafadhu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
𝗔𝗕𝗗𝗜𝗜
HOPE
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Jireenyα kee keessαtti ABDII dαbαlαtαα αkkαmitti αkkα horαttu tαrkααnfilee 10n gurguddoo.

❶. 𝗬𝗮𝗮𝗱-𝗿𝗶𝗺𝗲𝗲 𝗮𝗯𝗱𝗶𝗶 𝗵𝘂𝗯𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

Abdiin hααlα xinsαmmuu bu’αα gααrii tokkotti αmαnuu fi kαkα’umsα gαrα isααtti hojjechuuf wαlitti fidudhα.
Dαndeettii dαndαmαchuu, kαkα'umsαα fi fαyyαα wαliigαlααtif wααn bαrbααchisαα dhα.

❷. 𝗔𝗯𝗱𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗵𝗮𝘄𝘄𝗶𝗶 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗯𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂

Hαwwiin kαn hin hojjenne fi cαrrααqqii kαn hin qαbne tα’us, αbdiin gαruu dαmmαqinααn hirmααchuu fi gαlmα bαrbααdαmu birα gα’uuf kαroorfαchuu of keessαα qαbα.

Gαlmα yeroo bααfαttu yααdα qαbαtαmαα fi gochα irrαtti xiyyeeffαte qαbααchuuf cαrrααqqii.

❸. 𝗚𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗶𝗳𝗮 𝘁𝗮'𝗲𝗲 𝗳𝗶 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝘁𝗮'𝗲 𝗸𝗮𝗮'𝘂𝘂

Gαlmi kαllαttii fi xiyyeeffαnnoo kαn kennu yoo tα’u, kunis αbdii guddisuuf murteessααdhα.

S.M.A.R.T hundeessuu.  (Addα, Sαfαrαmuu dαndα’u, Gαlmα gα’uu dαndα’u, Bαrbααchisαα, Yeroodhααn kαn murtαα’e) gαlmootα tαttααffii kee qαjeelchuuf.

❹. 𝗞𝗮𝗿𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗯𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂

Abdii yoo ilααlle jijjiirαmα gochuun furtuudhα.

Gαlmα kee birα gα’uuf tooftααlee αddα αddαα sαmmuutti qαbαdhuu kαroorα duwwαα qopheessi.
Hααlα kαnααn, yeroo gufuun si mudαtu mαdαquuf qophooftα.

➎. 𝗢𝗳 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮'𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

Dαndeettii kααyyoo kee gαlmααn gα’uu kee αmαnuun qααmα αbdii murteessααdhα.

Milkαα’inα dαrbe irrαtti xiyyeeffαchuudhααn, yααdα bαrbααduu fi of-hααsα’uu gαdhee mormuudhααn of-gα’umsα ijααruu.

➏. 𝗬𝗮𝗮𝗱𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂:

Dαndeettii fi sαmmuun hojii cimαα fi of kennuudhααn guddαchuu αkkα dαndα’u αmαntαα fudhαdhu.

Yααdni kun qormααtα keessαtti ciminα jαjjαbeessuun αbdii guddisα.

➐. 𝗗𝗲𝗲𝗴𝗴𝗮𝗿𝘀𝗮 𝗵𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂:

Nαmootα biroo kααyyoo fi gαtii kee qooddαtαn wαliin wαl qunnαmuun sαdαrkαα αbdii kee guddisuu dαndα’α.

Dhiibbαα gααriitiin of mαrsi, αkkαsumαs sochiiwwαn wαltα’iinsαα fi wαl-deeggαrsα guddisαn irrαtti bobbα’i.

➑. 𝗚𝗮𝗹𝗮𝘁𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗮𝗮 𝘀𝗵𝗮𝗮𝗸𝗮𝗹𝘂𝘂:

Jireenyα kee keessαtti wαntootα gααrii taʼαn irrαtti xiyyeeffαchuun kee ilααlchα αbdii gααrii qαbααchuuf gαrgααrα, kunis αbdii guddisuuf bαrbααchisαα dhα.

Joornααlii qαbαchuudhααn ykn dinqisiifαnnαα kee wαrrα kααnitti himuudhααn gαlαtα horαdhu.

➒. 𝗗𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂:

Mαlα rαkkoo furuu fudhαchuu fi yααdα ijααrsαα bαrbααduun duubαtti deebi’uu bαrαdhu.

Yeroo rαkkisαα keessαtti αbdii eeguuf dαndαmαchuun bαrbααchisαα dhα.

➓. 𝗞𝘂𝘁𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝘁𝘂𝗿𝘂𝘂:

Abdiin kααyyoo keetif yeroo dheerααf of kennuu gααfαtα.

Yeroo hundα guddinα kee gαmααggαmuudhααn, injifαnnoo xixiqqoo kαbαjuudhααn, yeroo bαrbααchisαα tα’etti tooftααlee kee sirreessuudhααn kαkα’umsα kee eegi!

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Jireenya yoo jaallatte yeroo hin gubin, yeroon waan jireenyi irraa ijaarame waan ta’eef.

—Bruce Lee
━━━━━━━━━━━
https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Jireenyi dorgommii miti, namni hunduu daandii mataa isaa qaba.

Akkaataa filannoo kee, humna kee, sona kee fi amaleefannaa keetiin jiraachuu itti fufi! Namni baay'een jireenya mataa isaa dhiisee, abjuu isaa milkeessuu dhiisee waa’ee jireenya namaa cinqamaa oola! Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danada'a.

Yeroon itti hojjechuu qabdu, yeroon ati guddina kee boriitiif itti yaaddee hojjattu har'a dha. Har'a humna hojjachuu qabda! Har'a carraa argattetti fayyadamtee milkaa'ina kee fuulduraaf cichoominaan tarkaanfachuun sirra jiraata! Yoos ati abbaa milkii taata!

☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
💎Yaadonni sammuu keenya keessatti ijaarru tokkon tokkon isaanii jireenya keenya irratti dhiibbaa qabu.

💎Kallattiinis ta'e al-kallattiin bu'aa yaadota keenyaa ni arganna. Jireenyi keenya har'aa bu'aa yaadota keenya kaleessaati.

💎Bu'aan yaadota keenya har'aa immoo jireenya keenya borii ni murteessu.

💎Kanaaf yaada keenya ba'eessa goonee eeggachuun numaafi!

Halkan gaarii qabaadha

Like and comment
 © 👇👇👇
https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Namoonni cal'isan yoo nama sirrii argan baay'ee  haasawu.

☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
     👇
https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Dirqamni kee inni duraa ofumaafi.  

Namni kamiyyuu jireenya guutuu fi gammachuu akkamitti akka jiraatu argachuuf itti gaafatamummaa ofirraa qaba.

🔹Guddina keef dursa kenni.  
🔹Gammachuu filadhu.  
🔹Imala kee abbummaan qabadhu.  

♡      ⌲        🔕         ✉️   
ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Meeshaan waraanaakee inni jabaan SAMMUU keeti waan ta'eef danqaawwan osoo hin taane, carraa gaggaarii akka arguuf leenjifadhu! "Abbaatu of mara!!", jedhe boftiyyuu!!

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Ofirratti Xiyyeeffachuu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Sammuu ofiirratti xiyyeeffachuun keessumaa nu dhaloota haaraa kanaaf barbaachisa. Biyyoonni guddatan hedduun isaanii  ijoollee umuriin isaanii waggaa 8-12 sammuu isaaniirratti hojjetu. Umuriin ganamaa kun umuriiwwan kudha 16 booda dhufan irratti baay’ee sirreeffamaaf sammuu karooraan guute, sammuu toora galeef, hin'raafamne qopheessa. Sammuun isaanii ganama kallattii sirrii qabekaa!

Nutihoo? Isa jedhuuf baay'een keenya waan irratti xiyyeeffachuu qabnu adda baafnee beekuu dhabuurraa kan ka'e burjaajiif raafama jeeqama keessatti gaadi'amnee jiraanna. Kan kallatti sammuu isaatiin jireenya isaarratti murteessu nu keessaa baay’ee dhibbeentaa xiqqoodha.

Ofirratti xiyyeeffachuuf, sammuu ofiitti hojii manaa laachuun jalqabarratti boru yaaduu gaafata. Boru maal ta'uuf maal irratti argamuu akka qabnu adda baafannee beekuudha gaafata. Yoo boru hin'yaadin har'a waanuma har'a fakkaatu keessatti laaqamaa hafna.

Har'a yeroon, yaadni horiin, fayyaan keenya maal irra oolaa jira? Maal irratti qisaasa'aa jira? Maal irratti argamaa jira? Gaaffiin kun deebii sirrii argachuu qaba. Yaadni keenya har'aa maal irrati burjaaja'aa jira? Maalitti dhiphachaa jira? Maalitti of gaadi'aa jira?  Kunis deebii saalfachiisaa fi bu'aa hinqabne taanaan  bakka amma jirruutti  of gannee of dagannee jirra jechuudha.

Kanaaf boruu keenya yaaduun har'a karaa sirrii, gocha sirriif, amala sirrii akka qabaannuuf sababa ta'a.  Boruu keenyarratti maal qopheessaa jirra? Karoorsaa jirra? Boruu keenya maliif qopheessaa jirrahoo?  Gaaffii aniif ati of gaafachuu qabnudha. Har'a maaltu dursuu qaba? Adda baafadhu. Waan dursuu qaburratti sammuukee too'adhu. Waan karoora keef yaada galmee keerra hin'jirre waliin burjaaja'uu dhiisi. Karoora baafatterratti of hoggani.  Waan dursi kennamuuf sirreessaa deemi.Ofii keef; barnootakeef, maatiikeef; hojiikeef. Waan qabdu, adda baafadhu. Afuura kee tasgabbeessi. Atiif afuurri kee walii galuuf, waliin tasgabbaa'uun dirqama.

Yeroo keerratti ati of murteessi. Achirraa ajandaan, dhimmi, wacni asaasni kamuu akka si buqqisuun dandeenye haalaan hubadhu. Yeroo qofarratti osoon taane, eenyummaa keef dhimmootan kana dura kaase hundatti  ati nama of hogganu; ajandaa mataa ofii keessa jiraatu, nama yaada sammuu isaatti dhimma bahu,  Nama karooraaf, ejjeennoo isaa keessatti cimee dhaabatu ta'uutu si barbaachisa.

Sammuun kee, fedhiin kee, yaadniif hawwiin kee too'annoo kee jala jira taanaan, bakka itti argamuu qabduuf, waan sirraa dhaga'amuuf hubatamuu qabu situ adda baasee filata. Waan si fakkaatuun argamta. Waan sifakkaatu waliin mul'atta. Sammuu ofii kana too'achuun, kunuunsuun, dhaggeeffachuuf hojii itti kennuun gahee keenya.

"Sammuu keenya kun tilmaamaan qaamota xixiqqoo bil 80tti tilmaamaman irratti kan ijaaramedha" jedhama. Kennaa uumamaan nuuf kenname keessaas isa guddaadha. Garuu waanuma kaleessaaf dheengadda irra deddeebiin yaaduudhaan kan itti fayyadamu nuyi. Kunimmoo sammuun keenya yaada haaraaf gochawwan haaraa akka horatuuf  dhama'uu dhiisuu keenyarraa madda.

Silaa haguma nama haaraa arginu, yaadni dubbannu nurkaa dhumee waanuma barame irra deddeebinee hin'haasofnu. Osoo sammuu keenyatti guyyuu waan haaraa fiduu amaleeffannee waanuma waggaa  ji'aaf torban dura ture irratti yeroo keenya gubaan hafnu. Kanaaf sammuu keenya kaleessa irraa adda gochuuf har'a waan haaraa itti barbaaduu, hoji haaraa itti kennuu, kunuunsuuf, sooruutu barbaachisa.


https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
#Galma Baafatte kamuu milkeessuu ni dandeessa!

#Galma kee yommuu baafattu waantota armaan gadii ilaalcha keessa galchi.

1. #Galma kee afaaniin dubbadhu, waraqaarrattis barreessi.
2. #Galma kee sammuu kee keessatti milkeessi.
3. #Miira milkaa'ina kee dhamdhami.
4. #Galmi kee sababa qabatamaa fi beekamaa akka qabaatu taasisi.
5. #Galmi kee namoota biroos akka fayyadu taasisi.
6. #Galma dhugaa jaalattu filadhu.

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Milkaa'inaafi Kufaatii:

~ Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu.
~ Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin.
~Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i.
~ Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha.
~ Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu.
~ Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati.
~ Muuziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha.
~ Jireenyi dhala namas akkasumaan tola.
~ Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa.
~ Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqqaba!

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Jireenya Jiraattu Keessatti Wanti Hubachuu Qabdu Jira.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
#1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba.
#2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kennin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi!
#3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.
#4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin boonin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.
#5ffaa: Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'in (bira hin gahin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatin! Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan.

Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha! Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima. Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee. Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko  rakkina keessa darbuun waanuma jiru.

Guyyaa gaarii qabaadha🪴

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
"Waa'ee waan to'achuu dandeessuu, to'achuu dandeessa waan ta'eef hin dhiphatin. Waa'ee waan to'achuu hin dandeenyee ammoo, to'achuu hin dandeessu waan ta'eef hin dhiphatin."

Yaadi kun (𝑑𝑖𝑐ℎ𝑜𝑡𝑜𝑚𝑦 𝑜𝑓 𝑐𝑜𝑛𝑡𝑟𝑜𝑙) bu'uura falaasama 𝑠𝑡𝑜𝑖𝑐𝑖𝑠𝑚'ti. Sirriima, guutummaatti hojiirra oolchuun ni ulfaata. Fakkeenyaaf, namni ati jaallattu tokko baay'ee dhibamtee yaalamaa yoo jiraatte, dhiphachuun kee homaa akka hin jijjiirre osoo beektuu, xiqqaatus jeeqamuu hin ooltu. Miira irraa guutummaatti walaba ta'uun, barbaachisummaan isaas, danda'amummaan isaas nan amansiisu.

Garuu, gorsa isaanii kanaan jeeqama dachaan hir'isuun ni danda'ama. Falaasamoota akka dhuunfaatti baay'ee na fayyadan keessaa kun isa tokkodha. Waan furuu dandeenyuu fi hin dandeenye adda baafnee, isa furuu dandeenyu yaaddoo malee itti xiyyeeffachuu, isa furuu hin dandeenye ammoo jeeqama malee fudhachuu shaakaluun gaariidha.

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Haasaa Ogummaa

Abukaattoo tokkotu boolla bishaanii barsiisaatti gurgure.

Abukaattoon sun guyyaa xiqqoo duuba asi deebi'ee barsiisichaan, "obboleesso, ani boollichan sitti gurgure malee bishaanicha sitti hingurgurre. Bishaanicha fayyadamuu barbaadda taanaan maallaqa dabalataa naaf kaffaluu qabda," jedheen.

Barsiisichis seeqaa akkas jedheen: "Eeyyee. Anis gamakee dhufuufan ture. Bishaanicha keessaa waraabdee boolla duwwaa akka naharkaan geessuuf sitti himufan karaa irraa bu'ee dhufuf ture. Immoo, bishaanicha waraabdee boolla duwwaa isaa naharkaan hingeessu taanaan atuu bor irraa eegaltee kiraayii bishaanicha naaf kaffalta," jedheen.

Tibba kana abukaattichi na'ee faajja'e.
Barsiisichaanis, "anoo qoosaadhumaafan dubbadhe malee garaa kiyya irraa mitim barsiisa," jedheen.

Barsiisichis kolfaa, "namootni akka keetii nubiratti baratanii abukaattoo ta'u, beeki" jedheen, jedhama.

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
2025/06/30 23:17:38
Back to Top
HTML Embed Code: