Telegram Web Link
Leexummaan haa badu
Biyyeetti haa makamu
Du'ee awwaallame
Lubbuun haa dhabamu

Wal wajjiin jiraachuun
Margee haa lalisu
Worra wal jaalatus
Waaqni haa eebbisu!

●✥-- @maddajaalal

#HappyValentinesDay

@maddajaalal
Yoo feete Na jibbi;
garuu nan sobiin💔

@maddajaalal
Na jaaladhu jedhee humanaan sin dhiphisu; garuu gaafa jaalalakoo dhaabdu ooltee osoo hin buliin natti himi🙏

@maddajaalal

Jechootaawwan mimmiidhagoo Jaalala yeroo yeroon argachuul like 👍 tuqii darbi
Barattoota Qormaata Biyyolessaa kutaa 12ffaa qormtan maraaf CARRAA GAARII jechuu hin daganne Anis nan Tensionaa'e malee🥰
Jabaadhaa!@maddajaalal
.
"
❤️ Isa;- Maaliif jaalalli koo si shakkisiise yaa waanofii?

❤️ Ishee;- sababni, ani jireenyakoo keessatti takkaa namni akka kee kanatti nan hin jaalanne ykn akka ati kunuunsitutti naan hin kunuunsine.

Kanaaf ani kun abjuudha sodaa jettun qaba. Dhugaa jaalala kee daran natti cime"

= ilaali jaalala keessa waan jiru!. Jaalalli maraataadha jedhu mitiiree?
@maddajaalal
Amaloota Barattoonni Fireeshii Yuunivarsiitii keessatti argisiisan 10n

1◉➛ Akkuma Yuunivarsiitii galaniin waan sadi arguuf jarjaru:-Bagtaraa,kaaffee fi Mana kitaabaa(library )

2◉➛Namni Suufii Uffatee deemuufi borsaa qabatee deemu hundi #Barsiisaa itti fakkaata

3◉➛Barsiisaan yeroo Daree seenuu Teessoo irraa ol ka'uu (Garuu itti hin fufani)

4◉➛Muudiif, nama waliin wal fakkaachuuf jechuun Caatii,Sigaaraa fi dhugaatii jalqabu

5◉➛Shaanxaa Gurguddaa Baayyinaan qabatu(Waan lammata manatti deebi'an hin Fakkaatan )

6◉➛Torban tokkoof qulqullinni doormii Isaanii Ajaayib! Nama jechisiisa. torbee tokko booda garuu Kuusaa Balfii itti gatamu fakkaata

7◉➛Qormaanni baheera yoo jedhame barbaadaa bulu

8◉➛Namni akka fireeshii isaaniin hin jenneef:-dubartoota lalakkafu

9◉➛Maallaqa qaban dafanii fixuun maatiidhaan "maallaqa naaf ergaa ta'uu baannaan barumsa kana dhiiseen dhufa" jedhu.

10◉➛Course out irratti sirritti dubibsuu.

#Nan_Sobeeree???
@maddajaalal
#Xalayaa
Kutaa 1ffaa.
💌💌💌💌💌💌💌💌💌💌💌
"BULTII NAAF HIN TAATU U !!

Utuun si ilaaluu
Akka lubbuu kooti
Utuun si eeggadhuu
Akka agartuu kootti
Diddee erga deemtee
Lafa garaa keetii
Homaa siin hin jedhu
Deemi mirgi keeti.
Anarraa utuu argattuu
Dhandhama jaalalaa.
Maaltu sitti hir'annaan
Ilaaltee alaalaa?
Utuun si ilaaluu
Akka mucaa dhabaa.
Foonni kee na biraa
Qalbiin kee ala jira.
Ushuruuruu jedhee
Har'a si deebisuus
Homaa hiika hin qabu
Jaalalli wal faallaa.
Deemi Karaa nagaa
Ati anaaf hin taatuu
Si wajin jiraachuun
Bultii naaf hin taatuu!"

💌Adem Kassim irraa Mardiya Hajjiitiif 💌

💔💔💔💔💔💔💔💔💔💔💔

Warri xalayaa ergachuu barbaaddan 😁😁😂😂
@maddajaalal
❤️ Jaalala ❤️

Namni waliin tahee
Kan waliin jiraatu
Daree tokko keessa
Kan waliin baratu
~
Bakka bakkaa dhufee
Maatii ijaarratee
Jireenya keessatti
Dahoo wal godhatee
~
Bineensi bosonaas
Kan waliin jiraatu
Akka afaan beekuu
Kan waliin taphatu
~
Humni jibba moo'ee
Uumama bareechu
Wanta faallaa hunda
Tolaan waliif galchu
~
Abiddaa fi bishaan
Kan walitti tokkoomsu
Inniniis JAALALA
Kan hamaa gaaromsu!.
♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️
Abduke
@maddajaalal
#Hidhii_tee.

Hidhii tee yoon laalu
Kutachuufin hawwa
Dhandhamni hin madaalu
Kan akka halaawaa

Maaliinin madaala
Diimina akkasii
Foon yoo tahe malee
Sanuu isa xibsii

Kubbayyaa fakkaatti
Yoo walitti deebiftu
An hidhii tee malee
Dhunguun naaf hin taatu

Qaamuma keetirraa
Bakki natti toluu
Hidhii diddiimtuu san
Qalbiidhaan ilaaluu

Fuuluma kee arguun
Nama gammachiisaa
Hidhiif afaan keetuu
Dhunguu na feesisaa

Namni si arkate
Dhugaan badhaafame
Sanyiin akka keetii
Eessumaan arka mee?

Qaamni kiyya guutuun
Ragaadha siif bahaa
Qabeenya koo tahii
Dharraa keetin bahaa!
.
.
.♥️ @maddajaalal
.
Nama tokko gaafa inni baayyee akka sijaalate sitti himatu, garuu ati nama san jaalachuuf keessikee ykn nama san jaalala hayyamuufiif yoo irraa hin qabaanne kallaattumaan "ani siin hin jaaladhu" hin jedhiniin.

Garuu
"Yoon ija kee keessa si ilaalu jaalalaatu natti mullata, fuulli kee kan akka addeessaa ifu jaalala koon waan baaji'ame nattu fakkaata, na harkista. Akkan ani sijaaladhu feeta.
Garuu, anis sin jaaladha jedhee murteessus keessi koo naaf hayyamuu dide. Mee akkam haa godhu sin jaaladha jedhus jaalalichi natti dhufuu dideeraa!

Onneen kootu na dide!"
Jedhii itti himi.
Namni sunuu suuta si qabsiisa waan taheef. ❤️
.@maddajaalal
Forwarded from OBORRAA POST (Firafiis Ibnu Mohammed)
Namni waliif beekuus
Hunda Rakkoo taraa
Furmaata jiruutiis
Wajjumaani furaa
Tanaafuu jaala too
Naaf beeki hadaraa

Rakkoos hin dandahuu
Duraaniin siif himee
Haala jiruu kiyyaa
Hundaas sitti dhaame
Tanaafuu naaf beekii
Rakko tiyyaas barii
Siitu naaf furmaataa
Hubadhuu naaf furii

Join 👉 @OBORRAA1 @ORO43
💌
Yeroon si jalladhu sagalee nannooko jiran dhagefachuu dhisee, sagalee onneeko qofaan dhagefadhe!
Amman adduunya kanarra jirutti si qofa jallachuufan murtefadhe!
.... ❤️
~
@maddajaalal
.
"Yoon ani miiseejii 'inbox' siif erge, profile koo seentee qorachuuf hin rakkatin anuu sidurseen waa'ee kee qiradhee siif barreesse waan ta'eef.

Yeroo koo hin qisaasin!"

@maddajaalal
JAALALA HAYYOONNI AKKAMITTI IBSU

💞"Jaalalli amantaa malee duungoo qilleensa gubbaatti qabsiifameedha." Tomas Medilton

💞"Warra jaalalaan kufaniif guulli harkisa lafaa itti hin gafatamu." Albert Anestayin

💞 "Jaalalli uuman kan badhaafamaniidha, kan milkaa'u garuu yoo sirnaan qabanii itti deemaniidha." Aristootil.

💞"Jaalalli humnaan, ariifannaa, mormii fi dirqamaan miira hin moo'atamneedha." Agata Christ


💞"Jaalala keessatti injifannoon jiru moo'achuudha." Napoleon Bonaparte

💞 "Jaalalli kiisii qarshii keessa godhan kan ofirraa hin qabne daa'ima qullaa isaa jiruudha." Avid

💞 "Jaalalli iddoo guddaadha malee hidhii keessa kan jiruu miti." Tenson

💞 "Jaalalli sareenumti irree akka walaloo uumtee iyyiituf humna kan of keessaa qabuudha."
@maddajaalal
.
❤️

Hanga wal argannutti garaa hin kutadhu
Waa'ee kankee irratti oduu namni odeessu tokko hin fudhadhu
Ofdurattin si abdachaa deema
Guyyaa yoo sin garre
Osuman si yaaduu halkan dhumaa deema.
❤️
@maddajaalal
Siif sirbuu...?
::::::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
Eenyutu na hate
Yoo tokkee koo malee
Jaalalan saaqatee
Kan onnee koo gale
Ani isheeman beeka
Furtuu onnee kiyyaa
Ishee dhabee oollaan
Ofan jibba fayyaa
Hafuurri ishee anaaf
Nageenya abbooma
Hundumaan guutuudha
Hir'uu hin qabdu homaa
Sagalee ishee anaaf
Weedduu weedduu caaluu
Waan fedhe yoo dhufe
Isheen hin madaalu
Kolfa isheetu anaaf
Madda gammachuuti
Onneen koo in boqotte
Ishee argachuutti
Dha'annaan onnee koo
Maqaa ishee faarfatti
Beektuun koo addadha
Hin qabdu fakkaattii!!

Aadannoo naf tatee
Siif buluus Agabuu
Akka naf bishiiltuu
Mee takka sif sirbuu.!


Maddi: abduke
@maddajaalal
❤️Romantic poem❤️
~kutaa dhumaa fi 4ffaa.

Si xuuxee na xuuxxee
Hunda kee argadhee
Keessa sarbaa kooti
Qabee si galfadhee
~
Qaama kee hundumaa
Tokko tokkot baasee
Guntutaaf sarbaa kee
Ofirra dhangalaasee
~
Rifeensa kee qaqqabaa
Foolii keen fuunfadhaa
Harma kee sukkuumaan
Hidhii kee xuuxxadhaa
~
Mudhii kee sonsa sana
Suutan sukkuummadhaa
Achii naanna'ee ammoo
Handhuura keen dhungadhaa
~
Sarbaa kee rirrigaa
Daallee kee dhadhahee
Gurra keetti hasaasaa
Duubaan sitti naannahee
~
Rifeensa kee naannoo
Maree ofitti urgeessaa
Gorora kee unachaa
Dhungoo afaan keessaa
~
Handhuuraan gad bu'ee
Tan mudhiin qallayyoo
Laga sarbaa lamaan gidduu
Mi'aashee bada wayyoo
.
@maddajaalal
❤️Jechoota jaalalaa💔
_____________________

♥️. Jaalala dhabuu mannaa jaalallee dhabuu wayya.
♥️. Seenaan jaalala dhugaa bakka itti dhaabbatu hin qabu.
♥️. Namni yeroo hunda sin jaalanne jaalallee dhugaa miti.
♥️. Jalqabbii fi dhumti jaalalaa akka nuti yaannu sanii miti.
♥️. Jaalalli dirree waraanaa qofa utuu hin taane, jaalalli ofiifuu waraana.
♥️. Biqiltuun jaalalaa abbuma kunuunseef biqilee dagaaga.
♥️. Hammam yoo bareeddeyyuu jaalala mi'aawaa yoo waliif hin kennin namni fokkotaanis si caaluu danda'a
@maddajaalal
❤️ Romantic poems❤️
~kutaa 3ffaa

Boba'ii qabadhu
An sittan tuqadhaa
Natti naqi gorora
An sin xuxxadhaa

Loqodi akk jinnii...
Takka na arraabaa
Feetu na ciniini...

Kafana keen cira
Atis narraa baasi
Facahi narratti
Darbii of gadhiisi

Qara guntuta kee
Qomatti na buusi
Anas sodaa doomsi
Yoon oduu baay'ise
Hidhiin na ukkaamsi

Eeyyen...
Na dhoorkadhu qooqa
Na dhungadhu qooda

Akka waan hirribaa
Bakka jirru dhabna
Lama ta'uu wallaallee
Walkeessatti badna

Yemmuu yandoon caamu
Shaa jedhee callisee
Silaa dhaabbiin turre
Maaltu nu raffisee

Dhiisi hin gaafannuu
Maaltu nu rakkisee
Isa nu ciibsetu
Deebisee nu kaasee!

Jedheen onnee
keetirratti barreessaa
Mi'aa itti jirru
Way bada firiisaa!
.
.
.itti fufa
♥️♥️♥️♥️♥️♥️
@maddajaalal
♥️ Romantic poems♥️
~kutaa 2ffaa.

Natti cumuumma'i
Na ilaali dalga
Lafa dha'ee ka'een
Muuxadhee ol marga

Morma keen suufa
Hafuura keen qeensa
Dabbasaa qaama keen
Qax godhee ijaajjisa

Rifeensa qolee keen
Hafuufee haphisa
Natti aadi sirritti
Natu si fayyisa

Surraa gola namaa
Mi'eessituun jiruu
Ni fakkeessu malee
Kanaa ol hin jiru
.
.
.
Itto fufa. @maddajaalal
2024/05/20 14:29:25
Back to Top
HTML Embed Code: