Telegram Web Link
Dhaadannoo!
✍️Qubeen keenya quba keenya! Numatu kan cabsuuf itti gamu dura dursee dhaabbata!
Irra deebii maxxanfame!

Barruu kana ji'oota duran maxxanse! Firiisaa argaa jirra! Qubee cabsuuf Tarsiimoo addaddaa baasaa turan; itti jirus!
👉Falli Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuudha!
----+----++-+++++👇

Afaan Oromoo olguddisuuf maaltu danqaa ta'ee?
Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuun dhimma murtii siyaasaati. Afaan Oromoo sanaaf ga'umsa qabaachuu irratti garuu shakkiin hinjiru. Afaan kun afaan daangaa irratti waliin daldalan 'linguafranca' ta'ee tajaajilaa jiraachuusaaf, Sudaan, Keeniyaa, Sumaaleen ragaadha! Afaan kun hanga yoonaa Afaan hojii federaalaa hinta'in turuusaafuu laafinni gama siyaasaatiin jira. Dhimmi kun koree siyaasaa geggeessuu yoo ta'een alatti kora hayyootaa hinbarbaachisu!
Dubbiin ijookoo sana miti! Afaan Oromoof amma hirphatu barbaachisa! Acuuccaa bardhibbaaf kaasaan kaffalamuufii qaba. Karuma salphaa Akkaadaamii Afaan Oromoo Funfinneetti hundeessuun baajata ramaduufiidha. Kun durumaa ka'ee gaafatama! Ammas gaafataa jirra. MNO dhimma kana yoo nu dhaggeeffate gaariidha! Hubadhaa! Akkaadaamiin Afaan Oromoo yoo dhaabbate:
1. Afaan kun giddugaleessa tokkorraa hogganama; sunimmoo qorannoon dhimma afaanichaarratti hojjetamu gara faayidaatti akka hiikamu taasisa.
2. Afaan Oromoo saffisaan gama teeknolojiitiin akka deggaramu taasisa; fakkeenyaaf, moosaajiin akka hojjetamu....
3. Dubbii qorannoo da'oo godhatee Afaan Oromootti gamu kana maksa! Har'allee qubeen afaanichaa akka haqamuuf ormi 'giizii dagaagsuu' jechuun qorannaarra jira. Yeroo akkasiitti nuti daandii sana cufuuf Afaan Oromootti abbaa gochuutu nurra jira.
Maaf namoonni baayyeen Afaan Oromoon dogoggora qubeessuu?

Waggaa sadii dura, Daani'el Lammeessaa waliin qorannoo tokko hojjennee turre. Qorannoon sun "Xiinxala Xalayaalee Afaan Oromoon Qubeeffamanii: Waajjira Mootummaa Magaalaa Naqamtee Xiyyeeffachuun..." jedha. Askeessatti xalayaaleen sadarkaa addaddaatti barreeffaman dogoggora qubeessuun guutamanii jiraachuu argine. Sana kaasuuf miti. Garuu, qorannoo sanaan madda dogoggora qubeessuu soqnee turre. Isan asitti isiniif maxxansa!👇

Akka qorannoo sanaan mirkaneessinetti maddi dogoggora qubeessuu waan baayyeedha. Sana keessaa muraasni:
1. Namoonni Afaan Oromoo osoo hinbaratin barreessuu.

Kun tarii qubee Ingiliffaan waan walfakkaatuuf sanaan qabanii barreessuuf yaaluurraa madda. Akkuma sanattis seera Afaan Oromoo keessa hinjirreen katabu. Dheeraa gabaabsanii, jabaa laaffisanii...qubee walbira tarreessanii barreessu. Akka waan beekanii yoo dogoggora ta'uu itti himamellee namatti falmu...

2. Namoonni Afaan Oromoo baratanis akka salphaati waan ilaalaniif seerota qubeessuu osoo hinhubatin darbu. Kun tarii barnoota sadarkaa gadaanuu kaasee uumamuu mala. Kanaaf yeroo sadarkaa ta'etti Afaan Oromoon barreessuuf dirqaman lafa itti qaban wallaalu. Waan barreessaniin ofis ta'e nama arrabsaa oolu.
Fkn. Namni rakkoo akkasii qabu "Nan dhufa!" jedhee barreessuuf ka'ee, yoo sagalee uu dheeresse maaltu ta'a? Ergaa barbaade sana sirriitti dabarfateeraa? Mee ergaa fb keessaan isiniif barreeffamu yaadadhaa! Rakkoo dheeraa gabaabsuu, gabaabaa dheeressuu... duukaa walqabatee dhufutu balaa kana uuma.

3. Xiyyeeffannoo kennuu dhabuu!
Namoonni Afaan Oromootiin yeroo barreessan seera eeganii barreessuutti xiyyeeffannoo hinkennan. Sunimmoo, osoo barreessuu danda'anii barreessuu akka dadhaban taasisa. Barreeffamni isaan barreessanis dogoggora danata. Namoota akkasiitti dogoggora yoo agarsiiftellee tuffatanii bira darbu.

4. Namoonni Afaan Oromoo hinleenjine afaanicha barsiisuu.
👉Kun tarsiimoo ittiin mootummaan Afaan Oromoo quucarsaa turedha. Mana barumsaa baay'ee qaamaan deemee qoradheera. Namootas gaafadheera. Barsiisonni Afaan Oromoo manneetii barnootaa sadarkaa gadii keessa jiru jechuunuu nama rakkisa. Namoota Herrega, Keemistirii, Baayooloojii, Hiistirii, Ji'oograafii... baratantu barsiisaa Afaan Oromoo ta'anii ramadamu. Ijoolleen Afaan Oromoon eebbifamanimmoo bakkee keessa beeksisa barbaadu. Yoo isaan waajjira barnootaa gaafatan bakka duwwaa hinqabnuu baanu. Yoo barsiisonni koorsiin Afaan Oromoo itti kennamu sun falmatanis 'rakkoo hiikuu' dirqama jedhuun itti kennu. Hanqina barsiisaa guutuuf namni waan hinbeekne barsiisa jechuudha.

Asirratti wanti hubatamuu qabu garuu barsiisonni waan biraan leenji'an qubeessuu hinbeekan jechuu miti. Qubeessuu danda'uufi qubeessuus ta'e seera Afaan Oromoo barsiisuun garuu waladda! Doktoorri Beternerii tokko doktoora namaa ta'uu danda'aa? Namni Keemistirii barsiisu Giyoogiraafii barsiisuu danda'aa? Kan Afaan Oromoos sanumaa hubadhaa!

Rakkoo kanaaf sababni biraan jiraatus hanga barruu dheeraa dubbisuu aadeffannutti kunumt ga'aadha!

Fedhasaa Taaddasaa
Finfinneerraa
Sirna Tuqaalee
kutaa tokkoffaa...
Sirni tuqaalee barreeffama tokkoof hiika kan kennudha. Barreessaan maal jechuuf akka barbaade akeeka. Tarii deebii dubbisaa irraa eegaa... ykn waa tarreessaa jiraa... Tarii dhimma himaa jiru sana niraajeffataa... yaada jedhu sirna tuqaaleetu mul'isa.

Sirni tuqaalee gosa lamatti hiruu dandeenya. Isaanis:

1. sirna toqaalee xumuraafi

2. sirna tuqaalee keessaati.

Sirna xuqaalee xumuraa kanneen jedhan warra xumura himaatti argamanidha. Isaanis gosa sadiitu jiru. Mallattoo gaaffii, mallattoo raajeffannoofi tuqaadha.

Fkn a. Yoom dhufta?
b. Nan bade!
C. Finfinnee deemaan jira.
Sirna tuqaalee keessaa kanneen jedhaman immoo warra hima keessa dhimma tokkoof galanidha. Isaanis: qoodduu, tottuqaa (...), qoodduu jabaa (; mallattoo waraabbii ('' '')fi kkf. Isaan kana ibsaafi haala fayyadamasaanii waliin kutaa itti aanu keessatti na eegaa!

Madaallii dhuunfaa
Sirna tuqaalee bakka barbaachisutti guutaa! Fkn. Yoom dhuftaa? (Hima gaaffii waan ta'eef, mallattoo gaaffii galche)
1. Eessa deemaa jirtaa
2. Madda Walaabuun deema
3. Ani hinjiruum
Hojii salphaarraa gara walxaxaatti deemna!

Fedhasaa Taaddasaati.
Beeksisa
Chanelii kanaan dhimma Afaan, Aadaa, Afoolaa, oguma/Aartii, falaasamaafi seenaa Oromoo hayyootarraa baranna!

Dhimmi asittis ta'e garee XiyyeeAfaan Oromoo keessatti ka'u kana bu'ureffachuu qaba.


Horaa Deebanaa!
Afaan Oromoo caalaatti dagaagsuun hindanda'amuu?

Gidduu kana dhimma siyaasaafi koroonaa lagannee, waan afaan keenyaan fb macheessinee jirra. Akkakootti, sichillee waan haaraa ofarkaa qaba. Sichan waan ajaayibaa isin biraan gaha! Garuu, hojiin ofarkaa qabu kun fb qofaan yoo daanga'e umrii dheeraa jiraataa laata? Waan fb kun guyyaa shan booda barbaacha meeqaan argamaam! Kanaafuu...
Dambalii (website) dhimma kana irratti fe'utu na barbaachisa jedheen amana. Maaliif? Dookmentiin Danbaliirratti maxxanfamu
1. Abbaan fedhe waan barbaade 'google' godhee argata!
2. Bara kamiyyuu dhaloota keessa qaariyee jiraata.
3. Carraa viidiyoolee gaggabaaboo fayyadamuun Afaan Oromoo barsiisuu arganna. Fkn. Leenjii Afaan Oromoo barsiisuu...

Kanarratti maal yaaddu? Pirojeektii kana dhugoonsuuf maal goonu?

Yaadaafi deggarsa keessaniif durseen isin galateeffadha!

Fedhasaa Taaddasaa
Finfinneerraa
Wal saaxilaa wal hubachiifna!

Gareen 'Xibaara shamarree' jedhamee feesbuukiin as bahe kun namoota qubeessuu hin dandeenyeen guutuudha. Namumti qajeelchee qubeessu garee kana keessa hin jiru jechuun ni danda'ama. Kan jiran muraasa.

Please dursitootni(Hoggantootni) garee kanaa irratti xiyyeeffadhaa.

Michuun Waq Shibru qubeen si iyyaafatti!
👉Anan➝ Anaan
👉Durboni➝ Durboonni
👉isaani➝ isaanii (akka galumsa isaatti)
👉Enyuu➝ Eenyu
👉 ini ➝ inni
👉jetee➝ jettee
👉gafaa➝ gaafa
👉gafaatu➝ gaafattu

Jedhii qajeelfadhu!
Qubee dhiigaan dhufe hinborcinaa!👇
Channel name was changed to «Qubee Quba Oromoo»
Maqaan Chanelii kanaa Qubee Quba Oromootti jijjiiramuusaa isin beeksisaa, kunis sababa maqaa duraatiin chaaneloonni baayyeen banamanii jiraniif ta'e.
Oduu gammachiisaa!

Yuunvarsiitiin Wallaggaa Akkaadaamii Afaan Oromoo Dr. Hayilee Fidaa bu'uressuu ifatti muldhise! Dhimmi kun erga wixineeffamee waggaa gahuuf deema! Danqaa hedduu qaariyee kunoo sadarkaa Dasyirekteeraan hogganamuu argate! Tibba darbe dhaabbanni kun qofumatti mataasaa danda'ee hundaa'uuf akka jiru VoA Afaan Oromoorratti haasa'uunkoo niyaadatama! Gufuufi gufaata darbee kunoo milkaawe! Hoggansa, addattimmoo pirezidaantii yuunvarsiitichaa Dr. Hasan Yesuufiin galata argadhaa jechuu barbaada.

Dhaamsa

👉Namni Akkaadaamii Kana keessa hojjetu hunduu ogeessa Afaan Oromoo ta'uu qaba. Amma wanti barbaannu hojiidha malee maqaa qabatanii taa'uu miti. Qaxarriin Daayirekteeraa bahee jira kunoo! Kaanis sududaan akka raawwatu nan abdadha!

Fedhasaa Taaddasaa
Finfinneerraa👇
Sirna tuqaalee 2ffaa: Deebii gaaffilee namoonni maxxansa 1ffaa jalatti kaasanii👇

Sirna tuqaalee fayyadamuurratti rakkoo jiru furuuf waanuma beeknu yaada waljijjiiruu wayya yaada jedhuun maxxansa jalqabaa eegaluunkoo niyaadatama. Maxxansa sana jalatti gaaffileen gurguddoon sadii ka'aniiru. Gaaffilee kanneen akkasiin cuunfee deebisuuf yaale.

1. Garaa garummaan himoota 'Yoom dhuftaa?'fi 'Yoom dhufta?' jedhu jidduu jiraa? (Silashi Kebede gaafate)
✍️Himoonni lachanuu himuma gaaffiidha. Garuu, haalli gaaffiisaanii hiikaan gargari. Inni jalqabaa (Yoom dhuftaa?) sagalee jabaan gaafata. Sunis akkaataa lamaan hiiknisaa hubatama. Akkaataan jalqabaa gaafataan guyyaa dhufa nama itti dubbachaa jiru sanaa ariitiin baruu barbaada. Kanaaf, "Yoom dhuftaa?" jedha sagalee olkaheen (high tone). Dhufasaa baruuf waan sardamu fakkaata! Beellama qabatamaa fudhachuuf gamaa jira. Akkaataan lammataammoo, nama gaafatametu deebisee ifannaan isa dura gaafate sana gaafata. Kun yaada ihintaa (-ve) tahe qaba. Guyyaan dhufu nagaafachuu hindandeessu akka jechuus tahuu mala. Duubaan yaada loliisaatu dhufinna.
Himni lammataa (Yoom dhufta?) Sagalee laafaadhaan nama itti dubbataa jiru gaafata. Namni gaafatameefi gaafataa gidduu haalli jiru tasgabbiidha. Namni gaafatame kun guyyuma barbaade yoo dhufe gaafataan haajaa isa sardu waan qabu hinfakkaatu (low tone)!
Kanarraa kan hubatamu, garaagarummaan sagalee jabaafi laafaan gaafatamuudha. Sunimmoo, dhimma dubbattoonni waliin qaban sana bu'ureffata.

2. Jechoonni akka: yoom, eesssa, maal, maaliif, jedhu jiraannaan birsagni dhumaa gabaabbatee mallattoo gaaffii fudhata seerri jedhu anaaf hinliqimfamu. Inumaayyuu, yoo gabaabbatee barreeffame mallattoo gaaffii fudhatee, yoo dheeratee barreeffame mallattoon gaaffii hinbarbaachisu kan jedhantu jiru. Ilaalcha akkanaatti ani hinamanu! Hima gaaffii hamma tahetti birsagni dhumaa dheeratus gabaabbatus mallattoon gaaffii (?) dura galuu qaba. Dr. Alima Jibril waan kana irratti yaada kennimee!

3. Dhimma hudhaan (') walqabatee gaaffiin kahes jira. Hudhaan qubee dubbifamaa bakka buha/bu'a. Fkn. Baayyee - baay'ee☑️ (Asitti qabee dubbifamaa 'y' bakka bu'e. Kanaafuu, jechi kun akkaataa lamaaniinuu barreeffamuu dandaha/danda'a. Buhe - bu'e jechuus dandeenya. Asittimmoo, hudhaan qubee 'h' bakka buhe. Waljala fuunee yoo fayyadamne dhiibbaa inni geessisu hinjiru. Ta'us bakka itti hudhaan dirqama galus jira. Fkn. Re'ee, Me'ee Bokkuu, mo'oo... Walumaagalatti, hudhaan barreeffama Afaan Oromoo keessatti ga'ee guddaa qabdi. Hinbanne; hinbaddus!
Nagaan qe'ee keessan jiraadhaa!
Koroonaarraa ofeeggadhaa!
Qicadhaa!

Fedhasaa Taaddasaa
Finfinneerraa
Namni kana barreessite dhuguma Masarat Dhaabaatii? Ishee taanaan as naaf waamaa!
garaa👉gara
koot👉kootti
Nagadhaan👉 nagaadhaan
deebi'e jira👉deebi'ee jira

Ilaamee jamaa! Wallaaluun yakka miti. Akka wallaalan wallaalanii afaan saba guddaa xiqqeessuutu yakka! Namoonni Afaan Oromootiin qubeessuu hindandeenye hinqaanayinaa; nutti himadhaa! Leenjii isiniif kenninaa! Guyyaa 5 keessatti sirriitti qubeessuu dandeessu!

#Namni suura kana keessaan naaf egite jiraadhu.
Fedhasaa Taaddasaa
Finfinneerraa
Miseensonni chaanaalii kanaa akkam jirtu? Isinin kabaja! Garuu, namoonni tokko tokko kaayyoo garechaan ala bakka maree @xiyyee Afaan Oromoo keessatti waan hinbarbaachifne maxxansu! Akeekkachiisa yeroo lamaa barreesseeraaf! Kana booda namoota akkasii garee kana keessaan uggura! Maal jettu?
Sirna tuqaalee 2ffaa: Deebii gaaffilee namoonni maxxansa 1ffaa jalatti kaasanii👇

Sirna tuqaalee fayyadamuurratti rakkoo jiru furuuf waanuma beeknu yaada waljijjiiruu wayya yaada jedhuun maxxansa jalqabaa eegaluunkoo niyaadatama. Maxxansa sana jalatti gaaffileen gurguddoon sadii ka'aniiru. Gaaffilee kanneen akkasiin cuunfee deebisuuf yaale.

1. Garaa garummaan himoota 'Yoom dhuftaa?'fi 'Yoom dhufta?' jedhu jidduu jiraa? (Silashi Kebede gaafate)
✍️Himoonni lachanuu himuma gaaffiidha. Garuu, haalli gaaffiisaanii hiikaan gargari. Inni jalqabaa (Yoom dhuftaa?) sagalee jabaan gaafata. Sunis akkaataa lamaan hiiknisaa hubatama. Akkaataan jalqabaa gaafataan guyyaa dhufa nama itti dubbachaa jiru sanaa ariitiin baruu barbaada. Kanaaf, "Yoom dhuftaa?" jedha sagalee olkaheen (high tone). Dhufasaa baruuf waan sardamu fakkaata! Beellama qabatamaa fudhachuuf gamaa jira. Akkaataan lammataammoo, nama gaafatametu deebisee ifannaan isa dura gaafate sana gaafata. Kun yaada ihintaa (-ve) tahe qaba. Guyyaan dhufu nagaafachuu hindandeessu akka jechuus tahuu mala. Duubaan yaada loliisaatu dhufinna.
Himni lammataa (Yoom dhufta?) Sagalee laafaadhaan nama itti dubbataa jiru gaafata. Namni gaafatameefi gaafataa gidduu haalli jiru tasgabbiidha. Namni gaafatame kun guyyuma barbaade yoo dhufe gaafataan haajaa isa sardu waan qabu hinfakkaatu (low tone)!
Kanarraa kan hubatamu, garaagarummaan sagalee jabaafi laafaan gaafatamuudha. Sunimmoo, dhimma dubbattoonni waliin qaban sana bu'ureffata.

2. Jechoonni akka: yoom, eesssa, maal, maaliif, jedhu jiraannaan birsagni dhumaa gabaabbatee mallattoo gaaffii fudhata seerri jedhu anaaf hinliqimfamu. Inumaayyuu, yoo gabaabbatee barreeffame mallattoo gaaffii fudhatee, yoo dheeratee barreeffame mallattoon gaaffii hinbarbaachisu kan jedhantu jiru. Ilaalcha akkanaatti ani hinamanu! Hima gaaffii hamma tahetti birsagni dhumaa dheeratus gabaabbatus mallattoon gaaffii (?) dura galuu qaba. Dr. Alima Jibril waan kana irratti yaada kennimee!

3. Dhimma hudhaan (') walqabatee gaaffiin kahes jira. Hudhaan qubee dubbifamaa bakka buha/bu'a. Fkn. Baayyee - baay'ee☑️ (Asitti qabee dubbifamaa 'y' bakka bu'e. Kanaafuu, jechi kun akkaataa lamaaniinuu barreeffamuu dandaha/danda'a. Buhe - bu'e jechuus dandeenya. Asittimmoo, hudhaan qubee 'h' bakka buhe. Waljala fuunee yoo fayyadamne dhiibbaa inni geessisu hinjiru. Ta'us bakka itti hudhaan dirqama galus jira. Fkn. Re'ee, Me'ee Bokkuu, mo'oo... Walumaagalatti, hudhaan barreeffama Afaan Oromoo keessatti ga'ee guddaa qabdi. Hinbanne; hinbaddus!
Nagaan qe'ee keessan jiraadhaa!
Koroonaarraa ofeeggadhaa!
Qicadhaa!

Fedhasaa Taaddasaa
Finfinneerraa
Dogoggorri wallaalummaa miti; sanarraa barachuu dhabuutu doofummaadha!

Gareen kun erga banamee tattaaffiin sirreeffama seeraan qubeessuu cimsuuf yaalamaa jiru waan akka laayyootti ilaalamu miti. Gamanaan ijoollee hirmaannaa gochaa jiraniif galatan qaba.

Wanti hubatamuu qabu garuu namni barreeffama waan lamaaf dogoggora qubeessuu dandaha:

1. Ariitii keessa dogoggoruu: kun namuma akkakoo seera qubeessuu barsiisuyyuu mudachuu mala. Baayyeen namaa moobaayiliidhaan barreessa. Sana keessammoo qubeen qubaan dogoggora tuqama. Kanaaf, sana duuba deebihuun gulaaluu feesisa. Fkn.mee waanan maxxansu ilaalaa yeroo lama sadiin gulaala. Isinis akkasuma godhaa!
2. Kan lammataa qubeessuu wallaaluudha. Kun hanqina addaddaarraa madda! Namoonni baayyeen Afaan Oromoo xiyyeeffannoon barnoota idilee hinbaranne taha! Warri akkasii seerota qubeessuu shanan hinbeekan ta'a:
-dheeraa gabaabaa
-jabaa laafaa
-irra butaa
-hudhaa
Sirna tuqaaleefi qubguddeessa
Irra deddeebiin shaakaluu isaan barbaachisa. Kanneen sirriitti barraan dogoggora hinqubeessan. (Mucaan kiyya angafaa kg 3 baratti! Seerota kana shanan keessaa arfan jalqabaa sirriitti beekti!) Kanaafuu, namni shaakale sirriitti baruu danda'a. Warra hanqina kana qabanis inbarsiifanna! Qubee keenyas caalaatti guddifna!

Gorsa gabaabduu:
1. Gareen kun bifa tasgabbii qabuun qeeqa barruu haadhiyeessu!
2. Warri qeeqamnu dheekkamsa dhiisnee of sirreessuuf haahojjennu!

Yoo akkasiin waliigalle viidiyoon seeneeyyuu waan beeku isiniif qica! Garuu ani dheekkamsaafi lola hinfedhu! Ijoollee dhimma kanarratti hojjetaa jiranillee hinarrabsinaa! Warri rakkoo saaxiltanis waan duratti ibse sana xiyyeeffannoo keessa galchaa!
Horaa bulaa!

Fedhasaa Taaddasaa
Finfinneerraa
2025/07/14 02:37:15
Back to Top
HTML Embed Code: