Telegram Web Link
.
👉Kan akka fardaa nyaatu gaafa akka namaatti nyaate du'a.
👉Garaacha dheedhii, garaatti beeki.
👉Midhaan warra raatuu, bona bona nyaatu.
👉Bayxu bayxi malee saree ija hin kuulan.
👉Jaamtu jaamti malee, saree ija hin dhiqan
👉Haadha hinqabdu hakkoof boossi.
👉Keessumaa qamalee raafuu keessati argu.
👉Hiyyeessa boo'icha hingorsani innuu jalleesee naqa.
👉Sareen sarbaa hinqabdu mukarbaa hinyaabbattu.
👉Gadheen qalbii hinqabdu kan darbe hinyaadatu.
👉Kan lafatti wal hintaane muka wajjiin hinkoru.
👉Fincaan lukkuu kan arge haa himuu.
👉Durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe.
👉Arruma salaattee arruma maraatte.
👉Yaanni karaa hin dhaleessu.
👉Qilleensarratti mana hin ijaaran.
👉Dhugaan niqallatti malee hincittu.
👉Osoo gubadhuun kolfa jette akaayiin.
👉Eboo darbatanii jinfuu hinqabatan.
👉Akka cabanitti hokkolan.
👉Ni turra malee ni urra jette boonbiin.
👉Alaa manatti galan.
👉Kokkolfaa nama nyaatti gonfaan.
👉Ka tuffatantu ardaa dhaala.
👉Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa.
👉Harreen fe'aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti.
👉Yaa soogidda ofii jettu mi'aayi ta'uu baannaan dhagaadha jadhanii si darbu.
Dr. Alamuu Hayiluu Dhimma Sirna Barnoota Gadaa Qophaa'aa jirurratti maal jedhu?

Utuu hinargin hinmorminaa kanan jedhe kanumaafiim! Dubbisaa!👇👇👇👇

Oromoo Waa’ee Barnoota Sirna Gadaa Qopha’aa Jiruu Dhugaa Waliin Haadubbanuu!

Waan hedduu naagaluu dideefi naagaluu hindandeenye, Oromoon baraneerra (beekoodha) ofiin jedhan maaliif osoo waan hojjetamee tokkoo ijaan hinargiin ykn hinhubatiin miidiyaa yaabbatanii akka qeeqaniidha? Waggaa 30 darban keessatti, mee waan naquunnamee isiniif ibsuun yaala.

1. Bara 1983/91 yammuu mootuummaan Dargii kufee, mootuummaan ce’uumsa dhabbatee Afaan Oromoo Qubee mataa isaa murteeffatee hojiitti galuu, kan diina waliin ta’uun mormaa turan Oromoota ‘baranneerra/beektoota ofiin jettan turtan (wal-beenna; hedduun lubbuun nijirtuu).

2. Bara 1987/1995 imaammatni barnootaa ba’ee sirni barnootaa haaraa Oromiyaan haa qopheeffatuu jedhamee, gosii barnootaa Kutaa 1-8 Afaan Oromoo akka qopha’uu jennee falminee yammuu murta’uu, kan diina waliin ta’uun mormaa turan Oromoota ‘baranneerra/beektoota ofiin jettan turtan (wal-beenna; hedduun lubbuun jirtuu).

3. Bara 1987/1995 yammuu qorannaa geggeessuun Afaan Amaaraa Oromiyaa keessatti Kutaa 5 eegalee akka baratamuu yaada dhiyeessinee, Caffee Oromiyaa amansiisnee akka murta’uu yammuu goonuu kan diina waliin ta’uun mormaa turan Oromoota ‘baraneera/beektoota ofiin jettan turtan (wal-beenna; hedduun lubbuun jirtuu).

4. Bara 2009/2011 yammuu ilmaan nafxanyaa Afaan Oromoo ajjeesuuf jettee kitaabilee LAGIM qopheessitee nutii immoo waan-qindeessinee Mootuummaa Oromiyaa bira deemnee akka kufuu goonuu, kan diina waliin ta’uun mormaa turan Oromoota ‘baranneerra/beektoota ofiin jettan turtan (wal-beenna; hedduun lubbuun jirtuu).

5. Kitaabilee LAGIM kufee, sirni barnoota Afaan Oromoo haaran akka murta’uu ta’uu ta’ee; waggaa lamaan harraa sirna barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 1-4 yammuu qopheessinuu kan diina waliin ta’uun mormaa turan Oromoota ‘baranneerra/beektoota ofiin jettan turtan (wal-beenna; hedduun lubbuun jirtuu). Edda kitaabnii Afaan Oromoo kun maxxaffamanii manneen barootaati raabsamanii garuu, yoo yaada qabdan jennee gaaffannuus, namn yaa kanaa nuun jedhee tokko amma yoonaati hinjiru. Gama keenyan garuu seenaa afaan barsiisuu biyya kanaa keessatti waan haara akka qopheessine, shakkii tokko hinqabu.

6. Sirna barnootaa Afaan Oromoo sadarkaa BA, MAfi PhDti yammuu qopheessinuu, kan diina waliin ta’uun mormaa turan Oromoota ‘baranneerra/beektoota” ofiin jettan turtan (wal-beenna; hedduun lubbuun jirtuu). Torban kana yammuu yeroo jalqabaaf Wallaggaa Yuunivarsiitiin digirii PhDn Afaan Oromoo eebbisiisuu kan dhiichisan garuu jarreen nuun mormaa turaniidha. Eebbifamtoonni kun warra barsiisee ta’uu isaaniif tokko immoo kanaan gorsee hojjechiisee ta’uu kooti hedduun gammada.

7. Barnootni Gadaa akka gosa barnoota tokkootti kennamuu qaba jennee kan yaada dhiyeessine waggaa 20 harraa dura ture. Yaadni keenya garuu fudhatama hinargatin tureera. Ji’a torba dura Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Biiroon Aadaafi Turiiziimii Oromiyaa “Gadaan akka barnoota tokkootti akka qopha’uuf nugargaaruu nidandeessaa jedhanii yammuu nagaafatan” gammadeen fudhe. Hojiin hedduu cimaafi rakkisaa akka ta’ee sirriitan beeka; akka mormiin ka’uus sirriitan beeka ture. Haata’uu malee halkanii guyyaa hojjennee Sirna Barnoota Gadaa Kutaa 1-8 qopheessuun, kaleessaafi harra marii hedduu (validation workshop) geggeessuun ciicata gaarii arganneera. Borii kaafnee Sirna Barnoota Gadaa kana ciicata arganneerrati hunda’uun gara kitaabaalee guutuu qopheessuuti niceena. Ammas ilmaan nafxanyaa waliin ta’uun osoo waan hojjetamaa tureefi hojjetamaa jiruu ijaan hinargiin kan mormaa jirtan Oromoota ‘baranneerra/beektoota ofiin jettaniidha. Kan hedduu nama ajaa’ibuu immoo warra hedduu mormaa jiran jarreen hafeeramanii ilmaan nafxanyaa sodaachuun qoodaa keessatti fudhachuu didan ta’uu isaaniiti. KUN MAALIIF HOJJETAMEEDHA MOO ANI MAALIIF HINHOJJENNEEDHA? KANA MAALTUU SIYAASA GODHE?

8. Waan hundaaf yoo Rabbi jedhee kitaabilee Gadaa 1-8 qopheessinee yammuu fixnuu walitti deebina.

HORAA BULAA; FIRRIS TA’EE DIINNI!
====
====

Fuula fb Dr. Alamu Hailu irraa fudgatame
Oduu Ajaayibaa

Hoolaan kun caalbaasiidhaan doolaara Ameriikaa kuma dhibba afuriifi kuma sagaltamatti gurgurame!

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (AAO)- Hoolaan qaalii addunyaarraa doolaara Ameerikaa kuma 400,900tti gurguramuun himame. Bittaan hoolichaa kan gaggeeffame gurgurtaa biyyooleessa Iskootilaandirraatti falmii dhumaa olaanaa yommuu ta'u,
baniinsi caalbaasicha doolaara Ameerikaa kuma saga,liin eegalame.

Hoolaan Iskootilaandiitti gatii kanaan gurguraame kun bakka Teeksaas jedhame beekamu iddoo gurgurtaa hoolootaatti.

Yeroo amman kana hoolichii addunyaarratti hoolaa gatiin isaa qaalii ta’uu danda’eedha. Daayimandii jedhamee kan waamamu hoolaan kun qonnaan bultoonni sadii sharikuumman horsiisaaf bitachuu kan murteessanidha jedhameeras. Kana duraa bara Faranjoota 2009tti hoolaan doolaraa Ameerikaa kuma dhibba lamaafi kuma soddomii tokkotti gurguraamee ture.

Maddi: FBC
odeeffannoolee ajaayibsiisoofi barsiisoo dabalataan argachuuf:

Fuula feesbuukii Akkaadaamii Afaan Oromoo: https://www.facebook.com/xiyyeeborii
Chaanelii Akkaadaamii Afaan Oromoo: https://www.tg-me.com/qubeenquba
Yuutuubii Akkaadaamii Afaan Oromoo: https://www.youtube.com/channel/UCYnWZj7OqEjt6F4pLL6lpEg
Subscribe godhaa waatu jiraa!

httpsyoutu.bes-R6YlZh9ww
Qabsoo butamte👆👆👆👆
Samuel.pdf
1.3 MB
Odeeffannoolee ajaayibsiisoofi barsiisoo argachuuf ammuma 👉Subsribe, like, follow godhaa!👇👇👇👇👇👇
Fuula feesbuukii Akkaadaamii Afaan Oromoo: https://www.facebook.com/akkaadaamiif
Chaanelii Akkaadaamii Afaan Oromoo: https://www.tg-me.com/qubeenquba
Yuutuubii Akkaadaamii Afaan Oromoo: https://www.youtube.com/channel/UCYnWZj7OqEjt6F4pLL6lpEg in
Yooyyaa!
Asiinis nu mil'adhaa!
2025/07/13 13:23:11
Back to Top
HTML Embed Code: