Geggeessaa tokko irraa maaltu eegamaa?
1. Jaalala
2. Waaqayyoon sodaachuu Fak. 3:7 & far. 111:10 & Fak.1:7
3. Lammaffaa dhalachuu (rebirth ) yoh.3:3
4. Waaqayyoon dhaga'uu Luq.10:16
5. of eegachuu lal.5:1-2
6. Akka fedha hafuuratti jiraachu. Rom.8:9
7. Abbomamuu luq.Ibr.5:8-10 & filp.2:8
Waaqayyoo akka geggeessaa dhugaa taanuu waaqayyoo nu haa gargaaruu Ameen Ameen
🌺🌺@Naardos🌺🌺🌺
🌺🌺@Naardos🌺🌺🌺
🌺🌺@Naardos🌺🌺🌺
Forwarded from Karaa Jireenya (🅱️enjamin.🅱️)
Waaqayyo wanta ja'a in jibba, isa torbaffaa immoo in ciigga'a; “isaanis kanatti fufanii jiru,

1.  Nama waan guddaatti of ilaalu,
2. Arraba sobu,
3. Harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
4. Garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu,
5.  Miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu
6. Nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u, isa soba gad jijjigsu,
7. Nama gargar ba'uu obboloota gidduutti facaasuu dha.”(Isa kana Guddisee hin ciga'a[Balaaleffata}
  — Fak. 6:16-19

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Forgiveness123
@Jirraamallee
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Forwarded from SAGALEE JIREENYAA (Gutu Koo)
[waa'ee hafuura qulqulluu] KUTA-3

🚩 6. Wontoota Hafuurri Qulqulluun Itti Fakkeeffame
a. Hunna Uffachuu Isaa
Wangeela Luqaas keessatti (24:49) Kiristoos duuka bu’oota isaatiin «Abdii abbaan kiyya isiniif kenne ani isiniif erga; Isin garuu hanga hunna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa» dubbii jedhu isaan ajajee ture. Macaafni Qulqulluun dhugaa Hafuuraa ibsuudhaaf irra deddeebi’ee waa’ee uffataattiin barsiisee jira. (2 Qor. 5:3; Efe 4:24, Qola. 3:10) Hunna uffachuun uffata Waaqayyo nutti uwwisu keessaa isa tokkoo dha.

b. Gugee/ Handarii
Gugeen ykn Handariin wontoota Hafuurri Qulqulluun itti fakkeeffame keessaa isa tokko dha. Yeroo Yesuus cuuphamee bishaa keessaa bahu, Hafuurri Qulqulluun akka gugee/ Handarii ta’ee isa irratti bu’e.Luk. 3:22; Yoh. 3:34 Yeroo san Hafuurri Qulqulluun akka Guugee/ Handarii ta’ee Kiristoosiin irratti akka bu’e Wongeelonni arfanuu ibsanii jiru. (Mat. 3:16; Mar.1:10; Luq.3:22; Yoh. 1:32) Kutaa kanniiniin alatti kitaabota kaawwan keessatti akka inni haala/ bifa guugeetiin ibsame hin arginu. Kakuu Haaraya keessatti iddoon maqaan Guugee/handarii itti waamame lamatu jira. Isaanis Iddoo Kiristoos, «Akka guugee/ handarii gara- laafeyyii ta’aa»(Mat. 10:16) jedhee fi iddoo Guugeen/ handariin mana qulqullummaa keessatti ciincaaf haa dhiyaataniif gurguraman dha.(Mat. 21:12, Mar. 11:15, Luq. 2:24, Yoh. 2:14, 16)

🌹🌹Sababni Hafuurri Qulqulluun Gugetti/ Handaritti Fakkeeffameef 🌹🌹
1. Gugeen/ Handariin Qulqulluu dha.
Uumamaan qulqulluu waan ta’eef Kakuu Moofaa keessatti akka simbira ciincaaf dhiyaatuutitti nama fayyada. Solomoon idaayyaa ofiitiif «Handarii tiyya » jedhee faarfate. (Wed. Wed. 6:9)
2. Gugeen/ Handariin garraamii dha.
Yesuus yeroo duuka bu’oota tajaajila Wangeelaatiif ergu akka handarii garraamii/garalaafeyyii akka ta’aniif isaan ajaje. (Mat. 10:16). Garraamumaan/Gara-laafummaan ija Hafuura Qulqulluu keessaa isa tokko dha. Gal. 5:21
3. Gugeen/ Handariin uumamaan jaalalaaf bakka guddaa kenna.
(Wed. Wed. 5:12)
4. Gugeen/ Handariin hawaasummaaf bakka guddaa kenna.
(Isa. 60:8)

c. Dibata/Zayititti fakkeeffameera
Kakuu Moofaa fi Kakuu haaraya keessatti jireenya namoota waaqayyoo keessatti dibanni/ Zayitiin iddoo guddaa qaba ture. Yeroo kamiinis yoo ta’e waa’ee fakkeenya dibata Hafuura Qulqulluu yemmuu dubbifnu, waa’ee tajaajila isaa akka dubbataa jiru argina. Zayitiin yeroo baay’ee kan nyaataaf nama tajaajilu yoo ta’u, (Mul.6:6) yeroo baay’ee immo akka qorichaatittis nama gargaara. (Mar. 6:13, Yaqoob. 5:14) darbee immo jijjiirraa meeshaatiif akka qarshii ta’ee tajaajilee jira. (1Mot.5:11)

Dibata ulfinaa, (Hisq. 28:14; Far. 23:5) 
Dibata qulqullummaa, (Lew. 8:10-12) 
Dibata tajaajilaa, (Ser. Ba’uu. 28:41)
Dibata beekkumsaa, (1Yoh. 2:20; 27) 
Dibata waan gaarii hojjachuu, (Hu. Er. 10:38) 
Dibata lallabaa, (Luk. 4:18-19)

d. Bishaanitti Fakkeeffameera
Bishaan baayyee barbaachisaa dha. Lubbu qabeeyyii hundaaf akkauma bishaan barbaachisu Hafuurri Qulqulluun jireenya hafuuraatiif barbaachisa. «Bishaan jireenyaa » jedhamee waamameera. ( Yoh. 4:10), Iddoo Yesuus dubartii Samaariyaa itti dubbise keessatti, «Namni bishaan ani kennuuf dhugu hundinuu baraa hanga bara baraa hin dheebotu; bishaan ani kennu isa keessatti baraa hanga bara baraa burqaa jireenyaa kan isa keessatti burqu ta’a malee» jedhee yeroo dubbatu kutaa, (Yoh. 7:37-39) jiru wojjiin yeroo wol simsiifnu bishaan Gooftaan kennu Hafuura Qulqulluu ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama. Sababni isaas kutaa lammaffaa keessatti bishaan akka Hafuura
Nagaan Waaqayyo isiniif haa bayyattuu akkam jirtuu ijoollee Waaqayyo baga nagaa taatan.
Waaqayyo ni dhufa MAARAANAATAA(1Qor.16:22)
📢📢📢📢📢📢📢📢📢📢
🌸🌸@Gooftaakeenyakootuu🌸🌸🌸
🌸🌸🌸@Naardos🌸🌸🌸
🌸🌸🌸@Elshaadaayi🌸🌸🌸
Join godha. Faarfannaa, dubbii sagalee Waaqayyo dhaga'aa
📢📢📢📢📢Dhaga'aa dhageessisaa Yesuus ni dhufa📢📢MAARAANAATAA 1Qor,16:22
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
Yaa isa rafaa jirtuu dammaqi Yesuus ni dhufa.
🎄🎄🎄t.me @Naardos🎄🎄🎄
🎄🎄🎄t.me @Naardos🎄🎄🎄
Forwarded from OBDI MEDIA
YESUS EENYU?

Warra qalbiin hubannaa isanii akka Liidiyaatti banameef(Hoe 16:11-) Waaqummaa fi gooftummaa Yesus hubachuuf barreeffama gabaabaa kana dubbisuun qofti ga'aadha.
Yesus inni Waaqa ture, inni foon uffatee gara biyya lafaa dhufe, inni du'e, inni du'aa ka'e, inni bara baraan mo'ee jiraatu Isa barootaan dura ture sanaadha. Yesus Nama guutuu, Waaqa guutuudha.
..
Yesus erga du'aa ka'een booda ulfina guddaadhaan gaafa ergamaa Yohaannisitti of muldhese sanaatti, Yohaannisis ulfina guddaan Yesusin arguu isaarran kan ka'e dura dhaabbachuu dadhabee akka nama du'eetti miilla isaa jalatti gaafa kufu Yesus immoo ifaan ifatti isa jajjabeessee Du'ee kan ture garuummoo sichi deebi'ee kan hin duune, bara baraan kan jiraatu, Waaqa, Gooftaas akka ta'e, kan ture fi darbee kan jiraatu ta'uu isaa kutaa afaan isaatiin ifatti dubbate keessaa kutaan armaan gadii kun isa tokkoodha.
..
"...Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, "Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana;
inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba."
(Mul 1:17-18

Hub; Inni ture(Inni duraa), inni jiraatu(Inni boodaa) kan jedhame Waaqayyo qofaaf malee nama fooniif jedhamee hin beeku. Kanaaf Yesus Waaqa ta'uu isaa ifatti dubbachuu isaati.

Dubbisa dabalataa.(Yohannis 1:1-3, 1:6-13, 1:14, 10:30-33, 11:25-26, 14:6, Hoe 4:12, Qol 1:15-18, Mat 28:20, 1Yoh 5:20, Fil 2:5-9, Ibr 1:1-3, Mul'ata Yohaannis 1:4, 1:8, 21:6, 22:13, 4:8, His 1:28, Dan 8:17-18, Isa 41:4, Mat 14:17....)
..
Haaleeluyyaa Yesus inni Waaqa ture, Inni sababa cubbuu keenyaatiif foon uffatee nama ta'e, Inni nu fayyisuuf jedhee fannifame, inni du'atti of laatee du'ee du'a diigee ka'e, Inni karaa jireenya bara baraan nuuf ta'e, Inni ture fi inni bara baraan jireetu Gooftaa fi fayyina keenya waan ta'eef ulfinni guddaan Isaaf haa ta'u.
#Nuti Yesusitti amanuu keenyaan jireenya bara baraa qabna.

#Pstr Dendena Merga (Fb)
@Oobdii
Isin warri qajeelummaa
beektan na dhaga'aa,
isin warri seera koo
yaadatti qabattanis
na dhaggeeffadhaa!
Ga'isuu namootaa hin sodaatinaa,
yommuu isaan isinitti
qoosanis hin na'inaa!
Isaayaas 51:7
Namni waan facasee hama Gal.6:7
aldeessa fi hantuuta &
jaarsa hiyyeessa sana .
Forwarded from Karaa Jireenya (🅱️enjamin.🅱️)
Manali HIN DHUFTU!

Nama tokkotu cidha guddaa qoopheeffatee namoota 3 waame! Gaafa waamame sana namootni waamaman sun gammachuun waamicha waamaman sana fudhatan. Guyyaan waamicha yeroo gahu abbaan waamicha warra waammate kana bakka cidha sanaatti( bakka argamuu qabanitti akka argamaniif yaadachiisa nama itti erge. Garuu namootni sun hunduu ‘HIN QAQQABU! Deebii jedhu deebisan. Maaliif qaqqabuu diddu, dura waamicha kana jaalalaan fudhattanoo yoo ittiin jedhame sababa qabu.
SABABA AKKAMII QABU!

1. ANI LAFA HAARAAN ARGADHETTI HIN BARRE!
'Lafa biteen jira, dhaqee lafa kana ilaaluun anaaf ta'a, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!' Namni kun lafa kaleessaa utuu hin taane yaada lafa haaraa argatee keessa jira. Kanaaf waamicha dhiisee lafa haaraan Wal baruu irratti xiyyeeffate!

2. HORIIN ARGADHE ITTIIN HOJJEDHEEN ILAALA
'Qotiyyoo cimdii shan biteen jira, in qotuu fi hin qotanii isaanii ilaaluudhaaf kunoo, karaa irran jira!’. Inni kun horii argateen milkaa’uu fi Milkaa’uu dhabuu isaa ilaauuf waamicha dagate. Kanaaf namni waan baayyee bite immoo idaa qaba; kanaaf kasaaraa jalaa ooluuf waamicha kan dursu horiidha waan jedhee sababa gahaa dhiheesse fakkaata.
 Namichi inni 2ffaa kun warra waamicha kabajuu dadhaban 3 keessaa jecha addaa akkas jedhu dubbate “KARAA IRRAN JIRA!” Waamicha dagatanii horii faana qofa fiignaan yeroo hundumaa karaa irra jiru. Namni horiin qabeef, Namni horii qabate mana caalaa yeroo hundumaa karaa irra jira!

3. GAA’ILAN DHAABADHE!
'Dhi'oon niitii fuudhe, kanaafis qaqqabee hin dhufu'
Waamichi akka yeroo gaa’ila duraa kabajan miti. Gaa’Illinis waan baayyeen nama hidha. Kanaaf dura yeroon waamame hin fuune, amma nan fuudhe. Waamicha kabajuu dura gaa’ila waan jedhee sababa gahaa dhiheeffate fakkaata!
Mushurrummaaf erga waamicha isaa kabajuu dhiisee ganaa ulfa ta’uun jira kan amala nama dhowwu, ijoollee godhachuu jira kan ittuma yeroo namaa fi yaada namaa qabatu, wallaansoo jireenya maatiitu jira kan lakkoobsa hin qabne. Inni garuu ganamuma mushurrummaan HIN QAQQABU jedha!
Abbaan waamichaa kun maaliif lafa haaraa argattee miti; innoo baayyee gammadaaf isaaf lafichi lafa irraa quufu akka ta’uuf hawwa. Garuu lafa sana bituu dura isa waame! Maaliif horii ittiin misoomsitee jijjiiramtu argattee miti; innoo baayyee gammadaaf ittiin milkaa’uu isaas hawwaaf. Garuu abbaan waamichaa utuu inni horii sana hin argatin dura isa waame! Maaliif gaa’ila dhaabbattee miti; namni kun nama guutuu ta’uu isaatti baayyee gammadaaf! Waamichi garuu kophaatti gaa’ila dura isa qaqqabe. Waamichas kabajaa gaa’ilas eeggachuu fi itti gammaduu isaa barbaada.
Waamicha inni kaan lafaaf, inni kaan horiif, kaan immoo gaa’ilaaf irraa yoo kaatan iyyuu darbee nama qaba. Warra waamicha isaanii kabajan bakkee keessaa waammatee fide. Warri mana keessa jiran( Warri Waldaa Kiristiyaanaa keessaa) waamicha kabajuu yoo baatan iyyuu Waaqayyo Alaa waamee fidee nama waamicha isaa ittiin fiixaan baafatu hin dhabu!
Seenaan kun Luq 14:15-24 irra jira!
Hubachiisa! Lafis, horiinis ta’e gaa’elli kennaa Waaqayyo nuuf kenneedha! Waamicha keenya garuu nu gachiisiisuu fi nu dagachiisuu hin qabu!
Namootni kun waamicha isaanii kaleessaaf deebii HIN QAQQABU jedhu deebisan!
Ergaa kana share gochuun lallaba kana na waliin lallabuu keessaa qooda qabaadhu!
Eebbifamaa!


👉 Via Taarraqaa Abarraa

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
   @Forgiveness123
   @Jirraamallee
       🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Forwarded from Ilma namaa ✝️ (@𝗚𝗮𝗺. 𝗟𝗮m)
Raajii ofiin jechuu kee dura raajiin Isaayyaas WANGEELA har'a itti gammadaa jirruuf walakkaatti akka murame beektaa...

Ergamaa ofiin jechuu kee dura Ergamaan Yohaannis qodaa zayita boba'aa keessa akka darbataman beektaa, sababiin isaas WANGEELA sanatu Ergamaan Pheexiroos garagalfamee fannifamee akkasitti Kiristaanni jalqabaa du'e...

Waldaa guddaa osoo hin ijaarin du'an garuu YESUUSAF lubbuu mo'atan...

Har'a ergamaa, raajii, luba, paastarii of godhanii garuu gatii maqaa sanaa kan hin beekne baay'eedha.

Har'a namni WANGEELAAF du'uu hin barbaadu. Ani kanin gaafadhu, namoonni kun dhuguma tajaajiltoota Waaqayyoo moo ofii isaaniiti?

Kanaafuu waamichi kee karaa maallaqa itti argattu gonkumaa hin yaadin. Yaadadhaa waamichi keessan WAAQAYYO lubbuu mo'achuudha malee qarshii argachuu qofaaf ykn qabeenya argachuuf miti kan namoonni baay'een yeroo ammaa godhan!!!
Forwarded from Ilma namaa ✝️ (Gemechis Lema)
Joobirri seenaa ajaa’ibsiisaa baay'ee ni qaba. Kanneen keessaa amaloota 6 waliin haa ilaallu:

#1ffaa:
Joobirri kophaa isaa olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.

Joobirri simbirroota xixiqqoo kan akka ‘sparrows’ yookiin gosa biroo kamiyyuu waliin hin balali’u. Kophaa isaa fi olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.

⁃ Kuni kan nu hubachiisu namoota sammuu dhiphoo qaban irraa fagaachuu akka qabnuu fi hiriyaa filachuu dha. Namni dhaabbata inni qabateen beekama. Yeroo hunda mo’attoota waliin taa’i! Bakka si madaalutti argami!

#2ffaa:
Joobirri mul’ata guddaa fi sirrii ta’e qaba.

Joobirri dandeettii ijaan arguu guddaa qaba, waan samii irraa hanga 5km fagaatu irratti xiyyeeffachuu danda’a. Kallattii cufame waan qabaniif adamsa irratti xiyyeeffatu.

⁃ Kuni wanti nu hubachiisu yeroo hunda jireenya keessatti xiyyeeffannoo ifa ta’ee fi mul’ata itti kaayyeffattu qabaachuu akka qabduudha. Jireenyi gufuu hedduu qabdi. Ergama kee irraa abdii hin kutin.

#3ffaa:
Joobirri lafee haaraa fi foon haaraa malee waan du’aa hin nyaatu.

⁃ Kuni wanti nu barsiisu, waan darbe dhiisudhaan qajeelfama haaraa, karaa haaraa mo’achuu danda'an qorachuu itti fufuu akka barbaachisu dha.

#4ffaa:
Joobirri qilleensa bubbeen makate jaallata.

Qilleensi bubbeen makate joobira ni kakaasa, erga olka’iinsa murtaa’e tokko irra gahee booda, baallee isaa irratti siiqanii boqotu.

⁃ Kun wanti nutti argisiisu, tuqaawwan gara fuulduraatti ittiin socho’an walitti hidhuu, qormaata jiru fudhachuun akka ta'udha. Qormaanni nama jabeessuu qofaaf akka ta’e amanuu dha. Obomboleettii jireenyaa fayyadamuun gara olka’iinsa guddaatti ol ka’uudha malee mataa buusanii taa'uu miti. Shaampiyoononni qormaata gonkumaa sodaachuu hin qaban.

#5ffaa:
Joobirri leenjidhaaf qophaa'a.

Ijoolleen isaa akkaataa koonyaa keessaa ba’anii balali’an baratu.

⁃ Kuni kan argisiisu zoonii mijataa keessa jirtu akka dhiiftuu fi guddinni achi akka hin jirre akka bartudha. Qormaata tokko tokko irratti hirmaadhu.

#6ffaa:
Joobirri Gaafa Dulloomu Humna Isaa Haaromsuuf Bakka Fagootti Soorama Baha.

Joobirri yeroo dulloomu rifeensi isaa ni ulfaata, funyaan isaa ni qaxxaamura. Jiraachuudhaaf jecha gara fiixee gaaraa deemee hamma inni bahutti funyaan isaa dhagaa tokkotti rukuta. Of haaressa.

⁃ Kana irraa kan nuti barachuu dandeenyu amalli durii darbee darbee hammam rakkisaa ta’us, wantootni ba’aa nutti ta’an yookin jireenya keenyatti gatii hin daballe of biraa hambisuun akka nurra jiraatuu fi akka of haaressinuu dha.

Jireenya kee keessatti akka JOOBIRAA ta'i!

Channel keenya kanaa hiroyyota keessan afferuuf link gadi kanaa share godhaafi
@ilmanamaa
@ilmanamaa
@ilmanamaa
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
ABDII KUTACHUU FI ABDII QABAACHUU !!
━━━━━━━━━━━━━━
❏ Wantoota guddaa sodaachisoo ta'an keessaa tokko abdii kutachuudha. Utuu jiranii abdii kutachuun farra dhala namaati. Namni utuma lubbuun jiruu, utuu soorata nyaatee jiraatuu abdii kutata taanaan mataa isaattis, maatii isaattis, biyya isaattis, addunyaa irra jiraatuttis ba'aa sodaachiisaa ta'a. Kanaaf
abdii kutuurra mormaa cituu wayya. Sababni isaa jiraa abdii dhaberra isa du'e wayya waan taheefi. Ariifattee na jalaatii hin aariin ragaan waan deeggaramen dubbadhaa jiraati.
Inni du'e seenaa isaa, karoora isaa, waanuma isa ilaalu hundumaa fudhatee gara lafa jalaatti waan darbeef bu'aas miidhaas hin fidu.

❏ Jiraan abdii dhabe garuu bu'aa yoo dhabes miidhaa qabaafan, "jiraa abdii dhabe irra du'aa wayya" jedhe.
Namni Nyaata Addunyaa Kanaa nyaatee, dhugaatii ishee dhugee, biyyoo addunyattii irra miilla isaatiin adeemee, oksiijinii tolaatiin jiraatee faayidaa guutuu argachaa ofiisaatif faayidaa dhaba. Kanaaf addunyaan kun karaa nama kanaa kisaaraa olaanaa keessa jirti jechuudha. Adaraa kee obbolee koo hamma hafuura baafattutti abdii hin kutatin! Tolee? Waliif galleerra mitii?

❏ Goototni yeroo baay'ee karoora isaanii jijjiruu irra lubbuu isaanii kennu. Kana jechuun lubbuu isaanii caalaatti karoora isaanii jaallatu jechuudha. Karoorri kee qabeenya keeti, kanaaf karoora keef jiraachuutti abdii hin kutin.
Wantoota abdii nama kutachiisan keessaa tokko KUFAATII dha. Yoo itti fayyadamteef kallattiin milkaa'inaas kufaatiidha.
Sababni isaa namni kamiyyuu kufaatii irraa barachuu waan danda'uuf kufaatiin barsiisaa namaa isa hangafa.

Fakkeenya Namoota Kufanii Milkaa'anii Keessaa:
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa karaa dhaabachuuf dhiisuun suma harka jira.
Haala yeroon jijjiirutti hirkatta taanan utuu ija hin godhatin hafta, seenaa kees biddeen ati nyaattee balleessiteef boolla awwaalaa isa si abaaraa hafu qofatu yaadata.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
#Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
#Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
#Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
#Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
#Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
#Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
#Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
#Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
KENNAA UUMAMAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Uumaan, uumama adda addaaf kennaa addaa arjoomeera;
Adurreef qeensa kenne; ittiin moccorti! Gafarsaaf gaafa kenne; diina ittiin horfa! Kennaa isaa, hundumaaf hin waakkanne. Kaan, yeroo gaabaabaa keessatti fageenya ajaa'ibaa kaata. Kaanis, uffata malee cabbii keessa jiraata; kaan immoo, xiyyaara mataa isaatiin samii irra barrisa; sanuu boba'aa osoo hin bitiin! Kaaniif jagnummaa; kaaniif gamnummaa; kaaniif humna..... kaman himee fixa?

๏ Walumaa galatti kan lubbuu qabu kamuu, yoo of jalaa dhokseen achi, kennaa dhabe hin qabu!

➲ Namaaf hoo? kan jedhu gaaffii hundaa ta'uu qaba.

๏ Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to'atu, sammuu kenne.
๏ Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba (100,000,000,000) akkasumas
๏ Narvii gargaartuu (glial cells) Tiriliyoona kudhan (10,000,000,000,000) kan qabuu fi
๏ Diyaamenshiinii 1450cm³ qabaachuun, uumama "uggum" nama jechisiisudha; Uggum!

๏ Ammas baay'ee isin hin ajaa'ibiin malee, sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.

➲ Kun ta'ee osoo jiruu, haa ta'u malee, namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire.

๏ Faallaa kanaan, gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare. Balbalas itti tolchuun, ol seenee marmaratee keessa taa'e.

Kutaa mana hidhichaa keessa barreeffamni inni barreesse, baay'eetu jiru. Barreeffamoota sana keessaa gariin akkana jedhu:
๏ ..." Maafan gabaabadhee?/ dheeradhee?
๏ ... har'a abalu maal naan jedhee?
๏ ... Nama hundumaa gammachiisuu wayyaa?
๏ ... Har'a sa'aatii koo eessattan gubaa?
๏ ... Ciisi, ka'i, nyaadhu;
kanuma sadan irra deddeebi'aa jiraadhu"...
kan jedhuu fi kan kana fakkaatan argitu!

➲ Mee of haa ilaallu! meeshaa Waaqni nuuf kenne kana, mana hidhaa gochuu dhiisnee, mana kalaqaa haa taasisnu;

Ilaamee,
➲ Bakkuma jirtu irraa ka'ii kutannoo horadhu; kutannoo dhaabbataa! Beekumsa dheebodhu; Dubbisii dhugi! dhugi, ammas hin quufin dhugi;
karoorsi hojiitti hiiki; yoo kufe irra deebi'ii yaali; irra deddeebi'ii yaali! Yoo kufte awwaara kee hurgufadhuu ka'i; fuulduratti deemi! Mudannoon kee muuxannoo malee gaabbii akka siif hin taane dursii toobbadhu!

๏ Na amani! Ati shaakaluu hin nuffin malee, guyyaa tokko isa sitti ulfaate sana, qullaa dhaabda! Yoom akka kuftu beektaa? Gaafa yaaluu dhiistedha.

๏ Kutannoon kaanan, bakka hin yaadamne ni geessa!
Eeyyeen, ni dandeessa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
OF IRRATTI HOJJEDHU!

OF BARBAADUU DHABUU KEETIIN ADDUNYAAN ATI KEESSAA DHABAMTU JIRA!
▬▬▬▬▬▬▬
• Ofirratti hojjechuuf dursa barbaadanii of argachuun ni dursa!

➛ Jecha "of barbaadi!" jedhu kana irra deddeebi'ee nan dubbadha! Of barbaaduun yaadota armaan gadii of keessaa qaba.

①. Dandeettii ofii beekuu! Ani maal yoon hojjedhen milkaa'a jechuun of gaafachuu.

②. Mul'ata / kaayyoo adeemaniif adda baafachuu fi irratti hojjechuu! Fiixan ba'iinsa ofiitiif yaada qulqulluu qabaachudha.

③. Wanta hojjetan yookiin gaarummaa isaa of amansiisuun jalqaban garaa guutudhaan hojjechuu dha.

➛ Addunyaan kun nama waan jiraatuuf beekuun osoo hin taane, waan jiraatuuf nama hin beekneen guutuudha.

➛ Osoo of hin barbaadiin, addunyaan ati keessatti of argattu dhibus, OF BARBAADUU DHABUU KEETIIN ADDUNYAAN ATI KEESSAA DHABAMTU JIRA!

➛ Amma ati carraa guddaa tokko qabda. Namni baay'een guyyaa har'aa kana osoo hin argiin du'eera. Tarii atis guyyaa borii dhufaa jiru arguu dhabuu dandeessa. Namni hedduun nama borii ta'uu dadhabee nama kaleessaa ta'e. Namni nama kaleessaa ta'e nama biraa gargaaruu mitii ofii of hin gargaaru.

➛ Namni kaleessaa nama borii akka hin taane beeknus, namni har'aa nama borii akka ta'u beekamaadha.
Of barbaaddee of argannaan carraa guddaan nama guyyaa har'aa fi borii kan ta'u si'i! Kana hin ta'u taanaan carraan si eeggatu tokko jira.

➛ Wanta si eeggatu kana jalaa humnaa fi beekumsa qabdutti gargaaramtee guyyaa har'aa jalaa hinbaatu taanaan, jalaa
ba'uuf humnaas ta'e jabina hin qabdu. Itti jabaadhuu amala isaa akka ati of hin barbaanne si taasisu jalaa of baasi! Dunkaana wallaalummaa ofitti hin xaxin! Godoo beekumsaa keessa of jiraachisi!

ʀᴇᴀᴅᴇʀ ɪs ʟᴇᴀᴅᴇʀ! ᴄʜᴀɴɴᴇʟ ᴋᴇᴇssᴀɴ xɪɴ-sᴀᴍᴍᴜ ᴀᴋᴋᴀ ɪʀᴀᴀ ʙᴀʀᴀᴄʜᴀ ᴊɪɪʀᴛᴀᴀɴ ʜᴏᴍᴀ sʜᴀᴋᴋɪ ʜɪɴ ǫᴀʙɴᴜ.

#sʜᴀʀᴇ #ᴊᴏɪɴ ɢᴏᴅʜᴀᴀ
ᴊᴏɪɴ ɢᴏᴄʜᴜᴜғ👇👇

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
CARRAA / HIREE KEE KOMATTEE BEEKTAA?

"Guyyoota boo'ichaa obsaan dabarsi!"
▬▬▬▬▬▬▬
■ Ofitti aartee, of komattee, of jibbitee beektaa? Carraa/hiree kee komattee, namaa gad of ilaaltee, furmaata dhabdee bitaa si galee beekaa? Kun hundi maalif akka sirratti ta'e yaaddee dadhabdeettaa? Akka tuffatamtetti sitti dhagahamee boquu cabdee beektaa?

…. Yoos qofaa kee miti. Ani naannoo koo dukkannii fi gadadoon qofti kan na marse natti fakkaatee beeka. Karaan irra deemuu malu wallaalee ofiif gadda taa'ee beeka. Of arrabsee, of jibbee, jireenya jibbee… waa biyya lafaa kana maras jibbee beeka. Jireenyi koo hiikkaa natti dhabee burjaajjahee beeka. Gadi ilaalamee gad ilaalamuu koon keessi koo na madaahee beeka…

Yeroo akkasii akkasan godha, bakka namni na hin agarre deemeen of waliin haasahuu eegala, dhokadheen boohee baafadha, boo'ee boo'een homaa mitii ofiin jedha. Homaa miti kunis ni darbaan jedha." homaa miti, homaa miti, homaa miti, homaa miti…."

Yeroo baay'ee irra deddeebi'een jedha.
➲ "Homaa miti, ati kanaa oli, ati isa amma boossu kanaa oli!
➲ Dogoggorteetta ta'a, garuu ati dogoggora kee har'aa miti nama dogoggora kee irraa barattu malee.
➲ Kufteetta ta'a, kufuu keef nama salphaa miti, nama kufaatii keen irree jabeeffatee ka'u malee.
➲ Waan si hin beeknef gadi si ilaalu,
➲ Waan si hin barreef si tuffatu.
➲ Mul'ata ati fuuldura keetti agartu ijaa hin agarreef gadi si qabu. Ijaa gaarummaa kee gowwaa si sehu, ijaa isaanii dursa kenniteef waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.
➲ Ati garuu ofitti hin aariin, of hin komatiin, of hin jibbiin, gadis of hin ilaaliin.
➲ Namni si jibbeef of hin ganiin, of hin gatiin.
➲ Yeroo bitaa si galetti tasgabbaa'uu baradhu, waan dandeessuuf waan sitti fakkaate hamma gootetti, hamma humna kee hamma dhamaatetti isa kaaniif hin dhiphatin.
➲ Bu'aa dhamaatii kee tokko tokkoon argaa deemta, wanti sirra gahe marti maalif akka ta'e hubachaa deemta, 'edaa waan gaariif ta'ee' jetta. 'Edaa dhiibee asiin na gahuuf turee' jetta. 'Edaa dukkanni sun marti ifa arguuf akkan dhama'uuf ture, edaa dukkanni sun marti ifa fuuldura koo jiru yennaan argu akkan itti gammaduuf ture!' jetta. Qofaa teessee karaa irra deemtee dhufte yaaddee yeroo as teessee boosse kanatti kofalta. Kolfa gammachuuf galataa kofalta. Kolfi kee namootaaf ifa, kolfi kee namoota gaddaniif soorata ta'a. Namoota karaa ati irra deemtee as geesserra jiraniif jabina taata. Namni si argee kolfa, namni si argee abdii horata, siin argee jabaata, siin argee barata. Kolfitee kolfitee hin dadhabdu, ergasii yennaa aartus, yennaa bitaa si galus, yennaa arrabsamtus kolfita. Ati hojiin kee kolfuu qofa, kolfitee mo'atta. Mee yennas akkam naa kolfita?" ofiin jedha.
.
.
.
Gaddi koos ni bada.
.
.
.
Garaa koo guutuun kolfa.
.
.
.
Dabalee daddabaleen kolfa!
.
.
.
Kolfa koo boruu sana dhugoomsuuf kutadheen bakkan dhokadhee taa'ee ka'a. Boruu koo ifaa sana hamman gahutti guyyoota boo'ichaa na quunnaman fuulduratti ilaalaan boquu ol qabachaa kolfaa adeema.
.
.
.
Atihoo?

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
Gonfoo shanan:-
1 gonfoo qajeelummaa
2 gonfoo gammachuu
3 gonfoo ulfina
4 gonfoo fayyina
5 gonfoo nagaa
Forwarded from DANDI WANGELA (GOD IS COMING SOON)
#Church and #Building
Amantootni Wangeelaa harka dhibba keessaa harki 98 fi isaa ol garaagarummaa #Waldaa fi #mana_sagadaa adda baasanii hin beekani. Namoonni hedduun jecha “#waldaa” ykn “#church” jedhu mana sagadaa tti fudhatu. Kun garuu raawwatee dogoggora cimaa dha.

Mee hiika jecha #waldaa ykn #church jedhu gabaabaatti haa ilaallu.
1. #Hiika_Giriikii: akka hiika Giriikiitti jechi waldaa jedhu kakuu haaraa keessatti "ἐκκλησία" (ekklēsia) yoo ta’u hiikni isaas walitti qabama ykn walga’ii jechuu dha. So, kun waa’ee namoota walitti qabamanii malee waa’ee manaa miti.
2. #Hiika_Hibruu tti: akka hiika Hibruutti jechi kallattiin ibsu hin jiru, garuu yaada kanaan kan wal fakkaatu jecha "קהל" (qahal), jechuunis walga’ii ykn amantoota jechuu dha. Ammas waa’een manaa ykn gamoo hin jiru.
3.#Hiika_ingiliffaa: akka jecha ingiliffaatti jechi Waldaa jedhu jecha ingiliffaa durii kan "#cirice" ykn "#cyrice," kan jecha Girikii "#kuriakon" jedhu irraa fudhatame fi hiikni isaas “kan Gooftaa” jechuu wajjin wal fakkaata. Ammas manni ykn gamoon hin jiru. Nama isa kan gooftaa ta’e, isa gooftaan keessa jiraatu malee.
Mana sagadaa
Haga jaarraa afraffaatti manni sagadaa kana fakkaata jedhamee hin beekamu. Amantoonnis mana namaatti, bakka baay’atanii walga’uun danda’amutti walitti qabamu turani. Jaarraa 4ffaa irratti Mootii mootummoota Roomaa Konistaantaayin irraa jalqabee mootummootni Roomaa hedduun kan itti fufan akkaataan ijaarsa mana sagadaa kiristaanaa boca mataa isaa qabachaa dhufe. Kunis tarkaanfii ittiin hiikni waldaa amantoota iraa gara gamootti ittiin ce’eef sababa guddaa ta’e.

Akka baraiisa kitaaba qulqulluu tti jechi Waldaa ykn “Church” jedhu kallaattiidhaan ijaarsa lubbuu qabeessa, isa namoonni Waaqayyoof adda ba’an Kristos irratti ijaaramaa ittiin adeeman hubannaa fi dhoksaa Hafuuraa ti. Yesus Pheexiroosiin “Anis sittan hima, akkuma Phexros jechuun dhagaa jechuu ta'e, ati dhagaa dha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara,”
#Maat. 16:18 gaafa jedhu gamoo baatta jechuu utuu hin taane namoota fayyanii qaama Kristos ta’anii ijaaramaa adeemanii ibsuufi.

Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa*!
Hojii Ergamootaa 20:28

Kun hiika waldaa isa sirrii dha.

Waldaan kakuu haaraa isheen jalqabaa gamoo guddaa hin qabdu, mallattoo fannoos balbala irraa hin qabdu, garuu dubbii fannoo Kristos lallabdi.

Isheen ammaa gamoo miidhagaa qabdi, balbala irraas mallattoo fannoo qabdi, garuu dubbii fannoo Kiristoos ganteetti, waan foonii lallabdi.

Egaa dhumni waan hundumaa dhiyaateera. 1Phex. 4:7
@dandiwangela
Forwarded from Ayyaanichi Amantiidhaan Nu Fayyiseera (Elias Fekadu)
Qalbii jijjiirrrachuu jechuun gabaabaadhumatti sababii foon uffatte jirtuuf gaafa dadhabdu ykn cubbuu hojjattu yeruma sana dhiistee karaatti deebi'uu jechuudha malee churchi dhaqanii boo'aa cubbuukoo naaf dhiisi jechuu miti.
dhifamuun cubbuu boo'ichaan osoo hin taane dhiigaani. " Dhuguma iyyuu akka seerichaatti wanti hundinuu, dhiigaan in qulleeffama jechuun in danda'ama; dhiiga utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru. "
(Ibroota 9: 22)
wantoota akkanaa kanaaf Afaanota adda addaatiin Dubbisuun gaarii natti fakkaata. sababni isaa afaan hundi wal-qixa jecha tokko ibsuu waan hin dandeenyeef fknf
jechi afaan oromootiin inni araara jedhu
kan amaariffaatti
1 sireet:- dhifamuu cubbuu jechuudha. kunis dhiigaan malee hin argamu.
isa kana argamsiisuuf angafni lubootaa yeroo hunda dhaabbata
" Lubni guyyaa guyyaan dhaabatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi'ee in dhi'eessa."
(Ibroota 10: 11)
bara kakuu haaraatti immoo angafni lubootaa keenya yesus al tokkoofi barabaraan dhiifama nuuf argamsiisee taa'eera
" Kristos garuu al tokko aarsaa dhi'eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa'e. "
(Ibroota 10: 12)
waayeen cubbuu raawwatame.

2 mihirat:-jechuun Araara.
" Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaraniif araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi'aannaa."
(Ibroota 4: 16)
Araara gaafa jennu immoo fknf Nama Gaafachuuf mana yaalaa dhaqxee gaafa agartu namichi dur ni deema ture amma garuu hin danda'u, dur ni kolfa amma garuu hin danda'uu, wantoota baay'ee in godha ture amma garuu hin danda'u Ati namichaan maal jettaan? waaqayyoo sitti haa araaramu ykn yemari jettan mitii? Araara(mihirat) jechuun gargaarsa waaqayyon biraa argachuu ykn akka jalqaba turtetti deebi'uu jechuudha.
inni kun tajaajila hangafni luboota keenya yesuus mirga abba taa'ee nuuf kennaa jiruudha.
kanaaf Araara jechi jedhu kun ibrootaratti waa'ee sireetti osoo hin taane waa'ee mihirattiti. sireet al tokko fi barabaraan ta'eera.

@ayyaanaqofa @ayyaanaqofa
humna kee guutuun gaafa jedhuu qabeenya keen Waaqayyoon waqqeessi kan jedhuudha
2024/05/16 18:12:13
Back to Top
HTML Embed Code: