Telegram Web Link
Bilbiluma keessaniin Akka salphaatti network malee offline bilbila keessaniin application mataa keessanii uummachuu ni barbaadduu?? maarreegaa kunooti nus akkaataa isin haala salphaadhaan application create godhattan barbaannee isinii finnee jirra. ammuma ilaalaa. applicationicha ammoo description jala isinii keenyaa jirra waan tra'eef link armaan gadii kana erga tuqxanii booda description jalaa buufadhaa. barnoota yeroo yerootti dabarsinus hordofuu warri barbaaddan subscribe godhaa



https://youtu.be/JYxzjifviEw?t=333
Forwarded from የኔ Prize Channel
🥛USN Protien Shake The Best Protien in the market for mass gain and muscle development. 💪You Can gain from 7-10 kg per week of time.
🍒Extracted from pee and bean
🥛ፕሮቲን በሳምንት ውስጥ ከ7-10 ኪ.ግ እንዲጨምሩ ይረዳዎታል በአጭር ጊዜ ከሳይድ ኢፌክት ነፃ የሆነ!!
💪ምንም አይነት ኬሚካል የሌለው
🍒ከአትር ፍሬ እና ከባቄላ የተቀመመ !!
በተለያየ ጣእም እኛ ጋር ያገኙታል።
#Mark023
💰1KG -- 1900 Birr
💰2KG -- 2700 Birr
📩 @RovoRe or +251942155338
@ShopGebeya @ShopGebeya
Beela'eef sin jaaladhuu
Yoon buleyyuu agabuu
Buddeenaan firoomuudhaaf
Laphee tortoraa hin qabuu
maal naaf godha gamoon kee?
kan cirrachaaf simmintoo
maal naaf godharee bifti kee?
kan bulee ta'u cittoo......
~
Bu'aafi fayidaan hunduu
kan lafarra tuulame
gaaf tokko darbuuf jira
Harca'ee duguugamee
#Eenyummaa keen jaaladha
kan si wajjin uumame

kabajamtoota maatii @Jaalala_Dhuga channel hedduu bareedaa walaloo mimmiidhagaa irra argattan join gochuun itti dabalamaa. Channelchatti dabalamuuf join kan jettu tuqaa.
Baaroo Tumsaa


Baaroo Tumsaa (1942-1977) sabboonaa Oromoo fi qabsaawa mirga namummaa ti. Baaron kabajamuu mirga Oromootif falmaa kan ture yoo ta'u qabsoorratti lubbuunsaa dabarte

Seenaa Isaa

Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.

Abbaan isaafi harmeen isaa walitti aansuun du'aan irraa adda baanaan Baaroon obboloota isaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessa isaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti gatiittiitti baatanii isa fidan.

Barnoota Isaa

Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaane Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Haayila Sillaasee I (Yuunivarsiitii Finfinnee ammaa) jedhamuun beekamurraa barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa'aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarrtti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pireezedaantii ta'uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta'uudhan hojetaa ture.

Qabsoo Keessa Seenuu Isaa

Baroota kana keessatti baay'inni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haaxiqatu iyyuu malee, arruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal'aansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba'uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin ta'uun Waldaa wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera.

Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada 'lafti qoteebulaaf' jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 ka'e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo Tumsaa ture. Goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka'e.

Jijjiiramni inni fides Oromoo qofaaf utuu hinta'iin, bittaa warra abbaa lafaa jala turan hundaaf akka ta'e seenaan ni dhugoomsa. Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf ana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu'aa ta'eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera.

Haalli Baaroofi garee hojjetootaa kanaa namootni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyaniiru. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera. Haata'u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef waldaan maccaafi tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef 'Wald
aa Dhaaba Dhidheessaa' jedhu uume. Mul'anni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hin laanneefiif yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu mootummaa kanaaf goota hin jilbeenfanne ture. Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hin lakkoofne.

Baaroo Tumsaa sochii hedduu taasise cinatti bara 1964 aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii ijaarrate. Aadde Warqinash Bultoo biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jiranii bara 1982 loltoota amanamoo Mangistuu Haayilamaariyaamiin ajjeefamani. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii jeneraal Demisee Bultoo yommuu ta'an, abbaan isaanii obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho'aadhaan waan kabajameef diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture. Dargaggeessi lammiisaatiif akka guddaatti inaaffaa garbummaa hunkuteessuuf qabatee ka'e kun tarkaanfii diinaa kan itti caalchisaa deemeefi akka malee sodaachisee gara isa dhabamsiisuuf ka'ame sochii bara 1966 ka'e akkanni karaattti hafuuf gumaacha taasisera. Amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti kan dubbifamuufi jaallatamu (The Oromos voice against tyranny document 1971) kan jedhu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka ga'u taasiseera.

Barreeffamni kun gara Amaariffaattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hin taane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra ga'aa ture barruun kun of keessatti waan qabattee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba Oromoo ittiin bariisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972 tti Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qo'atee yeroodhaaf gaazeexaan 'Bariisaa' jedhamu qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche.

Har'a gaazeexaan Bariisaa faayidaa siyaasaatiif jedhamee kan qophaawu malee faayidaa eenyummaa saba Oromootiif jedhee miti. Baay'inaan waa'ee eenyummaa Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti. Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo har'a sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaa fi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra ga'uuf kaayyoo balla'aa baasuudhaan wiirtuu Qaama Qindoominaa (Central Coordinating Body) dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera.

Bara 1974 daba mootummaan Hayile Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaa'e. Kana keessattis Baaroon miseensa ta'ee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hinta'iniin rakkoo keessa galafamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayila Sillaasee cunqrsaan irra ga'aa ture hundaa kan ofitti haammatu dhaaba Wala'ansoo saba balla'a cunqursamoota Itoophiyaa 'Ye Itoophiyaa ciqunooch abiyootawwii Tigil' jedhu hundeesse. Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan of-keessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu of-tuulummaasaa dabalaa deemuun dargiin dhaaba 'EMALEDHI' jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baay'een gara qabsootti seenuu jalqaban.

Du'a Isaa

Bara 1974 tti hundaa'ee baha Oromiyaa keessatti soch'aa kan ture Dhaabni Bilisummaa Oromoo qabsaa'ota hedduu horachuu danda'ee ture. Baaroonis qabsoo kanatti seenuudhaan gara bahaatti deemee geggeessummaan hojjetaa utuu jiruu bara 1977 tti lubbuunsaa darbe. Duutii Baaroo umurii gabaabaafi akka tasaa dhaaba Adda Bilisummaa Oromoofi uummata Oromoo akka malee naasiseera; miidheeras. Dargaggeessi umurii waggaa 35 tti diinaan ajjeeffa
me kun bara hundumaa godaannisa hindagatamne saba Oromoo irratti maxxansee jira. Diinni oldeemtota Oromoo karaatti hambisuun isa duras ta'ee isaa asitti kan itti fufaa turedha.

Akkaataa du'asaa ilaalchisee saba Oromootiif odeeffannoon hin kennamne. Haata'u malee, du'a Baaroo booda namootni yeroo sana turan geggeessummaarratti dandeettii dhabuu qofaa utuu hin taane, ejjennoo dhabuusaaniirraan kan ka'e dhaaba saaniitiifis ta'e uummata saaniitiif ta'uu dadhabuudhaan ummata qaanessanii jiru. Kaayyoo innii fi kan isa fakkaatan itti wareegamaniif xiyyeeffannoo guddaan hin kennamne.

Dhiigni Baaroo Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Magarsaa Barii, Jaagamaa Badhaanee fi dhiigi goototni Oromoo hedduun bilisummaafi dagaaginaan guutuummaa Oromiyaa keessa walgayee jira. Seenaan gootota Oromoo sirna diddaa garbummaatiif qabsaa'aa turanii bara baraan gabatee seenaarra hin dhabamu. Dhiigni dargaggoota Oromoo harka diinaatiin dhangalaafame bilisummaa goolee bantii lafaa hundarratti finiinu argamsiisuu akka danda'u firaafi diinni Oromoos wallaala natti hin fakkaatu.
@lammiif
Baaroo Tumsaa
Abishee Garbaa

Abishee Garbaa abbaa duulaa (mootii jechuunis ni danda'ama) ummata Oromoo naannoo Horroo jiraachaa turee yoo ta'u goota beekkamaadha. Abbaan Abiishee Garbaa Hurruubaa yoo ta'u haatisaa ammoo Dagattee jedhamti. Aadde Dagatte daldaltuu beekkamtuu yoo taatuu abbaansaa ammoo abbaa duulaati.

Seenaa Duubaa

Abiishee Garbaa ilma abbaa duulaa Odaa Bulluq kan naannoo Horroo kan ture kan Garbaa Hurruubaati. Garbaa Hurruuba sirna Gadaatin Odaa Bulluqiin filatamee akka abbaa duulaatti bara 1850-54tti tajaajilaa ture. Waggaa afur akkuma tajaajileen Garbaan ni du'e. Abishee Garbaa kanatti fayyadamuun abbaa duulummaa abbaasaa kan waggaa afur hafe kana qabachuuf gaaffii dhiyeesse. Kunimmoo sirna Gadaa keessatti fudhatama kan hin qabne waan ta'eef mormiin isa mudate; garuu deeggartoota muraasaa keessattu dargaggoota ni qaba ture. Boodarra Abisheen abbaa duulummaa abbaasaa kana humnumaan dhaalee abbaa duulaa ta'e. Kunis bara 1855tti. Waggaan arfan hafan xumuramanis Abisheen aangoo akka sirna Gadaatti hin gadhiifne, ittuma fufee warra kaan amansiisun warra kaan ammoo doorsisuun akka aangoosaa fudhatan godhe. Naannoo Horrootti weerarri Goojjam yeroo yeroon kan dhufu waan tureef Abishen ammo kana sirriitti faccisaa waan tureef namoota birattis fudhatama argate. Abiisheen lolee naannoo kuma kudha shan ta'u qaba ture.

Gaadi'amuusaa

Goojjamoonni Abiishee waraanaan injifachuu waan dadhabaniif, tooftadhaan qabuuf shira xaxan. Haala kanaan, waliigaltee nagaa si wajjin uumuu barbaadna jechuudhan ergaa karaa nama Qadiidaa Wannabee jedhamuu dhaamsa itti ergan. Karaadhuma Qadiidaas kennaa beennacha fardaa warqiirraa hojjatame erganiifi. Akkaataa kanaan Abiisheen Raas Darasuu wajjin walitti dhufee akka mari'atu haala mijeessan. Akka seera Oromoottis walii kakachuudhan wadaa nageenyaa kana Abiishee fi Goojjamoonni xumuran. Kakuun kan dhugaa akka hin taane abbotin duulaa Oromoo akka Dabalaa Gannaa fi Dagaa Hooroo jedhaman itti himanillee Abiisheen isaan hin dhageenye.

Haala kanaan waliigaltee erga uumanii booda, Goojjamoonni Laga Mormor ce'anii odoo Abiishen hin beekin daangaa Guduruu fi Horro gidduu jiru qaxxaamuranii loltusaanii Goodaa Kokor kan teessuma Abiishee Dooyyorraa 20km fagaatu qubachiisan. Abiishen erga kana dhaga'ee booda loltuusaa kan lakkoofsan kuma afur ta'an qabatee gara Goodaa Kokor deeme. Waliigalteen duraan waan qabaniif Abiishen waraanaf hin deemne. Erga achi ga'ee booda akka seera Oromootti bakara qabatanii man ol seenun safuu waan ta'eef Abiishen meeshaasaa ala ka'ee gara dunkaana Goojjamootaa mariif ol seene. Gojjamoonnis duskaana keessatti Abiishee qabanii gaadi'ani. Qabamuusaa kan ibsuufis dibbee yeroo rukutan loltoonni Abiishee waan raawwatame barani. Loltoonni Abiishes waraana jalqabani warra Goojjamootaa rukutuu jalqaban. Garuu jarri duraan qophaa'anii waan turaniif loltoota Abiishe ni injifatani. Lola kanarratti abbaaduulaa Dabaloo Gannaa dabalatee loltoonni baayyen du'ani, obboleessa Abiisheemmoo qaamnisaa irraa murame. Duulli kun Duula Goodaa Kokor jedhamee beekkama.

Duula Goodaa Kokor kan Gurraandhala 13, 1877 Abiishee fi Raas Darasuu Abbaa Xooboo gidduutti godhamee (Abiishen odoo hin beekin waan gaadi'ameef kana jechuun nama rakkisa) kanaan loltuun Abishee injifatame. Abiisheen erga gaadi'amee booda deemuu waan dideef akka qotiyyootti harqota itti godhanii harkisanii gara Goojjam geessan. Abiishenis gowwoomfamuusaa erga baree booda aaridhaan quba harkasaa tokko alaanfatee fixe jedhama. Erga Goojjam geessanii booda niitin mootichaa goota loltusaanii yeroo baayyee injifate kana arguuf fida jettee fidchisiifte. Abiisheen ergarama beelaa fi darararran kan ka'e fokkisaa ta'ee argame jedhama. Niitin mootichas godummaasaa kanaan arrabsite. Kanaafis dubartoonni Horroo yeroo mammaakan:

Kan goduma keerra kan gowwumaa ke siin jette niitin Adaal Tasammaa

San booda, Abiishen iddoo Jabalaa fi Maxaraa jedhamutti hidhame. Achitti, Goojjamoonni Abiishee mormaa gadi jiraa awwaalanii mataasaarratti soogida firfirsan. Itti aansanii, fardeen erga itti gadilakkisani; akkaataa suukaneessaa kanaan Abiishen qorqamee du'e,
reefisaas bataskaana Dabra Maarqos keessa jirutti awwaallame. Kana dhoksuuf jecha garuu gifiraan akka du'etti odeessisiisaa turani.

Abiishen erga du'ee booda Goojjamoonni aangoo obboleessa Abiishee Fandalalaa Garbaatti kennani. Fandalalaan gumaa Abiishee deebisuu waan dideef, ummanni akkas jedhee ittiin geerare:

Fandee faandiyyaa Garbaa 
Gumaa mootichaa hin baafnee 
Siree mootichaa yaabdee 

Fudhatamni Fandalalaan uumata biratti qabu xiqqaa ture. Mootummaan Horroos odoo hin turin bakka adda addaatti qooddamuun warra Goojjamootaf amanamoo ta'aniif kenname, Fandalaan Gubayyaa qofa akka bulchu godhame. Yeroo Minilikii fi Goojjamoonni Waraana Imbaaboo geggeessan, Fandalalaan gara Goojjamootaa goree lolaa ture. Kanaafis, waraanni Minilik bara 1881tti Horroon rukutee ture.

Yaalii Deebisuu

Reeffa Abiishee Horrotti deebisuuf yaalin adda addaa godhamaa turullee hanga ammaatti hin milkoofne. Yeroo Xaaliyaanin biyya kana qabatte ilmi Abiishee Fiitaawurari Amanuun reeffa abbaasaa deebisuuf yaalii godhaa turus hin milkoofne. Bara 1950n keessa akaakayyuun Abiishee Fitaawuraarii Oljirraa yaalaa ture.

@lammiif
Abishee Garbaa
Harkaa Fuunee akkam jirtu ijoolleee Oromo Ani nagaa kooti Rabbi galatni haa ga'u.
Harr'a waan tokkon isin kadhachuuf deema maaloo na gargaaraa.
Kanan isin kadhadhuus akka isin YouTube channel koo subscribe naaf gootan qofa. Akkuma hundi keenya arginu Miseensii channel Telegram keenyaa 18,000 ol ta'eera kana keessa immoo namoonni 10,000 ol YouTube account yookan immoo gmail akka qabdan nan amana.
Lammii ko amma miseensi channel YouTube koo 400 ga'eera maaloo na gargaaraa ol naaf guddisaa bayy'inni keenya har'aaf kan hin taane yoomiifree?
Subscribe gootanii qophiiwwan koo bifa videon achirra darban itti bashannantu.
Maqaan YouTube channel koo AMBO_VINE Jedhama subscribe naafgochuuf link armaan gadii tuqxu yoo kan immo gara gadiitti kan argamtu subscribe gochuuf kan jettu yokan immoo Ambo vine kan jettu gadi tuqaa kan kallattin gara Channel koo isin geessa
link 👇👇👇
https://m.youtube.com/channel/UCDBPoUf1LYIXijdmOjWKQYA?itct=CCYQ6p4EIhMI7MXE6Luv4wIVpJNRCh2XXgkT&csn=hIgoXYk996eYsA-l6rjYCg&wlfg=true
maaloo daqiiqaa tokkof waan gochaa jirtu dhaabii subscribe naaf godhi🙏🙏
@sooldave dha
Hoogganaa channel
@jaalaladhugaa
Forwarded from ET Airlines Technicians✈️ (Jaal)
Hiriira deeggarsa Jawaari fi balaaleffannaa Dr Abiy Magaalaa Jimmaa guyyaa har'aa.
Viva Qeerroo Jimmaa.
https://youtu.be/iEETuNu-joI
Forwarded from 𝗥𝖊𝖆𝖑 𝗟𝖔𝖛𝖊 ($øõl Ďavě) via @MiiraBot
𝗢𝗱𝘂𝘂 𝗱𝗮𝗿𝗮𝗮𝗻 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗻𝗮𝗮𝘀𝗶𝘀𝘂
𝖲𝖺𝖻𝖺𝖻𝖺 𝖩𝖺𝗐𝖺𝖺𝗋 𝖬𝗈𝗁𝖺𝗆𝗆𝖺𝖽 𝖿𝗂𝗅𝖺𝗇𝗇𝗈𝗈 𝗂𝗋𝗋𝖺𝗍𝗍𝗂 𝗁𝗂𝗇 𝗁𝗂𝗋𝗆𝖺𝖺𝗍𝗎 𝗃𝖾𝖽𝗁𝖺𝗆𝖾𝖾𝖿 𝖡𝖾𝖾𝗄𝖺𝗆𝖾.
𝗄𝗎𝗇𝗂𝗌 𝖻𝖾𝖾𝗄𝖺𝗆𝗎𝗎 𝗄𝖺𝗇 𝖽𝖺𝗇𝖽𝖺'𝖾 𝖣𝗋 𝖠𝖻𝗂𝗒𝗒𝗂 𝖿𝗂 𝖤𝗌𝗄𝖾𝗇𝖽𝖾𝗋 𝖭𝖺𝗀𝗀𝖺𝖺 𝗈𝗌𝗈𝗈 𝖻𝗂𝗅𝖻𝗂𝗅𝖺𝖺𝗇 𝗁𝖺𝗌𝖺'𝖺𝗇𝗂𝗂 𝖩𝖺𝗐𝖺𝖺𝗋 System 𝖽𝗁𝗎𝗎𝗇𝖿𝖺𝖺 𝗂𝗌𝖺𝖺 𝖿𝖺𝗒𝗒𝖺𝖽𝖺𝗆𝗎𝗎𝗇 𝗌𝖺𝗀𝖺𝗅𝖾𝖾 𝗂𝗌𝖺𝖺𝗇 𝖻𝗂𝗅𝖻𝗂𝗅𝖺𝖺𝗇 𝗐𝖺𝗅𝗂𝗂𝗇 𝗃𝖾𝖽𝗁𝖺𝗇 𝗐𝖺𝗋𝖺𝖺𝖻𝗎𝗎𝗇𝗂.
𝗂𝗌𝗂𝗇𝗂𝗌 𝗌𝖺𝗀𝖺𝗅𝖾𝖾 𝗌𝖺𝗇𝖺 𝗉𝗅𝖺𝗒 𝗄𝖺𝗇 𝗃𝖾𝗍𝗍𝗎 𝗍𝗎𝗊𝗎𝗎𝗇 𝖽𝗁𝖺𝗀𝗀𝖾𝖾𝖿𝖿𝖺𝖽𝗁aa
Forwarded from ET Airlines Technicians✈️ (Jaal)
Hiriira deeggarsa Jawaari fi balaaleffannaa Dr Abiy Magaalaa Jimmaa guyyaa har'aa.
Viva Qeerroo Jimmaa.
https://youtu.be/iEETuNu-joI
Taayyee Danda'aa Gaazexeessaan OMN dhimma qarshii miliyoona lamaa irratti itti bilbilee gaafachuuf jennaan arrabsee bilbilasaa cufate. way bada dhama'aa Taayyee. Mee viidiyoo kana ilaalaa

https://youtu.be/Rve3E5bPWus?t=201
Hayilee Fidaa

Doktor Hayilee Fidaa (1939?-1979) nama siyaasaa yoo ta'u hogganaa Warraaqsa Sooshaalistii Guutuu-Itoophiyaa (irra caala maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun beekkama) ture. Gumaachasaa keessa inni guddaan Dargii bakka bu'uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyooleessa baasuu isaatini. Kana malees, Dr Hayileen qorannoo adda addaa qubee Afaan Oromoorratii fi caasluga Afaan Oromoorratti godheen beekkama.

Seenaa Duubaa

Hayilee Fidaa Wallagga keessa magaalaa Arjootti dhalatee Naqamtetti guddate. Hayileen barnoota sadarkaa tokkoffaa Mana Barumsaa Arjootti yoo baratu sadarkaa giddu galeessa (kutaa 5-8) ammoo Naqamtetti mana barumsaa yeroo sana Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hayila Sillaasee I jedhamutti barate. Barnootasaa ittuma fufuun, sadarkaa lammaffaa Finfinneettii Mana Barumsa Jeneraal Wiingeetitti barate qaphxii olaanadhaan xumure. Kana booda barsiisaa ta'ee qacaramuun Dadaritti waggaa tokko barsiisaa ture.

Bara 1961tti, Hayileen Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota ji'ooloojii baratee qaphxii guddaadhan eebbifame. Dr Hayileen barata cimaa ture; barnoota sadarkaa lammaffaa A kudhanii fi B lamaan xumure. Yuunivarsiititti ammoo qaphxii 4.0 fiduudhan barata kabajaa ta'ee (great distinction) eebbifame. Erga eebbifamee booda, achuma Yuunivarsiitii Finfinneetti, Dippartimentii Ji'ooloojitti Gargaaraa Eebbifamaa ta'ee akka barsiisaatti qacarame. Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti erga waggaa tokko barsiisee booda barumsa digirii lammaffaa itti fufuuf gara Firaansi deeme.

Dr Hayileen Firaansitti jalqaba barumsa Ji'oofiiziksii, itti aansee waggaa lamaaf ammoo Sosooloojii baratee eebbifame. Hayileen sochii Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi keessatti godhurraan kan ka'ee fi mootummaa Hayilasillaasee waan balaaleffatuuf, paaspootii fi iskoolaasrhiippinsaa jalaa haqame. Sababa kanaaf biyyatti deebi'uu waan hin dandeenyeef, wagga lamaaf mana barumsaa Firaansi tokkotti qacaramee barsiisaa ture. Ittii aansee, paaspoortii dhoksaadhan imbaasin Itoophiyaa kan Jarmanii keenneefin gara Jarmanii deemee, Yuunivarsiitii Hambargitti waggaa lamaaf barsiise. Amajjii 1975 erga Warraaqsi dhoo'ee booda gara Itoophiyaatti deebi'e.

Sochii Siyaasaa

Yeroo Firaansi turetti, Hayileen Maarkisizimii Sooviyeetii fudhatee ture; Rene LaFort akka jedhetti Hayileen miseensa Paartii Koministii Firaansi ture. Waamicha Dargiin Itoophiyaanonni baratan gara biyya isaanitti deebi'anii akka tajaajilan godhe fudhachuun, Hayileen bara 1975 keessa gara biyyaatti achas deebi'e. Nagadee Goobazee, kan achuma Firaansitti barachaa ture wajjin naannoo Yuunivarsiitii Finfinneetti "mana kitaabaa tarkaanfataa" bane; kunis kitaabota Maarkisizim-Leeninizimii lammii biyyaattiitif dhiyeessuf ture. Manni kitaabaa dulloomaa fi dadhabaa ture kun barattootaan guuttame, kitaabonni haaraa dhufan battalumatti gurguramanii dhumu ture.

Oduma baayyee hin turin Hayileen Dargiin biratti qofa odoo hin taane hogganaa Dargii Mangistuu Hayilamaariyam biratti beekkame, Dargiin yeroo sana deeggartoota siivilii fi gorsaa Maarkisizim-Leeninizimii barbaada ture. Muddee 1975, barreessan Dargii kutaa Biiroo Dhimma Ijaarsa Uummataa kan Yeroo (kan Ingiliffaan POMOA jedhamu) dhaabe, Hayilee Fidaas hogganaa godhe. Kaayyon POMOA Dargiin deeggarsa ummata biratti akka argatu gochuu qofa odoo hin taane siviloota bitaa warra kaan dhqqabuu ture. Hogganaa kutaa kanaa ta'ee odoo jiruuti kan Dr Hayileen Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa kan qopheesse, dookimentin kunis dhaadhannoo Itiopiya Tikdem (Itoophiyaan haa dursitu) jedhu kan Dargiin akka kallattiitti itti fayyadamaa ture garuu kan ifa hin turin bakka bu'e. Tokkummaa warraaqsa hojjattootaa, qonnaan-bulaa fi burjaa xixiqqaa tarkaanfataatin, fiiwudaalizimii, impeeriyaalizimii fi kaappitaalizimiin barbadaa'anii dhumarratti Rippabiliika Dimokiraatawaa Ummataa Itoophiyaa uummame. Mangistuun Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa fudhatamee hojiirra hooluusaa hiriira Ebla 20, 1976 irratti beeksise.

Haa ta'u malee, POMOAn mormitoota siivilii wajjin walqunnamtii uumuu dadhabe. Namoota Duula irratti hirmaatan kan hojii
baadiyyaatti irratti ramadaman dhiisanii gara magaalaatti deebi'anii wajjin mormitoonni Dhaabaa Warraaqsaa Ummattoota Itophiyaa (kan Ingiliffaan EPRP jedhamu) deeggaran; kunis lakkoofsa miseensotasa fi dhiibbaa inni uumu dabale. MEISON Dargii yoo deeggaru, EPRPn Dargiin sochii uummataa humna waraanatin akka ukkaamse dubbachuun balaaleffate. Karaan sooshaalistii inni qajeelton mootummaa uummataa kan dhugaa hundeessuf qabsaawuu itti fufuu malee Dargii isa nama hacuucu akka hin fudhanne ifoomsan.

Shoora Dargiin Warraaqsa Itoophiyaa too'achuu keessatti tabachuu qabu irratti garaagarummaa hadhaawaa qabaataniyyuu, MEISON fi EPRP "sagantaa walfakkaatu baasan". Akka Ottaways, kan mormii kana ijaan arge jedhutti, "Itoophiyaanonni hedduun, warrumti baratanillee hubachuu hin dandeenye".

Ottaways akka jedhanitti:

Beektonni Itoophiyaa hunduu Maarkisizim-Leeninizimii keessa of galchuuf dirqaman. Barreessitoonni kun pirofeesaroota yuunivarsiitii kan mormii siyaasaa kanaan baayyee jaanja'anii fi hubachuuf jecha kitaabota duriii hedduu dubbisani arganiiru. Barattoonni yuunivarsiitii waggaa sadaffaa fi afraffaa barruu Addis Zamanirra jiranii fi paamfiletii dhoksaan maxxanfaman hiikanii nuu kennan garuu mormiin dhaabota siyaasaa adda addaa gidduu jiru maal akka ta'e hubachuu akka hin dandeenye dubbatu. Hoggantoonni hojii hiikaa Ejensii Oduu Itoophiyaa keessatti hojjatan hiikaa dhaamsota mootummaa kan tiyoorin guuttaman kan Biiroo Siyaasaarraa dhufan akka hin hubanne dubbatu.

Haala kana keessatti, Hayilee Fidaa walitti hidhata Dargii wajjin qabu cimse. Hagayya 1975, Hayileen Sisaay Haptee kan Koree Dhimma Siyaasaa Dargii ture wajjiin rakkoo Eertiraa keessa jirurratti biyyoota Arabaa ja'a wajjin mari'achuuf bobba'e.

Jechaan kan wal moo'uu dadhaban mormitoonni kun gara tarkaanfii humnaatti ce'an. Namni jalqaba tarkaanfin irratti fudhatame Tiyoodor Baqqalaa yoo ta'u gaafa Gurraandhala 25 1977 ajjeefame. Tiyoodor Baqqalaa miseensa MEISON fi hogganaa Tokkummaa Hojjattoota Guutuu-Itoophiyaa ture. Kun jalqaba Goolii Diimaa ture, yeroo kanas namoonni dhibbatamatti lakkaawwaman yoo du'an moo'amuu EPRPtin xumurame. Namoonni goolii kana jalaa ba'an Finfinneedhaa gara Tulluu Asiimbatti baqatan.

EPRP baqatuyyuu, haalli jiru Hayilee Fidaafis ta'ee MEISONf hin fooyyofne. Adoolessa 10 1976, fonqolchi Mangistuu aangorraa buusuf godhame fashale, Sisaay Haptee guyyaa sadi'i booda gargaartotasaa 17 wajjin ajjeefame. Kana booda dhuma bara 1976 keessa, mormiin Mangistuu fi MEISON gidduutti uummame. Kana booda Mangistuun miseensota MEISON kan mootummaa keessa jiran aangoorraa kaasuu jalqabe. Filannoo ministerotaa Bitootessa 11 1977 godhamerratti MEISON aangoo tokkoyyuu odoo hin argatin waan hafeef haalli jiru ittuu hammaate. Waxabajjii 14 hoggansi POMOA MEISONirraa fudhatame. Hayilee Fidaa fi miseensonni MEISON tarkaanfin itti aanu hamaa akka ta'u waan baraniif dafanii tarkaanfii fudhatan: Hagayya 19 hoggantoonni MEISON 19 fi kaadiroonni 500 ta'an ifatti socho'uu dhiisanii lafa jala socho'uutti geeddaran; Finfinneedhaa baqatanii gara baadiyyaatti baqatan. Mangistuun haasaa guyyaa shan booda godherratti MEISON balaleffate. Hagayya 26 Hayilee Fidaa fi hoggantoonni MEISON kaan naannoo Finfinneetti qabamanii Gibbii durii kan biiroon Dargii keessa jiru keessatti hidhaman. Hoggantoonni MEISON baayyen dhukaasa humnoota Dargii fi isaan gidduutti godhameen du'an. Nagadee Goobazee qofatu gara Yamanitti baqatee lubbuun hafe.

Hayilee Fidaa mana hidhaa keessatti yeroo dheeraaf hanga dhumarratti ajjeefamutti haala hamaa keessa jiraachaa ture. Haalii ajjeechaasaa ifa miti, garuu Andaargachoo Xurunash Hayileen erga hidhamee waggaa lama booda, bara 1979tti ajjeefame jedhe.

Hayileen dura ta'aa Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi ture.

Qorannoo Afaan Oromoo

Dr Hayileen qubee Afaan Oroomoo uumuu keessatti ga'ee guddaa qaba. Yeroo Yuurooppi jiru, Hayileen miseensa garee barattoota Oromoo kan qorannoorratti xiyyeeffatu fi kan Garee Qorannoo Barattoota Oromoo jedhamuu ture. Gareen qorannoo kun barattoota Oromoo biyyoota akka Firaansi, Jarmanii, Iswiidin, Tokkummaa
2024/05/14 03:10:43
Back to Top
HTML Embed Code: