Hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Dardara wahiitu aalima Bukhaarii qaraasisutti dhufee "ati as taa'ii Bukhaarii qaraasisi warri dhihaa ji'arra bahaa jiru" jedhe. Aalimichis "maaltu raajiidha ree? Uumamatu uumamatti dhaqqabe; nutimmoo gara uumaa keenyaa dhaqqabuu feena. Garuu hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane" jedheen.
**
Hoongoon hundaa olii addunyaafi aakhiraa khassaruudha. Ergamtuu jallinaa Rabbi nu hin godhin. Rabbiin nu haa tiksu.

Haasawa Hayyuun Keenya Cush Land Sufian Ousman Page Muummee Ministeeraafi Aangawoota mootummaa baay'ee biratti dubbate
****
Kabajamoo Muummicha ministeeraa
Dura dursoo Muslimni biyya kanaa Islaama Itoophiyaa keessa jiru jedhamurràa bahee Muslimoota itoophiyaa akka jedhamnuuf beekkamtii paarlaamaan kennameefi labsii baheef shoora guddaa waan taphattaniif isin galatoonfanna. Muslimni biyya kanaa baankii dhalarraa bilisaa dhoorgamuun diinagdee biyya kanaatiin ala akka bahu taasifamees ture. baankii islaamaa nuu hayyamuu keessaniif Galatoomaa!Lafa masjida Al-Najaashiis sadarkaa biyyaa eeggatee akka ijaaramuuf nuuf kennitanii jirtan Galatoomaa!
Haa ta'u malee rakkooleen garaa garaa ammas furmaata dhabanii ummatni muslimaa dararamaa jiraachuu beekuu qabdu. Fakkeenyaaf:
1. Ani kanan muudame xalayaa Muftiin naaf kennaniini. Yemmuu na muudan immoo baatii 6 qofaaf waadaa na seensisanii turan. haa tahuu malee boodarra namni baatii 6 siin jedhe hinjiru kan naan jedhanii hujiis akka hin hojjanne kan dhorge muftiidhuma kana. Wal hamachuun bu'aa waanin hin qabneef eddoodhuma Muftiifi isin hundi jirtanitti kana dubbachuu filadhe!
2. Muftiin prezidantii majlisaati; Abbaa Muslima hundaa ta'anii muudamanii turan, Amma immoo Abbaa garee tokkoo tahanii jiru kanaaf ragaa dhoksaa hin qabne kan social media irra naannawu laaluu dandeettu.
3. Muftii nikabajna. Umriin nama guddaadha. haa tahuu malee yeroo ammaa "garee suufiyyaa warri taatan ka'aa hidhadhaa dammaqaa jabaadhaa; lubbuu godhadhaa" jedhanii garee tokkoof lallabaa ufiifis namatti dhaadachaa oolu.
4. Miidiyaa gibra mootummaaf kaffalu kan beekkamtii mootummaa qabu miidiyaa seera qabeessa irratti bahanii "Ani duraanuu Abbaay Tsahaayyeetti himeen ture. Jara kana ba incicuu qicaachaw(qacaletti hiddatti balleessi)" ittiin jennaan nadide, booddee mataa isaa yaabbanaan dammaqe.
5. Miidiyaa hawaasaa irratti nin dhoosa jedhanii dhaaddatan.
6.Dhiheenya kana kabajamoo Muummicha ministeeraa duratti taayitaa gadi hin lakkisu dhiigatu dhangala'a malee jedhee Ture. kunoo Majlisa Finfinnee irratti wanti raawwatame ragaadha,kabajamoo M M seeraafi heerri biyyattii tanaa yoom kabajamuufi laata?
7. Baala gizee baala taraa nuun jedhu,nuti gizeefi taraa jarri jedhaniin suukannoofnee galuuf osoo hin taane kaayyoof dhufnee achi jirra. kanaaf eddoon itti gadi lakkisneefii deemnu hinjiru. achuma waliin turraa beekaa.
8. Yeroo baay'ee taayitaafi maallaqa barbaaddu nuun jedhu. Ani gaafa dhuferraa jalqabee ,mindaas ta'ee olmaa qarshii 1 majlisarraa fudhadhee yookiin mallatteessee hin beeku. Jara moo nutu maallaqaafi aangoof bolola?
Kanaafuu Seerri haa kabajamu! Nagaan haa bu'u, ministeera nageenyaatti yeroo Aadde Mufarrihaat jirtus deddeebi'aa turre. Ammas hedduu deebi'aa jirra seerri haa kabajamu!
9. Ustaaz Abuu Bakar Ahmad gaafa sirni wayyaanee kufe osoo nama tokkoon hin mari'atin "Jara kanaa mitii Jara nu hiisisee nu rukkuchiiseefuu dhiifama goonee jirra" jedhee dubbate. Gochi isaa sirrii hin turre; seeratti warra dhihaachuu qaban nurratti deebise. Sagalee Amiiraati jennee cal'isne,ammas taanaan 2004 irraa hanaga 2014 waa'ee majlisaa qofa dubbataa itti fufuun sirrii waan hin taaneef ammas irra deebiin sagalee hawaasaa muslimaa dhagahamee seerri haa kabajamu! Galatoomaa

ምሁራችን ሱፍያን ኡስማን ለጠቅላይ ሚኒስትሩ እና ለብዙ የመንግስት ባለስልጣናት ያደረጉት ንግግር
https://www.tg-me.com/glabor/1026
*******
የተከበሩ ጠቅላይ ሚኒስትራችን ሆይ!
በመጀመሪያ እኛ የዚህ ሀገር ሙስሊሞች፣ ኢትዮጵያ ውስጥ የሚኖሩ ሙስሊሞች ከሚባለው ወጥተን የኢትዮጵያ ሙስሊም ተብለን በፓርላማው እውቅና እንዲናገኝ ትልቅ ሚና ስለተጫወቱ እናመሰግናለን። በሀገሪቱ ያሉ ሙስሊሞች ከወለድ ነፃ የባንክ አገልግሎት ተከልክለው ከሀገሪቱ ኢኮኖሚ እንዲወጡ ተደርገዋል። ኢስላሚክ ባንኪንግ ስለፈቀዱልን እናመሰግናለን!የአል ነጃሺ መስጂድ በአገር አቀፍ ደረጃ እንዲገነባ መሬቱን ስለሰጣችሁን እናመሰግናለን።
ነገር ግን አሁንም ያልተፈቱ የተለያዩ ችግሮች እንዳሉ እና ህዝበ ሙስሊሙ እየተሰቃየ መሆኑን ማወቅ አለባችሁ። ለምሳሌ:-
1. እኔ የተሾምኩት ሙፍቲ በሰጠኝ ደብዳቤ ነው። ሲሾሙኝ ቃል ያስገቡኝ ስድስት ወር ብቻ ነው። በኋላ ግን 6 ወር ማንም የነገረህ የለም አሉኝ። ስራውን እንዳልሰራም የከለከሉኝ እኚው ሙፍቲ ናቸው። ሀሜት ፋይዳ የለውምና ሙፍቲው እና ሁላችሁም በተገኛችሁበት ይህንን ለማለት መረጥኩኝ።
2. ሙፍቲ የመጅሊሱ ፕሬዝዳንት ናቸው። የሙስሊሙ ሁሉ አባት ሆኖ ተሾሙ አሁን ደግሞ የቡድን አባት ሆኖ በማህበራዊ ድህረ ገጽ ሲሰራጭ ያለውን ምስጢራዊ ማስረጃ ማየት ትችላላችሁ።
3. ሙፍቲን እናከብራለን። የእድሜ ባለ ፀጋ ናቸው። ነገር ግን አሁን አሁን ለአንድ ቡድን ብቻ እየሰበኩ ነው፡- “የሱፊ ቡድኖች የሆናችሁ ተነሱ፣ በርቱ፣ ጠንክሪ" ብሎ እየሰበኩ ነው። ለግጭትም እያነሳሱ ይገኛሉ።
4. የመንግስት እውቅና ያለው፣ ለመንግስት ግብር የሚከፍል ሚዲያ በህጋዊ ሚዲያ ላይ ወጥቶ "ለአባይ ጸሃዬ ከዚህ በፊት ነግሬያለሁ። እነዚህን ሰዎች በእንጭጩ ቅጩዋቸው ብዬ ነበር" አሉ።
5. በማህበራዊ ድህረ ገጽ ላይ አፈነዳለው ብሎ ነበር።
6. ደም ይፈሳል እንጅ ከስልጣን አልወርድም ሲል በክቡር ጠቅላይ ሚኒስትሩ ፊት ተናግሯል። እነሆ በአዲስ አበባ መጅሊስ ላይ የደረሰው ነገር ማስረጃ ነው። ክቡር ጠ/ሚ ሆይ! መቼ ነው የዚህች ሀገር ህግ እና ህገ መንግስት የሚከበረው?
7. ባለ ጊዜ፣ ባለ ተራ ይሉናል፣እዚያ የተገኘነው እነሱ በሚሉት ባለ ጊዜ እና ተራ ሊንደናገጥ አይደለም። ለዚህ ብለን የሚንለቅ ቦታ የለም።ይህንን እናንተም እወቁ።
8. ብዙ ጊዜ ስልጣን እና ገንዘብ እንደምንወድ ይነግሩናል። እኔ ከመጣሁ ጀምሮ ከመጅሊስ 1 ብር ደሞዝ አላውቅም። ታዲያ እበሱ ናቸው ወይስ እኛ ነን የገንዘብ ጥማተኛ?
ስለዚህ ህግ ይከበር! ወይዘሮ ሙፈሪሃት በነበሩበት ወቅት የሰላም ሚኒስቴር ጋር ስንመላለስ ነበር። አሁንም ብዙ እየተመላለስን ነው። ህግ ይከበር!
9. ኡስታዝ አቡበከር አህመድ የወያኔ ስርዓት በወደቀ ጊዜ ማንንም ሳያማክር እንዲህ አለ፡- ‹‹እኛ ያሰሩንን እና የደበደቡንን ወንጀለኞች እንኳን ይቅር ብለናል። በርግጥ የእሱ ድርጊት ትክክል አልነበረም። ለፍርድ መቅረብ የነበረባቸውን በኛ ላይ መለሰ። የአሚር ድምፅ ነው ብለን ዝም አልን። ከ2004 እስከ 2014 ስለ መጅሊስ ብቻ ማውራት ትክክል አይደለም። የሙስሊሙ ማህበረሰብ ድምፅ በድጋሚ ይሰማ ህግ ይከበር እላለው! አመሰግናለሁ

Aalima Muslimootaan lamatti qoodamaa jedhu Muftii kana malee argee ykn dhaga'ee hin beeku.
Sheek Alkhadir Suufiyyaa Banii Shaangul MM fi aangawoota biroo fuulduratti waan haasa'an irraayi
****
Kabajamoo MM
Addunyaa tanarratti Aalima bakka lamatti bahaa jedhu Muftii malee argee hin beeku. Raajiidha!Rabbi walaa tafarraquu (adda hin ba'inaa) jedha. Isaan immoo adda haa baanu jedhan.
Kabajamoo
Ani suufiyyaadha; kaleessas har,as suufiyyaa dhugaati. Haa ta'u malee Muftiin hujiin isaanii kan Islaama galmaan ga'u waan hin taaneef ufirraa kaasnee jirra. Seerri nuuf haa kabajamu.
❤❤❤❤❤❤
Kabajamoo
Ani humna waraanaati na beekta. Naannoo Banii Shaangul natu uume. Kabajamoo isinis Naannoo kiyyarratti natu qeebale na beekta. Garuu hujiin Muftii biyya kanaafi nageenya hawaasa muslaatiif waan hin taaneef nu ufirraa kaasne. Kanaafuu seeraafi heerri nuuf haa kabajamu. Murtiin keenya haa raawwatamu.

ከዚህ ሙፍቲ በስተቀር ሙስሊሞች ለሁለት ይከፈል የሚል ዓሊም አይቼም ሰምቼም አላውቅም።
ሼክ አልካድር የባኒ ሻንጉል ሱፊያ በጠቅላይ ሚኒስትሩ እና በሌሎች ባለስልጣናት ፊት ከተናገሩት
https://www.tg-me.com/glabor/1029
****
የተከበሩ ጠ/ሚ ሆይ!
ከሙፍቲ በቀር በሁለት ቦታ ውጡ የሚል ዓሊም በዚህ አለም ላይ አላየሁም። የሚገርም ነው! አላህ ወላ ተፈረቁ (አትለያዩ) ይላል። እሳቸው ደግሞ እንለያይ አሉን።
የተከበሩ ጠ/ሚ ሆይ!
እኔ ሱፊ ነኝ; ትላንትም ዛሬም እኔ እውነተኛ ሱፊ ነው። ሆኖም ሙፍቲን ከስልጣን አውርደናል። ምክንያቱም ስራቸው እስልምናን የሚጠቅም አይደለም። ስለዚህ ህግ ይከበርልን።
❤❤❤❤❤
የተከበሩ ጠ/ሚ ሆይ!
እኔ ወታደር እንደሆንኩ ታውቀኛለህ። የባኒ ሻንጉል ክልልን የፈጠርኩኝም እኔ ነኝ። እናንተም ወደኛ ክልል ስጥመጡ የተቀበልኳችሁ እኔ ነኝ። ይህን ታውቀኛለህ። ሆኖም ግን ሙፍቲን ከስልጣን አንስተናል። ምክንያቱም የሙፍቲ ስራ ለዚች ሀገር እና ለሙስሊሙ ማህበረሰብ ደህንነት የሚጠቅም አይደለም። ስለዚህ ህግና ህገ መንግስት ይከበር። ውሳኔያችን ይፈጸም።

Sh Muhammad Darasaa hoo maal jedhan?
Kabajamoo Muummicha ministeeraa nuti hundi si jaalanna. Hedduu hedduu si jaalanna. Garuu hanga har'aatti. Kan kana boodaa ni laallanna! Alatti si hamachuu irra asumatti sitti himuu wayya! Ani har'a kanin dhufeef seera kabajchiisuuf nu yaamtan natti fakkaate malee if duuba nu deebistan jedhee hin yaadne ture! Garuu har'a hedduu gadde!
*****
Maalif yoo jettan
1. Muftiin Aalima manguddoo Abbaa keenna hundaati. Haa ta:u malee ummata kana tokkoo godhanii hoogganuu hin dandeenye. Bulchuus hin dandeenye. nageenha eegsisjus hin dandeenye. Inumaa kan inni dandahu boksiidha, dhiiga jigsisuudha. Kana immoo Majlisa Finfinnee irratti waan raawwatame laallee ragaa bahuu dandeenya!
Kanaafuu
Seerri haa kabajamu. Muftiin sagalee caalmaadhaan taayitarraa kaafamee jira. Gara bakka itti ramadameetti haa socho'u. Mootummaan sagalee keenna nuuf haa kabaju!
❤❤❤❤❤❤❤
Kabajamoo
Dhugaa nutti himaatii yoo garee keenna kana hinbarbaadne ifaan ifatti nutti himaa. Nuti ni deemnaa mootummaa isin hin fedhu jedhaa nutti himaa malee Wal dhoksuun hin tahu.
***
Kabajamoo
Ani ergaa mana kootii bahee baatii sadihiifi guyyaa kudha jaha. Manni keenna jigee, Islaama bakka lamatti baasanii walnyaachisuu isaanii dhageenyaan Affaar irraa dhufe!
Jarri wayyaanee ganda kiyya keessa jiru; ammallee namni ni du'aa jira. Kana hundaa dhiisee wanni Ani asitti hoteelatti dararamuuf waa biraa miti. Xiqqoo waa sirreessan jedheetan! Yoo hin ta'u taate gadi nu lakkisaa hawaasa keenyatti deebinee mootummaan nu hin barbaaduu dhiifama nuuf godhaa jennee gallee hawaasa keenyatti himnaa!!!
Kanaafuu ammas seerri hojiirra haa oolu.

عجبا لأمة تريد أن تفتح العالم⁉
وهي لا تفتح القرآن !!
وعجبا لمن يحلم بالصلاة في المسجد الأقصى
وهو يترك الصلاة بالمسجد الذي بجوار بيته!📩

Suuraan kun lamaan seenaaf haa taa'u. Hamilee waa barachuufi qara'uu namaaf dabala.
ناس يغيثون كالمطر
وآخرون يظللون كالشجر
ومنهم كالصحراء مهما زرعت فيهم
لا وفاء ولا ثمر
منقول
وآخرون يظللون كالشجر
ومنهم كالصحراء مهما زرعت فيهم
لا وفاء ولا ثمر
منقول
Waqfii Abbaan Jifaar Ka'abaa biratti ijaaran
Akka manguddoonni nutti himanitti Abbaan Jifaar ofii isaaniitii hajjii hin dhaqne. Kanaaf immoo sababoonni adda addaa ni himama. Garuu waggaa waggaatti namoota torba baasii isaaniitiin hajjii akka ergaa turan Dr Kataboon ibseera.
Kanumaa wajjin Ka'abaa biratti bakka hujjaajonni qubatan gamoo lama ijaaraniiru. Gamoo kana ilaalchisee odeeffannoo ga'aa maatii isaaniifi itti gaafatamtoota gamochaa irraa funaaneera. Bu'urri gamoo kanaa A/Foggii A/Jifaartu yeroo baay'ee hajjii dhaquu abbaa isaanii gaafatu turan. Achiin qophii isaanii xumuranii geggeeffaman. Qallaba fudhatanii namoota Jimmaa xiqqoo wajjin Makkaan ga'an. Hojii hajjis raawwatan. Gubaan aduu ulfaataa ture. Akka carraa ta'ee hajjiin bara Sanaa bubbee fi qorra cimaa qaba ture. Bokkaan cabbii qabus ni roobe. Ummanni hajjii keessa ture bakka itti baqatu hin qabu ture. Cabbiin sun Muslimoota baay'ee miidhe. Abbaan Foggii akkuma ta'etti hajjii fixanii gara Jimmaa deebi'an. Abbaan Jifaaris waa'ee hajjichaa ilma isaanii gaafatan. Ilmi isaaniis waa'ee hajjiifi rakkoo ummata mudate abbaaf ibse.
Abbaan Jifaar ummanni cabbiin miidhamuu yeroo dhaga'an ni gaddan. "Maaliif hin dhiheessattan?" jedhanii gaafatan. Abbaan Foggiis "manni Rabbii kophaa isaa jira; bakki itti baqatan hin jiru" jedhan. Abbaan Jifaar kana gaddanii "Inshaa Allaah bakka Muslimoonni keessa qubatan achitti mana nan hojjadha" jedhan. Manguddoonni taa'anii dhaggeeffataa turan ni dinqisiifatan. Yeroo sanatti "dhaqanii galuun mataan isaa waggaa tokko fixa; kana ta'uu wajjin Makkaafi Madiinattin mana ijaara jedhuu!" jedhan. Abbaan Jifaaris "humna Rabbiitiin nan ijaara" jedhan. Achumaan mariidhaaf ulamoota waaman. "Roobni hajjii irratti cabbii roobe Muslimoota baay'ee miidhe. Ka'abaa biratti bakka qubannaa ijaaruun fedhe. "Maal na gorsitu?" jedhanii gaafatan. Ulamoonnis sagalee tokkoon gaariidha jedhanii deeggaran. Abbaan Jifaaris "tole akkamitti hojjadhu? Na gorsaa" jedhan. Ulamoonnis "manni hojjatamu waqfii ta'uu qaba; qabeenya halaalaafi qulqulluudhaan hojjatamuu qaba" jedhan. Abbaan Jifaaris tole jedhan.
Waggaa sadii guutuu qarshiin walitti qabame. Abbaan Jifaar haadha manaa isaanii hunda waamanii "mindaa guddaa waan qabuuf akka isin jala hin darbine; warqii keessan baasaa keessa buusaa" jedhanii gorsan. Qabeenya walitti qabame keessatti dubartoonni isaanii faaya qubaa, kan gurraafi mormaa keeshaa keessa buusan. Namoota kudha lama kanneen deemanii hojjachiisan filatan.
Manni Abbaan Jifaar waqfiif Suudiitti ijaaran sadii ture. Makka keessatti kan jalqaba ijaarame mana lama ture. Tokko immoo Madiinatti ijaarame. Garuu amma sadan isaatuu bakka hin jiru. Kan Makkaa lamaanuu Ka'abaatti baay'ee dhihoo ture. Meetira 300 ol ka'abaa irraa hin fagaatu. Inni tokko xiqqaa ture. Galiin isa irraa argamu isaa guddaa ummanni keessa qubatu haa tajaajilu kaayyoo jedhuun ijaarame. Garuu dogoggorri wahii uumamee nama dhuunfaa wahiitiin achii gurguramee Xaa'ifitti ijaarame. Inni lammaffaa isa guddaa hujjaajonni keessa haa qubataniif ijaarame. Inni yeroo dheeraa erga ummata tajaajilee baay'ee dulloomee taa'aa ture. Sababa kanaa waggaa ja'aaf hujjaajonni akka keessa hin qubanne mootiin Suudii dhorge. Innis gurguramee Makka keessaa gamoon lama ittiin bitamee jira. Gamoon tokko balbaluma masjida Haramaati. Yeroo ammaa karaan lafa jalaa balbala waqfichaatti baasa. Gamoon lammaffaan immoo bakka Aziiziyyaa jedhamu Minatti dhihoo irraa bitamee jira. Warri amma isa tiksaarus firoottaniifi ilmaanuma A/Jifaar. Rabbiin hunda isaaniitiifuu jannata haa kafalu. Suuraan waqfii fuuldura masjida Haramaafi isa Aziiziyaa kan armaan gadiiti:
By# Gali Ababor

Cimina Abbaan Jifaar Islaamummaa Irratti Qabaniifi Yaalii Kiristaana Isaan Gochuu Minilik
***,*
Abbaan Jifaar mootolee yeroo isaanii beekaman hunda caalaa Islaamummaa irratti cimoo turan. Carraa adda addaatti fayyadamanii gabroota bilisa baasu turan. Keessumaa ji’a Ramadaanaa keessa waggaa waggaan gabroota dhibbaa ol bilisa baasu.
Aalimoota baay’ee jaalachuu irraa kan ka’e aalimoota Itoophiyaan ala jiraniifillee kennaa adda addaa kennaniifii akka qaraasisuu irratti jabaatan godhu. Fkn yeroo sanatti aalimni beekaan Sheykh Habiibullaah jedhaman Makka keessatti akka qaraasisan dhaga’anii “qaraasisuu irratti cimaa” jedhanii warqii uuqiyyaa tokko erganiif. Muslimoota biyya keessaa qofa osoo hin taane waa’ee Muslimoota addunyaa irra jiraniillee ni gaggaafatu turan.
❤❤❤❤❤❤❤❤
Ofii isaaniitiifis ibaadaa dhuunfaa yoomuu hin dagatan ture. Yoo keessummaan fedhe itti dhufellee sa’aatii salaataa hin dabarsan. Keessummicha teessisanii salaatu turan. Aleksaander Bilaatoovich kan bara 1898 ji’a Amajjii keessa gara Jimmaa dhufee ture odeeffannoo armaan gadii barreesseera:
###########
Yeroo xiqqoo akka taphanneen yeroon salaata halkanii ga’e. Abbaan Jifaar akka ani xiqqoo isaan eegu dhiifama na gaafatan. Hiriyoota isaanii wajjin gara cinaatti siqanii dhiqachuu jalqaban. Tajaajiltuun isaanii tokko meeshaa ittiin dhiqatamu silvarii irraa hojjatame fiddeef. Abbaan Jifaaris akka seera Islaamaatti kadhaa kadhataa (du’aa’ii godhaa) harka, miila, qoma, mataafi gurmuu isaanii dhiqatan. Fuula isaanii gara kaabaatti deebisanii sagaduu jalqaban. Bareechee dukkanaa’ee ture. Mootiin tokko haala kanaan sagaduufi du’aa’ii godhuun keessummaa Awrooppaa kanatti abjuu fakkaata ture. Abbaan Jifaar masubaa isaanii lakkaa’aa kadhaa kadhatu turan. Ergasii deebi’anii dhufanii barcuma isaanii irra taa’an.
Amantii Islaamaa irratti cimuu irraa kan ka’e gamoo isaan warra hajjii dhaquuf Makkaafi Madiinatti ijaaran isiniif dubbadheen ture.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Abbaan Jifaar daa’imummaa isaaniitiin haadha isaanii Shirree/Haliimaa Abbaa Duulaa irraa Qur’aana qara’aniiru. Of qofaa qara’anii hin dhiifne; haadha manaa isaanii hunda Qur’aana qaraasisanii turan. Aadaa Jimmaa keessatti immoo namoonni gurguddoon Abbaa Jifaaritti hidhachuuf yaalu. Sababa kana qoroon jaatamni bulchiinsa isaanii keessa jiran hundi haadha manaa isaanii Qur’aana qaraasisan. Warreen Abbaa Jifaar hordofanii dubartoonni hoggantoota baay’ee Qur’aana qara’uun Islaama baballisuu keessatti ga’ee guddaa qaba ture.
❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
Akkan manguddoota irraa dhaga’etti bara Abbaa Jifaar keessa sheekolii, namoota sirriitti salaata eeggatan, warra ilmaan Qur’aana qaraasifataniifi kkf irraa gibirri hin fuudhamu ture. Akkasumas Abbaan Jifaar sheekolii naannoo birootti rakkatanii baqatanii dhufan qubsiisuudhaan beekamu. Kana malees wantoonni isaan Islaamaaf gumaachan baay’eedha.
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
Garuu wanti baay’ee nama ajaa’ibu Abbaan Jifaar Islaamummaa irratti akkana jabaachuu wajjin Atse Minilik amantii Islaamaa irraa isaan deebisuuf yaalii gochuu isaati. Akkan manguddoo keenya irraa dhaga’etti Minilik dhimma cimaa wahiitiifin si barbaada jedhee Abbaa Jifaar gara Finfinneetti waame. Abbaan Jifaaris A/Dikoo A/Billoo dabalatee manguddoota ciccimoo sagal fudhatanii gara Finfinnee deeman; achi ga’anii bakka qubannaa isaanii naannoo Buraayyuu ture bulanii ganama Minilikiin bira dhaqan. Minilikis Abbaa Jifaar qofa ol naa galchaa jedhee waardiyyoota ajaje. Achiin Abbaan Jifaar kophaa isaanii isa bira seenan. Minilik yaada armaan gadii irra dhiheesse: “har’a dhimma cimaafin si barbaade. Innis mootummaa koo walakkaa isaa siifin kenna. Akkasumas intala koo Zawdituu sittin heerumsiisa. Garuu ati anaa wajjin Kiristaanummaa fudhadhu” jedhe. Abbaan Jifaaris “buleen itti yaadee dhufa” jedhan. Abbaan Jifaar manguddootaa wajjin gara bakka qubannaa isaaniitti deebi’anii tasgabbiin bulan. Manguddoonni dhimma Minilik isaan waameef galgala sana gaafannaan “amma dhiisaa tasgabboofneen ganama isinitti hima” jedhan.

Ganama Salaata Subhii booda erga ciree nyaatanii qaawwaa dhuganii dhimmicha manguddootatti himan.Manguddoonnis “isin maal yaaddan ree?” jedhan. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo inni kan Jimmaayyuu narraa fudhate, intala isaa natti heerumsiisuu mitii yoo inni haadha manaa koo hundaa narraa fudhateyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Manguddoonni hundinuu “yoo duunes Islaamummaa irratti duunaa” waadaa waliif galan. Hundi isaaniitu qawwee dhukaafamu hidhatu turan. “Har’a Minilik Abbaa Jifaar ajjeesuutu mala; kanaafuu nutis Abbaa Jifaar biraa hin hafnu; isaanii wajjin Minilikiin bira seennee yoo inni isaan tuqe isas ajjeefnee dhumna malee hin dhiifnu” jedhan. Yeroo Abbaan Jifaar dhaqan akkuma kaleessaa waardiyyoonni Abbaa Jifaar qofa ol galchuuf yaalan. Garuu manguddoonni nutis biraa hin hafnu jedhanii dinnaan Minilik isaanis ol galchaa jedhe. Yeroo isaan ol galan “yaada kaleessaa maal jettaree?” jedhee Abbaa Jifaar gaafate. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo ati kan Jimmaayyuu narraa fudhatte, intala kee natti heerumsiisuu mitii yoo haadha manaa koo hundaa fudhatteyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Ogga kana Minilik lafa dhiitee rifeensa mataa ofirraa buqqisee “ka’ii galigaa; waan gaarii siif yaadnaan didde” jedhe. Haala kanaan hundinuu Islaamummaa isaanii irratti gadi dhaabbatanii nageenyaan gara Jimmaa deebi’an.
Rabbiin hunda isaanii jannataan haa badhaasu.

Abbaa Jifaar lammaffaa kan osoo hin dhalatin mootoman!
👇👇👇👇👇👇👇
Maqaan isaanii guutuun Muhammad (Tulluu) Daawud Alii Daangilaa Osee Koobii Horoo Diggoo Jaarsoo Koloo Waayyuu Hariiroo Jimmaa Hakaakoo Maccaa Raayyaa jedhamu.
Bara 1861 abbaa isaanii Abbaa Gommol mootii Jimmaafi haadha isaanii intala mootii Guumaa Gennee Guumayittii Shirree (Haliimaa) Abbaa Duulaa jedhamtu irraa masaraa abbaa isaanii Jireen jiru keessatti dhalatan.
Gaa’illi abbaafi haadha isaanii kun karoora nageenya naannootti buusuu, hariiroo cimsuufi Islaama baballisuuf qaban irraa ka’ee jidduu mootii Jimmaafi Guumaatti akka raawwatame himama. Akkasumas Abbaan Gommol daangaa Jimmaa keessaa bahanii waan hin fuudhiniif akka isaan bakka biraatii fuudhan yaanni dhihaatee ture. Sababa kana Diggoon Jimmaafi Adamiin Guumaa walitti soddooman. Intala mootii Guumaa Abbaa Duulaa kana mootoleen Gibee Shananii hunduu akka gaafatanii turan manguddooleen ni dubbatu. Boodarra ulaagaa kaa’anii Abbaa Gommol Jimmaatti heerumsiisan. Innis ilma isii mootii Jimmaa gochuu ture. Abbaan Gommolis ulaagaa kana yoo ilmi isii kan jalqabaa dhiira ta’e akka mootii godhan waadaa seenan. Kanarraa ka’uudhaan soddummaan isaanii kaayyoo amantiifi siyaasaa akka qabu dubbachuu dandeenya.
Maqaan isaanii kan dhalootaa Muhammad Daawud Alii yoo ta'u Maqaan Oromummaa immoo Tulluu ture. Kan yeroo ammaa awwaala isaanii irratti barreeffamee argamu Muhammad bin Daawudiifi Abbaa Jifaar jedha. Gara caalu maqaa aangoo isa Abbaa Jifaar jedhuun beekamu. Osoo taayitaa hin fudhatin dura maqaa Abbaa Bulguu jedhu akka qaban Dr.Kataboon Cechi irraa nuuf himeera. Ogga taayitaa fudhatan maqaan Abbaa Jifaar jedhamu moggaafameef. Kaayyoon isaas qaroominaafi guddina Abbaa Jifaar guddaan argamsiisan sana deebisee argamsiisa kan jedhu abdachuudhaan ture.
❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
Abbaan Jifaar abbaa isaaniitiif ilma afraffaa ta’anis haadha isaanii Shirreedhaaf kan jalqabaa turan. Aadaa duraan Oromoo naannoo kanaa keessa ture keessatti yeroo mootiin du’e ilma isaa kan hangafaatu taayitaa dhaala ture; garuu waadaa yeroo gaa’ilaa ture irratti hundaa’uudhaan akkuma dhalataniin akka mootummaa abbaa isaanii dhaalan murtaa’e.
🏚🏚🏚🏚🏚🏚🏚🏚
Masaraa abbaa isaanii keessatti guddatanii achumatti Qur’aana qara’an. Afaan Arabaafi barumsa Islaamaa siyaasaa wajjin baratan. Aadaa Oromoos sirriitti baratan. Yeroo abbaan isaanii Abbaan Gommol du’an taayitaa isaanii dhaalan. Bara Abbaan Gommol du’an ilaalchisee barreessitoonni seenaa yaada lama qabu. Gariin 1875 yoo jedhan kaan immoo 1878 jedhaniiru. Hanga Muhammad bin Daawud muudamutti duuti Abbaa Gommol dhokfamee iccitiin qabame.
Muudamni taayitaa masaraa keessatti geggeeffame. Seenaan Abbaa Jifaar guddaa baay’ee beekamaa waan ta’eef maqaa isaaniitiin moggaafaman. Erga Muhammad bin Daawud muudamee ka’ee labsiin armaan gadii dabarfame:
Iyyaa iyya dabarsaa
Mootichi darbaniiru
Ilmi gennee Guumayittii mootomaniiru.
Akka manguddooleen jedhanitti hanga A/Jifaar guddatanitti qubeellaan (amartiin) aangoo A/Billoo A/Diimaa harka ture. Sababni isaas isaantu yeroo Shirreen fuudhamtu ilma isii mootii taasisuu waadaa gale waan ta’eef. Hanga Abbaan Jifaar guddatanii of danda’anii bulchuu eegalanitti A/Dikoo A/Billoo A/Magaal, haati isaanii Gennee Guumayittiin, Abbaa Goolee Abbaa Jiilchaafi abbootiin qoroo kan biroo ga’ee guddaa taphataa turan. Barreeffamoota garii keessatti manguddoo kana hunda isaaniirra kan ga’ee guddaa taphatte Gennee Guumayittii turte jedha. Garuu manguddoonni baay’een kan biyya bulchaa ture A/Dikoo A/Billoo A/Magaali jedhu. A/Billoo kun ilma A/Magaal isaan mootii Jimmaa 2ffaa turaniiti. Abbaan Dikoo nama tooftaafi ogummaa guddaa qabuudha. Bara A/Jifaar keessayyuu kan biyya bulchaa ture A/Jifaar caalaa A/Dikoo akka ture manguddoonni dubbatu. Dhimma rakkisaa ta’e hundaa furuuf isaantu waamama ture. Yeroo Minilik gaaffii ulfaataa A/Jifaaritti dhiheessellee kan furmaata itti kennu A/Dikoo kana ture. Minilik mataan isaa A/Jifaariin “kan biyya bulchaaru si osoo hin taane namicha sana” jedhaa ture. Abbaan Dikoo masaraan isaanii Dedoo keessa ture.

Jireen keessaas masaraa ni qabu turan. Garuu bakki jireenya isaanii Dedoodha.
Haati A/Jifaar Shirree A/Duulaa ogga A/Gommol du’an ijoollummaa qabdi ture. Achumaan A/Billoo A/Diimaa kan jalqaba dhaqanii isii dubbatanii turan A/Waajii A/Xiiqiitti isii heerumsiisan. Ijoollee lama kan booda A/Dikoo fi A/Garoo jedhaman A/Waajii kanaaf da’an. Ummanni A/Waajii A/Xiiqiitiin jara waamuu dhiisee Genneen waama ture. Kanaafuu A/Dikoo Gennee fi A/Garoo Gennee jedhamu turan.
Akka odeeffannoon baay’een jirutti bara 1875-1878 tti deeggarsa warra kanaatiin bulchaa turan. Turtii waggaa afurii booda bitootessa bara 1878 Abbaan Jifaar of danda’anii bulchuu jalqaban.
Abbaan Jifaar madrasaafi markazni qoroo jaatama keessatti bara Abbaa Booqaa ijaarame hunduu akka cimee barumsa Islaamaa barsiisu godhan. Beektolee Islaamaa warra Wolloo irraa ajjeechaa Yohaannisiifi Minilik Shawaa baqatanii dhufan akka masjidaafi madrasaa keessatti barsiisan godhan. Aalimoota deeggaranii koolu galtummaa kennaniifii qubsiisan.
Akkuma Abbaan Jifaar taayitaa guutuu qabataniin yeroo gabaabaa keessatti Waraanni Kaabaafi Minilik dachii Oromoofi sablammoota kibbaa qircachuuf saamicha dhufan.
Itti fufa Inshaa Allaah....