Telegram Web Link
Helekooptarri loltoota Yugaandaa kufee caccabuun himame

Helekooptarri loltoota Yugaandaa namoota 8 fe’ee ture magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti kufee caccabuunsaa himameera.

Helekooptarichi kufee kan inni caccabe buufata xayyaaraa magaalaa Moqaadishootti argamutti akka ta’e himameera.

Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii tokko BBC’tti akka himanitti Helekooptarri loltootaa kun kufee erga caccabee booda balaan ibiddaa isa mudatus hojjettoonni yeroo balaa battalumatti ibidicha to’achuu danda’aniiru.
Buufata xayyaarichaa keessaa aarri gurraachi ba’aa akka ture viidiyoon gadi lakkifamuusaa gabaafameera.

Hoogganaan Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Somaaliyaa Ahimad Maalimaa Helekooptarichi buufata humna qilleensaa Baalidogleerraa erga ka’ee booda Moqaadishoo yoo gahu balaan akka isa mudate himaniiru. Ka’umsa balaa kanaa adda baasuuf qorannoon itti fufeera jedhan.

Yugaandaan Humna Gamtaa Afriikaa Somaaliyaatti shororkeessitoota waliin dirqamarra jiruuf biyyotoa loltootasaanii gumaachan keessaa ishee tokkoo dha.

@tikvahethafaanoromoo
"Barattoonni qabxii isaanii https://aa6.ministry.et/#/result Ykn karaa @emacs_ministry_result_qmt_bot dhaan ilaaluu ni danda'u":-Ministeera Barnoota

Magaala Finfinneetti barattoota qormaata kutaa 6ffaa qoraman keessa %95 kan ta'an qabxii darbiinsaa %50 fi isaa ol fiduun gara kutaa itti aanuutti darbuu biiroon barnoota beeksiseera.

Bara 2017tti barattoota qormaaticha fudhatan 79,034 keessaa barattoonni 75,085 jechuun %95 kutaa itti aanuutti darbaniiru jechuun Biiroon Barnootaa magaalichaa ibseera.

Bara kana barattoota qabxii olaanaa galmeessan keessaa sadarkaa 1 hanga 4 kan jiran barattoota mana barumsa mootummaatti barataniidha.

Garaagarummaan qabxii mana barumsa dhuunfaa fi mootummaa gidduu jiru walitti dhiyaacha dhufu ibsameera.

Barattoonni qabxii isaanii karaa:-

LINK  ፦ https://aa6.ministry.et/#/result

Telegram Bot : @emacs_ministry_result_qmt_bot

@tikvahethafaanoromoo
Itoophiyaan humna elektirikii gara Taanzaaniyaatti erguu eegalte

Itoophiyaan yeroo jalqabaaf karaa Keeniyaa gara Taanzaaniyaatti humna elektirikii yaaliin erguu eegaluu ishee Humni Elektirikii Itoophiyaa beeksiseera.

Waliigalteen dhiyeessii humna elektirikii biyyoota lamaanii erga mallattaa'ee ji'oota muraasa lakkoofsisuu kan himan daarektarri Qajeelcha Korporeet Kominikeeshinii Obbo Mogos Mokonnin, Sararri daddabarsaa humna meeggaa waattii kuma lama gama Itoophiyaan ijaaramee jira jedhaniiru.

Sararichaan amma kan darbaa  jiru meeggaa waattii 200 ta’uu eeruun, sararri kun ijaarsi dabalataa osoo hin raawwatamin humna dabalataa dabarsuu akka danda’u ibsaniiru.

Yaalichi adeemsarra jira kan jedhan Obbo Mogas, gurgurtaan humna elektirikii ifatti hanga ammaatti akka eegalamne dubbataniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Itoophiyaatti Kaffaltoonni gibiraa kuma 46 gibira hin kafalan - MM Abiy Ahmad

Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Adoolessa 03, 2025 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaaffii dhiyaateef wayita deebii laatan Itoophiyaa keessatti kaffaltoonni gibiraa kuma 46 ta’an sababoota garagaraan gibira akka hin kaffalle dubbatan.

Gama qaala’insa jireenyaa biyyattii ilaalchisee fooyya’insa diinagdee maakroo hojiirra oolaa jiruun walqabatee hawaasa galii gadi aanaa qabu irratti gibirri baay’achuu fi dhiibbaan uumamuu miseensota mana marichaa irraa gaaffii ka’eera.

MM Abiy deebii kennaniin, hawaasa galii gadi aanaa argatu irratti dhiibbaan uumamuu akka hin oolle amanuun, dhiibbaa kana salphisuufis mootummaan tumsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Haata’u malee namoonni humna otoo qabanii sababoota garagaraa eeruun gibira hin kaffalle jiraachuus kaasaniiru.

“Itoophiyaa keessa kaffaltoonni gibiraa kuma 46 gibira hin kaffalan” kan jedhan MM Abiy, namoota hayyama daldalaa erga argataniin booda gibira kaffaluuf dirqama qaban keessaa kanneen sirnaan kaffalan dhibbeentaa 37 qofa ta’uu dubbataniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee Doolaara biiliyoona 1 mallatteessan

Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyye'iinsa diinagdee tumsuudhaaf waliigaltee deeggarsa Doolaara biiliyoona 1 mallatteessaniiru. Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Baankii Addunyaatti Daayrekterri damee Itoophiyaa Maariyaam Saaliim mallatteessan.

Deeggarsi maallaqaa kun Baankiin Addunyaa fooyye'iinsaa diingadee Itoophiyaa tumsuuf murannoo qabaachuu agarsiiftuu ta'uu himameera.

Baankiin Addunyaa fooyya'iinsaa Diinagdee Itoophiyaa tumsuuf sagantaalee hojiirra oolchu keessaa deeggarsi maallaqaa fi yeroo turtii liqaa dheereessuun isaan tokko ta’uu eerameera.

Damee faayinaansii tasgabbeessuu, dorgomtummaa daldalaa guddisuu, tajaajiloota hawaasummaa waaraan mirkaneessuu fi kanneen biroon dhimmoota ijoo akka ta’e ministeerichi ibseera. #AS

@tikvahethafaanoromoo
Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa badhaasa Artist Andu'alam Gosaaf kenne haqeera.

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa ''eeruu fi yaada uummata irraa argameen'' badhaasni Artiist Andu'aalam Gosaaf kenname ''dogoggora'' jechuun haquusaa ibsa miidiyaa hawaasa irratti har'a Waxabajjii 28, 2017 baaseen beeksiseera.

Faawundeshinichi ibsa isaa keessatti sirna badhaasaan dura dhimma Andu'aalam hordofaa kan ture himuun xalayaa 'seera qabeessa' qaama dhimmicha qoraturraa argateen badhaasicha kennuuf akka murteesse himeera.

Haa tahu malee badhaasicha hordofee ''eeruu fi yaada uummata irraa argame irratti hundaa'uun ''murteen keenya dogoggora akka ture boordi faawundeshinichaan mirkanaa'eera,'' jedhe.

Artist Andu'aalam Gosaa kaadhimaansaa Qananii Addunyaa du'uu hordofee shakkamee ji'oota sadiif mana hidhaa erga tureen booda abbaan alangaa himannaa waan irratti hin banneef wabiin baatii tokko dura mana hidhaatii gadhiifamuun isa ni yaadatama.

Badhaafamuun artistii Andu'aalem miidiyaa hawaasaa irratti jalqaba torbee kanarraa jalqabee falmii guddaa kaasee jira.

Gareeleen ''hojiisaatu badhaafame'' jechuun falman kan jiran yoo tahu, kaan ammoo nama ajjeechaa kaadhimaasaan shakkamee ture badhaasuu mormaniiru.

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa 'dogoggora uumameef uummta keenya dhiifama gaafachaa badhaasni Andu'aalamiif kenname ture kan haqame ibsina,'' jedheera.

@tikvahethafaanoromoo
🇵🇸🇵🇸 Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 190 ol Filisxeem biyya walabaa ta'uushee beekamtii kennaniiru.

Biyyoota addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)dhaan beekamtii qaban 193 keessaa Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 143 Filisxeem biyya walabaa ta'uusheef ifatti beekamtii kennaniiru.

Biyyoonni Afrikaa, Baha Giddu Galeessaafi Eshiyaa hedduunsaanii Filisxeemiif beekamtii kennaniiru.

US dabalatee biyyoonni akka UK, Faransaayi, Kanaadaa, Jarman, Awustiraaliyaa, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaafi biyyoonni Awurooppaa hedduunsaanii garuu Filisxeem biyya walabaa ta'uusheef beekamtii hin kennine.

Haata'u garuu, Caamsaa 23, 2024, biyyoonni Awurooppa sadi: Ispeen, Ayirlaandiifi Noorweey waliin ta'uun ibsa kennaniin Filisxeemiif ifatti beekamtii kennaniiru. Kunis wal-dhabdee Israa'elifi Filisxeem jaarraa ol ta'eef furmaanni Filisxeem biyya walabaa of dandeesse yoo taate qofaadha kan jedhuuni.

Biyyoonni Awurooppaa sadan waliin ta'uun biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu hordofee Israa'el ambasaaddarootashee Ispeen, Ayirlaandifi Noorweey irraa gara biyyaatti waamuun ishee kan yaadatamuudha. #BBC

@tikvahethafaanoromoo
2025/07/06 05:23:57
Back to Top
HTML Embed Code: