Telegram Web Link
moonni lagannaa nyaataarra turan kunneen nyaatatti deebi'uun dura haalli fayyaasaanii ilaalamuu waan qabuuf, battaluma tole jedhanitti nyaachuu hin dandeenye kan jedhan Obbo Dirribiin garuu har'a Wiixatarraa eegalanii akka nyaatatti deebi'an walii galle jedhan
As wr wb
Akmi naga jirtu yaa qaqaliwwan
Taphichi dhumuun dura hin jifachuuf gutuutun guututti yaali fiigi loli waldhaansoo qabi waan hundaa godhi garuu taphichi eega dhumate booda hin jifadhe ykn hin jifatame jette hin yaadin wanni ati uf gaafachu qabdu waan danda'u godheeraa isa jedhu deebiin ke E taanaan ati mooteerta


@miateyen
@miateyen

By sena
𝗛𝗮𝗻𝗴𝗮 𝗳𝗲𝗲𝘁𝗲 𝗯𝘂𝗿𝗿𝗮𝗾𝗶
𝗛𝗮𝗻𝗴𝗮 𝗳𝗲𝗲𝘁𝗲 𝘂𝘁𝗮𝗹𝗶
𝗛𝗮𝗻𝗴𝗮 𝗳𝗲𝗲𝘁𝗲 𝗳𝗶𝗶𝗴𝗶
𝗛𝗮𝗻𝗴𝗮 𝗳𝗲𝗲𝘁𝗲 𝘀𝘂𝘂𝘁𝗮 𝗱𝗲𝗲𝗺𝗶
𝗚𝗮𝗵𝘂𝗺𝘀𝗶 𝗸𝗲𝗲 𝗯𝗮𝗸𝗸𝘂𝗺𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼
𝗚𝗮𝗵𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗯𝗶𝗰𝗵𝗮𝗱𝗵𝗮𝗳
𝗞𝗮𝗮𝘆𝘆𝗼 𝗴𝗼𝗱𝗵𝘂
Namoota sadi ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman keessaa namni Abdii Alamaayyahu jedhamu wabii qarshii 10,000nin akka gadhiifamuu fi dhimmsaa alaa akka hordofu manni murtii murteesse.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi farra shororkaafi yakkoota dhimma heeraa lammaffaa galmee himataa namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaatin himataman ilaalee jira.

Manni Murtichaa dhaddacha Guraandhala 25 bara 2021 ooleen himatamaa sadaffaa kan ta'e Abdii Alamaayyahu ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa irratti hirmaachuusaa kan agarsiisu ragaan gama abbaa alangaatiin dhiyaate hin jiru jedhee ture.

Sababa kanaaf seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 443/1 A akka ofirraa ittisu jalamurtii kennee ture.

Keeyyatni kun namni kamiyyuu sababa gahaa osoo hin qabaatin yakki du'aan yookin hidhaa umrii guutuun nama adabsiisu raawwatamuusaa yookin ammoo eenyummaa nama yakka sana raawwate osoo beekuu qaama dhimmi ilaalutti osoo hin beeksisin yoo hafe adabbii birrii 1,000 hin caalle yookin hidhaa salphaa ji'a jaha hin caalle ni adabama kan jedhudha.

Dhimma ragaalee ittisaa…

Mana Murtiicha dhaddacha Guraandhala 25 bara 2021 oolen himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa raawwachuusaa ragaaleen namootaa fi sanadaa abbaan alangaa dhiyeesse kan agarsiisan ta'uu himee ture.

Haaluma kanaan Xilaahun Yaamii dhimmisaa labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe 1176/ jalatti akka ilaallamufi akka ofirraa ittisu jala murtii kenne...
..Akkasumas himatamaa lammaffaa Kabbada Gammachuu immoo seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 540 jalatti akka ilaallamuu fi akka ofirraa ittisu jalamurtii kennee ture.

Haaluma kanaan himatamtootni sadeen Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu fi Abdii Alamaayyahu Wiixata Biootessa 29 bara 2021 ragaalee ittisaa isaanii akka dhiyeeffatan manni murtichaa ajajee turullee kaleessa ragaalee ittisaa isaanii hin dhiyeessine ture.

Manni Murtichaas dhaddacha kaleessa taa'en himatamtootni ragaalee ittisaa isaanii har'a Kibxata akka dhiyeeffatanif beellama qabatee ture.

Himatamtootni sadeen dhaddacha Kibxataa irrattis ragaalee ittisaa isaanii kan hin dhiyeessine yemmuu ta'u yeroon gabaabbachuurraa kan ka'e ragaalee isaanii walin haalaan akka hin mari'annee fi kanaafis yeroon qophii akka kennamuuf gaafatan.

Manni murtichaas himatamtootni sadeen Ebla 06 bara 2013tti ragaalee ittisaa isaanii akka dhiyeessan ajajeera.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa booda hookkara uumameen lubbuun namoota 170 ol yoo darbu qabeenyi biiliyoonaan lakkaa'amu manca'uu poolisiin ibseera.

Ajjeechaa isaa hordofee namoota siyaasaa fi gaazexeessitoota dabalatee kanneen badii garaa garaan shakkamanii kumaan kan lakkaa'aman to'annoo jala oolanii turan.

Shakkamtoota sadan waliin shakkamtuu afraffaa taatee dhiyaachaa kan turte dubartiin Laamroot Kamaal jedhamtu dhaddacha darberratti bilisa jedhamtee gadi dhiifamuun ishee ni yaadatama.

@miateyen
@miateyen
Barreeffamni ergaa hiika hin qabne daa'imni xiqqaan Dilbata darbe karaa fuula tiwitarii Ajajaa Tarsimoo Ameerikaa (US Strategic Command)tiin maxxanfame burjaajii uume.

Fuulli akkaawuntii tiwiitarii Eejansii Nikulara Ameerikaa kan daa'imti kun ittiin ergaa hiika hin qabne barreesse kunis, kan meeshaalee waraana Nikulaara Ameerkaa eeguudha jedhame.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa muraasnis fuulli Ejensichaa tarii hatamee (hack ta'ee) jira jechuun sodaatanii ture.

Haata'u malee, ergasiin booda ergaan hiika hin qabne kun daa'ima xiqqaa tokkoon ta'uun bira ga'ameera.

Waan maxxanfame sanaaf ammoo itti-gaafatamaanis maatii to'ataa fuula miidiyaa hawaasa eejansichaa ta'uu isaati barame jedhameera...
Ergaan daa'imti xiqqaadha jedhame sun barraa'ees “;l;;gmlxzssaw" kan jedhu yoo ta'u, daqiiqaawwan muraasa keessatti haqamuu isaatu himame.

Marsariitiin oduu 'The Daily Dot' jedhamu waa'ee taatee kanaa Bilisummaa Odeeffannoo (Freedom of Information) fayyadamuun erga ejansicha gaafateen booda, oduu kana ifa baase.

''To'ataan fuula Tiwitarii Ajajaa kanaa ... yeroo muraasaaf fuula tiwiitarii ajajichaa banaa dhiise,'' itti dabaluunis, ''innis mana isaatii hojjataa ture,'' jedheera.

Isaan booda, ''Mucaan isaa xiqqaan haala sanatti fayyadamuun qubeewwan gabatee kompitaraatiin taphachuu eegale. Akka tasaa ta'ee ammoo osoo itti hin yaadiin tiwiitarii sana maxxanse,'' jedheera.
Dubbi himaan dhaabbatichaas yaadawwan fuulli tiwiitarii eejansiichaa hatamuu mala jedhan soba ta'uu mirkaneesseera.

“Tasumaa wanti hamaan omtuu hin raawwatamne,'' jechuun ibsa kennaniiru

@miateyen
@miateyen
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa Diinaa Muftii ibsa Kibxata kennaniin walqabatee, waantin waa'ee Eertiraa dubbadhe akka hintaanetti hubatame jechuun dhiifama gaafatan.

Ambaasaaddar Diinaa ibsa kennaniin viidiyoon gabaabaa waa'ee Eertiraa itti dubbatan miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamuu hordofee, lammileen Eertiraa komiifi mormii dhaggeessisaa jiru.

Jechi dubbi himaan kun dubbataniifi dubbii ijoo tahe: ''Lammiin Eertiraa tokko tokkoon otoo gaafatamee, guyyaa Itoophiyaarraa gargar itti bahan hin kabajan, hin jaalatanis...

Gama Itoophiyaanis miira walfakkaataatu jira. Eertiraa wajjin mitii, biyyoota ollaa hafan wajjiniyyuu otoo tokko taane dansa ture,'' kan jedhudha.

Kana hordofes dhalattoonni Eertiraa biyyoota garagaraa jiran, dubbii qondaalli kun viidiyoo kana gubbaa dubbatan balaaleeffatan. Wanti jedhame sirrii akka hin taaneefi kabajaafi jaalala guyyaa birmadummaa isaaniif qaban dhageessisan.

Ergaa fuula Facebook isaanii gubbaa maxxansa guyyaa Roobii barreessaniin. walabummaa Eertriraan akka biyyaatti qabdu nan kabaja kan jedhan aanga'aan kun, ''Dubbii kootiin burjaajii uumameef dhiifaman gaafadha,'' jedhan.

Dippiloomaatin Eertiraa Finfinnee qubatan Biniyaam Barihee jedhaman, dubbii viidiyoorratti haasa'aniif deebii haala fakkaatuun, guyyaan birmadummaa Eertiraa guyyaa hundarra caaludha jechuun fuula Twitter isaanii gubbaa barreessan.

Dhalattoonni Eertiraa biyya keessaafi ala jiran, guyyaa addatti kabajanidha jedhaniiru.

Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbiisaanii hordofee miira uumameefi deebii namootaa ilaalchisuun BBCtti akka himanitti, dubbiin wayita ibsa miidiyaaleef kennanitti dubbatan akkitti hubatame sirrii miti jedhu.

Akkamiin jennaan, muddamaafi waraanni biyyoota lamaan gidduu ture dhukkubbii kan qabu tahuu eeruun, Eertiraafi Itoophiyaan waraana keessa, akkasumas walirraa fagaachuun yeroo dabarsan uummanni lamaanuu hin fedhan jechuusaanii dubbatan.

''Haatahu malee, Eertiraanonni walabummaa isaanii hin barbaadan jechuu miti,'' jechuun dubbiin isaan dabarsuu barbaadan haala hin taanen hubatamuu ibsan.

Eertiraanotaaf, walabummaa Eertiraafi biyya Eertiraaf kabajaa guddaa akka qaban kan ibsan ambaasaaddar Diinaa, ''Namoonni tokko tokko dubbiikoo waan itti jedhameef alatti fudhachuun, miira hin taane itti kennu. Dubbii sana booda bar waa'ee walitti hidhaminsa biyyoota Afrikaa Bahaa dubbadheera bar,'' jedhan..
''Eertiraayyuu haa hafuu, Jabuutii, Keeniyaa, Somaaliyaafi Sudaan wajjin walitti hidhamnee otoo tokko taane; mul'anni inni guddaan isadha,'' jedhanii boodarra dubbachuusaanii himan.

Ibsa miidiyaaleef kennan irratti, walitti dhufeenya Itoophiyaafi Eertiraa ilaalchisuun gaaffii ka'eef wayita deebii kennan, biyyoonni lamaan waraana dhiiga dhangalaase keessa dabranii, bar-kurnee lamaaf muddama keessa akka turan yaadachiisan.

Haala amma jiruun, walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii fooyya'uun waan gaarii tahuu kaasuun, biyyoonni lamman kunniin walitti hidhamiinsi gama hundaan taasisan bal'achaafi cimaa deema jed

Eertiraan yoom walabummaa argatte?

Eertiraan qabsoo waggoota 30f taasistee bilisummaa argachuun biyya of dandeesse bara itti taate 30ffaa, Caamsaa dhufu kabajji.

Erga biyyattiin walabummaa argatte ganna torbaan booda, biyyoota lamaan jidduutti waraanni dhiiga dhangalaasee fi badii hamaa qaqqabsiise gagggeeffame. Ergasiis waggoota 20f diinummaan turaniiru.

Ganna lamaan dura MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee tarkaanfii fudhataniin, nageenyi bu'uun walitti dhufeenya biyyoota lamaanii fooyyeessuuf hojjechaa jiru.

Itoophiyaafi Eertiraa jidduutti michummaa cimsuufis, dursitoonni biyyoota lamaanii irra deddeebiin tokko biyya isa biraatti daawwannaa taasisaa turan.

Lola naannoo Tigraay keessatti dhalateen walqabates, Eertiraan mootummaa Itoophiyaa deeggaruun waraanashee bobbaasuun humnoota TPLF loluu alatti, sarbama mirgoota namoomaa ciccimoo raawwataniiru jechuun dhaabbilee mirga namoomaan himatamaa ture.

Biyyooti lamaan lola waraanaa kana keessa hirmaannaa Eertiraa kan waakkataa turan oggaa tahu, torban dabre keessa MM Itoophiyaa ABiy Ahimad paarlaamaa biyyattiitti dhiyaachuun; Eertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf daangaa ce'uun Itoophiyaa galuu mirkaneessan.

Kana hordofees MM Abiy daawwannaaf Asmaraatti erga imalanii booda, Eertiraan waraanashee Itoophiyaa keessaa baasuuf Pireezidant Isaayyasa wajjin waliigaluusaanii ibsanii turan.

@miateyen
Waa sadi osoo jaalatan nama ganti gannan as hin deebitu

1 IJOOLLUMMA


2 DUNIYAA



3 DUBARTII
Siwiizarlaand yeroo jalqabaaf miseensonni waraanaa dubartoota ta'an paantii dubartootaa akka uffatan eeyyamuuf.

Karoorri kun qacarrii miseensota waraanaa dubartootaa dabaluuf akka ta'e miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.

Akkaataa hojimaataa amma jiruun, miseensota waraanaaf kan qoodamu paantii kanneen dhiiraa qofaadha.

Dubartoonni hanga ammaa paantii jarreen dhiiraa dubartootatti bal'atu kennamaaf ture jedhu gabaasaaleen.

Bal'achuurraa kan ka'es paantiin kun dubartootaaf mijataa hin turre.

Yaaliin ammaa baatii dhufu kan eegalu yoo ta'u, miseensota waraanaaf gosa paantii dubartootaa lamaa kan bakka qorraafi bakka ho'aa uffatamu kennamaaf.

Waraana Siwizarlaand keessaa dubartonni 1% qofaadha. Garuu biyyattiin baay'ina miseensota waraanaa dubartootaa bara 2030'tti gara 10% guddisuu yaaddi.

Miseensi Mana Maree Biyyaalessa Siwiiz, Marianne Binder paantii dubartootaa dubartootaaf qooduun dubartoonni daran waraana keessa akka seenan ni kakaasa jedhu.

''Uffatichi dhiiraaf qophaa'e, waraanni garuu mirga dubartootaa yoo eegu barbaade, tarkaanfiin barbaachisaa fudhatamuu qaba,'' jedhan.

Dubbi Himaan waraana Siwizarlaand Kaj-Gunnar Sievert uffatiifi meeshaan kaan miseensota waraanaaf kennamu kan yeroon irra darbu ta'aa jira jedhan.

Marsaritii Siwiizarlaand Watson jedhamuuf akka himanitti, yuniformiin haaraa miseensota waraanaa dubartootaaf kennamu gosa lamadha.

Kunis, ''paantii gabaabaa'' bonaaf akkasumas ''paantii dheeraa'' gannaaf ni kennamaaf jedhan.
Obbo Sievert jalqaba torban kana akka dubbatanitti jijjiiramni kan taasifamu paantii qofarratti osoo hin taane, meeshaalee kaan waraana keessa kennamanis dabalata jedhan.

Ministeerri Ittisaa biyyattii Viola Amherd murtee kanaan gammaduu himan.

Akka gabaasa Swissinfo'tti, yuniformiin waraanaa Siwizarlaand ammaa bara 1980'moota jalqabee hojiirra ooluu eegale

@miateyen
Gareen ogeeyyii fayyaa Raashiyaa osoo hospitaalli gubataa jiruu wal'aansa baqaqsanii yaaluu namaaf raawwataniin akkaan addunyaa ajaayibsiisan.

Wayita doktaroonni wal'aansa baqaqsanii yaaluu raawwatan, abidda haala nama rifaasisuun hospitaalicha gubbaadhaa gadi gubaa ture.

Gareen ogeeyyii fayyaa kunneen garuu osoo balaan abiddaa jiraachuu beekanii fi argaa jiranii hojiisaanii xumuruuf kutatan, dirqama ogummaasaaniif kutatannoo qaban mul'isan.

Gargaarsa hojjettoota ittisa balaa abiddaatiin namoonni 120 ta'an hospitaala Blagoveshchensk kan Raashiyaa, baha fagoo keessatti argamu keessaa baraaramaniiru.

Hojjettoonni damee elektirikaas aarri abiddichaan uumamu gara kutaa dhukkubsataa seenee akka balaa biraa hin uumne akkaan ifaajaa turan.
Waliigalatti tumsa ogeeyyii fayyaa, hojjettoota ittisa balaa fi ogeeyyii elektirikiitiin yaaliin onnee baqaqsanii yaaluu milkaa'eera, namoonni kaanis osoo hin miidhamanin baraaramaniiru.

Dhukkubsataan onnee sunis yeroo booda nagaadhaan baraarameera.

Garee ogeeyyii fayyaa wal'aansa baqaqsanii yaaluu hojjechaa turan kan dursan Valentin Filatov, ''kaayyoon gareesaanii lubbuu dhukkubsatichaa baraaruu qofa tures, sanas raawwanneerra,'' jedhan.

Gareen kun doktaroota saddeet fi nursoota hedduu kan of keessaa qabu yoo ta'u, wal'aansi baqaqsanii yaaluu kun balaan abidaa mudachaa dura yeroo muraasa dura kan eegalee fi sa'atii lama kan fudhateedha.

Hospitaalli bara 1907 ijaarame kun mukeeniin kan bocame ta'uusaatiin abiddi saffisaan qabatee gubaa ture.

Ogeessi fayyaa Antonina Smolina jedhamu naasuun tokkollee akka hin turree fi hojjettoonni hospitaalichaas ofitti amanamummaa guddaadhaan hojjechaa turuu hime.

Mootummaan kutannoo ogeeyyiin fayyaa dirqama ogummaasaanii ba'uurratti qaban jajeera.


@miateyen
Barattoota kutaa 12ffaa qormaata seensa dhaabbilee barnootaa olaanoo fuudhatanii Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoolojii Adaamaa fi Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoolojii Finfinnee dorgomanii galuu barbaadanif galmeen eegaluu ibsameera.

Ulaagalee galmee:-

Naannoolee ( Affaar, Sumaalee, Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa)

Injinariingi : Dhiiraaf qabxii 415 fi isaa ol, Dubaraaf qabxii 410 fi isaa ol yoo ta'u,

Appilayiid Saayinsii: Dhiiraaf qabxii 400 fi isaa ol, Dubaraaf qabxii 395 fi isaa ol.

Naannoolee birootti:

Injinariingif : Dhiiraaf qabxii 420 fi isaa ol, Dubaraaf qabxii 415 fi isaa ol yoo ta'u,

Appilayiid Saayinsiif : Dhiiraaf qabxii 405 fi isaa ol, Dubaraaf qabxii 400 fi isaa ol ta'uu ibsameera.

Guyyaan galmee Bitooteessa 26 hanga 2 Ebla 2013tti yoo ta'u qorumsii Ebla 8/2013 ni keennama.

Barattootni ulaagalee barbaachisuu guutaan iddoo jiraanitti karaa online marsaritii http://www.astu.edu.et fi
http://www.aastu.edu.et/ irratti galmaa'uu akka danda'an ibsameera.

@dhalota_qube
#MOOXAA
#MOOXAA

Naannoo Amaaraa Magaalaa Mooxaatti kaleessa galgala Finxaaleeyyii Amaaraa fi Ortodoksiitiin Madraasaa seenuun qur'aanaa fi Kitaabota keessa jiran waliin Ibidda itti qabsiisuun barbaaddessaan.

#حسبن_الله_ونعم_الوكيل

©Abbaas Ibni irraa

@dhalota_qube
5 Ebla 2021



MADDA SUURAA,NURPHOTO

Lola naannoo Amaaraa Godinaalee Shawaa Kaabaa fi Saba Oromoo keessatti torbee lama dura mudate keessaa, taateen namootni ambulaansii keessaa harkifamanii dargaggootaan ajjeefaman mul'isu tibbana miidiyaalee hawaasummaa irratti dubbii ijoo ta'eera.

Viidiyoon daran nama jeequufi miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamaa jiru kun, wayita namoonni ambulaansii keessaa harkifamanii dhagaa fi meeshaalee qara qaban birootiin waraananii yoo ajjeesan mul'isa.

Taateen torban muraasa dura mudate kun miidiyaa hawaasaa gubbaatti akkaan qoodamuun dura, mana maree bakka bu'oota uummataattis ajandaa dubbii ture.

MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun wayita gaaffiiwwan miseensota Paarlaamaaf deebii kennaniitti, miseensoonni mana marichaa lama waa'ee taatee kanaa kaasuun, mootummaan ummata baraaruuf tarkaanfii atattamaa akka fudhatuuf gaafatanii turan.

Taatee kanarratti aanga'aan naannichaa tokko BBCtti akka himanitti, gareen dhimma kana qoratu sadarkaa federaalaa irraa bobba'ee jiraachuu dubbatan

Taateen kun akkamitti uumame?

Buufata fayyaa Sanbateetti ogeessa fayyaa yaala balaa tasaa kan ta'e Ahimad Aliyyii, namoota taatee kana jalqabarraa hanga dhumaa arganiifi ofiinis hamma xiqqoof du'arraa oolan keessaa isa tokko akka tahe BBCtti hime.

Obbo Ahimad akka jedhutti, ALI Bitootessa 11, bara 2013 lola Axaayyee fi naannawasheetti mudateen, namoonni hedduun buufata fayyaa Sanbateetti yaalaaf dhufaa turan.

Namoota kunneen keessaa ammoo lama miidhaan isaanii yaala cimaa waan barbaachisuuf, gara hospitaalaatti ergamuun dirqama ture.

Kanaafis namootni kunneen gara hospitaala dhuunfaa Yifaat jedhamu kan magaalaa Shawaa Roobititti akka ergamaniif murtaa'e.

Bulchaan Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan akka jedhanitti ammoo, namoonni miidhaman kunneenii fi maatiin isaanii gara Shawaa Roobititti geeffamuu isaanii irratti sodaa qabu ture jedhan.

"Rifariin erga gara Shawaa Roobititti barreeffameefi uummanni sodaa qaba ture - rakkoon nurra gaha kan jedhu.

Dhiibbaa qaama mootummaa, dhiibbaa keenyaanii akka deeman kan goone. Kanaafis ambulaansii lamaan alatti poolisoota konkolaataa tokko wajjin ergine," jedhan haala ture wayita ibsan.

Ogeessi fayyaa Ahmad, namoota miidhamtoota waliin ambulaansidhaan deeman keessaayi. Innis taatee erga Hospitaala Yifaat gahaniin booda isaan mudate akkanaan hima.

"Yeroo nuti ambulaansii lamaa fi konkolaataa poolisii tokkoon Hospitaala Yifaat geenyu, narsoota muraasa malee doktoroonni hin jiran.

Hospitaala biraa geessaa nuun jedhan. Yeroo nuti hospitaalichaa bahuuf jirru, karaan nutti cufamee achuma keessatti ugguramne," jedha.
Konkolaachistoonni fi ogeessi fayyaa kun konkolaataa keessaa bu'anii lafa jiraatanis, namoonni miidhamanii fi kanneen yaalchisuuf dhufan garuu konkolaatichuma keessa akka turanis hima.

"Osuma maal goona jennee dhaabbannee mari'annuu humni addaa naannoo Amaaraa dhufee nu marse. Meeshaa nutti nyaachifatanii jennaan nuti nama nagaa ta'uu itti himne.

Gidduutti ajajaan poolisii magaalichaa dhufee doktoroota sodaachistanii yaala argachaa jirtu nuun jedhe. Sana booda doorsisatu itti fufe," jedha Ahimad.

Haalli jiru daran hammaachaa deemuun muddamni uumamnaan, namoota yaalchisuuf dhufan keessaa namni tokko 'bada nu fixaniimii' jedhee utaalee yoo fiigu, rasaasaan dhahanii ajjeesan jedha.

"Dhukaasni dhagahamnaan hokkora cimaatu uumame. Dargaggoonni marsanii turanis gara ambulaansiitti fiiganii tarkaanfii fudhachuu eegalan.''

Hanga ammaattis poolisiin naannoo Amaaraas ta'e bulchiinsi dhimma kanarratti ragaan gadi fageenyaan hinjiru.

Yeroo ambulaansii irratti xiyyeeffatamu anii fi konkolaachiftoonni mana duubaan fiigne jedha oggeessi fayyaa kun.

Achis mucaan tokko kutaa wayii nu galchee nutti qollofe," jedha akkaataa lubbuudhaan oolan yeroo himu.

Namni lubbuu isaanii baraare kunis yoo dargaggoonni kunneen nu barbaachaaf karaa nuti darbine dhufan 'asiin darbaniiru' jedhee nurraa dabarsaa ture jedha.

Namoonni ambulaansii lama keessa turan kanneen yaalaaf dhufan namni lamaa fi kanneen yaalchisuuf faana dhufan namoonni jaha walumaa galatti, namoonni saddeet mooraa Hospitaala Yifaat keessatti haala sukkanneessaan ajjeefamuu dubbata.

Konkolaachisaan tokko dursee kan miliqe ta'us innii fi konkolaachistoonni lama akkasumas poolisiin sadii, kutaa dhiphaa sana keessatti sababa nama tokkootiin lubbuun baraaramne jedha.

Isaan booda hoo...

"Galgala erga hokkorri suni tasgabbaa'ee naannoo sa'aatii lamaa kutaa sanii baasanii waajjira poolisii nu geessan.

Achiis nu baasanii gara kaampii Poolisii Federaalaa nu geessanii achi bulle. Isaanis gara Sanbateetti nu geessan," jedha.

Namoota lubbuun isaanii haala sukanneessaan darbe keessaa afur maatii kiyya kan jedhuu fi maqaan isaa akka eeramu kan hin barbaanne jiraataan magaalaa Axaayyee tokko, namni keenya achitti akka yaalaman sodaa guddaa qabna turre jedha.

"Abbeeraa kiyya lama, eessuma kiyyaa fi mucaa eessuma kiyyaati kan ajjeefaman. Anis gaafas rukutamee buufata fayyaa Sanbateen ciisee ture. Ergasiin miidiyaa hawaasummaa irratti arge.

Baayyee nama gaddisiisa, reeffallee akka hin fudhanne dhorkanii guyyaa afur booda kan nuuf kennan," jedha.

Bulchaan Danaa Jiillee dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan, ta'iin namoota yaalaaf deemanirratti raawwatame kun, lola ture daran kan hammeessee fi ammallee yaaddoo guddaa dhiisee kan darbedha jedhu.

"Namoonni keenya yoo xiqqaate reeffa fudhanna jechuudhaani gaaga'ama hamaan kan itti aanee dhufe. Lolli suni guutuu Aanaa keenyaatti akka bal'atu kan godhe isa. Rakkoo lammaffaan xiinsammuu uummataa guddaa miidheera," jedhan.

Ergasii namootni rasaasaan dhahaman hospitaala deemuurra asumatti duuna jedhanii didaa akka jiranii fi kanneen da'umsaaf gara hospitaalaatti rifarii tahanilleen deemuu diduun rakkoo balaan suni dhale ta'eera jedhan Obbo Jamaal.
2025/07/04 07:10:25
Back to Top
HTML Embed Code: