☆ Hinseene☆

Bellamee wawaadhe homaa hin arganne
Imimmaan koo roobse daangaan isaa hin beekamne
Lafee dhaan miil'adhe kaleen na kirkirtee
Caraane warqame qoonqoo na buute ×2

Hin seene edaa hin hubannee
Hin seene anatti hin fakkaannee
Hin seene anatti hin fakkaannee
Hin seene edaa hin hubannee
Hin seene anatti hin fakkaannee
Hin seene anatti hin fakkaannee

Bo'ee mankaraaree imimmaani lakku roobsee
Lakkuuni lakkuu roobsee
Gaaffii jarraa hedduu eenyuut naa deebisee
Gaaffii garaa danfuu eenyuut naa deebisee
Mudannoota sabaa arjooma rabbiiti
Maalumaaf gadadoon anatti marmaarti
Maalumaaf gadadoon anatti marmaarti

Lafti galma kootis na jalaa fagaatte
Hawwii garaa kootis hawwii taateet hafte
Hin seene edaa hin hubannee
Hin seene anatti hin fakkaannee
Kaayyoo gahuumsa koos hin dhiisne hin dagannee
Kaayyoo gahuumsa koos hin dhiisne hin dagannee
Hawwii (×3) an hawwii koo malee an homaa hin beekne
Hawwii (×3) an hawwii koo malee an homaa hin beekne
Hawwii (×3) an hawwii koo malee an homaa hin beekne🙏

Jabaa keenya lubbuun kee nuuf haa qananituu😔

@oromicmusiclyricsreaction
☆ Anaan Anaan ☆

(Ormi biyyaa bahee biyya ormaa jiru)
(Hin bookkisuu inuuma baroodaa)
(Hin bookkisuu inuuma baroodaa)
(Biyyarraa bahani biyya ormaatti hafu)
(Yaa rabbii maaf nu goote qoodaa)
(Gahee jedhi mee nu baasii hoodaa)
(Yaa rabbii maaf nu goote qoodaa)
(Gahee jedhi mee nu baasii hoodaa)×2

Jiruun biyya ormaaa...aa
Maal jireenyaa jedhuuu...uu
Danda'uu dha malee
Obsuu dhaan achittu maal godhu
Yoom qananii feetee
Rakkoof harka hin keennutu si baase biyya..a..a..a

Anaan anaani yaa lammii tiyyaa
Ana haa nyaatu yaa qomoo tiyyaa
Anaan anaani yaa saba tiyyaa
Anaan anaan yaa lammii tiyyaa
Nu yaadadhu yaa rabbii tiyyaa
Nu yaadadhu yaa gooftaa tiyyaa

Bor naa darba jette lammikoo
Gaafa biyyaa baatee
Jiruun abjuu taatee sabakoo
Rakkoon lakkuu taatee
Qilleensi biyya ormaa maa kophaa sii raasaa
Murteessi murtii kee haajaa rabbii baasaa

Ol ilaallaan samii dha, samiin ni fagaataa
Gad ilaallaan dachee dha, dacheen ni jabaataa
Dachee biyya ormaa isheen dhiyoo jirtu
Garaa-jabeetti dha, malaa namaa hin himtu
Namni biyyaa bahee maal qananii qaba
Biyyasaa yaadatee yaadaan qalbii cabaa

Anaan anaani yaa lammii tiyyaa
Ana haa nyaatu yaa qomoo tiyyaa
Anaan anaani yaa saba tiyyaa
Anaan anaan yaa lammii tiyyaa
Nu yaadadhu yaa rabbii tiyyaa
Nu yaadadhu yaa gooftaa tiyyaa

(Ormi biyyaa bahee biyya ormaa jiru)
(Hin bookkisuu inuuma baroodaa)
(Hin bookkisuu inuuma baroodaa)
(Biyyarraa bahani biyya ormaatti hafu)
(Yaa rabbii maaf nu goote qoodaa)
(Gahee jedhi mee nu baasii hoodaa)
(Yaa rabbii maaf nu goote qoodaa)
(Gahee jedhi mee nu baasii hoodaa)×2

Jiruun biyya ormaaa...aa
Maal jireenyaa jedhuuu...uu
Danda'uu dha malee
Obsuu dhaan achittu maal godhu
Yoom qananii feetee
Rakkoof harka hin keennutu si baase biyya..a..a..a

Anaan anaani yaa lammii tiyyaa
Ana haa nyaatu yaa qomoo tiyyaa
Anaan anaani yaa saba tiyyaa
Anaan anaan yaa lammii tiyyaa
Nu yaadadhu yaa rabbii tiyyaa
Nu yaadadhu yaa gooftaa tiyyaa
Anaan anaani yaa lammii tiyyaa
Ana haa nyaatu yaa qomoo tiyyaa
Anaan anaani yaa saba tiyyaa
Anaan anaan yaa lammii tiyyaa
Nu yaadadhu yaa rabbii tiyyaa
Nu yaadadhu yaa gooftaa tiyyaa🙏

Jabaa keenya lubbuun kee nuuf haa qananituu😔

oromo music lyrics & reaction
☆Jirra☆

Ohohohoho...,Ohohohoho...

Ohohohoho...,Ahahahaha...

Jirra, jirra, jirraa, jirra
Jirra, jirra, jirraaaa...
Jirra, jirra, jirra,jirra
Jirra, jirra, jirraa...

Jirra bullee barii arguuf
Garaa nu bal'iise yaa nuyii, yaa nuyii, yaa nuyii..
Yaa waa irraanfachuuf, yaa waa irraanfachuuf
Yaa waa irraanfachuuf, yaa nuyi(×4)

Tafkiidhaaf utaalchoo, geergoo dhaaf miliqqee,
Xaddee kutte hin baaneef, waayyuudhaaf rasaasa
Allaattiidhaaf koochoo..............
Allaattiidhaaf koochoo, qocaadhaaf dhagaacha
Kennaa maaltu dida, jirra hunda baachaa
Kennaa maaltu dida, jirra hunda baachaa

Jirra, jirra, jirraa, jirra
Jirra, jirra, jirraaa...
Jirra, jirra, jirraa, jirra
Kunoo har'allee jirraa

Yaaaaa..a..a..aaa.. nuyii

Nan mammaaka, na mammaaksisaa
Uumamni seera uumaa dabse
Raajii bara kanaan raajakaa
Eerga dhukkeen dhagaa cabse

Nan mammaaka, na mammaaksisaa
Raajii bara kanaa yaa jamaa
Boolla kessa teessee boolla qotti
Dhaala abbaashee ilmoon rirmaa

Shiran shiranii
Garaaf qalbii kiyya hatanii
Akkan sirraa cituuf yaadanii
Maal godheen an sirraa citaa

Maal godheen an sirraa citaa
Si fudheen Gincii koo lixa, si fudheen Gullisoo lixa
Si fudheen Dadar koo lixa, si fudheen Shaallaa koo lixa
Si fudheen Shukkutee lixa, si fudheen Sabbataa lixa
Si fudheen Awwadaayi lixa..........

Shiran shiranii, isaanoo nu doorsisanii
Akkan sirraa cituuf yaadanii
Maal godheen an sirraa citaa

Maal godheen an sirraa citaa
Si fudheen Ajjee koo lixa, si fudheen Sarboo koo lixa
Bulee Horaa koon siin lixa, si fudheen Naqamtee lixa
Si fudheen Machaaraa lixa, si fudheen Shaashee koo lixa
Si fudheen Gudar koo lixa, si fudheen Baabbichoo lixa
Si fudheen Najjoo koo lixa, si fudheen Ammayya lixa

Jirra, jirra, jirraa, jirra
Jirra, jirra, jirraaaa...
Jirra, jirra, jirraa, jirra
Jirra, jirra, jirraaaa...

Jirra bullee barii arguuf
Garaa nu ballisee yaa nuyii, yaa nuyi, yaa nuyi...
Yaa waa irraanfachuuf, yaa waa irraanfachuuf
Yaa waa irraanfachuuf, yaa nuyii(×4)

Baay'inni rakkoodhaa furmaata mataansaa
Harreen ba'aa diddeeti taati harree diidaa
Qambar sadii cabseeti..........
Qambar sadii cabseeti, qotiyyoon gafarsaa
Haammeenyi ulee mataas injiraan ajjeessaa
Haammeenyi ulee mataas injiraan ajjeessaa

Jirra, jirra, jirraa, jirra
Jirra, jirra, jirraaa...
Jirra, jirra, jirraa, jirra
Kunoo har'allee jirraa

Yaaaaa..a..a..aaa.. nuyii

Nan mammaaka, na mammaaksisaa
Uumamni seera uumaa dabse
Ni mul'ata deemi naan jedha
Dukkana dukkanatti ibsee

Nan mammaaka, na mammaaksisaa
Raajii bara kanaa yaa jamaa
Boolla kessa teessee boolla qotti
Dhaala abbaashee ilmoon rirmaa

Shiran shiranii
Garaaf qalbii kiyya hatanii
Akkan sirraa cituuf yaadanii
Maal godheen an sirraa citaa

Maal godheen an sirraa citaa
Si fudheen Mettaa koo lixa, si fudheen Horroo koo lixa
Si fudheen Waliisoo lixa, si fudheen Gindhiir koo lixa
Si fudheen Roobee koo lixa, si fudheen Leemman koo lixa
Si fudheen Sulultaa lixa..........................

Shiran shiranii, isaanoo nu doorsiisanii
Akkan sirraa cituuf yaadanii
Maal godheen an sirraa citaa

Maal godheen an sirraa citaa
Si fudheen Dodolaa lixa, si fudheen Beegii koo lixa
Si fudheen Jalduu koo lixa, si fudheen Maqii koo lixa
Si fudheen Gaaleessa lixa, Liiban Cuqqaalaan koo lixa
Si fudheen Gindoo koo lixa, Dambi Doolloo koon siin lixa
Si fudheen Amboo koo lixa, si fudheen Cillimoo lixa
Si fudheen Finfinnee lixa, si fudheen Shaggar koo lixa
Si fudheen Oromiyaa lixa, biyya abbaa kootiin siin lixa
Si fudheen Oromiyaa lixa (yaaaa... nuyi), biyya abbaa kootiin siin lixa
Si fudheen Oromiyaa lixa, biyya abbaa kootiin siin lixa
Si fudheen ................, biyya abbaa koo........🙏

Jabaa keenya lubbun kee haa qananituu😔

oromo music lyrics & reaction
Channel photo updated
☆Na qarqaari kaa☆

An ootuman sitti hima jedhu
Kan ormaa taate maal godhuu
Har'a boriitu kana fidee
Garaan koo si malee kunoo har'as ammas ni didee
An ootuman sitti hima jedhu
Kan ormaa taate maal godhuu
Har'a boriitu kana fidee
Garaan koo si malee kunoo har'as ammas ni didee

Kunoo har'as an nan jiraaaa.......aa
Anu gaabbiidhaan quba nyaachaa..aa
Takkaa si dhabee maalan fidaa
Nan jiraadha "utuun" jechaa

Maaloo na qarqaarikaa
(Dhaqii isa qarqaarikaa)
Maaloo na qarqaarikaa
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)

An ammayyu jaalalakeen dhibamsiisa
Yoon galee maalan ciisaaaaaa...a
Maaloo na qarqaarikaa
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)

An ammayyu otoon argu homaa hin arguu
Jaalala keetu natti ta'ee daguuuu...u
Maaloo na qarqaarikaa
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)

An ootuman sitti hima jedhu
Kan ormaa taate maal godhuu
Har'a boriitu kana fidee
Garaan koo si malee kunoo har'as ammas ni didee
An ootuman sitti hima jedhu
Kan ormaa taate maal godhuu
Har'a boriitu kana fidee
Garaan koo si malee kunoo har'as ammas ni didee

Ati homaa hin goone badiin kan koooo...o
Booddetti haafeetan si dhabuun kooo..o
Otoon sitti himee guyyaa sanaa
Maafan gaabbaa, maafan raafamaa

Maaloo na qarqaarikaa
(Dhaqii isa qarqaarikaa)
Maaloo na qarqaarikaa
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)

Ati ammayyu naaf hin beekne waan keessa koo
Jaalala keen midhamuu kooooo...o
Maaloo na qarqaarikaa
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)

Ati ammayyu naaf hin beekne eenyutu sitti himaa
Jaalala keetiin nan  hiraarfamaaaa..a
Maaloo na qarqaarikaa
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)
Maaloo na qarqaarikaa
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)
Maaloo na qarqaarikaa
(Mee maaloo isa qarqaarikaa)🙏

Jabaa keenya lubbun kee haa qananituu😔

Oromic music lyrics & reaction
Sakoo oromic music lyrics
☆ Waa'ee Keenya ☆

Waa'ee keenya yoo itti dhisanii
Silaa nama hin dhiisu
Dubbiin keenya takka hin taanee
Otoo jirruu nuti akka hin jirree
Maal godhu akka hin jirree
Jiruu faana gargar baanee
Itti dhiisne silaa gad hin teenye
Walii gallee ykn alaa hin gallee
Itti dhiisne silaa gad hin teenye
Walii gallee ykn alaa hin gallee

Waa'ee keenya yoo itti dhisanii
Silaa nama hin dhiisu
Dubbiin keenya takka hin taanee
Otoo jirruu nuti akka hin jirree
Maal godhu akka hin jirree
Jiruu faana gargar baanee
Itti dhiisne silaa gad hin teenye
Walii gallee ykn alaa hin gallee
Itti dhiisne silaa gad hin teenye
Walii gallee ykn alaa hin gallee

Ofiittan himaa hasaase, hasaaseen, hasaaseen, hasaase
Dubbii hunda dhiibdeetu anas dhiibdee
Kanaafan gad qabee gad qabeen ofitti hasaase

Mee beekaa moo wallaalaa kam koomannaa?
Nuuf hin gallee rakkannee akkam taanaa
Wal gudunfuuf wal sakaaluun dantaa taate
Walii gamnee rakkoonis keenya taate
Mee goota moo dabeessa kam koomannaa?
Nuuf hin gallee rakkannee akkam taanaa
Wal gudunfuuf wal sakaaluun dantaa taate
Walii gamnee rakkoonis keenya taate

Mee yaa rabbii, yaa gooftaa koo,
Tokkicha koo mootii hundaa
Walii galiiti nuu tolii
Ni dandeessaa harka qabdaa
Jiruu jechuuf jiruu miti
Nuti akka jirruutti jirraa
Nu gamteetti, nu gamteetti
Nu dhaqabii sitti iyyannaa
Jiruu jechuuf jiruu miti
Nuti akka jirruutti jirraa
Nu gamteetti, nu gamteetti
Nu dhaqabii sitti iyyannaa

Waa'ee keenya yoo itti dhisanii
Silaa nama hin dhiisu
Dubbiin keenya takka hin taanee
Otoo jirruu nuti akka hin jirree
Maal godhu akka hin jirree
Jiruu faana gargar baanee
Itti dhiisne silaa gad hin teenye
Walii gallee ykn alaa hin gallee
Itti dhiisne silaa gad hin teenye
Walii  gallee ykn alaa hin gallee

Ahaaaa....

Ofiittan himaa hasaase, hasaaseen, hasaaseen, hasaase
Dubbii hunda dhiibdeetu anas dhiibdee
Kanaafan gad qabee gad qabeen ofitti hasaase

Mee gowwaa moo gamna kam koomannaa?
Nuuf hin gallee rakkannee akkam taanaa
Wal gudunfuuf wal sakaaluun dantaa taate
Walii gamnee rakkoonis keenya taate
Mee bara moo dhaloota kam koomannaa?
Nu rakkannee, gubannee akkam taanaa
Ormaaf darbaa maal goone maaf nu darbaa
Nurra turee ni bubulee akkuma salphaa

Mee yaa rabbii, yaa gooftaa koo,
Amlaallicha mootii hundaa
Walii galiiti nuu tolii
Ni dandeessaa harka qabdaa
Jiruu jechuuf jiruu miti
Nuti akka jirruutti jirraa
Nu gamteetti, nu gamteetti
Nu dhaqabii sitti iyyannaa
Jiruu jechuuf jiruu miti
Nuti akka jirruutti jirraa
Nu gamteetti, nu gamteetti
Nu dhaqabii sitti iyyannaa 🙏

Jabaa keenya lubbun kee haa qananituu😔
Sirbaa Hacaaluu Hundeessaa ittin boharaa
Baarraq.....(2)
KEEKIYA
⚫️🔴⚪️
@smi_koo
Oromiyaan lafumaa Orummmaan nafuma
Yaaduma qawweetu nuudhumi jedhan hin dhumuu...barraaq barraaq
Waan qabu waliin qaba Waan dhabu waliin dhaba
Kan ayyaantummaa qabu hin eeginaa hin cabuu... barraaq barraaq

Gaafa guulaa nu guulchisa
Gaafa duulaa nu duulchisa
Waan galgala abbaa eeggatu
Yoo beekkatan guyyaama eeggatu
Goonni diinaan dirree buhaa
Gaafa xiiqii sabaaf duhaa
Gaafa roorroo biyyaaf duhaa....X2

Xiyyaara qabsoo keenya Hayyootatu bararsee
Beenzilli isaa dhiigaa foon gubee lafee itti cabsee
Mull'isi Gadaa Musxafaa Harawwee
Qabsoo sirbaa fi dhukaasa qawwee
Eebbisaa fi Usmaayyoon hirmiin bahamee
Baqqalaa fi Jireenyaan iyyaan dhabamee
Biddeen lafee Daadhii baabura itti daaksifamee
Ittoo foon Hacaaluu Hundeessaatiin godhamee
Hin nyaannu jiraan duhaan oodee
Nuti hima baafanna gumaa goodee
Waleen ormaa sirna ofiif kaatti.
Dhaleen maaliif maa wajjiin kaatti?

Buhaa Qeerroo fi Qarree cehumsaan walgarree
Faffacaatii Lammaa waa hin jettuuree Lammaa
Shanee fi ABO, OLF KFO, Hin barreen haa bartuu Oromoo dha martuu
Xeepha Maammon lixe suphuuf yaalu ciite
Qehee Duudhaa galmaa godhuuf qeeraa qalmaa
Shaggarii fi Dirree dhabuu waan hin jirre
Ifannee kukkulchuu alagaan hin bulchuu
Biyya kan keenya alagaan hin bulchu,
Oromiyaa dha alagaan hin bulchu....X2

Gaafa guulaa nu guulchisa
Gaafa duulaa nu duulchisa
Waan galgala abbaa eeggatu
Yoo beekkatan guyyaama eeggatu
Goonni diinaan dirree buhaa
Gaafa xiiqii sabaaf duhaa
Gaafa roorroo biyyaaf duhaa....X2

Namni Oromoo taatee qawwee ormaa baatte
Si gaafata seenaan yoo saba kee waraante
Musxafaa Huseen tahii ofiin beekii
Waraana baattee uummata hin eegiin
Badhoo fi Dawoo Soolee akeekaa
Kaffaalooti miilla itti dhabuu beekaa
Abbaan Gadaa beenu bishaan mataa yaahaa
Dhaabbatee waliin ilaalaa sabaaf xurree kaahaa
Diddan Oromoo manni lamaa beekaa
Manneen hidhaaf mana kiraa deegaa
Kun dalaga.

⚫️🔴⚪️

Haadhaa fi Ilma
Deebiin Isaa Anuma
Kutaa 1ffaa

"Dur silaa yoona kana…
aniin hardhaa kuni, ameessa elmadha
marqee carreeffadhee, areeraan unadha
qe’ee kankoo keessa…
dhabni bakka dhabee, quufatu garmaama
Dalluu korma kiyyaa
Cirriitu “cir” jedhee, nyaachudhaaf wal waama

Koosii moonaa kootii - kormatu boorata
Gundhuu sa’a ottichaa - silmiitu soorata
Jibichatu gaana - gooromsatu rimaaya
bifti idaayyomee- qayyi koo urgaaya
Jabbilee burruqa - fardatu himimsa
Haroo guutee jiiga – lagatu diddissa
beela’atu nyaatee – garaadhaan gayata
kan dheebotes dhugee – aannan hanbuuqqata.”
jette durii ishii, ofumatti himti
yaadan fagoo deemte, yaaddotti dhidhimti.

Galaana yaadarraa takka as deebitee; mana ishee mildhatte
manni habaxayee manummaa dhabeera
citaan kifkifataas, kabaa isaa dhiisee gubbarra jiigeera.

❤️ 'like' godha.
••• Kutaa lamaffaan •••
Itti fufa
0000006
<unknown>
Hacee koo
#Xalayaa 'inbox',n naaf ergame.

"Gaaddoo koo sin jaaladha. Situ naaf beeku dide malee, ani ergaan sirraa jaalalaan tuqame bubbuleen jira. Nin beeka ati ilma safuun guddatte waan taatef, shamarri gaafii jaalalaa dhiira gaafachuun safuudha jette akka saalfattu. Jaalalli garuu safuus saalfiis hin qabu.

Akka fi gara hundattu si jaaladha. Akkam jedhee akkan ibsu yoo beeku baadhes jaalalli kee anaaf waan baay'ee fakkaatee natti muldhata.

Ilaali! Jaalala kee jechuun... galaana natti fakkaata... isa nama liqimsu... yooka immoo bubbees ta'uu mala kan butee nama dabarsu... tarii waraanas ni ta'a... kan booji'ee nama tumu... yookas siyaasa ta'uu danda'a kan jaarmiyaa uumu... maaltu beeka maraattus ta'u danda'a isa boqonnaa hin qabne... tarii immoo mootiis ta'uu mala kan hunda to'aatu... .

Dhugaadha; Jaalalli kee maal akka naaf ta'eef, maal akka natti fakkaatee muldhatu addaan baasee beeku baadhus... si jaalachuu koo garuu bareechen beeka. Jaalala kannisni abaaboof qabu caala si jaaladha.

Maaloo naaf hubadhu. Hardha boru odoo hin jedhin kankee na godhadhu. Ani...Yoo Waaqayyo jedhe Jaalallee kankee ta'uuf qophiidha."

Jaalallee tantee ishee deebii kee eegdu irraa....


@IlmaAyu tin 15/07/2021

@HinseeneeH
@HinseeneeH
MURXUXXEE
Asoosama Jaalalaa

Dursa like, comments fi share gochuu hin dagatinaa !

Kutaa 1ffaa

Quuqa biiftuu jabaatu oolmaa ho'aa mullisa.Ho'a jabaatu mannee qorraa ari'a.Gaafa qorra jabaa obsuun dandeettii gita hin qabneedha.Suuta suuta obsaa deemuun qorra barii saafaatti dabarsuufi.Eyyeen hundumtuu akkuma yeroo yeroo isaa nama taasisa.Barii barii, "qorrumti kun yoom narra darbaa laata?" nama jechisiisa.Guyyaa guyyaa ammoo ," Safuu yaa saafaa baranaa!" jedha hundumtuu.Maal godhuree jireenyuma biyya lafaatu bu'aa ba'ii jireenyaan guutuudha."Takka namaaf tolee, takkammoo namarraa maqa, takka nama boossisee deebi'ee namarraa haqa." Bu'aa ba'ii jireenyaa hedduu dhamdhamaa jiraatu.Eyyeen dhugaadha yandoo yaaddoo fi rakkinaa keessatti illee bu'aa ba'ii jireenyaaf galli guddaan obsadha.Obsuun miilla jireenyaati kanaafi!
Egaa Asoosamni kun bu'aa ba'ii jaalalaa keessatti akeektuu guddaadha.
Dubbisa gaarii!

Kutaa 1ffaa

Hawwii Garmaamaa jedhamti.Hedduu bareeddi.Namoonni hedduun yeroo ishee argan osoo hin beekin waan qaban dagatanii qalbiin ishee faana roora'u.Hundumtuu,"Safuu yaa bareedina isnee; yaa Uumaa akkas nama bareechituu siif safuu!" jedhanii waan tufan arraabu.Eyyeen miidhagni ishee jecha namaan oliidha.Hundumtuu Hawwii mucaa kichuu kana argachuuf yeroo ishee argutti dhaa'nnaan onnee isaa dabalee rukuta.Eyyeen kumaaf kitilatu maqaa jaalalaan ishee faana yaa'a.Hawwiin akkuma maqaa isheetii bareedduu nama hundumaa hawwisiistuu fi kichuu qalbiin sooyyomaati.'Yoo barnootaa maaltu isheetti morkataa?'
Hundumaan kukkuulamtee harka uumaan kalaqamte.

Hawwiin barattuu kutaa 10ffaati.Yeroo hundumaa yeroo isheen gara mana barnootaatti imaltuttii;  dargaggeessaa fi jaarsillee namni ishee argu martuu akka saree foon kajeellaa arraba baasaa gorortuu itti gororee qalbii namummaa malee jaalala isheen booji'amee hundumtuu ishee faana yaa'a.Hawwiin garuu waantonni duraa fi duubaan akka kiyyoo fi takaallatti ishee qabuuf yaalan hedduun osoo jiranii guyyaa tokko illee kaayyoo isheerraa ce'uuf harka laattee hin beektu.

Uumaan bifaan bareechee, akkuma sooyyoma xobbeetti qaliisee mudhii ishee soonsa suufsisee fi qalloo luka gogorrii fi dheertuu morma loongaa gochuun bareedina addaan ishee uume.
Hawwiin nama barnoota isheef yeroo guddaa kennuun hojjettuu fi akkasumas akkaataan dhiyaannaa ishee fi amalli isheen uummata biraatti qabdu ammoo daran jaallatamummaa ishee kan dabaleedha.
Eyyee silaas nama kaayyoo maaltu jibbaa?
Silaa dhiironni bara kanaa ammoo durbuma kaayyoo qabdu tokko arginaan duukaa eegee raasu mitiiree ?
Bareeddinnis jaalala harkisuu irratti gahee olaanaa waan qabuuf.Eyyee Dhugaadha kanumaan iyyuu hundumtuu itti gama.

Abbaa akka Obbo Garmaamaa dureessa funyaan qabachaa deemu qabaachuun ishee ammoo waan hedduuf daandii seeqeef.Obbo Garmaamaan Abbaa ishee dureessa dureessaaf liqeessuudha."Qabaan qaba qaba!" jedhama mitiire.Eyyeeka Obbo Garmaamaan illee qabuma qabeenyaa qabatanii waan dhalatan fakkaatu."Eyyee kanumaaf Hawwiin cululuqxuu asheeta birraa fakkaattekaa nama jechiisa."

Mee yaadaamee....

Uumaan akkatti hundumaa namaaf guutu.Qabeenya,sammuu,bareedina, ogummaa fi jaalala....Egaa waanti biyya lafaa hundaan hin guuttuuf malee osoo hundaan guuttee Hawwiin Haadha hin dhabdu turte.Yeroon akkas jedhu "Atis fiilmiima warra xoobbiyaa fiddemoo?" hin jedhinaa!...bu'uura seenaa dhugaatii.

Jireenya akkanaa keessatti gammachuu fi caddis waluma duukaa faana lakkaawwatti.Eyyee kanumatu dhugaadha.Yeroo gammachuus ta'e gaddaa suuta suuta guyyaa lakkaawwatanii faana dhokataan namarra ba'ugaa.Garuu...

Yeroon kun yeroo Hawwiin haala mijataa fi gammachuu uumamaa unachaa barnoota ishee hordofaa jirtuudha.
Barnoonni faana xuqaa gurraacha fakkaattee sammuu ishee keessatti kalaqamteetti.Kun silaas ejjennoo ishee ture.

Haa ta'u malee yeroo isheen haala gaarii fi mijataan barnoota ishee hordofaa jirtutti gaaffiin jaalalaa karaa garaa garaa isheedhaaf dhiyaachuu eegaleera.

Kutaa 2ffaa itti fufa

Barreessaan Belina Wakjira!

@HinseeneeH
@HinseeneeH
SEENAA GARAA NAMA NYAATU❗️

Seenaa baay'ee nama hawwatuudha dubbisaa.

Dubartii tokkotu mana raabsaa foonii keessa hojjetta ture. Guyyaa tokko gaafa hojiishee xumurtee jettu, kutaa foon diilalleessu ykn mana firiijii seente achiin booda akka tasaa balballi firiijii osoo isheen keessa jirtuu itti cufame kuticha keessas ishee qofatu ture.

Iyya guddaadhaan iyyuu eegalte balbalichas reebuu eegalte,garuu iyya ishee namni dhagahuuf naannoo sana hin turre. Hojjettoonni hundi gara manaatti galaniiru bakkee ta'aniis sagalee keessa jiru dhagahuun hin danda'amu.

Sa'atii 5 ega achi keessa turtee booda du'aaf jireenya gidduu taate, waardiyyaan warshaa foonii sanaas dhufee balbalicha irraatii bane, waan nama dinquu lubbuun ishees du'a irraa baraaramte.

Sa'atii muraasa booda waardiyyichaan "akkamiin dhuftee balbala kana narraa banuu dandeesse garuu?" Jettee gaafatteen.

Waardiyyichis deebisee akkas jedheen "waggaa 35'f warshaa foonii kana keessa hojjedheera hojjettoonni hedduus ba'anii hin galu garuu si qofa kan gaafa ganama ganama dhuftu nagaa na gaafattee gaafa galgala baatu ammoo nagaa natti dhaamtee kan deemtu. Namni baay'een akkuma wantan jiruuttillee hin lakkaa'ani.

Har'a ganama gaafa dhufte akkuma guyyaa kaanii "akkam jirta" naan jettee darbite. Garuu galgala kana sagalee kee "nagaan bulaa bor wal agarra" jettu hin dhageenye.Tarii lafa hojii yoo jiraatte jedheen deemee sii ilaaluufis nan murteesse.

Anis akkuma warra kaanii nama ta'uukoo wanta na yaadachiisuuf Yeroo hundaa "akkam" fi "nagaatti" isheeti naan jettu nan eega. Kanas sirraa dhaga'uu dhabuu kootiin rakkoon akka jiru nan hubadhe. Kanaafan
iddoo hunda si barbaadee asitti si argee balbala sirraatii bane".

Ergasii imimmaan ishee lakkuu lolaasaa itti marmitee waan du'a irraa na oolchiteef galatoomi jetteeni.

Argitanii ilaalcha gaarii fi kabaja namaaf laachuun hammam akka bu'aa qabu?

Ilaalcha gaarii namaaf qabaachuun abbuumaaf tola.


♻️ Invite your friends
Channel name was changed to «Hiri ya sa»
2024/05/16 01:25:00
Back to Top
HTML Embed Code: