Iid Mubaarak!
Taqabbalallaahu Minnaa Waminkum.
عيد مبارك تقبل الله منا ومنكم!
ዒድ ሙባረክ ተቀበለላሁ ሚና ወሚንኩም!
Taqabbalallaahu Minnaa Waminkum.
عيد مبارك تقبل الله منا ومنكم!
ዒድ ሙባረክ ተቀበለላሁ ሚና ወሚንኩም!
Iida guyyaa har'aa Istaadiyeemii Finfinneetti akkasitti salaanne. Kan baranaa kan hegeree jenneerra. Rabbi nurraa haa qeebalu.
Yaadachuudhaaf:
Imaam Al-Bukhaariin sababa inaaffaa beekamtii osoo bakkaa bakkatti ari'amuu guyyaa Iida Alfaxrii bara 256 hij. cinaa karaatti du'e. Ilmiin isaa hanga har'aatti itti fufe. Warri isa ari'e seenaan isaanii ni awwaalame. Addunyaan tokkollee khayriin isaan hin dubbatu. Garuu Muslimni addunyaa guutuu Bukgaariif du'aa godhaa oolu.
Rabbiin faana keenya haa tolchu.

Sooma Shawwaal osoo boruma jalqabdanii filatamaadha.
★★★★★★★★★★★
فعن أبي أيوب الأنصاري رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: "من صام رمضان ثم أتبعه ستاً من شوال فكأنما صام الدهر كله" رواه مسلم.
Abuu Ayyuub Al-Ansaarii irraa odeeffamee (RA) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa ja'a isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase.

Gaaffilee Ustaaz Ahmaddiin Jabal kaase kanneen xiyyeeffannaa gaafatan, ummanniifi mootummaan itti xiyyeeffatanii furuu qaban keessaa:
1. Dhimma salaata Jumu'aa ilaalchisee barattootaafi hojjattoota mootummaatiif furmaata ifaa barbaachisa. Namni mana barumsaa keessa ture rakkoo isaa sirriitti beeka.
2. Hijaabni barattoota Muslimaa Itoophiyaa keessatti gaaffii seeraan deebii argachuu qabuudha. Sababa hijaabaa qofaaf elemantarii jalqabee hanga Yuunivarsitii shamarran Muslimaa rakkoo isaan irra ga'u himamee hin dhumu.
Ni yaadattu yeroo barsiisonni baalageen hijaaba ijoolleetiin gabatee gurraacha haxooftu.
3. Rakkoon salaataa kan manneen barnootaafi yuunivarsitii keessaa furmaata argachuun dirqama. Hanga qormaanni ga'uun ijoollee Muslimaa irratti hagam burjaajiin akka uumamu walumaan beekna.
4. Dhaabbilee mootummaa adda addaa kanneen akka daandii xiyyaaraa dabalatee dambiilee Muslima dhiibu baasanii akka Muslimni carraa dhaabbaticha keessa hojjachuu hin arganne gochuun sirreeffamuun dirqama.
Gaaffileen kana fakkaatan baay'eedha. Isa amma Ahmaddiin kaase mootummaan sirriitti ilaalcha keessa galchuudhaan furmaata itti kennuu qaba. Miidiyaaleen keenyas kanarratti osoo xiyyeeffatee gaariidha. Rakkoo barattoota keenya irra ga'aa ture kana ni yaadattu mitii?

This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🔴 የመንግስት ቢሮዎች ላይ የሙስሊሙ ቁጥር ለምን አናሳ ሆነ?
Waajjiraalee mootummaa keessatti lakkoofsi Muslimaa maaliif xiqqaate?