Telegram Web Link
Cimina Abbaan Jifaar Islaamummaa Irratti Qabaniifi Yaalii Kiristaana Isaan Gochuu Minilik
***,*
Abbaan Jifaar mootolee yeroo isaanii beekaman hunda caalaa Islaamummaa irratti cimoo turan. Carraa adda addaatti fayyadamanii gabroota bilisa baasu turan. Keessumaa ji’a Ramadaanaa keessa waggaa waggaan gabroota dhibbaa ol bilisa baasu.
Aalimoota baay’ee jaalachuu irraa kan ka’e aalimoota Itoophiyaan ala jiraniifillee kennaa adda addaa kennaniifii akka qaraasisuu irratti jabaatan godhu. Fkn yeroo sanatti aalimni beekaan Sheykh Habiibullaah jedhaman Makka keessatti akka qaraasisan dhaga’anii “qaraasisuu irratti cimaa” jedhanii warqii uuqiyyaa tokko erganiif. Muslimoota biyya keessaa qofa osoo hin taane waa’ee Muslimoota addunyaa irra jiraniillee ni gaggaafatu turan.

Ofii isaaniitiifis ibaadaa dhuunfaa yoomuu hin dagatan ture. Yoo keessummaan fedhe itti dhufellee sa’aatii salaataa hin dabarsan. Keessummicha teessisanii salaatu turan. Aleksaander Bilaatoovich kan bara 1898 ji’a Amajjii keessa gara Jimmaa dhufee ture odeeffannoo armaan gadii barreesseera:
###########
Yeroo xiqqoo akka taphanneen yeroon salaata halkanii ga’e. Abbaan Jifaar akka ani xiqqoo isaan eegu dhiifama na gaafatan. Hiriyoota isaanii wajjin gara cinaatti siqanii dhiqachuu jalqaban. Tajaajiltuun isaanii tokko meeshaa ittiin dhiqatamu silvarii irraa hojjatame fiddeef. Abbaan Jifaaris akka seera Islaamaatti kadhaa kadhataa (du’aa’ii godhaa) harka, miila, qoma, mataafi gurmuu isaanii dhiqatan. Fuula isaanii gara kaabaatti deebisanii sagaduu jalqaban. Bareechee dukkanaa’ee ture. Mootiin tokko haala kanaan sagaduufi du’aa’ii godhuun keessummaa Awrooppaa kanatti abjuu fakkaata ture. Abbaan Jifaar masubaa isaanii lakkaa’aa kadhaa kadhatu turan. Ergasii deebi’anii dhufanii barcuma isaanii irra taa’an.

Amantii Islaamaa irratti cimuu irraa kan ka’e gamoo isaan warra hajjii dhaquuf Makkaafi Madiinatti ijaaran isiniif dubbadheen ture.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Abbaan Jifaar daa’imummaa isaaniitiin haadha isaanii Shirree/Haliimaa Abbaa Duulaa irraa Qur’aana qara’aniiru. Of qofaa qara’anii hin dhiifne; haadha manaa isaanii hunda Qur’aana qaraasisanii turan. Aadaa Jimmaa keessatti immoo namoonni gurguddoon Abbaa Jifaaritti hidhachuuf yaalu. Sababa kana qoroon jaatamni bulchiinsa isaanii keessa jiran hundi haadha manaa isaanii Qur’aana qaraasisan. Warreen Abbaa Jifaar hordofanii dubartoonni hoggantoota baay’ee Qur’aana qara’uun Islaama baballisuu keessatti ga’ee guddaa qaba ture.

Akkan manguddoota irraa dhaga’etti bara Abbaa Jifaar keessa sheekolii, namoota sirriitti salaata eeggatan, warra ilmaan Qur’aana qaraasifataniifi kkf irraa gibirri hin fuudhamu ture. Akkasumas Abbaan Jifaar sheekolii naannoo birootti rakkatanii baqatanii dhufan qubsiisuudhaan beekamu. Kana malees wantoonni isaan Islaamaaf gumaachan baay’eedha.
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
Garuu wanti baay’ee nama ajaa’ibu Abbaan Jifaar Islaamummaa irratti akkana jabaachuu wajjin Atse Minilik amantii Islaamaa irraa isaan deebisuuf yaalii gochuu isaati. Akkan manguddoo keenya irraa dhaga’etti Minilik dhimma cimaa wahiitiifin si barbaada jedhee Abbaa Jifaar gara Finfinneetti waame. Abbaan Jifaaris A/Dikoo A/Billoo dabalatee manguddoota ciccimoo sagal fudhatanii gara Finfinnee deeman; achi ga’anii bakka qubannaa isaanii naannoo Buraayyuu ture bulanii ganama Minilikiin bira dhaqan. Minilikis Abbaa Jifaar qofa ol naa galchaa jedhee waardiyyoota ajaje. Achiin Abbaan Jifaar kophaa isaanii isa bira seenan. Minilik yaada armaan gadii irra dhiheesse: “har’a dhimma cimaafin si barbaade. Innis mootummaa koo walakkaa isaa siifin kenna. Akkasumas intala koo Zawdituu sittin heerumsiisa. Garuu ati anaa wajjin Kiristaanummaa fudhadhu” jedhe. Abbaan Jifaaris “buleen itti yaadee dhufa” jedhan. Abbaan Jifaar manguddootaa wajjin gara bakka qubannaa isaaniitti deebi’anii tasgabbiin bulan. Manguddoonni dhimma Minilik isaan waameef galgala sana gaafannaan “amma dhiisaa tasgabboofneen ganama isinitti hima” jedhan.
Ganama Salaata Subhii booda erga ciree nyaatanii qaawwaa dhuganii dhimmicha manguddootatti himan.Manguddoonnis “isin maal yaaddan ree?” jedhan. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo inni kan Jimmaayyuu narraa fudhate, intala isaa natti heerumsiisuu mitii yoo inni haadha manaa koo hundaa narraa fudhateyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Manguddoonni hundinuu “yoo duunes Islaamummaa irratti duunaa” waadaa waliif galan. Hundi isaaniitu qawwee dhukaafamu hidhatu turan. “Har’a Minilik Abbaa Jifaar ajjeesuutu mala; kanaafuu nutis Abbaa Jifaar biraa hin hafnu; isaanii wajjin Minilikiin bira seennee yoo inni isaan tuqe isas ajjeefnee dhumna malee hin dhiifnu” jedhan. Yeroo Abbaan Jifaar dhaqan akkuma kaleessaa waardiyyoonni Abbaa Jifaar qofa ol galchuuf yaalan. Garuu manguddoonni nutis biraa hin hafnu jedhanii dinnaan Minilik isaanis ol galchaa jedhe. Yeroo isaan ol galan “yaada kaleessaa maal jettaree?” jedhee Abbaa Jifaar gaafate. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo ati kan Jimmaayyuu narraa fudhatte, intala kee natti heerumsiisuu mitii yoo haadha manaa koo hundaa fudhatteyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Ogga kana Minilik lafa dhiitee rifeensa mataa ofirraa buqqisee “ka’ii galigaa; waan gaarii siif yaadnaan didde” jedhe. Haala kanaan hundinuu Islaamummaa isaanii irratti gadi dhaabbatanii nageenyaan gara Jimmaa deebi’an.
Rabbiin hunda isaanii jannataan haa badhaasu.
Abbaa Jifaar lammaffaa kan osoo hin dhalatin mootoman!
👇👇👇👇👇👇👇
Maqaan isaanii guutuun Muhammad (Tulluu) Daawud Alii Daangilaa Osee Koobii Horoo Diggoo Jaarsoo Koloo Waayyuu Hariiroo Jimmaa Hakaakoo Maccaa Raayyaa jedhamu.
Bara 1861 abbaa isaanii Abbaa Gommol mootii Jimmaafi haadha isaanii intala mootii Guumaa Gennee Guumayittii Shirree (Haliimaa) Abbaa Duulaa jedhamtu irraa masaraa abbaa isaanii Jireen jiru keessatti dhalatan.

Gaa’illi abbaafi haadha isaanii kun karoora nageenya naannootti buusuu, hariiroo cimsuufi Islaama baballisuuf qaban irraa ka’ee jidduu mootii Jimmaafi Guumaatti akka raawwatame himama. Akkasumas Abbaan Gommol daangaa Jimmaa keessaa bahanii waan hin fuudhiniif akka isaan bakka biraatii fuudhan yaanni dhihaatee ture. Sababa kana Diggoon Jimmaafi Adamiin Guumaa walitti soddooman. Intala mootii Guumaa Abbaa Duulaa kana mootoleen Gibee Shananii hunduu akka gaafatanii turan manguddooleen ni dubbatu. Boodarra ulaagaa kaa’anii Abbaa Gommol Jimmaatti heerumsiisan. Innis ilma isii mootii Jimmaa gochuu ture. Abbaan Gommolis ulaagaa kana yoo ilmi isii kan jalqabaa dhiira ta’e akka mootii godhan waadaa seenan. Kanarraa ka’uudhaan soddummaan isaanii kaayyoo amantiifi siyaasaa akka qabu dubbachuu dandeenya.

Maqaan isaanii kan dhalootaa Muhammad Daawud Alii yoo ta'u Maqaan Oromummaa immoo Tulluu ture. Kan yeroo ammaa awwaala isaanii irratti barreeffamee argamu Muhammad bin Daawudiifi Abbaa Jifaar jedha. Gara caalu maqaa aangoo isa Abbaa Jifaar jedhuun beekamu. Osoo taayitaa hin fudhatin dura maqaa Abbaa Bulguu jedhu akka qaban Dr.Kataboon Cechi irraa nuuf himeera. Ogga taayitaa fudhatan maqaan Abbaa Jifaar jedhamu moggaafameef. Kaayyoon isaas qaroominaafi guddina Abbaa Jifaar guddaan argamsiisan sana deebisee argamsiisa kan jedhu abdachuudhaan ture.

Abbaan Jifaar abbaa isaaniitiif ilma afraffaa ta’anis haadha isaanii Shirreedhaaf kan jalqabaa turan. Aadaa duraan Oromoo naannoo kanaa keessa ture keessatti yeroo mootiin du’e ilma isaa kan hangafaatu taayitaa dhaala ture; garuu waadaa yeroo gaa’ilaa ture irratti hundaa’uudhaan akkuma dhalataniin akka mootummaa abbaa isaanii dhaalan murtaa’e.
🏚🏚🏚🏚🏚🏚🏚🏚
Masaraa abbaa isaanii keessatti guddatanii achumatti Qur’aana qara’an. Afaan Arabaafi barumsa Islaamaa siyaasaa wajjin baratan. Aadaa Oromoos sirriitti baratan. Yeroo abbaan isaanii Abbaan Gommol du’an taayitaa isaanii dhaalan. Bara Abbaan Gommol du’an ilaalchisee barreessitoonni seenaa yaada lama qabu. Gariin 1875 yoo jedhan kaan immoo 1878 jedhaniiru. Hanga Muhammad bin Daawud muudamutti duuti Abbaa Gommol dhokfamee iccitiin qabame.

Muudamni taayitaa masaraa keessatti geggeeffame. Seenaan Abbaa Jifaar guddaa baay’ee beekamaa waan ta’eef maqaa isaaniitiin moggaafaman. Erga Muhammad bin Daawud muudamee ka’ee labsiin armaan gadii dabarfame:

Iyyaa iyya dabarsaa
Mootichi darbaniiru
Ilmi gennee Guumayittii mootomaniiru.

Akka manguddooleen jedhanitti hanga A/Jifaar guddatanitti qubeellaan (amartiin) aangoo A/Billoo A/Diimaa harka ture. Sababni isaas isaantu yeroo Shirreen fuudhamtu ilma isii mootii taasisuu waadaa gale waan ta’eef. Hanga Abbaan Jifaar guddatanii of danda’anii bulchuu eegalanitti A/Dikoo A/Billoo A/Magaal, haati isaanii Gennee Guumayittiin, Abbaa Goolee Abbaa Jiilchaafi abbootiin qoroo kan biroo ga’ee guddaa taphataa turan. Barreeffamoota garii keessatti manguddoo kana hunda isaaniirra kan ga’ee guddaa taphatte Gennee Guumayittii turte jedha. Garuu manguddoonni baay’een kan biyya bulchaa ture A/Dikoo A/Billoo A/Magaali jedhu. A/Billoo kun ilma A/Magaal isaan mootii Jimmaa 2ffaa turaniiti. Abbaan Dikoo nama tooftaafi ogummaa guddaa qabuudha. Bara A/Jifaar keessayyuu kan biyya bulchaa ture A/Jifaar caalaa A/Dikoo akka ture manguddoonni dubbatu. Dhimma rakkisaa ta’e hundaa furuuf isaantu waamama ture. Yeroo Minilik gaaffii ulfaataa A/Jifaaritti dhiheessellee kan furmaata itti kennu A/Dikoo kana ture. Minilik mataan isaa A/Jifaariin “kan biyya bulchaaru si osoo hin taane namicha sana” jedhaa ture. Abbaan Dikoo masaraan isaanii Dedoo keessa ture.
Jireen keessaas masaraa ni qabu turan. Garuu bakki jireenya isaanii Dedoodha.

Haati A/Jifaar Shirree A/Duulaa ogga A/Gommol du’an ijoollummaa qabdi ture. Achumaan A/Billoo A/Diimaa kan jalqaba dhaqanii isii dubbatanii turan A/Waajii A/Xiiqiitti isii heerumsiisan. Ijoollee lama kan booda A/Dikoo fi A/Garoo jedhaman A/Waajii kanaaf da’an. Ummanni A/Waajii A/Xiiqiitiin jara waamuu dhiisee Genneen waama ture. Kanaafuu A/Dikoo Gennee fi A/Garoo Gennee jedhamu turan.
Akka odeeffannoon baay’een jirutti bara 1875-1878 tti deeggarsa warra kanaatiin bulchaa turan. Turtii waggaa afurii booda bitootessa bara 1878 Abbaan Jifaar of danda’anii bulchuu jalqaban.
Abbaan Jifaar madrasaafi markazni qoroo jaatama keessatti bara Abbaa Booqaa ijaarame hunduu akka cimee barumsa Islaamaa barsiisu godhan. Beektolee Islaamaa warra Wolloo irraa ajjeechaa Yohaannisiifi Minilik Shawaa baqatanii dhufan akka masjidaafi madrasaa keessatti barsiisan godhan. Aalimoota deeggaranii koolu galtummaa kennaniifii qubsiisan.

Akkuma Abbaan Jifaar taayitaa guutuu qabataniin yeroo gabaabaa keessatti Waraanni Kaabaafi Minilik dachii Oromoofi sablammoota kibbaa qircachuuf saamicha dhufan.

Itti fufa Inshaa Allaah....
Abbaa Jifaarii fi lola Shanan Gibee irratti baname
*****

Abbaan Jifaar aangoo dhuunfatanii yeroo gabaabaa keessatti naannoo Kibba dhihaa humna Amaaraatiin weeraramte. Waraannii warra kaabaa jalqaba gara Jimmaa dhufe waraana Takle Haymaanoot Goojjam akka ta’e maddi seenaa ni dubbata. Taklehaymaanoot kun maqaa mootummaati. Maqaan ijoollummaa Adaal Tasammaa ture. Taklehaymaanoot erga maqaa mootii Goojjamiifi Kafaa jedhu argatee hogganaa waraana isaa Dajjaaz Darasuu biyyootii baha Abbayaatti erge. Bara 1881 gara Guduruu, Horroo fi Leeqaa dhufe. Isaan dhumarratti gibira isaaf kaffaluu irratti waliif galan. Achumaan kallattii Limmuutiin gara Jimmaa dhufe. Jimma Shanan Gibee hundaa gargaarsa waraanaa gaafate. Takle Haymaanoot bara 1881 Goojjam irraa ka’ee Minilikiin dachii wal saamuuf jecha gara Jimmaa dhufe. Waraana isaa kan hogganee dhufe Raas Darasuu ture. Achumaan Abbaan Jifaar ulamootaafi manguddoo dubbii beekan waamanii dhimmicha ibsanii mariitti seenan. Dafnee furmaata wahii irra gahuu qabna jedhan. Ulamoonniifi manguddoonni garaagarummaa meeshaatiifi diinni dhihaachuu ilaaluudhaan ittiin loluun ni ulfaata yaada jedhutti daban. Keessumaa A/Dikoo A/Billoo gonkuma hin ta’u jechuu dubbatan. Odeeffannoo Shawaafi Wolloo qorachuudhaan gonkuma loluun hin ta’u jedhan.
Abbaan Jifaar immoo diinaaf gibira kennuun hin liqimfamneef ture. “Maaliif jihaada hin labsinu?” jedhan.

Sababni sheekoleefi manguddoonni lola dhiisanii nageenya filataniif ifaadha. Inni jalqabaa mootummoleen Oromoo naannoo kanaa gurmaa’anii diina ofirraa deebisuuf qophii tokkollee hin qaban. Inni lammaffaa immoo Oromoonni meeshaa waraanaa waggaa kuma dura tureen lolu. Nafxanyaan immoo warra dhihaa irraa meeshaa lolaa ammayyaa gargaarsa guddaa argataa turan. Fkn Minilik yeroo gara Jimmaa dhufu Abbaan Jifaar qawwee soddoma qofa qabu turan. Minilik immoo qawwee ammayyaa kuma soddoma (30,000) qaba ture. Manguddoonniifi sheekoleen garaa garummaa meeshaa lolaa kanaa jiruu lolatti seenuun ummata ficcisiisuu malee bu’aa tokkollee hin fidu ijjannoo jedhu irra ga’an. Akkasumas mootiin Leeqaa Naqamtee Morodaa jedhamu Oromoon Gibee kan biroo osoo hin miidhamin akka harka kennan ergaa dabarseera jedhama.

Duraan Muslimoonni naannoo kanaa tokko ta’anii diina ofirraa deebisuudhaaf gamtaa mootummoolee Shanan Gibee ijaaruuf sochiin godhamaa akka ture manguddoonni natti himan. Garuu osoo inni hin milkaa’in humni Nafxanyaa dhufe waan ta’eef yeroma sana mootummoolee Islaamaa naannoo sanaa Guumaa, Gommaa, Limmuufi Geeraa waamanii waliin jihaada labsinee biyya keenya tiksina jechuu dhaamsa ergan. Diinni ariitiin gara Jimmaa waan dhufaaruuf isa dhaabsisuufi yeroo dheeressuuf loltoota isaanii irraa hanga ta’e filatanii gara “Xiroo Afataatti” ergan. Xiroo Afataatti waraana Darasuutiin wal qunnaman; humni Abbaa Jifaar achumaan injifatame. Yeroo kana Abbaan Jifaar nama Abbaa Reebuu Qajeeloo jedhamu erganii Darasuun maal akka barbaadu gaafatan. Humni Muslimoota naannoo kan gamtaan biyya tiksuuf waamame ni ture. Ulamoonni akka Abbaan Jifaar jihaada hin labsine dhorkan. Keessumaa sheekhonni Guumaa Sheykh Aadam Abdallaa Gidiraa Ambachaa “erga diinni daangaa keenya keessa seenee jihaada hin labsin” jedhanii akeekkachiisan. Gibira kennuu wayya yaada jedhu irra ga’an. Abbaan Reebuu Qajeeloo kan Darasuutti ergaman deebi’anii “wanti Darasuun barbaadu gibira fudhachuufi dachii keessan keessa qaxxaamuruu qofa” jedhan. Yeroo kana Abbaan Jifaar sababa dhiibbaan haadha isaaniitiifi kan ulamootaa itti ulfaateef yaada gibira kennuu fudhatan. Waraanni Darasuu daangaa Jimmaafi Limmuu irraan akka darbu godhame. Jimma Shanan Gibee hundaa gargaarsa waraanaa gaafatee ture. Isaan keessaa Guumaa qofatu murteessee dhufe. Akka Gulummaafi manguddoonni jedhanitti waraanni Guumaa Abbaa Diggaa A/Duulaa guddaa (Shuuree Oonchootiin) hogganamee gara Jimmaa deeme. Inni loltuu cimaa ture; obboleessa Abbaa Joobir guddaati. Mootii yeroo sanaatiif obboleessa abbaa turan jechuudha.
Akka manguddoonni jedhanitti waraanni Abbaa Diggaa turee Jimmaan dhaqqabe. Yeroo inni Jimmaan dhaqqabu Abbaan Jifaar lola dhiisanii gibira Darasuuf kaffalaniiru. Abbaan Diggaa yeroo murtii Abbaa Jifaar kana dhaga’u baay’ee aaree gara Guumaa deebi’e. Yeroo deebi’u kana humni Guumaa namoota Jimmaa hanga ta’e akka rukute himama. Jechi naannoo Jimmaatti beekamu tokko Abbaan Diggaa kun Abbaa Jifaaritti dhaaddatanii “amman waraana Darasuu injifadhee dhufee warra kee midhaan daaksifadha” jedhan. Ogga kana Abbaan Jifaar “yoo ati isa injifatte anatu ofii jilbeenfatee siif daaka” jedhan jedhama.

Darasuun yeroo Jimmarraa gara Guumaa deemu Limmuufi Gommaan wal lhin lolle ture.
Lolli Abbaa Duulaa mootii Guumaafi Darasuu jidduutti geggeeffame baay’ee ulfaataa ture. Akka yaadannoo Sheykh Saafii Abdurrahmaan hogganaa majlisa duraanii irra jirutti “mootummaan Guumaa yeroo sanaa Abbaa Duulaa turan. Bara 1981 lolli jidduu sulxaanichaafi Dajjaaz Darasuu hogganaa lola Takle Haymaanotitti uumame. Muslimoonni isii keessatti mootiin isaanii wareegame. Ilmaan biyyattii namoonni filatamoon kumni jahas wareegaman. Lolichi silumaa lola wal gitu hin turre; waraanaafi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaa fuuldura dhaabbatan. Booda lolichaatii haati iyyeessaafi yatiimonni sakaalamanii loltoota Kiristaanaatiif gabroota godhamanii oofaman. Carraan maatii mootichaallee kanaan adda hin turre. Intala Abbaa Foggii Abbaa Duulaa kan Haliimaa jedhamtu dirqiin Kiristaana godhanii maqaa Ballaxshaachew Abbaa Foggii jedhu moggaasaniif. Ibiddi qalbii ummata Guumaa nyaataa ture. Finfinnee keessa mana yaalaa maqaa isiitiin moggaafametu fuuldura hoteela Di Afrik ture. Maqaan isii duraan Haliimaa A/Foggii akka ture manguddoonni baay’een natti himaniiru.

Lola kana keessatti mootiin Guumaa Abbaan Duulaa fi wasiilli isaanii hogganaa waraanaa ture Abbaan Diggaas ni du’an. Osoo biyyaafi amantii isaanii irraa deebisanii achitti wareegaman. Yaadannoon jara kanaa ammas sammuu ummata Guumaa keessaa hin baane; yoomuu ni ba’a jedhamees hin yaadamu. Sababni injifatamuu waraana Guumaa beekamaadha. Eeboofi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaatiin lolaa turan. Akkasumas gamtaan dhabamuutu kanaaf isaan saaxile. Kanumaa wajjin lola Nafxanyaa irraan miidhaa guddaa ga’aniiru. Akka tilmaama manguddoo gariitti waraana diinaa warra dhukaasa ammayyaatiin lolaa turan namoota 850 ol ajjeesaniiru. Yeroo sanatti naannoo dhihaa keessatti biyyi hanga Guumaa Nafxanyaa dura dhaabbate hin jiru.

Yeroma sana “humni Goojjam lafa Oromoo to’achuun, mootiin Guumaa Abbaan Duulaa ajjeefamuuniifi Abbaan Jifaar gibira Darasuuf kaffaluun” Shawaatti dhaga’ame. Achumaan Minilik waraana isaa Goobanaa Daacceetiin hogganamu naannoo Gibee akka deemu ajaje. Humni kun lamaan mootummaa isaanii Kibba dhihaatti babal’ifachuuf wal dorgomaa turan. Mootiin Guumaa ajjeefamuufi biyyattiin barbadaa’uun Shawaaf hamilee dabalee akka gara Guumaa dhufan taasise. Kaayyoon isaan lamaaniituu qabeenya biyyattii guurrachuu ture. Kaayyoon Minilik inni guddaan akka humni Goojjam Kibba dhihaa sarara daldalaa irra jiru kana hin qabanne gochuudha.

Akka Gulummaan jedhetti “Muddee bara 1881 Goobanaan humna Goojjam ari’uuf gara sulula Gibee dhufe. Yeroo humni lamaan Guumaa keessatti wal qunnaman, Raas Darasuun humni Shawaa cimaa ta’uu waan bareef naannicha lakkise. Lammaffaa naannoo sana irra miilaan hin ejjadhu jedhee ba’e. Goobanaan naannoo Gibee duraan Darasuu jala gale irraa gibira funaane.

Warri duraan Darasuu jala gale hunduu Goobanaaf kaffaluudhaaf walii gale.” Jalqaba bara 1882 Darasuun gibira funaannate hundaa humna Minilikitti kennee naannicha lakkise. Yeroo Goobanaan naannoo Gibee seenu ummanni Guumaa dursee humna Goojjamiin rukutamee ol aantummaa isaa dhabee cabeera. Horroo, Guduruufi Leeqaan duraan gibira kaffalanii dabarsan.

Raas Darasuun naannoo Gibee lakkisee bahuun oduun Taklehaymaanot Goojjam bira ga’e. Yeroo dhaga’u baay’ee aare. Achiin humna Shawaatiin loluu murteesse. Minilikis humna Goojjam kana rukutuuf qophaa’e. Minilik humna isaa ariitiin sochoosee deemee naannoo Coomman bakka Laga Riqichaa jedhamu qubate.
Ebla bara 1882 humna Darasuu naannoo Buunnoo (Makkoo) irraa baase. Akka Gulummaan jedhetti “Caamsaa 30, 1882 Minilik ariitiin Coomman Swaamp qaxxaamuree Waxabajjii 6, 1882tti bakka Imboobboo jedhamutti Taklehaymaanotiin qunname. Lola ulfaataa booda Taklehaymaanot qabamee humni waraana isaas barbadaa’e.” Erga humni Goojjam barbadaa’ee Minilik naannicha keessatti ol aantummaa labsate.

Kana booda lolli Minilikiifi Guumaa jidduu ture cimaa miti. Humni Guumaa dursee rukutameera; hoggantoonni isaanii ajjeefamaniiru. Lola xixiqqaatu ture. Akka Yaasin ibsetti Guumaa bara 1885 Minilik jala seente. Kana jechuun waggaa sadan hafe fincilatu ka’aa ture malee lolli hoggansa cimaa qabu dhaabbateera. Mootiiniifi hogganaan waraanaa du’aniiru. Bara 1889-1907 nama Raas Tasammaa jedhamu irra keenyaan Guumaa hogganaa ture.
Halkan Jumu'aatti seennee jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba?
قال الله تعالى👇
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا
Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56)

وفي الحديث👇
أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا،
Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW)
( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي )
Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan.
اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،
موعظة وعبرة


الخطبة الأولى

إن الحمد لله، نحمده ونستعِينه ونستغفره ونتوب إليه، ونعوذ بالله من شرور أنفسنا ومن سيئات أعمالنا، من يهده الله فلا مضل له، ومن يضلل فلا هادي له، وأشهد أن لا إله إلا الله وحده لا شريك له، وأشهد أن محمداً عبده ورسوله، فاللهم صل وسلم عليه وعلى آله وصحبه.

 

معاشر عُمَّار بيت الله:

ليس العيب في أن يخطئ الإنسان أو يرتكب ذنباً، لأن من طبيعة الإنسان الوقوعُ في الخطأ، فـ (كل ابنِ آدم خطاء، وخيرُ الخطائينَ التوابون)، كما أخبر بذلك الحبيب النبي صلى الله عليه وسلم.


ولكنِ العيب هو التمادي في اقتراف المعاصي والإصرارِ عليها.

العيب هو أن يُنصح الإنسان فلا يسمع النصيحةَ ولا يعمل بها.


العيب أن يُذكَّر فلا يذكر ولا تنفعه الذكرى، وأن يوعظَ فلا يتعظ ولا يعتبر ولا يتوب ولا يستغفر، بل يصر ويولي مستكبرا، فمثله كمثل من قال فيه ربنا جل جلاله: ﴿ وَإِذَا تُتْلَى عَلَيْهِ آيَاتُنَا وَلَّى مُسْتَكْبِرًا كَأَنْ لَمْ يَسْمَعْهَا كَأَنَّ فِي أُذُنَيْهِ وَقْرًا فَبَشِّرْهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ ﴾ [لقمان: 7].


ومن باب التذكير والموعظة والنصيحة، أحببت معاشر المؤمنين والمؤمنات، أن أقف بكم في هذا اليوم المبارك، وفي دقائق معدودة مع قصة رجل أسرف على نفسه بالذنوب والمعاصي. هذا الرجل كلما حاول التوبة غلبته نفسه، كلما حاول أن يتوب إلى الله، غلبه هواه فيُرجعه إلى الذنوب، لكنه مرة التفت إلى مرضه العضال، وأحس أن الأرض قد ضاقت عليه بما رحبت، فذهب يُفتش عن طبيب لدائه، فكان المقصد هو إبراهيم بنُ أدهم.


جاء هذا الرجل الذي أسرف على نفسه بالذنوب والمعاصي، إلى إبراهيم ابن أدهم، فقال له: يا إبراهيم، لقد أسرفت على نفسي بالمعاصي والذنوب، وأردت أن أتوب إلى الله عز وجل فماذا أصنع؟.


فقال له إبراهيم بن أدهم: إذا أردت أن تترك المعاصي وتكون من أهل التوبة، فإني أعظك بخمس خصال.


قال: هاتها يرحمك الله.

قال إبراهيم: أما الأولى، إذا أردت أن تعصي الله فلا تأكل من رزقه.


قال الرجل: سبحان الله! وهل الأرزاق كلها إلا من الله يا إبراهيم؟! فقال له: فهل يجدر بك أن تأكل من رزقه وتعصيَه؟!


قال: لا.. هات الثانية.


قال إبراهيم: أما الثانية، إن أردت أن تعصي الله فاخرج من أرضه، ابحث عن أرض ليست لله فاعصه هناك، ابحث عن مكان ليس ملكا لله وليس في ملك الله، واعصه كما تشاء.


قال: هذه أعظم، فالأرض والسماء ملكه فأين أسكن؟

قال: أيُحسن بك أن تأكل رزقه وتسكن أرضه ثم تعصيه عليها؟

قال: لا.. هات الثالثة.

قال: أما الثالثة، إذا أردت أن تعصي الله جل وعلا فابحث عن مكان آمن لا يراك الله فيه.


قال: وكيف ذلك والله يسمع ويرى، وهو مطلع على ما في السرائر والضمائر: ﴿ يَعْلَمُ خَائِنَةَ الْأَعْيُنِ وَمَا تُخْفِي الصُّدُورُ ﴾ [غافر: 19]؟!


قال: ألا تستحي أن تأكل من رزق الله وتسكنَ في بلاده ثم تعصيه وهو يراك ويرى ما تجاهره به من المعاصي.


قال: يرحمك الله، هات الرابعة.


قال: إذا جاءك ملك الموت ليقبض روحك، قل له أخرني حتى أتوب توبة نصوحا وأعمل لله عملا صالحا.


قال: كيف ذلك يا إبراهيم؟! والله جل وعلا يقول: ﴿ فَإِذَا جَاءَ أَجَلُهُمْ لَا يَسْتَأْخِرُونَ سَاعَةً وَلَا يَسْتَقْدِمُونَ ﴾ [الأعراف: 34].


قال: تعلم أن الموت يأتي بغتة، وتعلم أن ملك الموتِ لا يُنظِر ولا يُؤخِّر أحداً، فكيف ترجو وجه الخلاص؟


قال الرجل: هات الخامسة.


قال: إذا جاءتك الزبانية يوم القيامة ليأخذوك إلى النار، فلا تذهب معهم، قاومهم وامتنع عن الذهاب معهم.. وخذ بنفسك إلى الجنة.


قال الرجل: إنهم لا يتركونني ولا أستطيع.


فقال له إبراهيم: عجباً لك يا رجل، تأكل من رزق الله وتسكن في أرضه وفي كل مكان يراكولا تستطيع رد الموت إذا أتاك ولا تملك لنفسك جنة ولا ناراثم تعصيه؟
فقال الرجل: يا إبراهيم، حسبي حسبي، استغفر الله وأتوب إليه. فكان لتوبته وفيا، وعاهد الله على الطاعة.

• • •

 

الخطبة الثانية

الحمد لله والصلاة والسلام على رسول الله.


هذه الموعظة، هذه التذكرة، موجهة لكل واحد أراد أو سولت له نفسه أو زينت له فعل المعاصي، فليتذكر دائما هذه الخصال الخمس.


الأولى: إذا أردت أن تعصي الله فلا تأكل من رزقه.

الثانية: إن أردت أن تعصي الله فاخرج من أرضه واعصه.

الثالثة: إذا أردت أن تعصي الله، فابحث عن مكان آمن لا يراك الله فيه.

الرابعة: إذا جاءك ملك الموت ليقبض روحك فقل له: أخرني حتى أتوب.

والخامسة: إذا جاءتك الزبانية يوم القيامة ليأخذوك إلى النار، فلا تذهب معهم.
~ Lallaba gowwaa firatu qaanfata~
منقول
عمرسلطان


يعتقدون أن الإسلام هو تأدية الفرائض الخمس فقط ويتناسون أن الإسلام كلمة تعني التسليم لأوامر الله والإبتعاد عن نواهيه فبعد أن يؤدي المسلم فرائضه يجب أن يمتثل ل:

1 . إعدلوا
2 . ولا تعتدوا
3 . ولا تعثوا في الأرض مفسدين
4 . ولا تلبسوا الحق بالباطل
5 . ولا تقف ما ليس لك به علم
6 . ولا تمش في الأرض مرحا
7 . ولا تصعر خدك للناس
8 . واخفض جناحك للمؤمنين
9 . واغضض من صوتك
10 . واقصد في مشيك
11 . وأعرض عن الجاهلين
12 . خذ العفو وأمر بالمعروف
13 . ادفع بالتي هي أحسن
14 . ادعُ إلى سبيل ربك بالحكمة
15 . لا تبطلوا صدقاتكم بالمن والأذى
16 . ولا تأكلوا أموالكم بينكم بالباطل
17 . ولا تنابزوا بالالقاب
18 . لا يسخر قوم من قوم
19 . ولا يغتب بعضكم بعضا
20 . ولا تجسسوا
21 . اجتنبوا كثيرا من الظن
22 . ادخلوا في السلم كافة
23 . وإذا حييتم بتحية فحيوا بأحسن منها
24 . وبالوالدين أحسانا
25 . وذي القربي واليتامى
26 . و أطعموا البائس الفقير
27 . ولا تتبدلوا الخبيث بالطيب
28 . وآتوا اليتامى أموالهم
29 . أنفقوا مما رزقناكم
30 . وقولوا قولا سديدا
31 . وقولوا للناس حسنا
32 . وتعاونوا على البر والتقوى
33 . ولا تعاونوا على الإثم والعدوان
34 . واحفظوا أيمانكم
35 . وأوفوا بعهد الله اذا عاهدتم
36 . وأوفوا الكيل اذا كلتم
37 . وزنوا بالقسطاس المستقيم
38 . كونوا مع الصادقين
39 . أوفوا بالعقود
40 . كونوا قوامين بالقسط شهداء لله ولوعلى أنفسكم ..
#هذا هو منهج الحياة الصالحة
#اسعد الله اوقاتكم بكل خير
منقول
Imbaasii Turkii kutaa amantii wajjin guyyaa har'aa marii goonee jirra. Kan Muslima fayyadu Rabbi nuuf haa godhu.
Maqaan guyyaa gabaa bade hin deebi'u jedhan.
Sadarkaa Zikriin Rabbii qabu
★★★★★★★★★★★★★★★

Zikriin ibaadaa hojjachuun isaa salphaafi mindaan isaa baay'ee guddaa ta'eedha. Zikrii jechuun qalbiin Rabbiin yaadataa arrabaanis Isa faarsuu dha. Mee akka Rabbiin zikriitti ajajeefi warra zikrii faarse ilaalaa:

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: “na yaadadhaa; anis isinin yaadadha. Na galateeffadhaa natti hin kafarinaa.” (Albaqaraa: 152). “Yaa warra amantan yaadannoo baay’ee Rabbiin yaadadhaa.” (Al-Ahzaab: 41)
“Dhiirolee baay’ee Rabbiin yaadataniifi dubartii Rabbiin yaadatan, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.” (AL-Ahzaab: 35)
“Lubbuu kee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala Gooftaa kee faarsi. Dagattoota irraas hin ta’in.” (Al-Anfaal: 205)

Jechootii Ergamaa Rabbii (SAW) armaan gadiis mee ilaalaa:
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuufi isa Rabbii isaa hin yaadannee fakkeenya jiraataafi du’aati.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Dhaga’aa! Mee caalaa hojii keessanii, Rabbii keessan birattis akkaan qulqulluu, sadarkaa keessanis kan akkaan ol kaaftu, warqiifi meeta sadaqachuurra kan isiniif caaltuufi isin diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuufi isaan morma keessan rukutuu irra kan isiniif caalu isinitti himuu?” Eeyyee jedhan. “Inni zikrii Rabbii ol ta’eeti” jedhan.

Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Rabbiin ol ta'e ni jedha: ‘ani bakka gabrichi kiyya itti na yaaden jira. Ani yeroo inni na yaadate isa waliinin jira. Yoo inni lubbuu isaa keessatti na yaadate lubbuu kiyya keessattin isa yaadadha. Yoo inni jamaa’aa keessatti na yaadate jamaa’aa isaan caalan keessattin isa yaadadha. Yoo inni taakkuu natti dhihaate dhundhuman itti dhihaadha. Yoo inni dhundhuma natti dhihaate harka guutuun isatti dhihaadha. Yoo deemaa natti dhufe sussukkiinin isatti dhufa.”

Abdullaah bin Busr irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: namni tokko “yaa Ergamaa Rabbii sharii’aan Islaamaa narratti baay’attee waan ani qabadhu natti himi” jedhe. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “arrabni kee Rabbiin zakkaruu irraa hin qoorin.”
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “kitaaba Rabbii irraa namni qubee tokko dubbise mindaa qaba. Mindaan immoo fakkii isii kudhaniin kaffalamti. ‘Alif Laam Miim’ qubee tokko hin jedhu; garuu Alif qubeedha Laamis qubee Miimis qubeedha.”
Uqbaa bin Aamir irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) osoo nuti warra suffaa keessa jirruu nurratti bahanii “isin keessaa eenyutu guyyaa hundaa gara Buxhaan yookiin Aqiiq dhaqee haala yakkaafi firooma kutuu hin qabneen gaala gooba dhedheertuu lama fudhatee dhufuu jaalata?” jedhan. “Yaa Ergamaa Rabbii sana ni jaalanna” jenne. Ergamaan Rabbii (saw) “tokkoon keessan gara masjidaa deemee kitaaba Rabbii irraa aayata lama barachuun yookiin qara’uun gaala lama irra isaaf caala; sadii gaala sadii irra caala. Afuris gaala afur irra caala. Gaala lakkoofsa hanga isaanii ni caalu.”
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “namni taa’icha tokko taa’ee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin hoongoon Rabbiin biraa ta’e isa mudata. Namni ciisicha wahii ciisee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin gaabbii Rabbiin biraa ta’etu isarra jiraata.”
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarreefi Nabiyyii irratti rahmata hin buusin taa’an hoongoon Rabbi biraa ta’e isaan irra jiraatu malee hin hafu. Rabbiin yoo fedhe isaan adaba yoo fedhe isaaniif araarama.”
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarre irraa ka’an akka waan raqa harree irraa ka’aaranuu ta’an malee hin hafan. Gaabbiin (sheenaan) isaan irra jiraata.”

Zikrii keessa kan salaata boodaa, akkasumas kab ganamaafi galgalaa akka hin daganne. Bu'aan jaraa himamee hin dhumu. Osoma yakka hanga oomocha galaanaa qabaattee sirraa harca'a.

Barnoota viidiyoo akka argattaniif YouTube kiyya kana Subscribe godhaa:
https://www.youtube.com/channel/UCboBLPHVeSqHTOnsobJfpYg
👍1
2025/07/13 22:17:46
Back to Top
HTML Embed Code: