Telegram Web Link
Bilookoo ilaalcha barbaaddee naaf qabaachuu dandeessa ani
garuu sif qofan jaaladhee si qofan jaaladhas, oolmaa koo har'aas akka waan jireenyi koo kana
ta'eetti na madaalchisuu danda'a.

Ani garuu har'an yeroo duraatif mana kana fi mana kana
fakkaatu seene, by the way dhimma baa'en qaba ture, dhimma hunda caala iddo kana oolun koo
siyi dhimmaatoo guddoo ilaalufan" jedhee yaadarratti yaada dabaleef.

Biliseen akkuma dura
Olaanaa waaliyaan macheesse mugsiise Bilisees jaalalli mugsiiseera. Bilookoo na jalaa
dubbadhukaa maaloo jedheen isheenis akka waan waltajjii wayirratti haasauuf jirtuu sagalee
qarattee otoo ittin yaadin maal jettee Olii jetteen,garuu keessa isheetti nii rifatte.

Olaanan obsa dhabe yenna inni fuula ishee dhungachuufmorma itti dabsu,lakki Oliikoo jettee harka isaa
morma isaatirraa buuftee kan ishee morma isaatirra ture bobaa jalatti deebiftee koottu sin baasa
jettee qajeelchite....Itti-fufa.

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ !!!

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

YaadaafπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@miss_man1
KUTAA 6️⃣ffaa


ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA

...Qajeelchite. Yoo bahanii oddoo hoteelichaa keessa dhaabatan, tilmaaman sa'aatii 1:30 ni ta'a.
Samii urjiin uwwifame malee lafti dimimmiseera hin mul'atu. Olaanaa amma guutumatti machiin
isaa irraa galeera,yoona Bilisee karaa namni ittin bahee galurraa maksee haasofsiisuu eegale.
Harka mirgaa ishee isa akka tirsuu godhee gadi isa baase,mudhii isaatirraa kaasee gara hidhii
isaa geeffatee altakka dhungoodhan galeefii morma isaatirra loosun gara lapheesaa fudhate.

Olaanaa:"Maaltu sitti dhagahama,akkan kaannarra hin turremmoo atuu ragaadha,maalif ammoo
sitti fakkaata"jedheen dhahannaa onnee isaa akka kirkira lafaa rekter iskalin isaa olka'erra harka
ishee kaa'e.

Biliseen garuu homaa hin dubbattu haalli jiru marti abjuu itti fakkaataa jira,garuu
ammoo wanti ta'aa jiru kun baayee isheetti tolaa jira,harka mirgaa ishee isa onnee Olaanaa
dhikkisu sanarra jirutti,harka ishee bitaa tafa isheerra rarra'ee jirus itti dabaltee Olaanaa
hammachuu barbaaddi,garuu safumaaf obsite utuu keessi ishee ishee hin ajajin boonuu
barbaaddi,tasa tasa garuu akka qoosaa fakkeessitee jechoota jaalalaa Olaanatti darbatteet gubaa
onnee isaatitti gaazii dabalti.

Haalli keessa jiru Olaanatti baay'ee hoo'e, waan baay'ee haasa'uuf
karoorfatus haala amma irra jiruun garuu us jedheetuma hammatee dhungachuu
barbaade,hammates,adda isheerra dhungate,nyaara qal'atee walxuquuf jedhe sana gidduu darbee
boquu ishee koshammii bilchaate diimate fakkatu sana dhungate. Yeroo haalli kun hundi
raawwatu Biliseen aangoo Olaanadhaaf dhiiftee waan garaa isaa yaa godhu waan jettuu
fakkaatti, bishaanuma gabateerra taate waan inni godhuuf jedhu asif achi jechuun haala
mijeessufii malee ni ta'a hin ta'us hin jettu.

Olaanatti garuu haalli kun bitaa itti gale, "akkuman
gaaf duraa shakke intalli kun durba qaama ishee gurgurattee bultuuyii?"jedhee,har'uma of
gammachiisee deemuf boquu isheetirra gara hidhii isheetti jedhe. Gaafa kana Biliseen itti
baannantee,"lakkii Olii galuu naaf wayya natti qorreera atis gali baay'ee sitti dhiheeraa"jetteenii,
Olaanaa karra gadi baaftee ofiis gara hoteelatti ol deebitee sa'aatin galuumsa ishee gaheetuu
darbeera uffata jijjiirratteetiniin gara mana isheetti sokkite. Qaaman adda bahan malee halkan
san yaadan walfaanaa bulan,Biliseen hirriiba ishee,Olaananis qo'annaa isa dhaabee yaadan
walgaadaa bulan.


Olaanan erga makiinaa karra isaanii fuldurattii yaabbachuu dhiisee karra warra Atinaaf irratti
yaabachuu jalqabee guyyaan bubbuleera. Olaanan kan durii caalaa sababa isaatin Bilisee
argachuuf jecha Atinaafif hiriyaa cimaa ta'eera,ganama yeroo hunda Atinaaf osoo hin yaamin hin
dabru,gaafa Biliseen daftee hoteelicha galtee boquun ishee hanga qunca'utti dhungoodhan waan
ishee dhabsiisa,isheenis ni dhungattin hanga inni ishee xuuxu ta'uu baatus.

Haalli isaanii kun guyyootaf itti fufeera. Atinaafif haalli Olaanaa itti bitaacha'aa jira,Olaanaan kan yeroo biraa bilbileefitumarree ka'i hin
jenneen,har'ammoo hanga qe'eetti, dhufee yaamun isaa,qe'ee dhufuu qofa osoo hin taane hanga
kutaa hoteelatti ol deddeebi'uun isaa daraan shakkii keessa isa galche. Osoo haala kanaan jiruu,
gaaf tokko olaanaa keenyaa manaatitti hirkatee kutaa hoteelaa keessatti Bilisee faana haasa'u
arge....

Itti fufa....

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦!!!
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

yaadaafπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@miss_man1
Kutaa 7ffaa


ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA

...Bilisee faana haasa'u arge. Callisan turtii muraasaf erga ija isaa adii gaggaragalchee ilaalen
booda dubbi tokko malee of-rra garagalee deeme. Biliseen hidhii ishee walitti cimmiddee,nyaara
ija ishee wawwarraaksaatee mallattoodhan gosh baga waan jettuu fakkaatti.

Olaanaa garuu haalli
Atinaaf itti bitaacha'eera yoo kana Atinaaf hordofee kutaadhaa bahe,Atinaaf,Atinaaf jechuun
faana bu'ee "garuu maaltu akkana si godha foon hin nyaanne saree irra hin dhoowwanii" jedheen
Olaanan Atinaafin.

Atinaafis waan akkas ta'eef sababa quubsaa hin qabu haalli inni ta'e kun
isaafuu hin galle,garuu keessii isaa baay'ee jeeqameera. Gaaf sanaaf sadeen
isaaniyyuu(Olaanaa,Atinaaf fi Bilisee) miira addaa keessummeessaa oolan.

Olaanaan Atinaaf
walitti dhufeenyi isaa fi Bilisee qofti akka bo'uu itti ta'aa jiru ni beeka,garuu mammaaksa "kan ija
dhiibee senetu garaa guutee baha" jedhun onnee argachaati ijji hammeenyaa Atinaaf osoo isa hin
dhoowwin hoteela warra Atinaafittii araada jaalallee isaa Bilisee bahuuf deddeebii isaa itti fufe.

Itti gaaf akka tasaa Atinaaf osoo isaan waliin jiranuu itti dhufe isa aarsudhaaf jaalala isaanii
caalatti miira addaa keessa seenanii waliif ibsu. Yoo kana Atinaaf sababa dhabe malee osoo
isaan lameeniyyuu osoo hudhee itti tola. Olaanaa fi Biliseen Atinaaf inaafsifna jedhan malee
jaalallii onnee isaan lameenituu qotee seenee itti hammaateera, Olaanan baruumsa akkan jaalatuu
fi cimina isaatin dorgomaa kan hin qabne irraanfateetin waa'een isaa hundi Biliseedhuma ta'eera.

Biliseenis hojii duraan irratti cimtuu turte amma ammoo haalan dalaguuf gargaarsa
barbaaddeetti,Bilisee san fidi,kunoo achi jedhamtu malee,ofiin waan dhiyeessuu qabduu fi iddoo
fuutee dhiyeessituu wallaaltee jirti.
Amajjii 9,1999 ayyaana cuuphaa sababeeffachuun gugsiin fardaa toora Olaanaa fa'atti
beekamutu ture.

Waggaattii altokkoo waan ta'eef hawwii guddaadhan eegama. Sirnicharratis
Olaanaa fi Biliseen hawwii guddaadhan eegachaa waan turaniif gaaficha haala addaatin yeroo
walhammatanii,takkaa waldhungachaa takkaa ammoo walcunqursaa cimdiwwan sirnicha
hoo'isan keessa tokko ta'aniiru, utuu xiyyeefatanii isaanuma daawwatanii aktaroota laman
hindootaa fafakkaatu.

Sirnicha erga xumuraniin booda hoteela Biliseen keessa
hojjattu,hoteelawarra Atinaafitti waarisiisuu barbadanii waarisiisanis. Akkuma olseenaniinis
Olaanan biiraa Waaliyaa,Biliseen ammoo lallaafaa fudhattee. Erga baay'ee taphataniin booda
hiriyaan mana baruumsaa Olaanaa itti dhufee waan baay'ee waliin taphachaa waliin waarisiisan.

Hiriyaan Olaanaa Iyyoob durumayyuu dhugaatii waan fuffudhatuuf miirri addaa itti hin
dhagahamne,Olaanan garuu bay'ee machaa'ee kudhan Iyyoobin dhungata. Biliseen jaalallee
kootii miti haadha warraa kooti malee jedhee si'a lamaa fi sadi ol Iyyoobitti himeera. Biliseen
har'a Olaanaa akka obboleessa wagga heedduu waliin jiraataniitti kunuunsaa jirti.

Dhugaatiin Olaanaadhaaf hin taane gad deddeebisiisuu jalqabeera yeroo kana hunda garuu Biliseen akka hadhaa
ta'aafii jirti. Halkan keessaa sa'aatii 6:00 ta'eera sadeen isaanii keessaa fooyyee qabdi. "Olii borii
mataa si bowwaafata ka'ii gali sa'aatin deemeeraa"jetteenii ka'anii hoteelichaa bahan.

Mannii Bilisees hoteelichatti dhihoo ture. "Oliikoo baay'ee dadhabdeerta har'a manuma koo yoo bultehoo"jetteen Biliseen. Olaananis quba isaa afrattii sossaasaa "lakkii abbaankoo eessa bulte
jechuun natti dheekkama, kanaaf galuu naaf wayya Biluukoo"jedhen. Iyyoobinis "abbaan isa
baay'ee nama ulfaatoodha. Yoo ta'uu baatellee manaan geenyee anillee hagas mara sodaa
maatii hin qabu, deebinee dhufnee walin bulla jedheenii....

Itti fufa!
πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦!!!

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Kutaa 8️⃣ffaa


ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA


...deebinee dhufnee waliin bulla jedheenii Olaanaa erga manaan gahanii booda Iyyoobif Biliseen
gara mana Biliseetti kutan. Sa'atin isaa halkan keessaa gara 3:00tti tilmaamama,ta'uus namoonni
dhimma garagaraaf magaalicha keessa waarisiisan ni mumul'atu. Biliseen gar malee Iyyoobin
sodaachaa jirti,nama kanaan dura wan isaa tokkoyyuu hin beekne faana sa'aati kanaan karaarratti
argamuun sodaa guddaa ishee weerarsiise.

Hanga mana geeysutti si'a sadii ol Iyyoobirratti
bilbilterti:takkaa-nagaan galtee Oliikoo jettiin,takkaa ammoo Oliikoo sodaadheraa maalii jettiin.
Gaafa lafa ibsan hin jirre geeysu akka nama abjuu sodaachisaa keeysaa kaatetti barrarti,Iyyoob
yeroo faana ishee fiigu waanuma wal hari'aa jiran fakkaatu. Itoo akkas jedhanii mana Bilisee
gahan.

Iyyoob baay'ee gaddee keessa isaatti "intalti warasbessuma bosonaa na goote moo?"
jedhe,fuula isaatirraa wanti dubbifamu nama garaan roora'e fakkaata.

"afachu an kan jedhu isin
dhiira akka namaatti kan ilaaltan hanga dukkanaa'utti qofaa,moo kanaan dura gadhummaa koo
maal dhageesse,halkan waraabessatti jijjiirama siin jedhanii,dhiirti kan jedhamu martinuu waan
miirri isaanii sammuu isaanii aalee isan bitu sitti fakkaataa?,akkamun obboleettin koo akka hin
gufanne hin barbaanne,obboleetti nama biraas akka gufattu hin barbaadu ati intala maatin keeti fi
hawaasni kee imaanaa guddaa sirra kaa'anii jiraniidha kanaaf si miidhun namoota kana mara
miidhu ta'a.

Kana gochuuf ammoo ani baandaa miti,ija kanaan otoon akkuman dura yaade si
faanan bula ta'ee hirriiba malee bulta jechuudha,jedhi nagaan buli aluma kanarreen dhaabe
bulaa"jedheeni erga akka aarii fi akka marartee fakkeessee waan baay'ee itti haasa'een booda
ofirra garagalee kutuuf jedhe. Biliseenis gocha gootetti qaanofteerti,Iyyoob balaa isheetin osoo
waarra bu'ees seeran gaafatamuu baattullee sammuun ishee bara guutuu akka ishee komatu
yaadun Iyyoobitti kaattee "an akkas yaaduu kooti mitii magaalli kun galgaloofnan sirrii
miti,dhiirri akka keeti yaadu jiraatus akkuma atuu jettee akkuma waraabessaa galgala eeggatee
kan waraabessa namatti caalus guuteera" jetteenii sodaan ishee akka isa hin taane sobde.

Erga galanii kutaa Bilisee keeysa gahaniin booda Biliseen "Iyyobee buna yoon dhaabehoo"jetteen.
"lakkii hin barbaachisuu" jedheenii fayyuma taa'anii haasa'uutti ka'an. Namni kamuu seenaa
bareedas yaraas yaa ta'uu seenaa mataa isaa fi mudannoo isaa hin dhabu,dureessas yaa ta'u
hiyyeessi,roorrisaas ta'ee inni roorrifamu seenaa mataa isaati qaba.

Bilisee fi Iyyobis erga seenaa
isaani hanga tokkoo waliif qoodanii booda jaalallii obbolummaa onnee jara lameeniyyuu seene.
"wayyoo Biloo tarii otoon dogongoree nama akkattii seenan isaa nama mararu miidhe ta'eetii hin
jiraadhu ture"jedhee imimmaan isaa dhangalaase. "homaa nan gooneem atimmoo nama
gaaridha,cufaa anatuu si mufachiise,akkuman si mufachiisen osoo galte ta'eetii garuu gaabbi
keessa kootii hin baanenan haleelama ture"jetteenii gara Iyyoobitti siqxee imimmaan irraa
haxaawuu jalqabde.

Osoodhuma taa'anii takkaa qoosaa,takkaa kolfaa jiranuu Biliseen dadhabdee
morma ishee Iyyoobirra conqolaaftee sodaa tokko malee rafte. Iyyoobitti lapheen isaa
dibbeedhuma itti ta'eera,utaalee na keeysaa bu'inaa sodaataa jira amma. Fuula ishee guyyaa ija
hatee sossodaachaa ilaalu sana amma daangaa malee ilaalaa jira. Hidhiin ishee osoo xuqee waan
irraa citee lafa bu'uu itti fakkaata.

Morma ishee jalas osoo dhungatee waan dhiigee bariisaa Biliseedhaa wabi dhaabatuuf itti fakkaata. "maal kana kaa Olaanadhaa DV tu bayeefii"jechaa carraa olaanaa
eebbisuutti ka'e. Baay'ee gammadaa xure osoo haalli akkanaa guyyaarraa ta'eefii hawwii isaa ture.

Osoo haala kanaan jirani bariin lafaa ga'ee bariite. Biliseen jalqabaaf yoo hirriibarraa kaatutti
baay'ee naatee rifaatuu Iyyoobin darbattee utaalte,yoo deebitee isa galgalaa yaadattu garuu, "Ooh
dhiifama Iyyobee sammuu haaradhaan gatiin dammaqeef jetteenii, akkuma teessetti bultemoo ati
maalif hin rafne"jetteenii akka seequu taatee ka'i amma nutti barfateeraa jetteenii itti jettee boquu
isaa dhungoon hal
eelte.

Iyyoob baay'ee keessi isaa wal-lolaa jira "ani Olaanaa caalefiin jira jechuudhaa moo
obbolummaa ta'uu isaati wanti kun maalumaafuu an takkaa durfameera yaada fedhe haa
yaaddu,wanti kamuu isheerraa hanga dhufutti hunduu keeysa koo yaa taa'u" jechaa abdiin taane
onnee isaarra kaa'e.

Ganama keessaa sa'aatii 2:30tti tilmaamama. Iyyoobi fi Biliseen akkuma jaalalleewwanii
lamaanin bareedanii mana Biliseetii gad yaa'an. Hanga hoteela Biliseen hojjattu gahanitti
walfaana,deemaa turan. Tasa isaanuu walgaggeessuf walitti maramanii waldhungatanii Olaanan
gara hoteela warra Atinaaf Bilisee nagaa gaafachuuf fiigu tasa ijji isaa isaanirra bu'e.

Waan galgala ta'es irraanfateera, waan arge amana hin jiru,yoo hoteelicha seenus dhuguma inni arge
Bilisee turte saffisaan ofirra deebi'uun taaksii isaa seenee mana baruumsatti kute. Akkuma
jalqaba gaafa ishee arguu sana keessi isaa miira addaa keessummeessee oole garuu faallaa gaafa
duraa. Guyyaa waareen booda toora sa'aatii sagalii Biliseen sagal karra hoteelichaatti baatee
Olaanaa ilaalaa jirti,haala isaa gaafachuuf hiriyaa gaaris akka qabu itti himuudhaf.

Garuu Olaanan konkolaatadhaan darbee gale. Borumtis konkolaataa qa'eedhuma yaabachuun darbe.
Bilisee yaadni galeera,tarii abba isaatu akka inni as deddeebi'aa jiru baree hordofaa eaan jiruuf as
hanqatee jettees yaadde.
Gaafa guyyaa sadaffaa Biliseen obsa dhabuun ganda warra Olaanaa dhaquun karra warra
Olaanaa dura dhaabattee karra alaa warra Olaanaa rurrukuttee....

Itti fufa...

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ !!!


Yaada qabdaniig πŸ‘‡πŸ‘‡

@miss_man1

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Kutaa 9️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA


...karra alaa warra Olaanaa rurrukuttee gaafa Olaanumti mataansaa itti gad bahu baay'ee naate.
Ija isaa osoo ilaaltee hin quufin karra gad deebisee itti cufatee mana gale.

Isheen garuu iddoo
dhaabattee hin warraaqne,iddoodhuma jirtutti ofirra gad teesse imimmaan lakkuu lolaafte,"onnee
koo qulqulluu kan eenyumtuu banee hin beekne baneefin akkasitti of tuffachiisaa"jettee heedduu
sheenofte.

Turtii muraasan boodas gara mana isheetti deebite, garuu of wajjin hin jirtu.
Olaananis garmalee jeeqame,gaafa san sadeen isaanii waliin turuu isaanii yaa yaadatuu
malee,haalli ittin Iyyoob Bilisee faana bule isaaf ifa miti.
Lameen isaaniyyuu garaa waldhokfachuudhan kopha kophaa isaanii yaadan waxalamaa jiru.

Iyyoobis obbolummaan Biliseen garmalee itti agarsiifte itti bitaacha'eera sammuun isaa yaadaf
saaxilameera. Garuu Olaanaan hiriyaa inni haalan jaalatu gatii ta'eef shira akkanaa irratti
hojjachuu hin barbaanne yoo Biliseen akka inni yaada jiru kana taateyyuu akka ishee amansiisee
Olaanaa qofaaf akka taatu of amansiiseera.

Erga Bilisee faana bulee Iyyoob guyyaa afraffaatti Olaanadhaan walarge. "Olii keenya dhugaa
siin booneera,na boonsiteerta,intala akkanaa dhuunfachuun kee goota si jechisiisa"jedheenii
nagas gaafatee Olaanatti marame. Olaanan garuu ijaan ilaaluu malee Iyyoob faana haasa'aa hin
jiru,"Olii maal rakkooti jira cal na jalaa jetteem"jedhee gaafate.

Olaananis "silaattuu biyya
kanatti maqaa gootaa caalaa maqaa hattuutu leellifama,wallaalaa harka beekatiin bofa qabetuu
leelifama,kunoo anis itti dadhabee siif dabarse mitii,ati gamna nyaatteetuu ana gowwiyyoo afaan
dibuu barbaadda mitii" jedheenii biraa kute. "Olaanaa dhugaan san miti,dhugaa narraa
fudhadhu,Biliseen baay'ee si jaallatti siif qofa jaalallee taatus dhirota akka kiyyaatif ammoo
obbolettii qulqulluudha,mamii fafee kanaan akka mucayyo akkan si jaalattu dhabdee booda hin
sheenofne"jedheenii akka akeekkachiisatti dhaamef.

Yoona Olaanas waatu sammuu isaatti
dhagahame dogongorri dogongora isa ta'innas shakke. "tole waan ati jechaa jirtu dhugaadha yaa
jedhu,bira bultee hammattee yoo deemtuhoo obbolummadhuma jedhee fudhadhu?" jedheen.

"si dhiba galgala sana Billiseen akka waraabessaatti na dheessa turte hanga mana ishee geessutti,
anas baay'ee natti dhagahamee ture situ akka akkanaan na dheessitu gorse jedheenis sittiyyuu
qabameen ture,edaa isheen jiila qabdi,hunduma waa'ee ishee na taphachiifteerti
obbolummaadhanis onnee koo bitte"jedheenii Iyyoob Olaanatti mataa raasee,"garuu otoo si ta'ee
imaanaa koo ni nyaattaa jechuudha,'haati hattuun ilmoo hin amantu' jedhama mitiiree homaa miti
"jedheenii ammas mataa isaa itti raasee Olaanaanaa boquu buusise.

"lakki ani sin amana ture
garuu machoofteerta gatii ta'eef yoo dogongorte jedheen mame malee,ta'us ammoo si caalaa
Bilookoo mufachiiseera dhiifamayyuu waan naaf gootu miti"jedhee gaabbidhaan dabbasaa mataa
of cire. Akka Biliseen hanga qe'ee isaanitti dhaqxee inni garuu heyyemama hin turrees itti hime..itti fufaa

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ !!!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

yaadaafπŸ‘‡

@miss_man1
Kutaa 1️⃣0️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA


Erga baay'ee haasa'anii yaadan walii galanii booda yeroo mana baruumsatii deebi'an akka
hoteela warra Atinaafitti goranii Bilisee nagaa gaafatan walii galan. Guyyaa keeysaa sa'aa sagal
ta'eera.

Olaanan tibba kana taaksii hanga qe'ee yaabachaa ture har'a garuu akka yeroo jaalatu
sanaa Iyyobin faana hoteela warra Atinaaf fuulduratti irraa bu'e. Ol seenan kutaa Biliseen
hojjattus dhaqan garuu Biliseen hin jirtu,hiriyoota ishees yoo gaafatan "amma kana sa'aan booda
baate,haalan hin taane keessas akka jirtu natti himteerti.

Hojiis dhaabdee akka ganda isheetti
deebitus natti himteerti,maal goona heedduu kadhannus nu hubachuu hin dandeenyee,egaatii
hoteelichi cufamuu isaati harki caalan namaa dhugaatif osoo hin taane akka godhambaatti
isheedhuma daawwachuu dhufa"jettee dhaabatichi sodaa guddaa keessa akka jiru itti himte.

Olaanan faanti gara mana Biliseetti kutan,qe'ee ishees gahan. Yoo balbala bananii itti ol seenan
Biliseen daraan of gatteerti, itoo mana ishee ta'uu baatee itoo homaan mamin Bilisee miti
jedhanii deebi'u ture. "anatu kana hundaan si ga'e waan ofii too"jedhee Olaanan immimmaan
jaalalaa ni cobse osoo hin taane roobsee iddoo Biliseen teessutti jilbiiffatee itti marame.

Biliseen Olaanaa of irraa darbitee,"an isheen kaleessa balbala natti cufte sanidhaam,hiyyeetuma yeroo
barbaadde gammachuu keetif jecha hammattee dhungattee gaafa sitti tole ammoo hanga
qe'eettiyyuu dhuftee yoo si kadhattu hasmilee cabsitu sanidhaam,an isheedhuma sana hiyyeettii
onneeshee lamuu akka namatti hin dhiyaanne dhagaa gootee,ishee kaayyoo ishee malee
hambiftee seenaan koo dura sitti hime sanatti na deebisuuf deemtudhaam,har'ahoo maaltu
argame, DVtu baheef siin jedhanii,moo kana caalaa na miidhuuf yaadde?" jetteenii akka isaan
dallaa sana dhiisanii bahaniif itti caraante.

"Biloo teenya diis kaa dubbin akkas mitii
bar,Olaananis gatii si jaalatuufidha ammana sirraa fagaachun isaa,waan boruuf si abdataa turee
garuu waan hin fakkaane shakkee akkanaan sitti jabaatedha,bari mee osoo sin jaalatu ta'eetii si
dheessun hin barbaachisu sobee si sossobeeti fedhi isaa qofa guuttater badheetti si gata
ture,garuu si miidhuu hin barbaannee"jedheenii akkuma dura Olaanadhan lole Biliseedhanis
loluu eegale.

"amma asumatti na eegaa" jedheenii wayinii Awaash lama bitee gara mana
Biliseetti deebi'e.
Akka jalqaba gaafa wal arganii yaa ta'uu baatuyyu malee Olasna fi Biliseen haraaramanii waliin
kolfa jiru. Osoo haala kanaan jiranuu galgaloofte.

Olaanan"Iyyoob Bilisee bira bulikaa an abbeen
na loluu danda'a niin gala"jedheen. Iyyoobis osoo hin beekin Olaanatti akka malee caraane "siyi
garuu si dhukkubaayii,hanga yoomitti abbee abbee jetta,isaan yoo ta'e sababa uumnetuu sobna
ati buli ani nan galaa" jedhen.

"Olii koo nan jaalatuuyi,lammata na dhabuu barbaaddaa,Iyyob
akka as bulu anu hin heyyamu har'a"jettee utaaltee Olasnatti maramte. Iyyobis "anuu hin
bulu,jedhaa nagaan bulas jedhee balbala saaqee sokke. Olaanafii Biliseen akka walitti marmanitti
hafan lameen isaanittiyyuu baay'ee hoo'aa jira…….

Itti fufa...

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦!!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

YaadaafπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@miss_man1
ASOOSAMA GABAABAA

   ONNEE DHUGAA

         KUTAA 1⃣1⃣ffaa


...Olaanaa fi Biliseen akka walittii marmanitti hafan lameen isaanittiyyuu baay'ee hoo'aa jira. 
Biliseen harka Olaanaa lameen morma ishee hammatee jiruu suuta ofirraa kaasaa fuula ishee 
fuula isaatti naanneffatte. Fageenya miilidhan lakkawamuun fuullee walii jiru. Olaananis "kana 
caalaa maalikaa fardis dirreenis kunoo jedhee afaan isaa afaan isheetti qadaade. Biliseenis 
muxannoo buskataa(kissing)yaa beekuu baattuyyu malee,jaalalaan fajajjee afaan ishee banteefii 
akka isaaf tolutti Olaanaa hidhii ishee hoosifte. Olaanan dubara hanga keessaa fixutti 
hoo'isuu(warm up)itti beeka,gasfa inni harka isaa mirgaa morma ishee jala ture fuudhee harma 
isheerra kaa'u,Biliseen akka malee birrifte waan qabdee gadlakkiftu wallaalte.

Osoo haala kanaan 
jiranuu lafaan walgahan, Olaanan Bilisee morma isaa jala galfate. Amma dabbasaa mataa ishee 
susukkumaa, takka takkaammoo dhungata. "kennaatoo otoo beelli,dheebuun,duunis dullumtis nu 
irraanfattee addunyuma har'a keessa jirru kana keessatti sekondiifillee otuu wal hin gallakisin 
hafne maal ta'a?"jedheen.

Biliseenis morma Olaanaa jalaa baatee "kennaakoo maal nuti 
naafadhamoo"jettee itti qooste lameenuu kolfanii yoona Biliseen ija keessa mararteedhan ilaaltee  "Olii uffata kee ni baafattamoo jetteenii Olaanuma 
fuulduratti uffata jalaa ishee qofa gattee uffata ishee ofirraa baaste. Olaanan garuu waadaa ofiif 
gale qaba "amman gaa'ilaan mana kootin gahutti dhaqna ishee biran gahu"jedheera ta'us har'a 
moo'amuuf cinaa gaheera. Lameen isaaniyyuu yaafatanii waljala lixaniiru,Olaanan garuu dugda 
isaa itti dabsee irra garagalee ciisaa jira."Oliikoo maal ni sodaattee ani bar har'a obboleetti 
keedha, borummoo haadha warraa kee na hammadhu malee maaf sodaatta" jettee fedhii Olaanaa 
keessaa laboobaa ture guutumatti ajjeefte.

Yoona Olaanani murtoo dhumaa argate kan dura 
fedhii ishee beekuun rakkisaa ture amma namuma inni yaadaa ture taatef, hamma qaamni 
isaanii madaa'uttis wal hammatanii bulan. Haadha manaa fi abbaa manaa yeroo dheeraa waliin 
jiraatan fakkaatu malee jaalalleewwan jalqabaaf waliin bulan hin fakkaatan. Olaanaan jalqabuma 
kaayyoon itti dhiyaatef harka qabee milkaa'ina ishee arguudhaf malee akka lamuun kaanetti 
seena ishee xureessee deemuu hin turre.

Bilisees taanan waan battaluma fedhii foonif moo'amtu 
miti, imaanan haadha ishee kophaa ishee obboleessa Bilisee Olaansaa guddissa jirtuu sammuu 
ishee keessa jira. Ganamnis nii bariite Biliseen dursitee kaatee buna dhaabdee,ciree qopheessitee 
Olaanaa siree irraa waamtee nyaachiftee obaaftee haadha manaa gaarii akka taatuf gamanumaa 
dhaamtef. Walhammatanii gara asphalt qajeelan Olaananis gara manaa Biliseen ammoo gara 
hoteela keessa hojjattuutti qajeelan. Atinaaf mana fincaanii gad bahee tasa Olaanaa dallaarran 
arge,"eessaa galammoo barraaqa kanaan,mucaan kun mana dhugaatii buluu jalqabeeyii akkuma 
Baacaa"jedhee osoo mamaa jiruu,Biliseenis kara balbaatin itti ol lixxe, fageenyi isaan lamaan 
deeman akka isaan walfaana turan namatti mul'isa.

Kanumarraan Atinaafis Olaanan akka Bilisee 
faana bule shakkuu jalqabe. "intalaa alatti of jajja malee manatti si dhufnaan hunduu mijataadha mitiiree?,afachukaa Baacanis maalif asitti dhaanama mana akka dhufun gorsaa"jedhee itti 
seeqe. "Atinaaf yaadii haasa'i"jettee bira kutte. Atinaaf hordofee kutaa uffannaa ishee faana 
olseenee,kutaa keessas ishee malee hoomtuu hin turre…

Itti-fufa....

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ πŸ‡¦

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

YaadaafπŸ‘‡πŸ‘‡

@miss_man1
KUTAA 1️⃣2️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA

...Kutaa keessas ishee malee hoomtuu hin turre. Biliseen daawwitii kutaa ishee jiru keessatti
Atinaaf akka duuba ishee jiru hubatte. Ofirra garagaltee "Atinaaf wayyaa jijjiirrachuufan
bar"jetten. "dur anatti himtee jijjirrataa turtee" jedheenii itti siquu eegalee, itti siqees bira gahe.

"Bilisee namni ormaa kan ati waayee isaa tokkoyyuu hin beekne faana akka garaa isaa
taataf,anaa fi maamila keenya garuu nutti boonta" jechaa harka isaa lamaan morma isheerran gad
naqee jaakkeeta isheen uffattee jirtu irraa baasuuf ka'e. Biliseen dubbatachuuf sodaatte, yaada
keessa galteerti,akka bakka bultii dhabdu yaadas jirti. Atinaaf garuu waan miirofte itti
fakkaatetiin itti muddaa jira.

Waan hundaa raawwachuuf balbala kutaa ishee cufee gaafa gara
ishee deebi'uu Biliseen sagalee boo'ichaa malee imimmaan ofirra dhangalaasaa jirti. "kun maal
akkana godhatti,intalaa saree wajjin hin ciiftuu bar,yoo ta'es ammoo isa galgalaa sana hin
hanqadhu"jedhee duubarraa gara fuullee ishee darbee akka buskachuu tokko godhe, akka isaatti
warm up dha,Biliseedhaf garuu cool down ta'e.

Kanaan booda otoo hin jaalatin akkuma dubara
mana bunaa kamiittuu maamilaa warraAtinaaf qaama isheetin akka gammachiisuu qabdutuu itti
mul'ata. Silaatii iyyitee gochaa irratti raawwatamaa jiru kana ofirraa hambiftii garuu,"asii bahee
iddoon dhaqu hin qabu,harmeefii obboleessi koos guyyaarra harka koo eegu ani guyyaa
tokkoofillee yoon rakkadhe,isaanis sanuma,Olaanaa yoo ta'es waan naaf godhu tokkoyyuu hin
qabu,na jaalatus anaa fi maatiikoo gargaaru ni dhiba" jettee yaada baaftee buuftee rakkoo
isheerra gahaa jiru osoo ijji ishee roobduu,afaan ishee qabattee fudhachuuf dirqamte.

Sa'aatin M/B gahuutti jira. Atinaaf waraabessuma arbatti gamu ta'e,Biliseen itti cimattee
jirti,carraa akkanaa lammaffaa akka hin qabnes hubate,aboo maaltuu akkanatti si gogsa jechaa
isheenis salphumatti kabaja waggootaf baatte kana kennuun marareera. Amma jarri lachanuu wal
mormaa jiru. Biliseen qaaman wixirfatti ofirratti boochee caraanti. Atinaafis takkaa ishee kabalaa
takkaa ammoo nii dhungata.

As gidduutti garuu waan hin yaadamne tokkot ta'e,Olaanan akkuma
barate,gara kutaa Biliseetti seenuf gaafa fiigee dhufu kutaan cufaa itti ta'ullee wacni sagalee
wave(dambalii) uumee al tokko ol al tokkos gad jedhaa dhagahama. Yoona Olaanan itti dhyaatee
erga dhaggeeffateen booda waan smanuu hin dandeenye dhagahaa jira. Atinaaf "sin ajjeesa har'a
na harkaa baatee,deebitee mana kana hin dhuftu"jechaanii jira.

"maaloo Atinaaf,wayyoo
haadhakoo,wayyoo obboleessakoo,wayyoo Oliikoo" jechaa watwaataa jirti. Yoona Olaanan akka
dirqisiifama jirtu hubatee, balbala humnaan dhiitee keessa buuse,olseenes boquu qabatee
hafe,Atinaafis bakkuma taa'etti hafe. Biliseen ammoo rom'aa ool utaaltee Olaanatti maramte.

Olaanan morma Bilisee jalaan Atinaaf lafatti akka qeerransaatti ilaalaa jira. "galgala haaja kee
hin baanee obboleessa,maaltuu si hafe,qa'ee qa'eedhuma abbeetii godhatteetiiree akkuma feete
keessa utaaltaa, bayi gadi"jedhee ol utaalee Olaanaa hudhee qabe. Yoona Biliseenis obsa
fixatteerti,Atinaaf Olaanaa hudhee jiru,duuban sibiilan haaa gootee lafa buuftee lamaan
isaaniyyuu (Olaana fi Biliseen) walhammatanii sokkan. Akka fiiganiin mana Biliseetti wal
argan.Olaanan afuuraa dheeraa erga baafateen booda," si miidheeraa Biloo" jedhee deebii ishee ..itti fufaaa

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ πŸ‡¦!!!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa


yaadaafπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@miss_man1
Humna Jaalalaa:
Kutaa 1️⃣3️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

'ONNEE DHUGAA'


.........deebii ishee
dhaga'uuf sardame. Biliseenis itti kolfaa "maal na godha
du'aan kun" jetteen. "amma maalan ta'aa Oliikoo haadhaf obboleessa koo karaarratti dhiisee
bar,kunoo har'uma waan beelan dhuman natti fakkaachaa jira" jetteen.

"maalif qarshii yoo ta'e
ana bira jira,mana sanattis hin deebitu"jedheen.
Biliseen yoona immimmaan ija lamaanin cobsite. "dhiifama Biloo dhugaa rabbii dhiifama tarii
ani hin rakkatin jedheen, malee ani ofii koo ilma dureessaa godhee siyi ammoo gargaaramtuu si
godhuu kiyyaa miti" jedheen.

Biliseenis morma Olaanatti maramtee "anis sanaaf hin jenneem
bareedaakoo,ati garuu anaaf maalidhaa?"jettee gaafatte. "har'as isan halkan dukkanaan urjii
keessatti sitti hime sana dabalee sitti himuu"jedheen. Jaalallee koo akka taate nan beeka, garuu
jaalalleen akkana moo, gaafa dhungoo fi gaafa taphaa qofa nama faana ta'an se'eem gaafa
rakkootis na faana jira jechuudhaa jaalalleen" jettee ija Olaanaa keessa ilaalaa itti seeqxe.

"amma
qoosaa dhiisi waan ta'uu qabu yaa mari'annuu,kiraa manaa kanfaltee yoo hin kaffaleef kanfalleet
asii baata malee waraabessi sun si nyaata,sin bulchu"jedheen. "Oliikoo garan itti deemuu hin
qabuu bar,yoo ta'erree na bira buli"jetteen.

"haatikoo baay'ee nama na hubattuudha,harka-qalleettiidha
karaarraan fiden jedhaan. Saniin booda garaa si laafti,wanuma tokko tokko si gargaarti qarshii
maati keetif ergitus hin dhabdu" jedheen. Biliseen garuu yaada isaatti walii hin galle.

"lakki Olii
kun gonkuma waan ta'u miti,si rakkiseera,anaaf jettee mana baruumsaa hafte beekta,kunoo
har'as naaf gatii baasuuf jetta,lakki dhiis ana nama akkasumaanitii hanga kana ta'uun sirra hin jiru, si
rakkisuu hin barbaadu,biyyaa koo galeen hojii biraatin jiraadha,anaaf ati ammoo gaafa hunduu
guute wal agarra" jettee imimmaan roobsaa "jedhi aamma sitti barfateeraa ani kanaa booda
homaa hin ta'uu namoonni ni jiru,biyya koon gala siifan bilbila"jetteen…….

Itti fufa...

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ !!!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

YaadaafπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@miss_man1
Kutaa 1️⃣4️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA


...biyya koon gala siifan bilbila" jetteen. Olaanatti haalli jiru bitaa itti galeera. Intala galgalaaf
ganama akka daawwitii daawwatu dhabuuf deema. Garuu mana baruumsaa isheen deemi jette
gonkumaa waan fudhatu miti.

Waan ishee dhabu fakkaate,har'uma ilaalee waan ishee quufuuf
jedhu fakkaata, ijaa libsuu malee ija isheetirratti gogee ilaala,ofitti qabee hammata,takkaa
ammoo ofirraa qabee morma ishee hanga madaa'utti dhungata,garuu wanti jijjiiramaa jiru hin
jiru. Wal irraanfachuu mitii, ittuu onnee walseenaniiru akka lamuu wal hin
irraanfannetti,yaadannoo cimaa walitti dhiisanii deemuuf ta'u.

Olaanan Bilisee amansiisee akka mana isaanii taatu onnee guutudhaan gaafatee amansiisuf
waayee maatii(haadha) isaas waan tokkoyyuu hin barre,"tarii dubartii yoon fuudhee galuu waan
biraa nan jettii" jedheetuu shakke. Olaanan obboloota dhiiraa lamaafii, obboleettii tokko qaba
isaan hundinuu magaala biraa jiraatu. Olaanaa qofatu maatii isaa faana jiraata,hojjaattuu mana
isaanii takka waliin.
Otoo Bilisee fi Olaanan walhammatanii walitti boo'aa jiranuu sa'aatin barnootaa Olaanatti
darbeera.

Biliseen akka har'a hin deemne walii galanii jiru. "Biloo mana gahee waa fudhadher
dhufa" dhufa jedheet gara manaatti kute Olaanan harmee isaa waayee Bilisee itti himee deebii
isheen kennituuf baruudhaf. Gara manaatti ka'e manas gahe. Akka mana gaheen harmeen isaa
ollaadhaa galaa waan jirtuuf karratti walitti dhufan.

"Olii maal manni baruumsaa hin jiru" jetten
harmeen Olaanaa aaddee Faayen olaanadhaan. "lakki harmee natti barfate konkolaatan ittin
deema ture karaatti dhaabattee" jedhee sobaan dubbii gabaabse. Aaddee Faayee fi Olaanan akka
haadhaf ilmaa qofa osoo hin taane,akka hiriyootatitti walitti dhiyaatu. Olaanan dur kallattumaan
kutaa isaatti kan galu har'a garuu haadha isaa hordofee faanaa manatti gale.

"Olikoo koottu
xuuxilaakoo" jettee ofirra gad teessee ofitti yaamtee ofitti gad qabdee adda keessa dhungatte.
Olaananis cinaa aadde Faayee gad taa'e. "baruumsi akkam ilmakoo, entrancedhaafis qophaa'aa
dhuma jirta mitii,sirriitti jabaadhu ammumarraa hundasaatti qophaa'uf yaali,booda irra deebii diif
ta'aa"jechaa harkaa dabbasaa mataa isaa isa gara luuccatti darbamu sana sudukkuumtif.

"harmee yeroo natti barfatee deebi'aa turetti waan baay'ee nama gaddisiisu tokko nan mudatu seetee,
intala wayii turte karaarra teessee boossi itti dhiyaadhee gaafannaan mana namaatiyin
bahe,amma galuudhafis karaa hin beeku naan jette wayyoo itoo agarteetii harmee baay'ee nama
mararti" jedheen.

"Gurbaa ati hamma kana garaa jabaattaa edaa,maal ta'a yoo fiddee
dhufte,isheef jennee hin qopheeffannuu,buddeen tokko caalas nyaatti jetteetii,dubartiin ammoo
gaafa akkas dirreetti baatu rakkoo heedduf saaxilamti,wuyii Olii ani sitti mufadheera,kai na
biraa" jettee gara dugda isaa dabas goote.

Olaanas qalbiin isa burraaqxe, kokkolfaa"harmee an
sin sodaadhem,hammuma kanan fida harmee"jedhee koroojoo dugdarra lafatti darbee fiigichatti
kutuuf ka'e. "suuta ni kuftaa garuu achitti si eegdimoo" jetteen. "eessa dhaqxi harmee eenyu
qabdi jetteeti" jedhee fiigicha isaa itti fufe. ....itti fufaa

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦!!!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa


yaadaafπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@miss_man1
Kutaa 1️⃣5️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA


...fiigicha isaatti fufee Olaanan turtii muraasa keessatti Bilisee bira gahe. Isa dura gubbaa gubbaarra jechaanii
ture,amma cimseetumaan akka isheen maatii isaa bira teessu itti himaa kadhachaa jira.

"Olaanaa rakkoo koo hundasaa hin barreem, manni maatii kee bulmaataf naaf ta'uu danda'a, ani mana
warra keetitii garaa quufun danda'a, garaa quufun koo obboleessa fi haadhakoo beela hin baasu,
Olaanaa na dhiisi waayeekoo maal rakkatte, nan beektu sin beekuu kanaan booda jiruu koo
keessaa bahi" jettee itti caraante.

Yoona Olaanas lapheesaa wanti ta'e weerare garaan isaa akka
halpheen keessa seentee murteetti yeroo madaa'u isa dhukkube. Homaas hin dubbanne asii fi achi
otoo hin jenne gad bahe. Biliseenis yoona baay'ee rifatte, Oliikoo si mufachiiseera nattimmo hin
jabaatin maaloo dogongoreen jettee harka isaatti maramtee fuuldura isaa gorte, ija isaa keessa ol
ilaalte,innis ija isaa diddimofte sanaan taatoo fiilmii hindoota ta'ee ilaale.

"Olii sin rakkisuufan bar nahubadhu maaloo nattin qabamin" jettee ija isaa qotaa jirti. Calliseedhuma ilaala. "sokki nan beektu sin beeku na irraanfadhu"jedhee harka ishee ofirraa darbee osoo ofirraa hin garagalin
biraa kute osoo ofirra hin garagalin biraa kute. Biliseenis ergaa baay'ee faanaa boossee kadhatteen
booda homaa buusuu dadhabnaan iddoodhuma dhaabattuutti ofirra gad teessee imimmaan ija
lamaaniin coccobsite.

Haatii Olaanaa,Olaanan intala akkamiit naa fidee dhufa jettee yaaddu,Olaanan kophaadhuma isaa fuula ofirratti balleessee itti deebi'e. "Oliikoo maal intalti nan
fida jette deemte nama biraa ishee gargaartu argattee,baga waaqni gargaare" jettee,deebii 'eyyen
argatteerti' jedhu osoo Olaanarraa eegaa jirtuu,"dhimma isheet,harmeen nama homaa hin beekneef
yoo akkana taatu hin qaanoftumoo" jedheen haasaa dhiphachuu ofkeessaa qabuun. "maaloo
ilmakoo sumatu mararfateefi akka tokko taanan fidi siin jedhe malee maslan waayee ishee
beeka,siyimmoo maaltuu akkana si jeeqaa ilmakoo?" jettee itti hiiqxee Olaanaa mataa susukkuumtef.

Olaananis suuta harka aaddee Faayee ofirraa kaasaa deemee kutaa isaa gale.
Kutaa isaa keessatti ofiin haasa'aa jira. Ani garuu gaarummaan yaadafii jira mitii,waaqni maalif
keessa koo kan beeku natti ishee jabeesse, namni sin gargaara yoo nan jedhe ana osoo ta'eetiihoo
nan arrabsaayii..... jechaa gaafiwwaan deebii murtaawoo hin qabne tarree galchee sammuu of
hadhoochaa jira. Yaadee dadhabnasn amma of wallaale ijji isaa fayyuma idduma tokkootti
cichee ilaalaa jiru malee otoo eebooyyuu itti darbatanii waan argu miti.

Biliseenis kophaa ishee teesset gaabbidhaan guutamtee imimmaanin fuula dhiqachaa jirti. Osoo
haala kanaan jirtuu amma ganamni gara galgalaatti deemaa jira toora sa'aatii sagalii ta'eera.
Olaanaa baay'ee akka mufachiifte reef reef galaafii jira, obsitee taa'uus hin dandeessifne har'uma
Olaanaa argattee,haraarfattee haaluma duraa isaanii sanatti deebisuu barbaaddi.

Onnattee kaate gara mana warra Olaanatti deemsa eegalte ofitti amanamummaadhan guutamteetin. Adaduma
mana warra Olaanattii dhiyaachaa dhufteen garuu saalfin ishee moo'achaa dufe."amma eessan
deemaa jiras ani? mana ormaati. Yoo maalif dhuftee nan jedhan hoo? Olaanumti mataan isaa yoo
natti gadbahehoo? Itta marmeedhuman hanga dhiifama naaf godhutti ykn amma rukutee daaraa
na godhutti hin gadlakkisuu....." jechaa gaafiwwaan mataa isheetti dhufaniif ofumaaf deebii ni
ta'a jettu kennaa jirti.

Amma karra warra Olaanaatirra geessee jirti, barrii rurtukutte. Akka carras
Olaanan bo'uu isaarraa bayyanachuudhaf gars alaa bahee qilleensa fudhachuuf jedha. Isaa
balbalatti deemi ishaadhaa balbala rukutu walitti dhufan. Isheenis akka inni jalaa banu,innis
isheedha jedhee gonkuma hin yaadne. Akka karri banameen ijaan isaan lamaanituu walirra bu'e.
"maal goota sister maal si gargaaru" jedheen.
Biliseen imimmaan ishee ija ishee lamaanin erga
cobsiten booda, "Oliikoo na irraanfatteertaayii gahaaakaa, na ormaa sitti ta'ee, maaloo Oliikoo
akkuma walitti dhufuun jirtu addaan baatis kanuma jirtu,garuummoo addaan baati kootif kee
balleessa kiyyaan ta'uun isaa gaabbii umrii koo keessatti keessaa hin baane keessa na galcheera,maaloo Olii ati orma miti anaaf obboleessa koo hangafa jabina kootif na faana
jirtuudha, narraa muramtee nan laaffisin" jette itti watwaatte.

"Dhugaan siin jedha akkuma atuu
jette ani orma hin turree obboleessa kee hangafan ture, kana waanan yaada keessa kootii
beekufan ofitti amanamummaa guutudhaan siin jedha,garuummoo maal godhu hin milkoofnee,ofirraa na dhiibde,carraa na dhoowwatte,amma homaa miti nagaatti naan jechuu
dhufte mitii deemi waaqni si faana yaa ta'uu,waayee kiyyaaf kee ammoo akkuma wanti
tokkooyyuu hin uumamneetti ilaali, guyyaan gaarin walitti nu fide,guyyaan yaraan kun ammoo
addaan nu baase,atis jalqabumaa akka nama wal hin beeknetti fudhadhu" jedhee haalota ta'an
akka tuffaachuu wayii fakkeessee itti seeqe.

"Olii qoosaa kee kolfa kee kana dagadhee gonkuma
nama biraa baree faana jiraachuu hin danda'u, maaloo sin mararuu Oliikoo" jettee ija isaa keessa
ol ilaalte. Olaanan haasaa ishee harkaa fashaleessee "gorii galikaa" jedheen. "Nan bulamoo nan
galakaa Olii" jettee kan inni qoosadhaaf jedhe dhugaa taasifatte. Olaananis "maarree ani mana
kee bulee hin beekuu,ni bulta malee"jedheen. "Tole harmee keetin wal na barsiifta" jetteen. Jarri
osoodhuma qoosaa jiranuu haala isaanii duraatitti deebi'an fakkaata. Biliseen mana warra Oliitti
galterti……..

Itti-fufa!

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ !!!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessaan
@miss_man1

Yaadaaf @hohopefully quunnamaa!
Kutaa 1️⃣6️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA

...Biliseen mana warra Oliitti galteerti. Silaatii kan Olaanan fuuldura bu'ee olseeni jedhee
kadhachuu qabu, garuu garagaltoo isaa Biliseetu fuldura bu'eetin "Olii mana keessan waanan
dhufeef boonta moo harmeetu haadha warraa fidatte naan jedhan jetteet sodaattee,maalumaafuu
an gad hin deebi'u koottu na dura bu'i" jetteenii Olaanaa harka isaa qabdee of fuulduratti
dabarsite.

"maalif akkana tatta'aa jirtaa osoo harmeen tasa nu argitee maal sin jetti" jedheenii
sodaa keessa ishee turee daraan dabale. Bilisees waanni jettu harkaa bade. Akka rifachuu
taatetiin bakkuma ijjattuutti hafter ija Olaanaa ilaalaa jirti. Olaananis erga takka itti kolfeen
booda, "sodaatteerta mitii, dhugaa harmeen too nama bareeda akka keetti hammaachudhaaf
humna qabdi jetteetimoo" jedhee takkaa adda keessa dhungatee "harmee keessummaan guddaati
dhufaa jira" jedheeti alaa ol lallabee," iddoo teessumaa qopheessaa jedhen.

Gaafa Olaanan Bilisee fuudhee manatti calaasu, addee Faayen baay'ee rifatan,bareedina Bilisee ajaa'ibsiifatanii
gammadanis, haala kamiin akka isheen Olaanaa faana dhufte garuu gaafii keessa isaan galche.
Aaddee Faayeen "koottaa Oliikoo garanuma dabra" jetteenii, akka waa bitaa itti galee 'fuhuu'
jettee, garaa isheetti "yaa labata bara kanaa waanuma isinitti mul'ate gootu mitii" jetti. "maaloo
harmee waan nyaatamu, mucayyoon kun beelofteertii, isheen ganama siin jedhe sun tanaam,
akka carraa yoon gadi bahu fayyuma walii fi gadi deemti akkaatan bitaa itti galee yoo kanan
fidee dhufee bar harmee" jedheen Olaanan. Aadde Faayes amma sobasnis ta'u haalli xiqqooshee
ifa ta'aafii jira.

Bilisee naqa lama lama erga boquu ishee bitaa fi mirgaa dhungatteen booda,
"hangan ittoo hojjadhutti" jettee itittuu jala naqxee taphadhaa jettee biraa sokkite. Biliseen kabaja
har'a harmee Olaanati fi Olaanarraa argachaa jirtu eenyumarrayyuu jiruu ishee darbe keessatti
argattee hin beektu. Keessa isheetti " jaalala dhugaati kan kanaan na gahe,Olii kooti kan kanaan
na gahe" jrchaa Olaanaa ija isaatirraatti akka malee fajajjee ilaalaa jirti. "Bilookoo maal rakkoot
jiraa moo" jedhee yerootti Olaanan itti jedhetti isheenis ofitti qabdee afaan isaa keessa
dhungoodhan haleelte. Olaananis yoona miiraweera garuummoo homaa gochuu akka hin
dandeenye ni beeka.

Biliseenis mormaa isaa jala seentee san jalaa bahuun waanuma dirree
waraanatti ishee ergan itti ta'eera. Osoo aaddee Faayen schumaan hafanii, isaan ammoo akka
garaa isaanii ta'aa Oolanii fedhii jara lameeniyyuuti. Dhungoon altakkitti Biliseen dhungatte
Olaanatti dhukkuba ta'eera. Ofitti qabee waan jalqabsiifte akka xumursiiftuf gochaan kadhataa
jiraatus isheen garuu gaafa inni ofitti qabu diddeettuu morma isaa jalatti dheessiti.

"maalif Bilookoo waan takkaa gootee hin beekne har'a maaltu gale jedheet" morma isaa jalaa baasee,
nyaara ija isaa waldabarsee ija isaa boqqoollo sana ammoo xixiqqeessee itti hasaasaa jira. "Olii
masl taatee harmeen kee tasa nutti olseentee jennaan maal jechuunii barbaadda?" jetteen. Yoona
olaanan gad bahee akka wasn beela'ee" harmee maal hojachaa jirtaa maalii har'a ammoo na
beelessaa" jedhee malaan waan harmeen isaa hojjachaa jiran ilaaluf kitchen seene.

Aaddee
Faayen caariqqii(qiixxaa) tolchiteetin amma dhadhaa baksuudhaf jetti. Aaddee Faayen baay'ee
Biliseetti dhimmiteerti waan yaaddemmoo ishumatuu beeka. "Harmee maal atuu turaa jirtakaa"
jedheenii hanga isheen gola keessa turtu baruudhaf. Aadde Faayeenis "fixeeraam amma yoo basy'ate daqiiqaa kudhan naaf obsi Oliikoo" jedhaniin. "waan si narbaachisu ammoo anuu siifan
dhiyeessa na waammadhu har'umallee si gargaara" jedhee akka hoomtuu isaa fi Biliseetti ol hin
seene akeekkachiisuu isaati. Saffisaan gara Biliseetti deebi'e.
"na jalaa mukooftee mitii" jedheet
boquu dhungatee cinaa ishee taa'e. Biliseen amma miira duraa keeysaa baateetii deebitee
keessummaa qaanoftuu taateerti. Olaanattis miira jalqabaa ishee sana deebisee hawwii ishee
bahuun itti ulfaateera. "harmeen ammaayuu baay'ee turti natti fakkaate,beelofteerta mitii
bareedduutoo" jedheen. Akka isaatti ergaa harmeen nutti hin dhuftu na dhungadhu jechuu
barbaade. Biliseen garuu "homaa miti garuu itoon dhaqee gargaareehoo, nama isaan gargaaru ni
qabuuyii Olii" jetten.

Olaanan amma haalli duras hunduu akka jijjiirame barateera. Lameen isaaniyyuu tasgabbaa'anii haasa'aa jiru amma.
Harmeen Olaanaa caccabsaa bututee haalan tole kan yeroo afaanittiin deeman dhadhaan keessa
cobu waciitidhaan fiddee Olaanaa fi Bilisee jalattii lafaan dhoofte. "maaloo harmee fayyuma
dadhabdanii" jetteen Biliseen.

"maali mucaakoo hin jaalattuu,tole maal siif haa qopheessu"
jetteenaaddee Faayen Biliseedhan. Biliseen yoona akka seequu wayii taatee, "ofii waatu jira, jarri
akkuma dubartii deessee hospitaalaa baatee dhuftuutti na kunuunsaa jiru" jechaa kunuunsa
isaanitiin ajaa'ibsiifamte.

Olaananis gocha harmee isaatitti baay'ee gammadeera. Duruu
harmeesaa ittiin boona har'a garuu adda taatef. "harmeen kanakaa Bilisee harmee hundaati otuu
qabaattee hundaa nama biyya lafaa soortee ni gaabbiti hin se'uu, mitii harmee" jedhee deebii
harmeen deebiftuufif sesseeqat ija ishee keessa ilaalaa jira.

"Eyyeenkaa ilmakoo nama gargaarun
nama gammachiisun bowonnaa sammuu guddaa siuf kennaam, namni ati gargaartu si
galateeffachuu mitii sillee yoo arrabse garuu ati waan hojii gaarii hojjatteef gaabbin sityin
dhagahamu, nama gargaarun yoo namarraa hafe, haftee kennuu miti inni akkasii qabeenya
beeksifachuu ta'a malee gargaarsa qofas miti,kanaaf intalakoo ati kanaan booda miseensa mana
kanaati yoo si faana rakkanne illee bu'aa tokko malee natti dadhabaa jiru jettee mamiin sin galin,
Oliikootin adda sin baasu,intala bareedduu akka keetii argachuu kootitti nan boona, akka haadha
keetitti waan rakkatte hundaa na gaafadhu,atis jaalattee miti carraatu karaatti si baase." jettee
waan heedduu garaa isheerraa itti haasoftee Bilisee garaa buute.

Bilisee fi Olaanan erga xiqqoo
yaadan liqimsamaniin booda, Biliseen oljetteetin haadha Olaanaa jilba isaanirra kuftee, "isinis
anaaf haadha, garuummoo haadha hundaa naaf godhuu dandeessu argadhe jedhee harmeekoo ishee hiyyeettii waa narraa eeguu malee homaa naaf gochuu hin dandeenye san hiraanfachuu fi
dhabuu hin barbaadu, galeen ishee waliin rakkadha isinis waanan dagadhu miti, darbee darbee
dhufeen isin gaafadha" jetter harmee Olaanaa fi Olaanaa gadda guddaa keessa galchitee.

"maaloo intala itoon siin walbaruun natti hafee, tolekaa erga jettees yaa ta'u" jetteen. Aaddee Faayee kan
dura fuullii ishee akka biiftuu barraaqatti ifu sun battaluma addeessa duumessa gale ta'e. Aadde
Faayenis "taphachiisi Olii mee warra abbaa Tolasaa tokkoon gahee deebi'a jedhanii sokkan.

Amma Olaanaa fi Biliseen walitti hafaniiruu. Erga aadde Faayen bahaniiyis lachanuu yaadan
liqimsamani akka mana gaddaatti lachanuu wal hoodaa jiru. "Bilisee harmeen koo maal akka siif
ta'aa jirtu hubattee, mitii, osoo torbee tokko bira bubbultee ammoo haadha keet si
dagachiifti,garuu maal ta'a asuma teessee yoo haadha keetis waliin gargaarre" jedheen "maal idaa .....ittifufa
πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ !!!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessaan @miss_man1

Yaadaaf @hohopefully
Waliin duunee kaana.

Eeyyee akkas jedhee, buusee baasee yaadee
Waan tokko dubbadheen ibsachuu barbaade

Anaaf ati beekta;
Namatti hin darbinu, qaawwaasaa hin horfinu
Dhimma nun galchine
Gadbuusnee olkaasnee hinaaffaa hin kolfinu

Anaaf ati; hin boonyu hin caraannu
Dalga wal ilaallee, nagaatti hin maraannu
Kan ormaa hin abaarru, kan firaa hin faarsinu
Tokkoof eegee dhaabnee, kaaniif eelee hin dhaabnu

Dhuguma;
Anaaf ati uumama ajaayibaa jiruunsaanii hoodaa
Kaayyoodhaaf imalla, hin ilaallu booda
Walbira hin jiraannu, walirraa hin fagaannu
Waliin hin argamnu, walta'uu hin dadhabnu

Yeros; qaroo kiyya, ati yaa kuluule
Meeqat si barbaacha, si arguudhaaf duule?
Anaaf ati garuu;
Walirraa hin barbaannu, wal irraa hin fagaannu
Tokkoof baala buusnee, kaaniif warqee hin afnu

Erga adda baanee, nagaatti naan jettee
Karaa nagaa jedhee, atis garaa hirtee
Garuu ni mul'atta, yaadakee nan arge
Biqiltuunkee hin gogne, kunuunfamee marge

Mil'uunkee dinqiidha, gara hin dabarsitu
Tokkichumaan waadda, irrallee hin marsitu
Ijaan na ajjeesta, ajjeestee na kaasta
Kophaa na kuffistee, qalbii na rarraasta

Guyyuu fageenyatti, nalaaltee, silaalee
Jaalallikee ammaa, kan duriira caale
Kanaaf; abdiikee haaressi, obsa amantii faana
An kophaakoo hin du'u, wajjin duunee kaana.


✍🏼@hohopefully
Kutaa 1️⃣7️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA



.....maal idaa qabdu, dur illee Hayla Sillaasetu humnaan waraanakoo sooraa jedhee nama bu'aa tokkootti
namaa hin oolle, ittuu kan balleessu kan sooraa tureef ummannii,animmoo isin balleessuu
baadhus isin hin fayyadu maaltu akka bu'aa malee na soortaniif isin dirqe"jettee Olaanaa
gaafatte.

Olaananis "jaalala,jaalalli humna waraanaa Hayle sillasee sana ni caalaa bar Bilookoo
maalif hubachuu dadhabde garuu" jedhee innis lammata gaafii gaafate. "Tole Olii nan taa'a yaa
jennu kan ana tola soortan irra maal jedheetan harmee kootif qarshii jedhee isin gaafadha" jettee
seeqxee "lakkii waan hin taane hin yaadin harmee keetis sobdee jirta osoo harmeen koo akka
anaan jiraattu bartee yoo akkam naaf yaadde hojii naaf barbaaddi malee, jedhii taa'i qarshii
harmee keetif anuu nan ergaa naan hin jettu,atimmoo gowwummaa kana dhiis gaafa ofii mana
horatte waliin jiraanna" jetteenii rifeensa mataa isaa luuccaa san keessa quba ishee alangaa sana
lolloosaa jirti.

" lakkii Biloo kan too hin taanef sheenaa natti dhiiftee hin deemin" jedhee harka
ishee ofirraa suuta kaasee ijaa ishee keessa ilaale. "maal jechuudhaa haalli kee naaf galaa hin
jiruu bar ati yoonfagaadhe na dagatta jechuudhaayii,anis yoon si dhabe nan miidhamaa
bar,fayyaa guutun hin jiraachu qalbii gartokkee nan dhaba"jetteenii fuula isaa susukkuumtee
akka sossobuu taasifte.

"lakkii Biloo yoo fagaatte sin dagadha miti atis na ganta jedhee hin
shakku garuu yoo narraa fagaatte gammachuun yoon si faana jiru qabu kanan dhabaafan pls hin
deemin" jedheen. Osoo haala kanaan jiranuu aaddee Faayen alaa karra alaa rurrukatan, kan jalaa
qabuu dhaqes Olaanaa ture. "intalli sun eessa dhaqxe karrumallee na jalaa qabuun itti ulfaateti"
jette. Hojjattuu mana isaanii jechuu isaaniti. Shaggee jedhamti warra Olaanatti qacaramtee
hojjattii akka hojjattuu osoo hin taane waan isheenoo hojjachiiftu fakkaata, yoo itti tole hojjatti
yookaanis har'a guyyaan natti ulfaate jettee gaafa hojii manaa haati Olaanaa aaddee Faayen kophaa
isaanii hojjachaa oolantu jira.

Kun maatin warra Olaanaa akkam akka gara laafessa fi namoota
kabaja ilma namaaf kennan akka ta'an ragaa baha. "Oliikoo Intalli Bilisee jettuu hoo
deemtee,garuu maal ta'a har'umallee yoo bulte" jetten Olaanadhaan. Ammas itoo Olaanan deebii
tokkoyyuu hin laatiniif "garumaa har'uma argee maalif akkana na marartee, wayi itoo dur
obboleessa koo ta'ee bareeda akkana gad isheen baasu nutu mana gadlakkisaaf" jettee Olaanatti
kolfitee.

" waaw maarree harmee anis sanayyuun barbaadaa mana naaf gadlakkisaakaa" jedhee
kolfa ityi fuudhe. "mee atumti kan akka Bilisee takka fidii bayi naan jedhi,sodaataa atuu
dubartiidha dubartii maalitti dubbatta onnattee" jettee "barrii gad deebisi cufi" jettee osoo
Biliseen jiraachufii jiraachuu addan baasin manuma keessaa baatetti deebitee Biliseen waan
isaan haasa'aa oolan dhaggeeffataa oolte arguuf deemti.
Muddamaan manattis olseente yeroo karraa tarkaanfattee Bilisee teessorratti argite.

"wayyoo dhalakoo as jirtaa edaa,deemterta se'ee akkamitti garaan na bade seete,uumamuma
kootin gaafan namaan sirriitti walbaree narraa fagaatan,akka waan lamuu hin argineetti natti
dhagahamee garaan na rarra'a seete dhala koo" jettee Biliseetti waakkatte aadde Faayen. Erga
xiqqooshee waa'ee isaanii waliif himaniin booda aadde Faayen Biliseedhaf midijjaa gad
dhiifte,Bilisee akkuma ilmoo ishee bara baay'ee wajjin jiraataniitti ilaaluu qabde.

Bilisee midijjaa seentee buna danfisaa jirtuu Olaanan itti olseene,baay'ee gammade. "Ihiii harmee ajaja kee
jalqabdeettakaa" jedheenii Olaanan aadde Faayetti qoose. "lakki dhala koo haadha manaan ishee
taasisee bar, mitii Bilisee"jette kolfa itti fuute. Biliseen buna baay'ee bareedaa danfiste, olaanaa
duraan buna dhugiidhaf yaamechi dadhabe har'a garuu sababa Biliseetis qixa namootaa taa'ee
dhugaa jira.

Ollaan buna dhuguu dhufes waa'ee Bilisee waan baay'ee waliin daddarbatan, " aadde Faayen
Olaanadhaaf haadha warraa fuutemoo hojjattuu fudhatte jedhama, midijjaa ofii isheetii takkaa
keessan baane har'a dabarsitee kenniteef, yoona fira taatii
maaltu beeka" jedhanii gaafi muraasa
dubartoonni buna dhugani deebi'an odeessaniidha. Gariin jaraa keessaa warreen intala tana ilma
isaanitiif hawwanis hin dhabamne.

Isaan keessaa aadde Xajjiin "hin agarreedhaf malee silaa
argee Lammiin kiyya silaa lafa isheedhan lixe" jedhan. Isheen kan biraas "dhugaa akkuman
argeenan itti nahe,ishee tiyyaa dhiisaa" jette. Dubartoonni kaawwanis itti kolfaa "abbaa manaa
keetif fuutamoo,ofumaaf yaaluu barbaadde safuu" jedhanii gaafa salphisuu barbaadan, "sanyii
keenya keessa dhiirri hin jiru jettumoo" jettee warra Bilisee ofiin hawwan rifachiifte.

"Bilisee buna mi'aawaa kana gaaf tokkof naaf dabaluu qabda" jedheen Olaanan Biliseedhan.
"maalinni gaaf tokko yeroo hundayyuu ati jiraadhu malee siif danfisti" jetten aadde Faayen.
Olaanan gaafa kana baay'ee gammade. Duraan galgala kan akkuma lukkuu dubisaaf kutaa
isaatitti lixa biiftuu eeggatee galu si'ana garuu aadde Faayee, Bilisee fi Qanoo(hojjattuu mana
isaanii) faana waarisiisee galuu eegale. Aade Faayen Olaana fi Biliseen akka onnee wal walii
isaanii keessa jiran jalqabumarraa barte,Olaanaa Bilisee dhabsiisuu hin barbaanne garuu akka
dogongoranii jaalalaan hin kufne ni yaaddofti,hamma dandeesses ni gorsiti.

"dhalatoo har'a ati
umurii murteessarra jirta,jireenyi kee fuulduraa waan ati amma raawwachaa jirturraa
murtaa'a,dongorri daqiiqaa shanii jireenya kee waggaa shantaman dhufanii xureessu
danda'u,kanaaf dhalatoo waan hundaa gochuu osoo dandeessuu,hunduu osoo siif mijatuu garuu
hin godhin gaafa akkatti safuu kee eeggattee bareeddu malee gaafa kufte hoomtuu sin ilaalu
kophaa keet karaatti baata,adaraa ilmootoo " jettee hamma tokko Bilisee gorsuuf yaalti.

Biliseenis gaafa kana maatii ishee rakkatoo dhiiftee dhufte sana yaadachaa jecha aaddee Faayetin
ammoo jabina argatti. Biliseen darbitee darbitee aadde Faayee eeggachaa kutaa Olaanaa ni lixxi.
Biliseen qoruumsa hamaa qoramaa jirti,akkuma aadde Faayen jetteen hundaa raawwachuuf ni mijataaf garuu ammoo kophaa ishee akka daandirratti baatutu ishee yaaddessa. Kanaaf fedhii keessa ishee kana futtaaftee Olaanatti himuuf qophoofte.

Olaananis qoruumsa walfakkaatu
keessa jira. Lachanuu ibiddaaf cidii walitti ta'aniiru......Itti fufa!

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦ !!!

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa


Barreessaan
@miss_man1
Yaada qabdaniif
@hohopefully
Kutaa 1️⃣8️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA




Dubbisa Gaarii!

Guyyaan isaa sambata ture; aadde Faayen waa bibbitachuuf gabaa dhaqaniiru, hojjattuun
isaanis erga isaan deemanii maatii kootin gaafadha jettee Olaanatti himtee kutte. Olaana fi
Bilisee qofa kan oddootti hafe. Olaanan sobeetin Qanoo Qanoo..... maaloo ciree naaf fidi jedheen
sababaan Bilisee kutaa isaatti waamuf. Biliseenis duras sababa malee dhaquuf jettu amma
baay'ee gammadde.

Ciree bareedaa hojjattee kutaa Olaanatti fudhatte. Erga afaan wal kaayanii
ciree fixataniin booda,Olaanan "Bilookoo koottu bukkeekoo natti hirkadhu maaloo" jedheen.
Biliseenis,"Oliikoo sitti hirkachuu mitii osoo naaf danda'amee keessa kee seenee qaama kee ta'ee
jiraadhee natti tola tokkichakoo" jetten. "Kai egaa meeshaa galchii deebi'i" jedheen. Gaafa
meeshaa nyaata itti nyaatan galchitee deebitus siree isaatirra taa'ee eege. "Koottu har'a guyyaatu
keenya fakkaataa,guyyaan hawwiidhan eegaa ture" jedheen. Biliseenis akkuma inni jedhe harka
ishee lama morma isaatirra naqattee morma isaa jala seentee agartuu isaa agartuu isheetin ilaalaa
jirti. Olaananis akkuma waan ija ishee keessatti of ilaalaa jira.

Olaanaan dura kan waan biraa
yaade,amma garuu hundumaa dagate,fedhiin isaa du'eera. Biliseen durayyuu carraa kanaan
walitti dhufeenya isaanii gara tokkotti muruuf ture. "Olaanaa kiyya na jaalatta mitii, yoom mana
tokko jiraannaree,yooman akka garaa kooti si faana ta'a,siree tokkorra halkaan guutuu si
hammadhee buluu nan barbaada garuu yoon yaadu ammoo miidhaa isaatu bu'aa isaa caala pls
Oliikoo waan ta'e murteessi akkuma garaa keenyaa waanuma keessi keenya ta'u taanaa"jetteen.

"maalan murteessa Biloo ammatti barataadha harka maatii keessan jira,guyyaa waaqayyoo jedhe
eeggachuudha malee maalan gochuu danda'a ani kophaakoo,gaafa tokko ammoo hunduu ni
sirrata, obsaa na eegi" jedheenii takkaa adda ishee dhungate. Isheenis mormaa isaa jala seentee
jirtu dhungattee nagaa ta’i Oliikoo jettee gaafa kutaa isaatii bahuuf jettu Aadde Faayen itti ol
deebi'aa jiru gaafa kutaa isaatii gadi bahaa jirtu aaddee Faayen itti ol deebi'aa jiru. Biliseen baay'ee
rifatte,aadde Faayen garuu tarii dogongoraniit hojii hin taane keessa galanii yeroo malee
walcabsan kan jedhuuf yaaddofti malee akka isaan waljaallatan,onnee wal walii keessa jiran ni
beekti. Gaafa tasa itti olseentee Biliseen nahuu ishee bartus waaan hundaa ifa baaftee itti himuuf
murteessite.

"Biloo tiyya Olaanan mana jiraa,ciree laattaniifii,Qanoo hoo mana kam jirti naaf
yaami maaloo suuqii naaf haa dhaqxu" gaafa jettuun,"Qqqqqq ihhhhh Qanoon hin jirtu" jetteen
Biliseen aadde Faayedhaan mataashee lafatti gad qabdee. Yoona aadde Faayen baay'ee nahan
garaa isaanii keessatti "isan sodaachaa ture har'a ta'eerakaa,wayii yaa badiikoo" jetti. "Biloo
Olaanan kutaa isaat jiraa,ciree situ geessefii"jettee.

Bilisee gaafii laman walfaana gaafatamteef
altakkatti "eyyen" jechuun cufte. Aadde Faayen egaa amma haalli Olaanaa fi Bilisee itti
bitaacha'aa jira "ijoollen kun lamaan gaafa waliin kuftee waa dhalate eessan gala,abban manaa
koo maal naan jedha,ollaanhoo,intalti kunhoo gaafa san hireen ishee maal ta'a" jechuun
gaafiwwan hiriira galchitee sammuu of dhiphisuutti kaate. "Biloo lameen keessan qofat oddoo
keessa tureeree" jetteen.

Biliseenis mataashee gad casitee turte olqabdee mallattoodhan eyyen
jetteen. Biliseen baay'ee sodaatte "har'a naaf dhumatte oddoo kanaa bahuu kooti,aadde Faayen
baay'ee garaa laafte,har'a garuu naaf obsinaan gowwummaadha,hoomtuu hin galuuf"jechaa
sammuu ishee keessatti yaada baaftee buufti.

Aadde Faayen Biliseetti siqxee shurrubbaa ishee
luuccaa qaqqabaa dhabee caccabaa jiru sana quba ishee keessa lolloosaa,"Biloo har'a
gammaddeerta mitii,Olaananis akka baay'ee gammadu nan amana anis dur abbaa Olaanaa
qofaasaa faana gaafan ta'u baay'een gammada, yeroo sanatti jaalaluma qulqulluu malee,ijuma
keessa wal ilaallee wal mararfachuu malee wanti biraa hin yaadamu,har'a garuu garuu yeroo
badeera,akki duriif ammaa tokko miti,amma wanti hunduu salphifamee ilaalameet gaafuma
nama salphisu ulfaataa ta'a, Olaanan akka baay'ee si jaalatu
beeka, itoo si dhabeeyis akka nu
hundaa jibbu nan beeka,garuu itoo hin beekin,osoo hin jaalatin si miidhuu danda'a,inni warra
gaarii nu qaba sanarratti dhiira,kufee ka'uun isa hin dhibu nuyi dubartootatti garuu kuni ni
ulfaata,kanaaf osoodhuma jaalattuu itti ofi hin kennin Olaanan akka iddoo kabajaatin si gahun
barbaada malee,akka kufaatii keetif sababa ta'u hin barbaadu"jetteenii Biliseetti yaada roobde.
Biliseenis itoo hin beekin morma aadde Faayee jala seentee imimmaan dhangalaasuu jalqabde.

Galgala isaa Qanoon hin deebine ture,Biliseen buna danfisteetii hundaa qopheessitee Olaanas
waamtee sadeen isaanii haala baay'ee namatti toluun waarisiisanii. Gaafa sa'aatin baay'ee deemus
"Olii galii rafi,Biloo atis mi'oota qaqqadaadii koottu giiftii tiyya"jettee gara siree qajeelte.
Olaanaa fi Biliseen kophaa isaanii midijjaarratti walitti hafan erga xiqqoo waliin taphataniin
Olaanan ka'ee bahe,Biliseenis faanaa baate…….ITTI FUFA.

πŸ‡¬ πŸ‡¦ πŸ‡± πŸ‡¦ πŸ‡Ή πŸ‡΄ πŸ‡΄ πŸ‡² πŸ‡¦ πŸ‡¦!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessaan @miss_man1

Yaadaaf @hohopefully
2024/05/19 10:50:46
Back to Top
HTML Embed Code: