Barattoonni qorumsa biyyoolessaa fudhatan dirqamaan waraqaa Dijitaalaa akka qabaatan taasifame.
Dhugaa: (Caamsaa 24,2025) Waraqaa Dijitaalaa Faayidaa jedhamu bara kana mootummaan Itoophiyaa hojiitti hiikuun lammiileen akka fudhatan taasifameera. Waraqaan kun barattoonni kutaa 12ffaa qormaataaf qophaa'a jiran hundi akka fudhatan taasifamuu himame.
Barattoonni eebbaaf qophaa'an hundiis akka fudhatan jedhameera. Kun kolleejjii dhuunfaaf mootummaa dabalatee jechuudha akka himametti
Odeeffannoo saffisaan argachuuf
Miidiyaa walabaa Dhugaa Miidiyaa #Follow, #Like #Share taasisaa.
Youtube keenya: https://youtube.com/@dhugaa123?si=cCILushQM3sOhiz3 subscribe taasisaa
Telegram: https://www.tg-me.com/qalboo

YouTube
Dhugaa Miidiyaa DM
Ya'aa yaadaa! Qophii hawwatoo!
Oduu, Xalayoota, Asoosama
Oduu, Xalayoota, Asoosama
Shawaa Lixaa aanaa Ambootti hattuun yeroo tokkichatti Loon 16 hate to'annaa jala oole.
Dhugaa: (Caamsa 24,2025) Waan ajaa'ibaa fi kofalchiisaa dhaga'uun itti fufe. Har'a ammoo gabaasa bahaa jiruun Hattuun tokko takkaatti Loon 16 hatee qabamuu himame.
Akka jedhametti taateen kun godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Birbisaaf Qullittii kessaatti yoo ta'u; Hattuun Loon kudhaa jaha(16) yaaftee isaan keessaa Loon Lama harkaa badee gara manaatti deebi'ee. loon kudha Afur (14) harkaaf harkatti haala kanan qabaamuu himame.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa takkaatti sooromuu karoorse jechuun itti qoosan. Taatee kanas ajaa'ibsiifatan.
Odeeffannoo saffisaan argachuuf
Miidiyaa walabaa Dhugaa Miidiyaa Follow, Like taasisaa.

Eertiraan hundeeffama ishee kaleessa wayiita kabajjutti haasaan Isaayyaas taasise jibba Oromoof Oromummaa irratti akka fuulleffatuuf dogoggora qabaachuu isaatu himame.
Dhugaa: (Caamsaa 25,2025)
Eertiraan walabummaa ishee waggaa 34 ffaa kaleessa kabajaa oolteetti. Sirna kabajaa kanarratti haasaan abbaa irree Isaayyaas Afawarkiin taasifame dogoggora qabaachuu isaa qondaalli ABO Lammii Beenyaa fuula miidiyaa isaan ibse.
Kanas "Dubbii Isaayyaas: Dogoggora Lama" jechuun kaahe. "Guyyaa Bilisummaa Ertiraa waggaa 34ffaa ilaalchisee Isaayyaas haasaa baay'ee dheeraa taasisee ture. Haasaan isaa irra guddaa warra Lixaa hadheeffachuurratti kan fuuleffate ta'us atakaaroo amma PP waliin seene irraa ka'uun himata (narrations) inni uumuu barbaade dogoggora lama of keessaa qaba." Jedha Lammiin.
Dogoggora jalqabaa mootummaa ammaa kan Oromoo fakkeessuu isaa akka ta'e ibse. Kanas "Mootummaa ammaa kanaan mootummaa Oromummaa jedhe. Rimsamni mootummaa Oromummaa jedhu jalqaba warra Amaaraan booda ammoo humnoota habashaa sirnichatti qabsaa'an hundaan dhaadhessamaa jira." Jedha
Itti fufees "Ammatti mootummaa Oromummaa waan jedhamu hin jiru. Kan jiru mootummaa Biltsiginnaati. Mootummaan kun ammoo saba hundarraa ijaaramuu, saba tokko addatti kan bakka hin buune ta'uu, inumaa siyaasa sabummaa kan hadheeffatu ta'uu, innis kan himate mootummaa Itoophiyaa ta'uu beekna. Dhugaan jirus kanuma. Oromummaan ilaalcha. Hundeen isaas aadaa, seenaa, duudhaa, siyaasa, eenyummaa Oromoorratti hirkachuun bilisummaa Oromoo argamsiisuudha." Jedha barruun Lammii
"Dhaabni Biltsiginnaa jedhamu ilaalcha kana hin tarkaanfachiisu. Kanaaf mootummaa ammaa kanaan mootummaa Oromummaa jedhanii ifatti waamuun dhugaa dabsa, seenaa jallisa, burjaajjii hin malle uumee Oromoo diinomsa." Jechuun balaa inni hordofsiisu akeeke.
Dogoggora lammaffaa inni qabu weerara Kuush jechuun dubbii inni kaase caqase. Dubbiin isaa kun garuu Kushoota Eertiraa keessa jiran dammaksuuyyuu akka danda'utti caqase.
"Haala amma gaanfa Afriikaa keessatti mul'tu ammoo weerara "Kuushonni Seemotarratti" labsan jedhee ibse. Egaan Kuush yeroo jedhu saboota bicuu waamuu osoo hin taane Oromoo Kuushota keessaa lakkoofsaan guddaa ta'e hadheessuu barbaade natti fakkaata. Kunsi dogoggora guddaa qaba. Yoo waa'ee Kuushotaa kaasne Ertiraa keessas saboonni hidda Kuush ta'an afurtu jira. Saahoo, Affaar, Bileen fi Been Amiir Kuushota. Weerarri Kuushotaa eegalameera taanaan saboonni Ertiraa kunneen qooda keessaa fudhataniiru jechuudha." Jedha Lammii Beenyaa
"Kanaaf dibbeen "Weerara Kuushotaa", "Mootummaa Oromummaa" jettu kun hammeenya gudddaa saba Oromootti harkisti. Lola Isaayyaas Biltsiginnaa waliin qabu Oromoo hin ilaallatu. Nutti harkisuurra achumatti fixachuu isaaniif wayya." Jechuun ergaa isaa goolabe

WBO Sanyii Nagaasaa fudhatee gale jalaa qarshiin deebisanii of dhaabuuf laatame Baankii Siinqeetti duraa ugguramuu saaxilame.
Dhugaa: (Caamsa 25,2025) Miseensonni WBO giddu galaa Oromiyaa kanneen Sanyii Nagaasaan hogganaman bara kana mootummaatti galuun isaanii nii yaadatama. Kanneen qabsoo gananii galan kanaaf maallaqni laatamee, kaaniif ammoo hanga Baajaajiin bitamuufitti akka gahe himamaa ture.
Isaan hogganumarraa turaniif ammoo aangoo olaanaan laatamuufii gabaafamaa ture. Kun ta'ee caasaan yeroo sana galan maallaqa akka ittin gadi of dhaabaniif laatameef Baankiin Siinqee jalaa ugguruu saaxilame.
Jaawar Mohaammad ergaa keessaan ergameef akka maxxansetti taateen kun mootummaan akka ta'e ibseera. "Dhimma Siinqee Bank yeennaa as deebinu joolluma dhiheenya bosonaa galtes maallaqa komishiniin deebisanii dhaabuu gara baankii dandalaan galcheef gara Siinqaa dabarsanii baasuu dhoorgatan. Joollee kanaan bosonatti deebi'aa jechuudha moo jarana?" Jechuun gaafata.
Miseensonni WBO duraanii gananii galan kunneen ergaa Jaawariif barreessaniin akkas jedhan "ani wbo jaal sanyii nagaasaafa wajjinin gale, yeroo Awaash bishoollaatti haaromsa fudhanne komishiniin deebisanii dhaabuu federaalaa qarshii wa'ii nu kennee ture"
"Osoo achii hin ba'in qarshii kana baankii siinqeetti dabarfachuu qabdu nuun jedhanii, warri kaan ni dabarse warri kaan ni dide. Yeroo muraasaa booda baankii siinqee nurratti hidhani. Garuu warri baankii daldaala Itoophiyaarratti didee hambifate fayyadamaa jira."
Kanneen Baankii Siinqeetti dabarsan fayyadamaa akka hin jirreef qarshii kana abbaan uggures wal walitti qabataa akka jirutti barreessaniif. Kanas "yoo deemnee baankii gaafannu baankii nuti hin beeknuu jedhu, hoggantoota keenya yoo gaafanne mootummaatu hidhe jedhu, qaama mootummaan yoo gaafanne, hoggantoota keessantu hidhe jedhu, mootummaan ta'ee hoggantootni keenya kan baankii siinqee qofa akkamitti hidhuu? Baankii seera qaba akkamitti caasaa mootummaas, hoggantootni keenya baankii kana hiisisuu danda'u? Dhuguma baankiin Kun karaa ittiin kaabinootni ittiin qindaa'anii nama saaman fakkaata!! Adaraa qilleensarra naaf oolchi, maqaa koommoo hin himin" jedhaniiru.

WBO'n marii nagaa Ameerikaan gaafatte simatee fudhate! Ammoo mootummaan Itoophiyaa siyaasaaf oolfata jechuun yaaddoo qabu ibsate
WBO'n waamicha Ameerikaan nagaaf taasifte simatee fudhate.
Waraanni Bilisummaa Oromoo waamicha Ameerikaa fudhachuu ibseera. ABO-WBO'n waamicha nageenyaa Imbaasii Ameerikaa Finfinnee jiruu akka fudhatu kaleessa beeksise.
ABO-WBO'n ibsa baaseen yeroo kamiyyuu marii nageenyaaf kutannoo qabaachuu hime.
Mootummaan marii nageenyaa haqa qabeessaaf kutannoo akka hin qabne kan himu ABO-WBO'n, mootummaan afaaniin nagaa jechaa gochaan garuu sanaan faallaa karaa waraanaa qabatee deemaa akka jiru ibse.
Mootummaan Ameerikaa bulchiinsa Abiy Ahimad gara marii nageenyaa haqa qabeessaatti fiduuf dhiibbaa jabaa taasisuu akka qabu ABO-WBO'n yaamicha dhiheesse.
Ibsa Ameerikaa kana ilaalchisuun gama mootummaan yaadni laatame hin jiru. Uummatni garuu ammallee fedhii nagaa qabaachuu karaa garaa garaa ibsataa jira.
Inumaa wayiita qaala'iinsi jireenyaa akka malee hammaatee jiru kanatti hawwaasni hojiitti deebi'ee nyaata of danda'uuf hojjechuu yoo dadhabe rakkoon itti aanee dhufu kan har'aa irra caaluu waan maluuf yaadda'meera.

"Haasaan Isaayyaas Afawarq faallaa dhugaa fi Loojikii jal'aadha" jechuun Tsadalee Lammaa ibsite.
Dhugaa: (Caamsaa 26,2025) Tibbana haasaan Isaayyaasa dhimma Oromummaa ilaalchisuun kenne namoota danuu dheekkamsiisuu itti fufeera. Abbummaan Gaazexaa Addis Standard kan qabduu fi hoji gaggeessituun miidiyaa kanaa Tsadalee Lammaa haasaa peresedaanti Eertiraa Sanbata darbe isataadiyeemii Asmaraatti taasise kijibaa fi loojikii jal'aa jechuun ibsite.
"Namni haasaa guyyaa walabummaa Pirezidaantii Isaayyaas Afwerkii Dilbata darbe taasisan of eeggannoodhaan dhaggeeffate, qorannoo haalaa kan faallaa dhugaa, fooyya’iinsaafi loojikii qaxxaamuraa keessa jiraachuu hubata" jetti Tsadaleen.
Barreeffama Afaan Ingiliffaatiin katabde kanaan; "Himannaan inni biyya alaa gaanfa Afrikaa keessa seene jedhu seenaa siyaasaa waggoota 34 darban keessa biyyoota gaanfa Afrikaa keessa jiran hunda keessatti gidduu seentummaa jeequmsaatiin bocuuf gargaare irra deebi’ee barreessuudhaaf yaalii taasifamudha" jetti
Keessattuu waraanaa Kaaba Itoophiyaa yeroo darbeen wal qabatee yaada inni dhiyeesse faallaa dhugaa ta'uu ibsite.
Waraana "Waraana mataa isaati gara Itoophiyaatti qaxxaamuree humna isaa waliin ta’uun duula duguuggaa sanyii ummata Tigraay irratti raawwate, duula kanas dhaabbilee mirga namoomaa idil-addunyaa hundaan, ogeeyyiin UN, fi miidiyaaleen, hedduun galmaa'uu isaaf balaaleffatamuu caqaste.
Ummata Itoophiyaa irratti lola gaggeessuu keessatti “bakka bu’aan” hirmaate yoo jiraate, humnoonni Eertiraa hiriirsuun namni jalqabaa Isaayyaasi jetteetti.
“Gammachuu fi abdiin” jijjiirama siyaasaa Itoophiyaan waggoota torba dura maddisiise “yaadannoo keenya keessatti haaraa” ta’ee hafa jechuun isaa, jalqabarraa kaasee, “haaromsi” jedhamu sun kan isa hin gammachiifne ta'uu nama hubachiisa jedha barreeffamni Tsadalee Lammaa. Haaromsa kana diiguufis sagantaa akka qabu nama hubachiisa jetti.
"Federaalizimii sab-daneessaa”, akkuma itti tuffatuu fi osoo addaan hin kutin itti duulu, madda tasgabbii dhabuu Itiyoophiyaa ammaas ta’e kan darbeeti" jechuun bulchiinsicha qeeqxe.
Loojikii qaxxaamuraa jettee kan ibsiteen ammoo: "wanti baay’ee na mufachiise, akka Pirezidaantii tokkootti, Isaayyaas jecha “ideology of Oromummaa” jedhu akkamitti akka ibse, himannaa duubatti hafaa Itoophiyaan eenyummaa Oromoo akka ilaalcha siyaasaa jeequmsa qabuutti ibsitu san fudhatee yaada sana cimsuuf itti fayyadame jetteetti.
Oromummaan ilaalcha siyaasaa akka hin taanee fi dubbii kana Loojikii jal'inaaf itti gargaaramaa akka turetti ibsiteetti.
Odeeffannoo saffisaan argachuuf
Miidiyaa walabaa Dhugaa Miidiyaa #follower , #Like #share taasisaa.

Sa'ud Arabiyaatti lammiilee Itoophiyaa 47 duuti itti murtaa'e lama lamaan baafamanii ajjeefamaa jiraachuu himame.
Sa'ud Arabiyaatti Ambaassaddarri Itoophiyaa Muktaar Kadir dhimma lammiilee Itoophiyaa 47 duuti Sa'ud Arabiyaa Godina Naajiraan keessatti itti murtaa'ee hordofaa jiraachuu himuu isaanii gabaafame.
Murteen du'aa lammiilee kana irratti darbe akka jijjiiramuuf Pirizidaantiin Itoophiyaa Mootii Sa'uudiitiif xalayaa barreessuu kan ibsan Ambaassaddar Muktaar Kadiir, isaanis xalayaa barreessuun kallatti mooticha dhaqqabsiisuu himan.
Murtee kana jijjiiruu kan danda'uu Mootii Sa'ud Arabiyaa qofa ta’uu ibsuun, mootummaan Itoophiyaa lammiilee kana rakkoo kana keessaa baasuuf hojjataa jiraachuu ibsan.
Haa ta'u malee lammiileen duutii itti murtaa'e nama lama lamaan baafamani ajjeefamaa jiraachuu maddi oduu kanaa OMN gabaaseera.
Lammiileen Itoophiyaa 47 Sa'ud Arabiyaa magaalaa Naajiraan mana hidhaa Sijinal Ammi jedhamu keessatti hidhamani duuti itti murtaa'e.
Caamsaa 20 bara 2025 namoonni lama kan maqaan isaanii Abdulsalaam Jamaal Mohaammad fi Abdulsamad Naggii Mohaammad jedhaman baafamanii murteen du'aa irratti raawwatamuu ibsame.
Caamsaa 21, 2025 waaree booda namoota lama kan maqaan isaanii Badhaasoo Mohaammad Jundii dhalataa Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu Magaalaa Milqaaye ta'ee fi Abdulqaadir Mohaammad Siraj dhalataa Harargee bahaa Aanaa Malkaa Bal'oo ta'e irratti murteen du'aa itti murtaa'e ajjeefaman jedhame.
Bay’inni hidhamtoota kanaa 47 yoo ta'u, isaan keessaa namoonni 6 godina Jimma, 9 godina Harargee Bahaa, 7 godina Harargee Lixaa, 7 godina Arsii Lixaa, 6 godina Arsii, 5 godina Baalee akka ta'an caqafame.
Hidhamtoota kana dallaalonni baala sammuu namaa hadoochu dhoksaa fi dirqamaan yeroo taaribaan gara Sa'udi Arabiyaa imalan itti fe'uun ergaa turan jedhame.
Yeroo isaan daangaa irra gahan humnoonni nageenyaa mootummaa Sa'ud Arabiyaa sakatta'iinsa taasisaniin baqattoota kana yeroo garaagaraatti baala sammuu namaa hadochuu waliin qabuu ibsame.
Baqattoonni kunniin baala sammuu namaa hadoochu baachuu isaanituu hin beekani, yoo beekanis dirqamaan itti fe'ani deemsisaniin jedhan
Sababa kanaan mootummaan Sa'udii lammilee Itoophiyaa yeroo garaagaraa baala sammuu namaa hadoochu waliin daangaa biyyattii irratti qabe Magaalaa Naajiraan keessatti hidhuun murtee du'aa itti murteessuu ibsame
Hidhamtoonni kun mootummaan Itoophiyaa gidduu seenuun lubbuu keenya nu haa oolchu jechuun iyyataa jiru.