Telegram Web Link
#Maaf Maqaa qulqullootan Moggaasna ?
Kennaan Waaqayyoon qulqulloota isaatif kenne kan ittiin ibsamu karaa baay’edhaani, kunis eenyummaa qulqullootaa akka ittiin ifuu fi faayidaa saba waaqayyoof akka kennaniifi. 1 Maqaa isaanin mana kiristaanaa ijaaruu 2 maqaa isaanin tsabala, Tsillaatii fi wantoota qulqullaa’oo moggaasuu fi kkf.
1 Maqaa isaanin mana kiristaanaa ijaaruu
Mataan mana kiristaanaa Gooftaa keenya, fayyisaa keenya Iyyasuus kiristoosi , qaama kiristoos kan taate manni kiristaanaa keenya kan uummata isheetif ittiin ibsamtuu fi mul’attu ijaarsi mana kiristaanaa iddoo Gooftan keenya iccitii isaa isa guddaa itti nuuf ibsuu dha. akkuma wangeelarratti dubbatu Gooftan keenyas guyya guyyaan argamee mana qulqullummatti barsiisaa tureera, iddichas qulqulleessera. Luqaas 21:37. Manni Waaqayyoo iddoo foonif dhiigni Gooftaa itti nuuf kennamu iddoo ulfinni Waaqayyoo itti dubbatamu, mana kana keessattis qulqulloonni isaa akka yaadatamuu qaban Waaqayyoon akkana jedheet ajaja, “warra seera koo eegan waadaa koo warra qabatan mana koo fi mooraa koo keessatti maqaa yaadannoo nan kennaaf, maqaa hin badne kan bara baraan jiraatu nan kennaaf” Isaayyaas 56:4. Waadan kun kan kenname namoota filatamaniifi, mootummaa waaqayyoof jecha dabarsanii warra of kennaniifi Maat 19:10. Kanaaf manni kiristaanaa keenyas ajaja waaqa ishee kana fudhachuun qulqulloota qabsuura isaanii xummuranii boqatan maqaa isaanin ni moggaasti. Kun haa ta’uyyuu malee Foonif dhiigni achi keessatti kennamu, qiddasen raawwatamu kabajniif ulfinni jalqabaaf kennamu Waaqayyoo dhafi.
2 Maqaa isaanin Tsabala, Tsillaatii fi Wantoota biroo moggaasuu
Kitaaba qulqulluu keessatti akkuma barannu Gooftan keenya karaa adda addaan raajii namootaf hojjeteera. Isaan tokko dubbachuu qofaan fayyiseera, isaan biroo harka isaan tuqee fayyiseera, isaan biro immoo gara tsabalaa “refer” erguun isaan fayyiseera. Kanaaf Waaqayyo karaa hunda ni fayyisa. Jecha isaan fayyise jechuun tsaballi hin barbaachisu jechuu miti. Tsabalaan fayyise jechuun harka isaan hin fayyisne jechuu miti, akka fedha isaatti raajii raawwata. Nama jaamaa sana Yoh 9:1.. akkasumatti jecha qofaan fayyisuu danda’a ture, tsaballis akka fayyadu nutti himuuf deemi bishaan salihoomitti dhiqadhu jedheen innis deemee ijji isaa fayyee deebi’e. salphaatti hin ilaalinaa kan ajajaa jiru Gooftaa hunda danda’u uumaa samiif lafaa, Waaqa bishaanota uume ofiif dadhabee miti daandii fayyina foonii keenyaa ittiin nuuf baay’isuuf malee. Tsaballi kan argamu qe’ee mana Waaqayyootti, akkuma duratti dubbate qulqulloota isaaf mooraa isaa keessatti maqaa hin banne kan bara baraan jiraatu kenneefira, ququllootarra bulee kan fayyisu, aangoo ittiin fayyisanis kan kenneef Waaqayyoodha. “kanin ani hojjedhuu oliyyuu ni hojjettuu jedhee humna kan kenneef isa. Tsaballi maqaa isaanin moggafamus maddi humna isaa Gooftaa keenya. Tsillaatinis kanuma maqaa qulqullootan yoo moggafameyyuu foonif dhiigni irratti kennamu, galatni irratti dhiyaatu, kan Waaqayyooti. Tsillaatin yommuu qophaa’uyyuu, gubbaatti fakkii Sillaasee, itti aanee Haadha keenya Maariyamii ilma ishee waliin dhumarratti kan qulqulluu sanaa bocameet hangafoota phaaphaasotaan eebbifameet gala. Kunis maqaa yaadannoo qulqullota isaaf kenne fudhannee waaqayyo galateeffachaa qabsuura fi jabina amantii isaanirraa eebba argachuufi. Malee kabajni qulqullootaa kan waaqayyo maddiitti hanga copha imimmaanii galaanatti buutuyyuu hin ta’u, maqaa isaanii waamnee akka isa kadhannuuf Waaqayyoon seenaa qulqulloota baay’ee keessatti nutti agarsiisera. Toloota isaa yaadannoo fi iddoo moggasnee yommuu kabajnu Waaqni keenyas nutti gammada. Akkuma abbaan kabajamuu ijoollee isaatti gammadu. ulfinni Waaqayyoo kan biraa kan dorgomaa hin qabne, ulfinni qulqullootaa kan biraati kan isarraa argatani.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u, kabajniif ulfinni qulqulloota isaaf haa ta’u
Dn Bezabih Debele
2024/06/02 03:28:53
Back to Top
HTML Embed Code: