Telegram Web Link
Xaa'oon kumtaalli miliyoonni 12 ol alaa imaalchifameera

Xaa'oon oomisha bara 2016/2017'f oolu kumtaalli miliyoonni 12 ol alaa imaalchifamuun buufata doonii Jibutii gahuu Korporeshiniin Hojiiwwaan Qonnaa Itoophiyaa beeksise.

Xaa'oo buufata doonichaa gahe keessaas kumtaalli miliyoonni 11 fi kumni 79 fi 21 gara biyyaatti galfamee karaa waldaalee bu'uuraa qonnaan bultootaf dhihaachaa jira jedhera.

Guyyaa kaleessaas dooniin xaa'oo biyyoo Baaronii NPS kumtaala kuma 636 fi 600 feete buufata doonii Jibutii gahuu Korporeeshinichi eerera.

Dabalataan guyyoota 11 keessaatti xaa'oon biyyoo Baaroon NPS jedhamu kumtaalli kumni 543 buufata doonii kana ni gaha jedhamee kan eegamu ta'uu odeeffannoon Korporeshinicharra argame ni mul'isa.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Qabsaa'aafi weellisaa #Oromoo #Ebbisaa_Addunyaatiif iddoon awwaalchaa haareffame, siidaan ijaarame

Weellisaa Eebbisaa Addunyaa waggoota 28 dura wareegamee ture. Iddoon awwakcha isaa tibbana haareffameera. Bakka awwaalcha isaatti siidaan dhaabameeraaf.

Artsitii beekamaa kanaaf siidaan yaadannoo akka dhaabbatu waggootaaf gaafatamaa ture.

Eebbisaan nama lubbuusaa qaalii falmaa mirga namoomaarratti wareegeedha jechuun beekamtiin akka maluuf artistoonni gameeyyiin waahillan isaa himaniiru.

Eeebbisaa geerarsaan ergaa dabarfachuu, qabsoo jajjabeessuu fi ummata mirgasaaf akka falmatu kakaasuu keessatti ga'een inni qabu yoomuu hin dagatamu jedha Artist Hirphaa Gaanfuree.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Itoophiyaan murtee #Gamtaan_Awurooppaa lammiilee Itoophiyaaf viizaa dhorkuuf dabarse deebi’e akka ilaalu gaafatte

Mootummaan Itoophiyaa “murtee Manni Maree Gamtaa Awurooppaa lammiilee Itoophiyaaf viizaa kennuu yeroodhaaf addaan kutuuf dabarseen rifachuu” ibse. Gamtichi “ejjennoo isaa irra deebi’ee akka ilaalu” gaafateera.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa karaa imbaasii Itoophiyaa Biraaselsitti argamuun baaseen, murtoon kun kan darbe yeroo “gamni lachuu lammiileen Itoophiyaa biyyoota Awurooppaa keessatti eeyyama seera-qabeessaa dhowwaman haala nageenya isaanii eegameen gara biyya isaanitti akka deebi’an waloon hojjechaa jiranitti” ta’uu ibseera.

Wiixata darbe Manni Maree Gamtaa Awurooppaa “qaamolee seera Gamtaa Awurooppaa kan lammiilee Itoophiyaaf viizaa kennuu to’atan muraasa yeroodhaaf akka addaan citan” murtee dabarseera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Lammiileen Itoophiyaa 13,900 ol Saa’udi Arabiyaa irraa gara biyyaa deebi’an

Mootummaan #Itoophiyaa lammiilee biyyattii gara 70,000 ta’an #Saawudi_Arabiyaa keessa jiran gara biyya isaanitti deebisuuf karoorfachuun hojii hojjechaa jiruun Ebla 12 irraa eegalee lammiilee Itoophiyaa 13,900 ol gara biyyaatti deebi'uu beeksiseera.

Guyyaa kaleessa qofa lammiileen Itoophiyaa kuma 1 fi 180 gara biyya isaanitti deebi'aniiru.

Namoota deebi’an keessaa dhiironni kuma 1 fi 98, dubartoonni 79, daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’e 231 akka argaman eerameera.

Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa akka ibsetti, buufata xiyyaaraa fi bakka tursiisaatti namoota deebi’aniif deeggarsa fi kunuunsa barbaachisaa ta’e gochuun hojii maatii waliin walitti makuu hojjetamaa jira. #AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti balaa Ibiddaa muudateen manneen daldalaa 16 barbadaa'eera.

Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii ganda 03'tti balaa Ibiddaa halkan sa'aatii 3:10tti muudateen manneen daldalaa 16 barbadaa'uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee beeksiise.

Miidhan Namarra Gahe hin jiru jedhameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Aanaa Sibuu Sireetti daa’imni mormaa ol mataa lama qabu dhalate.

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree, Hospitaala Sibuu Sireetti daa’imni mormaa ol mataa lama qabu dhalatee jira.

Daa’imni dhiiraa mormaa ol mataa lama qabu Ebla 24,2016 waareen booda gara sa’aatii 10:00tti dhalachuu, Hospitaalichatti Ogeessi daa'immanii Dr.Tokkummaa Baay'isaa himanii jiran.

Haadha daa’imaa rifeeriidhaan gara Hospitaalichaa dhufte tajaajila baqaqsanii yaaluun daa’imni kiiloogiraama 4.2 ta’e mataa mormaa olitti kan wal caalu lama qabu dhalachuu eeran.

Haati daa’imaa haala gaariirra jiraachuu eeruun daa’ima dhalate gara hospitaala olaanaatti erguuf akka jiran ibsamee jira.

Haati daa’imaa yeroo jalqabaaf kan deesse ta’uus Dr.Tokkummaan himaniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Photo
#DV2025

Injifattoonni Viizaa Diversity 2025 har'a ni ifooma.

Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2025 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u.

NB. Lakkoofsi mirkaneessaa yeroo iyyanni guutamu kan kennameedha. Lakkoofsi kun kan jala bade Forgot Confirmation number jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa Mirkaneessaa haaraa karaa email argachuu ni danda'a.

Bu'aan Dv galgala sa'aatii 1:00tti kan ifoomu ta'a.

Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jira / Imeelii kana / barreeffama kana kan ergaa jirru" jechuun qaamotni #sobaa waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhan dhaamaniiru.

Hubadhaa, iyyataan tokko DV 2025 argachuu fi dhiisuu isaa karaa marsariitii armaan olitti ibsame qofaan beekuu danda’a.

Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Aadde Adaanachi lammiilee harkaqal'eeyyiif maaddii qoodan

Kantiibaan Magaalaa Finfiinnee Aadde Adaanachi Abeebee lammiilee harkaqal'eeyyiifi namoota biyyaaf oolmaa oolaniif maaddii qoodan.

Aadde Adaanach Mana Kitaabaa Abrihootiitti lammiilee kanneen Sooma hiiksisaniiru.

Ayyaanni Du'aa Ka'uu Yesuus Kiristoos Ayyaana tokkummaafi jaalalaa ta'uu eeraniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
#BalaaUumamaa

Balaa lolaa godina Halaabaatti mudateen namootni 5 lubbuun darbuu poolisiin beeksiseera.

Naannoo Giddu-galeessa Ityoophiyaa godina Halaabaatti rooba cimaa qilleensaa fi cabbii makatee roobuun lolaa uumameen lubbuun namoota 5 darbuu poolisiin godinichaa ibsee jira.

Godinichatti aanaa Weeraa Diijootti ganda hunda keessatti rooba cimaa roobeen naannoon lolaadhaan akka guutame gabaafameera.

Aanichatti ganda Baando Coloksaa namootni 3, ganda Udanna Coloksaatti namni 1,  Halaaba Quullittootti Galatoo fi Gadabaa giddutti namni (1), walumaa galatti namootni 5 lolaan fudhatamaniiru.

Sakatta'iinsa godhameen reeffi namoota sadii yoo argamu, reeffi namoota lamaa garuu hin argamne.

Bulchaan Olaanaa godina Halaabaa Obbo Muhiddiin Huseen, hawaasni balaa dabalataa akka hin mudanne of eeggannoo gochuu akka qabu eeruun maatii namoota irraa du’aniif jajjabina hawwaniiru.

(Waajjira Kominikeeshinii Poolisii godinichaa)

@Tikvahethafaanoromoo
Israa'el waajira Al Jaziiraa Yeruusaalem keessa jiru uggurte

Mootummaan Israa'el, miidiyaan Al Jaziiraa “afaan garee hidhataa Hamaasidha” jechuun sochii televizhinii Al Jaziiraa biyyattii keessa jiru cufuuf murteesseera. Murtoon kunis meeshaalee waajjira keessa jiru fudhachuu fi marsariitii isaa cufuu ni dabalata jedhameera.

Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Netaaniyaahuu kaabineen isaanii otooma waraanni #Gaazaa itti fufee jiruu miidiyaan kuni akka cufamuuf murteessuu himan. Poolisiin waajjira miidiyaa kanaa Israa’el, Yeruusaaleem hoteela Ambaasaaddar keessa jiru Dilbata kaleessaa weerareera.

Al Jaziiraanis himannaa irratti ka'e,''balaa kan qabuufi soba badaa tahedha,'' jedheera. Dhaabbatichi ''tarkaanfii seeraa barbaachisu hunda,'' fudhachuuf akka jirus hime.

Al Jaziiraan Israa'el keessa jiru cufamuumn gareewwan mirga namoomaafi pireesiif falmaniin qeeqameera. Waldaan Mirgoota Siviilii Israa'el uggurri kun akka ka'uuf Mana Murtii Olaanaa Israa'elitti himannaa baneera. #AS

@tikvahethafaanoromoo
#Buna

Itiyoophiyaan bara baajata 2016 ji’oota sagali keessatti bunaa toonii kuma 174 fi 596 ol gara biyyoota alaatti erguun Doolaara miiliyoona 835 fi kuma 230 argachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise.

Bara darbe galii biliyoona 1.33 ol kan argame yoo ta'u, bara kana qarshii biiliyoona 1.75 argachuuf karoorfamee akka hojjatamaa jiru himameera.

https://www.tg-me.com/tikvahethafaanoromoo
2024/05/29 08:20:44
Back to Top
HTML Embed Code: