Telegram Web Link
Namoonni namoota duʼan dafanii akkamitti akka dagatan utuu beekta taʼee, namoota dinqisiifachuuf jiraachuu ni dhiista.

—Christopher Walken
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Wantoota mallaqni bituu hin Dandeenye kutaa 1ffaa .

1"Jaalala (Love)
2:Nageenya (Peace)
3:Yeroo (Time)
4:Dhugaa (True )
5:Dandeeytii (Talent )
6:Fayyaa (Health)
7:Amala (Maner)
8:Hiriyyaa Dhugaa (True friend)
9:Beekkumsa (Knowledge)
10:Bilisummaa (Freedom )

@JECHOOTAHAYYOOTA
JOIN AND SHARE 👆👆👆👆
#JECHA_HAYYOOTAA 😍

1;Biyyi kan barbaaddu harka hin xuroofneefii sammuu qulqulluudha! ✍️

2; Dhiifama taasisuun amala nama cimaati dhiifama godhuu dhabuun amala nama dadhabooti!✍️

3; Hundeen beekkumsaa dubbisuudha namni hin dubbisne waan dubbatu dhaba! ✍️
4; Jechi hin Danda'amu jedhu kan argamu kuusaa goowwootaa keessatti! ✍️

5: Meeshaan cimaan addunyaa ittiin jijjiiran barnoota!✍️

6; Namni abdiin jiraatu akkuma soomaa jirutti du'a! ✍️


@JECHOOTAHAYYOOTA
#Share waliif godhaa Galatoomaa!!!🙏
#Makamaastoota

"Goowwaan boolla itti baqate mana se'a !

"Galgalli harree kan Waraabeessaati!

"Gafaa humna qaban sagaleen lolanii gaafa humna dhaban sagalee tolaanii !

@Jechootahayyoota
4more join us 👆👆👆👆👆
Rakkinnii fi sodaan har'a qabdu waan haaraa kalaquuf karaa siif bana ta'a. Mudhii kee hidhadhuu jireenya itti fufi! Boru har'a irra ni wayya jechuudhaanis mul'ata kee guddisi! Fageessii yaadi!

🌐  @Jechootahayyoota
Yaada kee namatti hin himiin.  Yeroo baayyee yaada sana keessatti waan gaarii arguu kan dandeessu si qofa.  Namoota birootti yoo himte immoo sitti kolfuu fi ofitti amanamummaa kee ajjeesuu dandaʼu.  Akkasumas yaada sana keessa waan gaarii illee yoo argan hatuu danda’u.  Yoo share gochuu qabda ta'e, osoo hin godhin dura copyright si jalaa godhu.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Namoota baay'ee callisan dhaggeeffadhaa.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Aangoo qabaachuu jechuun hiyyeessa arrabsuu dandeessa jechuu miti.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Jireenya keessatti wanti ati dhuguma barbaaddu yoomiyyuu salphaatti hin dhufu.

   ━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Callisuun kee filannoo keedha malee sagaleen kee maal jechuu akka danda’u waan sodaatteef akka hin taane mirkaneessi.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
YEROO TOKKO NI MOO'ATTA.
YEROO TOKKO Ni BARATTA.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Yeroo jaalalati dhugaa taatetti, dogoggorri miira khee jirjiiruu hin dandahu Sammuun 🧠 aaruu malti Garuu Onneen🫀 yeroo hunda dhiifama gootee jaalatti!.❤️‍🩹🖇



@Jechootahayyoota
Akka carraa tahee Abaaboon Waan xurii/qushaasha irraa biqiluu dandaha, Rakkoo boodaan ballinni akka dhufuuf taa'u nu barsiisuuf jacha!.🥀🖤🖇


@Jechootahayyoota
Baga Geessan!❤️

Eid Al Faxir guyyaa boruu Sanbata Guddaa Ni Kabajama.

Id Al-Fixrii kan bara 1446 ALH/2025 guyyaa boruu ni kabajama.

Maatii Channel keenyaa kanneen Hordoftoota amantaa Islaamaa hundaan baga Ayyaana Iid Alfaxir kan bara 1446ffaa nagaan isin gahe jechaa ayyaanni kun kan Nagaa,kan Jaalalaa fi kan Barakaa akka isiniif tahu hawwina!


Isin Jaallanna! Ayyaana Gaarii!

EID MUBAARAK!!!

@jechootahayyoota   
 @jechootahayyoota
Namni tokko yoo deeme kha biraa ni dhufa dhugaadha Garuu namni hundi bakka namaa bu'u. Nama tokko tokkoo jira namni kumnilleen osoo wali qabame bakka bu'u kha dandahamne!.❤️🖇


@jechootahayyoota
Milkaa'ina namatti gammaduu gaafa eegalte, milkaa'inni khee dhihaatee jachuudha!.🖤🖇


@jechootahayyoota
JECHOOTA HAYYOOTA
Photo
#Physics Barachuun Amma ture maal godhu🫣❤️
Dargaggeesi yeroo sadi yuunivarsiitiirraa ari’amee daandiirra jiraachaa ture, seenaa hojjate.

Daani’eel Shaambal jedhama. Magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate.

Yeroo barnoota sad.1ffaa barachaa turetti barataa dhibaa’aa, qabxii gadi aanaa galmeessu (poor performance) ture.

Akka carraa ta’ee yeroo ‘ministirii’ fudhatan mucaa cimaa tokko bira taa’ee qabxii 96 fide.

Abbaan isaa immoo mana barumsichaatti wardiyyaadha. Isatu dursee qabxii mucaa isaa sana arge. Hedduu itti gammade. Maatiin isaas sireerraa bu’aniifi ofii lafa bulaa, isa immoo sireerraa bulchuu eegalan. Ulfina uffachiisan. Miseensonni maatii hundi mataarratti baatan.

Mucichis achirraa eegalee ilaalcha barnootaaf qabu jijjiirate. Yeroo kutaa 9ffaa seenu qo’annaa isaatti gadi jedhe. Haaluma kanaan, barattoota waliin baratan keessaa sad. 3ffaa bahuun tarree barattoota ciccimoo hiriire. Qorumsa kutaa 12ffaa immoo qabxii 515 fidee Yuunivarsiitii Finfinnee seene.

Osoo gara Finfinnee hindhufin dura, Daani’eel maatii irraa fagaatee hinbeeku. Mucaa manaati. Amantii isaattis cimaa ture. Kanarraa kan ka’e, mucaa maatiifi ollaan abdii guddaa irraa qaban ture.

Ta’us, Daani’eel erga Yuunivarsiitii Finfinnee seeneen booda addunyaa biraa keessa gale. Garba araadawwan adda addaa keessa seenee. Barataa ta’uu isaa irraanfatee jimaa qama’uu, sigaaraa aarsuu, akkasumas shiishaa harkisuu hojii idilee isaa godhate.

Kanarraa kan ka’e, waan qabxii gadi aanaa galmeesseef waggaa 2ffaa semisteera 1ffaa irratti yuunivarsiiticharraa ari’ame.

Giddumatti immoo biyyi Hindii beeksisa carraa barnoota biyya alaa (scholarship) baaste. Innis beeksisicha argee dorgome. Garuu, afgaaffii osoo hinqoramin waan jala darbeef milkaa’uu hindandeenye.

Gara maatii galees, “Biyyi Hindii carraa barnootaa baastee turte. Anis barnoota koo isa Yuunivarsiitii Finfinnee ‘withdrawal’ guutee isa sana immoo dorgomaa ture. Garuu, loogiin na hanbisan. Kanaaf, bara dhufu irra deebiin barachuun dirqama natti ta’a” jedheen.

Yeroo kana maatiin isaa hedduu gaddan. Gaddanis hindhiisne. Waan qaban gurguranii carraa barnootaa biyya Chaaynaatti argate tokko akka baratuuf ala ergan.

Daani’eel asii fulla’ee Chaaynaan bahe. Achittis barnoota cinamatti dhiisee akkuma baratame garba araadota adda addaa daakuu itti fufe.

Gara biraatiin immoo, appilikeeshinii
‘Wuchat’ jedhamurratti hojii daldalaa eegaluun galii maddisiifachuu eegale. Takka turees ‘doormii’ yuunivarsiitichaa keessaa bahuun kophaa mana kireeffatee jireenya qananii jiraachuu eegale.

Sababa barnootatti xiyyeeffachuu dhabeef ammas yeroo 2ffaaf yuunivarsiitii biyya Chaaynaa irraa ari’ame.

Sana booda, guyyaa tokko osoo ashiishii dhugu qabame achuma Chaaynaatti guyyoota kudhan erga hidhameen booda gara biyyaatti galfame (deported).

Ammas yeroo 2ffaaf biyyuma Chaaynaa Magaalaa biratti barachuuf apply godhe. Milkaa’uunis garas imale.

Yeroo kana, araada wanta jedhamu tokkos keessa galuu akka hinqabne waadaa ofiif gale. Ta’us, guyyaa jalqaba doormii yuunivarsiitichaa seenee eegalee osomaa dhuguu waggaa tokkoof osoo daree hinseeniin hafe. Ajaa’iba!

Ammas yeroo 3ffaaf yuunivarsiii irraa ari’amuun darsa isaa guurratee fuulan Itoophiyaa ilaale.

Erga biyya gales maatii isaa dhokatee Finfinneetti daandiirra jiraachuu eegale. Takkaa turees, “Hiriyyoota kootu asitti na arguu mala” jedhee jireenya daandiirraa Finfinnee gara Bishooftuutti jijjiirate.

Bishooftuutti dhaqnaanis jireenyi itti ulfaate. Guyyoota lamaaf agabuu oole. Nilaaffate. “Yoo du’es Finfinneetti du’uu naaf wayya” jechuun ijoollee buufata konkolaataa keessa hojjatan qarshii geejjibaa kadhatee baasiin imala isaa gara Finfinneetti taasise.

Jireenyi isaa guyyaa kanarraa ka’ee jijjiirame. Baasii keessatti intala Bishooftuu deddeebitee Finfinneetti hojii miidhaginaa (decoration) hojjattu takka bira taa’e. Osomaa imalaa jiranuu sagalee guyyaa lama nyaatafi dhugaatii malee oolte, sagalee laaftuu takkaan “Biyyi teessan nibareeddi!” jedheen.
Isheenis itti seeqatte. Biyya isaa gaafatte. Innis biyyaa isaafi waan keessa jirus itti hime. Biyya Chaaynaatti barachaa akka tureefi ari’amuun biyyatti galuu, erga biyya gales daandiirra jiraachaa kan jiru ta’uu gurra buuse.

Intalattiin garmalee gaddite. Fuutee manattiin galte. Osoo akkasiin jiranuu jaalala eegalan. Rakkoo heddus waliin siphatan.

Osoo kun kanaan jiruu ijoollee naannoo isaa jiran, barattoota kutaa 8ffaa walitti qabee bilisumaan barnoota Fiiziksii qo’achiisuu eegale. Ijoolleen garmalee jaalatte. Dandeettiin isaa garmalee isaan raaje.

Akka carraa barsiisaan Fiiziksii mana barumsa ijoollee sanaa hojii gadi dhiisee barattoonni barnooticha malee taa’aa turan. Achumaan mucaan jabaan akkasii nijira jedhanii hooggantoota mana barumsichaatti himan.

Manni barumsichaas bilbileefi waame. Garuu, Daani’eel barnoota Fiiziksii danda’a malee ogummaa barsiisummaatiin leenji’ee dokmantii hinqabu. Kanaaf, yoo isaan ragaa barnootaa gaafatan dhiyeeffachuu hindandeenye. Gara manaatti deebi’e.

Manni barumsichaa guyyaa borumtaa bilbilaniifii hanga barsiisaan Fiiziksii qacaramuufii barattoota fuuldura dhaabbatee akka too’atu itti himan. Kanaanis, guyyaatti qarshii shantama akka kafalaniif himaniif.

Baay’ee gammade. Tole jedhees hojii eegale. Akka ijoolleen hinjeeqne too’achuu malee kitaabarraa barsiisuun waan isaaf hin eeyyaminiif gaafa guyyaa jalqabaa ‘Boqonnaa O’ jedhee gabatee gurracharratti barreessee maalummaa barnoota Fiiziksiifi xiyyeeffannoo barnootichaa barattootaaf ibse. Guyyaa sana akka ajaa’ibaatti barsiise. Barattoonni hundi irraa gammadan.

Ittuma fufee barsiisuu eegale. Hooggantoonni mana barumsichaas odeeffannoo kana nidhagahan. Dandeettii isaatiin hedduu raajaman. Mindaa isaas dabalaniifi kuma sadiif dhibba shanirraa kuma sagal galchaniif. Isa dura kutaa 8ffaa seenu hanga kutaa 12ffaas seenee akka barsiisu taasifame. Haala kanaan mana barnootichaa keessatti barsiisaa adda duree ta’e. Ajab!

Takka turee yaadni tokko dhufeef. Mana barnootichaa gadi dhiisuun kophaatti mana barumsa dhuunfaa isaa kan barattoota keessatti qo’achiisu hundeessuu. Achumaan mana barumsaa barattoonni bkeessatti qo’atan kan maqaan isaa Sed of My School jedhamu hundeessuun hojii eegale. Bara 2016 barattoota 45 inni qo’achiise keessaa 42 qabxii guddaa fiduun Yuunivarsiitii Finfinneefi Adaamaa seeneen. Barattoonni 3 immoo qabxii ‘remedial’ argachuun irra deebiin qoramanii amma Yuunivarsiitii keessatti barachaa jiru.

Nama kanatu gidduu kana viidiyoon isaa kan yeroo inni waa’ee #enersia barsiisuu #tiktok irratti gadi dhiifame mul’achuun ijoo miidiyaa hawaasaa ta’ee, namni gariin barsiisaa Fiiziksii isaa kan duraanii akka abaaru, gariin immoo osoo guyyuma tokkos taatu barsiisaa kanaan baradhee, kanneen hafanis irraa deebiin Fiiziksii nama kanarraa barannuu laata akka jedhan isaan taasise!

Seenaa nama kanaa irraa barnoota kumaatamtu baratama.

Isin maal fa’atu irraa baratama jettu?

Dita Husein Abdurehim tu barreesse. ✍️ @JECHOOTAHAYYOOTA
...Araddaan kaleessa
loon irra yaafannu,
Man-duubeen jabbilee
itti bobbaafannu;
Dirree dhiigaa ta'e;

Ilmi biyyaaf jennee
egereef abdannu,
Koodeen kiyya jennee
nuti ittiin kakannu,
Diinaaf kooluu ta'ee
golaa nutti ba'ee... @JECHOOTAHAYYOOTA
2025/06/28 20:40:40
Back to Top
HTML Embed Code: