Telegram Web Link
Qilleensi gaara hin sochoosu; garuu abaaboo raasee mul'isa. Ati akka gaaraatti dhaabbadhu. Yoo raafamtes akka abaabootti urgaa'ii bareedi.
Namicha tokkotu Imaamu Maalikitti dhufee siin falmuun barbaada jedhe.
Imaamu Maalik "yoo na injifatte akkam taana?" jedheen.
Namichis "na hordoftaka" jedhe.
Imaamnis "yoo ani si injifadhe hoo?" jedhe.
Namichi "sin hordofa" jedhe.
Imaamnis "yoo namni sadaffaan dhufee nu lamaan injifate hoo?" jedhe.
Namichi "isa sana hordofnaka" jedhe.
Oggas Imaamu Maalik "hanguma namni falmii danda'u dhufuun ajaja Rabbii dhiifnee isa hordofnaa? Islaamni ajaja Rabbiifi Ergamaa Isa jala deemuudha malee nama falmii injifate jala deemuu miti" jedheen.
Isin kanarraa maal barattan?
Ni'imaa (tola) Rabbiin nuuf kenne sagaltamii sagal dagannee tokkicha nu hanqate barbaachatti gaddaan umurii fixaarra.
*******
Rabbiin galateeffachuun qajeelfama Islaamaa bu'uura keessaa isa tokko. Garuu baay'een keenya ni'imaa Rabbii kumaatama dagannee rakkoo nu mudate qofa yaadannee gaddina. Gadda baay'isuun addunyaafi aakhiraa keenya balleessa malee homaa nuuf hin tolu.

Mootiitu ministeera isaatiin "maaliif yeroo hunda khaadimni kiyya hiyyeessi homaa hin qabne kun gammadee ani osoon qabeenya guddaa qabuu ofitti gadda?" jedhee gaafate. Ogga kana ministeerichi "mee qajeelfama sagaltamii sagaliitiin isa qormaatii ilaali" jedhe.
Mootichis "qajeelfamni 99 maali?" jedhee gaafate.

Ministeerichis "hulaa khaadimichaa irra diinaara 99 kaa'ii gubbaa isaatti diinaarri 100 kun kennaa keeti jedhii barreessi" jedheen.

Khaadimichi yeroo argu diinaara kana gammachuun fudhatee ol galee lakkaa'e. Yeroo kana 99 ta'e. Tokko eessa dhaqe jedhee barbaaduu jalqabe. Mana keessaa dhabanii maatiin hundi bakkeetti ba'anii barbaaduu jalqaban. Osoo isa barbaadanii hirriba malee bulan. Maatiinis wal shakkee walitti dallane. Khaadimichi ilmaan isaatti aaree gadde. Ganama yeroo mootii bira dhufu hirriba malee bulee fuula guuraa dhufe.

Achumaan mootichi edaa nutis ni'imaa 99 Rabbiin nuuf kenne dagannee tokkittii Rabbiin nuuf hin murteessin barbaacha gaddatti umrii fixaarra jechuu hubate.

Kanaafuu hin gaddin Rabbumatu jira. Hanga dandeesseen hojii bareedaa hojjataa jireenya keetti gammadi; bashannani.
Ati kolfitus boossus jireenyi ittuma fufa. Yaaddoofi gadda homaa si hin fayyadneen of hin miidhin.
Muddamuun rakkoo borii siif hin hiiku; garuu gammachuu harraa si jalaa hata.

Suuraan kee akka nama biratti toluuf jecha yeroofi humna kee hin fixin; ijji baay'een waan feetu qofa keessaa filattee ilaalti.

Jalqabbiin jireenya keetii ulfaataa yoo ta'e dhumti isaa gaarii ta'a. Karaan milkii hunduu rakkisaadha; bu'aa bahii baay'ata. Rakkoon har'a si mudate bor nama cimaa godhee si dhaaba.

Taateen kamuu ni darba. Gammachuunis cinqiinis ni dhuma. Hunduu dhufee kutee seenaa ta'a. Kanaafuu gadduu hin barbaachisu.

Ilmi namaa waa lamaaf jijjiirama jedhu: tokko yeroo waan humna isaatii olii baadhate. Lammaffaan yeroo hanga isa madaaluu ol hacuucame. Qalbiin badiifi rakkoo heddu obsitee sii wajjin turte gaafa sirraa citte hin deebituutti beeki. Kanaafuu hanga isiin dandeessuu ol hin rakkisin; waan isiin dandeessuu ol hin baachisin.

Yeroo hunda falmii injifachuuf hin cinqamin; yeroo garii ijjannoo godhachuurra qalbii namootaa horachuutu caala. Garuu arraba namaarran bilisa baha jettee hin yaadin. Namni kana yaade maraatuudha jedhe Ibn Hazm.

Yeroo baay'ee dureessaa wajjin hin deemin. Yoo akka isaatti maallaqa baafte si miidha; yoo inni qofti baasemmoo si xinneessa jedhan.

Kabajni guddaan jireenya kufne hundarraa waa barachuu keessa jira malee kufuu dhabuu miti.

Kanneen keessa hima kamtu isin gammachiise?
Mana murtii Kaanaadaa tokko keessatti manguddoon wahii nyaata hate jedhamee dhiheeffame.
Abbaan murtichaa "hatteettaa?" jedhee gaafate. Manguddichis "ee hateera; beela'een waan nyaadhu dhabee hate" jedhe.

Ogga kana abbaan murtii "ati nyaata hatuu kee ofitti amanteetta. Kanaafuu amma adabbii doolaara kudhanin sitti murteessa; garuu waan ati hin qabneef anatu kaffala" jedhee doolaara kudhan baasee kaartoona keessa kaa'e. Namoonni hunduu ajaa'ibsiifatanii ilaalan.

Abbaa murtichaa achumaan ol ka'ee namoota hundaanuu "doolaara kudhan kudhan baasaa as kaa'aa; isin biyya namni beela'ee nyaata hatu keessa jirtu" jedhe. Achumaan doolaarri 500 walitti qabamee manguddichaaf kenname.

Bakka dandeessetti furmaata namummaa akkanaa kaa'i. Sababa dureessi karaan malee maallaqa walitti guure hiyyeessi hedduun beelaan miidhama. Osoo danda'anii callisanii beela'aa ilaaluun cubbuu guddaadha.
Fuula toluurra arraba toluutu caala jedhan:
****
Mootii tokkotu abjuudhaan (manaamaan) kan ilkaan isaa hundi irraa caccabee dhume arge. Achumaan nama abjuu hiiku waame.

Namichi jalqaba dhufe yeroma abjicha mootii irraa dhaga'u bifa rifaatuutiin fuulli isaa jijjiiramee "hiikti abjuu keessanii maatiin keessan hunduu dhumanii kophaatti haftu jechuudha" jedhe. Achumaan mootichi itti dallanee qabee hidhe.

Inni lammaffaa immoo yeroma abjicha dhaga'u gammadee fuula ife. "Hiikti abjuu keessanii, umriin keessan baay'ee dheeratee maatii keessan keessaa dhumarra duutu jechuudha" jedhe. Isa kanatti mootichi gammadee kennaa kenneefii badhaase.

Mee jecha isaan lamaaniituu ilaalaa: hiikti isaanii tokkuma. Garuu jecha adda addaa fayyadamanii inni tokko mana hidhaatti hafee inni kaan badhaafame.

Rabbiin arraba keenya nuuf haa mi'eessu; nuuf haa tiksus. Khayriin guddaanis sharrii hamaanis arrabuma keessa jira. Garuu arraba qofa tolanii keessi baduun immoo munaafiqummaadha; isas Rabbiin nu haa tiksu.
مركز ابن عباس للدراسات الإسلامية
"Markaza Ibn Abbaas kan Barnoota Islaamaa"
Tafsiira Qur'aanaa sadarkaa sartifikeettiin baatii gannaa baradhaa.
****
Markazni Ibn Abbaas kan barnoota Islaamaa hayyoota Islaamaa adda addaa fayyadamee Afaan Oromootiin barnoota Islaamaa barsiisuuf karoorfatee socho'aa jira.

Kaayyoleen ijoon inni qabatee ka'e:
. Dippiloomaa Sharii’aa waggaa lamaaf barsiisuu,
. Mataduree murteessoo irratti leenjii adda addaa kennuu,
. Tafsiira Qur’aanaa sadarkaa certificate kennuu,
. Dippiloomaa tafsiira Qur’aanaafi wantoota isatti rarra’an waggaa lamaaf barsiisuu,
. Bu’uuraalee Islaamaa wajjin matnii Qur’aanaa qaraasisuu,
. Qiraatii Qur’aanaa sirreessuufi Hifzii Qur’aanaa online barsiisuu,
. Barnoota sharii'aa sadarkaa Digrii barsiisuu fa'i.

Ammaaf baatii gannaa lamaan keessa sagantaa "Tafsiira Qur'aanaa Sartifikeettii" online jalqabuuf murteesseera. Kanaafuu isinis galmaa'uudhaan barnooticha irraa qooda fudhadhaa.

Barumsichi kitaabolee Arabiffaa gara Afaan Oromoottis hiikee barreeffamaafi sagaleen kan dhiheessu yoo ta'u qormaatas ni qabaata. Nama sirriitti hordofee qormaata darbeef waraqaa ragaa ni kenna. Guyyaan barumsi itti eegalu, fedha Rabbiitiin, gaafa 04/11/2016 ta'a.

Ulaagaan isaaf barbaachisu:
1. Qur'aana ijaan qara'anii xumuruu,
2. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
3. Sagantaa barumsichaa 75% hordofuu danda'uu dha.

Odeeffannoo dabalataatiif Linkii armaan gadii seenaa.
https://www.tg-me.com/markazibnabbas

https://chat.whatsapp.com/Fp1Fx94iakiH3Mub7wNox5
Kaarrikulamii Tafsiira Certificate irratti ganna amma baratamuu jalqabee jirj:
****
1. Tafsiira Juuza Shan (Baqaraa, Aali Imraaniifi Juuza Aammaa),

2. Aqiidat Ahlisunnati Waljamaa'aa kan Ibn Useymiin,

3. Usuul Attafsiir,

4. Fiqhii Ibaadaa fi

5. Arba’iinaa Nawawiiti.


Inshaa Allaah
Galmeef:
https://forms.gle/r6Bf1A1MTj6JLhzM6
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Markaza Ibn Abbaas darsiin Tafsiira Qur'aanaa Certificate jalqabee jira. Sagantaan 1ffaan kana fakkaata. Namni hin galmaa'in dafaa galmaa'aa.
https://www.tg-me.com/markazibnabbas

Kaarrikulamiin ganna kana baratamu:
****
1. Tafsiira Juuza Shan (dhibbentaa olaanaa fudhata)
2. Aqiidaa gabaabinaan,
3. Usuul Attafsiir (hanga ta'e ni dheerata).
4. Fiqhii gabaabaa fi
5. Arba’iinaa Nawawiiti Inshaa Allaah.

Odeeffannoo dabalataaf bilbila kana lamaan argadhaa:
+251954954020
+251913819109
Ykn liinkii armaan gadii seenaa:
https://www.tg-me.com/markazibnabbas
Oduu durii jedhan:
**
Leencatu dhukkubsatee bineensi hunduu gaafii isaa dhaqxee sardiidoon qofti hafe. Yeroo kana yeeyyiin leencatti siqatee bineensa hunda keessaa sardiidoo qofatu hafe jedhe.

Leencichis yeroo inni dhufe natti himi jedheen. Ogga sardiidichi dhufu yeeyyiin leencatti hime. Achumaan leenci dallansuudhaan "akkamuma na gaafachuu dhiifte?" jedhe. Sardiidoon sodaataa "dawaa siif barbaaduun deeme" jedhe. Leencis "dawichi maali?" jedheen. Sardiidichis "miila yeeyyii nyaachuudha" jedheen.

Achumaan leenci utaalee miila yeeyyii buqqisee nyaate. Yeeyyichi dhukkubsatee laalatee iyye. Ogga kana sardiidichi yeeyyiitti siqatee "bu'aa keetiif jecha nama biraa miidhuun rakkoo bu'aa sana caalu sitti fiduu danda'aa beeki" jedheen.
Munaafiqa irraa bareechaa eeggadhaa shirri isaa cimaadha.
Yeeyyii wajjin nyaatee saree wajjin dutee tiksee wajjin boo'a jedhan.
Namicha furdaa tokkotu hayyuu qallaatti dhufee "namni si arge biyya keenya beelatu jira se'a" jedhe.
Inni qallaanis "namni si arge immoo sababa beelichaa bara" jedhe.
Halkan Jumu'aatti seennee jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba?
قال الله تعالى👇
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا
Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56)

وفي الحديث👇
أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا،
Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW)
( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي )
Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan.
اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،
Leenca dhugaaf aadu ta'uu yoo dadhabdellee saree dharaaf duttu hin ta'in jedhan.
Nama beekamaafi jaallatamaa ta'uun dirqamaa miti. Nama hin sobne, khiyaanaafi nif*aaqa hin qabne ta'uun ga'aadha.
في عالم المنافق الصادقون هم الأشرار مثل قديم
2025/07/04 21:23:10
Back to Top
HTML Embed Code: