Telegram Web Link
-ABIY AHMED tarii yoo waraabessootaa fi
jaldeessota wajjin dorgome malee, kana booda bakka dhalli namaa jiru kamittuu moo'achuu miti, dorgomuuyyuu hin danda'u! -Namichichi Jechaanis, gochaadhanis otoo filannoon hin godhamniyyuu hundumaa biratti kufee jira.
Inni Filannoodhan daldala, addunyaan fannoodhaf
barbaadaa jirti. Carraan inni kana booda qabu,''badee balleessuu' qofa!
-Hayyootni Oromoof quuqamtan, isa namichi Abdii kutatee haasawa dhumaa godhu waliin yeroo gubuu dhiisaatii, qabsoo hadhooftuu hiree Oromoo murteessuu danda'uun dhalootatti gad ba'aa!!
Aadde Keeriyaa Ibraahim wabiin gadhiifaman!

Poolisiin har’a Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa dhaddacha Lidataaf akka himetti hanga qorannoon duraa dhagahamutti bu’uura seera yakkaa keewwata 28’n Aadde Keeriyaan hidhaati wabiin bahani.

Dabalataan, pirezidantiin Mana Murtii Waligalaa Tigraay kan turan Aadde Hiriyitii Mihiratiifi gorsaa duraanii pirezidantichaa kan turan Obbo W/Goorgis Asaffaa wabiin akka gadhiifaman murtaa’ullee ibsameera.

Af-Yaa’iin duraanii Mana Maree Federeeshinii Aadde Keeriyaan waraanni federaalaa akkuma Maqalee to’ateen ture harka kennuun isaanii kan dhagahame.
#hubadhu
=_==_=
Nama cimaa ta'i jechuun hin kufiin jechuu; miti kuftee ka'uu danda'uu qabda jechuudha malee

Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; waan qabdutti gammadi jechuudha malee

Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaariidha jechuu miti; jibba caala jaalalatu hunda caala jechuudha malee

Hojii jaaladhu jechuun hojiin amma ati hojjechaa jirtu gaariidha jechuu miti; boru akka hojiin gaariin si eeggatu beeki hojii har'aa hojjechaa jirtu jaaladhu jechuudha malee

Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti; garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee

Callisi jechuun hin dubbatiin jechuu miti; kan biraa dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuudha malee

Abbaa garaa hin ta'iin jechuun hin nyaatiin jechuu miti; haqa nama biraa hin nyaatiin jechuudha malee

Hin dallaniin jechuun miira hin qabdu jechuu miti; dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee
Heerri biyyattii waraqaarra jira malee dalagaadhaan tarsa'ee darbameera. Alaabaan Itoophiyaa bakka bu'ee addunyaa irratti mirmirfamaa fi miidiyaalee mootummaatiin agarsiifamaa jiru alaabaa heerichaan ragga'e osoo hin taane baandiraa Miniliki. Akkuma suuraalee hiriira isaanii irraa arginu kun waan ragaan mul'ate malee maq-balleessii miti. Kun biyya keessaa fi alas hin qabu. Magaalaa guddittii biyyattii Finfinnee fi naannoo Amaaraatti alaabaan deeggarsa mootummaa kanaaf mirmirfamu alaabaa Minilikiin bakka bu'ee jira. Baandiraan lummuxxiin kan abbaa bara kanaati. Faallaa kanaan ammoo ilmaan Oromoo dhiiga qaalii itti gabbaranii jijjiirama kana fidan alaabaa Oromoo qabatanii mul'ataniif qofa ajjeefamu, hidhamu, adamfamu. Itoophiyaan Oromoon keessatti bulaa jiru kana fakkaatti.
Filannoon hin jiru! Filannoo jechuun waan adda addaa tarreeffaman keessaa waan jaalatan laalanii filachuu jechuudha. Amma wanti keessaa laalanii filatan waan keessa hin jirreef filannoon hin jiru!
#HachaluHundessa #GrammyAward

Badhaasni idil addunyaa 'Grammy Award' jedhamu addunyaarra Artistoota bebbeekamoo bara farajoota 2020 keessa du'aan addunyaa kanarra godaanan keessa Artistii jaalatamaa Haacaaluu Hundeessaa eereera.

Sagantaa 'Grammy Award' Bitoteessa 14 bara 2021 gaggeeffame kana irratti weellistuu beekamtuu Ameerikaa Biyoonsee dabalatee artistoota bebbeekamoo addunyaa kan akka Joon Leejand ittiin badhaafamaniiru.

Sagantaa badhaasa sadarkaa idil addunyaatti hordoftoota hedduun daawwatamaa ture kana irratti Artistii ummata Oromoorra darbe ummattoota Itoophiyaa hedduu keessatti jaalatamummaa guddaa qabu Haacaaluu Hundeessaa tarree Artistoota bebbeekamoo addunyaa bara 2020 keessa du'aan boqotan keessatti maqaan isaa eeramuun kabajaan yaadatameera.
Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa mana hidhaarra gadhiifamte!

Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa turtii hidhaa guyyoota 37 booda har'a Bitootessa 10 bara 2013 ALI mana hidhaarra gadi lakkifamteetti.

Baga baatee sanyiikoo harka diinootaati
-Dhabaniis miti, yakkaniis miti, beekumsaa fiqabeenya isaanirraa hafee orma jiraachisuu qabu.
-Kun hundi Oromoodhaf, Oromiyaadhaf jecha!
Suura seenaa-Lagannaa nyaataa guyyaa 40!
-Waraanatu hin barbaadamne taanan, falli jiru ''Guyyaa filannoo dheeressuudhan, Jawar M.
dabalatee hidhamtoota siyaasaa mara hatattamaan hiikuu qofa
!
-Amma wanti hundi sadarkaa yaadan wal
dubbachuutirra darbee, sadarkaa qawwee fi albee
walitti fudhachuutirra ga'ee jira. Biyyattiin balaa
suukaneessaa addunyaarrattillee ta'ee hinbeekne mara keessummeessaa jirti. Kan caalu ammoo
dorrobee jira.-Ammas qaamni rakkoo uumameef itti gaafatamummaan harka jiru mootummaan kun of sirreessuu qaba. Wannni inni gochuu danda'u baay'en itti barfatullee ammallee yoo dhaloota baraarun barbaadameef ''guyyaa filannoo dheeressuu qaba!''
-Hatattamaan guyyaan filannoo dheerachuu
labsuudhan, Jawaar M. dabalatee hidhamtoota
siyaasaa mara hiikudha, paartileen haqaa Oromoo
deebi'anii akka of ijaaraniif, waajjiraalee akka
banataniif, miseensotaa fi hawaasa bakka bu'an san
waliin akka mari'atan yeroo, bakkaa fi waan seerri filannoo heeyyamuufirratti karaa banuufiidha.
-Walumaagalatti biyya tanaaf filannoo dura waa sadi dirqama gochuun barbaachisa. Inni duraa
hatattamaan Jawaar M. dabalatee hidhamtoota
siyaasaa mara hiikudha, Itti aansun guyyaa filannoo
dheeressuudha. 3ffaarratti mariin akka biyyaatti
kutaalee hawaasaa mara hirmaachise godhamuudha. 4ffaarratti filannoo gochuudha.
-Kanaan ala akka yaada kootti otoo haal dureewwaan kanneen hin raawwatin gama mootummaa kanaatin inni ''filannoo maal maal... ''jedhamu 'Filannoon hinjiru, seerri hinjiru, badnee walballeessina, hiinee Ajjeefnee dhaloota gubna!'' jechuudha! -Sunimmoo_maraatummaadha. Maraatummaan haa
hafu, mariin haa dhufu! Labsii hidhaa fi ajjeechaa
sabarraa haa ka'u, Hidhamaan siyaasaa haa ba'u, KFO fi ABOdhaf karaan haa banamu, hanga kuni hundi ta'utti guyyaan filannoo yeroof achi haa
hiiqfamu!
Itoophiyaan barana filannoof otoo
hintaane, baduudhaf
kaadhimamtee jirti!
Manni hidhaa #Qaallittii bakki itti qaroon Oromoo
meeqaa itti buruqe, dhiirri meeqa itti kufe, galmeen haqa Oromoota meeqaa itti dhokfame, har’as shiraan itti awwaalamaa jiru sun kana!
Fuuldurri ishee simmintoo fi shiboodha, keessi
ishee qoree fi guboodha!
- #Jia2dura :-“Juuntaa dhabamsiifnee,
barbadeessinee, Misooman dhufnee jirra!”
- #Amma:-“Hooggantoonni TPLF olaanoon akka karaa nagaatin harka kennatan waajjirri Mummicha Ministeera waamicha dhiyeessee jira! Juuntonni Carraa kanatti fayyadamaa!”
-Namichatu kuruphee ari’ee qabuu
dadhabnaan,deemi duruu foonkee hin mi’aawu!”Jedheen jedhan!
#AMMEE:
Liyyu Hayilin Amaaraa Oromoota Walloo lola keessatti madaa’an Hospitaala Shawaa Roobiit seenee madoo achi jirtu ajjeesuutu himamaa jira. Ammaaf kan beekkame Oromoota madaa’anii Hospitaala Shawaa Roobiit seenan Afurii fi Oromoota miseensoota Poolisii tahan Afur konkolaachisaa Ambulaansii dabalatee ajjeefamanii jiru jedhamaa jira. Namoonni ajjeefaman kunis Oromoodha jedhan. Diinni isaanii ummata Tigraayitti aanee Oromoo akka tahe isaanuu dubbataa turan ammas dubbachaa jiru. Amma fuula isaanii gara Oromoo deeffachaa jiraachuutu mul’ata.
Waggaa Afur fi shan dura tilmaaman; dargaggeessa Amantiinsaa Waaqeffataa ta'e tokko poolisiin qabee Mana Murtiitti dhiyeesse. "yaa Waaq diina Oromoo balleessi jedhee Waaqa osoo kadhatuu qabne" jedhee poolisiin Abbaa Seeraf hima. Abbaan Seeras deebi'ee " ati diinni Oromoo hin badin jettaa poolis?" jedhee gaafate. Poolisichis waan dubbatu dhabe. Waan hin yaadnetu mudate. "Nafxanyaan nu hin bulchu" jechuun yakka taanan Nafxanyaan nu haa bulchu jechuun seera ta'a jechuudha. Amma-biyyattiin Nafxanyaa harkatti kufuunshee ifa ta'eera. Ilmaan Oromoo Bilxiginnaa keessa jiranis ni hubatu jennee abdanna.
QAWWEE GANNEE HIN GALLUU!!!

Qabsoon akka ulfaattu
Qalbeeffannee beeknee
Kuffisnee kufuudhaaf
Dirree qabsoo deemne

Bashananuuf miti
Kan qe'eerraa baane
Diina oromoo loluuf
Loltuu haqaa taane

Diinni yoo nu saamu
Teenyee hin ilaallu
Baraan ilmaan keenya
Boonyee hin awwaallu

Yoo arganne nyaannee
Dhabnu bullee agabuu
Qawwee hidhannee lolla
Isa qawwee qabu
Jennee manaa baanee
Qabsaa'uuf hidhanne
Jireenya qananii
Nuti yoom filanne?

Yoom ganda ormaa deemne
Funaannachuu raqa
Bosona jirraahoo
Barbaaddachuuf haqa

Waan garaa nun dhibne
Waa'ee sabaa malee
Kanaaf galuu didnee
Lolaa jirra hardhallee

Qabsoo saba bal'aa
Yoomiyyuu hin daldallu
Garaadhaf bitamnee
Qawwee gannee hin gallu!
Wareegamtoota ilmaan Oromoo Walloo
1. Aliyyi Hasee Bulee - G/H/Tukkuyyee
2. Ahmad Aliyyi Gilalaa- G/D/Coqorsoo
3. Xoohaa Adam Xoohaa- G/B/Ededaa
4. Abdallaa Umar Boruu- G/C/R02
5. Adam Hasan Daayid- G/Haraa
6. Ahmad Muhee Xaahiir- G/Shaashoo
7. Umar Muhammad- G/Fursee
8. Ahmad Muhammad Maahessaa(Jazbe
e)- G/Fursee
9. Hasan Ahmad Arbiyyee- G/C/Dirree
10. Umar Ahmad Adee- G/C/Dirree
11. Umar Muhammad Muusee- G/C/Dirree
12. Hasan Husseenee Hasanee- G/C/Dirree
13. Muhammad Ahmad Abduu- G/C/Dirree
14. Ahmad Yuusuf Siraaj- G/C/Dirree
15. Ahmad Yuusuf Bayyanaa- G/C/Dirree
16. Ahmad Husseen Diingoo- G/C/Dirree
17. Umar Ahmad - G/C/Dirree
18. Abdallaa Umar- G/C/Dirree
19. Muhammad Hasee- G/H/Tukkuyyee
20. Ahmad Kadir-G/C/Dirree
21. Ahmad Husseen Khaliil- G/Jaarraa Qacamaa
22. Abduu Aliyyi 2 G/D/Coqorsoo
23. Husseen Adee 10 G/D/Coqorsoo
24. Sayiduu Muhalee 7 D/Coqorsoo
25. Sayid Husseen 5 D/Coqorsoo
26. Muhammad Sayid She Muhee 4 D/Coqorsoo
27. Ahmad Husseen 10 B/Ededaa
28. Muhammad Husseen Boruu B/ Ededaa
29. Aliyyi Abbeeroo B/Ededaa
30. Ahmaddiin Muhammad Jibriil B/Ededaa
31. Muhammad Adam Xoohaa B/Ededaa
RIP
Waajjira Koree Olompiikii Itoophiyaa fuuldura hiriira mormii Pireezdaantii Federeeshinii Atleetiksii Itoophiyaa Atleet Daraartuu Tulluun durfame gaggeeffame.
#Dhaddacha!

Manni murtichaa Obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti ragaan abbaa alangaa dhaddacha banaan akka dhagahamuuf murtoo laatame dhorkeera. Dhorkicha kan kaahe dhaddacha dhageetti oli iyyannoo mana murtii waliigalaa federaalaati.

Wiixata darbe Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa gaaffiin Abbaan Alangaa obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti dhaddacha cufaa fi golga duubaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kufaa taasiise.

Haaluma kanaan Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaa lakkoofsa 699/2003, keewwata 4 muraa 1tiin ragaa baatoonni 146 dhaddacha cufaan ragaa akka dhageessiisan gaafateera.

Haata’uutii abbaan Alangaa ragaa baatoonni kunneen golga duubaan ragaa akka dhageessiisan sababa wanta ta’u ragaa quubsaa kan hin dhiyaanne ta’uu isaan Manni Murtichaa ragaa baatoonni kunneen dhaddacha banaan ragaa akka laataan murteesse tureera.
2024/05/29 01:54:27
Back to Top
HTML Embed Code: