Telegram Web Link
Namootni kun kaleessa galgala Godina Shawaa lixaa, aanaa Noonnoo naannoo Daargeetti humna hidh-ataa Faa-nn-oo tiin warra ajjee-famaniidha. Isaan kun warra suurrisaanii argameedha malee namoonni heddu gal-aafatamaniru.

Waanti Aanaa kanatti ta'aa jiruuf ta'aa ture hedduu gaddisiisaa fi yaaddessaadha. Mandheen jaroota hamoo kanaa, achuma aanaa Noonnoo, sulula Gibee, naannoo kibbaa duraanii (daangaa aaniichaa) fi magaalaa Walqixxee fa'aadha. Noonnootti nama fix-anii Walqixxeetti baqatu; kaan achuma aanaa sanatti wal gurmeessanii hidh-atanii nama harka duwwaa jirutti roo-rrisu, kaan naannoo giddu-galeessa Itoophiyaa jedhamu kan daangaa aanichaa tahe keessaa ka'anii abbaa fedhan miidh-anii deemu. Kana namni hundi nibeeka.

Yeroo darbe cidha guutuu warra wal-fuudhe dabalatee namoota heddu abidd-aan mana itti cufanii gub-an. Isa dura, namoota harka duwwaatti dhuk-aasanii maatii heddu fix-an.
Lafa birmannaa dhabe!
❀17😭14πŸ”₯6
Forwarded from Qeerroo Bilisummaa Oromoo ~QBO2024
Giddaa Ayyanaa‼️

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gobbuu naannoo Dilamminno bakka jedhamu achummatti dhalatte achumma bakka kana kan jiraachaa jiru Obbo Dheressaa Gammada Jedhama. Abbaa Jaal Gaaromsaa Dheeressaati. Jaal Gaaromsaan bara darbe falmaarratti kan Ware*game G/W/B/bakka Siree jedhamutti. Garuu Obbo Dheeressaan sababa ilmasaaniif adamsaan irraa dhaabbatee hinbeeku. Gaafaa Adoolessa 8/2025 halkan keessaa sa'aatii 6 : 00tti waraanni PP badii tokko malee manguddoo biyyaa araarsuuf tolu ukkaamsanii jiru.
❀16πŸ‘2😁2😭2
Forwarded from Qeerroo Bilisummaa Oromoo ~QBO2024
WBOn fi Jaallattoonni QBO hundumti Quba Qabaadhaa!

Maqa bal'eessii Waraana Bilisummaa Oromoo irratti adeemsisuuf jecha uummatarratti ajjeechaa fi Saamichi akkasumaas, Guddeeddiin akka raawwatamuuf ololaaf akka itti fayyadaman eeruun keessoo nu qaqaba jira.

Qerroo Bilisummaa Oromo fi Ummaanni keenyas kana Quba qabaadhaa!

Warrootni gocha akkasii keessatti hirmaattanis asumaan itti gaafatamummaa jalaa akka hinbaane isin akeekkachiifna.
❀10😭3πŸ”₯2
"Faannoon Ummata Oromoo Wallagga Bahaa Aanoota adda addaa keessatti fixaa jirtu kan isheen deeggaramtu Caasaa mootummaatiin ta'uu isaa qabatamaatti yeroo adda addaa kaabinoonni Mootummaa dubbataa turaniiru.
Aanaa Guutoo Giddaa Ganda Horroo Alaltuu irraa miseensonni Faannoo baay'inaan 26 tahan meeshaa hidhatanii Uummata waraanaa osoo jiranii harkaaf harkatti gaafa 30/10/2017 qabamani.
Gaafa guyyaa 04/11/2017 hundi isaanii qarshii kanfaluun gad dhiifaman.

Qeerroon Oromoo bakkoota garagaraatti maqaa "shanee deeggartu" jedhuun juumlaan rashanamaa oolu. Warri meeshaa hidhatee Uummata qe'ee isaa irratti qa*aa oolu garuu deeggarsa Mootummaa waan qabuuf gaaffii tokko malee guyya 4 hidhamee qarshii kanfalee nagaan gad dhiifama. Daandii Naqamtee gara Haroo Limmuu, Giddaa, Galiilaa, Kiiramuu geessu Humna Faannoo kanaan to'atamee Jira.
Waraanni yoo konkolaatota kana waliin adeeme qofaa Konkolaataan darbee Bakka yaade gaha. Fakkeenyaaf guyyaa 04/11/2017 Konkolaataan TATA Uummata Giddaa irraa fe'ee Naqamte deemuuf ganama sa'a12:00 tti bahe sababa Humni waalessu xiqqaa ta'eef hanga sa'a 6:00tti ganda Dooroo barrii jedhamu dhaabbachaa oole.
Guyyaa kaleessaas Aanaa Kiiramuu Gandoota hedduu keessatti Uummata waraanaa oolani.
Bara Mootummaa Oromootti Goojjameen lafa Oromoo qottu hidhachiifamte Ummata Oromoo lafa irraa duguugaa jirti."
❀22πŸ”₯11πŸ‘3
Maal hin taane ambulance πŸš‘ n
😁9❀4
Dubbii PP mataaf millisaa wallaalame!
============================
K/Abiyyi Hidhii Abbayyaa dhumeera ebbasaaf biyyoota affeeraa jirra jedhe yoo parlaamaaf ibsuu kadirooni isaa ammoo naannoo keessaa boondii hidha abbayyaaf yoo bittaan malee jechuun nama mara qabde dararaa jirti.

Oromoo kaadiree ollaa kee jiruutti xiyyeeffadhu falli jiru kanumaa.
πŸ’Š17❀10
Ajab Yaa Warra Mattuu

Waraana Abiy simate jechuun kun maali?
Dur hin jirumoo achi. Inni waadamaa turemmoo maal ture, kan Shimallisimoo😁

Halkan feetus guyyaa geessitus simatamne jettus nyaachifamne jettus uummanni Oromoo PP lukkeelee isaaf bakka hin qabu.

Faarsee bulaan maallaqni kennamuuf, miindaan kaffalamuuf, manni ijaaramuuf yoo bu'aaf jedhanii isin faarsan malee lapheen Oromoo cufameera. Isinis cufamuu beektanii qawwee irratti cimsitan.

WBOn ni waara
PPn ni daara 😁
πŸ‘26❀18πŸ‘10πŸ₯°3πŸ‘Œ2πŸ”₯1
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Godina Baalee aanaa Gobbaa ganda Riraa fi aanaa Saannatee keessaa uummata maqaa Paarkii biyyaalessaa jedhuun beenyaa tokko malee humnaan buqqisaa jiru.
Uummanni yeroo hedduu falmachaa turus amma waraana bobbaasanii uummata qe'ee irraa buqqaasaa jiru. Uummanni akkanatti manni irratti diigamee hiraarfamaa jira.
Sirni shiftaa PP uummata Baalees bineensota bosonaa gaarreen Baalees balleessuuf kutatee ka'ee jira.

Sagalee nuuf ta'aa jedha uummanni.
πŸ’”4πŸ‘Œ2
Tijani Nasir Usman bulchaan godina Jimmaa duula "lukkuu hanga lubbuutti" jedhuun ilmaan haadha iyyeessa kitila hedduu kaabatti erguun erga ficiisisen booda amma moo maqaa shanee jedhuun dhiiga ol-adeema dhangalasiisuf qe'ee keessa nanna'e suuraa ka'uutti jira.

*Oromoon Kaadire Ollaa Ketti Dammaqii*
😁10πŸ‘Œ2
2025/07/13 22:31:05
Back to Top
HTML Embed Code: