Telegram Web Link
Waggoota shanii oliif dirree waraanaa kan taate Wallaggatti imaluun MM Itoophiyaa haasaa taasise.

Ministeerri muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahemad dhimma nageenya Oromiyaa irratti yaada furmaataa kan kana duraarraa adda ta'e dubbatu jedhamee eegamus mm Itoophiyaa dhimmoota haaraa ta'an hedduurratti waan xiyyeeffatan hin qaban.

Haasaa wal fakkaataa irra deddeebiin dhimma nageenyaa irratti dubbachuun kan beekamu bulchiinsi PP, dubbii har'a magaalaa Naqamteetti taasisan irrattis yaada fooyya'aa furmaata qabatamaa akeeku waan laatan hin qaban.

Oromiyaa keessatti waraana waggoota shanii oliif adeemaa jiruun uummatni naannichaa gaaga'ama hamaaf saaxilamuun kaawwan ammoo inumaa qe'ee ofiirraa buqqa'anii biyya abbaa isaaniitti baqattuu ta'anii jiran. Hawwaasni nagaan ajjeefamuu, dararamuun inumaa itti hammaachuun ala furmaati qabatamaan argame hin jiru.

Torbee tokko oliif tibbana magaalaan Naqamtee qophii simannaa Muummee Ministeeraa Itoophiyaa irra turte. Magaalattii keessatti guyyaa har'a ganama irraa qabee hanga sa'a 6 tti hojiin kam hojjetamaa hin turre.

Galma Istaadiyeemii magaalaa Naqamteetti argamee kan dubbate Abiyyi Ahemad haasaa qoccolloo fakkaatu kanaan dura dubbataa tureen kan wal fakkaatu dubbatee gara Finfinneetti deebi'eera.

Dubbii isaa kanaan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed ''Oromoon bilisoomeera. Kaleessa qabsoofnee dhiiga keenyaan injifanneerra. Uummanni mo’atemmoo tokkummaadhaan injifannoo isaa tikfata malee of duuba deebi’ee akka haaraatti hin qabsaa'u” jedhe.

Dubbiin kun hawwaasa Oromoo baay'eef kan liqimfamu miti. Inumaa hiikkaan Bilisummaa faallaa ta'ee osoo dubbatamuu dhaga'uun kun uummata nuffisiisuu gaheera. Dubbiin akkanaas furmaata wayabaa nii fida jedhanii abdachuun abjuudha.

Jilli MM Abiy Ahimed, Itti Aaanaa MM Obbo Tamasgeen Xurunaa, pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af-Yaa'ii Paarlaamaa Itoophiyaa Obbo Taaggasaa Caafoo dabalateeti magaalaa Naqamteetti kan imale.

Waltajjiin qophaa'e kan magaalaa Naqamtee qofa osoo hin taane guutummaa Wallaggaaf ta'uudhan kan himame. Kanaafis kaabinoonni PP godiinaalee arfan irraa aanaalee anaaleen wal gurmeessanii waltajjicharraa qooda fudhataa turan.

Lixi Oromiyaa bara dhufaa darbaa jibba mootilee Itoophiyaa qabaniif jecha tajaajila misoomaa hagabaa hanga har'aallee itti jirti. Tajaajila daandii, buufata fayyaaf mana barumsa dabalatee bu'uuraalee misooma uummataa kan hin qabne, uummata aarsaa kaffalaa jiraataa jirudha. Rakkoo uummataaf fedha Oromoota lixaa kana xuxxuquuf MM Abiy, sababa rakkoo nageenyaan godinaaleen Wallaggaa gama misoomaan duubatti hafteetti jechuun akka sichi xiyyeeffannaa kennuuf hime.

Xiyyeeffannaa Misoomaa argachuufis yoo uummati Wallaggaa deggare qofa akka ta'ettidha waltajjii kanarratti kan dubbate. Kunis dubbii rakkoo misoomaa furu kan hin taane, balaa diddaa uummataaf lola WBO isa mudatee jiru qolachuuf dubbatame qofa fakkaata.

"Nageenyi jiraannaan Wallagga misoomsuuf kaayyoo guddaa qabna" jedha. Nageenya fiduuf ammoo uummati nu deggaruu qaba jedha. Dubbiiwwan akkanaa rakkoo sabaa hundeerraa kan furan hin fakkaatan.

''Biyya kana keessa nageenyi hin jiru, tokkummaa gaariin hin jiru. Garuu dinagdee akka Afrikaatti fakkeenya tahe ijaaraa jirra. Badhaadhinni Itoophiyaa ni dhugooma, Itoophiyaa sodaatamtu ni ijaarra,'' kan jedhus dubbii Abiyyi Ahemad har'a keessati. Dhugaan jiru garuu faallaa waan dubbatamaa ooleeti.

Walumaa gala haasaan Ministirri Muummee Itoophiyaa har'a Naqamteetti taasise kan furmaata nageenyaa fidu akka hin taane, akkasuma haasaa rakkoo misoomaa furu akka hin taane hubatamaadha. Dubbiiwwan kana fakkaataan kana duras Peresedaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi isuma mataasaan dubbatamaa tureera. Haasaa qoccollaa fakkaatu duuchaa dhumatti nagaan haa bu'u jedhu irra deddeebiin dubbatamaa tureera. Nagaa buusuuf garuu akka mootummaatti tarkaanfii fudhatamuu qabu fudhachuuf qophii taasisan waan ifa godhan hin qaban.
Forwarded from KMN
Hayilee fidaa har’a jiru kaan hidhanii itti roorrisaa kaan ajjeesat Hayilee Fidaa kaleessa sirni biroo ajjeesef akka waan quuqamaniitti maqaa isaanitiin daldalu. Hayilee Fidaa kaleessaatiif quuqamuuf imaltoota daandii Hayilee Fidaa Battee Urgeessaa fa’iif kabaja laatuu fi yoo dadhabdan lubbuudhan akka jiraataniif heyyamtu ture.

Hayilee Fidaa kaleessaa kabajjanii du’a isaaniitiif quuqamuuf har’a Gadaa Gabbisaa fi Jaallan isaatif bilisummaadhan akka socho’aniif hidhaadhaa baaftu ture.

Hayilee Fidaa waan lubbuudhan hin jirreef faarsitu malee waan Mangistuu Hayila Maariyaam irratti raawwate caala isa gootu ture.

Mee haa ta’u yookaa nutu dhumee isin gaafachuu dhiisa, ykn isintuu of baree fafakkeesuu dhiisa diddus…

https://www.facebook.com/share/A8fyW5FxUER7Dyo3/?mibextid=WC7FNe
Jawar Mohammed

One would have expected the Ethiopian government to warmly embrace Ambassador Massinga's honest and courageous statement, in which he pleaded with all warring parties to abandon their destructive and misguided attempts to resolve political conflicts through armed violence. The ambassador did not beat around the bush with typical diplomatic rhetoric; instead, he spoke plainly and fairly as a true friend of the country should. I find it baffling and disappointing in equal measure that the Ministry of Foreign Affairs issued a statement condemning the Ambassador’s well-meaning call for peace.

Following the signing of the Pretoria Agreement, the government demonstrated a desire to resolve the civil wars in other parts of the country through negotiation, taking some commendable steps toward this objective. Many of us enthusiastically welcomed the government's positive shift from warmongering to peacemaking. However, the government now appears to be backtracking on its promise to end wars through negotiations and reopen the political space for robust dialogue. It has reverted to attempting to decimate its opponents through military means—a tried-and-failed strategy of past years that has devastated the country. Instead of consolidating the gains made toward a peaceful settlement,the government has launched massive military and propaganda campaigns. At the same time the ruling party has started campaigning for the election, while maintaining securitization of the political space,a repetition of the mistakes that led to the wars in 2020. The government needs to rethink this approach and recommit to peace.

Contrary to assertions made at recent rallies in Nekemte and Bahir Dar, much of the Amhara and Oromia regions, areas that are affected by war are expanding, not shrinking. While the ENDF has made gains in some areas, recent reports about mass defections of insurgents are highly exaggerated, some are outright fabrication. Roads between most zones and districts are impassable, as evidenced by the dramatic increase in air travel reported by Ethiopian Airlines. Farmers are unable to receive fertilizers or plant crops. Kidnappings and extrajudicial killings of civilians have made life unbearable for the rural population.

Therefore, the government should not be misled by the public’s silence. People are silent because they want to give political elites space to negotiate and restore peace, not because they endorse the ruling party. What has the ruling party done to earn public support? A crushing cost of living and widespread lawlessness? The public is silent because of exhaustion from endless wars and worsening economic hardship. The regime needs to stop getting high on false reports from its own cadres who are actively benefiting from the war economy.

While I understand Ambassador Massinga’s call to ‘test the national dialogue’, at present it is not a realistic option for political forces in Amhara and Oromia. Both regions remain practically under martial law, making political activities such as organizing or holding public meetings unthinkable. Even ruling party officials move under heavy military protection, an option not available to the opposition. Many political leaders with dissenting voices or alternative viewpoints have left the political space for fear of persecution. Some political organizations cannot participate in the national dialogue even if they want to, simply because they have no delegates to send; their leaders have been jailed, killed, or exiled. The OLF is a prime example, although the remaining opposition parties aren’t in any better position.

Again the ruling party needs to stop fooling itself and must refrain from repeating past mistakes. It must take demonstrable steps to show it is serious about peace, commit to genuine negotiations with its opponents, and prepare to make realistic concessions, not cooptation.

https://www.facebook.com/share/p/ACMnD54nPYVDGMVu/?mibextid=WC7FNe
2024/06/01 06:53:19
Back to Top
HTML Embed Code: