Eeee miskiin wallaa ๐Ÿ˜„
#Bale_Roobee
#Sh_Amiin #Ibrooo

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‚ท)
Sheikh Sa'iid Ahmad Musxafaa dhukkubni itti jabaachuu irraa kan ka'e, Galgala kana Yaalaaf gara Biyya Turkiyaa Magaalaa Istaanbuul imalaa jiraachuun dubbatamaa jira.

Nama dadhabbii seena qabeessa ummata Itiyoophiyaa irraa qabu kanaaf yeroo tokko Qalbii irraa du'aa'ii haa goonuufi..


ุงู„ู„ู‡ู… ุฑุจู‘ ุงู„ู†ู‘ุงุณุŒ ุฃุฐู‡ุจุงู„ุจุฃุณุŒ ุงุดู ูˆุฃู†ุช ุงู„ุดู‘ุงููŠุŒ ู„ุง ุดูุงุก ุฅู„ุง ุดูุงุคูƒุŒ ุดูุงุกู‹ ู„ุง ูŠุบุงุฏุฑ ุณู‚ู…ู‹ุง...

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‚ท)
#Guyyaa fuulli fokkatu Isin haa bareechu.

#Guyyaa namni salphatu Isin haa milkeessu.

#Guyyaa namni booyu Isin haa gammachiisu.

๐ŸŒบjoin๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‚ท)
Ilmi Abbaa keetii maal siif taha?
Anonymous Quiz
6%
A. Abbeeraa
7%
B. Durbii
86%
C. Obboleessa
2%
D. Obboleetti
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Fuula namummaa (Humanity) yoo laaluu barbaadde Fuula Ustaaz Raayyaa Abbaamacca  arginaan gahaadha.

Nama namaaf dhalate yoonin jedhe waanin sitti xiqqeesse natti fakkaata. Ati nama namoomaaf dhalate.

Goota yeroo kamuuโฃ๏ธ

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Halkan salaata subhiitiif hin Azaanamne ni beeytaa?!

Mee dubbisi..
Halkan hunda keessatti salaata subhiitiif Ni'azaanama. Garuu halkan tokko kan salaata subhiitiif hin azaanamneetu jira, Inniniis Halkan malaa'ikoonni sitti dhufanii Rabbiin kee eenyu? Amantii tee
maali? Nabiyyiin kee eenyu? Jedhanii sigaafatani..
?

Halkan malaa'ikoonni sitti dhufanii, Yaa ilma namaa gaafa dhalattu dilii cufarraa qulqulluu (bilisa) turte. Hardha garuu qaamni kee guutuun diliidhaan guutamee jira siin jedhani...!
Halkan Dalagaan tee si bohaarsitu...!
Halkan yoo addunyaarratti keyrii hojjattee jiraatte, hulaa jannataa siif banani, Firaasha jannataa siif afani, Qabrii tee siif ballisanii, Dukkana qabrii siif ibsani...!
Halkan aduun iddoo duraan seenteen (dhiiteen) deebitee baatu...!
Halkan san keysatti ija rahmataatiin rabbi nuhaa laalu.
Dukkana qabrii rabbi nuuf haa ibsu..
Rakkoo, fitinaa fi azaaba qabriirraa najaa nuhaa baasu!


๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
JALLINA ILMAANIITIIF KANNEEN SABABA TA'AN KEESSAA...

1/ Haadhaaf abbaa jidduu rakkoon jiraachuu. Yeroo haadhaaf abbaan wal lolan kan jiddutti wareegamu ilmaani!

2/ Hiyyummaa daangaa dabree nama dhamaasu. Ilmaan balaa beelaafii hanqina jireenyaatiif saaxilaman; jallinaafi badiif harka laatu.!

3/ Durummaa daangaa dabree nama quubsu/qooqsu. Ilmaan qananii keessatti dhalatanii guddatan yoo eeggumsi hin godhamneef jallinaaf baay'ee saaxilamu, qabeenyi sirnaan hin qabamne qalbii ilmaanii gogsa!

4/ Ollaa badaan mudamuu. Ollaan abbaafi haadha lammaffaaa jedhama, yoo ollaan suni ollaa beekkumsa,aadaafi safuu hin qabaanne, dallaya gubbaan summiin isaanii ilmaan namaa dhaqqabuu danda'a, kanaafuu "Osoo mana hin ijaarre: ollaa fili " jedhama!

5/ Hawaasa jallinaan faalame keessatti dhalachuu. Hawaasni amantii fi namummaa fixate, kan harki aduwwii itti seenee karaa irraa isaan dabse: ilmaan jallisuu keessatti shora guddaa taphatu! " Bishaan biyyee irra yaa'u fakkaata " akkuma jedhamu," Namni ilma naannoo isaatis jechuunis ni jira! Magaalaa keessa jiraatan ilmaan ofiitiif filuunis gaarii dha.

6/ Hojii ykn barnoota malee taa'uu. Kun sababa jallina ilmaanii qofa osoo hin taane; rakkoo addunyaa keenya kanatti dhukkuba hamaa taheedha. Keessattuu ilmaan lafaa dhufaa jiran sammuun isaanii barnootaafi hojii maleen yoo guddate; akka ooyruu osoo qotanii ittin facaasin bultee dobaan guuttamuun bosona raammoofi ibliisotaa taatee haftu taha!   Sammuun barnootaafi  hojii hin qabne biiroo sheyxaanaati ! Kanaafuu umrii warqii sammuun xaliilaa kana barnootaan akka faayuu qabnuufi ilmaan keenya umrii isaanii waan bu'a-qabeessa taheen qabuu qabnu isiniif dhaamna!

* Qabxiiwwan armaan olitti kaafaman hunduu: akkuma bu'uura jallina ilmaanii tahan, yoo tolfamanii qajeelan sababa qaceeluma ilmaan keenyaa ni tahu!

Itti fufa Inshaa Allah

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
#Miiraas #1

Sagantaan kuunnooti jennee iddoo biraatti hawwaa turre kunoo ta'ee Ulamoota fi shabaaba qe'ee tennaatiin nuuf qophaawee dhufee jira maarree nu hunduu sagantaa kanarratti argamnee akka irraa fayyadamnuun dhaamsa kiyya ๐Ÿ™๐Ÿฅฐ๐Ÿ™.

#Miiras1
#Alrisala1

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Oduu Ammee

Baatiin Ramadaanaa bara 1444 qoranno Mootummaa Sa'uudiitiin godhame addeessa waan arguu hin danda'iniif,
Kanaafuu Soomni kabajamaan Kamiisa Amajjii 23 (March 23) tokko jedhee kan eegalu taha jechuun balbaloomsee jira. 

RABBIIN warra dhaqqabee Soomu nu haa godhu.

Maddi: Haramain Sharifain irraa.

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Baga Geessan !!

Baatii Rahmataa...Baatii Araaramaa!
Baatii; akka Ambulaansii dhukkabsattoota qalbiin dhaamte fuutu!
Bidiruu galaana fitnaa addunyaa irra nuun ceetu!

Kiniinii soddoma (30) akkuma waggaatiin liqimsinu!

Laga al-takka nu keessa yaa'ee keessaaf gubbaa nu dhiqu!
Hospitaala
dhibdeen:hawaasummaa,hiyyummaa,ilaalchi dabe keessatti yaalamu!

Gaaraajii meeshaan iimaanaa nu keessaa caphe itti sirreeffannu!

Baabura warra kaardii jannataa murate fuudhee gara aalama milkiin imalu!

Saamunaa qalbiin dhoqqooftee ittiin taliiloftu!

Duumessa roobaa kan qalbii gubatte qabbaneessu!

Miidhaginni baatii Ramadaanaa baatii 12 keessaa,akka ilmaan Nabi Ya'aquub 12 keessaa miidhagina Nabi Yuusufi !
Eelatti hin darbinaa...
Mallaqa xiqqoon hin gurgurinaa...
Fuutanii hidhaa gaflaatti hin hidhinaa..
Ofii baddanii isa hin komatinaa...

Baatii quuqa isinirraa buqqiftu,imimmaan isinirraa haqxu,dheebuu qalbii isin baaftu,rakkina iimaanaa isin furtu,hanqina rizqii isin baraartu,tan ibiddarraa isin bittu,tan galmee jannata keessa isin ramaddu isiniif haa taatu!

Irra deebi'uun Baga Geessan Ummatoo!

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Robe Humanity Center๐Ÿ“ข (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
#Ibaadaawwan Ramadaana keessaa.

#Muslimoota hundaafuu ji'a kana keessa gosoota ibaadaa kan akka salaata sunnaa, Qur'aana xinxalaafi hubannoo waliin qara'uu, tasbiiha, tahliila, tahmiida, takbiiraa, istighfaara, du'aa'ii sharii'aa.

Gaariitti ajajuu, hamtuu irraa dhorguu, gara Rabbiitti waamuu, dhabeeyyiifi hiyyeeyyii irratti ballisuu.

Haadhaafi Abbaatti tola ooluu 
keessatti qabsaa'uu, firooma fufuu, ollaa kabajuu, dhukkubsataa gaafachuufi wantoota biroo gosa khayrii irraa ta'e keessatti qabsaa'uun karaa godhameera.


๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@robehumanity
@robehumanity
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Ramadaanni Birraa Raayyaati!
Manzuumaa 36ffaa
Sagalee akka nadhii...
Ergaa akka qorsaatiin dhufaa jira jedha...
Du'aa'ii isinirraa fedha Ustaaz Raayyaan______

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
#Baatii_Ramadaanaa

โžฌ #Baatii kana keessa duulli Islaamaa guddaan, duulli isa keessa Amantiin Islaamaa mataa ol qabatee shirkiin dachee jala lafa lixxe argame.
Duulli kunis #Gazwaa_Badrii jedhama.

โžฌ #Baatii kana keessa Banaan guddaan kan sababa isaatiin Rabbiin #Beytal_haraamiin xurii irraa qulqulleesse, kan sababa banaa kanaatiin ummanni miliyoona hedduun lakkaawaman Amantii Islaamaa keessa seenan, baatii Ramadaanaa keessa argame. Innis #Fathii_makkaa jedhama.

โžฌ #Baatii kana keessa ummanni Muhammad ๏ทบ waa shan kan ummanni asiin duraa hin kennamin keessa kennamte, isaanis maali ?
itti fufa....

T.me/alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ jr)
Godina Baalee Magaalaa Dalloo Mannaa Jiraatu!.

Ilmi isaanii kan hangafaa karaa Galaanaatiin deemee galaanatti jalaa du'e ๐Ÿ˜ญ

Haati Warraa Isaaniis Dhiheenyuma Kana Jalaa Boqatte ๐Ÿ˜ญ

Ilmi Isaanii Kan Biroos Karaa Galaanaa Deemee Isa Ceesisuudhaaf Birrii Miiliyoona Tokkoo fi Kuma Dhibba Sadi (1300,000) Itti Baasan.

Isa Kana Immoo Barsiisanii Konkolaataa Isuzu fe'aa qaban gurguranii Pharmacy bananiif...

Amma kunoo innis dhibee Kalee dhibamee kaleen isaa lamaanuu sababa hojii dhaabdeef Magaalaa Finfinnee Hospitaala Ethio-Tebib jedhamutti yaalchisaa turan.

Ilmi isaanii Abdulbaasix Aliyyii kuni koomaa keessa waan tureef Kutaa ICU keessa ciisee yaalamaa ture birrii kuma 300 itti baasan...

Ammas kalee isaa kana dhiquudhaaf torbaniin birrii kuma 12 kafalaa jiru.

Kalee isaa jijjiiruudhaaf biyya Turkiye deemuu akka qabanii fi kanaafis birrii miiliyoona 2.7-Miiliyoona 3 akka isaan barbaachisutu itti himame.

Amma Mana tokkicha qabu gurguradhee isa yaalchifadha jedhanis manni isaanii gatii gaafataman kana isaaniif hin baasu...isinis irratti na gargaaraa jedhanii saba isaanii waammataa jiru...

Kanumaaf ummatni oromoo na gargaaraa jedhaa jira!.๐Ÿ˜ญ

Rabbiin qormaata akka malee jireenya keessanitti hin fidinii namni Rabbiin isiniif laaffise haa gargaarruun!.๐Ÿ˜ญ

Kan hin dandeenne Share gochuun namoota gargaaran biraan haa heennuuf!.๐Ÿ™

Baankii Daldala Itiyoophiyaa (แŠ•แŒแ‹ต แ‰ฃแŠ•แŠญ)

1000095186778
Aliyyii Huseen Leencoo

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
โœŒ
2025/06/29 10:37:59
Back to Top
HTML Embed Code: