Telegram Web Link
...Araddaan kaleessa
loon irra yaafannu,
Man-duubeen jabbilee
itti bobbaafannu;
Dirree dhiigaa ta'e;

Ilmi biyyaaf jennee
egereef abdannu,
Koodeen kiyya jennee
nuti ittiin kakannu,
Diinaaf kooluu ta'ee
golaa nutti ba'ee... @JECHOOTAHAYYOOTA
JECHOOTA HAYYOOTA
Photo
DHUKKUBA ONNEE
Addunyaa kanarraa lubbuu namaa galaafachuun dhukkubni sadarkaa 1ffaa irra jiru isa kamii? Deebiinsaa dhukkuba onneeti.

Dhukkuba onnee kana rabbi nurraa haa qabu jechaa, akka namaatti ofirraa ittisuuf maal gochuuyu nurraa eegamaa?

1. Sochii qaamaa keessumaa "push up" hojjachuun qoricha kamuu caalaa dhukkuba kana namarraa ittisuu danda'a. Namoonni biiroo keessa taa'aa oolan, kan konkolaataa keessa taa'aa oolan, fi kkf ofdagachuu hin qaban. Namoonni guyyaa tokkotti push up 40 (afurtama) hojjetu ykn torbanitti daqiiqaa 150 spchii qaamaarratti dabarsu carraan dhukkuba onnee kanaan qabamuu isaa baay'ee gadi bu'aadha.

2. Ulfaatina qaamaa keenya garmalee akka ol hin kaane ittisuu, garmalee furdachuun dhukkuba onnee qofa osoo hin taane kanneen biroofis nama saaxila.

3. Sigaaraa ykn tamboo xuuxuu/aarsuu dhiisuu fi naannoo namoota aarsaniitti yeroo baay'ee dabarsuu dhiisuu.

4. Nyaata onnee keenya miidhan irraa fagaachuu. Kunis nyaata nuti yaannu kuduraaf muduraatti baay'achuu qaba. Nyaata cooma, ashaboo fi sukkaaraan hedduummate irraa ammoo of fageessuu dha.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa @JECHOOTAHAYYOOTA
Jabaadhuu hojjedhu, hiyyeessa gaafa taatu nagaan ati nama gaafattu illee kadhaa fakkaata waan ta'eef.

@jechootahayyoota
Kakuu baay’ee-
Abdii meeqa utuu qabduu
Eegdee eegdee yoo dadhabduu…
“Hin abdadhu” jettee diddaa?
Abdii kutteemmoo maal fiddaa?
Eelaan garaa - bowwuun mataa
Abdii kutnaan siif salphataa?
Yoos hiibboon kee hiika argataa?

Kana beeki-
Hagam turus karaan haqaa
Bakka abdatan namaan dhaqa…
Si dhukkubus imimmaan kee coccobsitee
Rakkoo har’aa ciniinnattee yoo obsite,
Ni argita-
Bara aduun siifis baatu
Fagaatullee-
Kakuu kan kee ormi hin nyaatu!

Via:- Leta Kenei Aaga.

Join 👇👇👇👑❤️
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
Gaazexeessituttiin Sooressicha gaaffiif deebii waliin gochaa jirti.... Icciitiin milkaa'ina keetii maali? Sooressicha, cheekii duwwaa gaazexeessituttiitti kennee qarshii hamma barbaadde itti barreeffadhu ittiin jedhe! Gaazexeessituttiin, cheekii duwwaa itti deebistee " Lakki ani waan akkasii barbaade osoo hin taane, Icciitii milkaa'ina kee si gaafachuu barbaadeeti" jette. Sooressichi ammas cheekii duwwaa itti deebisee, "Qarshii hamma feete itti barreeffadhu" jedhe. Gaazexeessituttiin lakki hin barbaadu jette.
Sooressichi cheekicha itti agarsiisee, "Icciitiin milkaa'ina koo carraa amma si qunnamee ture akka kee of dabarsuu dhiisuu kooti. Icciitiin milkaa'ina koo carraa na mudatu hundumaa fayyadameeti, amma ati carraa si quunnametti fayyadamte otuu taatee gaazexeessituu soorettii addunyaa keenyaa taata turte. Akka amma ani carraa lama siif kenne addunyaan carraa yeroo lama siif hin kennitu.Carraa sii quunname tokkotti fayyadamuun icciitii milkaa'inaati" jedhe.

Argitee? Carraan yoo itti fayyadamte daqiiqaa muraasa keessatti si jijjiiruu akka dandeessu. Garuu, itti hin fayyadamtu yoo taate faallaa kanaati. Carraa si qun
unnamu yeroofi bakka argattetti fayyadamiin dhaamsa kiyya. Madda: BaalaTsaggooch Andebet 2!. Afaan Amaaraa irraan gara Afaan Oromootti jijjiire.

© Ifaa G Galataatiin
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
SHARE🔥JOIN🔥
#Gammachuu_Jechuun_Kolfuudha_Malee_Kofalchiisuu_Miti

Adeemsa jireenyaa keessatti wanti hundumaa caalaatti barbaachisaa ta'e gammachuu hawwuudha. Hojiifi adeemsa jireenya keenyaa keessatti gammachuu barachuun meeshaa dadammaqinaa isa dhugaadha. Shakkii tokko malee gammachuu hawwuun galma isa jalqabaati.
Ta'us garuu akka nuti har'a arginutti namoonni hedduun gammachuu hin qaban. Bakkaafi yeroo kamittuu dadhabbii, gaddaafi tasgabbii dhabuun fuula nama hundumaarraa waan mul'atuuf waan amaleeffatame fakkaatee jira. Jaarraa amma keessa jirru kana keessa wanti heddumminaan mul'atu of balleessuu/ of ajjeessuudha.
Namoonni hedduun haala nama gaddisiisuun waan gammachuu qaban fakkaatanii mul'achuudhaaf carraa qaban hundumaa fayyadamanii utuu itti fakkeessanii, utuu sobanii ni argina. Mana tiyaatiriitti goranii tapha qoosaa hedduu of keessaa qabu daawwatanii yookaan dhaggeeffatanii kolfa gaggabu. Garuu kolfisaanii kolfa irra keessaati. Sababni isaas barreessaan saantaanaawwii jedhamu kitaabasaa kan "The Last Pooritan" jedhu keessaati "Gammachuu Qabaachuu Jechuun Kolfuudha Malee Kolfisiisamuu Jechuu Miti" jedhee ture.
Eeyyee gammachuun waanta nuti bakka hundumaatti salphifnee ilaallu miti. Gammachuun waanta eenyummaa keenyaan uumamee, hojii keenyaan immoo bakkee ba'ee nurraa mul'atuudha. Kanarraa kan hafe garuu waanti biraan gammachuu irra keessaafi kan yeroo muraasaati. Hundeefi bu'uura hin qabu.
Kitaaba Noormaan Viinsenti Piil keessaan fudhe.

© Ifaa G Galataatiin
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Halkaan Gaarii Qabaadhaa
Hiriyyaa du’aaf isin qopeessu qabdumoo?
Hiriyyaa ulfinaaf isin qopeessu qabdu
Intalli kun valaria jedhamti
Kan jiraattu meeksiikoodha
Meeksiikootti dubartii beekamtii qabduu fi mana miidhaginaa dubartootaa waan qabduuf hojii ishee haala miidhagaa ta’een hojjechuun
TikTok irratti maxxansaa oolti!
Valarian torbee kana keessa may 13 bakka hojii isheetti live seenuun haasa’a turte
Kanaan dura live yeroo seentu baay’ee kan xaxxabattiu fi kokkofaltu turte garuu guyyicha miirri gammachuu waan itti dhaga’amaa hin turreef live irra teessee hiriyyaa waliin hojii hojjettuun hara’a keessikoo nagaa natti hin fakkaatu miirri gammachuus natti dhaga’amaa waan hin jirreef manatti galee boqochuun qaba jechuun hiriyyaa isheetti dubbatti
Hiriyyaan ishees akkas jechuun deebistiif
Hara’a kennaa guddaa gatiin isaa baay’ee qaalii ta’etu siif dhufaa waan jiruuf kennaakee sana ilaaltee deemta jechuun deebistiif
Valarianis tole jettee hiriyyaa ishee kana amanuun live irra teessee kennaa ishee kana arguuf dirqamti!
Daqiiqaa muraasaa booda namichi hin beekamne tokko bakka hojii ishee banachuun ol seena
Valarianis ishee kam akka taate gaafachuun erga adda baasee booda shugguxii isaa fudhatee valariaatti dhukaasuun
Bakka lama rasaasaan rukutuun ajj**eese!
Yeroo kana hiriyyaan valaria naasuu fi iyya tokko malee live valaria osoo cufaa jirtuus fuulli ishee argameera!
Hiriyyaa du’aaf isin qopeessu qabdumoo?
Hiriyyaa ulfinaaf isin qopeessu qabdu?
Dandeettiin wal beeknee waliin ooluu keenyaa hagamidha?
Waaqayyo namoota nutti dhi’oo jiran irraa cimsee nu haa eegu🙏

Erga kanaa #Share gochuun hiriyyoota keessaniif qooda


Join 👇👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
DIRQAMA KEE BAHII
***
Hamma ati ofiif hin dhimmineetti, homtu siif dhimmaa hin qabu.
Addunyaa kana irraa waanti dhaabbatan tokko illee hin jiru, kanaafuu addunyaa jijjiiramuu kanaa faana jireenya kee jijjiiri (of haareessii).

Waan dagachuun sirraa jiraatu kamiyyuu dagadhuu. Guyyaa kee jaalala fi Gammachuun eegalii.
Namoota jireenya kee irratti gufuu sitti ta'anif dhimma hin qabatiin(tuffadhu). Waan sii barbaachisuu xiyyeeffannoo guddaan rawwadhu.

Abjuun gudda jedhame biraa hin gahamnee tokko illee hin jiru. Abjuu kee bira gahuuf immoo ifaajii (xaarii). Kan kanaan alaa abjuun kee abjuudhuma ta'eetu hafa.
Ifaaji(xaarii)n  ala abjuun kamiyyuu du'aadha.

Kufaatiin immoo ragaa waan tokko yaaluu keetii, kanaaf kufuu hin sodaatiin irraa deddebi'i yaalii.
      MILKAA'II
   Halkan gaarii 🙏🙏🙏
**
#share gochuu hin dagatin.
Join 👇👇👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
GOSA KAMIIFUU GAARI TA'UU
BIENG KIND TO EVERY KIND

Seenaa tokkotu, waa'ee nama jireenyi itti hadhaa'ee riqicha irraa of darbuun of ajjeesuf jedhu tokko hima. Osoo of darbuuf hin bahiin, yaadachisa tokko barreessee ture.
Akkana jedha;

"Namumti tokko fuula ifaa osoo natti agarsiisee, addunyaa kanaaf garaa kutachuunkoo ni hafa. Riqicha irraas of hin darbu." Jedhe
Nama fuulaa itti ifes hin arganne.  Kanaan, lubbuun isaa dabarte.

Adduunyaan kun kan isheen dheebotte jirtu; gaarummaa, arjummaa, jaalala fi kkf. Namonni hedduun, Sababa ta'iin darbu gammachuu isaanii jala fudhatee darbuuf du'uu, gaddufi abdii kutuutti jiru. Kanaafuu, dirqama lubbuu baraaaru bahi

Gaarummaan dadhabina miti.
Gaarummaan harka qalleessaaf hixachu qofaaf miti.
Dabalataan diina ofif kadhachuu, hamotatti sagalee gaarummaa agarsiisuu, warreen cunqurfamoof yeroo qabachuu, kanneen umurii guuran tumsuu, gammachuu kan biroof Sababa ta'uu, faraduuf jarjaruu dhiisuufi kan nama biraa miidhu gochuu irraa of qusachuu fa'i.

Three things, in human life are important
*"""""*""""""***
First✓kindness
Second✓kindness
Third✓ kindness

Hiriyyota keessanif #Share godha

Join 👇👇👇
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
Dhugaan jiru kunooti:

• Miliyoononni amala isaanii irraa kan ka’e miliyeenara ta’u

• Atileetonni amala isaanii irraa kan ka’e atileetota ta’u

• Ogeessotni - ogeessota sababa amala isaaniitiin

▫️ Yoomiyyuu injifannoo xiqqoo tokkoon achi hin geessu, guyyaa guyyaan injifannoo xixiqqoodhaan ni milkoofta.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
@jechootahayyoota
Dandeettiin kee waan gochuu dandeessu murteessa. Kaka’umsi kee hammam hojjechuuf fedhii akka qabdu murteessa. Ilaalchi kee hammam akka gaariitti akka hojjettu murteessa.

-Lou Holtz
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Maal dhabuu sodaatta, osoo dhugumatti wanti addunyaa kanarra jiru kan kee hin jirre.

—Marcus Aurelius
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Namni ati waggaa 5 booda taatu kanneen armaan gadii irratti hundaa’a:

• Dandeettii har’a barattu.
• Kitaabota har’a dubbistu.
• Amala har’a uumattu.
• Hariiroo har’a ijaartan.
• Haasaa har’a qabdan.

Har'a of irratti invast gochuu jalqabi.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#Barachuuf_fedha_qabaachuu

Namni barnoota dhaabe nama guddina dhaabe, namni guddina dhaabemmoo nama jireenya dhaabeedha. Kun akka hin taaneefimmoo dhiitee bariitu waan haaraa baruuf baay'ee dhama'uufi barachuu akka borofa bishaan dheebotuu dheebochuu qabna. Barachuu jechuun koo immoo sertifikeeta isa kolleejjiirraa mana teenyee bittannu jechuu koo miti.

Seensa kitaaba 'Iccitii Geggeessummaa' Miratuu Shaanqoo kan barreessee keessaa fudhatame.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Yaada namoota biroo hubachuurraa faayidaa guddaa argadheera. Akkaataa ani yaada kana itti ibse haaraa ta'uu danda'a. Bakka namootaa buunee yaaduun yaada isaanii hubachuun barbaachisaa mitiiree? Baay'ee barbaachisaadha. Baay'een Keenya yeroo yaada nama tokkoo dhageenyu, ilaalcha keenya irratti hundoofnee murtii kennuutti fiigna. Jalqaba yeroo yaada tokko dhageenyu yookaan dubbisnu utuu dhimmichi sirriitti alanfannee adda hin baasiin waan dhageenye sana gara murteessuutti deemna. Kun goonkumaa sirrii miti. Yaada nama sanaa bakka namtichaa buunee yaaduun, maaliif akka jedhe qalbifachuun, yaadasaa akka jirutti kabajuufi qabna malee akkaataa ilaalcha mataa keenyaan yaada isaanii irratti murteessuu hin qabnu.

Kitaaba hayyuu saayikooloojii beekamaa, #Kaarlii_Roojar "On Becoming a person" jedhu keessaa fudhatame.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
EEBBIFAMTOONNI BARA KANAA BAGA GAMMADAN BAGA ITTI GEESSAN. BAGA MILKOOFTAN. MILKIIN KEESSAN ADDAAN HIN CITIN. BARRI BARA MILKII KEESSANII HAA TA'U.

CONGRATULATIONS

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Jireenya keessatti boqochuu jechuun yaaddoo yeroo hunda harkisuu dhiisuu fi yeroo ammaa hammachuu jechuudha.  Innis waa'ee uumamni sirba akka qabu amanuu fi, atis immoo qaama faaruu bareedaa sanaati.  Namni kamiyyuu eebbi kan malu gocha ykn bu’aa ba’ii isaa irraa kan ka’e osoo hin taane, waan jiruuf qofa.  Gahumsi hin argamu;  uumamaan kan jirudha.  Gatii ofii beekuudhaan, baay’ina jireenyi isiniif dhiheessuuf of banta.  Imala kee hammadhu, gatii keetti amani, wanti gaariin karaa kee dhufu hundi akka siif malu beeki.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Wantoota 7 namoonni negaatiivii sirratti raawwatan.

Isaanis .. 
Gatii kee xiqqeessu;
Fakkii kee balleessu
Maraatummaatti si oofu!
Abjuu kee gatu!
Yaada kee maqaa balleessu!
Dandeettii kee  balleessu
Yaada keessan akka hin amanne si taasisu!

Namoota negaatiivii irraa fagaadhaa!

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Yaadachiisa :

✔️Ofiif mul'achuu itti fufi.
✔️Ogummaa keessoo kee dhaggeeffadhu.
✔️Sadarkaa anniisaa kee hubadhu & fedhii qaama keetii kabaji.
✔️Ofii carraaquu, barachuu, guddachuu fi of jaalachuu itti fufi.
✔️Hanga kana ofitti hin jabaatin.
✔️Waan dandeessu hunda gochuu itti fufi, waan dandeessu hundi gaarummaan kee guyyaa guyyaan adda ta'ee akka mul'atu gargaara.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
2025/06/27 10:54:28
Back to Top
HTML Embed Code: