Telegram Web Link
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
Dr Zakir Naik fi Sheikh Mahmud AL Hasanat
Suuraalee babbareedduu tana laalaa Maashaa Allah!

Dhiira jajjabduu roga adda addaatiin Aalama Islaamaa fayyadaa jiran lameen bakka takkatti Rabbiin umrii dheertuu fayyaa gaarii haa kannuuf.

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
||• Obsaan Dubbisaa ....

Bara Haaraa 2023
Sammuu tee haaromsi
Karoora Kee haaromsi
Ilaalcha Kee haaromsi
Hiriyyaa Kee haaromsi
Yeroo Kee haaromsi
Gocha Kee haaromsi

Karoora Haaraa kan bara Haaraa qopheeffadhu .
Karoora Kee kan bara dabree gamaaggami .
Hojii milkeessiteef ittiin kufte adda baasi.

Kitaaba meeqa dubbifte
WAAN Haaraa meeqa baratte .
Maal fa'aan Nama garagaraa turte.
Ofiif moo namaaf jiraataa turte .

Barattee Beeytaa ...
Hojjattee Qabda ...
Wanti cimaan ati fooyyeessite maali ...
Tarkaanfii akkamii tarkaanfattee jirta ...
😊Maaltu si bira jira
Waa Hunda of Gaafadhu .
Ciminaaf dadhabina Kee hubadhu

Erga of Bartee
Amma Gara Bara Haaraa Tarkaanfadhu ...
Xiqqo
Saffisaan dabali
Karooraan dabali
Ilaalchaan dabali
Mul'ataan dabali

Bara kana keessa Gumaachaa Haaraa Tokko karoorfadhu .

Hiriyyaan Kee Barumsaan ka fagaate .
Hiriyyaan Kee Diinagdeen ka fagaate.
Hiriyyaan Kee Hawaasummaan ka fagaate
Hiriyyaan Kee Gumaachaa gaarii Hawaasa keessaa qaba .
Kitaaba Bareessee Eebbise .
Nashiidaa qopheessee Eebbise .
Bitee gurguree Bu'aa Buuse .
Fuudhee Ijaaree ilma lafaa qaba .
Deemee fagaatee Mul'ate .

Kee qalamni doomaa
Aartiin Hin jirtu
Sagaleen Kee Nama sodaachisa .
Hin fuutu Hin heerumtu
har'as asuma jirta
Baay'ee Hin baranne
Baay'ee Hin hojjanne
Baay'ee Hin Mul'anne

WAAN Abdii kutte fakkaatta
Adda baata adda galta
Adda nyaatta adda rafta
Hiriyyaa gaarii Tokkon qabdu .

Akka Loonii bakkuma si Tiisan oolta .
Akka sinbiraa ganamaan baatee galgala qullaa deebita .
Boruuf ofin qusattu
Barri hunduu si biraatti Wal qixa .
Jijjiiramni siif hawwiidha .
Haala irra jirtu kana WAAN jaalatte fakkaatta .
Carraa biroo kaasuu WAAN Hin dandeenne fakkaatta .

Baay'ee Abdii kutte
WAAN hedduu yaadaa turte
Garuu Guyyama Tokko yaaltee Hin Beektu .
Karoora qofa lafa guutta
Hojiin biran jirtu .
Baranas akkanumatti itti fufuu WAAN karoorfatte fakkaatta .
Waggaa Baay'ee hojii malee dabarsite.
Waggaa Baay'ee barumsa malee dabarsite.
Waggaa Baay'ee karoora malee dabarsite.
Haalli Kee garaa Nama nyaata .

Nama sii yaadu Hin qabdu .
Abbaan qabu WAA hin qabu
Haadha immoo imunaa Hin qabu .
Hiriyyoonni tiyya Tama Akka Tiyyaati .
Maal walii goona walirra Hin jirru.

Nama waliin dalaguuf Amala Hin qabu .
Adda bahee dalaguuf qarshii qabu.
Badee biyyaa bahuuf waa kiisaa Hin qabu
Meeti carraan Ani qabu .

Fala dhabeeti malee yaaduun naman dhibu .
Waa'een kiyya kun furmaata Hin qabuu .
Jettee ofitti WAAN haasa'aa jirtu fakkaatta .

Amma yaadu eegaltee
Rakkoo Kee barte
Sadarkaa irra jirtu beeyte .

Amma gaarii jirta ...

WAAN taate Hunda Himatte
Hanga qorichi siif barbaadamuu
Abdii gaariin eegi .
Ni fooyya'a jedhi ...
Yaalaa gaarii argadha jedhi ...
Miira gad aantii ofirra kaasi
Namni hedduun Akka kee ta'ee fayye meeqaa tam .
Atis eennuu gadii miti .
Barana bira Hin Tartu .
Rakkoo kana Hunda keessaa ni baata

Hanga yaala argattuu waan qabdu Tohadhu

Dursa sammuun fayyaa Qabda .
Qaamaan guutuudha .
Utaaluu fi fiiguu sirritti dandeetta .
Qabuu fi gad dhiisuu sirritti dandeetta .
Kortee bu'uun ka si gahu hin jiru.
Hojii humnaatu osoo hojjattee jiruu tee ni foyyeessita .

Qaamaan guutuu ta'uu wanni caale Hin jiru .
Fayyaa qabaatuu wanni caale Hin jiru.

Hojima sasalphaa wahii eegali .
Dura obsii namumaa ergami
Adeemsa hojii baradhu .
Gatii bittaaf gurgurtaa adda baafadhu .
Bu'aa argatte irraa qusataa jiraadhu .
Hundaa ol
Namummaa keetiif bakka guddaa kenni .
Qulqullina Kee tiifadhu .
Homa argite uffattee Hin deemin .
Uffata Kee San jijjiiradhu .
Ka qabdu miicadhu , filadhu , dibadhu .
Waanuma Qabduun cululuqi .
Hojjataa fakkaadhu malee hiyyeessa Hin fakkaatin .
Nama hojii fakkaadhu malee kadhataa Hin fakkaatin.

Ol jedhii deemi
Guyyaa fi Mallaqas qusadhu .
Araada fi Araadaa eegadhu
Ifaajee tee Nama Hin nyaachisin.
Hiriyyaa Kee Affeeri
Madaala kee eegaa yaadi
Amala Kee Akkanumatti jabeeffadhu .
Qarshiin xiqqoon karaa Hin badin .
Argadhe jettee akkuma argite Hin godhin .
Waa Hunda caala hariiroo Kee ka si uume waliin cimsi .
Rabbii keetiif yeroo kenni .
Kadhadhu , Isaaf buli .
Guyyaa hojjadhu , Galgala baradhu , halkan boqadhu .
Salaati , soomi , ibaadaaf bakka kenni .
Hariiroo gaarii uumaa deemi .
Maatii Kee Abdii itti hori .
Yeroo galtu waa Harkatti qabadhuu Gali .

Qullaa baatee qullaan deebi'in .

Gocha Amma rawwataa jirtu kana ji'a 6f dadhabbii malee itti fufi .
Fooyyee yoo itti argatte qorichuma deebitee siif dabala .
Fooyyee yoo argatin kan biroo jijjiiree siif Kenna .

Hanga ji'a jahaatti qoricha addaan Hin kutin.
Hamma fudhadhu siin jedhamee gadi Hin fudhatin .

Baay'eellee biran dabarsin .
Yeroo Gabaabaa keessatti Akka fayyitu Abdii guutuu qaba .

Karaa Nagaa
Wal hubanna
Lakkoofsa kanaan naaf bilbili.
Jireenya gaarii .

Kan Qopheessee said leader
@chaanala kiyya kanaaf Miseensa ta'aa https://www.youtube.com/@saidleadertube

https://www.youtube.com/@saidleadertube
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
Sahaabota armaan gadii keessaa kan maqaan isaa Qur'aana keessatti dhahame eennu___________?
Anonymous Quiz
25%
A. Umar
15%
B. Usmaan
43%
C. Zeydi
17%
D. Mus'ab
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
#Ogummaa_Deebii_Namaaf_Deebisuu

√Qoosaafii Gorsa

1-- Gaafa tokko intalli furdina qaamaa qabdu takka Baasa yaabbatte,namtichi tokko achi keessa taa'utti jira,isii ol seente argee '' Ani konkolaataan kuni waan arba fe'u hin seene '' jedhee itti iyye. Isiinis suutuma jedhaa '' Akkas miti yaa kiyyaa ! Konkolaataan akka doonii Nabi Nuuhiiti arbaafii harreellee ni numa feeti '' jettee deebifteef !!😂

2-- Namticha tokkotu nama ija hin qabne xiqqeessuu fedhee '' Yaa Aboo ! Rabbi waan tokko yoo namarraa fudhatu hikmaa namarraa fudhatuuf qabaa,si maaliif si jaamse ?'' Jedheen....
Namtichi ballaanis '' Gowwaa akka keetii kana akka ani hin argineefi '' jedheen !! 😂
   
3-- Namtichi tokko Al-Mutanabbi' nama jedhamuun ashuu (Foggoruu) barbaadee '' Yaa Aboo ! Yeroo achii as deemtu dubartii si se'e '' jedheen....
Innis tasgabbimaan '' Anis yeroo garasirraa dhufu dhiira si se'eeyyu '' jedheen !!😂

4-- Nama ija hin qabne tokkotu Intala takka fuudhe, jaartiin isaa isaan ashuu feetee '' Yaa jaarsa kiyya ! Osoo addeennaafii bareedima kiyya argitee silaa na dinqisiifatta '' jetteen...
Innis -ija gubbaatu dhaame malee tan keeysaa waan argituuf- :' Yaa jaartii tiyya ! Osoo akka jettu kana jiraattee; silaa warri ija qabu qaata si fuudhe,anaa ballaa kanaaf sin dhiisan '' jedheen !! 😂

5-- Intala akkaan fuulaan fokkattu takkatu daraggeessa tokkoon ;' Osoo jaarsa kiyya taatee ; silaa buna kee keessatti summii naqee si ajjeesa '' jetteen...
Innis '' osoo jaartii tiyya taatee yeroma sanitti ol fuudhee dhuga '' jedheen ! Jechuun- Du'aanillee taatu osoo sirraa dabree - jechuu isaati !  😂

6-- Gowwaa juhhaa jedhamuun beekamu tokkotu harree yaabbatee osoo deemu, tokko itti lallabee '' Yaa juhhaa ! Harree teetiin si beeke malee si wallaalee ture '' jedheen....
Juhhaanis :' Dhuguma ee....harreen wal hin wallaaltu '' jedheen !!😂

Inshaa ALLAAH itti fufa...
    

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa

      
➊➾ Jalqaba rabbumaaf jecha jum'aa kana dhaqa jedhanii niyyachuu.
➋➾ Qaama dhiqachuu.

➌➾ Uffata bareeda uffatuu

➍➾ Shittoo/urgooftuu dibachuu {dhiiraaf}

➎➾ Ilkaan siwaakachuu.
➏➾ Gara masjidaa yeroodhaan deemuu.
➐➾ Saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u.
➑➾ Raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu.

➒➾ Suuratul kahfiin qara'uu.
➊⓿➾ Fuulaan gara imaamaa garagaluu.
➊➊➾ Kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu.
➊➋➾Yeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu.
➊➌➾ Salawaata nabiin irratti baay'isuu guyyaaf halkanis.
➊➍➾ Ibaadaawwan akka sadaqaa, salaata sunnaa, zikrii, wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f.
➊➎➾ Salaanni jum'aa erga xumuuramee booda Rabbiin zakkara gara dalagaa deemuu.

Rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
Waggaa 1442 dura dachiin Makkaa itti dhiphattee halkan keessa dukkanaan dahatee  keessaa bahe.
Waggaa 8 booda injifannoo gonfatee waraana ofii qabatee guyyaa adiin balbala Makkaa Afraniin seene.
Amantiin gaaf-san goda dukkana 'Hiraa' keessatti namicha tokkorratti buute; Har'a ummata Biliyoona 1.8/2.2  tu itti amana.!
Minaaraan addunyaa qileefi gaara gubbaa, lagaafi sulula keessa, baddaafi gammoojjii irra, ardiilee torban addunyaa guututti sagalee ol kaaftee "Ash-hadu anna Muhammadan Rasuulullaah" (Muhammad Ergamaa Rabbii tahuu ragaa baha) jettee guyyatti yeroo 5/6 deddeebisti.!"

هُوَ الَّذِي أَرْسَلَ رَسُولَهُ بِالْهُدَىٰ وَدِينِ الْحَقِّ لِيُظْهِرَهُ عَلَى الدِّينِ كُلِّهِ وَلَوْ كَرِهَ الْمُشْرِكُونَ (33)
#Yaa_Habiballaah

•Dhugaa dha ! Ifaa fuula keetii san hin garre...
Mi'aa sagalee teetii sana hin dhandhamne.. Guyyaa gaafa badrii si wajjiin hin turre...Gaafa uhud sibira hin jiru...!
Seyfii baadhee duraa duuba kee hin eegne...
Galaa gaafa hijraa fuudhee goda hiraa'atti siif hin finne...
Eeyyan !! Ani "Anas bin maalik" miti , kan khaadima kee ture.
Ani "Umar" miti kan dagalee tee tahe.
Ani "Bilaalii miti" kan sagalee kee tahe.
Ani '' Abuu Bakrii " miti kan gaafa addunyaan "ni sobda '' siin jette '' Dhugaa dubbatte " kan siin jedhe.
Ani '' Hamzaa miti...khaalid miti..Ani Usmaanii miti.. '' !
Muhaajira makkaa tahee,si duuba hin godaanne..
Ansaara yasrib madiinaa teetii tahuuf carraa hin arganne,ofitti sin ammanne!
Ani garuu tokkicha waggaa 1442 booda addunyaa tanatti dhufee karaa keetiin badhaafamee jaalala keetiin qabame !
Karaan ati irra hin bahin anaaf dukkana...
Faanti hundi faana jahannam galchitu faana tee malee tan jannata geessitu...
Shafa'aa keetiin jaalalleen kee ilaahiin na haa dhaqqabu....
Yaa bareeda bareedumni biratti qaanfate...
Farda kooraa kee hin qabne,farda lugaama kee hin qabne hin yaabbadhu. Qilee na buusa...
Laga sirraa hin burqin hin dhugu. Qalbii na gogsaa...
Sarara ati taraarte malee sararri kuun anaan atantara!
Fidaakha hayaatii wa umrii !

Yaa irra urgaayaa banii aadam biyyee lafa madiinaa keessa ciisu Nagayaafii faaruun Rabbii sirra haa jiraatu !

اللهم صلى على محمد وعلى آل محمد، كما صليت على إبراهيم وعلى آل إبراهيم في العالمين إنك حميد مجيد....

Salluu Aleyhi !!

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
Gaafa duuti dhufte, yeroo harki kufe, gaafa ruuhiin kokkee geette, ijji gara samii ol kaate, arrabni afaan keessatti jallate, hidhiin goggooyde, hiddi wal gadi dhiise, qabbanti miilaan ol eegalte, mogoleen walitti maramte, qaamni hundi hiikkate,  Rahmata nuuf godhi, harka kee nurra qabi, dhudha'a bishaanii nuuf godhi!
Yaa Allaah !!

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
Jiilli I/A perezdaantii mana marichaatiin durfamu Sa'uudii Arabiyaatti qajeele.

Jiilli I/Aanaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Abdul-Aziiz Abdul-Waliitiin duurfamu kan miseensonni hoji raawwachiiftuu mana marichaa keessatti argaman sirna hajjii bara 1444/2015 irratti marii taasisuuf gara Sa'uud Arabiyaatti imaleera.

Jiilichi dhimmoota hajjii bara kanaatiin walqabatan irratti ministeera hajjiifi umraa Sa'uudii waliin marii bal'aa taasisaan eegama. Mootummaan Sa'uudii sirna hajjii bara 2023 raawwachuuf hujjaajota biyyoota adduunyaa guutuu irraa garas deemaniif haala mijataa uumuuf yaadotaafi qophiilee haaraa qopheesse yeroo ifa godhuttiifi marii taasisu eekispoo hajjii 2023 jiilli kun kan hirmaatu ta'uun kan ibsame yoo ta'u hujjajota Itiyoophiyaatiifis hojmaata mijataa uumuuf qaama dhimmichi ilaalu waliin marii kan taasisu ta'uu isaa manni marechaa beeksiseera.

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
Abbaan gaaddisa qalbiiti, utubaa jiruuti, hiriyyaa ajabaati, dallaya nagayaati, dhiyana qalbiiti, ogeessa jiruuti, madda abdiiti, barsiisaa jalqabaati.
Bal'inni addunyaa kanaa bal'ina qalbii abbaa hin gahu, inni tokkocha lammaffaa hin qabu, yoo inni biyyee keessa fagaate namni bakka bu'u hin jiru, gatii isaa qubeen barreessuu dadhabde, arrabni afaan keessatti gaggabe, gaafa seequun isaa manaa dhokatte ifaa jiruutu dhaama, nama isa dhabetu gatii isaa beeka, tana warra gaaddifni abbaa irra jiruuf dhaama!

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
"Samiin Urjiidhaan bareeddi, dubartiinis adabaan/naamusaan bareeddi"

Dubartiin adaba hin qabne; miskii foolii hin qabne!! Bareeduma isii caala adaba isiitu nama harkisa!
Adaba isiitiin Nabi Muhammad irraa makmaakanii akkas jedhan:" Dubartii idaayyaa (Mushurraa) caala qaanfata"

صلى الله عليه وسلم

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Wanti dachii irra jiru hundi waan zalaalam turuu miti. Dhihotti godaanuuf jira. Waan tana yeroo hunda of yaadachiisi. Nuti hundi imaltuu irra jirra. Qubsuma keenya bira hin geenye. Qubsuma zalaalam biraa hin sochoonetu nu eeggata. AAKHIRAADHA. Kanaafuu waan ammatti dhufaa dabruun of dhiphisuu haa dhiisnu. Fuulduratti haa tarkaanfannu. Waan ajaa’ibaatu nu eeggataa jira. Isaaf haa qophoofnu.

JANNATA… JANNATA… JANNATA

Rabbi galmee warra jannataa keessatti isin haa galmeessu

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫)
Yaa Abbaa Faaximaa!
Ani si qofa beeka; nama osoo lubbuun jiru samii torban qaxxaamure!
Ani si qofa beeka; Nama Rabbi maqaan yaamuu irraa of qabe!
Ani si qofa beeka; nama gaafa qabrii seenan irraa gaafataman!
Ani si qofa beeka; nama Rabbi jiruu isaatiin kakate!
Ani si qofa beeka; nama ummatni isaa hundi jannata galu!
Ani si qofa beeka; nama mukni jaalala isaa irraa itti booye!
Ani si qofa beeka; nama dhagaan salaama irratti qara'e!
Ani si qofa beeka; nama ambiyoota guutuuf dura taa'aa tahe!
Ani si qofa beeka; nama bareedumni hundi irratti dhangala'e !
Ani si qofa beeka; nama kolfi isaa, booyichi isaa, nyaatni isaa, hirribni isaa, teessumni isaa, deemsi isaa, jiruun isaa hundi shari'aa Rabbiin  ittiin gabbaru naaf  taate !

Yaa taliila jaliil khalaqe! Ulee tee, kophee tee, uffata kee, rifeensa kee, gorora kee, hundi kee natti mi'aaya, natti urgaaya...
Jaalalli kee na keessatti ititee atoote! Yaa misa jiruu tiyyaa, yaa barsiisaa iccitii uumama kiyyaa, Situ lubbuu tiyyarra natti aane !!

Ani gatii hin qabu, gaafa maqaan kee gatii dhabe, ani bu'aa hin qabu, gaafa maqaamni kee bu'e!
Yaa Rabbi! Karaa isaa irratti qaama kiyya wareegi!

اللهم صل على محمد.....

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Morad_ko_bot
Channel #Dr_Zaakir_Naayik Afaan Oromootiin Argachuuf join godhaa irraa fayyadamaa 👇👇
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫 彡)
Sheikh Jaabir Al Bissiisii jedhama. Daa'ii jaalamaa biyya Sa'uudiiti. Sirna Umraa raawwatee osoo gara ganda isaa galaa jiru,maatii isaa torba wajjiin balaa konkolaataan dhuman.

Musiibaa haalaan hadhooftuudha. Guyyaa tokkotti hiddi maatii tokkoo guututti duniyarraa buqqa'e. Manni guutuun golaafi hagichi galgala tokkotti dukkanaa'e.

Duniyaa jechuun isii tana !!!

RABBIIN isaafii maatii isaa hundaa Jannata haa kennu.
Firaa fi hiriyyoota isaa hundaaf obsa haa kennu.

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫 彡)
#YAA_RASUULALLAH

Mootiin Aalamaa "Ani jiruu teetiin kakadhe "siin jedhe  QUR'AANATTI!
Dhakaan " Assalaamu Aleeyka "siin jedhe MAKKATTI!
Foon waddamee bilchaatee ciinca'e "Ani summii qabaa nan nyaatin " siin jedhee gumgume KEYBARITTI !
Xirracha dhagaatu harka keetitti " Subhaanallaah "jedhee sitti xiixe MADIINATTI !
Yeyyiitu  "Ati kana hin ajabin...kan ajaban Muhammadii madiinaa taa'ee waan dabreef dhufu himu " jedhee lallabe tiksee re'eetti GAARATTI !

Anis: Yoomuu kirrii hariiraatiin wixinee dubbii teetii hodhuu hin dhiisu...

Eela sammuu qotee: jecha qalbii qabbaneessu keessa gadi bu'ee ol waraabuu hin hifadhu...

Yoo nama biroo irraa dubbadhu: mataa koo cuunfee waan isa hin fakkaanne barreessa...

Yoo sirraa dubbadhu garuu: dubbii hin dhabu, yoo dubbiin of dhabde malee!...
Kanaaf alaan'alee waa tarreessa...

Maaltu akkana si ibse fuulaan?! Maaltu akkana si bareeche haalaan?! Numa si uume JALLA WATA'AALAA!

Yoo waan ati taate dubbatuuf yaadu; jechi qaanfatee afaanitti dida...
Yoo sirraa barreessuuf ka'u; qalamni imimmaan fixatee kufa...
Dubbii dadhabee gaafa garii imimmaanitti hafa...

Akka duniyarraa godaantee jaarraa 14 tarkaanfatte: garuu ati hanga har'aa SAYYIDA Aalamaati!

Kan yoomuu na boonsu:
Uummata ati hooggantu keesatti ramadamuu kooti!

ٱللَّـﮬـُمَّ صـَلِِّے وَسَلِّـمْ وبارك ؏َـلَے نَبِيِّنَا مُحَمـَّدْ

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫 彡)
Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa

      
➊➾ Jalqaba rabbumaaf jecha jum'aa kana dhaqa jedhanii niyyachuu.
➋➾ Qaama dhiqachuu.

➌➾ Uffata bareeda uffatuu

➍➾ Shittoo/urgooftuu dibachuu {dhiiraaf}

➎➾ Ilkaan siwaakachuu.
➏➾ Gara masjidaa yeroodhaan deemuu.
➐➾ Saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u.
➑➾ Raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu.

➒➾ Suuratul kahfiin qara'uu.
➊⓿➾ Fuulaan gara imaamaa garagaluu.
➊➊➾ Kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu.
➊➋➾Yeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu.
➊➌➾ Salawaata nabiin irratti baay'isuu guyyaaf halkanis.
➊➍➾ Ibaadaawwan akka sadaqaa, salaata sunnaa, zikrii, wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f.
➊➎➾ Salaanni jum'aa erga xumuuramee booda Rabbiin zakkara gara dalagaa deemuu.

Rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫 彡)
QAAMA NABIYYICHAA

         Kutaa 1ffaa   

•Fuula Ergamaa RABBII ﷺ

Fuulli Ergamaa RABBII ﷺ adii bareedaadha, geengoo tahee bifa cululuqaa xaliila qabu kan bifa diimaan wal makatee fi akka ji'a halkan goobanaa kan calaqqisuu ture, yeroo gammadan; buburreen fuula isaanii duumessa calaqqee qabu kan aduun keessaan gadi baatuu fi akka waan murni ji'arraa citee lafa tanarraa ifuutti bareeda!
Dhugumatti osoo tasa karaa irratti sitti dhufanii: waan biiftuun aduu gaara duubaan sitti baate fakkaatu!
Bareedinni fuula isaanii yeroo dafqan: akka waan faayaatti calaqqisee ija hawata! Wallaahi fooliin dafqa sanii miskii irra akka urgaahu warra ulatee fuunfatetu nuuf hime ﷺ

Yeroo dallanan: fuulli isaanii akka waan maddii/boqoo isaanii keessatti firiin rummaanaa cabdetti diimata,
Dallansuun isaanii yoo daangaan RABBII caphe qofa !!!

Funyaan isaanii gubbarraa hanga qacceetti wal qixa, qacceen isaa waan qara qabu fakkaata!
Ergamaan RABBII ﷺ Mallaan ykn maddiin isaanii lameenuu wal qixaafi bal'oodha, rifeensi jala ijaatiif gubbaa isiitti biqilu ykn laboobni haalaan bareeda, nyaarri ija gubbaas golboo tahuu wajji ni qal'ata, garuu wal hin tuqu. Qorattoonni seenaa gariin akkas jedhu;" nyaarri isaanii lameen wal tuqa, ijji isaanii lameen babal'oodha, addeenyi ija lamaanii xiqqo diiminaan wal makata, gurraachominni qarayyoo cimaa tahuu wajji, nyaarri isaanii baayyeefi dheeraa dha, osoo argite osoo hin kuulatin waan kuulatan fakkaatu " ﷺ

Ergamaan RABBII ﷺ konkanni isaanii ol fuudhamaa dha, bareedina keessa ifatu irraa mul'ata, gurri isaanii lachuu guutuu dha, afaan isaanii xqqo bal'ina qabaachuu wajji akkaan bareeda, kaarruun isaanii adda bahee mul'ata, garuu akkaan ifa jedhan kaarruun, yeroo seeqatan ilkaan isaanii cabbii nuura ykn ifaa of keessaa qabdu fakkaatti! Yeroo dubbatan waan kaarruu san keessaan ifaan gadi calaqqisu fakkaata! Akkasumas dhooqa mormaatiinis irra bareedaa namaati, ibriiqa warqee irraa dalagame fakkaata, areedni isaanii guutuu tahuu wajji gurraacha ture, qaccee gurraa irraa hanga qaccee gurra kaaniitti guutee biqile, akkasumas morma isaanii guuttee
dhoksiti  ﷺ....
Fuulli isaanii Full tahee khalaqame!

Inshaa ALLAAH itti fufa...
___
Asheetaafi bareeda lubbuun bira hin dabartu! Bareeduma kana SHARE godhi

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (𝐅𝐚𝐧𝐳 𝐖𝐚𝐳𝐢𝐫 彡)
BAREEDUMA NABIYYICHAA
          Kutaa 2 ffaa 

Mataa, Mormaafi Rifeensa
Ergamaa RABBII ﷺ

Ergamaan RABBII ﷺ buqqeen mataa isaanii guddaa dha, akkasumas morma dheeratu, mormi isaanii dheerina irraa quluu meetaa fakkaata, ykn meeshaa ilkee arbaa irraa dalagamu kan akka addunyaatti bareedumaan leellifamu san fakkaata!

Goofareen mataa isaanii hanga walakkaa gurraa gadi bu'a, ykn gurra isaanii lamaan liqimsa, yeroo garii gurra lamaan irra gadi dabree ceekuu isaanii irra gadi ciisa. ﷺ

Halluun rifeensa isaanii gurraacha qulqulluu dha. Uumamni rifeensaa akkaan luuccaas miti, qiciicaa goggogaa sanas miti, giddu galeessa matarraa gadi diriiru ture. Erga gara madiinaa galanii osoo hin ciratin gaafa taatee Hudeeybiyyah san akka haadatan himama! Achi boodas gaafa bara (Qadaa'ul-Umrah) fi (Hajjatal-Wadaa'i) akka ciratan gabaasni seenaa ni addeessa! ﷺ

Rifeensa sammuu isaanii irraan biqile keessa xiqqo addeen muraasa tahetu jira, garuu akkaan xiqqaadha, hanga arriin/har'iin mataafii areeda isaanii keessatti biqile digdama (20) hin dabarre takka jedhan! Uumaa rifeensa mataa isaanii keessa yuuba xiqqoo takkatu jira, rifeensa mataafi areedaa yeroo yerotti filuun miidhagina isaanii eeggachuu turan, rifeensa mataa isaanii bakka lamatti adda baasuu gargaratti ciibsu.ﷺ

Yeroo isaan rifeensa ciratan; sahaabonni isaanii rifeensa isaanii barakaadhaaf fudhatanii guduunfatu, isaanumtuu gaafa Hajjatal-Wadaa'i Abuu Xalhaa yaamanii akka inni rifeensa isaanii fuudhee raabsu ajajan! ﷺ

Khaalid Bin Al-Waliid (Rabbi isarraa haa jaalatuu) rifeensa isaanii kan gara sammuu irraan biqile fudhachuun;" Takkaa waraana tokko keessatti osoo rifeensi suni na wajjiin jiru injifannoo goonfadhu malee hafee hin beeku " jedha!

Gariin garbuu keessa, gariin kubbaayyaa keessa kaa'ee bishaan saniin dhukkubsattoota yaala, gariin gaafa duniyarraa deemuuf ka'e: rifeensa isaanii qaamatti aansanii akka awwaalan dhaamata, gariin mana keessa kaa'ee barakaa ittiin RABBIRRAA BARBAADA...

Akka kitaaba سير أعلام النبلاء  fi kitaaba biroo keessatti galmaa'etti: Imaamu Ahmad rifeensa Ergamaa RABBII ﷺ hangi muraasni takka isaan dhaqqabdee jirti, yeroo dhukkubsatan bishaan keessa cuuphanij copha saniin of yaalaa turan. Gaafa garii rifeensa san fuudhanii dhungatanii ija gubbaa kaayatanii " Fidaaka Abii Wa Ummii " jedhan..."

HUB:  Qaamota Ergamaa RABBIITIIN  ﷺ   kan akka rifeensaa, hancufa, qeensa fi  k.k.f Barakaa RABBIRRAA barbaaduun akka hayyamamu Ergamaan RABBII    ﷺ  yeroo sahaabotaaf rifeensa qoodan ragaa dha. Barakaa RABBIRRAA haa barbaadaniif malee rifeensi haa nyaatamuuf miti! Sahaabotnis kanuma hubatuun itti dalagaa turan. Garuu bara keenya rifeensi Ergamaa RABBII   ﷺ  ragaa qulqulluudhaan kan argame waan hinnjirreef; namoota waan akkasiitiin deeman irraa of eeggachuu qabna!

Inshaa ALLAH itti fufa....

___
Bareedaa aalamaa kan yoo hordofan addunyaaf aakiratti bareedan kana SHARE waliif godhaa.

اللهم صل وسلم على نبيك وحبيبك محمد...!!

🌺ʝσιи🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
2025/06/29 19:03:52
Back to Top
HTML Embed Code: