Telegram Web Link
Majlisa waggaa sadan dabree yeroo galateeffannu hanqina hin qaban jechuu miti
****
Aadaan nama hojjate galateeffachuu akka nu keessaa hin banneef jecha hoggantoota keenya ibsinee miidiyaa gubbaatti galateeffataa turre. Ammas ni galateeffanna. Kana jechuun immoo hanqinni hin jiru jechuu miti.

Hanqina jiru hanga dandeenyu keessaan furuuf yaalii godhaa turre. Garuu rakkoon miidhaa dhaqqabsiisu filannoo kana irratti akka dhaabbatu gochuu qabna. Rakkoolee turan keessaa akka fakkeenyaati:

1. Hoji raawwachiiftuun majlisa federaalaa yeroo darbe namoota 14 turan. Isaan keessaa namni professionalaa tokkicha malee hin jiru. Ulamaanis nama afur ykn shan qofa turan. Warri kaan naannoo bakka bu'aniituma dhufan. Filannoo isa bara kanaa irratti sirriitti ulamoonniifi hayyoonni hoggansaafi bulchiinsa danda'an yoo keessa galan bu'aa guddaa fidu. Akkuma dambii irratti kaa'ame 51% - 60% ulamoota muxannoo hoggansaa qaban yoo hammate dhibbentaa hafe immoo warra sirriitti professional ta'an fudhachuutu dhaabbatichas ta'ee ummata Muslimaa fayyada.
Aadaan namoonni dandeettii hojii qaban akka dhaabbaticha keessa hin seenne karaa cufuu dhaabbilee Islaamaa keessaa baduu qaba.

2. Majlisni yaada dhaabbaticha guddisuuf dhihaatuuf banaa ta'uun dirqama. Namoota muxannoofi bilchina yaadaa qaban irraa yaada fudhachuun murteessaadha. Qeeqa isa mudatus keessummeessuuf qophii ta'uu qaba. Rakkoon yeroo darbe mudate guddaan tokko hanqina ofii dhaga'uuf qophiin dhabamuudha. Sababa kana istiraateejiin waggaa sadii guutuuf lafarra harkifatee amma reef hojjatamuutti jira. Karoorri naannoleetti kenname waan hin jirreef gimgamaan sirriitti hojimaata guuttate hin turre. Kana jechuun nama maalummaa dhaabbataa beekuuf kufaatii guddaadha. Garuu karoorri hangi ta'e baafamee akka ture beekamaadha.

3. Dr Sheykh Hajjiin quality hoggansaa baay'ee qabu. Mul'ataafi kallattii namatti agarsiisuu ni danda'u. Obsaan rakkoo hedduu keessa darbuu danda'u. Sababa kana yeroo Oromiyaa turre rakkoo yeroo sana turee waliin waan baay'ee hojjachuu dandeenye.
Erga federaala dhaqaniihoo akka sanatti hojjataniiru. Ee wanti isaan hojjatan baay'eedha. Garuu hanga fedhii ummataafi dandeettii isaanii hin hojjanne. Akka natti fakkaatutti sababni guddan kana uume namoonni dandeettii hojii qaban achi keessa xiqqaachuu, warri quuqama dhugaa qabu achirraa fageeffamuu, istiraateejiin yeroodhaan baafamee hojiitti seenuu dhabuu, caasaan jiru reform dhabuufi kkf.

** Amma akka furmaataatti kan ani yaadu hoji raawwachiiftuun achi seenan hunduu namoota hojii danda'an, fedhii qaban, quuqama amantichaafi ummatichaaf qaban ta'uu, ga'een ulamootaafi pirofeeshinaalaa sirriitti adda ba'ee hojiirra ooluu, karoorri ifaan yeroo gabaabaatti xumuramuu, sanarratti hundaa'ee reform caasaa gochuu, warra rifoormiitti gufuu ta'an adabuu, bifuma sanaan hanga aanaafi gandaatti diriirsuu, baajata hojii ramaduu, monitoring and evaluation sirriitti geggeessuufi kkf.

Yoo kana gooneef jijjiiramni bareedaan akka dhufu shakkii hin qabu. Kana gochuuf immoo ummannis dammaqee ga'ee isaa bahachuun murteessaadha. Kanaafuu filannoo kana active ta'anii hordofuufi galmaa'uu wayya.
والسلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Live stream started
Live stream finished (1 hour)
Assalaamualayikum warahmatullaahi wabarakaatuhu har'a darsii aqiidaa qabnaa Barattoonni haaraan warri ji'a gannaa seenaa

https://www.tg-me.com/glababor?livestream=7255167a480a95a779
Live stream started
Forwarded from Sahibudin Ababiya
ar_Take_your_faith.pdf
461.7 KB
ar_Take_your_faith.pdf
Live stream finished (1 hour)
Live stream started
Live stream finished (53 minutes)
Assalaamu alaykum worahmatullaahi Wobarakaatuhu
Barattonni ji'a gannaa har'a darsii hadiisaa kitaaba umdatul ahkaam qabnaa dhihaadhaa

https://www.tg-me.com/glababor?livestream=e09ed9a3584d3ab717
Live stream started
Kitaaba kana sharhii fi matniinis
Live stream finished (1 hour)
2025/07/06 21:44:33
Back to Top
HTML Embed Code: