Telegram Web Link
Warra si duuba waa'eekee odeessaniifi bakka hinlaatiin! Sababiinsaas isaan duubakee jiru atimoo deemsikee fuulduraatti booddeekee hinilaaliin.
Namoonni maaliif duubakee haasa’u :-
👉Wanta ati qabdu, yoo hinqaban ta'e.
👉Sadarkaakeerra ga'uu yoo hindandeenye.
👉Haalakee shaakaluun yoo milkaa'uu baatan.
Xiyyeeffannoonkee durakeetti haata'u. Tasumaa ofduuba hinmillatiin!

Join
👉@oromoinspire
Sumatu si'i!
~~~~
Qabeenyi qaaliin dacheen kun qabdu albuudota akka warqii,daayimandi yookis pilaatiniyeemi miti. Albuunni qaaliin isheen qabdu suma mataa keeti. Dacheen gadameessa bal'aa, harma hin guune qabdi; kanaf dhaqii ba'aa itti ta'i jedhamtee miti kan gara kanatti affeerramteef,akka ba'aa irraa salphistuufi.

√ Addunyaa kanarratti enyuyyuu si ta'u hin danda'u. Sumatu si'i! Of ta'i jiraadhu, fakkattee hin jiraatin. Egaa of beekta yoo ta'e waan dhalatteef raawwadhu. Lakkoofsa taate hin jiraatin. Bu'aa ati dachee tanaf gumaachitu namni biraa gumaachu hin danda'u. Sumatu gumaachu danda'aa.

✓Namana fagoo of hin barbaadin ofuma keessaa of argatta. Eenyu akka taate namni bira akka sitti himuuf eegda yoo ta'e lakkoofsa taate darbaa jirta. sumatu si'i ofumaa of beeki!!

~~~~~~~
Sumatu Si'i
~~~~~~~~
@oromoinspire
GORSA!
▬▬▬▬▬▬▬
➥ Jireenya kee keessatti nama kamiyyuu gad buustee hin ilaalin!

○ Cimaa ta'uu dandeessa garuu, yeroon si caalaa jabina akka qabu beeki!

○ Nama hundumaa akkaataa mul'ata isaatti hubadhuu kabaji!
➦ Yeroon yeroo fida!

○ Maal naan jedhu utuu hin taane, maalan jedhe jechuu irratti xiyyeeffadhu!

○ Wantoonni namni ittiin madaalamu inni guddaan yeroo jajjabinaa fi haala mijataa keessa jiru bakka inni dhaabatuu miti; yeroo rakkoo fi haalli mijataan hin jirre bakka inni dhaabatuudha malee.

○ Barbaadamaa ta'uudhaaf barbaachisummaan kee baramuu qaba!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

👉 @oromoinspire
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromoinspire
@oromoinspire
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Ganamaa yeroo hiribaa irraa katuu guyyaa kee isaa siif kennamee sana mo'ichaan jalqabii guyyichaa osoo atii hin beeknee milkaa’ini harkaa kee keessaa siif seena!
#Halkangaarii
@oromoinspire
To be beautiful means to be yourself. You don't need to be accepted by others. You need to accept yourself.

#Share🔻
@oromoinspire
Gosoota jaalalaa!


⓵Eros:- dhaabbii qaamaa shamarree tokkoo
ykn warri shamarraniis dhaabbii qaamaa dhiira
tokkoo arganii kan jaallatanidha!
Fknf, hojjaa isaa/ ishee, dheerina morma
ishee/isaa fi kkf dha.
✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️
⓶ Luudis:- namoonni jaalala kanaan qabaman
ykn jaalalli akkanaa isaan irraa mul'atu
namoota jaalala akka taphaatti ilaalanidha.
Fknf, jaalala jechuun guyyaa wayii kan waliin
dabarsan guyyaa kaan immoo kan bakka waliif
hin qabne jechuudha!
✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️
⓷Iistoos:- jaalala akka bu'uura jireenya
isaaniitti namoota yaadanidha!
✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️
⓸Maniiyaa:- warreen kun jaalallee isaanii
hamma du'a lubbuutti illee kan hin
dagannedha, takka onnee isaanii kenninaan
nama sana argachuu akka hin dandeenye yoo
beekan iyyuu abdii kutannaa malee kan
jaallatanidha!
✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️
⓹Piraagiimaa:- Adeemsa jaalalaa keessatti
wal keenya fedhu, kana jechuun gochaa
godhan keessatti jaalalleen isaanii isheen/inni
akka yaada isaa ykn ishee fudhattee dhimma
tokkoo fi yaada tokko qabaatan fedhu! Wal
simannaa karaa maraatti amanu. Namoonni
jaalala gosa kanaan qabamani!
✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️
@baacoowwan
⓺Agaappee:- namoonni gosa jaalala kanaan
qabaman, jaalala keessatti ariitiidhaan hin
kufan garuu, takka jaallannaan waan mara
isaanii kan jaalallee isaaniif dabarsanii
kennanidha!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Mee gaaffii kana deebisi sammuukeef, sana
boodas eenyummaakeetti himi!
Jaalallee qabdaa?✔️
Gosa jaalalaa kamiin qabamteetta?✔️
yoo jaalallee qabda ta'e.
Jaalallee hin qabdu taanaan gosa jaalala
kamtu si qabachuuf eenyummaakeetti dhiyoodha?
Jaalala irraa bu'aamoo Jaalala barbaadda?
@oromoinspire



Share gochuun

Chaanelii keenya haa guddifnu!
Madda:kanan dubbiserraa


#Join-us

@oromoinspire
NAMA OGEESSA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Ogummaan bakka hundatti gaggeessituu daandii milkaa'inaati.
Namni ogeessi hin kufu. Inni ogummaa harkaa qabu bakka deeme hundatti jireenyi isaaf mijataadha. Ogummaa qabuun simatamee hojjetee of jiraachisa.

● Inni ogummaa sammuu, yaadaa fi haalaa qabu; bakka hundatti dawaa dha. Ogummaan yaada isaa furtuudha, gaggeessituudha, qajeelchituudha, hoggantuudha, Ogummaan Yaada keetii boqonnaa siif kenniti, gammachuu, ofitti amanamummaa siif laatti.

● Carraa hundaan walii galuu, osoo hin sodaatin, osoo ceephoon isa hin mudatin, haala salphaatiin eenyu waliin jiraachuuf ogummaan kee si gargaarti.

Nama Ogeessa

➛ Ogeessi yaadaa waan hunda hubata. Osoo ati hin dubbatin adeemsaaf ilaalcha kee ilaalee si madaala, si beeka. Ogeessi hubatee raawwachuuf malee ilaalee dubbachuuf hin ariifatu.

➛ Kennaan nama hundaa adduma addaan uumamaan waan nuuf laatametu nu waliin guddatee hojiidhaan muldhata. Hundi immoo kennaa isaa kana itti hin fayyadamu. Inni biraan immoo kennaa isaa kana daran bilcheessuf iyyuu hedduu tattaafata.

➛ Namni kamuu waan uumamaan kennameef ni qaba. Addunyaa jijjiiramaa keessa waan jirruuf waan dabalataan argannuu fi kan dhabnuuf kan dagannus jiraachuu mala.

➛ Ogeessi namaa isa uumamaan qabu irrattis dabalatee isa of dagate of yaadachiisa. Ogummaa dhaalchisa. Ogeessi arraba tola fuula ifa, hundaan walii gala. Garuu, yaada guduunfata. Of hooggana. Ofiifis isa cinaa jiruufis of eeggata.

➛ Ogeessi amala tola. Tooftaa ittiin injifatu, tooftaa ittiin waan yaadeef fedhe harkaan ga'atu, tooftaa ittiin galmas gahu cimsee beeka.

➛ Ogeessi namaa hin kufu. Karaattis hin hafu. Wacnii fi ilaalchi namaa isa hin hoogganu. Ogummaa sammuu isaatu isa hooggana.

Waa'ee Ogummaa kana caalaa namoonni dubbatan ni jiru. Ani ammuma kana dubbachuun fedhe. Ogummaa qabdan kunuunfadhaa! Itti fayyadamaa! Of irra darbaatii obboloota keessanis ittiin fayyadaa.

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromoinspire
@oromoinspire

🔺ᴊᴏɪɴ🔺
YAA LEENCAA
~
Odoo gatiikee Beeknee
Silaa mukarra hin bultu
Barattii badeef malee
Daggala keessa hin galtu
Barbaaddu lafaan dhooftee
Mataa gubbaarra teessaa
Maqaan keeyyuu mootiidhaa
Hammuma maqaa geessaa
Silaa ati hoogganaadhaa
Hundumaa ni ergattaa
Siree gubbaarra ciistee
Dammaaf cooma murattaa
Teessoo si jalaan deemu
Bookaf nadhii unnattaa
Aduun dirra kee hin nyaatu
Maasara keessa ooltaa
Kan feetetti hammaattee
Kan feetettimmoo toltaa
Miila keetis dhiqanii
Dibanii si nyaachisuu
Nyaatan barbaadadhaaf
Olif gad sin kaachisuu

~Ilaa.........

Ilaa mee yaa mootikoo
Ajajaa warra Guddaa
Ati ulfeeffamaadhaa
Mootii mootota hundaa
Waan tokko si gaafadhuu
Hundumaa ni dandeessaa
Beekaf wallaalaa hin jettuu
Hundayyuu ni dhageessaa
Garuu hanguma yoomiitti
Roobaf aduun dhaanamtaa
Gogaan kee miidhagaadhaa
Duutullee barbaadamtaa
Otoo guddaa taatee jirtuu
Maalif daggala teessaa
Maqaa kee yoo waaman
Hundumtuu si ulfeessaa
Baankiwwan biyya keenyaa
Maqaa keen moggaafamuu
Warshaalee bebbeekamoon
Maqaa keen oomishamuu
Gamoo babbareedaniis
Maqaa keen ijaaramaa
Warri sodaatamaaniis
Kabaja keen waamamaa

~Akkamiin hin beeknuree....

Akkanan waamamuukee
Dhageenyee quba qabnaa
Maaf hin beekne ni beeknaa
Akkamiin garaa dhabnaa?
Egaa yaa Leencotakoo
Dhaamsa tokkon siif dhaama
Har'aan booda maqaakee
Mootii jedheen si waamaa
Eeyyeen ati mootiidhaa
Daggalli siif hin maluu
Waangoo maasaraa yaasi
Inni daggala haa galuu
Hunduu si'iin of waamaa
Guddisee of dhaadhessuu
Hanga yoom kaa mootiikoo
Mee kan bosona teessuu
Kabajamoo leencota koo
Addunyaan tun keessanii
Maqaan keessan ulfaadhaa
Hamma Maqaas geessanii
Maqaan kee mootiidhaa
Hooggansas ni dandeechaa
Teessoon kee maasaraadhaa
Baroodii kaa YAA LEENCAA
//=//
@oromoinspire
GORSA!
▬▬▬▬▬
➲ Gaafa karaa tokko siif guutu karaa biraa akka sitti hir’atu beeki! Hir’uun namaa daangaa hin qabu waan ta’eef.
➲ Namni baay’een yeroo si jaallatu baay’een akka si
jibbu! Beeki hundi gaarummaa namaa hin yaaduutii.
➲ Nama ofii isaa sitti boonsu irraa fagaadhu! Keessa isaa tuffii jiraatii.
➲ Korojoon kee guyyaa tokko guutee gaafa biraa duwwaa yoo ta’e of hin dhiphisin! Qarshiin ulaagaa sin guuchisuuti.
➲ Namoota siif gadii kabaji! Atis borii kee hin beektuutii rakkinas ta’ee baldhina imaanaa hin dagatin nama galfata nyaate jedhamtaatii!
➲ Hamma dandeettii kee carraaqi! Nama dhalootaaf waa kaa’e taataati.
➲ Umurii yartuu jiraattuuf nama hin hammeessin! Seenaan si abaaraatii.
➲ Arraba keef eeggannoo godhi! Kan ati qoosaaf
dubbatte nama gaddisiisuu danda’aatii.
➲ Kaayyoo kee bira hanga geessutti nan dadhabe hin
jedhin! Nama karaatti hafe taataatii.
➲ Har’aa keetti rakkinni yoo baay’ate gadda hin baay’isin! Borii keetu gammachuudhaatii!
➲ Gaafa qabdu si jaallatanii gaafa dhabdu kan si jibbaniif iccitii kee hin qoodin! Keessa isaanii ilkee cimaatu jiraati.
➲ Warra si dubbachiisanii afaan kee irraa dubbii funaanan baqadhu! Si waliin karaa dheeraa deemuu hin danda’aniitii.
➲ Carraatti utuu hin taane hojii waaqaatti amani! Amantiin jalqaba milkaa’uutii!!!

➦ Channel kana irratti nu hordofuu hin dagatinaa! Waan hedduu irraa argattu.

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromoinspire
@oromoinspire
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
wanti ati dubbattu hundi dhugaa ta'uu qaba, garuu dhugaan hundi dubbatamuu hin qabu.

@oromoinspire
@oromoinspire
yeroo duraa eegalarratti wanti hundi ni jabaata, ati jabaadhu! abdii hin murin ful duratti malee if duuba gara hin galin, adeemsa keessa ifiifuu sirraahaa salpachaa dhufaa.

@oromoinspire
@oromoinspire
Harka hinkenniin!
~~~~
Jireenyi dhala namaa dirree itti haalonni waliif faallaa ta'an- gadduufi gammaduu, argachuufi dhabuu, mo'uufi mo'amuu...fi kkf'n itti wal morkanidha. Haalotaaf harka kennuu dhiisee kan deemsa itti fufe inuma mo'a. Mo'ichis ta'ii kufinsaan alaa osoo taane, bu'aa kufinsaan oliiti. Inni mo'us isa yeroof harka kenneefi doorsisa haalotaan olta'e sanadha. Waanti gaarii fakkaatu hundi gaarii namaaf akkuma hintaane, kan dukkanaa'ee namatti dhufe hundinuus nama hin balleessu. Dukkana booda ifni inuna jira. Harka hinkenniin!

#Share #Share #Join
@oromoinspire
@oromoinspire
Nama jireenya kee jijjiiruu danda'u arguu yoo feete,deemii daawwitii keessaa ilaaliin
@oromoinspire
Hiriyyoota keessan channel kanatti hafeeruu hin dagatinaa.
@oromoinspire
GORSA...
▬▬▬▬▬▬
➊. Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu!

➋. Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin!

➌. Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari!

➍. Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti!

➎. Miira kee too'adhu malee hin garboominiif!

➏. Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba.

➐. Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba.

➑. Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti. God bless you!

➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​

❤️join❤️

#Join👇👇👇

@oromoinspire
@oromoinspire
😄😁
#Join👇👇👇

@oromoinspire
@oromoinspire
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
ABDII HIN KUTIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Ofitti hin gaddin! Abdii hin kutin! Wanta addaa karaa keetiin qofa raawwatamutu si harka jiraatii ka'ii ammuma hojii eegali!

Dhuguman siin jedha na amani wanti adda ta'e kan karaa keetiin qofa danda'amu jira. si jechuun suma malee namni biraa bakka si hin bu'u.

Hir'ina kee lakkaa'uu dhiisi! Cimina kee lakkaawwadhu! Daangaa ofiif keesse keessaa cabsii bahi! Ni dandeessa. Eeyyeen ni dandeessa.

Yaaltee dadhabdee? Ammas irra deebi'ii yaali!
Hir'ina kee sitti mul'atee abdii kuttee? Ati nama gahaa dha. Sammuu keetti himi! Karoorsii ammuma itti adeemi! Galma gahiinsi sitti dhihoodha.

Hiriyoota keef qooduu hin dagatin maalooo


Share◈Share◈Share
@oromoinspire
@oromoinspire
🔺JOIN🔺
MILKAA’INA JIREENYAA FI GAMMACHUU AKKAMITTI ARGANNA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Barbaadanii Of Argachuu 

➠ Eenyummaa keef bakka guddaa kenni!
➠ Hamma of beektu caalaatti ati nama guddaadha.
➠ Humna qabdu hundumaan socho’i!

■ Sodaa fi Dhiphina Of Keessaa Balleessuu!

➠ Yeroo tokkotti tarkaanfii tokko qofa tarkaanfadhu!
➠ Rakkoolee waan guddaatti hin lakkaa’in!
➠ Rakkoolee irratti mari'adhaa!
➠ Balbala cufuu bari!
➠ Sodaawwan sababa qabatamoo irraa dhufan maal gochuu qabna.

■ Jiraachuuf Yeroo Fudhachuu!

➠ Dhiibbaa fi muddama ofirraa addaan baasi!
➠ Hiriyoota gaggaarii qabaadhu!
➠ Jireenya dhandhamadhu!

■ Sodaa Kee Irratti Tarkaanfii Fudhadhu!

➠ Sodaan jabina sabummaa ni dadhabsiisa.
➠ Sodaa keessan saaxilaa (ifatti baasaa)!
➠ Sodaa waliin wal’ansoo qabaa!
➠ Sodaa keessan madaalaa!
Tasgabbaa’uudhaan yaadaa!
➠ Hiriyyummaa cimaa uummadhaa!
➠ Amantii cimaa qabaadhaa!
➠ Nageenyi isinitti dhaga’amuu qaba.
➠ Du’a hin sodaatinaa!

■ MADDA GAMMACHUU

➬ Gammachuu jechuun kolfuudha malee kofalchiisuun miti.
➬ Gammachuun fiixee fedhiiti. 
➬ Maddoota gammachuu horadhu!
➬ Jireenya jiraachuuf of qopheessi!
➬ Wanta kennuu qabdu kenni!
➬ Madaa kee suphadhu!
Dandeettii kee bu’uura isaa irraa hubadhu!
➬ Nageenya sammuu qabaadhu!

■ Ilaalchi Gaariin Daandii Milkoominaati.

➛ Haalonni bakka ni buufamu.
Kufaatiitti hin amanin!
Wanta hin danda’amne gara wanta danda’amuutti jijjiiri! 
➛ Sammuu Kee Milkoominaaf Qopheessi! Kufaatii Irraa Walaba Ta’i!
➛ Yaali! – Ammas jabaadhuu yaali!
➛ Yaadi! – Ammas itti yaadi!
➛ Qormaata namatti dhufuuf hin jilbeenfatin!
➛ Amala nama jaallatamaa sitaasisu horadhu!
➛ Dadhabina kee gara ciminaatti jijjiiruu ni dandeessa. 
Abdii Ab

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@oromoinspire
@oromoinspire
🔺JOIN🔺
2025/05/23 06:03:09
Back to Top
HTML Embed Code: