Telegram Web Link
Sodaa Rabbii/Taqwaa
********
Sodaan Rabbii galaa filatamaa ilmi namaa aakhiraaf qopheeffatuudha. Kanaafuu Rabbiin Qur’aana keessatti “Galaa godhadhaa; galaan filatamaan sodaa Rabbiiti. Yaa warra sammuu qabdan ana sodaadhaa.(Albaqaraa: 197” jedhe.

Madaalli ilmi namaa ittiin wal caalus sodaa Rabbiiti. “Irra filatamaan keessan Rabbiin biratti warra sirriitti isa sodaatuudha.” (Alhujuraat: 13). Sodaan Rabbii yeroo kophaatti hafte mukuu si baasa; adabbii Rabbii irraa si bilisoomsa; jannata si seensisa.

Sodaa Rabbii jechuun bakka Inni nama ajajetti argamuufi bakka Inni irraa dhorgee dhabamuudha. Bakka amantii Islaamatti baacamu hin taa’in siin jedhee achitti argamuu hin qabdu; salaata shanan irratti argami jedhee achii si dhabuu hin qabu.
Akka Abdallaa bin Mas’uud hiiketti sodaa Rabbii jechuun “Isaan bulanii isa yakkuu dhiisuu, isa yaadatanii dagachuu dhabuu, isa galateeffachuufi ganuu dhiisuudha.”

Rabbiin ummata hundaafuu sodaa isaa dhaame; akkana jedhe: “Dhugumatti warra isin dura kitaaba kennamaniifi isiniifis Rabbiin sodaadhaa jechuu dhaamnee jirra.” (Annisaa’i: 131) Ergamaan Rabbiis (saw) “bakka jirtu hundattuu Rabbiin sodaadhu” jedhan. Yeroo sahaabota geggeessanis sodaa Rabbii dhaamuuf turan.

Namni tokko waliyyii Rabbii jedhamuuf Rabbitti amanuufi isa sodaachuu qaba. Kanaan ala waliyyummaan ulaagaa biraa hin qabu. Samii keessa barrisuu ykn galaana irra miilaan deemuu hin gaafatu. Mudawwara xurii uffachuufi dibbee tumuun waliyyummaa miti. Yoo waliyyii shayxaanaa ta’e malee.

Sodaan Rabbii hanga danda’aniin badii xiqqoofi guddoo irraa fagaachuudha. Mu’uminni dilii xiqqoo hin tuffatu. Hadiisa Abdallaa bin Mas’uud keessatti Ergamaan Rabbii (saw) akana jedhan: “dilii tuffachuu irraa of eegaa! Diliin xiqqoon namarratti guuramtee isa halaakti (balleessiti).” Albaaniin Sahiiha jedhe. Haa ta’u malee ilmi namaa hunduu ni dogoggora. Kanaafuu tawbaa nu barbaachise.

Mallattoolee Namoota Rabbiin Sodaatanii
1. Haasaafi hojii keessatti dhugaa barbaaduu.
2. Mallattoolee amantii Islaamaa hundaa ni kabaju. Rabbiin akkana jedhe: “namni mallattoolee Rabbii guddise isiin sodaa qalbii isaati.” (Alhajji: 32).
3. Hanga danda’aniin haqaafi wal qixxummaa barbaaduu.
4. Iccitiinis ta’ee mul’isee karaa Nabiyyootaa, saalihootaafi siddiiqotaa hordofa.

Dhaamsa
1. Akka Rabbiin sodaa isaa nuuf kennu du’aa’ii haa baay’ifnu. Ergamaan Rabbiituu “yaa Rabbi! lubbuu kootiif taqwaa kenni” jedhanii kadhatu turan.
2. Qalbii keenya tolchuuf hojjachuu qabna. Awn bin Abdillaa akki jedhe “furtuun sodaa Rabbii niyyaa tolfachuudha.”
3. Gubbaa ofiis tolchuuf hojjachuu, innis qajeelfamaafi sunnaa hordofuudha. Gubbaa keenyaan Ergamaa rabbii (saw) faallessaa qalbiin koo qulqulluudha jechuun wahyii shayxaanaati.
4. Obsuun, lubbuu ofii qorachuun, halaala nyaachuun, qaanfachuun, soomniifi kkf sodaa Rabbii irratti nama gargaara.

Bu’aa Sodaan Rabbii Qabu
@@@@@@##
Khayriin hunduu sodaa Rabbii keessa jira. Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan: “Rabbiin sodaachuun sirra haa jiraatu; inni khayrii hunda walitti siif qaba.” Xabraaniitu gabaase; Albaaniin sahiiha jedhe.
1. Jannata galuun bu’aa sodaa Rabbiiti. Rabbiin ni jedhe: “Jannatni sun ishee gabroota keenya irraa namoota Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha.” (Maryam: 63). Hadiisa dheeraa waa’ee rahmanni Rabbii dhibbatti qoodamuu dubbatu keessatti Ergamaan Rabbii (saw) “rahmatichi hundi guyyaa Qiyaamaa kan warra Rabbiin Sodaatuu” ta’uu himan.
2. Rabbiin biratti kabajamuu: “Isin keessaa namni hundarra kabajamaan kan akkaan Rabbiin sodaatuudha.” (Alhujuraat: 13)
3. Milkii addumyaafi aakhiraatu sodaa Rabbiitiin argama.
4. Badiin namaa harcaafamuun, rakkoon furamuun, dhiphina keessaa bahuun sodaa Rabbiitiin ta’a.
5. Rizqiin bal’aanis sodaa Rabbiitiin argama. “Nama Rabbiin sodaatu Rabbis karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora.” (Axxalaaq: 2-3)
6. Barakaan jireenyaas sodaa Rabbiitiin argama. Osoo nuti Rabbitti amannee isa sodaannee akka barakaa samiifi dachii nuuf banu Rabbiin waadaa nuuf seene.
7. Yoo Rabbiin sodaattee waan tokko dhiifte Rabbiin kan sana caalu bakka siif buusa.
👍1
Akkaataan Kirkirri lafaa (socho'uun isii) baay'ataa jiru baay'ee nama sodaachisa. Dheengadda Turkii, kaleessa Morookoo, edammoo Baaghdaad jedhamaa jira. Nutis osoo hin beekin nutti dhufuu danda'a. Kanaafuu, Tawbannee gara Rabbiitti haa deebinu.

Rabbi nu haa tiksu.
Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: "Jibriil natti dhufee ni jedhe: 'Yaa Muhammad hanga feete jiraadhu ati ni duuta. Abbaa feete jaaladhu ati isaan adda ba'uuf jirta. Waan feete hojjadhu ati isaan ni mindeeffamta. Kabajni Mu'uminaa salaata Laylii inni salaatu ta'uufi Guddinni/ofitti amanummaan isaa immoo namarraa duroomuu isaa ta'uu beeki."
اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد وعلى آله وصحبه
يقول انس ابن مالك رضي الله عنه، ما رايت يوما أظلم من يوم وفاة النبي ﷺ ..
Namni Rabbii isaa caalaa, amantii Islaamaafi Nabiyyii isaa [saw] caalaa wantoota saddeettan armaan gadii jaalate salphateera.

{قُلْ إِنْ كَانَ آبَاؤُكُمْ وَأَبْنَاؤُكُمْ وَإِخْوَانُكُمْ وَأَزْوَاجُكُمْ وَعَشِيرَتُكُمْ وَأَمْوَالٌ اقْتَرَفْتُمُوهَا وَتِجَارَةٌ تَخْشَوْنَ كَسَادَهَا وَمَسَاكِنُ تَرْضَوْنَهَا أَحَبَّ إِلَيْكُمْ مِنَ اللَّهِ وَرَسُولِهِ وَجِهَادٍ فِي سَبِيلِهِ فَتَرَبَّصُوا حَتَّى يَأْتِيَ اللَّهُ بِأَمْرِهِ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْفَاسِقِينَ (24)} [التوبة: 24]

“Yoo abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin horattan, daldalli isin hir’achuu ishee sodaattaniifi manneen isin jaallattan Rabbi irra, ergamaa Isaatiifi karaa Isaa keessatti qabsaa’uu irra gara keessanitti jaalatamaa ta’e, hanga Rabbiin murtii Isaatiin dhufutti eegaa” jedhi. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu. [Attawbaa: 24]
#نصيحه
علم أولادك #التوحيد، قبل أن تُحفظهـم القرآن حتى لا يكونوا كالصوفية! يحفظون القرآن ويطوفون بالقبور ويطلبون منها المدد.
Ilmaan kee waan hunda dura Tawhiida barsiisi.
منقول
Namoota torban kanneen guyyaa Qiyaamaa yeroo Cinqaa Mahshar san gaaddisa Rabbii jala dhaabbatan
***
Hadiisa Abuu Hureyraan odeesse keessatti Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: "Namoota torba Rabbiin guyyaa gaaddisa isaa malee gaaddisni biraa hin jirre gaaddisa Isaa jalatti isaan gaaddiseessa: Hogganaa haqaan (adliin) hojjatu, dargaggeessa ibaadaa Rabbii keessatti guddate, namicha qalbiin isaa masjiidota keessatti rarraatuu, namoota lama kanneen Rabbiif jecha wal jaalatanii isarratti walitti dhufanii isumarratti adda ba'an, namicha dubartiin sadarkaafi bareedina qabdu (sagaagalaaf) isa waamtee ani Rabbii kiyyan sodaadha jedhe, namicha sadaqaa hanga waan mirgi isaa kennite bitaan isaa hin beeknetti dhoksee kenneefi namicha kophaa isaa Rabbiin yaadatee ijji isaa imimmaan dhangalaateedha." Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.
ﻋﻦ ﺃﺑﻲ ﻫﺮﻳﺮﺓ ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ ﻋﻦ ﺍﻟﻨﺒﻲ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ﻗﺎﻝ : " ﺳﺒﻌﺔ ﻳﻈﻠﻬﻢ ﺍﻟﻠﻪ ﻓﻲ ﻇﻠﻪ ﻳﻮﻡ ﻻ ﻇﻞ ﺇﻻ ﻇﻠﻪ ، ﺇﻣﺎﻡ ﻋﺎﺩﻝ ﻭﺷﺎﺏ ﻧﺸﺄ ﻓﻲ ﻋﺒﺎﺩﺓ ﺍﻟﻠﻪ ، ﻭﺭﺟﻞ ﻗﻠﺒﻪ ﻣﻌﻠﻖ ﺑﺎﻟﻤﺴﺎﺟﺪ ، ﻭﺭﺟﻼﻥ ﺗﺤﺎﺑﺎ ﻓﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﺟﺘﻤﻌﺎ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺗﻔﺮﻗﺎ ﻋﻠﻴﻪ ، ﻭﺭﺟﻞ ﺩﻋﺘﻪ ﺍﻣﺮﺃﺓ ﺫﺍﺕ ﻣﻨﺼﺐ ﻭﺟﻤﺎﻝ ﻓﻘﺎﻝ ﺇﻧﻲ ﺃﺧﺎﻑ ﺍﻟﻠﻪ . ﻭﺭﺟﻞ ﺗﺼﺪﻕ ﺑﺼﺪﻗﺔ ﻓﺄﺧﻔﺎﻫﺎ ﺣﺘﻰ ﻻ ﺗﻌﻠﻢ ﺷﻤﺎﻟﻪ ﻣﺎ ﺗﻨﻔﻖ ﻳﻤﻴﻨﻪ ، ﻭﺭﺟﻞ ﺫﻛﺮ ﺍﻟﻠﻪ ﺧﺎﻟﻴﺎً ﻓﻔﺎﺿﺖ ﻋﻴﻨﺎﻩ " ﻣﺘﻔﻖ ﻋﻠﻴﻪ
Namni saddeettaffaan kan gaaddisa Rabbii jala dhaabamaan dhufe kan nama muddamaa fureedha.

Yaa Rabbi jara kana irraa nus godhi.
عجوز سعودية زارت مصر للعلاج فقالوا لها اذهبي لمسجد الحسين وادعيه يُشفِيكِ
فقالت:جد الحسين عندنا ومادعيناه

العقيدة صافية 🇸🇦
2
Dullattii Suudii tokkotu waldhaansaaf biyya biraa deemte. Achiin "Masjidni Huseen kunootu dhaqii isa kadhu" jedhan.
Isiinis "akaakayyuun Huseenuu nu bira jiraa guyyaa tokkoyyuu isa hin kadhanne" jette.
Aqiidaan akkanatti qulqullaa'uu qaba.
منقول
https://www.tg-me.com/glababor/1131
3
አንዲት የሰውዲ አሮጊት ታማ ለህክምና ወደ ሌላ ቦታ ትሄዳለች። በዚህን ግዜ የአከባቢው ሰዎች "የሁሴን መስጂድ ያውና ሂጂ ለምኚው ትድኛለሽ አሏት።

አሮጊቷ የዋዛ አይደለችምና እንዲ አለች" ሁሴን አይደለም የሁሴን አያትም እኛጋ ነው አንድም ቀን ለምኔነው አናውቅም" በማለት መለሰች ይባላል!

የጠራ አቂዳ ስኖር እንዲህ ነው።
Hojiilee Jaalala Rabbii guddaa namaaf argamsiisan kudhan
*****
Sababoonni jaalala Rabbii gabrichaaf argamsiisaniifi kanneen akka gabrichi Rabbii isaa jaallatu godhan kudhan (10) Ibn Alqayyim dubbate:

1. Qur'aana qara'uu baay'isuu, hiika isaa xiinxaluufi ergaa isaa hubachuuf yaaluu wajjin.
2. Hojiilee sunnaa baay'ee hojjachuun gama Rabbiitti dhihaachuu; innis kan ta'u booda waajibaatiiyyi.
3. Yeroo hunda zikrii Rabbii baay'isuu: arrabaan, qalbiifi hojiidhaan zakkaruu. Sadarkaan jaalala keetii hanguma yaadannoo isaa baay'iftuuni.
4. Yeroo fedhiin keetiifi wanti Rabbiin jaallatu wal faallesse jaalala Rabbii filachuu.
5. Qalbiidhaan maqootii Rabbiifi Sifaata isaa qorachuu, isaan hubatanii Rabbiin wal baruu.
6. Tolaafi qananii Rabbiin nutti oole kanneen mul'atoofi dhokataa xiinxaluu,
7. Fuuldura Rabbiitti of xinneessuufi of gadi qabuu, Inni kun hundarra caala.
8. Yeroo Rabbiin guddaan gara Samii addunyaatti akka isaaf maluun bu'u gara Isaatti deebi'uu, Kitaaba Isaa qara'uufi istighfaaraan xumuruu,
9. Warra dhugaan rabbiin jaalatanii wajjin taa'uu, haasawa isaanii babbareedaa dubbisuu.
10. Sababa jidduu keetiifi jidduu Rabbii gaarradu hundarraa fagaachuudha.

Ibn Alqayyin akki jedhe· "sababootii kurnan kanaan jaalalloon Rabbii gara sadarkaa jaalalaatti dhaqqaban."
4
Halkan Jumu'aatti seennee jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba?
قال الله تعالى👇
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا
Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56)

وفي الحديث👇
أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا،
Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW)
( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي )
Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan.
اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،
2
Jumu'aa Asrii booda kana Jaalala Rabbii irraa wal haa yaadachiifnu:
********
Gammachuun, tasgabbiifi haara galfiin Mu’uminaa hunduu Rabbii jaalatuuf ajajamuu keessa jira. Hoggantoota addunyaa baay’ee dirqamaan ittiin bulama. Osoo humni isaanii hin jiraannee ykn adabbiin hin jiraannee ittiin hin bulamu. Garuu Mu’uminni gaafa Rabbii isaatiin bulu ka’umsi jalqabaa jaalala Rabbiiti. Dhugaadha Rabbiin sodaatanii, rahmata isaa kajeeluufis ittiin ni bulama. Kun garuu jaalala Rabbii wajjin ta’uun dirqama. Kanaafuu Mu’uminni Rabbii isaatiin buluu qallaba qalbii, qananiifi haara galfii isaatti beeka. Addunyaafi aakhiraatti ittiin milkaa’a.

Jaalalli Rabbii qalbiin gara Isaatti dabuufi waan hundarra isa filachuu of keessaa qaba.
Rabbiin jaalachuun Muslima hundarrattuu dirqama. Wallaalaa lubbuu isaa miidhe malee kaan jaalala Rabbii hin dhiisu. Inumaa jaalalli kamuu kan Rabbii irra caaluu hin qabu. Jaalala Nabiyyiituu (saw) kan Rabbii hordofee dhufuu qaba. Dogoggorri guddaan jiru du’aatonni baay’een jaalala Nabii (saw) malee, isaanii jaalala Rabbii haasa’anii hin dhaga’amu. Warra Nashiidaatii jaalala Rabbii dubbatuu dhaga’ee hin beeku. Kun tarkaanfii sirraa’uu qabuudha.

Namni Rabbii isaa caalaa, amantii Islaamaafi Nabiyyii isaa [saw] caalaa wantoota saddeettan armaan gadii jaalate salphateera.

{قُلْ إِنْ كَانَ آبَاؤُكُمْ وَأَبْنَاؤُكُمْ وَإِخْوَانُكُمْ وَأَزْوَاجُكُمْ وَعَشِيرَتُكُمْ وَأَمْوَالٌ اقْتَرَفْتُمُوهَا وَتِجَارَةٌ تَخْشَوْنَ كَسَادَهَا وَمَسَاكِنُ تَرْضَوْنَهَا أَحَبَّ إِلَيْكُمْ مِنَ اللَّهِ وَرَسُولِهِ وَجِهَادٍ فِي سَبِيلِهِ فَتَرَبَّصُوا حَتَّى يَأْتِيَ اللَّهُ بِأَمْرِهِ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْفَاسِقِينَ (24)} [التوبة: 24]

“Yoo abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin horattan, daldalli isin hir’achuu ishee sodaattaniifi manneen isin jaallattan Rabbi irra, ergamaa Isaatiifi karaa Isaa keessatti qabsaa’uu irra gara keessanitti jaalatamaa ta’e, hanga Rabbiin murtii Isaatiin dhufutti eegaa” jedhi. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu. [Attawbaa: 24]

Qabxiilee jaalala Rabbii namaaf agamsiisan kudhan yeroo darbe barreesseen ture isa daawwachuu dandeessu.
https://www.tg-me.com/glababor/1134
👍21
Sadarkaa gurguddaa Salaanni laylii qabu
****
Hojii sadarkaa namaa jannata keessatti ol kaasu keessaa tokko salaata layliiti. Caalaan salaataa booda waajibaatii salaata layliiti; inni naamuusa warra gaggaarii nuun duraati; boohartiifi boqonnaa salafa keenyaati.

Abuu umaamaa Albaahiliyyii irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “salaata laylii salaatuun isinirra haa jiraatu. Inni naamuusa warra gaggaarii isiniin duraati; gara Rabbii keessaniittis dhihaachuudha. Yakkas harcaaftuudha. Badii irraas nama dhorgiti.”
Salafoonni gaggaariin haqa salaata laylii hin hanqisanu turan. Hamma immoo Muslimoonni baay’een haqa salaata Subhiituu ni hanqisaaru.
Irra hedduun Muslimaa yeroo ammaa salaata laylii halkan kurnan dhuma Ramadaanaa keessa laylatul qadrii barbaachaaf malee hin beekanu. Isumaayyuu gariin isaanii masjida dursee salaatu barbaadanii tahajjuda walakkaa halkanii salaatuun kahyrii dhuma halkanii of hoongessu. Hadiisa keessatti ‘halkan hunda keessaa sa’aatii du’aa’iin qeebalamtutu dhuma halkanii keessa jira’ jedha.
Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii صلى الله عليه وسلم jedhanuun dhaga’e: “halkan keessa sa’aatii namni Muslimni kamuu isa keessa dhaabbatee khayrii addunyaafi aakhiraa Rabbiin kadhatee yoo Rabbiin isaaf kenne malee hin hafnetu jira; kun immoo halkanuma hunda keessa.”

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “Rabbiin keenya halkan hundaa ogga tokko sadaffaan halkanii hafu gara samii addunyaatti bu’ee ‘eenyutu na kadhannaan isaaf owwaadha? Eenyutu na gaafannaanin kennaaf? Eenyutu araarama narra barbaannaan araaramaaf?’ jedha.”

Salaanni sunnaa booda Ishaa salaatamu kamuu salaata layliiti.
Abdullaah bin Amr bin Al-Aas irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “namni aayata kudhaniin salaata laylii salaate dagataa (kan zikrii Rabbii dhiise) irraa hin galmeeffamu; namni aayata dhibbaan salaate warra Rabbiin bulee halkan dhaabbatee salaatu irraa galmeeffama. Namni aayata kumaan salaate warra qabeenya baay’ee sadaqate irraa galmeeffama.”

Yeroo nama hamilee guddaa taatee warra qabeenya guddaa sadaqate irraa galmeeffamuu feete salaata laylii juz’ii Tabaarakaatiifi Ammaatiin salaati. Hundi ishee walitti aayata dhibba sagaliifi shantamii sagal geessi. Kanattimmoo ogga hanga ati raka’aa hunda keessatti faatihaa deddeebiftu idaane aayata kuma irra caalchifteetta jechuudha. Tolli Rabbii guddaadha Alhamdulillaah.
https://www.tg-me.com/glababor/1136
Akkamitti amala gaarii horanna?
***★★★★★
Amala jechuun haala nama keessa sirriitti gadi seenee osoo baay'ee itti hin yaadin hojiin isarraa madduudha.

Hojiin amala kana irraa maddu yoo gaarii ta'e amalli sun 'Amala Gaarii' jedhama. Yoo hojiin isarraa maddu badaa ta'e immoo amalichi sun 'Amala Badaa' jedhama.

Amalli namaa kun kan uumamaan gaaromuufi kan inni gaarummaa of leenjisutu jira. Fkn namoonni gariin uumamaan obsuu, dhugaa dubbachuu, nama kabajuufi kkf qabu. Namoonni gariin immoo uumamaan ni dallanu, ni ariifatu ni boonu. Warri kun of leenjisanii amala badaa kana sirreeffachuu ni danda'u.
Ergamaan Rabbiis (SAW) akki jedhan "nama amala badaa irraa of tikse Rabbiin isa tiksa. Nama kadhaa irraa of duroomse Rabbiinis isa duroomsa. Nama obsa of leenjise Rabbiin obsa kennaaf."

Kanaafuu amala badaa of keessaa baasanii gaariidhaan bakka buufachuun ni danda'ama. Qajeelfamni isaas qalqaba akka huccuun xuriin baafatamee qulqulluun uffatamu amalli badaan ofirraa baafamee qulqulluun bakka buufama. Namoota collee biratti amala badaa baasanii gaarii bakka buusuun akkuma huccuu xurii baasanii qulqulluu uffachuutti ilaalama. Namoota of jijjiiruuf karoora hin qabne biratti immoo bishaan darbe akka waraabuutti ilaalama.

Amalli gaariin Rabbiin biratti kabajaa gurguddaa qaba:
1. Hanga amala gaarii qabaannutti iimaana guutuu hin qabaannu. Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: "Mu'umintoota keessaa kanneen iimaana guutuu warra amalli isaanii akkaan gaariiti."
2. Nama hunda caalaa Nabiyyii (saw) biratti jaalatama; hundarras isaanitti dhihaata.
Rasuulli (SAW) ni jedhan: "Isin keessaa namni guyyaa qiyaamaa akkaan ana biratti jaalatamuufi qubannaan isaa natti dhihaatu nama amala gaariiti."
3. "Isin keessaa namni akkaan filatamaan nama akkaan amala gaarii qabuudha." Rasuul (SAW)
Ummatuma jechuun amala gaariidha. Yoo amalli gaariin hin jiraanne ummanni sunuu badeera. Kun hiika walaloo Arabiffaa wahiiti.
4. Wanti amala gaarii caalaa guyyaa qiyaamaa miizaana Mu'uminaa irratti ulfaatu hin jiru. Rasuul (SAW)
Kanaafuu amalli gaariin toltuu guddaa, waan baay'ee Rabbitti nama dhiheessuudha.
5. Mu'uminni amala gaariidhaan sadarkaa nama laylii salaatuufi guyyaa soomuutti dhaqqaba. Rasuul (SAW)
6. Amalli gaariin qabeenya kamuu ni caala. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "yeroo amala afur qabaatte addunyaa irraa wanti ati dhabde homaa si hin miidhu: amaanaa tiksuu, dhugaa dubbachuu, haala gaaromuufi nyaata keessatti of eeguu."
7. Gosoonni khayrii hunduu amala gaarii keessatti argama. "Khayrii jechuun amala gaariidha." Rasuul (saw)
8. Amalli gaariin dhaamsa Nabiyyiin (saw) ummata isaaniitiif dhaamaniidha: "amala gaariidhaan namoota waliin jiraadhu." Rasuul (saw)
9. Rabbiin (SW) amala gaariitti Nabiyyii isaa ajaje. "Dhiifama godhi; gaariitti ajaji. Wallaalaa irraa garagali." (Qur'aana)
Nabiyyiinis (saw) akka addaatti itti xiyyeeffatu turan. "Sababni ani ergameef amala gaarii guutuudhaaf." Rasuul (saw)
Amalli Ergamaa Rabbii (saw) Qur'aana akka ta'e haati keenya Aa'ishaan nutti himan.
Ati amala guddaa irra jirta. (Qur'aana)
10. Tooftaa gaariin ittiin namoota gara Islaamaatti waamnu amala gaariidha. Kanaafuu Rabiin "ogummaa gaariifi gorsa bareedaadhaan gama karaa Rabbiitti waami" jedhe.
"Osoo amala goggogaa qabaattee sibiraa bittinnaa'u ture." (Qur'aana)
11. Amalli gaariin fedhii Muslima hundaati. Inumaa Ergamaan Rabbiis (saw) kadhataa turan.
"Yaa Rabbi akkuma uumaa kiyya tolchite amala koos tolchi." Rasuul (saw)
Yaa Rabbi amala isa irra gaariitti na qajeelchi, amala gaariitti si malee kan qajeelchu hin jiru." Rasuul (saw)
12. Nama amala gaarii qabuuf Ergamaan Rabbii (saw) jannata olaanaa waadaa seenan.
"Irra hedduun waan namoota jannata seensisuu sodaa Rabbiifi amala gaariidha." Rasuul (saw)

Akkamitti amala gaarii argatta?
Namni uumamaan amala gaarii qabu carraa guddaa Rabbiin isa badhaase. Garuu warri of leenjisee amala isaa gaaromfate mindaa dachaa argata. Kanaafuu amala gaarii irratti of leenjisuun baay'ee barbaachisaadha.
Kallattiin biraa kan ittiin amala gaarii horatan namoota gaggaariin saahiboomuudha.Namni amala hiriyaa isaa dhaaluun shakkii homaa hin qabu.
Gaalli bakka oole fakkaata jedhan.
Nabiyyiinis (saw) "namni amantii jaalalloo isaarra jiraata. Kanaafuu tokkoon keessan nama hiriyaa godhatu haa ilaallatu" jedhan.

Gosoota amala gaarii keessaa muraasni hayyummaa, obsa, dhugaa dhubbachuu, amaanaa eeguu, baallama kabajuu, arjummaa, gootummaa, dhiifama godhuu, tasgabbaa'uu, haqa dalaguu, ikhlaasa qabaachuu, boona dhiisuu, gowwoomsaa dhiisuu, garaa laafuu, iccitii eeguu, yaqiina, tawakkula, murtii qabaachuu, fuula ifuu (bashaashummaa) fi kkf.

Amala kanneen keessaan kan dirqamaafi bu'uura jireenya namaa ta'antu jiru. Fkn dhugaa dubbachuun, amaanaa eeguun, baallama kabajuun, sa'aatii hojii kabajuun, ikhlaasni, yaqiinni fi kkf amala bu'uuraati. Namni isaan kana hin qabne rakkoo ulfaataa keessa jira. Amalli gariin immoo dirqamaa mitii garuu barbaachisoodha. Fkn gootummaa, arjummaafi kkf. Kan sirriitti dursa kenninee irratti hojjachuu qabnu amalootii dirqamaafi bu'uuraati. Garuu faallaa kanaa namoonni keenya amala isa kanarratti dadhabina guddaa qaba.

https://www.tg-me.com/glababor/505
Yaa Rabbi amala keenya tolchii nu jaaladhu.
اللهم حسن خلقنا كما حسنت خلقنا
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
إنا لله وإنا إليه راجعون
Hammeenya ilma namaa ilaalaa!
የሰው ልጅ ጭካኔን የመልከቱ!
😢1
Fayyaa Ilkaan Keenyaa Eeggachuuf
*****
1. Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamiinaa (fkn, Waa baqaqsuuf, qaruuraa banuuf, qeensa qubaa ittiin kutuuf fi kkf).

2. Rigaa (brush) ilkaanii jajjabaataa hin fayyadamiinaa. Rigaan ilkaanii jajjabaataan ilkaan sirritti qulqulleessa jedhanii yaaduun fayyadamuun dogoggora. Kanaaf rigaa ilkaan lallaafaa fayyadamaa.

3. Ilkaan ofii sirnaan miicachuun dirqama, waanta ilkaan keessatti hafan akka foonii fi kan biroo dafanii keessaa baasuun dirqama.

4. Waantoota akka karameellaa, Loomii hedduu nyaachuu, buna sukkaaraan, alkoolii fi waan sukkaarri itti baay'ate hedduu nyaachuu/dhuguu dhiisuu.

(American Dental Associations)
Barnoota Zad Ackademy kana namni isiniif mijaa'ee hordofaa baradhaa baay'ee bu'a qabeessa.
Ani semisteera lammaffaa waggaa duraa xumureen jira.
https://register.zad-academy.com/?utm_source=facebook
بشرى سارة
أتيح التسجيل والاشتراك للدفعة السابعة عشرة الجديدة
للمشاركين والمشاركات في برنامج أكاديمية زاد
وسيغلق قريباً فور اكتمال العدد المتاح
سجل الآن
👍2
أليست بُطون الفقراء
أوْلى من احتفالات رأس السنة !
أم أنّ هذه الجُملة تقال فقط عندما يبنى مسجد
أو يعتمر أحدهم أو يحج !
2025/07/08 18:29:51
Back to Top
HTML Embed Code: