Anaaf dantaa miti
miidhamni amuruu
tapha arsenaaliiti
kan garaa na muru.
F@@nnoon qe'ee horroo
yoo dhufee hiraarsu
mo'amuu maancheeti
kan gubee na aarsu
Jaardagaan haa taa'u
biddeen gaddaa nyaataa,
akkamittiin messiin
goolii duwwaa saata?
Kiiramuun haa boossu
mar'ummaanshee cabaa,
geeba addunyaa qaataar
eenyut nyaachuu qaba?
Barbadaa'uu jaartee
hin baasu odeessee
suuraan mansuur Jamaal
garaa na bobeesse.
Haa godaanu lammiin
dacheerraa kaafamee
kilaba tokkoofan
beettiingii nyaatame.
Wallaggaaf gadadoo
haa taatu hireeni
yaaddoon kiyya guddaan
raashaafi yukireeni.
Feetu daguugamii
lafakeerraa badi
anaaf dhiphinnikee
tapha kubbaan gadi!
Garuu...
👇
Kan at keessa jirtu
gaafa na qaqqabu
gaafa an xiqqumashii
tuqamuu jalqabu
Mukaaf dhagaa guurii
daandii gubbaa bahi!
lubbuun sin mararin
aarsaayyuu naaf ta'i.
Kana hin gootu taanaan
maqaan sirra tuula.
"nu malee" fi "gandee"
jedheen sitti duula.
Waliif dhukkubsachuun,
Wal baraaruun fafa,
kan nuti tokkoomnu
yoo an miidhame qofa!
Galatoomi AAga Guda NLGAga Guda NL❤️
miidhamni amuruu
tapha arsenaaliiti
kan garaa na muru.
F@@nnoon qe'ee horroo
yoo dhufee hiraarsu
mo'amuu maancheeti
kan gubee na aarsu
Jaardagaan haa taa'u
biddeen gaddaa nyaataa,
akkamittiin messiin
goolii duwwaa saata?
Kiiramuun haa boossu
mar'ummaanshee cabaa,
geeba addunyaa qaataar
eenyut nyaachuu qaba?
Barbadaa'uu jaartee
hin baasu odeessee
suuraan mansuur Jamaal
garaa na bobeesse.
Haa godaanu lammiin
dacheerraa kaafamee
kilaba tokkoofan
beettiingii nyaatame.
Wallaggaaf gadadoo
haa taatu hireeni
yaaddoon kiyya guddaan
raashaafi yukireeni.
Feetu daguugamii
lafakeerraa badi
anaaf dhiphinnikee
tapha kubbaan gadi!
Garuu...
👇
Kan at keessa jirtu
gaafa na qaqqabu
gaafa an xiqqumashii
tuqamuu jalqabu
Mukaaf dhagaa guurii
daandii gubbaa bahi!
lubbuun sin mararin
aarsaayyuu naaf ta'i.
Kana hin gootu taanaan
maqaan sirra tuula.
"nu malee" fi "gandee"
jedheen sitti duula.
Waliif dhukkubsachuun,
Wal baraaruun fafa,
kan nuti tokkoomnu
yoo an miidhame qofa!
Galatoomi AAga Guda NLGAga Guda NL❤️
Dubbiin Ejensii kun qoratamuu qaba!
Dhiyeenya kana komiin ejensiiwwan irratti ka'u danateera. Sababnisaa, namoota dhaabbata mootummaa keessatti qaxaranii miindaa jaraa dhibbantaa 50-60tti irraa fudhataa jiru jedhama. Hojjettoonni sadarkaa gadaanaa rakkoo namni isaaniif hinbeekne kanaan miidhamuu himatu. Fakkeenyaaf, namni miindaansaa 10000 ta'e 4000 (isaa gadis) yeroo argatu akka jiru himatu. Warri ejensii kun miindaa nama 1 irraa qarshii 6000 osoo itti hindadhabin ji'aan argatu. Kun maal jechuudhaa? Namni dafqa nama biraatiin akkamiin sooroma?
Harra hojjetoota buufata xiyyaaraa boolee keessaa namoota muraasa haasofsiisee namoonni gara 15000 ta'an haala kanaan qaxaramanii akka jiraniifi waggaa torbaa oliif guddina homaatuu akka hinarganne dubbatu. Kanneen warra ejensiin miindaasaanii %60 ol irraa kutataa jiruudha. Nama gaddisiisa! Dhimma kana biiroo siivilservaantiin qoratamuu qaba. Mee namoonni dafqi keessan akkasiin nyaatamaa jiru kottaa yaada qabdan kennadhaa!
Fedhasaa Taaddasaa
Fedhasaa Taaddasee

Edaanuu namni hedduun dhiiga iyyeessaan soorome! 🙆
Yaa NUMAANIAA!
"Himumoo Callisu?" Walaloon waggaa 5 fuuldura barreessee, bara 2016 kitaaba NUMAANIYAA jedhu keessatti maxxansee ture dubbistanii? Waan har'a ta'aa jiru kana nuti yeros dubbanne nu dhaga'uu didan malee! Ijaan argine mitiiree har'a? Warri dubbistan baga dubbistan! Yeros NUMAANIYAAN isiniif galuu hindinnee?
===================================
Himumoo callisu?
“Maalifan callisa, himeen dhageessisa;
Calliseen ilaala naan maaltu dhiphisa?
Garuu, addunyaan guutuunoo iyyee dhageessaa!
Nan dubbadha malee, maaliifan callisaa!
Baruma kanatu, callisaaf hintoltu;
Beekaa hinnafeeffattu; wal’aalaa hinbalfitu;
Kanaaf baay’een himuurra, callisuu filatu.
Bara akkasii kanatti, arrabnikoo kuni
maaliiff hindubbatu?
Bara canoon muka dhiiftee, manatti gugattu!
Osoleen holqaa baatee, barcuma yaabbattu!
Weenniin baala balfitee, midhaan namaa soorattu;
Qocaanis leenca dhiittee, aangoof teessoo sooffatttu;
Bineensi bosonaa hundi, taayitaadhaaf wawwaatu;
Beekaan usee callifnaan, kan waa hinbeekne dubbatu;
Jaalalli jibba taanaan, ofittummaan baannatu;
Namni dafinoof eegan, sanbatumaan hanqatu;
Addunyaa kana taate, attamittiin dubbatu?
Anoo ka’een callisa; maaliifan walabbisa!
Dubbachuu dhiisee taa’een, Waaqitti harka bal’isa!
Akkas jedhee miixuukoo, isumatti agarsiisa:
Yaawaaqayyo maal laata, yoo maalgoone nuuf naata?
Nutoo baay’ee rakkannee, ati yoom nuyaadatta!
Kan nuti acuucamnu, amma gaafa yoomiitti?
Eessa dhaqnee boqonna, biyyoo biyya badiitii.
Aadaan keenya balfamee, kan biraan yoo nudhaalu;
Mirgikeenya sarbamee, alagaan yoo nudhaanu;
Albuudi lafa keenyaa, saamamee yommuu dhumu;
Hundeen abboota keenyaa, lafti hormaaf yuu hirmamu;
Kan laanneef rukutamnee, kan dhowwanneef hidhamnu!
Jaallannee ofitti qabnee, booda isumaan garboomnu!
Uu Uu jennee iyyinee, sitti himanna hindhageessuu?
Garaankee nuuf hingadduu, ormi ummuu nujiitessu!
Atillee indhageessaa, tarii numatu bal’eessa;
Yakkaafis nun adabdu, atoo gara bal’eessa!
Maaloo mee dafii kottuu, dhiphuu keessaa nubaasi!
Isa dheebotee jiru taliilakee obaasi!
edheetan sikadhadhaa, ati ijaa nuuf baasi!
Bara dubbataan usnaan, callisaan logollogu;
Hunduu afaan qabannan, mootiin firasaaf loogu;
Firri lagan walqoodnaan, jibbi hudhee bargaagu
Qaroon ijarguu jaamnaan, jaamaan fagootti argartu;
Wallisaaf bakki dhibnaan, boossistuun bakka argattu;
Beekaan gadi ariyamanaan, doofaan bakka qabatu;
Hattuun mana jaarrannaan, garraamiin ala bulu;
Bara namni firasaa, ija dalgaan ilaalu;
Kan dhadhaa waliif dibe, turee laaqee walfaalu;
Kan nyaaraan waliif gale, dhufee harkaan waldhaanu;
Jibbi aangoo qabannaan, jaalalli gadi baqatu;
Bara akkasii kanatti, eenyumee kan dubbatu?
Dubbannaan dubbii ta’aa, dhiifnaanoo kuukkii ta’aa
Axaariiin qayya ulannaan, garaan garraamii ajaa’a;
Abbaan booka unannaan, afaan ilmaa urga’aa
Balleessaa isa tokkootiif, nam-qajeelaan jiita’a.
Kanafaa ilaallaanoo, imimmaan koo lola’aa
Afaan koo yoo callises, garaatu naginta’aa,
Usee dhiisuu hindanda’u, waajedheen gadi taa’a.
Si’i yaanama jal’aa, sittan himaa dhaga’i!
Teessumarraa gadi bu’ii, koomeekee gubbaa taa’i!
Hammeenya garaakeetiif, lammiikee gurguruurraa
Jiraachuun sitti hafee, utuu duutee siif wayya!
Qarshiin fira gurgurtee, cooma murtee gabbatta;
Alagaatti firoomtee, hannaan mana ijaarratta;
Konkolaataa bitattee, ittumaan bashannanta;
Gamoo meeqa ijaartee, kaan kiraayii kennatta;
Dhiigumakee gurgurtee, qabeenya dabalatta.
Singa’uu maal rakkatte; yommuu oliigad kaattu!
Boruu eenyutu nyaataa, qabeenyati tuullattu!
Ijoolleekeef maal keessee, yommuu kana raawwattu!
Gaaftokko konkolaataan, ati qabattee deemtu
Sifudhattee achii gadi, hallayyaa yommuu seentu!
Beenyaa hojiikee har’aa, gaafas kanati argattu.
Gaafatama seenaatiif, deebii laattu qopheessi
Yookaan har’uma dhiisii, lammiikee garaa ciibsi!
Argannaan nyaachuu caalaa, bor maal naan jedhuu bari!

Waan gochaa jirtu, kana irra deebi’ii ilaali!
Yoo ofsirreessuudhaa baatte, baratu sitti dhufa;
Jal’ina gochaa jirtuuf, adabnikee itti fufa.
Mee xiqqoo sitti himuu, gaafas waan ati taatu
Lafeenkee hundi caccabee, jiratti ummuu awwaalamtu
Hormatu keessa boqota, mana ati ijaarrattu;
Sitti hinfakkaatin sichi, waan umurii dheerattu!
Firakee gidduuttillee, awwaalcha hinargattu;
Qabeenya kee hundayyuu, yommuu ormi fudhatu;
Waan nyaatanii bulanuu, ijoolleenkee inkadhatu.
Dhageessaa namanana; bal’eessaa goote kanaaf
bor itti gaafatamta;
Hawaasa yummuu saamtu, namni nanargu seeta;
Seenaan galmeessaa jiraa, egaa isammoo attam goota?
Hojiinkee kuni hunduu, galmee seenaarra jiraa,
Waaqayyos si’argeera, inni iyyeessaa firaa!
Innoo sabasaa hingatuu, uumama harkasaatii
Jallina goote Kanaaf, gatii kaffalta ati…”
=========================================
ልናገር ወይ ልተው?
ልናገር እንጂ ለምን ዝም እላለሁ!
ዝም ብዬ እያየሁ ለምን እጨነቃለሁ?
ግን ዓለም ሁሉ ብጮህ ማን ይሰማዋል?
የሚጮኽ እንጂ ሰሚ ጆሮ ጠፍቷል፡፡
እኔ እናገራለሁ እንጂ ለምን ዝም እላለሁ
ዘመኑ ለዝምታ ባይመችም እኔ እናገራለሁ፡፡
ዘመኑ ከፍተው መሃይም ተከብረው ምሁር ተረገጠ
ለዚህ ነው ሁሉም ሰው ዝምታን የመረጠ
ጨኖ ጫካን ትታ ቤትን የወረረች
ቀበሮም ከጉድጓድ ወጥታ ዙፋን ላይ ተቀመጠች
ጉሬዛም ቅጠላቅጠልን ትታ እህል ተመገበች
ኤሊም አንበሳን ረግጣ ዙፋንን ፈለገች
እንስሳ ሁሉ ለስልጣን ተሯሯጠ
ምሁር ዝም ሲል መሃይም ተመረጠ፡፡
ፍቅር ጥላቻ ሆነ እኔነት ከበረ
ለመጪው የተማመነው ሰው ዛሬም ሳይደርስ ቀረ፡፡
ዓለም አንዲህ ስትሆን ተናግሬ ምን ላመጣ?
እስኪ እኔም ዝም ልበል እንዴ ከማመጣ ጣጣ
እጆቼን ዘርግቼ ፈጣሪን ላናግር
ጥያቄዬንና ምጤን ለሱ ልናገር፡፡
ጌታ ሆይ ምን ብናደርግ ነው የምትራራልን?
ከዚህ ሁሉ ጭንቀት መች ነው የሚታሳርፈን?
እስከ መቸ ነው የሚንጨቆነው?
ሁሉም ችግር ሆነ ማረፊያ ወዴት ነው?
ባሕላችን ተጠልቶ ባደ ከወረሰን
መብታችን ተረግጦ በባዳ ተገረፍን፡፡
ማዕድናችን ተዘርፎ ወደ ሌላ ሲጓዝ፣
ከአባቶች የወረስነው መሬታችን ሲያዝ
ለሰጠነው ተገርፈን ለከለከነው ታሰርን
ወደን ስናቀርበው ለእነርሱ ባሪያ ሆነን
ላንተም ስንጮህ ፈጣሪ ለምን አትሰማንም!
ሌላው ቢጨክንብን እንኳን ለምን አትራራልንም?
አይን ያለው እያቃተው እውር አሻግረው ስመለከት
ዘፋኝ ቦታ አጥተው አስለቃሽ የሚከበርበት፡፡
ምሁር ተባሮ መሃይም ዙፋን ላይ ሲወጣ
ሌባ ቤት ሲሰራ ገር ጎዳና ሲወጣ፡፡
ሰው ዘመዱን በክፉ አይን ማየት ጀመረ
በቅቤ ፈንታ እበት መቃባት ተጀመረ
ጥላቻ ቦታ ሲይዝ ፍቅር ቦታን ለቀቀ
ዲያብሎስ ተከብሮ ቅዱስ ተጸየፈ፡፡
በዚህ ዘመን የሚናገር ማንነው?
ሁሉም የመረጡት ዝም ጭጭን ነው፡፡
ከተናገሩ ነገር ዝም ካሉ በሽታ
መፍትሄ ያመጣ ይሁን በዚህ ዘመን ዝምታ
አባት ምሁር ከሆነ ልጅ አዋቂ አይሆንም
አንዱ ባጠፋው ሌላ ሰውም አይቀጣም
ይህን አይቼ ነው እንባዬን የማፈሰው
አፌ ዝም ቢልም አንጀቴ የሚያረው
ዝም ማለት አልችልም ተናግሬ ልረፍ
እያየሁ ይህን መከራና ግፍ
አንተ ክፉ ሰው አንድ ነገር ልምከርህ
ካለህበት ወርደህ አስብ አሰላስል ከእልህ
ለሆድህ ብለህ ወገንህን ከምትሸጥ
ከመሞት መሰንበት ሞትንም ብትመርጥ
ወገንህን ሽጠህ ጮማ በልተህ ደላህ
ከባዳ ጋር ሆነህ ቤትህንም ሰራህ
መኪናንም ገዝተህ ኖርክ ዘና ብለህ
ብዙ ህንጻ ሰርተህ ሌላን አከራይተህ
ወገንህን ሽጠህ ሀብት ስታካብት፣
አይበቃህም ወይ ክፉ ስትሠራበት
ዛሬ ያካበትከውን ማን እንደሚበላ፣
ፊም እንዳስቀመጥኸው ለልጆችህ ኋላ
የማያልፍ ይመስላል ጊዜ ተመቻችቶ
የሞላ ይመስላል ሁሉንም በእጁ ከትቶ
ለቅንጦት የገዛኼው ሞትን ሲያመጣብህ፣
እውነት ይገለጣል የሥራህን እንዳገኘህ
መመለስ ዛሬ ነው ጊዜ እያለህ፣
ባይሆን ለታሪክ የምትመልሰውን ታዘጋጃለህ፤
ለሆድ ብቻ ሳይሆን ይሻላል ለታሪክ መኖር፣
አስቦ መስራትም ጥሩ ነው ለነጌው መክበር
ትንሽ ላሳስብህ ያኔ የምትሆነውን
አጥንትህ ተሰባብሮ በሕይወት መቀበርህን
ባዳ ይወርስሃል የሠራኸውን ቤት
አይምሰልህ ዛሬ ጊዜ የረዘመበት
በዘመዶችህ መኻል መቃብር ስታጣ
ልመና ሲሆንባቸው የልጆችህ ዕጣ
ይመስልህ ነበር ሕዝቡን ስትዘርፍ
ፈጣሪ ያይሃል ሆኖ ልበሰፊ
ፈጣሪ አይቶሃል የድሆቹ ወዳጅ
በደጅህ ቆሞኣል ልመልስልህ በጅ
ካላስተካከልከው ዘመን ይመጣብሃል
ለሰራኸው ግፍም ቅጣት ይጠብቅሃል …

Inat bank bakka hojii duwwaa baaseeraa warri isin ilaallatu dorgomaa!
https://dailyjobsethiopia.com/job/enat-bank-s-c-new-vacacy-morethan-100-position/

#BeeksisaHojii
Waajjirri PSMQN magaalaa Shaggar sekteroota magaalichaaf gitoota hojii duwwaa fi baajataa qabu irraatti beeksiisa baasse wal dorgomsiisee fudhaate hojjeechisuu waan barbaaduuf namoni isiin ilaalatuu dorgomuu dandeessu.
#Share gochuun hiriyoota keessaan biraan gaha.
Namoota hojii barbaadaniif akka qaqqabuuf page maqaa asii gadii Cuqaasuun Maatii Keenyas ta'aa

Filannoo Hindogoggorin!😍
Yeroo tokko ganda baadiyaa tokko keessatti akkana ta'e. Dubartiin tokko manashee goodaatti jaarsolii sadii yeroo dheeraaf callisanii taa'an argite. Dubartiin kunis gadi itti baatee, "Ani isin hinbeeku, ta'us yeroo dheeraaf bakka kana taa'aa turtaniittu waan ta'eef beeloftanii jirtu. Adaraa olgalaatii, waa nyaadhaa!" jetteen.
Jaarsolii sana keessaa tokko "Abbaan warraa mana jiraa?" jedhee gaafate.
Isheenis, 'lakki' jettee deebisteef.
Jaarsoliin sunis "Dhufuu hindandeenyu!" jedhanii deebisaniif.
Dubartittiinis gara manaatti deebitee galgala gaafa abbaan warraashee galu, waa'ee namoota bakkee jiranii kana waan ta'e hundaa itti himte.
Innis akka isheen dhaqxee namoota sana olseenanii akka waa nyaatan gaafattu erge. Isheenis dhaqxee, "Abbaan warraakoo mana jira. Adaraa olseenaatii nuwaliin irbaata nyaadhaa!" jetteen.
Isaanis deebisanii, "Nuti waliiwajjin gara manaa seenuu hindandeenyu!" jedhan. Yeroo isheen maaliif akka waliin hinseenne gaafattu, jara keessaa tokko hiriyaasaatti quba qabee, "Inni qabeenya! Inni yoo siduukaa dhufe mannikee qabeenyaan guutuu ta'a!" jedhe.
Gara jaarsa kaaniittis quba qabee, "Innimmoo Milkaa'ina jedhama. Yoo inni siduukaa galemmoo karaa hundaanuu milkaa'ina gonfatta!" erga jedhee booda, ofiisaa Jaalala akka ta'e ibseefii, "Yoon siduukaa galemmoo mannikee yeroo hundaa jaalalaan guutuu ta'a!" jedheen.
Isheenis galtee abbaa warraa ishee waliin mariyattee, eenyu gara manasaanii akka deemuu qabu murteessitee akka dhuftu gorsee geggeesse.
Yeroo isheen galtee itti himtu, abbaan warraashee gammachuun guutamee, "Qabeenya sana afeerra. Inni dhufee mana keenya qabeenyaan haaguutu!" jedhe. Haati warraa garuu yaadasaa mormitee, "Maaliif Milkaa'ina hinafeerru?" jetteen.
Mucaayyoon durbaa isaan guddisan immoo teessee dhaggeeffataa turte. Isheenis garasaanii dhuftee, "Osoo Jaalala gara mana keenyaatti afeerree caalaatti hinwayyuu? Silaa manni keenya barbaraan jaalalaan guutuu ta'a!" jetteen. Abbaan warraafi Haati warraas yaadasheetti waliigalanii, Jaalala gara manasaaniitti afeeruu murteessan.
Dubartittiinis dhaqxee jaraan, "Isin keessaa eenyu Jaalalli? Inni olseenee keessummaa keenya haata'u!" jette.
Jaalallis kahee gara manasheetti deemuu jalqabe. Jarri hafan lammanis ka'anii isa hordofuu eegalan.
Dubartottiinis, "Hundi keessan walfaana seenuu akka hindandeenye natti himtan! Anis jaalala qofaa fudhee galuufan afeere! Hundi keessan maaliif dhufaa jirturee?" jettee gaafatte.
Jaarsoliin sunis deebisanii, osoo Qabeenya ykn Milkaa'ina afeerte ta'ee warri hafan lamaan ol hingalan; aluma turu. Garuu, Jaalalli afeeramnaan lafa inni dhaqe hundaayyuu wajjuma dhaqna!" jedhan.
Bakka jaalalli jiru, Qabeenyis Milkaa'innis hordofanii deemu!❤
(Wherever there is Love, Wealth and Success will follow." ❤️)
Maddi: Richard Mhango
Afaan Oromootti kan hiike Fedhasaa Taaddasaa,