Forwarded from OBSAA CHANNEL
#Ani
Baayyeen si jaalladha
Hin fedhu si dhabuu
Kan biraa jaallachuuf
Onnee lama hin qabuu
Waadaa gaafa duraa
Hunduma isaa eegee
Onnee koo qulqulluun
Jaalalaaf wareegee
~
#Ati_immoo!
Jaalalaan siif qabuu
Qoosaatti lakkooftee
Gola onneeke keessaa
Jaalala koo ooftee
Yaadni kee na jeeqee
Gaafa haalli cimtee
Sin barbaadu yoomuu
Jettee natti himtee
~
#Egaa
Utuun siif dhippadhuu
Halkan guyyaa ciisee
Utuun si jaalladhuun
Siif dhiisee si dhiisee..!..


... @obsamen
...
.... @obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Toora galchee hanqinakee
Jibbaa keetiif kan ragaduu
Arguu fedhee rakkinakee
Siballeessuuf kan sagaduu

Dhoksees ta'u ifa baasee
Simiidhuuf kan sitti fiiguu
Galma kankee hunda raasee
Godookee kan sitti diiguu

Boolla qotee gad fageessee
Simiidhuudhaaf inni kaatuu
Booda goree kan jabeessee
Hidhii isaa sitti nyaatuu

Hin jiraatu nagaa ta'ee
Shirri isaaf dalagaadhaa
Sijibbinaan lafaa ka'ee
Fira ta'us alagaadhaa

Isaaf kun hamma tooftaatii
Hin milkaa'uufi deemsisaa
Jireenyi harka gooftaatii
Gubataa hafa keessisaa

Hin deemin hammeenya baataa
Gaafas raafamtee hin cabduu
Keessa keef nageenya laataa
Waan facaafatte hin dhabduu


#JOIN_AND_SHARE

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@obsiilink ๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@obsiilink๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@obsiilink๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
Forwarded from OBSAA CHANNEL
#Kayyoo_Galmaan_Ga'uufi

Dirri gargar hiramee
Dhiigni koo ta'e booruu
Faanni na ciramee
Kaayyoof osoon jooruu

Dafqi dhiigaan wajjin
Narraa yaa'e qaamaan
Natti hammaatte bajjiin
Ifu dide dhaamaan

Jiruu qilleensa gubbaa
Jiraachuun koo filadhee
Rakkoof ta'ee dhubbaa
Gadadoo hiradhee

Dhangaa sareen didde
Sooraaf fudhee nyaachuuni
Waanta barri fidde
Tole jedhee baachuuni

Meeqa jabaa cobsuun koo
Qalmaaf ta'uun laayyoo
Qeeqa gabaa obsuun koo
Galmaan ga'uufi kaayyoo

โœ๏ธ... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@obsiilink ๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@obsiilink ๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@obsiilink๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Jaalalli si muudee
Onneen koo suma feeti
Qalbiin kee of jaalattuun
Jaalala gabbarsa seeti
Jabinni kee anarratti
Laafinni koos kara keeti
Si barbaaduf sitti deemus
Qalbiin keemmoo gama ceeti

Tulluurra teesse
Holqa kunuunsuu yaadda
Ana miliquuf jettee
Waan gatte barbaadda

Gola jaalala siif kennetti
Harโ€™a aarin margee
Ilaalen si dhiise
Jibbamuu koo argee!

Amma addaan galle
Sichi wal hinbeeknu
Nagaatti jaalallee
Yeroos hin wareegnuu!๐Ÿ™
....

... @obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Akka baraa malee
Akki garaa ta'aaree?
Hiriyaa yoo dhaban
Jiruun hiika qabaaree? ~~~~

Nan danda'a je'een
Jiraachuu jalqabee
Akkan yaade garuu
Argachuun dadhabe ~

Jaalala baraa tanaaf
Maafan yeroo gubaa?
Je'ee of gaafadhus
Deebii maalin qaba ~

Akka baraa malee
Akki garaan tahuu
Yoo jaalalaa malee
Namni waliin nahu ~

Dhugaan yoo jiraatte
Dubri beeytu jaalala
Deemeeti barbaada
Yoo jiraattes halaala ~~~~

Dubra sobuun beeyne
Tan qabdu naamusa
Harka baneen eegaa
Gartan na fuusisaa ~

Ililliin birraa daraare
Margis nuuf marge
Jaalala dhugaatiin
Barbaada yoon arge ~

Dubra naman quuyne
Jechaaf gochisiidhaa
Yoon arge nin fuudha
Gabbaree warrasiidhaa ~~~~

Na waliin jiraachuuf
Fedhii yoo qabaatte
Keeysaan na dubbisti
Dubbii Ciro dhumte ~

Barreeysaanโœ๏ธ @obsamen


.......JOIN
..... @obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
"Yeroo biiftuun lixxu
Tabbarran dhaabbadha
Yeroo diimtuun diddu
Magaalleen jaalladha..."

Jechaati deema
Kophaa isaa
Gama galgalaa
If-hasaasaa

Lixa biiftuu
Dhaabbatee eegee
Dukkanatti
Ifa dagee

Hoggaa ja'u
"Diimtuun diddu,
Magaaltittiin kusheedha"
Filannaasaa keessatti
Lamaansaanii
Dumbusheefi buskuteedha!
~~

Lixa biiftuu
Kan galgalaa
Sitti ka'a
Miirri jaalalaa

Diimtuun dhuftus
Dumbusheedha
Magaalleenis
Bar khusheedhaa,

Sooratuufi
soora isaa
Itti bahuuf
Miira isaa!
.
JOIN
...YAADAF @obsamen
..
. @obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Asoosama Gaggabaaboo #Add #Follow #Join
#reposted

Harmee๐Ÿ’”
Baatii sagal garaatti baattee
Kunuunsa addaatiin qabdee
Silga harma kee naaf laattee
Bifaaf namummaa dhabdee!
~
Hidda keerraan dhangi'ame
Handhuurrikee anaaf dhiige
Daa'imee dacheerra foqoqe
Akka hawwikee ka'een fiige!
~
Daa'imee lukaan deemuuf
Faana ol-fuutee dhaabdee
Tirannaaf tarkaanfii suutaa
Bitaaf mirgaan na qabdee!
~
Ciimmaa ani baadhee ka'u
Ganamaan ilaaltee dhiqxa
Gaafan gama mirgaa taa'u
Ati gara bitaatti naaf siqxa!
~
Qaama koo qullaa dhoksuuf
Uffata qabdee natti keessee
Akka ani utaalee hin cabneef
Ana tiksuuf ulaarra teessee!
~
Guddistee lafaa na kaastee
Morgaaf lafee wal qabsiiste
Soortee manaa na baastee
Ijoollummaa na alqabsiiste!
~
Akka ani kufee cabu feetu
Sagal mul'attee ana ilaalta
Quufee nyaadha hin seetu
Imimmaan jaalalaa calalta!
~
Qajeeltoo yaadaaf amalaa
Gorsa haadhaatiin kuultee
Hamaaf hammina dhiistee
Gaarummaaf gaarii tuultee!
~
Soorata dhala kee soortee
Lafeef foonkoo jabeessita
Dhihaaf barii lafaa joortee
Jiruuf jireenya addeessita!
~
Qannoof qananii hawwitee
Duubaa fuulduraatti raagda
Daandii jireenyi qaawwitee
Obsumaan obsitee saagda!
~
Sabbataan garaa hidhattee
Waanuma hin jirres obsitee
Abdii boruu galaa godhattee
Dafqakee addaan cobsitee!
~
Akkuma halagaa natti taatu
Garaankee fedhuum sarmee
Jireenyakoo keessaa baatu
Madaala hin qabdu Harmee!
~
Oolmaa danuu narraa qabda
Gatii narraa nyaatta teessee
Anikeevsin jaaladha giiftii koo
Umrii dheertuu buli deessee!

โ™ฆBarreessuun itti fufa!
โ™ฆBalleessuun itti cufa
@obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
LUBBU TIYYA๐Ÿ˜˜

Ogummaa jalalaan
madaa koo wala'aantee.
Eessanan ol jedha 
atoo na sakaaltee.
    ~~
Manan itti galu
mukaan ijaaramee.
Hirribaaf gad ciiseen
yaada keen qabamee.
      ~~~
Xiqqoo akkan rafeen
abjuun dararamee.
Sagalee ol kaaseen
Al tokko si waamee.
     ~~~
Police jaalalaan
marfameen qabamee.
Waanan si jaaladheef
hidhaatin galchamee.
      ~~~~
Hidhaa keessattillee
waa'ee kee jeeqamee.
Doctorin na yaaluuf
   natti jijjiramee.
Onnee koo kessatti
si qofatu argamee.


โฅ๏ธŽ๐„žโžณโƒ โ€Œ โ€Œ โ€Œ โ€Œ โ€Œ โ€Œ๐Ÿ“ธรŸmรธkรซ๐Ÿ•Š๏ธโƒโฅโƒŸ แญ„โฅ๏ธŽโ‰›โƒ๐Ÿ•Š๏ธโƒ     
     
@WOLALOO_JAALALAA .
      @WOLALOO_JAALALAA
               @WOLALOO_JAALALAA
 
@WOLALOO_JAALALAA
        @WOLALOO_JAALALAA
                @WOLALOO_JAALALAA

            # SHARE
            # SHARE
            # SHARE
.... @obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Bishaan ni gaโ€™a jettee
Galteen hafin manatti
Maatii dhoksi gannaqii
Ammas kottu lagatti

Anxaxiin cora jedhii
Sobii funyoo fudhadhuu
Akkammo sin arginee
looโ€™i kottu dhokadhuu

Coreen lafa siif kaโ€™a
Adaa walitti qabee
Dafiitii qaqqabadhu
Onnee siif jecha cabe

bakkuma silaa sanaa
Anbabbeessa  jalattii
Mallattoo siifan buusaa
Baala laalii  lafattii 

Baala xiqqoo agarraan
An dhufuu kiyya  beekii
Yoo achii na dhabdeellee
Hin jarjariin na eegii

Dhufa kee natti himuuf
Sobii dhadhahi jaarkaa
Yoo jaarkaaniin dhibamelle
Xiqqoo waliin dhahi arka

Bakkan jiruu ol baheen
Rakkoo koon sitti himadhaa
Maddii kee bitaaf mirgaa
Afaan keen si dhungadha

Ani silaa sin obsuu
Galagalas lo'een dhufaa
Jara keessan raffisii
dafteemmon cufin cufaa

Gadii bahuu  fakkeessii
Kottuu qoraan fudhadhuu
Mana jalan dhokadhaa
Dhoksaatti na dhungadhu!!


        ....
@obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Qaba inni jedhee
Gamoo guddaa ijaaru
Inni dhabe jedhee
Jooreetin jawwaaru
   ~
qarshiiniis danoomee
Kan walirra tuulu
Inni qarshii dhabees
Rakkinaan kulkulu
   ~~
Inni irraa hafes inni dhabes
     Obsaa rakkoo
Kaayyoon adda miti
   Kaayyoon tokko
        ~~~
ofiisaa fooyyessuuf inni
Gaara ba'ee bu'u dachaa
Rakkinasaaf jedhee
Gufuun guggufachaa
     ~~~
xaaree dafqee dhiigee
Dhiigasaallee qoorsaa
Jooree deegee labee
Joorassaallee obsaa
      ~~~~
    Rakkoof jedhee
Beelaan sakaalamaa
      Yoo kadhates
Namaan abaaramaa
    ~~
"BOR Boriin kan imalu
Abaarsa dagachaa
Garaa guutuuf miti
JIREENYA barbaacha

     @wolaloo_jaalalaa
          #share
            #join.
..... @obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
#waadaakoo

Waadaa waliin qabna
Hirbuu waliif seenne
Kanafan si soqa
Takkaa gadin teenye

Mallattoo waadaakoof
Kudhaama siif laadhe
Summii natti ha ta'u
Hirbuu kee yoon nyaadhe

Beenyaa na gaafatus
Iddoon ani dhaqe
Waadaa kee hin haalu
Karaa koorraa maqee

Erga addaan baanee
Takkaa rafeen bulle
Garuu sirraa hin hafu
Nan dhufa yaa kuullee

โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
โ”—โ”โ”โ”  โ”โ”๐Ÿ’žโ”โ”  โ”โ”โ”โ”›

โœ๏ธ....๐Ÿ’ฅ๐™ธ๐š’๐šœ๐šŠ๐š๐š’๐š’๐š—ยฎโœ…
๐š‚๐™ท๐™ฐ๐š๐™ด
๐š‚๐™ท๐™ฐ๐š๐™ด
๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน
๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน
๐ŸŒฑ...

....


@obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Ilma Yaayyaa Alii Siree
Tokkicha bakar waaree
Ilmi Waaqoo Guutuu
Oduuf bakka qabaaree? ~~~~

Jaarraa Abbaa Gadaa
Qabsoo nu barsiisee
Elemoo Qilxuudhaa
Diina bayyaa baase ~~~~

Nadhii gammadaatu
Karaa nu qabsiisee
Leenjisoo diigaatu
Qabsoo nutti dhiise ~~~~

Qabsoo muslimaatu
Oromoo ol qabee
Bifa har'a fakkaatuun
Oromiyaa qarqabe ~~~~

Maalummaa iccitii
Aliyyi cirrii taraaree
Gootaaf fakkeenyi
Husseen bunee ture ~~~~

Kormoossoo irraahin
Baradhe gootummaa
Caammaanuur jabaa
Hayyuu caalu kuma ~~~~

Mucee Ahmad mucee
Kutataa oromtichaa
Warra oromummaan
Isaanii hin ta'in jecha ~~~~

Sheek bakrii saaphaloo
Warra qubee kaa'e mataa
Sheek Mohammed Rashaad
Abbaa qubee oromootaa ~~~~

Gaheen muslimootaa
Oromummaaf bu'uura
Warra qabsoo sabaa
Itti godhe hafuura ~~~~

Warra jabeeysee qabee
Asiin gahe oromummaa
Bu'uurri qabsoo oromoo
Jal'dhaabni muslima ~~~~

Oromummaan liqii miti
Dhalootaan argamtii
Yookiin akka kaardii
Nurraa yoom haqamtii? ~~~~

Waalqorraan arganne
Dhalootaan argannee
Amantaas hin jijjiirre
Irruma dhalannee ~~~~

Islaamummaa waliin
Oromummaan toltii
Kopha kophaa taatu
Deemtee ceerbe buuti ~~~~

Gadhee jala fiiydee
Of hin xiqqeeysinii
Jabeeysii qabadhu
Jabduudha amantiin ~~~~

Oromummaa dhunfaa
Hin godhin jerjertee
Lachuu Rabbii kenne
Dubbii Ciro dhumte ~~~~

Barreeysaan โœ๏ธ๐Ÿ‘‰@obsamen
..... @obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Utuun si jaalladhuu
Onnee banaa dhiiftee
Utuun si abdadhuu
Summii jibbaa biiftee

Keessa koo waraantee
Jaalalaan madeessaa
Godaanuu filatte
Onnee kiyya keessaa

Keessi koo si dhabee
Halkan guyyaa fiigaa
Madaan godaansa kee
Kulkulee na dhiigaa

Akkaataan jiruu kee
Sichi naaf hin ta'uu
Sin jaaladhu garuu
Si jibbuun danda'uu...

       โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
  โ”—โ”โ”โ”  โ”โ”๐Ÿ’žโ”โ”  โ”โ”โ”โ”›
       
    #๐š†๐™พ๐™ป๐™ฐ๐™ป๐™พ๐™พ_๐™น๐™ฐ๐™ฐ๐™ป๐™ฐ๐™ป๐™ฐ๐™ฐ

                 ๐‘บ๐‘ฏ๐‘จ๐‘น๐‘ฌ
                 ๐‘บ๐‘ฏ๐‘จ๐‘น๐‘ฌ

          ๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน
          ๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน
    
.. @onsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Anatu si fedhe
Natu si jaalate,
Bareeda keetini
Onnee na boojite.

Simbo-qabeettittii
Kuullee afaan dammaa,
Guyyuun si dharra'a
Si'umaafan dhimmaa!

Ani si jaaladhe
Jaalala onneerraa,
Situ giiftii tiyya
Uumama hundarraa!

Hunda caaltuu wayii
Haadha bareedinaa,
Yoomuma naaf dhufta
Yoom wal arginaa?
..

... @obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Inni horii qaba,
Ittiin daldalata
Ittiin waa bitata
Ittiin shaqqalata
Ittiin si bitata

Horiin qabeenya isaa
Imaltuu isaati
Bareeda isaati
Jabina isaati
Doorsiftuu isaati

Horiin isaaf humna,
Fedhu ittiin cabsa
Fedhu ittiin dabsa
Horiin isaaf boona
Ittiin garsiifata
Ittiin doorsifata

Anaaf garuu...
Horiin ani qabu,
Nyaataaf ooleen gahu
Alatti naan bahu
Horiin ani qabu,
Mana nattin jaaru
Daara ittin waaru

Horiinin qabutti,
Faaya ifitti godhee
Siin hin doorsisu
Siin biteen hambisu

Horiinin qabutti,
Yeroon laalun aara
Osoon qabun daara

Gaafa gahuu dide
Anaaf
Ittiin waa kennachuu
Ittiin waa ergachuu
Ittiin waa elmachuu
Ittiin waa doorsisuu
Ittiin waa hambisuu

Dhumasaa,...
Qabeenyi sadeenii
Horii yoonin dhabe
Humnas yoonin dhabe
Beekumsaatu jiraa
Sa maafin hiraaraa?
Je'eetin if birbira.

Inni horiin bitee
Yoo siif kenne dila
Horiisaan dhaadatee
Dhuunfatus kitila

Animmoo,...
Sammuunin taphadha
Sammuunin si soora
Beekumsan siif laadha
Beekumsaanin ijaara

Galma jiruu tanaa
Iccitiin siif kenna
Bakkan itti gufadhen
Garsiisee siif bana

Inni...
Yoo Horii facaasu
Horiin jalaa dhumaa
Hin turu gonkumaa,

Animmoo...
Yoo beekumsa kennu
Daran anaaf ifaa
Anaaf wal sharafaa

Kanaafin...
Hogguu boonaa deema
Horiif humnas dhabu
Qabeenya sadeenirraa
Beekkumsa kanin qabu!

Shamil N Mohammed

        โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
  โ”—โ”โ”โ”  โ”โ”๐Ÿ’žโ”โ”  โ”โ”โ”โ”›
       
    #๐š†๐™พ๐™ป๐™ฐ๐™ป๐™พ๐™พ_๐™น๐™ฐ๐™ฐ๐™ป๐™ฐ๐™ป๐™ฐ๐™ฐ

                 ๐‘บ๐‘ฏ๐‘จ๐‘น๐‘ฌ
                 ๐‘บ๐‘ฏ๐‘จ๐‘น๐‘ฌ

          ๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน
          ๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน
    
@obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
๐ท๐‘’๐‘’๐‘š๐‘– ๐‘˜๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘”๐‘Žโ„Ž๐‘Ž๐‘Ž
๐‘’๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ก๐‘’ ๐‘‘๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘’๐‘’
๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘ ๐‘– ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘ข๐‘ 
๐‘’๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž ๐‘—๐‘–๐‘๐‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘’๐‘’

๐‘„๐‘Ž๐‘๐‘’๐‘’ ๐‘ ๐‘– ๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘’๐‘ ๐‘ข๐‘ ๐‘–
๐‘‚๐‘›๐‘›๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘˜๐‘’๐‘›๐‘›๐‘’๐‘’
๐‘›๐‘ข๐‘ก๐‘œ๐‘œ ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘›๐‘– ๐‘”๐‘œ๐‘œ๐‘›๐‘Ž
๐‘ ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ž๐‘ž๐‘›๐‘– ๐‘—๐‘’๐‘›๐‘›๐‘’๐‘’

๐‘Œ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘› ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’
๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“ ๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’
๐‘๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘’ ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘›๐‘Ž ๐‘ก๐‘ข๐‘Ÿ๐‘’
๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’

๐ธ๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ก๐‘’ ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘–
๐ท๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘’๐‘’ ๐‘ ๐‘–๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘œ๐‘œ๐‘Ÿ๐‘”๐‘ข
๐‘ค๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘– ๐‘›๐‘Ž ๐‘š๐‘–๐‘–๐‘ก๐‘’๐‘’๐‘“ ๐‘–๐‘š๐‘š๐‘œ
๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘๐‘๐‘–๐‘–๐‘› ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘ข๐‘ข

        โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
  โ”—โ”โ”โ”  โ”โ”๐Ÿ’žโ”โ”  โ”โ”โ”โ”›
       
   
#๐š†๐™พ๐™ป๐™ฐ๐™ป๐™พ๐™พ_๐™น๐™ฐ๐™ฐ๐™ป๐™ฐ๐™ป๐™ฐ๐™ฐ

                 ๐‘บ๐‘ฏ๐‘จ๐‘น๐‘ฌ
                 ๐‘บ๐‘ฏ๐‘จ๐‘น๐‘ฌ

          ๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ…น๐Ÿ…พ๐Ÿ…ธ๐Ÿ…ฝ๐ŸŒน๐ŸŒน
         


@obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Harkisa jaalalaa...
......

Maali jaalalichi
Maaltu si harkisee?
Eessa koo jaalattee
Maaltu si rakkisee...???
Silaa ani hiyyeessa
Harkaa hin qabu meetii
Isayyuu ormadhaam
Silaa diina keetii.......!
Silaa an yakkaamaadhaa
Cubbuudhaan kan guutee....
Maaluma siif goonaan
Darbitee naaf duutee....?
Maaluma siif goonaan
Samiirraa gad dhuftee?
Gatii cubbuu kootii
Dhiiga keetiin cuftee?

.....
Dadhabaa jaalattee
Dhiphina hirattaa....?
Beekaan osoo jiruu
Wallaalaa filattaa....??
Waaqummaakee dhiiftee
Miila namaa dhiqxaa.....
Dhoqqeefii raqraqii
Laalaa natti siqxaa...?

Maali jaalalichi
Maalumaaf gad buutee??
Ani eenyu taanaan
Darbitee naaf duutee๐Ÿ˜ญ??
........
Cubbamaaf darbitee
Ba'aa cubbuu baattaa
Nama yakkamaadhaaf
Lubbuu kankee laattaa....
......
Jireenyiif boqonnaan
Dhiigakeerraa maddaa
Safuudha uumaa koo
Maali jaalalli addaa.......
Gatii nan gaafanneem
Tola natti siqxee......
Manca'aa jiruu koo
Dhiiga keetiin dhiqxee...
Ofii keetii baattee
Fannoo koo naaf yaabdee
Dhiqxee qulleessitee...
Fuula abbaa na dhaabdee....โค

@obsiilink
Forwarded from OBSAA CHANNEL
Si jallachu kooti gabbee hin bekku yommiyyus gabba jedhe hin yaadu malifi itti yaaden wanan sii jalladhef wa'ee kee yeron yaadu waggota darban guyyota bay'ee bareedan dabarsin sanan yadaadha.

Baredina kee akka biftu barii Batu fi bareedin ija kee akka urjii galgalaa bahaan caala akka baredan shakki hin qabu.

Ammalee wa'ee kee yaadun hin dhisne guyya guyyaati wa'een kee har'aawa dema lubbuko  amma sira faggadheyu gafan wa'ee kee yaadu akka wal bira jirutin yaada yaadniko  si bira faggate hin bekku sagaleke inni akka kilolee sana gafan sii yaadadhu gurra kooti dhufa.

Garuu anaf atti jalali koof kee nuu maarachera otto itti hin yaadin gaafa hirriyyota ko kessa sagalee ol fudhatee naa waamtu bay'een biradha garu gafan itti yaadu jalali dhugaa of sii walaalchisa Waqayyo qalbi nuuf haa laatu naa jiraadhu Bโค๏ธKoo jalala kee dhabu jechun akka qillensa kanan dhaabetin ilala .
Lubbuko fayya naa ta'i sin jaladha โค๏ธ

Bโค๏ธ koof
From by. Galo. Wan 
Ergaa kaa'uf ๐Ÿ‘‰ @Walaloo_bot
@obsiilink
Forwarded from Walaa_Meme
Akkuma beekamu Notcoin amma dura tap tap godhanii telegram kana gubbaati malaqa akka dalagama ture San dhummee jira


Amma Oso kun isin dura guyyaan hin dhumnee seenati eegala


Maqan isaa solana coin ja'ama link kuno as jalaan isiniif kaayati seenati #start ja'a eegala obboleyan itti fayyadama oso guyyan hin dhumne dafaa ammuma seenati tap tap godhaa

https://www.tg-me.com/tapswap_mirror_2_bot?start=r_696932100
2024/05/19 20:41:46
Back to Top
HTML Embed Code: