Forwarded from آلِٰـِۢمِٰـِۢحِٰـِۢجِٰـِۢة آلِٰـِۢبِٰـِۢيِٰـِۢضِٰـِۢآء آلِٰـِۢسِٰـِۢلِٰـِۢفِٰ͒ـِۢيِٰـِۢة
🔹السؤال: أحيانا أصلي وأنا منشغلة عن الصلاة في أمر من أمور الدنيا فهل أعيد صلاتي مرة أخرى؟
الجواب 👇👇
🔴السؤال: أحيانا أصلي وأنا منشغلة عن الصلاة في أمر من أمور الدنيا فهل أعيد صلاتي مرة أخرى؟
🔹الجواب: المشروع للمسلم أن يقبل على صلاته بقلبه ويتدبر ما يتلو فيها من آيات القرآن الكريم والأذكار الواجبة مع الخشوع فيها كما قال الله عز وجل: {قد أفلح المؤمنون} (1) {الذين هم في صلاتهم خاشعون} (2) ، وإذا انشغل المصلي بعارض في صلاته فإن الواجب عليه أن ينصرف عن ذلك العارض إلى صلاته ولا يضره ذلك ولا يلزمه إعادة الصلاة،
لكن يجب عليه أن يطمئن في ركوعها وسجودها وبعد الركوع وبين السجدتين حتى يرجع كل فقار إلى مكانه، مع العناية بالأذكار الشرعية والإكثار من الدعاء في السجود؛ لقول النبي صلى الله عليه وسلم «أما الركوع فعظموا فيه الرب وأما السجود فاجتهدوا في الدعاء فقمن أن يستجاب لكم » رواه مسلم في (صحيحه) معنى: (قمن) حري، وقال عليه الصلاة والسلام: «أقرب ما يكون العبد من ربه وهو ساجد فأكثروا الدعاء (4) » خرجه مسلم في (صحيحه) وقال أنس رضي الله عنه: «كان النبي صلى الله عليه وسلم: إذا رفع من الركوع اعتدل حتى يقول القائل: قد نسي، وإذا جلس بين السجدتين مكث حتى يقول القائل: قد نسي»
وبالله التوفيق، وصلى الله على نبينا محمد وآله وصحبه وسلم.
📙 اللجنة الدائمة للبحوث العلمية والإفتاء ج2 (381/5)

🎊🎄 EID MAWLID 🎄🎊
🎋 Kabjamtoota keenya Kuni Qaama barnoota keenyaa irraa osoo hin taane,
🎋 Sagantaa addaa Haala Yeroo irratti hundaa'uun isiniif qophaa'edha.
✒️ HIIKA MAWLIDAA 🖋️
MAWLIDA :- mawlidni jecha afaan arabaa ta'ee, hiikkaan isaa Guyyaa dhalootaa Kabajuu Jechuudha.
    
Yeroo Hedduu Guyyaa dhaloota NABII MUHAMMAD Kabajuu irratti dubbatama.
⚕️ SEEN-DUUBEE MAWLIDAA ⚕️
Mawlida Akka ayyaanaatti lakkaawanii kabajuun Kan inni eegale, HIJRAA rasuulaa irraa naannoo xumura jaarraa jahaffaa ykn Jalqaba jaarraa torbaffaa akka ta'edha Kan beektonni kaa'an.
Namni Jalqaba mawlida kana akka Ayyaanaatti kabajuu jalqabe mootii biyya irbil kan ta'e “ muzhaffar Abuusa'iid kuukbuurii ” kan beektonni dhugaa ba'an.
Waa'ee malidaa ilaalchisee ibn kathiir Kitaaba isaa 'AL-BIDAAYATU WA-NNIHAAYAA' Jedhamu keessatti Yoo waa'ee mooticha Abuusa'iid jedhamu kanaa dubbatu akkas jedha, « Namtichi - Abuusa'iid - Ayyaana mawlidaa Haala akkaan Ho'aa ta'een Ji'a rabii'ul Awwal keessa kabaja ture » [ mujallada : 13, fuula : 137 ]
Aalimtichi seenaa, Ibn khalkaan jedhamu, kitaaba isaa 'WAFIYYATAL A'AYAAN' keessaa, Mujallada : 3, fuula 274 irratti yeroo akkaataa isaan itti kabajan yoo ibsu, akkas jedha, « yeroo jiini safar bahu masaraan mootichaa bifa adda ta'een kabajama, Jiraattonni biyyattiis jiruuf jireenya isaanii gadi dhiisanii akka Ayyaanichaaf qophaa'an godhama... Yoo Ayyaanichaaf guyyoonni Lama Hafan Gaala, horii busaa'ee akkaan baayyee ta'an Duffii tumsiisaa, warra geerartuu sirbisiisaa fi k.k.f. dalagaa oofee Gara dirreetti baha...Gaafa guyyichi - bifa kanaan eegamaaru - gahu, maghriiba booda Sirbaan bohaara »
🎆 AKKAMITTI KABAJAMA 🎆
Akkaataan kabaja isaa bakkaa bakkatti wal-dhaba,
→ Gariin isaanii walitti dhufaniituma SEENAA rasuulaa qara'uu, khuxbaa adda addaa waliif godhu, qasiidaa ( manzuumaa ) waan kanaan wal ilaallatu walii baasu.
→ Gariin isaanii nyaatawwan mimmiaawoo tahan qopheessuun warra achirratti argame nyaachisu,
→ Isaanirra warra manattifaa qopheessutu jiraa, warri masjidatti qopheessus akkuma jiru,
→Gariin isaanii wanti Hamma jenne kun isaan gahuu didnaan, warra waan Haraama fi jibbamaa ta'e; kan akka Dhiirri fi dubartiin walitti laaqamu, weedduu sirba,fi hojiiwwan shirkiirraa lakkaawaman kanneen akka ‘ ergamaa rabbii waammachuu, nu qaqqabaa jechuunii ’ itti dabalantu jiru.
👨⚖ MURTII ISAA AKKA SHARI'AATTI
📔 Jalqaba irratti Shari'aan Islaamaa kan in

👨⚖ MURTII ISAA AKKA SHARI'AATTI👨⚖
📙 Jalqaba irratti shari'aan Islaamaa maal akka ta'e Haa ibsinu,
Shari'aan Islaamaa :- seera ittiin bulmaata ummata musliimaa ta'ee RABBII FI RASUULA ( QUR'AANA FI HADIITHA ) qofaan kan tumamuudha.🔨
Akkuma Jalqaba irratti tuquuf yaalle, mawlidni kabajamuu kan jalqabe rasuulli( s.a.w ) erga boqotanii waggaa dhibba 6 booda, Sana dura namni kabajee argame tokkolleen hin jiru, waanti ammoo booda ergamaa rabbiitii diinii keessatti haaromfame, kan isaanirra hin argamne, kan isaan itti hin ajajne, BIDA'AA jedhama.
Bida'aan diinii keessattii marti isiituu HARAAMA.
Wanti bida'aa Hasanaa , bida'aa sayyi'aa jedhamu hin jiru.
📃 RAGAA WARRI KABAJAN QABATANII FI DEEBII ISAANII 📃
→ Rasuula Jaallachuun dirqama nutis isaan Jaallachuu keenya ibsuuf, guyyaa dhaloota isaanii kabajna jedhu,
☑️ Deebiin isaa : Rasuula kabajuun waan isaan hin hojjetin haaromsuu osoo hin taane, ajaja isaanii hojiirra oolchanii, isaan jala deemanii jechuudha.
Namni ammoo Hundaa ol isaan jaallatu SAHAABOTA isaaniiti, gaafakaan Namtichi ‘ ur'waa ibn mas'uud ’ jedhamu ummata qureyshiitiin akkas jedhe, “ Ani mootota kisraa, qeysar fi kan biroo illee argeen jira, Garuu akka SAHAABONNI MUHAAMMAD muhammadiin jaallatan, mootii Hordoftoonni isaa isa jaallatu argee hin beeku. ”
Egaa sahaabonni jaalala rasuulaa qaban kanaa waliin guyyaa dhaloota isaanii hin kabajne, osoo kan ta'u ta'eetii hin dhiisanu ture.
→Mawlida kana kan kabaju addunyaa kanarraa nama hedduudha jedhu,
☑️ Rasuula irraa kan dhufe bida'aan dhorkaa tahuu isaati, Namni hedduun kabajuun bida'aa ta'uurraa isa hin baasu, Rabbiin Haala Hundaa ol ta'een QUR'AANA keessatti akkas jedhe ;-
{ وإن تطع أكثر من في الارض يضلوك عن سبيل الله } الأنعام : ١١٦.
{ Irra hedduu warraa ardiirra jiranii jala yoo deemte karaa Rabbiirraa si maqsu } al-ana'aam : 116.
Kanaafuu Namni hedduun kabajuun ragaa ta'uu hin danda'u.
→ Guyyaa Mawlidaa yaadannoo rasuulaa heddummeessina jedhu,
☑️ Rasuula yaadachuun karaa Rabbii heyyame qofaani, fknf :- Azaana keessatti, iqaamaa keessatti, khuxbaa keessatti, salaata keessatti, Kunniin kan guyyaa guyyaan, torbee torbeen deddeebi'aniidha, waan waggaatti altokkitti deebi'u eeguun hin barbaachisu,
→Mawlida kabajuu kan jalqabe, mootii guddaa Aadila, Aalima, Saaliha ta'eedha jedhu,
☑️ Bida'aan abbaa fedheen haa jalqabu Haa dhiisu, Bida'aadhuma ta'ee Hafa, Nuti waan ajajni rasuulaa irratti hin dhufne, tokko hin fudhannu, utuma eenyuunuu ta'ee.
→mawlidni bida'aa Hasanaadha jedhu,
☑️ Bida'aa Hasanaa wanti jedhamu Hin Jiru,
👉 Mee warra ni taha Jedhu Gaaffii kana gaafadhaa :- Sahaabonni Rasuulaa Lubbuu ofii caalaa isaan Jaallatu, Taabi'iyyoonnis akkasuma,
Warri kunniin warra Ergamaan Rabbii Jaarraa cacaaloo ta'uu isaanii Ragaa bahaniifidha. Eega warri kun kabajuu dhiifnaan warri booddee isaaniitii waggaa dhibba 6 booda dhufan Kabajanii, warri kun Sahaabota caalaa Rasuula Jaallataniitii?
🕵♂ BEEKTOTA MAWLIDA KABAJUU MORMAN 🕵♂
1️⃣ ibn taymiyyaa kitaaba isaa “ iqtidaa'u ssirat al-mustaqiim ” keessatti.
2️⃣ Imaamu shaaxibii kitaaba isaa “ Al-I'itisaam ” keessatti.
3️⃣ Ibn haajj kitaaba “Al-madkhal” Jedhu keessatti.
4️⃣ Sheykh Taajuddiin Aliyy ibn Umar Kitaaba of danda'e waa'ee kanarratti barreessuun.
5️⃣ Sheykh MUHAMMAD Bashiir Assahsawaanii kitaaba isaa “ siyaanatul-insaan ” keessatti.
6️⃣ Sheykh muhammad rashiid Ridaa innis kitaaba of danda'e waa'ee kanarratti barreessuun.
7️⃣ Sheykh muhammad ibn Ibraahim Aal-sheykh kitaaba of danda'e waa'ee kanarratti barreessuun.
8️⃣ Sheykh Abdul-Aziiz bin baaz FI kan biroollee hedduun isaanii.
🏅 Walumaa galatti Mawlida Khabajuun bida'aadha.
♦️ Barnoonni keenya har'aa waa'ee mawlidaa, kana fakkaata.
Hanga sagantaa biraan walitti deebinutti Nagaya Rabbii keessa naaf turaa.
👇👇👇👇👇
T.me/iqraJ
Share waliif godhaa.
والسلام عليكم ورحمة الله وبركاته.
  
Telegram
  
  jama'aa iqraa magaala Asandaaboo
  Beekumsa Ragaan guutame Kan akka fatwaa ulamootaan,da'awaa fi Odeeffannoo dhugaa ta'e akka isin biraan  gahuuf.
  Ilmi namaa  gartuu afuritti qoodama jedhan qorattoonni.  
Ati kam keessatti ramadamta?
1.Kan waa beeku, akka waa beekus kan beeku.Gareen kun garee hayyootaati jedhan. Rabbiin warra kanarraa nu haa taasisu, akkasumas warra hayyoota irraa fatyadamus nu haa taasisu!!
2.Kan waa beeku, garuu akka waa beeku hin beeku.Kunis hayyuu namaa kan of dagate waan ta'eef akka inni waa beeku itti himaa jedhan. Yeroo ammaa namoota akkanaatu baay'ate, hayyoonni biyyi qabdu ni callisu, ni qaanfatu, duubatti hafu, namnis Jara kanaaf carraa hin kennu
3.Kan waa hin beekne, akka hin beeknes kan beeku.Kuni barataadha jedhan.Inni Kuni ofduratti gartuu tokkoffaa waan bakka bu'uuf sirritti walitti fufiinsaan barachuu qaba jedhan
4.Kan waa hin beekne, akka hin beeknes ka hin beekne.Inni kuni nama baratus waa hin galleef duudaa akka "dhagaa gurraachaati "jedhan.Nama kana waliin hin jiraatinaa irraa fagaadhaa jedhanii dhaaman.
Rabbiin isaan kana nu hin taasisin
Yaa Allaah gaarii nu taasisi
@iqraJ
https://www.tg-me.com/iqraJ

Namni tawubata keessatti sadarkaa afur qaba : 
1) Isa tawubatee hanga dhuma umirii isaatti cubbuu xixiqqoo kan namni hundi irraa hafiinsa hin qabne malee, waan irraa toobate sanatti utuu hin deebi'in hafu. 'istiqaamaa' jechuun isa kana namtichi warra khayiriirratti dorgomtootarraa ta'a, tawubatni isaa nasuuh' jedhama. lubbuu 'mux'ma'innah' (tasgabbooftuu) jechuun kan akkasiiti.
2) Inni lammaffaammoo isa toobatee, hundee ibaadaarraa utuu hin socho'in yeroo yerootti cubbuun itti dhufee erga cubbuu sana hojjetee booda of komatee, gaabbee, akka itti hin deebine murteessaa taa'u. (nafsullawwaamaa) lubbuu of-komattuunimmoo kan akkasiiti.
3) Inni sadaffaammoo isa tawbatee hundee ibaadaarratti gad-dhaabachuu wajjin, cubbuu adda addaa dhiisuu waliin, yeroo tokko tokko lubbuun isaa isa mo'attee cubbuun tokko
tokko akka dalagu isa taasifti, garuu badii sanarraa akka toobatu yeroo hundaa
of baallamaa taa'a. lubbuu gaafatamtuu (nafsul mas'uulaanimmoo) kan akkasiiti.
Inni akkanaa kun sodaachisaadha, maalif yoo jedheme utuu har'a borin toobadha
jedhuu duuti itti dhufuu waan dandeesuuf.
4) Inni afraffaanimmoo: isa yeroo
tokko toobatee, yeroo tokkommoo utuu waa'ee toobataa hin yaadatin cubbuu keessa dhidhimu, akkasumas waan hojjeterratti kan hin gaabbine, kan akkanaammoo (nafsul ammaarati bissuu'i) lubbuu badiitti nama ajajju jechuudha.inni akkanaa kunis booddeen isaa sodaachisaadha.
#Tafsiira_kitaab_qulqulluu_juzi sadeen boodaa fuula 90_91
#Rabbiin qalbii mux'ma'innah kadhanna, Amiin

Amantii Islaamaa Keessatti Dubartiin Sadarkaa Guddoo Qabdi 🧕
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
✅Dubartiin takka eega dhalattee booda haadhaa fii Abbaan isii yoo guddisaa bareedduu isii guddisan sababa isiitiin Jannata seenan !!
✅Dubartiin yeroo heerumtee haadha manaa taatu Abbaa manaa isiitiif Walakkaa iimaanaa guutti !!
✅Akkasuma isiinis Yoo Ajaja Abbaa mana Isii gootee Abbaa manaa gammachiifte jannata Argatti !!
✅Yeroo ilmoo deessee haadha taates ilmaan isiitiif jannanni rabbii miila isii jala jira !!
✅Jannata seenuun Dubartiif Hedduu salphaa dha Ergamaan Rabbii ﷺ hadiisa Sahiiha keessatti Akkana jadhan "Dubartiin yoo salaata shanan salaattee soomana Ji'a ramadaanaa Soomantee Qaama ofii haraamirraa Tifattee Qaalii (Ajaja) Abbaa mana isii goote Hulaa jannataa Saddeettan keessaa tan barbaaddeen Jannata seenti !!
Subahaan Allah yaa nuuf laafisii warra hulaan Jannata banamtuuf irra nu taasisii yaa Allah 🤲
`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯

Forwarded from B R
Diiggaa Masjidaafi Tuffii Ummata Muslimaa,
Xalayaa Majlisni federaalaa Muummee Ministeeraatiif barreesse
****
Erga magaalaan Shaggar ijaaramee jalqabee Masjiidonni baay'een diigamaa jiraachuu walumaan quba qabna. Majlisni kallattii caasaa mootummaatiin furmaata argachuuf yaalii godhaa ture.
Kantiibaa magaalaa Shaggariifi hoggantoota magaalichaa hunda marsaa hedduu dubbiseera. Gara isaaniitiinis furmaanni dhabamnaan mootummaa naannoo Oromiyaa xalayaafi qaamaan dubbisuun eegalame. Qaamni dhimmi ilaallatu hundi dubbifamee jira jechuun ni danda'ama. Hoggantoota naannoo Oromiyaa olaanoo argachuun ulfaataa ture; haa ta'u baay'een isaanii dubbifamaniiru. Gariin baallamanii ka'anii baallama irraa baduus eegalanii jiru. Garuu diiggaa masjidaa immoo itti fufan. Majlisni Oromiyaa kanarraa ka'ee federaalatti dabarse. Majlisni federaalaas mootummaa naannoo Oromiyaa dubbisee dadhabee amma xalayaa MM Dr Abiyyi Ahmad Aliitiif barreessu irra ga'ee jira.
Amma sadarkaa nama masjida kiyya jedhee falmate reebuufi miidhaa suukanneessaa itti dhaqqabsiisu irra ga'ee jira. Qaamni mootummaa keessa taa'ee akkanatti tuffii ummata Muslimaa agarsiisu yoomuma seeraaf dhihaata? Moo kaayyoma mootummaatu masjida diiguudha.
Tarkaanfiin itti aanu kan Majlisa irraa eegamu maal ta'aa yaaddu?
Hoggantoonni Muslimaa bebbeekamoon majlisa malee jiran hoo maal hojjachaa jiru?
Ummata Muslimaa irraa hoo maaltu eegama?
@iqraJ @iqraJ
T.me/iqraJ
  
  Xalayaa Majlisni federaalaa Muummee Ministeeraatiif barreesse
****
Erga magaalaan Shaggar ijaaramee jalqabee Masjiidonni baay'een diigamaa jiraachuu walumaan quba qabna. Majlisni kallattii caasaa mootummaatiin furmaata argachuuf yaalii godhaa ture.
Kantiibaa magaalaa Shaggariifi hoggantoota magaalichaa hunda marsaa hedduu dubbiseera. Gara isaaniitiinis furmaanni dhabamnaan mootummaa naannoo Oromiyaa xalayaafi qaamaan dubbisuun eegalame. Qaamni dhimmi ilaallatu hundi dubbifamee jira jechuun ni danda'ama. Hoggantoota naannoo Oromiyaa olaanoo argachuun ulfaataa ture; haa ta'u baay'een isaanii dubbifamaniiru. Gariin baallamanii ka'anii baallama irraa baduus eegalanii jiru. Garuu diiggaa masjidaa immoo itti fufan. Majlisni Oromiyaa kanarraa ka'ee federaalatti dabarse. Majlisni federaalaas mootummaa naannoo Oromiyaa dubbisee dadhabee amma xalayaa MM Dr Abiyyi Ahmad Aliitiif barreessu irra ga'ee jira.
Amma sadarkaa nama masjida kiyya jedhee falmate reebuufi miidhaa suukanneessaa itti dhaqqabsiisu irra ga'ee jira. Qaamni mootummaa keessa taa'ee akkanatti tuffii ummata Muslimaa agarsiisu yoomuma seeraaf dhihaata? Moo kaayyoma mootummaatu masjida diiguudha.
Tarkaanfiin itti aanu kan Majlisa irraa eegamu maal ta'aa yaaddu?
Hoggantoonni Muslimaa bebbeekamoon majlisa malee jiran hoo maal hojjachaa jiru?
Ummata Muslimaa irraa hoo maaltu eegama?
@iqraJ @iqraJ
T.me/iqraJ
Telegram
  
  jama'aa iqraa magaala Asandaaboo
  Beekumsa Ragaan guutame Kan akka fatwaa ulamootaan,da'awaa fi Odeeffannoo dhugaa ta'e akka isin biraan  gahuuf.
  Ibsa ejjannoo abbaa qabxii 11gumii dhimmoota Islaamummaa Fedeeralaa irraa. 
🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵
Nuti miseensonni yaa'ii waliigalaa, mana maree ulamaa'ii fi miseensonni mana maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoolee Caamsaa 19/2015 mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatiin waamamnee dhimmoota waaktawaa ummata Muslimaa irratti marii gooneen ibsa ejjannoo kanaa gadii baafneerra.
1. Adeemsa diiggaa masjiida magaalaa Shaggaritti taasifamaa jiru ilaalchisee guyyaa kaleessaa muslimoota magaalaa Finfinnee naannawaa masjiida Anwaariifi Nuuritti diiggaa masjiida kana balaaleeffatan irratti haleellaa raawwatameen muslimoota qulqulluu lubbuub darbaniif Allahaan shahiidummaan (wareegamummaadhaan) akka isaan simatu, maatii, firaafi aantee isaaniitiif Rabbi jajjabina akka kennu gaafanna. Kanneen miidhaan irra ga’es Rabbi akka dafee fayyisu kadhanna.
2. Gareen walabaa taatee kaleessa magaalaa Finfinnee masjiida Anwaariifi Nuuritti mudate akkamiin akka mudateefi sababa ka'umsa du'aafi miidhaa qaqqabee bakka mootummaafi mmani maree islaamummaa jirutti qoratu akka iijaaramu gaafanna.
3. Naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti diiggaan masjiidaa jumlaadhaan bifa Islaamaafi muslima tuffateen gaggeeffamaa jiru hariitiin akka dhaabbatu, akkasumas lafa bakka masjiidota diigamanii bu'u mootummaan naannichaa kennuun hariitiin dafanii akka ijaaraman gochuun hawaasa Muslimaas dhiifama gaafachuun akka kiisu hubachiifna.
4. Mootummaan naannoo Oromiyaattis ta'u naannolee biroo biyya keenyaatti bakkoota amantiitiif kabajniifi eegumsi malu akka kennamu ykn godhamu, akkasumas masjiidota kaartaa dhowwachuufi ta’e jedhanii rakkoolee birokraasii baay'isuun kanneen hawaasa hiraarsaniif mootummaan xiyyeeffannaa malu kennuun rakkina kana akka furu ni hubachiifna.
5. Bilisummaa amantaa heera mootummaatiin beekamtiin kennameef faallessuun kutaalee biyyattii garaa garaatti keessumaa godina Guraagee Gunchireetti gochi barattoota muslimaa addatti barnoota irraa hari'uu hatattamaan fala akka argatu. Rakkoowwan walfakkaatoon bu'uura irraa furuuf mootummaan akka heera rakkoowwan jibba islaamaatiin muslimoota irra ga'u haambisuufi qaamolee sarbama mirga amantaa raawwatan adabu akka.baasu gaafanna.
6. Ummanni muslimaa dhaabbata bakka isa bu'u mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa cinaa dhaabbachuun tattaaffiin mirgoota amantii kabachiisuuf taasifamu karaa seera qabeessaafi nagaa ta'een qofa akka ta'u waamicha goona.
7. Kabaja amantaa inumaayyuu ammoo mana Rabbii kan ta'e masjiida salphisuun waan baay'ee keessa namaa hubuu inumaa miira keessa nama galchu ta'uu qaamoleen nageenyaa hubachuun hawaasatti dhukaasuu irraa akka of qusatan hubachiifna.
8. Hawaasni Muslimaa gaaffii mirgaa isaa kabachiifachuuf dhaabbata isaa majlisa cinaa dhaabbachuun qabsoo seera qabeessa gaggeessu shira qaamolee dhimma isaaniitiif ityi fayyadamaniifi akka madda babal'ina rakkootti itti fayyadamanii irra akka of eeggatu waamicha taasifna.
9. Gaaffii mirgaa hawaasa muslimaa kan kabachiifnu tokkummaafi waldhaga'uun waan ta'eef hawaasni muslimaa milkaa’ina adeemsa kanaatif masjlisa sadarkaa sadarkaan jiran waliin akka dhaabbatu waamicha goona.
10. Mootummaan qaamolee jibba Islaamaa qabaniifi caasalee mootummaa garaa garaa keessa jiran calaluun qaamolee mootummaafi ummata walitti busuufi biyya keenya gaaga'ama badaa keessa galchuuf hojjataa jiran sakatta’ee ejjannoo fudhachuun caaseffama isaa akka qulqulleessu waamicha goona.
11. Adeemsa marii biyya keenyaa keessatti hawaasa muslimaa baay'inaan hirmaachisuun rakkoowwan, gaaffiiwwaniifi ajandaalee hawaasa muslimaa barootaaf harkifamaa dhufan kaasuun biyya lammiilee Itiyoophiyaa hunda walqixxummaafi haqqummaan keessummessitu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti gahee keenya akka ba'annuuf waamicha goona.
Caamsaa 19/2015
Finfinnee.
@iqraJ post @iqraJ

  Masjidoota keenya Hangam Takka Quba Qabna ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Masjida quba qabaachuun Gaafa inni diigame hiriira bahanii falmuu qofa Osoo hin taane, Masjida ofii ibaadaan quba qabaachuudha.
Masjida ofii ibaadaan quba qabaachuu jechuun ; dheeyxee itti Salaatuu,Ibaadaa keessatti godhuu, Barumsa keessatti barachuu fii hawaasummaa keenya keessatti cimsuudha.
Salaatni Nuti Masjidatti salaannu, salaata manatti salaannu irra ajrii guddoo qaba.
Mee erga Masjida hin dhaqin hangam takka? Masjida kee toohachaa jirtaa ? dheeyxee itti salaataa jirtaa? Qabeenyaa fii humna teetiin Masjida bira dhaabbachaa jirta moo ? Mee gaafiilee Tana if gaafannee deebisaa ofumaaf Haa deebisnu.
Torban Guyyaa gaaddisa Rabbii malee gaaddisni biraa hin jirre San Rabbiin isaaniif gaaddiseessu keessaa tokko Nama qalbiin isaa Masjida wajjiin walitti hidhaati.
kanaafuu Guyyaa Qiyaamaa gaaddisa arshii Rahmaan jala taa’uu Yoo Barbaadde Qalbii tee Masjida waliin Walitti hidhi.
Rabbiin Warra Amma Amma maajidatti daddeebi’u nu Haa Taasisu.
Galatoomaa
@Kennaapost @Kennaapost

JIINI ZUL-HIJJAA HALKAN ARRAA KANA MULLATEE JIRA
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Biyya Saudi Arabia tti 🇸🇦 Halkan Arraa Kana jiini baatii Zulhijjaa waan mullatee jiruuf, Isniinni Boruu zulhijjaa 1 tokko Taha.
June 27/2023 Salaasaa ykn Kibxata Guyyaa Arafaa Kan Soomannuu fii Guyyaa Hujjaajni Dirree Arafaa dhaabbatu.
June 28/2023 Arbiaa Guyyaa iida Arafaati.
Namni Kurnan Zul-Hijjaa soomanuu Barbaadu Isiniina Boruu kanarraa eegalee soomanuu dandaha.
Baga Rabbiin Guyyaa kurnan Sadarkaa guddoo Qabu kanaa fii Ji’a kabajamaa Kanaan Isin Gahe.
Barreeffama Kana dubbisaa Share Waliif Godhaa.
By: Dr. Ibsaa Dhugaa
@Kennaapost

ilmi Namaa Guyyatti Waa 3 Osoo Hin Mokkoramin Hin oolu
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
TOKKOFFAAN
Guyyatti umriin isaa nihir'ata garuu namichi umriin isaa hir'achuun kun isa hin yaachisu hin yaadatus. qabeenyi isaa yoo hir'ate ni rifata garuu qabeenyi ni argama kan deebi'ee hin argamne umriidha.
LAMMAFFAAN
Ilmi namaa guyyatti osoo waa hin nyaatin hin oolu garuu yoo halaal tahees haraam tahees irraa gaafatamuu hin oolu yoo haraam tahe ni adabama namni garuu nyaachuu malee kana hin yaadatu.
SADAFFAAN
Ilmi namaa guyya guyyaan addunyaarraa fagaachaa aakiraatti dhihaachaa oolee bula sokondiin hirrattus Umrii isaa irraa hirratti kan deemutti jiru jannata rabbii tahee jahannama dhuma hin qabne tahee hin beeku garuu kun isa hin yaachisu kana hin yaadatu
Mee sirriitti dubbisi
Yoo kubbaa miilaa laaluu taate daqiiqaa 60 rakkoon qabu. yoo filmii laaluu taate daqiiqaa 250 rakkoon qabu. yoo facebook goroggoruu taate sa'atii 24 rakkoon qabu. yoo barreeffama waatsaappii taate 60 ol dubbisuu dandaha garuu salaati daqiiqaa 5 baayyee itti ulfaatti.
obboleeyyan Ergamaan Rabbii (S.A.W) akki jedhan ((dhagahaa meeshaan rabbii jabduudha (x3) dha dhagahaa meeshaan rabbii jannata)) jedhan yaa obboleeyyan jahannamni dhuman qabu jahannama keessatti du'uun hin jiru
Yaa obboleeyyan jannanni dhuma hin qabu jannata keessatti du'uun hin jiru kanaafuu mee ibaadaatti jabaadhaa.
Yaa obboleeyyan kiyya Facebook keessaa hiriyaa 300 olqabaachuu dandeessa.
Whatsapp keessaa hiriyaa 80 ol qabaachuu dandeessa
Ganda keessaa Hiriyaa 50 ol qabaachuu dandeessa
Hiriyaan guyyaan rakkoo kana keessaa 1 ykn 2
Gaafa duute warra kee qofaadha
Guyyaa qabrii seente qofaa keeti
Eega du'anii ka'anii du’uun lammata hin jiru
Sittin fagaatin har'a abalu du'ee dhageessa maal tahe?? makiinaatu dhawe abalus du'e Maal tahe ni dhukkubsate
Atis boru kee sanuma
Salaata kee malee wanni sifaayyadu hin jiru
qur'aanni kee maalif awwaarawa ?
namni guyyaa sadi rakkoo malee qur'aan qara'uu dhiise qur'aanitti oode jedhama yaa obboleessa obboleettii akkuma abalufaan du'an guyyaan kiyyaa fii keetis dhufaa jira biyya deebiin hin jirre Ganaa deemna kanaafuu qophaawaa
Yaa nama ani xiqqaadhaa suutan towbadha jettu beeki
Qabriin nama guddaa qofaafi jechuun irratti hin barreeffamne.
DUNIYAAN SADIHUMMA.
1.KALEESSA jiraannee dabarre hin deebi'u.
2.HAR'A ni darbaa hin turuu.
3.BORU itti gahuu keenya hin beeknu.
Anis atis isaanis karaa jirra deemutti jirra gara du'aatti.... towbadhaa towbadhaa
Kanaafuu dhiifama namaa godhi rabbii kee
dhiifama kadhu towbadhu salaata jabeeffadhu
Eegaa obbolleeyyan yeroo dubbiftanii raawattan.
Share Like godhaa darbaa.

  Forwarded from Fataawaa NuuralHudaa (𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?)
236: Dubartiin eega hiikamtee booda herumuuf hangam turutu isii irra jira?
Gaafii: Intalti yoo uf hiikte; abbaan manaa hiikuu didee jeennaan ka uf hiiktu yoo taate, yoom heerumuun isiidhaa isiidhaaf malaa?
Deebisaa: Dubartiin takka yoo hiikkaa tartiibaatiin hiikamte Rabbiin akkuma qur’aanaan dubbatetti dhiiga sadi argiteeti irraa qulqullooftee kaatee iddaa isii fixattee heerumti. Yoo abbaan manaa irraa du’e ji’a afuriif guyyaa 10 teessee gufufa fixattee heerumti. Hikmaan Rabbiin waan kana dubbateef akka garaa keessa waa jiraniif haqqiin nama kanaa nama birootti akka hin dabarreef haga isiin gargar baatuuf haga ulfi beekamuuf yoo ka jiraatu taate saniif Rabbiin akkas godhe.
✅Sheik Alii Jimmaa🎵