Telegram Web Link
Forwarded from KMN
Forwarded from KMN
#OduuAmmee
Kaadireen Aanaa Darraa nama rasaasa meeshaa guddaa ummatatti dhukaafame harkatti baatee ture kana qabanii hidhaa galchaniiru. Ummata rakkoo sana keessa jirus walitti qabanii gochi viidiyoodhan waraabamee darbe sun hunduu soba nuti nagaa qabna jedhaa hiriira bahaa jedhanii walitti qabanii gidirsaa jiru. Baldhinnaan walitti deebina...

https://www.facebook.com/share/p/15jNyXm9nJ/?mibextid=WC7FNe
Forwarded from KMN
#Update #Darra
Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kaffaaloo Adareeti fi bulchaan aanaa Darraa Obbo Masfin Taayyee har’a Ummanni ganama akka wal gahii bahu gochuudhaan waltajjiirratti ajaja “Viidiyoon waraabbamee tamsa’aa ture sobadha, Shaneedha malee faannon homaa nun goone nagaa qabna” jedhaatii hiriira bahaa jedhanii ajaja kennaniin ummata dirqiidhan hiriira baasanii yakka raawwatame haalchisaa jiru.

Doorsisa ummatarra gahaa qeyeerraa buqqa’ee bosona keessa jiru sanarra gahaa jiruu fi namoota hidhamaniitin walitti deebina…

Ijjii fi gurrri Oromoo hundi Darraa jira kana beekaa …!

https://www.facebook.com/share/1B7FtG3wv6/?mibextid=WC7FNe
Forwarded from KMN
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Kunooti Hiriirri mootummaan dirqiidhan ummata baasee warra dhaadannoo dhageessisan horiidhan bitee Ajjeechaa suukkanneessaa sanaan “poropppogaandaa sobaa” jechaa oole.

https://www.facebook.com/share/v/1Bc9qk5D1t/?mibextid=WC7FNe
Forwarded from KMN
#ODUU_gaddaa!
Guyyaa 13/03/2017
*Godina wallagga bahaa, Aanaa limmuu galiilaa, magaalaa fiixee baqqoo bakka jedhamutti, Torban darbe, Ijoolleen 4 gabaadhaa osoo galanii, finxaaleyyii faannoon qabamanii achi buuteen isaanii dhabamee ture.

Maqaan ijoollee butamanii,
1)Eyu’el Gaarradoo
2)Tolasaa Gaarradoo Obboloota lamaan
3)Eeliyaas dhaabaa
4)Soorumaa Raggaasaa yoo jedhaman,
Ergasii Finxaaleyyiin dheengadda maatii ijoolleetti bilbiluun qarshii miiliyoona 1.5 galchaa ijoollee keessan sinii gadhiisna jechuun gaafatan. Maatiinis dhuguma sehanii Biyyi Maallaqa walitti buufatee erganiif.
Isaanis jalaa callisan, ijoollees hin deebisne.

Guyyaa har’aa garuu ijoolleen butaman, Sadiin yommuu QAL*MAN, isaan keessaa Mucaan maqaansaa TOLASAA GAARRADOO jedhamu, miliqee baheera. Miliqee bosona wayii keessa waan badeef uummanni mucaa miliqe argachuuf bosonatti hidhattoota milishaa waliin Nam’eera.
Reeffi ijoollee sadanii Amma hin argamne.

*Torbanoota Darban keessas, Achuma Wallagga bahaa Aanaa limmuu galiilaa, ganda lalii guddinaatti, Maatiin guutuun mana tokko keessatti jimilaan ajjeefamaniirus jedhan.
Maqaan isaanii:,
1)Moo’isaa gammadaa(abbaa manaa)
2)Shittaayee Fayyisaa (haadha manaa)
3)Jiraataa mo’isa (ilma isaanii)
4)Xuruu moo’isaa (intala isaanii) kan ajjeefaman yommuu ta’an,

-kanneen madaa’an
1)Ayyalaa duuressaa
2)Kaabbabuu dhufeeraa
3)Dhugaasaa qana’ii jedhamu

Uummanni achii Guyyaa har’aa sodaa nageenyaan buqqa’aa jiru jedhan, jiraattonni Achirra”
Forwarded from Gumaa Saaqqataa (Gumaa Saaqataa)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
ደራ ላይ እየተፈጸመ ያለው ይሄ ነው። የዚህ ተጎባር አሽፈጻሚዎች ደግሞ መንግስት የሾማቸው የደራ አስተዳደር እና ጸጥታ ዘርፍ ሀላፊዎች ናቸው‼️
Forwarded from KMN
#Update_Daraa
#Salaale
Namni kun Kadir Waliyyuu jedhama, kaleessa hidhamuu isaa isiniif qooden ture. Amma bakki itti hidhamee jiru magaalaa Aanaa Darraa kan taate GundoMasqal(Adaree) tti hidhamee jira.

Koottaa furmaata isiniif barbaannaa jedhanii bakka bulchaan godinaa jirutti waamanii hidhan. Bakki inni jiraachaa ture iddoo tulluu guddoo bakka addaa Dirree sheek huseen jedhamu ture. Iddoo kana Oromoo finxaaleyyiin buqqifte kuma 3 oltu walitti baqatee jira. Kadiir Waliyyuu hawaasa kana bakka bu’eeti furmaata jennaan dhaqe. Isaan garuu qabanii hidhaatti darbatan.

Haaluma kanaan ammas nama Mohaammad Tijaa jedhamu hidhuudhaaf adamsaa jiru. Manguddoota akkasitti imimmaan roobsaa rakkoo keessa jiran himachaa turanis hanga har’aattuu doorsisaa jiru. https://www.facebook.com/share/12EM4PgvNZr/?mibextid=WC7FNe
Forwarded from KMN
Darraa iddoo Tulluu guddoo jedhamtutti Lafa amantaan Musliimaa itti geggeeffamu kan akka Dirree Sheek huseen baalee keessa jiruutu jira. Kanuma Darraa kanaa maqaan “Dirree shek huseen” jedhama. Iddoo kanatti Ayyaanonni akka Sooma hiikkaa Ramadaanaa,Arafaa fi Moolidaa ummata kuma kurna hedduun itti hirmaatet kabajama.

Finxaaleyyiin iddoo kana buqqisneet bataskaana itti ijaarra jedhanii yeroo baayyee haleellaa hawaasicharratti geggeessan. Oromoon naannawa sanaas otuu amantaadhan wal hin qoodin iddoo kabajaa kana waliin itti wareegamee kabachiisee har’allee qeyee ofiitii buqqa’us iddoo kanaa hin deemnu ni dhumna malee jedhaniit waloodhan eegaa jiru.

Finxaaleyyiin bataskaana ijaaruf karoora qabdu tun osoo guyyaa tokko ummanni kun achii socho’ee bataskaana kijibaa ijaartet Ristii keenya jechuuf jirti. Amantaa dawoo godhatanii siyaasa offachaat “Basmaam” jedhanii ammoo nama q …

Odeeffannoo kanas quba qabaadhaa!

https://www.facebook.com/share/15LYwAsCgZ/?mibextid=WC7FNe
Forwarded from KMN
Yakkarratti yakka raawwachaa jiru ammas..,
Kaadireen Aanaa Darraa fi bulchaan godina Shawaa kaabaa ammas yakka suukkanneessaa sana dhoksuuf akkasuma kan biroo yoo raawwatame akka ummanni hin dubbanne doorsisuuf warra dheengadda waan keessa darbanii fi keessa jiran dubbachaa turan,namoota dhageettii qabanii fi hawaasni kabaju hundaa walitti qabanii hidhaatti guuraniiru.

“Namootni maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffame aanaa Darraatti namoota mana barumsaa Ceekaatti guyyaa kaleessaa hidhaman keessaa muraasadha.
1) Tafarraa Salamoon
2) Abarraa Abbabaa
3) Ashaagree Ramriim
4)Kaasiyyee Habtaamuu
5)Abbaayyee Amiinuu
6) Luba Abbayyee Balaaw
7) Abbaayyee Araggaa
8)Taammanee Gaarradoo
9) Mazgabuu Tashoomaa
10) Mulu'aalam Warquu
11) Immaayyee Abbaabbuu
12) Asmaraa Tamasgeen
13) Bizuu Tamasgeen
14) Immabeet Tamasgeen
15) Innaannee Abbaabbuu
16) Tafarii
Manneen barnootaa bakkeewwan hidhaa ta'anii jiru”

https://www.facebook.com/share/19bMifkRSL/?mibextid=WC7FNe
Forwarded from KMN
Daa’ima waggaa 14 rasaasa itti roobsanii @jjeesan.

“Aanaa Darraa Iddoo addaa adaree gimbichuu jedhamutti Waraanni Bilxiginnaa Da'ima
waggaa 14 rasaasan ajjeesanii gatanii biraa deeman.

Fabalataanis dubartootaa fi manguddoota hidhaatti guuraa oolan.
Gandaa Diree Margejaa keessa warrootan hidhaan maqaa isani 👇👇

1 Ahmed muhamed
2 Haadha warraa kadir Ahmedee ulfaa ( intala ahmed Muuhamed)
3 Iwwee Getaachew h/warraa iyyayyu alii )
4 Awwaluu ayyelee dhalootan golom kan ta'e
5 suleeman yaasin
Yeroof margejaa keessaa warri qabamee kanan argadhe kanneen yoo ta'u dubartoonni 2 immoo sababa ulfa gahaa ta'aniif gadi lakkisaniiru”https://www.facebook.com/share/19e4USm18v/?mibextid=WC7FNe
Forwarded from KMN
“Mucaan keenya du’uu isaa malee eenyu fi akkamitti akka du’e hin beeknu jedhaa ykn isin rash@nnaa”

Maatii namoota mucaan magaala Salalkullaatti jalaa q@lamee qabanii Fuudhuun mucaan kun qal@muu isaa hin beeknuu nu jalaa ajjeefame malee jedhaa jedhanii dorsisaa Oolaan kana gochuu baannan isiin Rashaannaa jechaaniti oolan. yoo kana jettaan nagaan manatti galtuu ykn isin r@shannajedhaniin.

Namoota kana halkan walakkaa Sa'aati 6 gandaa warree gabroo demaniti kan ukkaamsanii fuudhan. Isaanis:-
“1 Amaree Asfaawu
2 Taferi Zagayyee
3 Alemu Tadesa namoota jedhaman”https://www.facebook.com/share/1CXWyTc5RB/?mibextid=WC7FNe
2025/07/04 10:19:10
Back to Top
HTML Embed Code: