Telegram Web Link
Maaliif namicha billaadhaan ajjeeftee gaafatamee rakkinan qabaafin qawwee bitachuu dadhabe jedhe jedhan.
Injifannoon Sooriyaa keessatti argame hanga ammaatti abjuu fakkaata.
Namni wahii abjuu sanarra na dammaqsaan sodaadha.
Yaa Rabbi injifannoo dhugumaa kan Muslimoota hundaaf milkii qabu taasisi.
‏{وَيَوْمَ يَعَضُّ ٱلظَّالِمُ عَلَىٰ يَدَيْهِ يَقُولُ يَٰلَيْتَنِى ٱتَّخَذْتُ مَعَ ٱلرَّسُولِ سَبِيلًا}
Guyyaa miidhaa raawwataan harka isaa lamaan ciniinee "yaa badii koo! Maal qaba osoon Ergamtichaa wajjin karaa sirrii qabadhee?" jedhu (ummataaf himi).
قل يا عبادي الذين أسرفوا على أنفسهم لا تقنطوا من رحمة الله إن الله يغفر الذنوب جميعا إنه هو الغفور الرحيم (٥٣)
Jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan lubbuu isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin yakka hundaa ni araarama. Inni araaramaa, rahmata godhaadha."
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Ergaa sagantaa eebba Ma'ahada Abbaa Jifaar irratti ani dabarse.
Hojjadhuu hambaa wahii hambifadhu!
ونكتب ما قدموا وآثارهم
وجعلنا لهم لسان صدق في الآخرين
‏{‏تِلْكَ الْجَنَّةُ الَّتِي نُورِثُ مِنْ عِبَادِنَا مَنْ كَانَ تَقِيًّا}
Jannatattiin sun ishee gabroota keenya irraa warra Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha.
‏{‏وَنُنَزِّلُ مِنَ الْقُرْآنِ مَا هُوَ شِفَاءٌ وَرَحْمَةٌ لِلْمُؤْمِنِينَ وَلَا يَزِيدُ الظَّالِمِينَ إِلَّا خَسَارًا}
Nuti Qur’aana irraa waan Mu'uminootaaf dawaafi rahmata ta’e, kan zaalimootaaf immoo hoongoo malee homaa hin daballe buufna.
إِنَّمَا يَخْشَى اللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ الْعُلَمَاءُ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ غَفُور
Gabroota Isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa. Dhugumatti Rabbiin injifataa, araaramaadha
[فاطر : 28]
قُلْ إِنَّ صَلَاتِي وَنُسُكِي وَمَحْيَايَ وَمَمَاتِي لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ

Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi.
[الأنعام : 162]
Addunyaa Teknoolojii Waliin dorgomuu barbaadduu? Yoo barbaaddan kottaa waliin haa hojjannu isiniin jedha Dhaabbanni Flexdivs.com

👋 Dhaabbata keessaniif baay'ee si'ataa fi ammayyaawaa kan ta'e Websaayitii fi Aappii Mobaayilaa ykn Sistama hojjechiisuu ni barbaadduu?

Maarree Dargaggoota qaxalee ijoolleedhuma keessaniin kan hundaa'e dhaabbanni flexdiv technology solutions plc Filannoowwan Teknolojii dhaabbata keessan ammayyeessuu fi Addunyaa har'aa waliin dorgomaa taasisuu danda'an heduu qabatee isiniif dhufeera. Dhaabbatichi Ilmaan Hawaasaatiin Hawaasa barnootaa fi Teknolojiidhaan Sababa adda addaatiin duubatti hafee jiru tumsuuf kan dhaabbate yoo ta'u gatii madaalawaa fi haala hawwataa ta'een tajaajila barbaachisu hunda dhaabbilee garaagaraatiif kan kennuudha waan ta'eef dhaabbata keessaniif yoo nu affeertan gammachuu guddaadhan tajaajila keenya isiniif keennina.

Tajaajila kenninu:-

🌐 Custom Website Design and Development
💻 Bespoke Software Solutions
🛒 E-commerce Platforms
📲 Mobile App Development

💥 https://flexdivs.com
💥 https://cars.flexdivs.com

📞 Odeeffannoo dabalataaf 0960059905 dhaan nu quunnamuu dandeessu.
Hijaaba hin uffattu, qullaa ta'uutti dhihaattee deemti. Garuu qalbiin isii kan ishee hijaaba uffattuu irra qulqulluudha.
Kun hadiisa shayxaanni qalbii namoota gariitti himuudha.
Hadiisa Shayxaanaa kan biraa

Warri areeda dheeressee masjiidatti deddeebi'u hedduun munaafiqoota, hattoota, sobdoota. Dhaqxee isaanii wajjin hin dhaabbatin.

*** Yaa obboleesso Salaata Jamaa'aa dhiiftee Taqwaan qaba jettee of hin gowwoomsin.
Hadiisa Shayxaanaa 2ffaa

Dhiira salaata hin eegganne, kan jamaa'aa hin jabeessine, areeda soqatee deemu, surrii koronyoo irra gadhiifatu... iimaana qaba, keessi isaa warra kaan irra qulqulluudha.

Isinis itti dabalaa
3.
4...
Warra Ibsa Barbaaddaniif

Yeroo ammaa baay'inaan dubartoota hijaaba uffatan, dhiira masjiidatti deddeebi'u, kan mallattoon Islaamaa irraa mul'atuun "sobduudha, nama gowwoomsuuf akkas godhatu, hijaaba keessa dhokatanii waa heddu balleessuuf..." kan jedhu ogga dhageessu, faallaa kanaa immoo warra salaata hin jabeessine, kan mallattooleen Islaamaa irraa hin mul'anne, dubartii ajaja Rabbii ifatti faallessituun "qalbiin jaraa qulqulluudha, nama dhugaati..." kan jedhu dhageessa.

Kun miizaanni haqaa gara galuudha. Nuti gubbaa namootaa ilaalla; keessa Rabbitu beeka. Nama gubbaa tolfate gaariitti yaadna. Nama gubbaan isaa ajaja Rabbii faallesse yakkamaatti fudhanna.

Namni ajaja Rabbii tokko guute kallattii sanaan warra ajaja Rabbii hin guutin ni caala, namni ajaja Rabbii tokko faallesse kallattii isii faallessee sanaan yakkamaadha. Keessoon kiyya gaarii waan ta'eefin badii kana hojjadhe jechuun gonkuma sirrii miti.

Nuti Keessoo namaa Rabbiif dhiifna; gubbaa malee keessa qorachuun ga'ee keenyaa miti.
Ws wr wb
Obboleessi keenya Nabaanii Shaafii Barreessaan Kitaaba "Seenaa Gootota Shanan Gibee" Kitaaba haaraa "Dhaamsa Dhaamolee" jedhu qabatee dhufeera. Kitaabni "Dhaamsa Dhaamolee" akkuma maqaa isaa "Dhaamsa Qabsaa'ota Oromooti". Seenaa Qabsaa'ota kaleessaa bu'uura godhachuudhaan rakkoo yeroo ammaa dhaloota qoraa jiru dhibee Gandummaa (Racism) kaansarii dhalootaa akka ta'e baldhinaan kaasaa furmaatas kaa'a. Dhaloonni gaaddisa seenaa Gootota ofii jalatti ijaaramuu akka qabu dhaama. Muldhata gaarii akka qabaannu nu akeeka. Qabsoo goonu mara keessatti seenaa gootota kaleessaa fakkeenya godhachuu akka qabnu nuuf dhaama. Kitaabni kun dubbisuuf kana nama hin nuffisiifne fuula 95 qofa, Mata duree 15 garaagaraa qaba.

Kitaabichi biyya keessatti:

Finfinnee Awutobistaraa
~Mana Kitaabaa Elellee 0912365502
~Mana Kitaabaa Shawaa 0922490450
Finfinnee Jamoo 1ffaa
~Mana Kitaabaa Iluu 0910819409

Finfinnee Meeksikoo
~Mana Kitaabaa Jaafar 091112 5324

Jimmaa
~Mana Kitaabaa Gaalii 0936149292
~Mana Kitaabaa Haafiz 0944473834
Barbaachisummaa seenaa Nabiyyii (saw)
******

1. Seenaan Nabiyyii (saw) jireenya Muslimaatiif madaala jiruufi jireenyaa guddaadha. Hojiin adeemsa isaaniitiin wal gale sirriidha Rabbiin biratti qeebaltiis argata. Hojiin adeemsa isaanii faallesse dogoggora; qeebaltiis Rabbiin biraa hin argatu.

2. Seenaan Nabiyyii (saw) modeela bareedaa, fakkeenyummaa filatamaa fuuldura kee dhaaba. Modeelli hunda caalu Nabi Muhammadi (saw). Kanaafuu Rabbiin isaan hordofuutti ajaje.
Rabbiin ni jedhe: "Dhugumatti, nama Rabbiifi guyyaa aakhiraa kajeeluufi Rabbiin baay'inaan yaadateef ergamaa Rabbii keessatti hidhannoo gaariitu jiraaf." (Ahzaab: 21)

3. Seenaa Nabiyyii (saw) qorachuudhaan jaalalli isaanii siif dabala. Kunis kan ta'u aarsaa isaan haqaaf kafalan yeroo bartu, jaalala isaan siif qaban, gaarummaa isaanii ogga agartu jaalala guddaa dabalattaaf.

4. Seenaa Ergamaa Rabbii (saw) qorachuudhaan Qur'aana Rabbii sirriitti hubachuufi ittiin hojjachuu dandeessa. Sababnis amalli isaanii Qur'aana ture. Jireenyi isaanii guutuun Qur'aana hojiin agarsiisuu ture.

5. Sammuun keenya oduu hin barbaachifne, sheekkoofi mammaaksaan guutamuu irra seenaa Nabiyyiitiin (saw) guutamuun bu'aa guddaa qaba. Keessumaa daa'imman akka seenaan Nabiyyii (saw) sammuu isaanii keessatti bakka qabatu gochuun kallattii guddaa itti agarsiisa.

6. Walumaa galatti seenaa Nabiyyii (saw) hubachuu keessa Amantii Islaamaa guutummaan hubachuutu jira. Aqiidaan, ibaadaan, fiqhiin isa keessa jira. Kanaafuu baranne itti haa fayyadamnu.

Yaa rabbi nama sunnaa isaanii hordofu, seenaa isaanii baratee barsiisu nu godhi.
الحمد لله أولا وآخرا
Faaruun kan Rabbii jalqabnee nu xumursiseeti.
2025/07/01 00:54:46
Back to Top
HTML Embed Code: