Telegram Web Link
#Keeniyaa #USA

Affeerraan kabajaa Pireezidant Baayidan gita isaanii Keeniyaaf taasisan waggaa 16 booda US bulchaa biyya Afrikaaf affeerraa kabajaa goote isa jalqabaati.

Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waamicha kana hordofee gara Ameerikaa imalaniiru.

Pireezidant Rutoon yaa'ii waloo Kongireesii Ameerikaarrattis haasaa akka godhan ni eegama.

Mootummaan Keeniyaa imala Ruutoo ilaalchisee ibsa baase keessatti ''tarkaanfii seena qabeessa'' jechuun hariiroo biyyoota lamaanii waggoota 60f ture gara sadarkaa olaanaatti kan siqsu ta'uu ibse.

Erga bara 2018 biyyootni lameen hariiroo isaanii gara sadarkaa ''walta'iinsi tarsiimawaatti'' ol guddisisuus beeksise.

Affeerraan Pireezidant Baayidan Ruutoof dhiyeessaniifi daawwannaan isaanii kun hariiroo biyyoota lameenii cimsuun caalatti Keeniyaan naannoo Baha Afrikaatti michuu amanamtuu US ta'uushee agarsiisaa jedha ibsi imala Ruutoorratti kenname.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Video
#Palestine🇵🇸

Guyyaa har'aa Ayarlaand, Noorweey fi Ispeen beekamtii biyyummaa Filisxeemiif akka kennan ifatti beeksisaniiru.

"Guyyaan har'aa Filisxeem biratti guyyaa baayyee seena qabeessadha" jedhan.

Muummichi ministeeraa Ayarlaandi Siimoon Haaris, "Har'a Ayerlaand, Noorweeyii fi Ispeen walabummaa Filisxeemiif beekamtii kenninee jirra. Murtee kana hojiirra oolchuuf tokkoon tokkoon keenya tarkaanfii biyyaalessaa kamiyyuu ni fudhanna" jedhan.

Muummichi ministeeraa itti dabaluudhaan, " #torban_itti_aanan keessatti biyyoonni hedduun tarkaanfii barbaachisaa kana fudhachuuf nu waliin akka ta'an ni amanna" jedhaniiru.

Mootummaan Aayirlaandi beekamtiin biyyummaa kun furmaata mootummoota lamaa kan deeggaru ta’uu fi nagaa waaraa naannichaaf barbaachisaa ta’uu ibseera.

Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez fi Ministirri Dhimma Alaa Noorweey Ispeen Baart Iid biyyoonni isaanii Caamsaa 28 irraa eegalee Mootummaa Filisxeem beekamtii akka kennan ifatti beeksisaniiru.

Muummichi ministeeraa Ispeen Peedroo Saancheez, ''lolli garee shororkeessummaa #Hamas irratti godhamu seera qabeessa ta'us, MM Beeniyaamin Netaaniyaahuun pirojektii nagaa Filisxeem hin qaban'' jedhan.

Muummichi ministeeraa Noorweey Jonaas Gaahirr Istoor, "beekamtiin Filsxeem yoo hin jirree, Giddu Galeessaa bahaa keessatti nagaan jiraachuu hin danda'u" jedhan.

''Filisxeem biyya walabaa ta'uuf mirga bu'uuraa qabdi,'' jedhan.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Lammiin Keeniyaa gaara yaabbachuun beekamu fiixee gaara Everestitti dhiyaatee erga dhabamee booda reeffi isaa argame.

Namni ganna 40 Jooshuwaa Cheeriyoot jedhamu nama imala gargaaraa ture lammii Neeppaal waliin Roobii darbe achi buuteen isaanii dhabame.

Lammiin Keeniyaan kun gargaarsa oksijiinii dabalataa malee nama Afrikaa jalqabaa gaara Everesti irra bahe tahuuf ture. #BBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Finfinneetti manni jireenyaa diigamuun lubbuun nama tokkoo darbe.

Finfinneetti balaa manni jireenyaa diigameen lubbuun nama tokkoo darbuu Komishiniin Hoggansa Hojii Balaafi Sodaa magaalichaa beeksise.

Ogeessi qunnamtii ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo odeeffannoo DhPItiif kennaniin, har’a Caamsaa 15 bara 2016 Kutaa Magaalaa Boolee aanaa 7 bakka addaa Yarar jedhamee waamamutti, hojjettoota gamoo nama dhuunfaa hojjetaa turan keessaa tokkorratti manni jireenya nama dhuunfaa jiguun lubbuunsaa darbeera.

Balaan kun kan mudate hojjettoonni hojiirra otoo jiranii manni nama dhuunfaa qarqararra ture diigamuusaatiini jedhan.

Hojjettoonni yeroo balaa komishinicha reeffaa nama du’ee biyyeefi dhagaan irra tuulamee ture qotanii baasuun poolisiif dabarsanii kan kennan yoota’u, reeffasaa baasuuf sa’atii 1:30 akka itti fixe himaniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Yakkamaan barattuu Daraartuu Lammeessaa ajjeese adabbii cimaa waggaa 18n adabame.

Yakkamaan barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa kan turte Daraartuu Lammeessaa cuubeen waraanee ajjeese adabbii cimaa waggaa 18 adabameera.

Namni Yohaannis Margaa Itichaa jedhamu Caamsaa 9, 2016 ALI ganama naannawaa sa’aatii 2:54tti Daraartuu Lammeessaatin cuubeen waraanuun ajjeesuu isaan yakka ajjeechaan himatamee ture.

Abbaan Alangaa namni kun yakka ajjeechaa kana raawwachuu qorannoo taasisuun ragaa namaa fi yaalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Asoosaaf dhiyeesseera.

Manni murtichaas yakkamaan seera yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Diimookiraatawaa Riippablika Itoophiyaa tumaa keewwata 539 muraa 1 ‘A’ jalatti tumame darbuu isaa mirkaneesseera.

Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha guyyaa har’aa ooleen himatamaa Yohaannis Margaa irratti adabbii cimaa waggaa 18 itti murteessuu ragaan qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa Asoosaa irraa argame ni mul’isa.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Pireezidaantiin Iraan Ibraahiim Raayis balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darbuu ibsame Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayis fi Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Hoseen Amiin Abidoolaahiin balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darbuu ibsameera. Balaa guyyaa…
Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Iraan Ibraahiim Raayisii raawwatame.

Balaa Heliikooptaraan muudateen kan du'an Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Iraan Ibraahiim Raayisii kaleessa raawwatameera.

Sirni awwaalchaa Ibiraahim Raa'isii bakka qulqulluu jedhamu magaalaa Mashaad keessatti raawwateera.

Balichaan waliigalaan lubbuu namoota torbaa darbuun kan yaadatamuudha.

Ministirri Dhimma Alaa biyyattii balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban kaleessa sirni awwaalcha isaanii raawwatame.

Sirni awwaalchaa Ibraahiim Raayis har'a bakka hoggantoonnii fi aanga'oonni biyyoota 68 olii argamanitti raawwatamuu Reuter fi BBCn gabaasaniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
#Tigraay

Humnoonni Tigraay naannawaa Allaamaaxaa irraa gadhiisanii bahuu ibsame

Humnoonni Tigraay naannawaa magaalaa Allaamaaxaatti qe'eewwan "Garjaalee" fi "Baqiloo Maanaqiyaa" jedhaman irraa gadhiisanii bahuu Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa beeksisan.

Humnoonni Tigraay naannawaa kanneen irraa gadhiisanii akka bahan kan godhame waliigaltee mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraa waliin irra gahame kabajuuf ta'uu Obbo Geetaachoon eeraniiru.

Dabalataan dhalattoota Tigraay naannawaa kanarraa buqqa'anii turan gara qe'ee isaanitti deebisuuf haala mijeessuuf ta'uu ibsaniiru.

Hojiin buqqaatota kanneen gara qe'ee isaanitti deebisuu adeemsarra jiraachuus eeraniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Atileetoonni Itiyoophiyaa injifatan!

Fiigichi Daayimand Liigii meetira kuma 1 fi 500 fi meetira kuma 5niin Yuujiinitti gaggeeffame Atileetoonni Itiyoophiyaa injifataniiru.

Dorgommii meetira 1,500 dubartootaan Atileet Dirribee Waltajjiin daqiiqaa 3:53.75'n yoo injifattu, meetira kuma 5 ammoo Tsiggee Gabrasalaamaa daqiiqaa 14:18.76 injifatteerti.

Atileetonni Itiyoophiyaa biroon sadarkaa hanga 6ffaatti jiru qabachuun xumuraniiru.

Meetira kuma 10 ammoo Atileet Gudaaf Tsaggeyiin daqiiqaa 29.05.92 xumuruun sadarkaa 2ffaa baaterti.

(Federeeshiinii Atileetiksii Itiyoophiya)

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Humni elektirikii Itiyoophiyaa humna ibsaa biyyoota alaaf dhiyeesse irraa galii Doolaara miiliyoona 78.5 ol argate

Bara 2016 ALI baatilee sagal keessatti humna elektirikii biyyoota alaaf dhiyaate irraa galii dolaara miiliyoona 78 ol, akkasumas gurgurtaa humna elektirikii biyya keessaa irraa birrii biiliyoona 14.8 ol argamuu Humna Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Hojiiwwan daddabarsa fi raabsaa humnaa irratti suuphaan gaggeeffamuus sababa rakkoolee nageenyaa naannolee garagaraatti mudatanin karoorri qabame guutummaatti milkaa’uu dhiisuu dhaabbatichi ibseera.

Dhaabbatichi baatilee sagal keessatti humna GW kuma 15 ol maddisiisuu ibsuun, beenyaa inshuraansii qabeenya kuufame irraa birrii miiliyoona 113 ol argachuufi kaffaltii inshuraansii hin barbaachifne, boba’aa, konkolaataa fi suuphaa maashinoota irraa baasii birrii miiliyoona 112 ol akka hambise ibseera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
#Itiyoophiyaa #Kuweet

Waliigaltee hojii biyya alaa waliin hojjechuu dandeessisu Itiyoophiyaa fi Kuweet jidduutti mallatteeffameera.

Ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Kuweet Naayif Haapsi Al Ayitaayibii waliigalticha mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltichaatiin mirgii fi faayidaan Itiyoophiyaanota hojiif Kuweet dhaqanii eegamee haala tumsaa carraa hojii seera qabeessaa uumuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Lubni Balaay Makonniin yakka shakkamaniin yeroo 2ffaaf Mana Murtiitti dhiyaatan Manni Murtii sadarkaa jalqabaa Dhaddachi Ramaddii beellamaa Araadaa Luba Balaay Makonniin dabalatee Galmee namoota dhuunfaa 3 har'a yeroo 2ffaaf ilaaleera. Lubni Balaay Makonniin…
Gaaffiin mirga wabii Luba Balaay Makonniin fa'a dhiyeessan kufaa ta’e

Lakkoofsa Herreega Baankii Gamtaa Afrikaa irraa sanada sobaan Doolaaraa miiliyoona 6 fi kuma 50 waliin dhahuun kan himataman Luba Balaay Makonniin fa'a gaaffii mirga wabii dhiyeessan kufaa ta’eera.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa Lidataa Ramaddii 3ffaan beellama kaleessaan gaaffii mirga wabii dhiyaate ilaalchisee falmii turerratti yaada murtoo kenneera.

Haaluma kanaan hanga beellama itti aanu Caamsaa 29, 2016tti himatamtoonni bakkuma jiran akka turan ajajeera.

Kana malees, himatamtootaa 4ffaa fi 5ffaa hanga ammaatti to’annoo jala hin oolle Poolisiin hordoffii malu taasisuun akka dhiyeessu ajajeera. #AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
2024/05/29 03:00:07
Back to Top
HTML Embed Code: