LAMMAFFAA DHALACHUUN MAALIIDHA?
Kutaa 6ffaa
-----
FAKKEENYA LAMMAFFAA DHALACHUU NIQOODIMOOS

Barsiisa miti
Dhiibbaa aadaa dhala namaa fi amantii Yihudootaa irraa kan ka’e, Niqoodimoos dhiironni amala sirrii qabaachuu akka qaban yaade. Namoonni amala gaarii qabaachuufi karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon akka waaqeffataniif, barumsa baayʼee akka isaan barbaachisu yaade. Niqoodimoos Kiristos akka barsiisaa Waaqayyo biraa dhufeetti waan ilaaleef, of fooyyessuuf barumsa fooyyaʼaa akka isa barbaachisu yaadee taʼuu dandaʼa. Garuu deebii Gooftaan lakkoofsa itti aanu keessatti kenne fedhiin isaa lammata dhalachuu akka ta'e isaaf mul'ise. Lammaffaa dhalachuun jireenya waaqummaatiin lammaffaa dhalachuu, jireenya isa jireenya dhala namaatiin karaa dhaloota uumamaan argate kan caaluudha! Barbaachisummaan isaa inni dhugaan barsiisa fooyya’aa osoo hin taane, jireenya waaqummaa ture. Amantiinis ta’e barsiisni nu qajeelchuu fi nu sirreessuuf nu hin barbaachisu; lammaffaa dhalachuun jireenya biraa jireenya waaqayyoo nu barbaachisa.

Dhaloota Gosa Biraa
Niqoodimoos lammata dhalachuun akka qabu yommuu dhaga'u, gara gadameessa haadha isaatti deebi'ee ba'uu akka qabu itti fakkaate ture. Yeroo kana Gooftaa Yesuus, Foon irraa kan dhalate foon dha (Yoh 3:6). Innis Niqoodimoosiin gadameessa haadha isaatti deebi'ee yeroo lammataaf dhalachuu yoo danda'e iyyuu akkuma jirutti ta'a jechaa ture. Yeroodhaan dhalachuu biraa osoo hin taane, uumamaan dhaloota biraa isa barbaachise.

Fakkeenya Irra Caalu
Gooftaan Yesuus
Niqoodimoosiin akka fakkeenya lammaffaa dhalachuutti fayyadamuun baay’ee ogummaa qaba ture. Osoo inni dubartii cubbamtuu Yohaannis 4 irratti argamtu akka fakkeenyaatti fayyadamee, lammata dhalachuun kan barbaachisu namoota cubbuu qaban qofa jennee xumuruu dandeenya. Alaan Niqoodimoos rakkoo naamusaas ta’e cubbuu hin qabu ture. Jireenyi Waaqayyoo garuu isa hanqate jira. Gooftaan nama gaarii Niqoodimoos fakkeenya isaaf waan fayyadeef, gaariis ta’ee hamaas hundi keenya lammaffaa dhalachuu akka nu barbaachisu hubachuu dandeenya; hundi keenya jireenya Waaqayyoo fudhachuun nu barbaachisa.

#kutaa7ffaan itti fufa

Channel keessan:
@karaadhugaa
#join
#share
#forward
LAMMAFFAA DHALACHUUN MAALIIDHA?
Kutaa 7ffaa
-----

BU'AA LAMMAFFAA DHALACHUU

Ijoollee Waaqayyoo Ta'uu
Lammaffaa dhalachuu jechuun Waaqayyo irraa dhalachuu jechuu waan ta’eef, ofumaan ijoollee Waaqayyoo akka taanu nu taasisa (Yoh 1:12-13). Nuyi ijoollee isaati inni immoo Abbaa keenya. Jireenyi waaqummaa karaa lammaffaa dhalachuu argannu ijoollee isaa ta’uuf aangoo keenyadha. Akkasumas guyyaa tokko jijjiirama lubbuu keenyaa fi ulfina qaama keenyaatiin ilmummaa guutuu akka argannu wabiidha.

Uumama Haaraa Ta'uu
Uumamni moofaa elementii waaqummaa Waaqayyoo homaa of keessaa hin qabu. Kanaafidha kan dulloomee fi manca’aa jiru. Lammaffaa dhalachuudhaan elementiin Waaqayyoo nutti dabalamee uumama haaraa taanee(2Qor. 5:17). Uumamni haaraan kun dhoksaa ajaa'ibaati, sababiin isaas inni Waaqayyoo fi namaa waltoome(mingle) waan ta'eef. Inni namaas ta’e Waaqayyo yoo ta’u, qaama namaa fi waaqummaa of keessaa qaba.

Waaqayyoo wajjin Tokko Ta'uu
Lammaffaa dhalachuudhaan jireenya Waaqayyoo qaamolee waaqummaa isaa wajjin argachuu qofa osoo hin taane, Waaqayyoo wajjinis akka tokkootti tokkoomna. Waaqayyo Hafuurri, hafuura keenyatti seena, akka hafuura tokkootti akka isatti maxxanu taasisa. " Inni gooftaa wajjin walitti maxxane immoo hafuuraan isaa wajjin tokko in ta'a."
(1 Qorontos 6: 17)
Namni gooftaatti maxxane garuu hafuura tokkicha (1Qor. 6:17). Kun hariiroo ajaa'ibaa fi gadi fagoo akkamiidha! yoo xiqqaate kutaa tokko keessatti, jireenya keenyaa, hafuura keenya keessatti Waaqayyo wajjin guutummaatti tokko ta'uu keenya! Waaqayyoo wajjin tokkummaan kun jijjiirama lubbuu keenyaatiin gadi fageenyaa fi dabalaa kan deemu yoo ta’u, ulfina qaaman(body) keenyaatiin guddina isaa guutuu irra ni ga’a, kunis qaamni(body) keenya illee Waaqayyoo wajjin tokko akka ta’u taasisa.

#kutaa8ffaan itti fufa

Channel keessan:
@karaadhugaa
#join
#share
#forward
Fedha Waaqayyoo Kadhachuu

Fedha isaa raawwachuuf tarkaanfiin jalqabaa fedha Waaqayyoo kadhachuu fi fedha isaa kadhannaa keenyaan dubbachuudha. Kanarraa kadhannaan hojii ta’uu isaa ni argina. Kadhannaan fedhii Waaqayyoo dubbachuu fi fedha isaa galmaan gahuu waan ta’eef hojiin kana caalaa barbaachisaa ta’e hin jiru....Kadhannaan fedhii ofii keenyaa irraa maddu kadhannaa faayidaa hin qabneedha. Kadhannaan akka fedha Waaqayyootti ta’e Waaqayyo irraa madda. Inni fedha Isaa karaa Hafuura Qulqulluu nuuf dabarsa, achiis yaada wal fakkaatu kadhannaa keenyaan gara isaatti deebifna. Kadhannaan akka garaa Waaqayyootti ta’e fedha Waaqayyoo akka ka’umsaatti qaba; kadhata keessatti namni qaama dabarsuu fi deebii kennu qofadha. Kadhannaan ofuma keenyarraa maddu gatii hafuuraa hin qabu.



@karaadhugaa
LAMMAFFAA DHALACHUUN MAALIIDHA?
Kutaa 8ffaa
........
KARAA LAMMAFFAA DHALACHUU MAAL ARGANNA(FUDHANNA)

1)Jireenya Waaqayyoo
Wanti jalqabaa fi inni jalqabaa karaa lammaffaa dhalachuu argannu jireenya Waaqayyooti. Dandeettiin, dalagaa fi sochiin lubbuun qabu tokkoo hundi jireenya isaa irraa madda. Bifti isaa fi ibsi alaa isaa illee jireenya isaatiin murtaa’a. Waaqayyo jireenya ol aanaa qaba. Wanti Waaqayyo ta'ee fi wanti Waaqayyo keessa jiru hundi, jireenya Waaqayyoo keessa jira. Uumamni waaqummaa Waaqayyoos jireenya Waaqayyoo keessatti qabamee jira. Wanti Inni ta’e hundi dhugaa haa ta’u, qulqullummaa haa ta’u, ifa ta’us, jaalala haa ta’u jireenya isaa irraa kan argamedha.
Jireenya Waaqayyoo keessattis kan hammatame humni guddaan Gooftaa Yesuus du'aa kaase sun. Gooftaan Yesuus yommuu du'a seenu duuti humna isaa hundumaatti fayyadamee isa qabate, garuu Gooftaan humna qabachuu du'aa cabsee ka'e. Jireenyi Waaqayyoo inni humna qabu isa keessa waan jiruuf du’aan hin to’atamne (Efe. 1:19-20). Jireenyi yeroo lammaffaa dhalachuu argannu kana.

2)Seera Jireenyaa
Seerri dambii, seera dhaabbataa fi hin jijjiiramnedha. Seerri jireenyaa amala uumamaa, dhalootaan, ofumaan hojii gosa jireenyaa murtaa’eeti. Jireenyi tokko hamma ol’aanaa ta’e seera isaa ol’aanaa ta’a. Jireenyi Waaqayyoo jireenya ol’aanaa waan ta’eef, seerri isaa isa ol’aanaadha. Seerri ol aanaan kun hojii jireenya waaqummaati. Jireenya gosa hundumaa wajjin, kuduraa, bineensa, namaa, ykn waaqa, hojiin ofumaa fi dhalootaan hojjetamu jira. Hojiin sun seera jireenya addaa sanaati. Fakkeenyaaf, mukti peechi tokko seera jireenyaa kan inni peechi akka baasu godhu qaba. Mukti peechi abaaboo caalaa peechi akka baasu nama barsiisu hin barbaadu. Seerri keessaa kan mukti peechi abaaboo akka oomishu hin hayyamnee fi ofumaan peechi akka baasu godhu jira.


#kutaa9ffaan itti fufa

Channel keessan:
@karaadhugaa
#join
#share
#forward
LAMMAFFAA DHALACHUUN MAALIIDHA?
Kutaa 9ffaa
........
KARAA LAMMAFFAA DHALACHUU MAAL ARGANNA(FUDHANNA)

.....Seerri jireenyaa inni jireenya Waaqayyoo gara keenyatti fidu seera Ibroota 8:10 irratti caqafame, kan Waaqayyo sammuu keenya keessa kaa'ee garaa keenya irratti barreesse of keessaa qaba. Seerotni kun seera kakuu moofaa irraa adda. Seeronni kakuu moofaa gabatee dhagaa irratti namaatiin alatti barreeffamee ture (Bau. 34:1, 28). Seerri jireenyaa seera Waaqayyoo kan Waaqayyo hafuura isaatiin laphee keenya irratti barreessedha. Seerri gabatee dhagaa irratti barreeffame seera alaa, seera qubee, seera du'aa, seera humna hin qabnee dha; isaanis seera nama keessa homaa raawwachuu hin dandeenyedha (Rom. 8:3; Ibr. 7:18-19). Seerri gabatee garaa keenyaa irratti barreeffame garuu seera keessaa humna guddaa qabuudha; isaanis fedhii garaa Waaqayyoo beekuu fi fedha isaa hordofuu qofa utuu hin ta’in, Waaqayyoon ofii isaatii beekuu fi Waaqayyo mataa isaa akka ibsannu nu dandeessisu.
Jireenyi waaqummaa lammaffaa dhalachuudhaan argannu nu keessa jiraataa, ofumaan, socho’aa fi aggaammiidha. Yeroo hundumaa amala keenya keessaa to’achuun, Waaqayyo akkamitti akka sochoonu fi amala akkami akka nu irra barbaadu beekuuf nu dandeessisa. Sababa kanaan, Kiristaanni quxisuun illee barsiisaa fi seera alaa hin barbaadu, kanaa mannaa, seera keessaa jireenyaa to’achuuf xiyyeeffannoo isaa guutuu kennuu qaba.
Seera jireenyaa hafuura Roomaa 8:2 irratti kan caqafame seera jireenyaa isa nu keessa jiruudha. Seerri kun jireenya Waaqayyoo irraa waan argameef, hafuura Waaqayyoo irraa adda bahuu waan hin dandeenyeef, Roomaa 8 seera kana seera jireenya hafuura jedhee waama.

3)Onnee Haaraa
Hisqi’el 36:26 Waaqayyo yommuu nu qulqulleessu, nu fayyisuu, lammaffaa nu dhalachisu immoo garaa haaraa akka nuuf kennu nutti hima. Garaa haaraa jechuun maaliidha? Garaa haaraan garaa moofaa Waaqayyo haaromseedha. Caqasni kun Waaqayyo garaa haaraa nuuf kenna; erga dubbatee booda garaa keenya isa dhagaa ta’e nurraa fuudhee garaa foonii nuuf kenna jedha. Akkasitti Waaqayyo garaa keenya isa durii haaromsuudhaan garaa haaraa nuuf kenna.
Osoo hin fayyiin dura garaan keenya Waaqayyoon mormaa ture, Waaqayyoon hin hawwine, gara Waaqayyoottis akka dhagaa jabaatee ture. Kanaaf garaa dhagaa jedhama. Garuu Hafuurri Qulqulluun yeroo lammaffaa nu dhalachise garaan keenya cubbuu irraa akka qalbii diddiirratuu fi Waaqayyoof akka lallaafatu godheera.
Garaan keenya fedhii, jaalala,gammachuu fi hawwii wantootaaf qabnu ilaalchisee nu bakka buʼa. Osoo nuti hin dhalatin dura garaan keenya gara cubbuu fi biyya lafaatti kan xiyyeeffate yoo ta’u, gara Waaqayyoo fi wantoota hafuuraatti garuu qabbanaa’aa fi cimaa ture. Erga lammaffaa dhalatne fayyinee booda garaan keenya gara Waaqayyootti ni jilbeeffata, Waaqayyoon ni jaallata, Waaqayyoon ni hawwa. Akkasumas wantoota hafuuraa fi samii irraa ni hawwa, ni gammada. Wantoonni akkasii yommuu dubbataman hunda garaan keenya ni gammada.


#kutaa10ffaan itti fufa

Barumsa Lammaffaa Dhalachuun Maaliidha jedhu kana fi Channel keessan: @karaadhugaa hiriyyoota keessaniif #share godha.
LAMMAFFAA DHALACHUUN MAALIIDHA?
Kutaa 10ffaa
(Kutaa kana dubbisuun dura kutaawwan darbaan haa dubbisnu)
........
KARAA LAMMAFFAA DHALACHUU MAAL ARGANNA(FUDHANNA)

4) Hafuura Haaraa
Hisqiʼel 36:26 irrattis Waaqayyo hafuura haaraa akka nu keessa kaaʼu dubbata. Kun kan agarsiisu Hafuura Qulqulluu osoo hin taane, hafuura namaa kan tahe hafuura keenya kan agarsiisudha. Hafuurri haaraan maali? Akkuma garaa haaraan laphee moofaa haaraa ta'e, hafuurri haaraanis hafuura moofaa haaraa ta'edha. Hafuurri durii, yommuu lammaffaa dhalatu, ni jiraachifama. Yeroo nuti balleessaadhaan du'oo taanee illee, Kiristoosiin waliin nu jiraachise(Efe. 2:5). Rakkoon garaa keenya durii jabina isaati; rakkinni hafuura keenya du'uu isaati. Garuu Gooftaa galateeffadhaa! Erga lammaffaa dhalannee booda garaan keenya Waaqayyoof lallaafaadha, hafuurri keenyas gara Waaqayyootti jiraataadha.
Hafuurri namaa jalqaba qaama namni Waaqayyoon qunnamu(tuquf) akka ta’uuf uumame. Uumama 1 fi 2 irratti namni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabaachuu fi karaa hafuura isaatiinis ta’e Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qaba ture. Hafuurri nama ibsa Waaqayyotti , keessa namummaa namaas qoree in ilaala. (Fak. 20:27). Waaqayyo Hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf' ittiin jedhe.(Yoh. 4:24).Waaqni ani wangeela Ilma isaa lallabuu dhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti; (Rom.1:9b HABH) tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, (Fil.2:1), Seera Uumamaa 3 irratti, sababa kufaatii namaatiin, hafuurri isaa xuraa'uu cubbuutiin miidhame, hojii Waaqayyoof qabu erga dhabee booda, hafuura du'e ta'e. Hafuurri namaa yommuu du:e Waaqayyo guutummaa namaa akka du'eetti ilaaleera (Efe. 2:5).
Yeroo lammaffaa dhalatnu dhiigni gooftaa Yesuus xuraa'ummaa hafuurri keenya qulqulleessa. Hafuurri Waaqayyoo kana booda jireenya Waaqayyoo hafuura keenya keessa kaa'ee jiraachisa (Qol. 2:13). Kanaan hafuurri keenya inni du’e, inni dulloomaan lammaffaa dhalate hafuura jiraataa, haaraa ta’a. Waaqayyo yommuu lammaffaa dhalachisu nutti deebisu gama lamaaniin hojjeteera. Gama tokkoon dhiiga gooftaa Yesuusitti fayyadamee xuraa'ummaa hafuura keenyaa qulqulleessuuf hafuurri keenya akka qulqullaa'u godheera. Gama biraatiin hafuura isaatiin jireenya isaa hafuura keenya keessa kaa’ee; hafuurri keenya elementii waaqummaa isaa akka qabaatuuf. Akkasitti hafuura keenya isa durii lammaffaa dhalachise hafuura haaraa godha.
Yeroo lammaffaa dhalachuu keenyatti Waaqayyo duraanuu garaa haaraa waan nuuf kenneef, maaliif hafuura haaraa nu keessa kaa’uuf caalaatti itti fufa? Garaan keenya Waaqayyoon qofa hawwuu fi jaallachuu waan danda’uuf; Waaqayyoon qunnamuus ta’e isa tuquu hin danda’u. Inni hafuura haaraa nu keessa kaa’uu qaba, akka nuti isa qunnamuu fi isa wajjin walitti dhufeenya uumuuf.

#kutaa11ffaan itti fufa

Barumsa Lammaffaa Dhalachuun Maaliidha jedhu kana fi Channel keessan
:@karaadhugaa hiriyyoota keessaniif #share godha.
WAAQAYYO AKKA ISA BEEKNUUF NAMA TA'E. AKKA ISA MI'EEFFANNUUF IMMOO HAFUURA TA'E.
Kiristoos foon uffaannaa waaqayyoo ta'ee jalqaba akka sagaleetti mul'ate. Dhuma irratti hafuura ta'e. Kiristoos sagalicha isa waaqayyoon hiikee mul'iseedha. Karaa kiristoos qofaadha kan nuti waaqayyoon arguus ta'e beekuu dandeenyu. Bartoonni waggaa sadiif walakkaa keessatti waaqayyoon beekan. Kiristoos mul'isaa waaqayyoo ta'uusaa. Kiristoos Waaqayyo ta'uusaa. Eenyummaa kiristoos baran sirriitti.

Yeroo Sana garuu kiristoos isaan keessa hin seenne. Kanaafuu isaan kiristoosiin beekaniiru garuu isa hin mi'eeffanne. Wanta tokko mi'eeffachuu ykn nyaachuu yoo barbaanne akka afaan keenya keessa seenutti xiqqeessinee kukkutuu qabna. Kiristoos erga waggaa sadiif walakkaa wajjin jiraatee booda du'uunsaa beekamaadha. Du'aa ka'uu irratti kiristoos foon ta'e osoo hin taane hafuura jireenya kennu ta'e.1qor 15:45,2qor3:17. Ergoota gaafa dubbisnu kiristoosiin akka sagaleetti osoo hin taane akka hafuuraatti nuuf ibsu. Maaliif jalqaba sagalee ture amma garuu hafuura ta'eera. Hafuura erga ta'ee booda nukeessa seene. Haalleelluuyyaa. Amma mi'eeffachuu dandeenyeerra. Kiristoos akkanuti isa beeknuuf nama ta'e. Akka nuti isa mi'eeffannuuf hafuura ta'e. Namatti tola. Amma kiristoosiin mi'eeffachuu
dandeenya. Kiristoosiin mi'eeffachuu nuuf haa ta'u.



Ameeeeeeeeeen
Ameeeeeeeeeen

Barumsa Macaafa Qulqulluu adda addaa argachuuf channel Karaa Dhugaa join godha akkasuma obbolootaf share godha.
@karaadhugaa
@karaadhugaa
@karaadhugaa
Gooftaan fayyisaa keenya qofa miti, akkasumas Gooftaa hundumaa kan teessoo irra taa’ee qofas miti. Har'a hafuura keenya keessatti Hafuura jireenya kennudha. Kiristaana ta'uun, alaan isa waaqeffachuun qofti gahaa miti. Gooftaa shakkaluf gara hafuura keenyaatti garagaluu qabna. Gooftaan Hafuura, hafuura keenya keessas jira.
" Inni gooftaa wajjin walitti maxxane immoo hafuuraan isaa wajjin tokko in ta'a." (1Qor. 6:17). Gooftaan Hafuura(2Qor.3:17) nutis hafuura qabna. Kana malees, Hafuurri kun hafuura keenya keessa jira. Kanaaf Gooftaa shakkalu dandeenya. Hafuuronni lamaan kun—hafuurri keenyaa fi Hafuurri—hafuura tokko ta’aniiru. Hafuurri waltoome kun bakka itti Gooftaa itti shakkalu, wal qunnamuu fi itti gammadnudha.

•Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe.
1 Qorontos 15:45(HABH)

•Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.
1 Qorontos 6:17(HABH)

•Gooftaan hafuura kee wajjin haa taʼu. Ayyaanni si wajjin haa taʼu.
2 Xiimotewos 4:22(HABH)

•Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
2 Qorontos 3:17(HABH)

Barumsa Macaafa Qulqulluu adda addaa argachuuf channel Karaa Dhugaa join godha akkasuma obbolootaf share godha.
@karaadhugaa
@karaadhugaa
@karaadhugaa
•Waaqayyoo Tokkicha kan Macaafni Qulqulluun jedhu irra kan hafee Waaqni dhugaan tokkoyyuu hinjiru.
•Waaqayyoo Abbaan alaa Waaqayyoo dhugaan hinjiru.
•Kiristoosiin alaa Waaqayyoo dhugaan hinjiru!
•Hafuura Qulqulluun alaa Waaqayyoo dhugaan hinjiru.
•Eenyummaawwaan kana sadan utuu hinbeekiin Waaqayyoo dhugaa Isa Tokkicha tahe beekna jedhaani yaaduun tasa hindandahamu.
•Dubbii Waaqayyoo qofaatu dhugaadha.
•Namni Kiristaanaa tahe dhugaa kana fudhachuu hindandeenye: SAALFACHUU QABA.
•AMMAS NAN JEDHA SAALFACHUU QABA.
•Dubbii Waaqayyoo fudhachuu dhiisuu keeti saalfaadhu.
•Dubbii Macaafa Qulqulluun alaa dubbaachu isaaf namni kamiyyuu saalfachuu qaba.
•Waaqayyoo Tokkicha Macaafni Qulqulluun jedhun alaa kan jiru hundiyyuu waaqa sobaadha, seexana dha.

•Waaqayyoo dhugaan Isa Kiristoosiin ofii Isa muldhise qofaadha.

•Kiristaanaa taatee, nama lammaffaa dhalate taatee dhugaa Dubbii Waaqayyoo kana fi muldhata Macaafa Qulqulluu kana hin fudhatu yoo taatee...... Shame on you.

•Barreeffama kana kan an barreesseef dhugaan waahee Waaqayyoo Isa Tokkicha tahe baayyee waan anatti dhagahamefidha, malee miira adda kam keessa seene miti. Dhugaa Macaafa Qulqulluu beekuu fi fudhachuun itti jiraachuu qabna malee dhugaa kana haalan jijjiiru hinqabnu. Kiristaanaa dubbii Waaqayyoo hinbeekne fi hin fudhatne taane argamu hinqabnu, keessatu dhugaa kana dhoksinee sobaaf iddoo kennu hinqabnu. Dhugaan dubbii Waaqayyoo qofaadha malee wantoota eenyummaa moofaa(uumaamaa moofaa) wal qabaatan miti. Yoo dhugaa kana hinbeekne gad teenye dhugaa kana baraachu qabna.

Baayyeen isiin jaalladha.
Nuy Kiristoosiin uumaamaa haaraadha malee uumaamaa lammaffaa hindhalatne, uumaamaa moofaa miti. Uumaamaa haaraa keessa kan jiru immoo wanta kan Kiristoos tahe qofaadha.

Nagaan naaf tura.

Barumsa Macaafa Qulqulluu adda addaa argachuuf channel Karaa Dhugaa join godha akkasuma obbolootaf share godha.
@karaadhugaa
@karaadhugaa
@karaadhugaa
Lammaffaa Dhalachuudhaan Naannawaa Waaqaummaa Karaa Hafuura Keenya Keessa Seenne Jirra.

•Dhalootni waaqummaa(divine birth) gara naannawaa haaraatti nu dabarse, naannawaa
jireenyaa seera isaa dabalatee, naannawaa cubbuun, biyyi lafaa yookiin foonni keessa hin
jirretti nu dabarse.

•Naannawaa kana keessatti moo'ichi hundumtuu utuu hin beekaminii fi dhamaatii
malee kan ta'ani dha, sababiin isaas fedhii keenya osoo hin taane seera Hafuura jireenyaatu utubee nu qabaa jira.
••••••
(Yohannis 3 )
------------
•3 Yesus, "Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u" jedhee deebiseef.
...
•5 Kanaaf Yesus,"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u.
•6 Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura.
•••••••



@Karaadhugaa
NUYI BU'AA DHAGNA WALITI!!

• Erga sanyiin namaa toora isaaf kenname keessa bahee, du'a jalatti godaanee bitamaa ta'e.
• Haa ta'u malee, Waaqayyo tokkicha ilma isaa isa jaalatu nuuf kennuudhaan gatiin keenya kanfalamee mootummaa waaqayyootti deebine.
• Gooftaan iyesus dhagna iddoo jireenya keessaa ittiin baane _Addamummaa jalqabaa sana diiguudhaan dhagna haaraa nuuf ijaaree _Uumama_haaraa jedhamne. Bu'aa dhagna isaas taane.
• Diinummaa isa ture iddoodhaa cinqaarsuu isaatin nuyif Waaqayyo gidduutti nagaa buusee araarris ta'e.
• Abbaa barabaraafi dhugaa ta'ee, isaaf ijjoollee walii keenyaaf immoo obbolumaa haalarra darbu siidaa matumaa jiiguu hinqabne godhee nuuf kenne.
• Bu'aa dhagna waliis nutaasise Rom. 12
• ⁴ Nuyi dhagna tokkotti bu'aa dhagnaa baay'ee qabna; bu'aan dhagnaa hundinuu immoo hojii adda addaa qabu.
• ⁵ Akkasuma nus immoo utuma baay'ee taanee jirruu, Kristositti dhagna tokko; nuyis bu'aa dhagna waliiti Jedha .Kirstoosin bu'aa dhagna walitti erga argamnee Rakkinni obboleessaa kan obboleettii rakkina keenya kan waliniti.
• Fknf Utuu harki keenya bitaa nu dhiigee, inni mirgaa lakkii haa dhiiguu hin jedhu arifate akka hindhigneef iddicha qaba malee. Sababnisaa inni uume gargar ba'uun bu'aa dhagnaa gidduutti utu hin argamin, qixxetti walii isaaniif akka yaadaniif kana godhe.
• Egaa rakkinni, dhukkubbiin, daaruun, dhabuun, beela'uufi dheebochuun nama tokkorra gahu nuttin dhagahamu qaba.

• Yaadaafi beekumsa qabnuun, gorsa, kadhata fi qabeenya qabnuun walbira yaa dhaabbannu, wal ha jajjabeessinu. Ani siif jira jennee abdi kutannaa keessa walha baasnu
• — Gal. 6:2 “Ba'aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristosin raawwattu.”
• Ba'aa wali keenyaa baannee seera kiristoos haa raawwannu
Nuyi bu'aa dhagna waliti!!

@Karaadhugaa
Yeroo tokko duuka buutonni Yohaannis gadda isaanii Gooftaatti himan, rakkoon hundi ni diigame. Waan Gooftaatti himnu Inni ni dhaggeeffata. Namni kamiyyuu nama hundaaf mararfachuu hin danda'u. Garuu Gooftaan keenya nama hundaaf mararfachuu danda'a. Rakkoo keenya hundaaf ni mararfata. Dhimma hunda keenyaaf ni yaada. Garaa Isaa keessatti dhimmi keenya malee kan biraa waan hin jirre fakkaata. Gadda keenya hunda ni baata. Hammam dadhabnus nuuf mararfata, gadda keenyas nuuf baata. Gooftaan keenya yaaddoo keenya hunda baachuuf fedhii qaba, dubbii keenyas dhaggeeffachuuf obsa qaba. Inni hin dhaggeeffatu jettanii hin yaadinaa. Dhimma keenya gara isaatti fiduu irratti gonkumaa dadhaboo ta’uu hin qabnu. Inni akka isatti himnuuf nu eegaa jira, dubbii keenyas dhaggeeffachuutti gammada.

Gooftaan gadda keenya dhaggeeffachuu qofa osoo hin taane; Gammachuu keenyas dhaggeeffachuu barbaada. Namoota gaddan wajjin gadduun salphaa taʼus, warra gammadan wajjin gammaduun rakkisaa akka taʼe nutti dhagaʼama. Namoonni baay’een namootaaf mararfachuu jechuun isaanitti mararfachuu jechuu akka ta’e yaadu. Garuu nama mararfachuun namaaf mararfachuu miti. Mararfachuu jechuun namni tokko warra gammadan waliin gammaduu fi warra gaddan waliin gaddu jechuu dha. Yeroo tokko tokko namoonni kaan gammachuudhaan akka bubbuʼan arginee akka waan garmalee gammadoo fi waan salphaa taʼetti ilaaluu dandeenya. Kana jechuun gammachuu namoota biroo mararfachuu hin dandeenyu jechuudha. Phaawulos, " Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa!" (Rom.12: 15) jedha. Kunis namoota biroof mararfachuuf. Gooftaan nu waliin gadda, nu waliin gammaduufis fedhii qaba.

" Yommus bartoonni Yohannis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan; dhaqaniis Yesusitti in himan."
(Maatewos 14: 12)

" Ergamoonni ergasii Yesus biratti walitti qabamanii, waan hojjetanii fi waan barsiisan hundumaa isatti himan."
(Maarqos 6: 30)

Ameen♥️




@Karaadhugaa
👉Fayyina keenya karaa Kiristoos ilaalchisee dhugaan dinqisiisaan tokko , fayyinichi dudduubatti deebi'uu, jechuun akka waan hin dalagamnee ta'uu kan hin dandeenye ta'uu isaati. Sababa fayyinni keenya bu'uurri isaa amal-keessoo fi eenyummaa Waaqayyoo ta'eef, altokko erga fayyinee barabaraan fayyineerra.

✍️Yesuus bartoota isaatiin, "Natu isin filate malee.....isin ana hin filanne"(Yoh. 15:16) jedhe. Jecha biraatiin, fayyinni yaada keenya osoo hin taane, yaada Waaqayyooti. Barabaraa darbe keessatti isaan fo'amne; isaan duraan durfamnee murteeffamne(Efe. 1:3-4). Dabalataan kan nu waame isa(Rom. 8:29-30). Erga jalqaba nu fayyisuun karoora Waaqayyoo ta'ee, fayyina isaa keessatti nu eeguunis karoora isaati. Waaqayyo nu fo'atee, dursee nu murteessee, akkasumas fayyina isaatti nu waamee, deebi'ee immoo nu dhiisaa ree? Lakki! Fayyinni Waaqayyoo barabaraafi!

✍️Lammaffaa dhalachuu keenyaan jireenya nuti fudhanne jireenya barabaraa, jureenya hin badne, jireenya Waaqayyoo fi jireenya gonkumaa du'uu hin dandeenyedha. Altokko erga dhalannee deebinee dhalachuu dhiisuu hin dandeenyu!

✍️Fayyinni keenya wabii humna-qabeessa akkamii qaba! Fo'achuu Waaqayyoo, duraan dursee murteessuu isaa, waamicha isaa, jaalala isaa, ayyaana isaa, qajeelummaa isaa, jireenya isaa, jabina isaa, amanamummaa isaa isa hin jijjjiiramnee fi waadaawwan isaa akka bu'uura, wabii fi eegumsa fayyina keenyaatti qabna.🙏

©Bu'uuraalee Jireenya Kiristaanaa



@karaadhugaa
Barannoo Jireenyaa Kutaa 1ffaa

FAYYUU KEE BEEKUU

I. BARBAACHISUMMAA FAYYINAA

Fayyinni --Namni tokko Waaqayyo duratti fayyuu kan agarsiisudha: Dhiifama cubbuuwwanii argachuu, badiisa barbaraa jalaa ooluu, lammaffaa dhalachuu, jireenya barabaraa Waaqayyoo qabaachuu fi mucaa Waaqayyoo ta'uu isaa dhuunfata.

II.MIRKANEEFFANNOOWWAN (PROOFS) FAYYINAA

A. Mirkaneeffannooo Alaanii-Mirkaneefannoo Kitaaba Qulqulluu Alaan

1. "Namni amanuu fi cuuphamu marti ni fayya"(Mar 16:16). Dubbiin kun Gooftaa Yesuus mataa isaatiin dubbatame.

2. "Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii" (Rom 10:13). Kun jecha dhugaa Ergamaa Phaawuloosi.

==> Himootni armaan olii, namni altokko yoo amanee fi cuuphame, maqaa Gooftaa yoo waame battaluma sana akka fayye ni mirkaneessu. Haqa Kana miira keenya irratti utuu hin hirkatin fudhachuu fi beekamtii kennuufii qabna.

3."Ani dhuguman isinitti hima; namni dubbii kiyyaa dhagawu, isa na ergettis (Abbaa Samiirra) kan amanu hundi jireenna barabaraa qaba; isattis hin muramu; inni du'a jalaa gara jireenyaatti dabreera" (Yoh 5:24).
**Gooftaa Yesuus kana ofitti amanamummaa guutuudhaan jedhe.

4. "Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabne immoo jireenya hin qabu.
Isin warri maqaa Ilma Waaqayyootti amantan akka jireenya barabaraa qabaachuu keessan beettaniif ani waan kana isinii barreessa"(1Yoh 5:12-13). Kun dubbii Ergamaa Yohaannisiin dhugeessamee dha.

==>Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu lamman armaan olii kan agarsiisan, namni altokko yoo Abbaa Samiitti amanee fi maqaa Ilma Waaqayyootti (Gooftaa Yesuus Kirisistoos) amane jireenya barabaraa qaba (kunis Jireenya Waaqayyooti). Gara murtii fi badiisatti hin dhufu; garuu du'aa gara jireenyaatti dabreera. Namni karaa kanaan Jireenya Waaqayyoo qabaachuuf, miirota isaa utuu hin ta'in, waan Kitaabni Qulqulluun jedhurra dhaabbatee ni fayya.

5."Hamma Isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; Isaanis warra maqaa Isaatti amananiidha, Isaan kun Waaqayyottii dhalatan"(Yoh 1:12-13).

==> Kunis sagalee Ergamaa Yohaannisiin dhugaa bahameedha; Akkas jechuudhaan, Gooftaa Yesuus warra amantiidhaan Isa fudhataniif, kunis warra maqaa Isaatti amananiif, aboo ijoollee Waaqayyoo ta'uu ni kennaaf. Aboon kun Jireenya Waaqayyooti, warra Gooftaa Yesuusitti amanan Waaqayyo irraa akka dhalatan dandeessisa; Kunis ijoollee Waaqayyoo ta'uuf lammaffaa dhalachuudha. Kunis dubbiiwwan Kitaaba Qulqulluutiin mirkaneeffamu malee miirota namaatiin hin murtaa'u.

==> Dubbiiwwan Kitaaba Qulqulluu amanamuu kan qabanii fi gonkumaa kan hin jijjiiramne (haqamnee) dha. Miirotni namaa akka haala keenyaa fi naannootiin ni gegeeddarama; Kanaaf irratti hirkachuun hin danda'amu. Erga Macaafni Qulqulluun sirriitti namni Gooftaa Yesuusitti amanuudhaan ni fayya jedhee, haqni kun miira namaa malee dhaabbataa dha. Nuti miirota keenya kan gegeeddaraman dhiisnee, dubbiiwwan Kitaaba Qulqulluu warra amanamuu qaban jabeessinee amanuun irra dhaabbachuu fi dhugumatti akka fayyine beekuu qabna.

#Barannoo_Jireenyaa
#Barannoo1ffaa
#Kutaa1ffaa


#Share gochun namoota hunda bira akka gahuu godha....



@karaadhugaa
Barannoo Jireenyaa Kutaa 2ffaa

FAYYUU KEE BEEKUU

B. Mirkaneeffannoo Keessaa--Mirkaneeffannoo Hafuura Qulqulluu hafuura Keenya Keessaatiin

1. "Akka nu ijoollee Waaqayyoo taane kan hafuura keenna waliin dhugaa ba'us Hafuuruma (Hafuura Qulqulluu Waaqayyoo) sana" (Rom 8:16).

==> Yeroo Gooftaa Yesuusitti amannu, Isa akka Fayyisaa keenyaatti fudhannu, Waaqayyo Hafuura Qulqulluu Isaa nuuf kenna; Hafuuricha hafuura keenya keessa kaa'udhaan (His 36:27). Hafuurri Qulqulluun kun barabaraan nu wajjin ta'uuf nu keessa jira (Yoh 14:17). Nuti ijoollee Waaqayyoo, warra Waaqayyo irraa dhalanne ta'uu keenya hafuura keenya Keessaan dhugaa-baha.

==> Tokkoon tokkoon keenya warri Gooftaatti amannu Waaqayyoon 'Abbaa Abbaa' jennee waamuu jaallanna (Rom 8:15). Nuyiif Waaqayyoon 'Abbaa Abbaa' jennee waamuun waan baramaa dha. Waaqayyoon haala kanaan yommuu yaamnu, keessa keenyaa miira mi'aawaa fi mijaawinaatu nutti dhaga'ama. Kun sababa nuti jireenya Waaqayyootiin, ijoollee Waaqayyo irraa dhalanne taanee fi Hafuurri Ilma Waaqayyoo nu keessa seeneefii dha. Kun mirkaneeffannoo keessaa fayyina keenyaati.

C. Mirkaneeffannnoo Jaalala Irraa--Mirkaneeffannoo Shaakala Jireenyaatiin

1. "Namni akka Yesuus mataan
isaa Masiihii ta'e amanu martinuu Waaqa irraa dhalate; namni Abbaa jaalatu martinuu ijoollee Abbaa irraa dhalatanis ni jaalata" (1Yoh 5:1).

** Altokko Yesuus Masiihicha ta'uu isaa yoo amannu, Waaqayyo irraa dhalanneerra. Waaqayyo jaalala (1Yoh 4:16) fi jireenyi Waaqayyoo akkasuma jireenya jaalalaati. Kanaaf namni Waaqayyo irraa dhalatu kamuu Waaqayyoon ni jaallata; isa Waaqayyo irraa dhalates ni jaallata; Gooftaatti obboleessa isa ta'e.

2. " Nu sababii obboleeyyan jaalannuuf akka du'a keessaa gara jireennaatti ceene ni beenna; namni obboleessa isaa hin jaalanne du'a keessa jiraata" (1Yoh 3:14).

==>Akka dubiin kun jedhutti akka amantootaatti, jaalalli nuti Gooftaatti obbolootaaf qabnu mirkaneeffannoo nuti jireenya Waaqayyoo barabaraa qabaachuu keenya ibsuu dha. Obboloota Gooftaattii jaallachuun erga nuyi fayyuuf Gooftaatti amannee booda, shaakala jireenya barabaraa Waaqayyo keessaati. Namni amane obboleessa Gooftaa keessaa yommuu argu gammachuu hin ibsamnee fi miira michummaa qabaata. Jaalalli gosa akkanaa nuti obboleessa Gooftaa keessaatiif qabaannu mirkaneeffannoo nuyi fayyuu keenya beekuuti. Mirkaneeffannoon jaalalaa, mirkaneeffannoo jireenya Waaqayyoo shaakaluu keenyaa jedhamee waamamuu ni danda'a.

==> Kanaaf, dubbii qabatamaa Kitaaba Qulqulluudhaan ta'us, Hafuura Qulqulluu hafuura keenya keessaan dhugeessuun yookaan jireenya keessatti jaalala shaakaluudhaan ta'us sirriitti akka fayyine ni beekna. Daran caalaatti, fayyinni nuti fudhanne fayyina barabaraati (Heb 5:9). Altokko fayyina kana erga fudhannee, haala kamiinuu barabaraan hin badnu; eenyuyyuu harka Gooftaa keessaa fi harka Abbaa Waaqarraa keessaa nu butuu hin danda'u (Yoh 10:28-30).

#Barannoo_Jireenyaa
#Barannoo1ffaa
#Kutaa2ffaa




@karaadhugaa
Barannoo Jireenyaa Kutaa 3ffaa

BARBAACHISUMMAA MAATIIN KEE GUUTUUN FAYYUU

I. KUTAA FAYYINA WAAQAYYOO

1. "Yesuusis deebisee akkana jedheen; "Hardha fayyinni mana kanaaf dhufeera" (Luq 19:9)

==> Kun maatiin kutaa fayyina Waaqayyoo Gooftaa dhaan dhufe ta'uu mirkaneessuuf, dubbii Gooftaan Yesuus cubbamaa guddicha, Zakkewoos qaraxxuutti dubbateedha. Gooftaan fayyinni mana sanatti dhufe jedhe malee, fayyinni guyyaa sana nama dhuunfaa sanatti dhufe hin jenne. Shakkii malee, maatiin Zakkewoos cufti Isatti akka amananii fi fayyan Gooftaan ni barbaada. Jechi Gooftaa Zakkewoosiif gorsaa fi hubachiisa ture.

2. "Gadi isaan baasees, "Yaa gooftota (Ergamoota Phaawuloos fi Siilas) kiyya, ani akka fayyuuf maal gochuun qaba?" jedhee gaafate.
Isaanis deebisanii, "Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warrii mana kee jiraatanis ni fayyuutii" jedhan (HoE 16:26).

==> Kun haasaa hidhamaa Filiphisiyuusii fi Ergamoota lamaati. Hidhamichi fayyuuf maal gochuu akka qabu gaafate; Haa ta'u malee, Ergamootni deebisaniifii isa qofa utuu hin ta'in innii fi warri mana isaatii ni fayyu jedhaniin. Kun kan agrsiisu garaa Ergamoota wangeela lallabuuf Gooftaadhaan ergaman keessa fayyinni dhuunfaaf yoo ta'u, kutaan (kan inni dhuunfatu) isaa maatii ta'uu mirkaneessa. Ammas, dubbiin Ergamootaa hidhamichaaf gorsaa fi hubachiisa; akka inni fayyina dhuunfaa isaa qofa irratti utuu hin ta'in akkasuma fayyina maatii isaa irrattis xiyyeeffatuufi.

II. DHIMMOOTA FAYYINA MAATII

A. Kakuu Moofaa Keessatti

1. Guutummaa Mana Nohii

1). "Waaqayyo yommus Nohiin, Ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali jedheen" (Um 7:1)

"Guyyaadhuma jedhame sanatti, Nohi, haati manaa Nohi, ilmaan isaa: Seem, Kaam, Yaafetis, dubartoonni ilmaan isaa sadanis isaa wajjin markabichatti galan"(Um 7:13).

==> Asitti Waaqayyo Gooftichi, bishaan badiisaa jalaa akka oolaniif Nohi guutummaa mana isaa wajjin markabichatti akka galu abboome. Fedhiin Waaqayyoo maatii akka kutaa fayyina isaa hojiirra oolchuutti akka ta'e ni mirkaneessa. Nohi mana isaa guutuu, niitii isaa, ilmaan isaa, niitiiwwan ilmaan isaatii akka fedha Waaqayyootti gara markabaatti fiduudhaan innii fi maatiin isaa guutuun Waaqayyoon akka baraaraman nutti himameera. Kun fakkeenya nuti har'a hordofuu qabnuu dha.

2. Manneetii Israa'elotaa

1. "Guutummaa Waldaa Israa'elitti himaa, ji'a kanaa guyyaa kurnaffaatti, namni akka mana mana isaatti xobbaallaa tokko maatii tokkoof haa fudhatu! Warri mana tokko keessa jiraatan xobbaallaa tokkoof muraasa yoo ta'an garuu, namni tokko akka baay'ina namoota isaatiitti, ollaa (akkasuma maatii guutuu) isatti aanu tokkoo wajjin haa fudhatu. Xobbaalllaa sanaaf hanga namni tokko nyaachuu danda'u shallaguudhaan nama ni lakkooftu.(Bau 12:3-4).

==> Waaqayyoo hangafa Misirootaa rukutuuf yommuu ka'etti, murtii dhumiisa hangafaa jalaa oolchuuf, Israa'elotaaf faasikaa godhe. Wanti waaqayyo isaan ajajaje, xobbaallaa tokko nama tokkoof utuu hin ta'in, xobbaallaa tokko maatii tokkoof akka fudhatanii dha. Kutaan fayyina Waaqayyoo maatii akka ta'e kun cimsee mirkaneessa.

==> Caalaatti, xobbaallaa tokko fixuuf maatiin tokko muraasa yoo ta'e, ollaa isatti aanu wajjin akka hirmaatu Waaqayyo isaan ajaje. Ifaatti, ollaan sunis akka dhuunfaatti utuu hin ta'in, akka maatiitti lakkaa'amu. Caalaatti kun kan mirkaneessu, nuti maatii keenya qofti fayyina Waaqayyoo akka fudhataniif fidna utuu hin ta'in, maatiin ollaa keenyaas badhaadhummaa Waaqayyoo fi fayyina daanga-maleessa kan maatiin keenya hin fixne,akka hirmaataniif isaan qajeelchina.

#Barannoo_Jireenyaa



@Karaadhugaa
Barannoo Jireenyaa Kutaa 4ffaa

3. Guutummaa Mana Rahaab Ejjituu

1. "Egaa akkuman gaarii isiniif godhe, isinis mana abbaa koof gaarii akka gootan maqaa waaqayyootiin anaaf kakadhaa! Milikkita amansiisus anaaf kennaa. Abbaa koo, haadha koo, obboloota koo, obboleettota koo waan isaan qaban oolchaa, du'a jalaas baasaa!" jette (Iya 2:12-13).

"Isaan yommus meetiidhaa fi warqee, qodaa sibiilaa fi kan sibiila boorrajjii duwwaa iddoo qodaan mana Waaqayyoo keessa taa'u keessa kaa'an malee, mandarichaa fi wanta mandaricha keessa jiru hundumaa ibiddaan guban. Iyaasuun garuu Rahaab ishee ejjituun warra Yerikoo gaaduudhaaf ergaman dhoksitee waan baafteef, isheenii fi warra mana abbaa isheetii, warra kan ishee ta'an hundumaa wajjin akka oolan godhe; isheen hanga har'aatti Israa'el keessa jirti (Iya 6:24-25).

==> Kun seenaa yommuu Iyaasuun Israalotni Yerikoo akka barbadeessan godhe, Rahaab ejjituun warra mana ishee waliin akkamitti akka oolfamte ibsuu dha. Iyaasuun akkasitti fedhii ishee raawwateef. Kunis maatiin kutaa fayyina Waaqayyoo t

B. Kakuu Haaraa Keessatti

1. Mana Zakkewoos Qaraxxichaa

1). "Yesuusis yommuu bakka sana ga'etti ol millatee, "Yaa Zakkewoos, hardha mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad-bu'i" jedheen. Innis yoosuma gad-bu'ee gammachuun isa simatee....Yesuusis deebisee, hardha #fayyinni #mana kanaaf dhufeera jedhe" (Luq 19:5-6,9)

==> Kun seenaa fayyina Zakkewoos qaraxxichaati. Seenaa kana keessatti, wanti Gooftaan hojjete---mana Zakkewoos oolchuudhaa fi wanti Inni jedhe---fayyinni hardha mana kanaaf dhufeera. Kun ragaa maatiin kutaa fayyinaa Gooftaan fideeti.
Barannoo 2ffaa (4)

2. Mana Qorneerleewos

1. "Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Pheexiroos jedhamu sana waamsisi; Inni ergaa sii fi namoonni mana keetii cuftinuu ittiin fayyitan sitti hima"(HoE 11:13-14).

"Qorneelewoosis firoota isaatii fi jaallan isaa warra isatti dhiyaatan walitti waamee isaan eegaa ture"(HoE 10:24).

"Otuma Pheexiroos ammallee waan kana dubbachaa jiruu, Hafuuri Qulqulluun warra dubbii sana dhagayaa turan hunda irra bu'e"(HoE 10:44).

"Innis akka isaan maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman ajaje; isaanis akka Pheexiroos bultii xiqqoo isaan bira turuuf isa kadhatan"(HoE 10:48).

==> Kun seenaa fayyina warra mana Qorneerleewos, isa hangafa dhibbaa waraana Roomaa turee fi jaallan isaati. Seenaan kunis guutuun maatii namaa kutaa fayyinaa kan Hafuuraan namoota irratti hojii irra oolu ta'uu mirkaneessa. Qorneeleewos guutummaa maatii isaa qofa miti, jaallan isaas Gooftaa akka fudhataniif isaan qajeelche. Kun waan dursinee ilaalle, isa guutummaan mana warra Israa'el hoolaa faasikaa ollaa isaanii waliin hirmaachuu qabuun wal sima.

3. Mana Liidiyaa

1. "Warra nu caqasaa turan keessaas dubartii Liidiyaa jedhamtu tokkotu ture;...Waaqas Waaqeffatti turte. Gooftaan akka isiin waan Phaawuloos dubbatu qalbeeffattuuf qalbii isii baneef. Isiinis erga warra mana isii jiraatan waliin cuuphamtee booddee..."(HoE 16:14-15),

==> Seenaan amantuu dubartii kunii fi manni ishee Gooftaatti amananii cuuphamuu kunis fakkeenya maatiin akka kutaa fayyina Gooftaa ta'uuti.

#Barannoo_Jireenyaa



@Karaadhugaa
“Ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee" isaaniin jedhe.”
— Mar. 2:17

Namniyyuu nama jal'aa jaallatee ofitti hin qabu.

Yesus garuu cubbamootaaf jallootaaf jedhee Waaqarraa nama ta'ee dhufe.

Ofiisaa fannifamee dhiigaasaa lolaasee du'ee du'aa ka'uusaatiin

Cubbamootaafi jalloota maqaa jedhu taappeelaa isaa nurraa gatee

Qulqullootaafi qajeeloota maqaa jedhu nuuf kenne isumaanis Abbaa duratti akka mul'annuu taasise.

“Cubbuu jalaa luba baatanii, hojjetaa qajeelinaa taataniittu.”
— Rom. 6:18



@Karaadhugaa
@Karaadhugaa
#Hamma_Dhumaatti🥰
Ati isa jaalachuukee of qori malee inni si jaalachuu isaa akkamiin qortaa?
Du'oo taatee utuu jirtuu kan si jaalate yoo maal taate sirraa fagaachuu danda'aa? “Si'a sadaffaas Yesus, "Simoon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?" jedheen."
— Yoh. 21 Phexros si'a sadaffaf erga gooftaa ganeen booda, gooftaan Pheexrosin "ana jaalattaa?" Jedheen malee "an sin jaaladha!" Hin jenneen! Jaalala phexrostu qorama malee jaalalli gooftaa hin qoramu!
Jaalalli gooftaa haala Phexros irratti utuu hin taane gooftichuma irratti kan hundaa'edha! Phexros gooftaa ganes, Gooftaaf dhugaa ba'es jaalalli gooftaan phexrosif qabu sanuma!
Inni akka phexros isa ganu utuma beekuu hamma dhumaatti isa jaalate!
“...; inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta'an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise.”
— Yoh. 13:1
Jaalalli gooftaa keetii jaalala akka abbaa, haadha, obbolaa, michuu, jaalallee fi jaallatoota keetii miti!
Inni jaalataa miti! Inni jaalaladha!
Akka dadhabdu utuu beeku, akka bitittirtu utuu beeku hamma dhumaatti si jaalate! Jaalala isa kanan deebisnee isa haa jaalannu! "Inni waan nu jaalateef nutis in jaalanna" jedhamee akkuma caafametti isa jaalachuun keenya inni nu jaalachuu isaarraa kan ka'edha! Isa jaalachuun keenya jaalala kan dhugaa haa ta'u! Jaalalli Waaqayyoo karaa Kristos nu haa moo'atu! Laphee fi lubbuu keenya haa guutu! Garaa keenya guutuu, humna keenya guutuu, fedha keenya guutuu isa haa jaalannu! Jaalalli isaa jaalala kanirra nuuf haa caalu!
Kristos irra deddeebinee haa jaalannu!
Ayyaanni nuyiif haa baay'atu!

#KARAADHUGAA
@Karaadhugaa
@Karaadhugaa
#Dhiifamni baay'ee gatii jabeessa dha.

—> #Sababni isaas dhiifamni dhiigaan dhufe. Dhiifama gochuun gatii kan nu baasisuuf, kan gatii itti baase Kristoos waan ta’eef.

#Dhiifama diduun Kristoosin diduu dha. Iddoo Jaalalli jiru dhiifamni akka galaana yaa'a. Eeyyeen, Waaqayyo abbaan diinoota isaatiif kennaa gatii jabeessa, ilma isaa tokkicha diinota isaaf laate. Kanaafu, namni dhaabbachu dura dhiifama beeku qaba.
Yohannis 3:16
"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate;..."

#KaraaDhugaa

@karaadhugaa
@karaadhugaa
2024/04/27 19:46:30
Back to Top
HTML Embed Code: