Telegram Web Link
Halkan Jumu'aatti seenaa jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba?
قال الله تعالى👇
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا
Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56)

وفي الحديث👇
أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا،
Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW)
( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي )
Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan.
اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،
Bu’aa Fi Sadarkaa Soomaa
Soomni bu’aa heddu kan lakkaa’amee hin dhumne qaba. Isaan keessaa bu’aan inni Lubbuu, Qaamaa FI Hawaasummaa/ Jama’aa keenyaaf buusu kan akka ijootti ibsamuuu dha. Worreen kana adda baasee dubbachuun dura bu’aa Ramadaannis ta’ee soomni kan biroo nuu buusanu gabaabinaan haa ilaallu.
. Shayxaanni ni hidhama
. Ulaan jannataa ni banama
. Ulaan ibiddaa ni cufama
. Guyyaa guyyaan jannatni warreen ishee seenanuuf miidhagfamti
. Malaa’ikaan warra soomuuf dhiifama kadhatti
. Fooliin nama soomuu Rabbiin biratti shittoo caalaa urgaa’a
. Rahmanni Rabbii, dhiifamni isaa fi ibidda irraa nama bilisoomsuun ummataaf argama
. Miindaan dalagaa namaa herrega /hisaaba/ malee baay’ifama
. Rizqiin/Hireen ilma namaatiif bal’ifama
. Dhuma halkan Ramadaanaa keessaa nama hedduuf dhiifama
. Laylatul qadrii keessa ibaadaan halkan tokkoo kan ji’a kumaa caala
. Sooma guyyaa tokkootiin ibidda irraa adeemsa waggaa torbaatamaa fageeffama
. Diliin namaa dhiifamuu fi
. Obsaa fi leenjii guddaatu irraa namaa argama.
Namni Ramadaanni dhufnaan masjidatti deebi'u tawbataa jedhama malee soddomee hin jedhama.
السلام عليكم ورحمةالله وبركاته
Ramadaan Mubaarak!
ራመዷን ሙባረክ!

الْلَّھُم أَهِلَ عَليْنَا شهر رمضان بِالْأمْنِ وَالإِيْمَانِ وَالْسَّلامَةِ وَالْإِسْلَامِ وَالْعَوْنٓ عَلَى الْصَّلاةِ وَالصِّيَامِ وَتِلَاوَةِ الْقُرْآَنِ الْلَّھُمّ سَلِّمْنَا لرَمَضَانَ وَسَلِّمْهُ لنا وَتَسَلَّمْهُ مِنّا مُتَقَبَّلاً يٓارٓبٓ العٓالِٓمينْ .
                                   
مُبارٓكٌ علٓيْكُمْ شّٓهرُ رٓمٓضٓان
Bu'aa soomni lubbuuf buusu
******
Sodaa Rabbiitu ittiin argama.
Ibaadaa irratti obsuu nama barsiisa.
Sammuun yaaduu fi xiinxaluudhaaf nama qopheessa.
Fedhii lubbuutu isa keessa mo'atama.
Araada (suusii) garaagaraa ittiin dhiisuutu dandaama.
Badii adda addaa kan akka hamii, komii, arrabaa fi wantoota qaamattis rarra'an cufa irraa nama dhorga.
Dureessi ittiin tola Rabbii ofirratti baree hiyyeessaa fi rakkataa gargaara.
Obsa nama barsiisa.

Bu'aa inni qaamaaf buusu
*****
. Fayyaa namaa eeguu.
Mar'imaan namaa yeroo murtaa'aaf nyaata dhiisuun boqonnaa fudhata.
Wantootni miidhaa fidan garaa garaa mar'imaan keessaa ni badu.
Sammuuf boqonnaa kenna.

Bu'aa inni akka jamaa'aa/hawaasummaatti buusu
*******
Akka dureessi beela dhandhamuun hiyyeessaaf nahu godha.
Kun immoo wal jaalalaa fi tokkummaa jidduu ummataatti fiduun isaa shakkii hin qabu. Akkasumas soomatti rarra'ee zakaan fixrii kan jiru hiyyeessaa fi dureessa walitti hidha.
Ummanni taraawiiha sagaduuf/salaatuuf walitti yaa'uun tokkummaa baratu.
Yeroo kana keessa ummanni Muslimaa walii galuun ijaarsa garaa garaa ijaaraa, daawaa fi gorsa adda addaa waliif dabarsu.
Soomni ibidda irraa nama fageessa
****
عن أبي سعيد الخدري رضي الله عنه: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " لا يصوم عبد يوما في سبيل الله الا باعد الله بذلك اليوم النار عن وجهه، سبعين خريفا " رواه الجماعة، إلا أبا داود
Akka ergamaa Rabbii(SAW) irraa odeeffametti “namni guyyaa tokko karaa Rabbii keessatti soome Rabbiin deemsa waggaa torbaatamaa ibidda irraa isa fageesaa.” Hadiisicha abuu Daawud qofti osoo hafuu jama’aa cufatu gabaasan.
Ramadaanni dhufnaan dhiifama waliif godhuufi dhiifama wal gaafachuun waan qeeqamuu miti; jabeeffamuu qaba. Rabbiif jedhaatii Dhiifama naaf godhaa.
Jiini Ramadaanaa Mul'achuun Suudii keessatti labsameera. Kanaafuu guyyaan Wixataa borii Ramadaana ta'eera.
Ramadaan Mubaarak!
Soomni akka gaachana ta'ee badii irraa nama tiksa.
**
عن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: " قال الله عزوجل: كل عمل ابن آدم له إلا الصيام، فإنه لي ، وأنا أجزي به ، والصيام جنة ، فإذا كان يوم صوم أحدكم فلا يرفث ، ولا يصخب ، ولا يجهل ، فإن شاتمه أحد، أو قاتله، فليقل: إني صائم، مرتين، والذي نفس محمد بيده لخلوف فم الصائم، أطيب عند الله يوم القيامة من ريح المسك، وللصائم فرحتان يفرحهما: إذا أفطر فرح بفطره، وإذا لقي ربه فرح بصومه" رواه أحمد، ومسلم، والنسائي
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffameti Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan : “Rabbiin jabaatee guddate akkana jedhe: Dalagaan ilma namaa hundi kan isaati; soomni qofti osoo hafuu. Inni (soomni) kan kooti anatu miindaa kaffalaafi. Soomni gaachana. Gaafa guyyaan sooma tokkoon keessanii ga'e haasaa badaa/ajaa hin haasa'in, hin iyyin, wallaalumaan daangaa hin darbin, yoo namni tokko isa arrabse ykn isaan lole nin soomaa jira haa jedhu. Isa lubbuun Muhammad harka isaa jirtu natti haa ta'uu fooliin/shurufkaan afaan nama soomuu Rabbiin biratti guyyaa qiyaamaa foolii miskii irra gaariidha. Namni soomu gammachuu lama kan gammadu qaba: yeroo sooma fure (faxire) fixrii isaatti ni gammada, yeroo Rabbii isaa qunname sooma isaatiin gammada.” Ahmad, Muslimiifi Nasaa’iitu gabaasan.
Soomni guyyaa qiyaamaa shafaa’aa (jaarsummaa) namaaf dhaabbata.
*****
وعن عبد الله بن عمرو أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " الصيام والقرآن يشفعان للعبد يوم القيامة، يقول الصيام أي رب منعته الطعام والشهوات، بالنهار، فشفعني به، ويقول القرآن: منعته النوم بالليل، فشفعني فيه فيشفعان " رواه أحمد بسند صحيح
Akka Abdallah Ibnu Amri irraa odeeffametti ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan "soomnii fi Qur'aanni guyyaa qiyaamaa garbichaaf shafaa'aa dhaabbatu. Soomni, yaa Rabbi ani guyyaa nyaataa fi dhugaatii isa dhowwee naa shafai yoo jedhu quraanni immoo halkanin hirriba isa dhowwee naa shafai jedha. Lachan kun isa shafau." Ahmadtu sanada sahiihaan gabaase.
ከእርሶ ምንም ሳይቀነስ ባቡል ኸይር መርዳት ይፈልጋሉ?

ሊንኮችን በየተራ በመጫን በእያንዳንዱ ሊንክ ፎሎ 30 ብር በሼር 10 የኢትዮ ቴሌኮምን የማህበራዊ ገጽ ሲወዳጁ ፣ ባቡል ኸይርን ደገፉ ማለት ነው።

1. ፌስቡክ ኢትዮ ቴሌኮም : https://www.facebook.com/ethiotelecom

2. ቴሌ ብር : https://www.facebook.com/telebirr?mibextid=LQQJ4d

3. ቴሌግራም፡ https://www.tg-me.com/ethio_telecom

4. ቲክቶክ፡ http://www.tiktok.com/@ethio_telecom?lang=en

5. ዩትዩብ፡ https://www.youtube.com/c/EthiotelecomETH

6. ኢንስታግራም ፡https://www.instagram.com/ethiotelecom/

7. ሊንክዲን፡ https://www.linkedin.com/company/ethio-telecom
عن ابن عمر عن رسول الله ﷺ أنه قال: " إن للصائم عند فطره لدعوة ما ترد ".
Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan: "namni soomu yeroo fixrii isaa du'aa'ii hin didamne qaba."
Naamusa soomaa (wantoota sooma keessa jaalataman)
******
1/ Sahuura /Obboroo/ Nyaachuu:
Suhuurri jaallatamaa ta’uu beektoleen walii galaniiru. Nama dhiise irras diliin hin jiru.

عن أنس رضي الله عنه: أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: " تسحروا فإن في السحور بركة ".رواه البخاري، ومسلم.
Anas irraa akka odeeffametti rasuulli (SAW) akkana jedhan “sahuura nyaadhaa, suhuura keessa barakaatu jiraa”. Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
Yeroon isaa walakkaa halkaniitii eegalee hanga fajriin bahutti. Booda aansuutu jaalllatamaa dha
فعن زيد بن ثابت رضي الله عنه قال: تسحرنا مع رسول الله صلى الله عليه وسلم، ثم قمنا إلى الصلاة، قلت: كم كان قدر ما بينهما:؟ قال: خمسين آية.رواه البخاري، ومسلم.
Zayd bin Saabit irraa akka odeeffametti Rasuula wajjin suhuura nyaannee eeganaa gama salaata (subhiittti) kaane. Jidduun suhuuraa fi salaata fajri sa'aa hammam tae? jennaan hanga aayata shantamaati jedhe. Bukhaari Fi Muslimtu gabaasan.

2/Fixriif /furaaf arifachuu:
Namni biiftuun seenuu mirkaneeffate fixriitti arifachuu qaba.
فعن سهل بن سعد: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " لا يزال الناس بخير، ما عجلوا الفطر ".رواه البخاري ومسلم
Sahl bin sa’ad irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Namoonni hanga faxrii arifataniin khayriirra jiraachuu hin dhiisan”. Bukhaarifi Muslimtu gabaasan.

Faxiriin tamrii asheeta; yoo inni dhabame gogaa isaa ykn bishaan irratti faxiramuutu jaallatama. Ruxabnii fi tamriin mangoo ta’uutu filatamaa dha.

3/Du’aa’ii yeroo faxrii fi sooma keessa godhamu:
روى ابن ماجه عن عبد الله بن عمرو بن العاص أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن للصائم عند فطره دعوة ما ترد ". وكان عبد الله إذا أفطريقول: " اللهم إني أسألك - برحمتك التي وسعت كل شئ - أن تغفر لي ".
Akka Abdallah Ibnu Amri Irraa Ibni Maajah odeessetti rasuulli (SAW) akkana jedhan: Namticha soomuuf fixirii isaa biratti du'aa'ii hin didamnetu jira. Kana jechuun kadhaan isaa awwaatamaadha jechuudha. Abdallahn kun yeroo faxire akkana jedha ture: "Allahumma innii as'aluka birahmatika allatii wasiat kulla shay’in antagfira lii." hiikni isaa yaa rabbi rahmata kee isa waan cufa wal ga'eenan naa dhiisuu sikadhadha.
وثبت أنه صلى الله عليه وسلم كان يقول: " ذهب الظمأ، وابتلت العروق، وثبت الاجر إن شاء الله تعالى".
Akka Rasuula (SAW) irraa mirkanaa’etti akkana jedhan: “zahaba azzama’u wabtallat al-uruuqu wasabata al-ajru inshaa’a Allaahu” hiikni isaa “dheebuun deeme, ujummoon morma keenyaa jiidhe, yoo rabbiin fedhe mindaanis mirkanaae” jechuu dha.

4/Wantoota sooma faallessanu kan akka sobaa, dubbii ajaa /hin taane/, arrabsoo, hamii fi kkf irraa of eeguudha. Yoo kanneen irraa of eegne soomni bu'aa namaaf qabaata. Isa sodaachuun inni Rabbiin jedhes ni argama.
" يا أيها الذين آمنوا كتب عليكم الصيام كما كتب على الذين من قبلكم لعلكم تتقون"
“yaa warri Rabbitti amantan akka isa sodaattaniif jecha akkuma warra duraanii irratti soomni dirqama godhame isinirrattis dirqama godhameera ”.
soomni nyaataa fi dhugaatii qofa irraa of qabuu miti. Wantoota Rabbiin dhorge kan biraa irraayis of qabuu barbaada.
وروى الجماعة - إلا مسلما - عن أبي هريرة، أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: "من لم يدع قول الزور والعمل به فليس لله حاجة في أن يدع طعامه وشرابه"
Abii Hureyraa irraa akka odeeffametti Rassulli (SAW) akkana jedhan: “Namni dubbii sobaa fi ittiin dalaguu hin dhiisin nyaataa fi dhugaatii isaa dhisuu keessaa rabbiin dhimma hin qabu”. Bukhaariitu gabaase.
وعنه أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " رب صائم ليس له من صيامه إلا الجوع، ورب قائم ليس له من قيامه إلا السهر ".رواه النسائي، وابن ماجه والحاكم، وقال: صحيح على شرط البخاري.
Riwaayaa nasa’ii keessatti immoo “Heddu namni soomu kan sooma isaa irraa beela male womaa hin qabne, heddu namni salaatu kan salaata isaa irraa gurjaa/hirriba dhabuu/ malee homaa hin arganne

5/ Rigaa (siwaaka)
Siwaakiin nama soomuuf yeroo cufaa jaallatamaa dha. Ganamas ta'ee guyyaan garaagarummaa hin qabu. Tirmiziin akka jedhetti: Imaamu shaafiiin jalqaba guyyaas ta'ee dhuma isaa siwaakkachuun rakkoo hin qabu jedhu ture. Yaadni guyyaa ilkaan rigachuun jibbamaa dha jedhu dogongora.
6/Arjoomuu fi qur'aana qara'uu:
Quraana qara'uu fi arjoomuun yeroo hundaa jaallatamaa dha. Garuu sooma keessa caalaatti jaalatama.
روى البخاري عن ابن عباس رضي الله عنهما قال: كان رسول الله صلى الله عليه وسلم أجود الناس، وكان أجود ما يكون في رمضان حين يلقاه جبريل، وكان يلقاه في كل ليلة من رمضان فيدارسه القرآن فلرسول الله صلى الله عليه وسلم أجود بالخير من الريح المرسلة
Abdallah bin Abbaas irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) nama hunda irra arjaa turani. Yeroo hundarra kan isaan arjaa ta'an ramadaana keessa yeroo jibriil isaan qunnamu. Halkan ramadaanaa cufa jibriil rasuula bira dhufee quraana wajjin qara'a. ogga sana Ergamaan Rabbii (SAW) qilleensa biyya tokko balleessuuf arifattu caalaa khayritti arifatu. Bukhaaritu gabaase.

7/ Kurnan dhumaa keessa ibaadaatti jabaachuu:
روى البخاري ومسلم عن عائشة رضي الله عنها أن النبي صلى الله عليه وسلم: " كان إذا دخل العشر الاواخر أحيى الليل، وأيقظ أهله، وشد المئزر ".
Aa’ishaa irraa akka odeefaametti Rasuulli(SAW) “yeroo kurnan dhumaa seene halkan ibaadaan fayyisu, maatii isaanii dammaqsu, marxoo isaanii jabeeffatu" Bukhaarii Fi Muslimtu gabaasan.

8/ Namootan faxarsiisuu: inni kun akkuma nama cufa birattuu beekamu namni nama soomu faxirsiise miindaan soomichaa isaafis Rabbiin biratti ni barreeffama.
SALAATA TARAAWIIHAA
******
Rabbiin ibaadaa gosa hedduu karaa nuuf godheera. Namni tokko dadhabee akka taatiyaahee ibaadaa hin dhiifneef kan biroo jijjiiree dalaguu qaba. Gosa ibaadaa kana keessaa beekamaan salaata. Salaata shan halkanii fi guyyaa keessa Rabbiin dirqama nurratti godheera. Dirqama qofaas mitii ruknii islaamaa keessaas isa lammaffaa shahaadaatti aanu taasise. Namni salaata dhise muslimaa miti jechuun ni danda’ama. Lakkoofsaan shan ta’us madaala kessatti ammoo shantama ta’a. Salaanni kun shanan qofti dirqama ta’us Rabbiin sunnaa heddu karaa nuuf godheera. Sunnaa kana keessaa bekamaan:

Raatibaa (kan waajiba hordofu): -
Raka’aa lama subhii dura, afur zuhrii dura, lama booda zuhrii, lama magriiba booda mana kessattii fi lama ishaa’ii booda. Kun raka’aa kudha lamman raatibaa jedhamuudha. Garuu kana malees asrii dura afur, zuhrii boodas afur, akkasumas magribaa fi ishaa’ii duras jidduu azaanaa fi iqaamaa raka’aan lama ni jira.

Ad-Duhaa: kan yeroo waaree dura salaatamuu dha. Salaatni duhaa yeroo biftuun bahee egalee hanga biiftuun zawaaltutti (walakkaa samii irraa dabdutti) salaatama. Yeroon filatamaan immoo ogga biftuun bareechee gubee ho’uu dha. Lakkofsi raka’aa isaa xiqqoon raka’aa lama. Akkasumas afur, ja’a ykn saddeet salaatuunis ni ta’a.

Salaata laylii /Halkanii/: kan nuti barreeffama kana keessatti bal’naan dubbachuu barbaannes isa kana. Waa’ee isaa kessatti Rabbiin akkana jedhe
{وَالَّذِينَ يَبِيتُونَ لِرَبِّهِمْ سُجَّدًا وَقِيَامًا}
“Warreen Rabbii isaanitiif sujuudaa fi dhaabataa bulanun (faarsa)”.
: {تَتَجَافَى جُنُوبُهُمْ عَنِ الْمَضَاجِعِ يَدْعُونَ رَبَّهُمْ خَوْفًا وَطَمَعًا وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنْفِقُونَ}
“Cinaachi isaanii ciisa irraa fagaata; Rabbii isaanii sodaataa fi kajeelaa kadhatu. Waan nuti isaaniif arjoomne irraayis ni kennatu.”
وقال النبيُّ صلّى الله عليه وسلم: «أفضل الصلاة بعد الفريضة صلاة الليل»
Rasuullis (SAW) akkana jedhan “ Caalaan Salaataa booda waajibaatii salaata laylii/halkanii/ ti.“
وقال صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أيُّها الناس أفشوا السلام، وأطعموا الطعام، وصِلُوا الأرحام، وصَلُّوا بالليل والناس نيام تدخلوا الجنة بسلام»
Ammas akkana je’an “ yaa namootaa nagaa wol gaafachuu /salaamtaa/ facaasaa. Nyaata nyaachisaa. Firooma fufaa. Halkan namootaa rafanuu ka’aa salaataa. Nageenyaan jannata galtu”. Tirmiziitu gabaase.

Salaata laylii /halkanii/ keessaa tokko kan ta’e salaata witriiti /mangooti. Raka’aan xiqqoon isaa tokko yoo ta’u guddaan isaa immoo kudha tokko. Namni fedhe raka’aa tokkoon watrii /qara gochuu danda’a. Rasuulli (SAW) akkana jedhan
«من أحب أن يوتر بواحدة فليفعل»
“Namni raka’aa tokkoon mangoo gochuu fedhe haa hojjatu.” Abu Daawudii fi Nasa’iitu gabaasan.
Sadihiinis yoo fedhe watrii gochuu danda’a. Akka hadiisa Umar kessatti dhufetti raka’aa sadihiin dhuma irratti witrii godhee salaamtaa bahe. Walumaa galatti raka’aa tokkoon mangeessani salaamtaa bahuun , sadiihin mangeeffatani dhumarratti salaammachuun, shaniin mangeeffate dhumarratti qofa attahiyaatu taa’uun, ammas torba, sagal ta’ee kudha tokkoon mangeeffatte dhumarratti qofa attahiyaatuu jedhee salaamtaa bahuun ni danda’ama. Yoo fedhe raka’aa lama lama qofaan salaataa dhumarratti tokkoon watrii godhuu ni danda’a. Afur afuriinis salaataa dhumarra sadihiin mangeeffachuun ni ta’a.
Salaatni laylii ramadaana keessaa immoo sadarkaa addaa qaba. Rasuullii (SAW) akkana jedhan
«مَنْ قَام رمضانَ إِيْماناً واحتساباً غُفِرَ له ما تقدم من ذنبه»
“Namni Rabbitti amanee mindaa isaa barbaachaaf Ramadaana dhaabbate diliin isaa darbe isaaf dhifama”. Bukhari fi Muslimtu gabaasan.
عن عائشةَ رضي الله عنها قالتْ: «كان النبي صلى الله عليه وسلم يصلي أربعا فلا تسأل عن حسنهن وطولهن، ثم يصلي أربعا، فلا تسأل عن حسنهن وطولهن، ثم يصلي ثلاثا»
Aa'ishaan waa’ee salaata Rasuulaa kessatti akkana jette “ Rasuulli (SAW) afur kan sagada. turan; bareedumaa fi dheeriina ishee irraa immoo hin gaafatin. Eeganaas afur salaatuu bareedinaa fi dheerina ishee hin gaafatin. Eeganaa ammoo sadi salaatj”. Bukhaarii fi Muslimtu gabaasan.
Dhaabbiin ramadaanaa salaata jalqaba halkaniis ta’ee dhuma halkanii of keessatti qabata. Kanarratti hundaa’uun taraawiihiinis dhaabbii ramadaanaa keessatti ramadama. Kanaafuu itti daddafuun, itti yaadda’uunii fi mindaa isaa Rabbirra barbaadanii salaatuu barbaachisa. Sababni inni “taraawiiha” jedhameef namootatu salaata dheeressuun oggaa raka’aa afur salaatanii raawwatan ni boqatu. kanaafuu Taraawiiha (haara galfachuu) jechuun waamame.

Namni jalqaba jamaa’adhaan masjiida kessatti salaate ergamaa Rabbiiti. Eeganaa ummata irratti waajiba ta’uu sodaachuun dhiisani.
«وعن أبي ذرٍ رضي الله عنه قال: صُمْنا مع النبيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فلَمْ يقُمْ بنا حتى بَقِي سَبْعٌ من الشَّهْرِ، فقامِ بِنَا حتى ذَهبَ ثُلُثُ اللَّيْل، ثُمَّ لم يقم بنا في السادسة ثم قام بنا في الخامسة حتى ذهب شَطْرُ الليلِ أي: نصفُه، فقلنا: يا رسول الله لو نَفَلْتَنَا بَقيَّة ليلتنا هذه؟ فقال صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: " إنَّه مَنْ قام مع الإِمامِ حَتَّى ينصرف كُتِبَ له قيام ليلة»رواه أصحاب السنن
Abii zarri irraa akka odeeffametti akkana jedhe: “Ergamaa Rabbiitii wajjiin (ramadaana) soomnee hanga ji’a irraa guyyaan torba hafutti nuun hin dhaabbanne (hin salaanne). Gaafas hanga 1/3’n halkanii darbutti dhaabbate. Eeganaa gaafa jaha hafu nu hin sagachiifne. Gaafa shan hafu immoo hanga walakkaan halkanii darbutti nuun dhaabatte. Maal osoo halkan keenya kana isa hafes itti nuu dabaltee hoo? Jenne. Rasuulliis (SAW) “hanga imaamni raawwatee irraa gara galutti namni imaama wajjin dhaabbate dhaabbiin halkanii isaaf barreefama” jedhan. Warra sunana arfaniitu gabaase.

Akka hadisni kun akeekutti kophaa manatti salaatuurra imaamaa wajjiin hanga dhumaatti salaatuutu caala. Salafoonni /worri nuduraa/ lakkoofsa salaata taraawiihaa kessatti wal dhabaniiru. Afurtamii tokko, soddomii sagal, digdamii sagal, digdamii sadii, kudha tokkoo fi kan biroos jedhameera. Akka sheikh Usaymin (rahimahullaah) jedhanitti kudha tokko ykn kudha sadii salaatuutu filatamaa dha.
عن عائشةَ رضي الله عنها «أنهَا سُئِلَتْ: كيفَ كانتْ صلاةُ النبيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ في رمضان؟ فقالت: ما كانَ يزيدُ في رمضان ولا غيره على إحدى عَشرةَ رِكعةً» رواه البخاري ومسلم
Aa'ishaa irraa kka odeeffametti akkaataa salaata Rasuulaa (SAW) kan Ramadaana keessaa gaafatamtee akkana jette: “Ramadaana keessas ta’ee yeroo biraas raka’aa kudha tokko irra kan dabalu hin taane” Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
وعن ابن عباس رضي الله عنهما قال: «كانتْ صلاةُ النبيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ ثَلاَثَ عشْرةَ ركعةً يعني مِنَ الليل» رواه البخاري
Abdallaah bin Abbaas irraa akka odeeffametti akkana jedhe: “Salaatni ergamaa Rabbii halkan irraa raka’aa kudha sadii ture.” Bukharitu gabaase.
وعن السائب بن يزيد رضي الله عنه قال: أمرَ عُمَر بنُ الخطابِ رضي الله عنه أُبَيَّ بنَ كَعْب وتميماً الداريَّ أنْ يقُومَا للنَّاس بإحْدى عَشرةَ ركعةً
Muwaxxa’i Maalik keessa akka jirutti Saa’ib bin Yaziid akkana jedhe: “Umar Ibnul khaxxaab Ubayyi Ibnu ka’abii fi Tamiim Addaariyyi akka raka’aa kudha tokkoon nama salaachisanu ajaje.”

Kanaafuu filatamaan raka’aa kudha tokko yoo ta’u yeroo tokko tokko kudha sadii salaatunis ni ta’a. salafoonni salaata ramadaanaa kana baay’ee dheressanii salaatu.
Akka hadiisa saa’ib keessatti dhufetti aayata dhibba dhibbaan lakkaa’amu qara’u turan. Kanaafu salaata kana xuma’aniinaadhaan suuta jedhanii salaatuutu barbaachiisa.
Rakkoon Walloo irratti yeroo yeroon deddeebi'u Kun yoomuma furmaata argata laata?
Yaa Rabbi ati dandeettii keetiin birmadhuuf.
Hayyuun Islaamaa Ibn Alqayyim akkana jedhan:

Jechoota sadii  beektoleen Islaamaa durii barreessanii waliif erganii wal yaadachiisu turan. Osoo namni hunduu qalbii isaa irratti barreeffatee hanga qilleensa fudhatuun isii qara'ee gaariidha.

1. Nama keessa isaa tolfate Rabbiin gubbaa isaa ni tolcha.
❶ من أصلح سريرته أصلح الله علانيته.
2. Nama waan jidduu isaatiifi jidduu Rabbii tolche Rabbiin waan jidduu isaatiifi namootaa jiru ni tolcha.
❷ ومن أصلح ما بينه وبين الله أصلح الله مابينه وبين الناس.
3. Nama aakhiraa isaatiif hojjate Rabbiin cinqaa addunyaa isaaf deedisa.
❸ ومن عمل لأخرته كفاه الله مؤونة دنياه.

📚#المصدر: الرسالـة التبوكيـة (ص٩٢).
Warri pirotestaantii huccuu faaya Muslimootaa uffatanii bifa manzuumaatiin ummata burjaajessuu maaliif barbaadan?
***
Yoo Muslimatu kanaan gowwoomee gara keenyatti dhufaa yaaddan baay'ee dogoggortan; kun hordoftoota amantii lachanii walitti buusuu malee bu'aa tokkollee hin qabu.
Bifa kanaan dhihaachuu irra yoo ragaa qabaattaniif dirreetti as bahaatii ifaan ifatti, bakka addunyaan guutuun argutti, istaadiyeema keessatti ragaadhaan haa mari'annu.
Isin kana gochuuf qophii taanaan hayyoonni Islaamaa qophiidha. Yoo kana hin taane kijibaafi diraamaan ummata hin burjaajessinaa. Amantiin kijibaan, diraamaafi sirbaan baballatu tokkollee hin jiru yoo jallina ta'e malee. Kanaafuu yoo ragaa qabaattan as bahaa waliin haa mari'annu, yoo ragaa hin qabaanne immoo jallina irra hin deeminaatii gara Rabbii tokkichaatti deebi'aa. Yesuus ergamaadha malee Rabbii miti; hin waaqeffatamu; inninuu ni waaqeffata.
Waaqni waaqa biraa gabbaru hin jiru.
Wantoota Sooma Namaa Balleessan
****-***

Wantoonni sooma balleessan bakka lamatti qodamu. Isaanis;
1) Waan sooma balleessee qadaa /bakka buusuu namatti dirqama godhuufi
2) Waan sooma balleessee qadaa /bakka buusuu/ fi kaffaaraa /kafaltii adabbii namarrstti dirqama godhuudha.

Wantoonni sooma balleessanii qadaa qofa namatti dirqama godhan kanneen armaan gaditi:

1/ Nyaataa fi dhugaatii beekaa fudhatamu. Yoo namichi dagatee, dogongoree ykn dirqamsiifamee nyaate ykn dhuge qadaa kaffaluus ta'ee kaffaaraan isarra hin jiru.
عن أبي هريرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " من نسي - وهو صائم - فأكل أو شرب، فليتم صومه، فإنما أطعمه الله وسقاه ". رواه الجماعة
Abuu Hurayraa irra akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Namni osoo soomuu dagatee nyaate ykn dhuge sooma ittuma haa guuttatu. Kan isa nyaachisee fi obaase Rabbi waan taheef”.

Wantoonni nyaata bakka bu'an kanneen akka gulukoosiis sooma ni balleessu.

2/Beekaa of haqqisiisuun/nyaata oldeebisuun sooma cabsa. Garuu yoo humnaan isa moo’atee ofiin harkaa ba’e qadaas ta’ee kaffaaraan irra hin jiruu.
عن أبي هريرة: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " من ذرعه القئ فليس عليه قضاء، ومن استقاء عمدا فليقض ". رواه أحمد وأبو داود، والترمذي، وابن ماجه، وابن حبان، والدارقطني، والحاكم، وصححه
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti Rasuulli(SAW) akkana jedhan “Namni ol-deebisaan isa moo’ate qadaan (kaffaltiin ) isarra hin jiru. Namni ofiin beekaa of balaqqamsiise haa kaffalu.”
Ahmad , Tirmiizii, Ibnu Maajaah fi kanneen biroos gabaasaniiru.

3/Aadaa ji’aa /Haydii/ fi dhiiga dahumsaa: osoo biiftuun hin lixiin dura yoo itti dhufe sooma ishee ni balleessa.

4/Istimnaa’a (fedhii ofiitiin maniyyii /ispermii ofirraa baasuu): haadha manaa isaa dhungachuun ykn ofitti maxxansuun ta’ee qaama saalaa harkaan qabuun yoo maniyyii beekaa ofirraa baase soomni isaa ni bada. Qadaa baasuun dirqamaa. Garuu yoo diqqata ilaallaan ykn yaadnaan ba’e kun sooma hin cabsu, akkasumas nama hirriba keessa maniyyiin irraa bahe soomni isaa hin badu.

5/wantootuma nyaataaf hin taanes liqimsuudhaan soomni akka badu ulamaa’onni walii galaniiru.

6/Wal qunnamtii saalaa (inni kun kaffaaraan isaas ulfaataadha.)

7/ Namni niyyaa isaatiin faxiruu murteesse osooma nyaachuu dhiseeyyuu soomni isaa ni bada.
2025/07/04 15:50:48
Back to Top
HTML Embed Code: