M.D: DHUFAATII KIRISTOS. Jaallatamoo maatii Waaqayyoo! Nagaan, araarriif ayyaanni Gooftaa isiniif haa baay'atu jechaa, har'a mata duree armaan oliitiin barumsa baay'ee barbaachisaa fi murteessaa ta'e qabadhee dhufeera. Mootii waaqaaf lafaa inni ta'e Waaqayyo iyyuu gadi nutti jedhee Sagalee Isaa nu barsiisuuf erga jaallatee nuti immoo qalbiif yeroo keenya laanneefii irraa barachuun hammam salphaadha?
* Dhufaatiin Kiristos bakka lamatti qoodama.
1) DHUFAATII KIRISTOS ISA JALQABAA: Inni kun foon uffatee, nama foonii ta'ee durbee Maariyaam irraa dhalachuu Yoh.1:14, 1Yoh.4:2 Isaati.
* Akkuma beekamu Yesus Kiristos "Sagalee Waaqayyooti." Yoh.1:1-5.
* Sagalee Waaqayyoo Isa uumamni hundinuu ittiin uumametu foon uffatee mul'ate. Kunis kaayyoo Waaqayyoo raawwachuufidha ture. Mee kanatti aansinee, kaayyoo dhufaatii Kiristos isa duraa haa ilaallu.
# KIRISTOS MAALIIF GARA BIYYA LAFAA DHUFE?
1) CUBBUU BALLEESSUU.
* 1Yoh.3:5 Kiristos cubbuu balleessuuf akka mul'ate nuttima.
* Kiristos Sagalee Waaqayyoo Isa Waaqayyo kaayyoodhaaf gara biyya lafaatti ergedha. Yoh.3:16 Sagaleen Waaqayyoo immoo yeroo ba'u waan itti ergame fiixaan baasu malee gara Isaatti akka hin deebine caafameera. Isa.55:11. Egaa har'a ilaalchonni Kitaaba Qulqulluudhaan morman tokko tokko Kiristos kaayyoo gara biyya lafaa dhufeef ( hojii cubbuu balleessuu ) fiixaan baaseera_ jedhanii amanuun itti cima. Garuu dhugaan Kitaabni Qulqulluun nu barsiisu Kiristos waan hojjechuuf dhufe fiixaan baasee ol ba'ee mirga Abbaa akka taa'eedha. Kunis Kiristos raawwatee cubbuu amantootaa fannoo gubbaatti balleessuu isaati. Yoh.19:30, Qol.2:14, Ibr.9:26 Eyyee cubbuun warra Kiristos Yesusitti amananii fannootti cinqaaramee jira malee isaan irra hin jiru. Sababnisaa, Waaqayyo abaarsa keenya nu irraa fuudhee Kiristos irra waan kaa'eefidha.
* Qooda cubbuu keenyaa nuti qajeelummaa Kiristos fudhanneerra. Rom.3:24
* Warri dhugaa kanatti hin amanne bara baraan cubbuu isaaniitu isaan irratti hafa. Yoh.3:36 garuu warri Kiristositti amanan firdii cubbuu jelaa ba'aniiru. Rom.8:1
* Walumaagala Kiristos dhufaatii Isaa isa duraatti, foon uffatee, bifa garbummaatiin, gadi deebi'ee, ulfinasaa dhiisee mul'ate. Isa.53, Filp.2:5--, cubbuu balleessuuf dhufe. Cubbuu amantootaa balleesseera.
* Ammas Yoh.14:2-3 irratti Kiristos "deebi'ee nan dhufa" jedheera. Eyyee Gooftaan keenya, fayyisaan keenya Yesus Kiristos deebi'ee ni dhufa. Hin turu dhiyaattidha.
* 2) DEEBI'EE DHUFUU KIRISTOS. ( second coming of Christ ) HoE.1:11
* Deebi'ee dhufaatii Kiristos ilaalchisee yaadota dogoggoraa garaagaraatu jiru. Muraasni isaanii:
- "Kiristos guyyaa ayyaana pheenxaaqosxee/ bu'a Hafuura Qulqulluutti dhufeera." kan jedhan.
"Kiristos gaafa cubbamaan tokko Kiristositti amanu laphee nama sanaa keessa dhuunfaatti dhufa" jechuun sanatti kan fakkeessan yoo ta'u, - namni Kiristositti amanuun "cubbamaan gara Kiristos dhufuudha malee, Kiristos dhufuu Isaa miti."
"Yeroo amanaan fooniin du'u" yaada jedhuufis deebiin kanuma asiin oliiti.
* Gabaabumatti yaadonni asiin olii yaadota dogoggoraa waa'ee dhufaatii Kiristos ilaalchisee jiraniidha.
* Haa ta'u malee Kitaabni Qulqulluun, Kiristos ganaa akka dhufuuf jiru nutti dubbata. 1Tas.5:16-17
* Inni kan biraan waa'een dhufaatii Kiristos kun Waldaa Kiristiyaanaatiin gara fuulduraatti akka ta'erratti waliigalamus, waldaa kiristiyaanaa keessas yaadota garaagaraatu jiru. Kanas ta'u sanas "Kiristos deebi'ee ni dhufa." kan jedhu barumsa guddaa Waldaa Kiristiyaanaati. * Mee kanatti haansinee barumsoota garaagaraa waa'ee deebi'ee dhufuu Kiristos ilaalchisee Waldaa Kiristiyaanaa keessa jiran haa ilaallu.
# Waa'ee deebi'ee dhufuu Kiristos keessatti wantootni guguddoon nuti beekuu qabnu ni jiru. Isaanis: 1) Gidiraa guddicha Dan.9:26 ( dhiphina waggaa 7 ) & 2) Waa'ee bar-kumee ( Mootummaa waggaa kumaa. ) Mul.20:6 ti. Sababnisaa, ilaalchonni garaagaraa 2ffaa dhufaatii Kiristos ilaalchisee Waldaa Kiristiyaanaa keessa jiran wantoota asiin oliitiin wal qabatu. Haalumaan:
1) ILAALCHA WARRA GIDIRAA GUDDAA DURAA ( Pretribulationist view ): "Kiristos gidiraa guddaa dura mul'ata, kunis Waldaa Kiristiyaanaa gidiraa guddaa jelaa ol fudhachuuf. Kanaaf Waldaan Kiristiyaanaa gidiraa guddicha hin argitu." kan jedhaniidha. Yeroo baay'ee ilaalcha kanatti waarra dispensationalism tu itti gargaarama.
2) ILAALCHA WARRA GIDIRAA GUDDAA WALAKKEESSAA (Mid-trebulationist view): warri kun immoo "Kiristos walakkeessa gidiraa guddichaatti ( xumura waggaa 3.5 isa duraatti ) dhufa. Kanaaf Waldaan Kiristiyaanaa gidiraa guddaa keessaa walakkaa isaa ni hirmaatti." jedhu.
3) ILAALCHA WARRA GIDIRAA GUDDAA BOODAA ( Post-trebulationist view): warri kun immoo "Kiristos gidiraa guddicha waggaa torbaa booda mul'ata." Kan jedhan yoo ta'u, kanneen asiin olii ilaalchota gidiraa guddaati. Akkasumas, ilaalchi bar-kumees sanumaan wal fakkaata. Isaan immoo:
★ Ilaacha bar-kumee duraa, bar-kumee boodaa fi bar-kumee dhabeessa_ kan jedhamanidha. Isaan keessaa "bar-kumeen hin jiru." kan jedhamanis ( ammilinialism ) ni jiru.
* Waan nuti beekuu qabnu ilaalchota kanneenis ta'e kan biroos yoo kan fedhe deeggerre fayyina keenya irratti dhiibbaa fidu hin qabu. Garuu dhugaan tokkichi "Kiristos deebi'ee ni dhufa." Ganaa deebi'ee dhufa malee kanaan dura dhufee kan darbe miti. Kanaaf dubbii kanaan wal jajjabeessaa, dammaqaa eeggadhaa KIRISTOS ulfinaan ni mul'ata.
* Amma gara xumuraatti fiduuf barsiisa Waldaa Kiristiyaanaa isa manneen barnootaa og-waaqummaa hedduun itti waliigalaniif, Waldaan Kiristiyaanaas amma bal'inaan barsiisaa jirtu waliin haa ilaallu. ...Deebi'ee dhufaatiin Kiristos taatee 2 of keessaa qaba.
# TAATEEWWAN DEEBI'EE DHUFAATII KIRISTOS LAMAAN: 1) Dhoksaatti Dhufuu Kiristos/ Ol-butamuu Waldaa Kiristiyaanaa ( Rapture of the Church / secret coming of Jesus): Mat.24:36 Kiristos utuu guddichi hin jalqabin dhufee, Waldaa Kiristiyaanaa isanni gidiraa guddaa jelaa ol butuudha. 1Tas.4:16-17 Yeroo kana Amantoonni libsuu ijaatti jijjiiramanii ( dhagna haaraa fudhatanii ) qilleensa keessatti Kiristosiin simatu. Kunis, Amantoonni du'anii turan dura ka'anii, warri lafarra fooniin jiranis itti haanuun jijjiiramaniiti. 1Tas.4:15
* Amantoonni erga ol butamanii, yeroo dhiphina biyya lafaa isa waggaa torbaa sanatti isaan nyaachisa hoolichaa nyaatu ( cidha waaqarratti qophaa'uufitti hirmaatu. )
2) Mul'inatti Deebi'ee Dhufuu Kiristos: Yeroon kun immoo, dhuma gidiraa guddichaatti ta'a. Mul.19:11-21
* Yesus yeroo sanatti, ulfinaan, ergamootaan ajjabamee, Waldaan Kiristiyaanaas Isaa wajjin taatee, ifa dinqisiisaadhaan ni dhufa. Mat.24:27, Rom.8:19
* Yericha Yesus kaayyoowwan gurguddaa raawwachuuf dhufa. Isaanis:
- Mormituu Kiristosif raajii sobduu isaatti faraduuf. Mul.19:20
- Ormootatti ( warra Kiristositti hin amannetti ) faraduuf. Yoel.3:12&14 Mul.19:15
- Seexana qabee waggaa 1000f hidhuuf. Mul.20:2
- Hojii amantootaatti firdii ykn gatii kennuuf. 1Qor.3:11-15 Mul.22:12
- Mootummaa Isiraa'eelotaa deebisee Waggaa kuma lafarratti mo'uuf. Mul.20:6 Isa.11:1-6
* Yeroon kun du'aa ka'uu qulqulloota kakuu moofaa fi, kan wareegamtoota yeroo gidiraa guddaa Mul.7:4 ti.
* Itti haansuun mootummaa Masihichaatu waggaa kumaaf lafarratti itti fufa. Lola guddicha, firdii teessoo adiif jireenya bara baraa ti.
*** Waaqayyo isin haa eebbisu!


* Barumsa kana yeroo koo gubee kanan asirratti barreesseef kaayyoo qaba. Innis, Dhufaatiin Kiristos dhiyaateera, Kiristos ni dhufaa dammaqaa! Qopha'aa eeggadhaa! Cuunfaa ibsaa keessanii guuttadhaa! Mudhiin keessan hidhatamaa, ibsaan keessan qabsiifamaa haa ta'u. Akkuma caafamee jiru, "guyyichi akka hattuutti warra hin amaninitti dhufuuf jira." Mat.24:36 ...Yaa obboloota ko, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef guyyichi akka hattuutti isin irra hin ba'u. 1Tas.5:4 Guyyichi warra hin amaniniif guyyaa sodaachisaadha! Nu'i warra Yesusitti amaneef garuu abdii keenya isa eebbifaadha. Kanaaf "MARANATAA YESUS!" jechaa jiraanna. Kadhatatti, amantiitti, dhugicha dhugaa ba'uuttis jabaadhaa! Yesus dafee ni dhufa. Mul.22:12
...yoo fedha keessan ta'e toora isaa eegaatii hiriyoota keessaniif #share godhaa!

@ EBBASA OLANI ti.
@furtuu_jireenyaa
Maal sin godhe Karrayyuun?
- -
Uummata hamaa hin beekne
Dilboo garaa qulqulluu
Warra Oromummaan ciche
Kan duudhaan akka tulluu
Warra ofiisaa dheebotee
Dheebotaaf aannan laatu
Warra safuufi kabajaan
Araddaasaa jiraatu…
Hamminaan xurooftanii
Daba itti qirixxanii
Maal sin godhe Karrayyuun
Maaf guddaasaa fixxani?
Innoo hongeen gubachaa
Dhala guddisuuf fiigaa
Karraa gadi waamtanii
Maaliif lolaastan dhiiga?
Karrayyuun hongeen na miidhe jedhe
Kan iyyate saniifi
Gumaata geessitu jennaan
Du’a geessitaniifii?

Har’as akkuma kalee
Bukoo keessan horfituu?
Haqa dirreerra jiru
Eenyu jalaa dhoksitu?
Akkasitti hafa hin taatu
Haqni uummata koo dabee
Sin gaafata gaaftokko
Lafeen Karrayyuu cabe!
Gumaan qulqulluu Oromoo
Hafa hin taatu takkaallee
Kan xiqqaafi guddaa meeqa
Boolla tokkotti awwaalle!

Karrayyuu koo jabaadhu
Oromoo koo jabaadhu!


#LataaQana'iitiin



SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡

   
🎄🎄🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
በዓሉን ከ Bela Special ✌🏾✌🏾የበዓል ሽልማቶች ጋር ያሳልፉ 🎉🎉

የገና በዓልን ምክንያት በማድረግ ከ Bela Special✌🏾✌🏾 ለ ቴሌግራም ገፃችን ተከታታዮች ማበረታቻ የተዘጋጀ የካርድ ሽልማት ይኖረናል 💳💳💳

የቴሌግራም ቻናላች ይቀላቀሉ 👇👇
@furtuu_jireenyaa

ለወዳጅ ዘመድዎ ያጋሩ አሸናፊ ይሁኑ 🔥🔥 አሁኑኑ ሼር በማድረግ ሌሎችም ተሸላሚ ያድርጉ ወይም በተለያዩ ግሩፖች ላይ ሼር በማድረግ ሰዎችን ወደ ቻናላችን ማስገባት አይዘንጉ ‼️


🔥 ይፍጠኑ , አይዘናጉ ይህ እድል የእርስዎ ሊሆን ይችላል የገና ቀን እንገናኝ
@furtuu_jireenyaa
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
"Oromoon martuu kan kaabaa,kan dhihaa,kan bahaaf kibbaa hidhaarraa hiikamaa jiraachuu hayyooota keenyaaf baga gammaddan;baga gammanne. Gatii isaanii akka ta'utti waanan hubadheef baay'ee gammadeera"
# Baga gammaddan#


𝑉𝑖𝑎 𝑑𝑎𝑚𝑒𝑒 𝑘
Muddee kun baay'ee qorraa jira. Anis qorra kanaaf jecha waan ho'aa wayii dhuguufan mana bunaa tokko seene.

Akkuman ajajadhee dhuguu jalqabeen namni haala gaariin uffatee miidhagee deemu tokko boorsaa qabatee dhufee fuula dura koo teessoo jirurra taa'e.

Wanti inni ajajate dhufeefii osoo hin turiin dubartiin biraan tokko dhuftee dura isaa dhaabbatte. Isheenis, "Abbaan warraa koo narraa du'eera. Qabeenyaan ittiin ijoollee guddisu hin qabu, na gargari" jetteen.

Namichiis iji koo osoo arguu birrii kuma 50 hidhaa hidhaa isaan lakkayee kenneef. Anis, maal kun namni gaariin akkasii jedheen ajaa'ibsiifadhe.

Xiqqoo turees namni biraan dhufe. Inni kun immoo dargaggeessa. Akkuma alaa ol-seeneen namicha teessoo dura koo jirurra taa'ee kana bira dhaqee hirqinfatee boo'uun "Abbaa fi haadha hin qabu. Jiraachuu hin dandeenye. Kanaaf waan ittiin bizinesii ofii koo jalqabee jiraadhu birrii kuma 40 naaf kenni" jedheen.

Namichiis osoo waa tokkoo itti hin dubbatiin miira gaddaatiin mataa asiifi achi raasuun boorsaa keessaa 'cheekii' ol fudhee mallatteessee kenneef.

Yoona kana ani nan na'e. Har'a kadhata koo dhaga'eetu Waaqayyoo anas nama kanas manaa baasee? jedheen of keessatti gumgume. Immimmaan akka naaf bu'uuf olfudheen shayee ho'aa dura koo nan unadhe osoo hin taane habbuuqqadhee liqimse.

Gubaa mar'imaniin ijikoo yoo imimmaan buusuu jalqabdu utaaleen teessoo koorra ka'e. Fuula nama kanaa dhabadheen, "Gooftaa koo ani hojii hin qabu. Ijoollee baay'een guddisaa jira. Hojii ofiikoo uummachuuf birriis, fira na gargaarus hin qabu. Maaloo birrii kuma 100 naaf kenni" yemmuun jedhu jedhu duuba kootii, kikiki... kakaka...qisqisqis...jedhanii yoo namoonni kolfanin dhaga'e. Mil'adhee yoon ilaalu kaameraatu jira.
Namichis, "Dhiifama obboleessoo fiilmii waraabaa jirra" naan jedhe.

Ayi anaa...
Nagaan bulaa mee!
~
Haammina Ilmaa nama

Gaaf tokko waaqaf namatu haasaa waliin taasise jedhama

Nama👴: yaa uuma waantan fedhuun naaf kenni

Waaqa: maalfa barbadda?

Nama👴: waantan ittin sooromuu konkolaata, qarshii......

Waaqa: siifan kenna garuu ulaaga tokkotu jira

Nama👴: ulaaga akkami?

Waaqa: yoon siif konkolaata tokko(1) kenne olla keef konkolaata lama(2) godheen kenna yoon siif farda tokko(1) kenne olla keef lama(2) godheen kenna jechuun waan hundaa yoon tokko si kenne olla keef lama godheen kenna kanatti walii galta?

Nama👴: namniis buuse base yaadutti ka'ee haminnis yaada isa kessa dhufe akkasitti yaade erga ollaakoof lamatu kennama ta'ee ollan koo na caala soromuu kanaafu yaa uuma waa na godhi

Waaqa: maal?

Nama👴:erga anaaf tokko latte ollakoof lama latta ta'ee anaan Ijakoo tokko jaamsiti ollakoommo Ija lamansa jaamsi jedhe jedhama😭😭

👉👉Ammaa jiraannutti namaaf gaari haa yaannu jireenyi gababdudha waan taatef
👉👉akkuma ati namaaf gaari yaaddu namnis gaari si yaada ,barcuma ulfina abbaatu of jalatti eggata jedhuu mitiire

👉join 👉share👇👇👇👇
@furtuu_jireenyaa
Jaalalli dhugaa kan akkamiiti?.
Saaykoloojistoonni yaada armaan gadiiti, hiika
sadii jaallatan kanneen armaan gadiiti
Naannawa kana jira.
Mallattoo jaalala dhugaa.. .
1. Miira gadi fagoo (fedhii)
Wantan ani jalladhu, dinqisifadhu fi dinqisifadhu
tokko yeroon jaalalle koo argu.
Dirqama qaba. Ani waan sana filadha kan miira
addaa na godhu. Yaa zomaa
Rifeensa ishee.. . Yaa ifaa seequu ishee.. Oh
dukkana blenos.. . Yaa bareedduu
Qaamni ishee baay’ee bareeda.. . Ykn kan biraa.
Miirri gadi fagoon kun amala/namummaa caala.
Physical appearance gaarii fakkaata. Sirba
Mohammed Ahmed kan armaan gadii kana.
Namoonni tokko tokko miira kana sirriitti ibsuu
danda’u..
Bareedinni maali mee natti himaa jarana
Gara ishee ilaaleen baay’ee eebbifame.
2. Intimacy (intimacy).
Jaalalleen koo hiriyaa gaarii naaf ta’uu qabdi.
Iccitii nu gidduu jiru
Wanti fedheyyuu jiraachuu hin qabu. Baay’inni
walitti dhiyeenya akka hiriyaa dhiiraa/dubaraa
dhiyooti.
Gosa ta’uu barbaada. Hiriyaa koo jaalladhu jalaa
dhokate, himachuuf qaana’e.
Walumaagalatti waa’ee koo waanan jedhu hin
qabu. Hiriyaa koo jaalalleef tokko ta’uun
Eeyyee. Afaan birootiin qorachuu jechuun kana.
(Nama sirriitti beekuuf wanta namni sun yeroo fi
haala adda addaatti agarsiisu)
Amala ilaalamuu qabu. Maaltu si gammachiisa/
Ajaa'iba, maaltu isa gaddisiise, maal
Nama aarsa, maaltu isa sodaachisa, maal ilaalchi
isaa waan adda addaaf
Fi namicha wajjin yeroo dheeraf bashannana jirra
wantoota kana fakkatan baruuf
Sirritti barbaadama
3. Kutannoo/itti fufiinsa (commitment).
Jaalallee koo waliin yeroo dheeraa turuun
barbaada (my life time)
ykn? Gaaffii kanaaf yeroo hunda dhugaan jira.
Keessa keenya dhaggeeffadhu.
Deebiin waan nuti kenninu irraa fagoo miti.
Jaalala miira gadi fagoo fi walitti dhiyeenya malee
waliin jiraachuuf murannoo qabu
Namoonni xiinsammuu jaalala duwwaa jedhanii
waamu

@furtuu_jireenyaa
Sodaa: Oliin sodaa bakka gurguddoo lamatti qooda. Isaanis: Sodaa sababawaa(rational fear) fi sodaa sababa maleessa(irrational fear) dha. Mee xiqqoo gargaarummaa isaanii haa ibsu. Sodaa sababawaa jechuun sodaa wantoota ati to'achuu dandeessuuf sodaa itti gaafatamummaa baachuu irra maddudha. Sodaa sababa maleessa jechuun immoo sodaa sababa qabatamaa hin taaneef wantoota ati to'achuu hin dandeenye irraa sodaa maddudha. Sodaa inni kun sodaa baay'ee hamaa to'achuu yoo hin dandeenye imala jireenyaa ati taasiftu keessatti gufuu sitti ta'udha.Sodaa kanaaf miira kee,yaada kee,sammuuf ilaalcha kee eeyyamuun kiyyoo jireenyaa hamaa sitti ta'a.Karaa biraa ibsuuf,sodaa inni kun amaluma(nature) dhuma isaarraa yoo kaane sababa malee calluma jedhanii sodaachudha.Kun immoo sodaa dabeessotaa ykn lugnootaa isa taasisa. Namni sodaa kana sodaatu kamuu jireenya isaa keessatti lugna ykn dabeessa in ta'a. Warra kanaaf milkaa'ina gonfachuun baay'ee ulfaata.Sodaa inni ani jalqaba irratti kaase yks sodaa sababawaa inni ani jedhu sodaa baay'ee gaarii ta'eef,sodaa akka ati qophooftu,itti gaafatamummaa jireenyaa baachuuf,sodaa madda jabinaaf humnaa ta'ee si gargaarudha. Sodaa inni kun sodaa namoonni milkaa'an of keessaa qabaniidha. Gootonnis sodaa kana of keessaa qabu. Fakkeenyaaf,hiyyuma nan sodaadha.Hammeenya hiyyumaarraa kaanee yoo yaanne,namni sodaa kana sodaatu,sababa qabeessa akka ta'e ni hubanna. Sodaa kana of keessaa qaba taanaa, inni isaa halkaniif guyyaa hojjetee waanjoo hiyyumaa cabsuu in ta'a.Nama yeroo hundaa fiiguus in ta'a.Garuu sodaa kana of keessaa hin qabu yoo ta'e,hiyyumatti madaqee jiraachuu malee,wanti isa kaasu, onnachiisuufi dammaqsu hin jiru.Sodaa kana of keessaa dhabuun,jireenya keessatti addagummaa akka ati shaakaltu godha. Jechi "addagummaa jireenyaa" jedhu,akkas jechu kooti jireenya keessatti "dhimma dhabuu" jechuudha.Akkas, namoota akkasii biratti sooressa ta'anii hiyyeessa,beekaa ta'anii wallaalaa,goota ta'anii dabeessa,jaallatamanii jibbamanii dhimma isaanii miti. Amalli kun jireenya keessatti kufaatii guddaafi addagummaa jireenyaa isa hamaadha. Hiriyya! Amaloota kana hin qabaatin. Wantoota sababaan sodhaadhu...ergasii immoo deemsa kee dhabda utuu hin taane "sodaakee" irra dhaabbadhuu murtee sirriif tarkaanfii gaarii fudhadhu malee sodaa sababawaa of keessaa dhabu kee qofan,wantoota hin taanee jireenya keetti hin madaqsiin. Addagummaa jireenyaa irraa of eeggadhu. Sodaa kee gara ibidda gootummaa isa boba'ee hin dhaamnetti jijjiiri.Sabbaba malee immoo hin sodaatin; bizinesii hojjechuu barbaaddee kisaaraa sodaattee hin dhiisin. Barnoota sadarkaa olaanaa barachuu barbaaddee kanfaltii sodaattee hin dhiisin. Namoota gargaaruu barbaaddee madda galii kee sodaattee hin dhiisin. Yoo akkas goote,sodaa sababa maleessa sodaachaa akka jirtu hubadhu. Kun immoo amala kee utuu hin taane amala dabeessotaa waan ta'eef hin sodaatin. Jabaadhuu gara fuulduraatti adeemi. Maal sodaachuu akka qabduuf hin qabne adda baasii hubadhu. Goota isa jireenya isaa tarkaanfachiisu ta'i malee yuuyyee iddoo hundumtuu itti tolu hin ta'in. Jecha ani armaan gadiitti jedhu kana hubadhu: "Yeroo sodaattu yoo xiqqaatee xiqqaate sababii sodhaachaa jirtuuf beekuun dirqama. Sodaa sababa hin qabne hin sodaatin." ———— Jabaadhuu itti gaafatamummaa jireenyi sirra kaa'u haalaan bahi.—-Yaadicha kan qoode:

𝕧𝕚𝕒: Olii Xaafaa
Jechoota mimmiidhagoo

Jireenyi patternii mataa ishee qabdi,Hack gochuun gahee keeti.

Namoonni hedduun osoo eenyummaa kee hin hubatin jireenya kee karaa heddutti hiikkatu.

👌Namni biraa akka si jaallatuuf of hin jijirin;Namni dhugaa akka si jaallatuuf of tahi.

👉Gatii osoo hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiraatu.

iImi namaa gaafa gad jettuuf si tuffata. Garuu, Waaqni gaafa jinbilfattuuf ol si qaba.

Kan baatu ni ulfaata yoo jedhu.Kan baachiisu salphaadha jedha

👌Namoota nu cunqursanif dhiifama gochuun mooyamuu osoo hin taane,Jaalala barsiisudha.
Yaa ummataa dhiffamaa rakkoo nuu mudddatee hundaaf
Gaafan corroqaa dhugee
Daaraa keessaa ciisee
Miilan fagaadhus sirraa
Yooman sii yaaduu dhiisee
Siifan okkolaa deema
siifan dhukkubsadha
Siif fayyuu dadhabeen
onnee kulkulfadhaa
Yaaddoo jaalala keetiif
mataan naa nanna'aa
Coba bishaan jaalala keenan
Akkatti mama'aa

Ekamee sareetoo elamee yaa tiruu
Kan akka koo sii jaalatuu-
kan biraan hin jiruu
Gaafa dogoggortuu harkaa-sii rukutuu
Duuban Akka saree-dhoksee siin kukkuutu
Siin suphaa madaakee malee-sin waraanu
Madaa keef qorsaa ta'ee-ana kan wal’aanuu
Waa’ee keef keessiikoi tasaa
hammeenya hin baatuu
Garaa kee sii ciibsuudhaf
Kan yeroo hunda kaatu
Dirraa koorraa baaseen-dirra keetti uwwisaa
Daba nattii yaannaan-dhugaa sii cubbisaa
Ati hin du'in jedheen-harkaa kiyyaa dhiigee
Utuun arguu abidattii-si oolchufaan fiigee
Jabaa jaalala keef-siif diriirsee ceekuu
Siif gaarummaa malee-an hammeenyaa hin beekuu

Gatii qoodaa jaalala-naaf laattus summii jibbaa
Utuun sii mararsiifadhuu-narraan geessus dhiibbaa
Tarii natuu dabee- hammeenya kee yaadee
Jedheen gubaa jaalala kee- dhoksattii qadaadee
Haphii arraba keen- as labdee achii labdee
Qoodan siif yaaduu gaarii- ati nattii dabdee
Yoon siif kennee dibaabe- keessaa deemuu aduu
Ati kan dhamaatu-  akkan du'ee badu ..


#Boom
HAADHA MANAA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Halkan tokko utuu barattoonni ga'eessonni barataa jiranii ogeessi xinsammuu tokko kutaa seenee, har'a tapha qabna jedhe.

■ Barattoonnis tapha akkamii jedhanii gaafatan. Barsiisaanis
barataan fedhii isaatiin ka'u jennaan barataan dhiiraa tokko ka'e. Barsiisaanis barataa sanaan namoota baay'ee
jaalattu 30 gabatee gurraacha kana irratti barreessi jedheen.

■ Baratichis maatii isaa irraa eegalee, oollaa isaa, fira isaa fi hiriyoota isaa hamma nama 30tti barreesse.
Barsiisan, kana keessaa namoota si hin fayyanne 3
balleessi jedhe. Innis maqaa ollaa isaa balleesse. Ammas maqaa nama 5 balleessi
jennaan baratichi namoota fagoo ta'an fira isaa keessaa balleesse.

■ Akkuma kanaan maqaa barreesse hunda balleessee fixee maqaa haadha, Abbaa, haadha manaa fi ilma isaa
qofatu hafe. Ammas barsiisan maqaa arfan kana keessaa maqaa nama 2 balleessi
jedheen. Barataan sun baay'ee na'ee akka nama dirqamaan balleessisee maqaa haadha isaa fi Abbaa isaa balleesse.

■ Barsiisan dhuma irratti
warra hafan 2 keessaa maqaa nama 1 akka balleessu itti hime. Ammas baratichi sammuun isaa baay'ee jeeqamaa, harki isaa hoollachaa, sodaachaa maqaa ilma isaa keessa balleesse.

■ Barsiisaan gad taa'i ittiin jedheen. Achiin booda daqiiqaa muraasa booda barsiisichi:
➛ "Maaliif maqaa haadha manaa kee hambifte?
➛ Maatiin kee siif nama ati yeroo hunda itti of abdattudha.
➛ Ilmi kee qaama kee nama baay'ee sitti aanudha.
➛ Haadha manaa garuu kan biraa fuudhuu dandeessa.
➛ Maaliif hunda isaaniirra haadha manaa kee caalchifatte?" Jedheen.

■ Barataan sunis suuta jedhee akkas jedheen:
▷ Tarii guyyaa tokko maatiin koo na dura biyya lafaa kana irraa darbuu danda'u.
▷ Ilmi koo immoo gaafa guddate sababa barumsaaf yookiin hojiin na dhiisee deema.
▷ Bara jireenya koo guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraadhutti kan na bira jiraachuu danda'u haadha manaa koo qofa jedheen.
Yeroo kan barattoonni kutaa guutuun harka rukutaniif.

#Dhugaadha. Hundi keenya iyyuu maatii keenya hammam yoo jaalanne iyyuu guyyaa tokko dhiisnee deemna. Maaliif yoo jennee haadha manaa yookiin Abbaa manaa fi Ijoolleen keenya hammam yoo nu jaallatan iyyuu nu dhiisanii deemu. Dhuma irratti kan nu biratti hafu haadha manaa keenya yookiin Abbaa manaa Keenya.

#Eyyeen obboloota koo.
➦ Haati manaa kennaadha malee filannoo miti.
➦ Haadha manaa fuudhun barbaachisummaan isaa galgala galgala sitti yaadatama yoo ta'e ati fuudhuu barbaadda osoo hin taane nama wajjin
bultu barbaadda.
➦ Haadha manaa fuudhun kan sitti dhaga'amu yeroo uffati kee, manni kee, xuraa'u qofaa yoo ta'e, ilaalchi kee galma murtaa'aa namni hiriyaa gaa'elaa qabaachuuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu irraa kan fagaatedha.
➦ Haadha manaa qabaachuun kee ilaalcha jaalalaa, fedhii saalqunnamtii, hiriyyummaa yookiin ijoollee godhachuuf qofa irratti kan hundaa'e ta'uu hin qabu.

Ergaa dabalataaf JOIN GODHAA
       ━━━━━━━━━━━
@furtuu_jireenyaa✍🏻 |
Tap tap Reaction ❤️👍

♻️ Share waliif godhaa

😉Galatoomaa
🌻🌼🎄🎄
Baga jala bultii geessani
🌿🎋🪴🌾🌻🌻🌼🌼

@furtuu_jireenyaa
#Baga_Geessan

Kabajamtootni fi hordoftootni chaanaalii keenyaa hundi keessanuu baga bara haraa bara 2016'n isin gahe isiniin jechaa barri haaraan;

Kan gammachuu,
Kan jaalalaa,
Kan milkii,
Kan badhaadhinaa,
Kan itti sooramtan,
Kan itti quuftan,
Kan kaayyoo qabattan galmaan ittiin gahattan...isiniif akka ta'u hawwii qabnu isiniif ibsina.

#2016

#Ayyaana_Gaarii

#like #share
#join_us 👇

share💯share💯share
@furtuu_jireenyaa ©🌹
@furtuu_jireenyaa©🌹
Finfinneetti Ragaa Gaa'eelaa malee Dhiiraafi dhalaan siree buluu hin danda'an jedhame.

Waliif TV ( Fulbaana 22/2023) Finfinnee

Dhiiraa fi dhalaan waraqaa ragaa fuudha yoo hin qabaanne siree Hoteelaa kirreefachuu akka hin dandeenye himame.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti waraqaa ragaa dhiirsaafi Niitii mirkanneesssuu yoo hin qabaanne dhiiraaf dubartiin Siree Hoteelaa qabatani buluu akka hin dandeenye seerri ba'e.


Manni Qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee,akkuuma Qulqullina magaalichaa eeguun itti gaafatamummaa isaa baha jiruun,xiinsammuu fi jireenyaa hawwaasummaas to’achuu waan irraa eegamuuf dhiraaf dubartiin waraqaa ragaa fuudhaa malee mana siree buluu akka hin dandeenye labsiin haaraan bara kana keessatti hojii irra akka oolu beeksiseera.

Ammaan booda warrii abbootii qabeenyaa mana ciisichaa qabanii fi waardiiyootaaf xalayaan akkeekkachiisaa akka isaaniif kennamu Mana Qopheessa magaala Finfinneetti kutaan beeksiisaa addeessee jira.

Biiroon magaalichaa sababni ibsa kana baaseef ammoo waggaa darbee keessatti magaala Finfinnee keessatti gaa’illi laakkoofsaan hedduun kan raawwatame yoo ta’u kutaa mana qopheessaatti kan galmaa’e garuu 302 ta’u isaa hubachiisee jira.

Ragaan akka aggarsiisutti gaa’ila 302 keessaa gaa’iilli 250 lammiilee Itiyoophiyaan yoo ta’u, kan kanarraa hafan ammoo lammiilee biyya biraa ta’uu biiroon magaalicha mirkanneessee jira.

Dabalataaniis bara darbee keessatti daa’imman kumaataman lakkaawaman yoo dhalatan,mana qopheessaa magaalichaatti kan beekaman garuu daa’iman 2033 qofa ta’u hubachiise jira.

Manni qopheessa magaalaa Finfinnee ragaa fuudhaa,dhalootaa fi du’aa erga qopheessu eegale waggoonni hedduun darbani jiru.

Tajaajila kana si'ataa gochuuf Ragaaleen kunneen waraqaan ragaa kaffaltii malee kan raawwatamuu ta'uu Ibsee Jira.

Kanaafu namoonni kana hubatanii waraqaa raga barbaachissoo ta’an qabachuun bu’aan isaa isinumaaf jechuun beeksiisee jira.

Akkasummas dhiraa fi dubbartiin magaalaa Finfinnee malee bakka biraa irra dhufan waraqaa ragaa jedhame kana yoo hin qabaanne siree tokko irra waliin buluun akka hin dandaa’amne manni qopheessa magaala Finfinnee ibsa baaseen akkekkachiisse jira.

Durgoo daa’imaa argachuuf,dhaala seera qabeessa argachuuf,soorama bahuuf laakkoofsi umurii murteessaa waan ta’eef galmaa’uun barbaachisaadha jechuun hubachiisee jira.

Gaazexaa Addis Zemen Fulbaana 17 bara 1964 bahe Irraa kan fudhatame.

Girmaa Guddisaatiin

Maddi:DhPI

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇
Facebook-Waliif TVV
Youtube- www.youtube.com/@waliiftv
Telegram- https://www.tg-me.com/waliiftvofficial
Tiktok- www.tiktok.com/@waliiftvofficial
Waliif TV Ilaalcha Haaraa


@furtuu_jireenyaa
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Never depend on a single income, make an investment to create a second source.” Warren Buffett @WABIISG
2024/04/27 16:24:15
Back to Top
HTML Embed Code: