Telegram Web Link
♠️β™₯️βšͺ️
🚘 OROMIYAA HAA DAAWWANNUπŸ”Ž

DIRREE SHEEK HU
SEEN πŸ•Œ
Dirree Sheek Huseen

Iddoon Amantaa Dirree Sheek Huseen godina Baalee, Aanaa Gololcha, ganda Dirree keessatti finfinnee irra fageenya 657Km, Magaalaa Roobe irra 180km fagachuun lafa hektaara 3(sadii) irratti hambaa argamudha. Daandii aspaaltii Finfinnee hanga Roobeetti 430km kan qabu yemmu ta’u Roobee hanga Dirreetti immo daandii cirracha 180km kan qabudha.

Hawwatumma Dirree Sheek Huseen

# Bakki Amanta kun seenaa qabeessa ta’u isaafi erga ijaaramanii waggoota dheera kan lakkofsisaniifi haali ijaarsa isaanii kan qalbii nama hawwatu β€œgamo” ykn β€œquba” kan qabu ta’u isaa.
# Bakka aadaafi amaantaa ta’udhaan waggaatti yeroo lama bakka Amanttootni kumaatamma ta’an argamaniitti mudaamii bakka itti gaggeeffamudha.
# Hawwata tuurizimii guddaa fi hambaa adunyaa ta’uf galmee yeroo uniskoo irratti galma’ee jira.
# Hawwataa tuurizimii kan ta’an Bosona fi Bineensootii bosona naannoo isaatti argamu isaa
Tumsi lafaa hamba kun irratti argamu kan nama hawwatu ta’u isaa,
# Tuuristoota amaantan waqabatee sirnoota adeemsisaman ilaalutti gamadan, akkasummas hambaalee amaanta, aadaa fi seenaa dawwataniif bakka gahumsa addaa (ideal place) dha.

https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAERmhzAaXNtNt6zlKA
Bakkee daawwatamuu qabu

Hordoftoota amantaa muusliimaa hundaaf Ramadan kariim
πŸ•ŒπŸ•‹πŸ•ŒπŸ•‹πŸ•ŒπŸ•‹πŸ•ŒπŸ•‹πŸ•ŒπŸ•‹πŸ•Œ
https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAERmhzAaXNtNt6zlKA
Daawwachuu kan barbaadu
🚘 OROMIYAA HAA DAAWWANNUπŸ”Ž

πŸ•HOLQA SOOF UMARβ›°
HOLQA SOOF UMAR

Holqi Sof-umar Finfinnee irra 540km, magaalaa Roobee irraa 110km fagaachun godina Baalee, Aanaa Daawwee Qaachan ganda Sof-Umar keessatti holqa argamudha.
Daandii aspaaltii Finfinnee hanga Roobeettii 430km kan qabu yemmu ta’u, Roobee hanga ganda sof-umaritti dandii cirraacha 110km kan qabudha.

Hawwatumma Holqa Sof-Umar

# Holqa gudda adunya Afriika keessatti argamu ta’u isaa
# Holqi kun dheerina 15.6km qabachu isaatiifi dheerina tuuristootni dawwachu danda’an 1.2km qabachuu isaa
# Holqa karaa itti seenan (entrances) 42 qabu fi lagiiwwan sagaleen isaanii nama hawwatu kan keessatti ya’aan ta’u isaa
# Aluu Adii dhakaa (limestone) fi sinbirootii halkaanii keessatti argaman kan tuuristoota hawwatan ta’uu isaa
# Holqi kun bakka seenaa Amantiin Islamaa itti gaggeeffamaa turan ta’uu isaa.

https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAERmhzAaXNtNt6zlKA
♠️β™₯️βšͺοΈπŸ’―
Bakkee daawwachuu qabdan

Holqa sof umar

Daawwadhaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAERmhzAaXNtNt6zlKA
Daawwachuu kan fedhu
Geerarsa Haacaaluu (Full Text)
βš«οΈπŸ”΄βšͺοΈβš«οΈπŸ”΄βšͺοΈβš«οΈπŸ”΄βšͺ️
@ijoolleeoromoo
Jirtuu?, Hin Dhagaahamu, hin dhagaahamu jechaa jiru warri
Ameerikaa.
Jirtuu?, Jirtuu?...
Ijoolleen Goojjam Jirtuu?
Goojjam Matakkal Jirtuu?
Ijoolleen Raayyaa Jirtuu?
Raayyaa Raayituu Jirtuu?
Ijoolleen Walloo Jirtuu?
Walloo Kamisee Jirtuu?
Ijoolleen Wallaggaa Jirtuu?
Ijoolleen Arsii Jirtuu?
Ijoolleen Booranaa Jirtuu?
Ijoolleen Tuulamaa Jirtuu?
Ayiiiiiiiiiiiiiii..
Ani Maalan godheree
Maalan gochuu dideree
Manni Keenya holqaare(Γ—)
Tabba Gubbaadha malee(Γ—2)
Oromoon Biyya Diigaaree
Biyya Ijaara Malee(Γ—2)
Ya Ijoollee Biyya kootii(Γ—2)
Hundumtuun Haadhoo Kooti(Γ—2)
Hangariin Garaa siree
Nooraan garaa dhidheessaa
An Yooman garaa hiree
An Haacaaluu Hundeessaa
Nan Joore Nan Joorekaa
Foon maddii na qoorekaa
Ya ijoollee biyya kootii(Γ—2)
Hundumtun haadhoo kooti(Γ—2)
Qamalee koo Qamalittii(Γ—2)
Yaa Ishee goongoorra utaaltu
Arbi ciinjiijjiitti dhale
Akkamiin rafnee bulla
Fuulduraan otoo eegnuu
Diinni boroodhaan gale
Akkamiin Rafnee Bulla
Nuti Jaalala jenna
Diinni Ammas nuun ciisne
Kunoo mi'eessoon galee
Rasaasaan nu waxalee
Akkamiin rafnee bulla
Diinni silaa nuun ciisne
Kunoo cinaaksan gale
Rasaasaan nu waxalee
Nurraa Dhowwi ya Lammaa
Nurraa Dhowwi ya Abiyyii
Nurraa Dhowwaa yaa biyyaa
Yookaan qeerroottan iyyaa...
Gaarri shiraan tuulame
Biiftuu Baatu Dhoksaaree
Kan Du'e Seenaatti Hafe
Kan lufe silaa lufe
Kan dhufes dhiigaan dhufe
Dhiigni qeerroo inni jige
Itiyoophiyaa jigde kaasekaa
Dhiigni qeerroo inni jige
Itiyoo_eertiraa walitti araarsekaa
Nan sobee...Nan Sobee...Nan Sobee
Nan Sobee Ijoollee Oromoo
Nan Sobee Ijoollee Biyyakoo
Galma Dhugaa Ijaaruuf
Galma Sobaa Raasekaa
Galma Dhugaas Lafeedhaan
Ni Ijaarranna Boru
Galma Dhugaas Jaalalaan
Ni Ijaarranna Boruu
Otuma Moortuun Moortuu
Ni Hora Abbaan Horuu
Otoo Addageen Moortuu
Ni Hora Abbaan Horuu
Ni Hora Abbaan Horu
Ni Hora Abbaan Horuuu.
βš«οΈπŸ”΄βšͺ️
@ijoolleeoromoo
Forwarded from Wal Pictures πŸ“· (πŸ”₯αƒͺΖ‘ΕžΕžπŸ‘‘) via @like
@oromobeauty
Send ur pic => @oroboss
Oromo queen πŸ‘‘
Forwarded from Wal Pictures πŸ“· (β‚£Δ‚Β₯Δ‚) via @like
Haadha manaa abbaa jifaar ❀️

@oromobeauty
Send ur pic => @oroboss
Forwarded from Wal Pictures πŸ“· (πŸ”₯αƒͺΖ‘ΕžΕžπŸ‘‘) via @like
Goota aadde warqituu
Ishii atse teedroos ajjeefte

@oromobeauty
Send pic with your message
Via >> @oroboss <<
Forwarded from Wal Pictures πŸ“· (πŸ”₯αƒͺΖ‘ΕžΕžπŸ‘‘ ⭐) via @like
Our hero athlete Abebe bikila
Yoo sitti tole ❀️ tuqi

Send pic via @oropicbot
@oromobeauty
2025/07/07 16:34:21
Back to Top
HTML Embed Code: