Telegram Web Link
Ilma eebbifamaatu abbaa toltuun yaadata.
Abbaan ummata khaddama; ilmis ummata khaddama.
Walakkaadhaan seenaa yaadatanii barreessuun waan murteessaadha.
ذرية بعضها من بعض
Kan jedhame irraa Rabbiin isaan haa godhu. Eebbaaf guyyaa sadiitu hafe...
Namni yeroma tokkichaan diina siif ta'e jalqabuma jibbaa qaba; Garuu fakkeessuufi nifaaqa leenji'uu isaa beeki jedhan.
Sadarkaa sahaabonni Nabiyyii (SAW) qaban
★★★★★★★★★★★★★★
Sahaabonni Nabiyyii (SAW) ummata jaarraa biraa hundaa ni caalu. Sababni isaas hundarra Islaamatti dursuudhaan, isa ol qabuuf jecha qabsaa'uufi ummatatti isa dhaqqabsiisuudhaan caalaniiru. Isaan jalqaba nama Rabbiifi ergamaa Isaatti amaneeti. Yeroo Islaamni keessummaa ta'ee jiru amanan. Yeroo cinqii qabsaa'an. Ogummaa gaariidhaan gara Rabbiitti waaman. Lubbuufi qabeenyas ni wareegan. Diinummaa firaafi ormaa irrattis ni obsan. Sababa kanaa caalinniifi sadarkooleen baay'een isaaniif walitti qabamte. Isaanis:
- Gara Islaamaatti dursuu
- Yeroo rakkoo obsuu
- Nabiyyiin (saw) saahiboomuu
- Godaansaafi qubsiisuu
- Amantii tumsuufi qabsaa'uu
- Barumsaafi hojii keessatti duree ta'uufi
- Amantii ummataan dhaqqabsiisuu fa'i.

Ragaan caalinaafi sadarkaa sahaabotaa akeeku baay'eedha. Isaanis:

Keeyyattoota Qur'aanaa kan hojii gurguddoofi gaggaariidhaan isaan faarsuu, milkii guddaafi jaalala Rabbii kabajamaa ta'ee waadaa isaaniif seenuun dhufteedha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaa wajjin jiranis kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoo dha. Tolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argita. Mallattoon isaanii faanaa sujuudaa irraa ta’ee fuula isaanii keessa jira. Sun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaati. Fakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbatee, facaafattoota jaalachiisuuti. (Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafi*rtoota dallansiisuufi. Rabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira." (Alfath: 29).
Ammas Rabbiin ni jedhe: "Warri isaaniin (godaantota) dura biyyattii qubannaa godhataniifi Iimaana qabatan, namoota gara isaanii godaanan ni jaallatu. Waan [Muhaajirootaaf] kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganu. Odoma rakkoo cimaa qabaataniillee lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatu. Namoonni doynummaa lubbuu isaanii tiksanis, isaan warra milkaa’oo dha." (Alhashr: 9).
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Muhaajirootaafi Ansaarota irraas dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warri toltuudhaan isaan hordofanis, Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isa irraa jaalatanii jiru. Jannata ishee jala laggeen yaatus kan ishee keessatti hafan ta’anii isaaniif qopheessee jira. Kun milkii guddaa dha." (Attawbaa: 100). Warri Rabbiin isaaniif waadaa kana seene kun akka isaan yoomuu amantii kana hin gadhiifne Rabbiin beekeeti. Inumaa Islaama irratti du'u. Yakka irraa wanta hojjatan irras hin turanu. Achumaan isa tawbachuutti qajeelfamu. Waan isaan dhugaan tawbatanuufi hojii gaarii yakka isaanii haqu waan qabaniif Rabbiin tawbaa isaanii ni qeebala.
Hadiisa baay'eetu kan sadarkaa isaanii akeeku dhufe. Isaanis: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: ) "Sahaabota kiyya hin arrabsinaa; Rabbii isa lubbuun kiyya harka Isaa jiruun kakadhee, tokkoon keessan odoo warqii fakkii gaara Uhudii saddaqateeyyuu hanga isaan ganaa (shanacha) tokko yookiin walakkaa isaa kennatan hin gahu." Ammas Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "caalaan dhalootaa jaarraa kiyya isa ani keessatti ergame." Kan biroos ni jira.

Akkuma walii galaatti amala warra Rabbiin sodaatuu, mu'uminootaafi gaarii hojjattootaa kan Rabbiin Qur'aana keessatti dubbate, faaruun inni isaan faarseefi jajuu ariifataafi turaadhaan kan Rabbiin isaan gammachiise, sahaabonni Ergamaa Rabbii (saw) ummata kana keessaa jalqabaafi irra filatamaa nama isa keessa seenuuti. Sana keessaa isaaniif carraa guutuufi qooda furdaatu jira.
Wantoonni sadarkaa isaanii ragaa bahan kan Qur'aanaafi hadiisa keessa dhufan kan sadarkaan isaanii ol ta'uufi amalli isaanii guutuu ta'uu dubbatan amantii Islaamaa keessatti dhimma dirqamaan beekamaadha.
Kanaafuu Sahaabota Ergamaa Rabbii (SAW) tuquun Islaamummaa namaa rakkoo keessa galcha. Isaan jaalachuufi kabajuun dirqama ta'a. Rabbiin isaanii wajjin nu haa kaasu.
Hubannoo sahaabota ilaalchisee nuti qabachuu qabnu:
****
Caalaan namootaa erga nabiyyootaatii sahaabota Nabiyyiiti (saw).
Sadarkaa isaanii ibsuuf wahyiin bu’eera. Rabbiin ni jedhe: “Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaa wajjin jiranis ku*ffaara irratti ciccimoo, gidduu isaaniitti immoo wal mararfatoodha. Tolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argita.” (Alfath: 29).

Akkuma nabiyyoonni wal cacaalan sahaabonnis wal cacaalu. Nabiyyiin sadarkaa gadii sahaabaa isa sadarkaa olii ni caala. Sahaabaan inni sadarkaa gadii ummata biroo isa sadarkaa olii ni caala.

Caalaan sahaabotaa dursitoota jalqabaati. Sababni isaas warri yeroo dadhabinaa Nabiyyiitti (saw) amane warra yeroo humni jiru amane irra ni caala. Warri fathii dura amanan warra fathii booda amanan ni caalu.

Rabbiin ni jedhe: “Isin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi qabsaa’e (isaan sana booda arjoomaniifi qabsaa’an wajjin) wal hin qixxaa’an. Isaan sun warra sana booda arjoomaniifi qabsaa’an irra sadarkaa guddaa qabu.” (Alhadiid: 10). Sadarkaa sahaabummaa keessatti warri fathii boodaas ni hirmaatu. Sababni isaas Rabbiin booda sanaatii jedhe: “Hundaa Rabbiin mindaa gaarii waadaa galeef. Rabbiin iccitii waan isin dalagdanii beekaadha.” (Alhadiid: 10).

Rabbiin ni jedhe: “Muhaajirootaafi Ansaarota irraa dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warra toltuudhaan isaan hordofan, Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isa irraa jaalataniiru.” (Attawbaa: 100).

Caalaan warra dursitootaa kurnan jannataan gammachiifamaniidha. Caalaan isaanii immoo khaliifaa arfani. Ergasii warra lola badrii hirmaate. Itti aansee warra Uhudiiti. Sana booda warra mukattii jalatti waadaa seeneedha. Rabbiin ni jedhe: “[Yaa Muhammad!] Rabbiin mu’uminoota yeroo isaan muka jalatti waadaa siif galan irraa jaallateera. Waan onnee isaanii keessa jirus beekeera. Tasgabbii isaan irratti buusee injifannoo dhihoo ta’e (sulhii hudeybiyaa) isaaniif galata galche.” (Alfath: 18). Jaabir irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) warra mukattiitiin ni jedhan: “isin caalaa warra dachii irra jiranuuti.” Isaan nama kumaafi dhibba afur turan.

Sahaabonni warra wahyii baataniifi amantii as dabarsaniidha. Isaan arrabsuun dirii (sansalata) diinii kanaa kutuufi sunnaa Nabiyyii (saw) shakkisiisuudha. Nabiyyiitti (saw) aanee isaan amanamtoota ummata kanaati. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: “sahaabonni kiyya ummata kiyyaaf amanamoodha. Yeroo sahaabonni kiyya deeman ummata kiyyatti wanti isaan wareegamaa turan ni dhufa.”

Sahaabonni dogongora irra tikfamoo miti. Garuu dogongorri isaanii isaan xiqqeessuudhaaf sababa ta’uu hin qabu. Wal dhabbii jidduu isaaniitti argame taa’anii haaromsuu irraa ni fagaatama. Garuu yoo barumsa fudhachuuf ta’e malee. Oggas kabajaafi uzrii isaaniif kaa’uu waliin ilaalama. Sahaabonni walii galanus wal dhabanus namoota isaaniin ala jiran ni caalu. Sababni Rabbiin sadarkaa isaaniif kenneef waan isaan haala gaariin Nabiyyii (saw) wajjin jiraataniif malee isa isaan walii wajjin jiraataniifii miti. Jidduu isaaniitti wal dhabuun odoma dogongoraniiwuu ijtihaada ittiin mindeeffamanuudha. Nabiyyiin (saw) wal dhabuun yakka guddaadha. Rabbiin kanarraa isaan qulqulleesse. Isaan waliin haala gaariin jiraatan. Kanaan ummata biraa irra caalchifaman.

Sahaabota tuquun yeroo hulaan isaa tokko baname kan biroos ni banama. Kanaaf waan jidduu isaaniitti argame irraa taabi’oonniifi warri boodaa callisan. Umar bin Abdul Aziiz Aliyyiifi Usmaan, lola Jamaliifi Siffiin irraa gaafatamee ni jedhe: “kun dhiiga Rabbiin harka kiyya irraa tikseedha. Ani arraba koo ishee cuubuun sodaadha.”

Namni booda isaanii Guyyaa Qiyaamaa wal dhabbii isaanii irraa hin gaafatamu. Kan inni irraa gaafatamu sadarkaa Rabbiin isaaniif kenne dhugoomsuu irraayi.

Kitaaba Abdul Aziiz Axxureeefii irraan hiike.
Kitaabni kun sahaabota Ergamaa Rabbii (saw) ilaalchisee hubannoo bareedaa nuuf kenna. Gara Afaan Oromootti hiikamee waan jiruuf dubbisaatii waliif qoodaa.
Forwarded from Jafarbayan
Beekhi ni kijiban

Islaamummaa zamana Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam hin jirre, ta san booda hin jirre, amma anaatu isiniif hima yoo sin je'e sun amantii Islaamaa osoo hin taane amantii haarawa fedhii lubbuu isaa qunnamtu siif himuuf deema.

Eenyuu si dura akkana fahame yoo jettee gaafattee dallanee lole. Ani Qur'aanaa malee hin fudhu faa je'ee iyye lallabe, beekhi kijibu jira.

Quraanni arra isarratti hin buune aayaanni inni lubbuu isaa jaalachiisuuf akka fedhutti hiiku sunis arra isarratti hin buune. Zamana Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam yoo akkas hin fahamin, warri sahaaboota dhaqqabe yoo akkas hin fahamin, warri san boodaa hanga arraa muslimoonni akka inni himatu san yoo hin fahamin, beekhi kijibu jira.

Ammas hoggaa hadiisa dhagaye yoo lole, yoo fudhachuu dide ragaa takkaan malee dura dhaabbate dajjaaloota xixiqqaa tahuu isaa beekhi. Akka waan Isa dura duniyaa tana keeysa muslimni hin turinii, beekhaan hin turinii, inni qofti amma beekkumsa haarawan fahame beekkumsa waggoota 1400 jaaramaa dhufe yoo dide, beekhi kijibu jira. Jaahilummaan ija isaa haqa argurraa hagoogee jira. Onnee isaa shubhaa wantoota isaaf hin galle jala deemuun laaqee jira.

Islaamummaan amantii Rabbiiti, yoo Rabbiin Nabiyyiif sallallaahu aleeyhi wasallam hin ibsin, yoo Nabiyyiin warra isa dhaqqabeef hin ibsin, warri Nabiyyii dhaqqabe yoo warra san boodaatiif hin ibsin, dajjaaloonni xixiqqaan eessaa beekkumsa haarawa fidan sheeyxaanarraa yoo hin taane.
Abuu Bakrissiddiiq yeroo khaliifaa ta'ee jiru manguddoo dulloomtuu jaamaa tokko dhaqee manatti khaddama ture. Erga inni du'ee Umartu bakka bu'ee khaddamuu jalqabe.
Oggas manguddittiin jaamaan sun "hiriyaan kee ni du'ee?" jette.
Umaris "akkamitti barte?" jedheen.
Isiinis "ati yeroo dhuftu osoo tamrii irraa qola hin baasin naaf kennite" jetteen.
Achumaan Umar boohee "Yaa Abaa Bakri Khaliifota booda keetii baay'ee ta'aabsite" jedhe.
Sababni Dachiin Filisxeen Harka Diinaatti kufe sabboonummaa Arabaafi Turkii karaa gadhiise ta'uu beektuu?
*****★
Waraana Addunyaa lammaffaa kan sabboonummaa Jarmanii irraa ka'ee namoota miliyoona 50-60 ficcisiise booda Awrooppaa keessatti sabboonummaafi biyyaan wal qooduun dhokachuu eegale. Garuu Turkiifi Araboonni sabboonummaa of tuuluu kana isaan irraa dhaalan. Turkiin Araboota hundarratti Afaan Turkii barachuu dirqama goote. Araboonnis Ingilizii waliin waraana qopheessanii Turkii rukutan. Ingilizii wajjin Usmaaniyyaa rukutanii Filisxeen keessaa baasan. Filisxeen keessatti alaabaa Ingiliziifi kan sabboontota Arabaa fannisan. Erga Dawlaa Usmaaniyyaa baasanii alaabaa Ingilizii fannisanii suuta suutaan Qudsii Yahuudotatti kennanii keessaa bahan. Bu’aan hadhaa’aan Araboonni hanga har’aatti haammataaran bu’aa sabboonummaa kaayyoofi karoora lakkiseeti. Dachiin Arabaa duraan waliin bulu hunduu ciccitee guyyaa guyyaatti yoo xiqqaate namni kumaatamni Araba irraa ta’e sababa tokko malee ajjeefamu. Akkuma Ergamaan Rabbii (saw) jedhan ta’e: “inni ajjeesu maaliif akka ajjeesu hin beeku; inni ajjeefamus maaliif akka ajjeefamaaru hin beeku.”
Biyyi bara dheeraaf tokko ta’ee amantii Islaamaatiin bulchiinsa walii galaa ijaaree jiraataa ture yeroo ammaa biyya kudhanii olitti qoodame. Diinni kan fedhe walakkaa qabee nyaata. Yeroo ammaa biyyi Arabaa gubatee dhumuurra ga’ee jiru kan akka Sooriyaa, Yaman, Iraaq, Lubnaan, Liibiyaa, Tuuniisiyaafi kkf bu’aa sabboonummaa Awrooppaan isaaniif fide kooppii godhachuuti. Sabboontota Arabaatu Ingilizii wajjin Yahuudaa fidanii Filisxeen irra qubsiisan. Sana booda biyyi isaaniituu addunyaa irratti beekamtii dhabde. Bifa kanaan sadarkaa amma itti jiramu irra geesse.
Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa fuula 228 irraa kaasaa dubbisaa.
https://www.tg-me.com/glababor/435
Viidiyoo Ahmaddiin kanas dhaggeeffadhaa.
https://www.facebook.com/share/v/iZszu7xLWtnNAJtb/?mibextid=oFDknk
Miidhaa Sabboonummaan Guutuu Addunyaatti fide
''Nabiyyii saba keenyaan ala ergamu hin qeeballu jedhu turan''
******
Miidhaan guddaan addunyaa kana irratti uumame sababa sabboonummaa akka ta’e eenyunuu ni hubata. Innis waraana addunyaa lammaffaa kan lubbuu namoota miliyoona shantamaa olii baase, namoota lakkaa’uuf hin mijoofne bakka bu’an dhabamsiise, qabeenya baay’ina isaa tilmaamuuf ulfaatu barbadeesseedha. Sababni isaa sabboonummaa biyya Jarmanii keessatti daangaa darbee gara of tuuluutti jijjiirameedha. Lammiin Jarmanii Ad*olf Hit**lar walakkeessa jaarraa digdammaffaa keessa Heeraan*vook jedhamuudhaan kan beekamu doktiriinii sabboonummaa labsaa ture. Ijjannoo sabboonummaa isaa kana irraa kan ka’e yeroo sana kan armaan gadii jedhee ture:

"Nama akka qamalee leenjisanii akka inni abukaatoo ta’u karaa agarsiisuun yakkamaafi maraatuu nama godha. Akkasumas gochi kun cubbuu hojjachuufi seera ittiin bulmaata keenyaa cabsuudha."

Ilaalcha sabboonummaa hangana isa keessatti guddateen “Ardii Awrooppaa keessa sanyiin qulqulluun Jarmanoota qofa; isaanis Aariyaanotaati” jedhaa ture.

Dhiphina guddaa sabboonummaan ummata Jarmanii keessatti uume kana ilaali. Akka seera isaaniitti namni saba Aariyaanotaa hin ta’in hunduu qamaleedha. Namni qamaloota kana waa barsiisee akka saba Jarmanii nama ta’een falmu godhe yakkamaa ta’uu bira darbee cubbuu Rabbiin wal nama lolchiisu hojjachuudha. Waraanni addunyaa lammaffaa sababni isaa sabboonummaa kana ta’uun maddoolee seenaa hunda keessattuu ibsameera. Bu’urri of tuulummaa sabaa ulfaataa kana Yah*uud*ota akka ta’e maddoolee baay’eetu dubbatan.

Anis odeeffannoo ana bira jiru isiniin haa ga’u: bu’urri sabboonummaa namoota hunda biraawuu ni jira. Garuu of tuuluu guddaa akka kanaatiin sabni kamuu Yahu*ud*ota hin dursine. Isaantu yaada Awrooppaa keessa babal'isee addunyaa waliin gahe jechuu dandeenya. Kanumti Naa*zistii Jarmaniifi Fa*ashistii Xaaliyaanii yaada Yahu*ud*otaa kana irraa burqe. Yahu*udo*nni amantii isaanii irraa eegalanii akka ilmaan Rabbii ta’an labsaa turan. Kun sabboonummaa isa hanga dhumaatti daangaa tare ta’uu wajjin kijiba kana caalu addunyaan keessummeessitee hin beektu:

👉 Yahu*udo*nniifi Kiristaanonni
"Nuti ilmaan Rabbiitiifi jaalallee Isaati" jedhan. Atis "maaliif badii keessaniin isin adaba? Dhugumatti isin nama Inni uume irraayi” jedhi. [Almaa’idaa: 18]

Dabalatas akka saba Rabbiin biratti filatamoo ta’aniifi yoo ummata biraa irratti badii fedhe raawwatan yakka hin taane labsu. Qabeenya saba biraa fudhachuun isaan irratti yakka hin ta’uus wal barsiisan. Isa kana Qur'aannis nutti himeera.

"Warra kitaabaa irraa nama yoo ati qabeenya guddaan isa amante isa siif deebisutu jira. Ammas isaan irraa kan yoo maallaqa warqeetiin isa amante hanga yeroo dheeraa isaaf eegdutti isa siif hin deebifnetu jira. Kun waan isaan “wallaaltota [qabeenya isaanii nyaachuu] keessatti badiin nurra hin jiru” jedhaniifi odoo beekanuu Rabbi irratti kijiba odeessaniifi. [Aali Imraan: 75]

Of tuuluun guddaan kun isaan biratti argamuudhaaf sababni guddaan ergaa Kakuu Moofaa (Tawraat) keessa jiru isaan jijjiirratanii barreessan ykn jal'isanii hiikaniidha. Of tuuluu kana keessaa tokko nabiyyii saba keenyaan ala ergamu hin qeeballu jedhu turan. Sababa kana yeroo nabi Muhammad [saw] Araba irraa ergaman osoma nabiyyii ta’uu beekanii itti kaf*aran.

Yahuudonni of tuulummaa isaanii kana Talmuud keessatti barreessan. Kitaabni kun yeroo booda gara Afaan Awrooppaatti hiikame. Of tuulummaan Jarmanii inni guddaan asirraa jalqabe. Itti fufa...
Bal'ina isa kanaatiif Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa jedhu kan Ustaaz Injinar Gali Ababor n barraahe fuula 218 irraa kaasaa dubbisaa.
Muslimni ayyaana lama malee hin qabu. Isaanis Iida Fixriifi Iidal Ad-haa jedhamu. Ayyaana hordoftoota amantii biroo kabjuus ta'ee eebbisuun hin eeyyamamu. Ayyaana Kiristaanaa kan akka Masqalaa, kan Waaqeffataa kan akka Irreechaafi kkf ayyaaneffachuufi eebbisuun Muslimaaf gonkuma hin eeyyamamu. Jijjiirraa baraa isa kamuu ayyaaneffachuunis Islaama keessa hin jiru. Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa kan ani waggaa sadii dura barreesse fuula 126 - 128 dubbisaamee. Liinkii armaan gadii irraa buufadhaa.
https://www.tg-me.com/glababor/435
Sila Mawlida kabajuun Rabbitti nama dhiheessa moo Rabbirraa nama fageessa?
👇👇👇👇👇👇👇
Mawlida jechuun dhaloota jechuudha. Dhaloota eenyuutuu kabajuun amantii Islaamaa keessa hin jiru. Kanaafuu:
. Ergamaan Rabbii (saw) mawlida hin kabajne; kabajuuttis hin ajajne.
. Khaliifonni arfan warri Soddaa Rasuulaas (saw) hin kabajne.
. Sahaabonni hunduu mawlida hin kabajne.
. Mazhabni afranuu mawlida hin kabachiifne.
. Salafoonni hunduu mawlida hin kabajne.

Wanti jarri kun hundi hin hojjatin Rabbitti nu dhiheessuu danda'aa? Yoo akkas ta'eef hiikti jechaa Nabiyyii (saw) armaan gadii maal ta'a laata?

إنَّهُ ليس شيءٌ يُقَرِّبُكُمْ إلى الجنةِ إلَّا قد أَمَرْتُكُمْ بهِ ، و ليس شيءٌ يُقَرِّبُكُمْ إلى النارِ إِلَّا قد نَهَيْتُكُمْ عنهُ
Nabiyyiin (saw) akkana jedhan: "waan gara jannataatti isin dhiheessu hundaayyuu isin ajaju malee hin dhiifne; waan gara ibiddaatti isin dhiheessu kamuu irraa isin dhorgu malee hin dhiifne."

Yoo mawlidni jannatatti nu dhiheessa ta'eef akkamitti Nabiyyiin (saw) nu ajajuu dhiisan jettu? Bareechaa xiinxalaa. Sammuun xiinxaluuf nuu kenname. Waan Rabbitti isin dhiheessu malee hin hojjatinaa.
Ws wr wb
https://www.tg-me.com/glababor/799
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Beeksisa
****
Akkaadaamiin barnoota Islaamaa Ibn Abbaas sagantaa barumsa gannaa kan Certificate Tafsiira Qur'aanaa xumuree Dilpata darbe barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira.

Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Waggaaa Lamaaf barsiisuuf galmee eegalee jira.

Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu.

Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa:
https://www.tg-me.com/markazibnabbas/672
Gali Ababor Official
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Beeksisa **** Akkaadaamiin barnoota Islaamaa Ibn Abbaas sagantaa barumsa gannaa kan Certificate Tafsiira Qur'aanaa xumuree Dilpata darbe barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira. Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana…
Akkaataa baruufi barsiisuu
****
Afaan bar
nootaa Afaan Oromooti. Kanaafuu kitaaboleen Afaan Oromootti hiikuuf mijatan ni hiikamu.

. Qormaannis Afaan Oromootiin kan qophaa'u ta'a.

. Barnootichi online kennama.
. Sagantaan barnootichaa waggaa lama yoo ta'u semisteera afur of keessatti hammata.
. Sagantaan barumsaa ganama salaata Subhii boodaafi galgala sa'aa 3:30 irratti ta'a.
. Qormaata, attendance fi yaadannoo barattootaa ilaaluun madaallii keessa ni jiraata.
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Ibn Abbaas akkaadaamiin akkasitti barsiisaa ture.
Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Online kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu.

Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa:
https://www.tg-me.com/markazibnabbas/672
2025/07/03 23:38:12
Back to Top
HTML Embed Code: