#Gaara_Saannatee
Gaarri Saannatee kan karaan konkolaataa keessa qaxxaamuru ta'uu isaatiin Afrikaa irraa kan jalqabaa akka isa taasisu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii oromiyaa ibseera.
Itoophiyaa keessatti olka'iinsaan sadarkaa 2ffaa irratti argama.
Qaama Paarkii Gaarreewwan Baalee keessaa tokko kan ta'e Saannateen lafa olka'iinsi isaa m3100 - 4377 gidduutti kan argamuudha.
Saannateen kan argamu Naannoo Oromiyaa, Godina Baalee Aanaa Goobbaatti yoo ta'u, Finfinnee irraa fageenya km 462, Magaalaa Godina Baalee Roobee irraa km 32 fi Magaalaa Aanichaa Goobbaa irraa km17 irratti argama.
Haalli qilleensa Saannatee baay'ee diilalla'aa kan ta'eefi mukeen gaggabaaboo 'Saatoo' jedhamuufi marga adda addaan haguuggamee jira.
Gola Saannatee keessa bineensota biyya keenya qofatti argamtu Jeedala Diimtuu dabalatee Tuqaa Guddaa akkasumas sanyii biqiltootaafi allattiiwwanii hedduu keessatti argamu.
Gaara Saannatee keessa karaan Magaalaa Goobbaa gara Magaalaa Dalloo Mannaa deemu jidduu qaxxaamuree darba.
Saannateen lafa olka'iinsa M4100 qabu kan karaan konkolaataa keessa qaxxaamuru ta'uu isaatiinis Afrikaa irraa kan jalqabaa taasisaan.
Uumaa addaa, kennaa waaqaa kana irra dhiibbaa nam-tolcheen miidhaan irra gahaa jiru harka akka hin kennachiifneef ni sodaatama.
Akka waliigalaatti Saannatees dabalatee paarkii biyyoolessa gaarreen Baalee kan heddumina lubbuu qabeeyyii biqilootaafi bineensotaan hangafa ta'e kun dhamaatii Mootummaa Naannoon Oromiyaa, Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa, qaamolee qooda fudhattoota sadarkaa federaalaatii hanga caasaa gadii taasifameen bara darbe karaa milkaawaa ta'een UNESCOtti galmaahuu danda'ee jira.
(Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa)
@tikvahethafaanoromoo

π59π7β€4π₯4π₯°2
Poolisiin Finfinnee safuu hawaasaa cabsuun Miliyoon Dirribaa to'achuu ibse
Poolisiin Magaalaa Finfinnee ''nama qabiyyeewwan aadaa, amantaa fi duudhaa Itoophiyaatiin faallaa ta'an miidiyaa hawaasaarratti qoodaa ture'' Miliyoon Dirribbaa toa'chuu beeksise.
Nama kana ''to'annoo jala oolchuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jira'' jedha ibsi Poolisii galgala kana bahe.
''Namni Miliyoon Dirribaa jedhamu viidiyoowwan miidiyaalee hawaasaa adda addaarratti gadhiisu namoota hedduu biraa dheekkamsa kaasaa ture'' jedha ibsichi.
Himannaa namoonni kaasaniin cinaatti seera yakkaa Itoophiyaan gochaan faallaa amala gaarii yakkaan nama gaafachiisa jedha Poolisiin.
Poolisiin Finfinnee qabiyyeewwan Miliyoon gadhiise keessa kan dhiyoo paantii dubartootaafi qabduu harmaan mul'ate kabaja dubartootaa kan tuquufi safuu kan cabsee waan ta'eef to'annoo jala olfamee qoratamaa jira jedha.
Viidiyoowwan miidiyaalee adda addaarratti gadhiifaman duudhaa hawaasaa kan sarban ta'aa dhufaniiru jechuun namoota viidiyoolee akkasii gadhiisan irratti tarkaanfii fudhachuun akka itti fufu ibseera.

π74β€52π17π₯°6π₯3
Mootummaan Ameerikaa Imbaasiiwwan 10 cufuuf karoorfachuu ibsame
Bulchiinsi Doonaald Tiraamp Imbaasiiwwan Ameerikaa Eertiraa fi Sudaan_Kibbaa argaman dabalatee Imbaasiiwwan 10 cufuuf karoorfachuu isaa ibsameera.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa imbaasiiwwan kanaan alatti qoonsilaawwan 17 cufuuf karoorfachuu isaa Niiw Yoork Taayims yaadannoo bulchiinsichaa arge wabeeffachuun gabaaseera.
Bulchiinsi Traamp imbaasiiwwan biyyoota akka cufaman karoorfate keessa argaman kana hojiiwwan hojjechaa jiran imbaasiiwwan biyyoota ollaatti argaman keessa raawwachuuf karoorsuu ibsameera.
Imbaasiiwwanii fi Qoonsilaawwan kunneen cufamuun qaama tarkaanfii bulchiinsi Tiraamp baajata mootummaa federaalaa hir'isuuf fudhachaa jiru ta'uu himameera.
Imbaasiiwwan bulchiinsi Tiraamp cufu kudhan keessaa jaha Afrikaa keessa akka argaman beeksiseera. #AS

π40β€2π₯°2
Dhimmaa Hijaaba Barattoota Muslimaa Dubaraa
Ministeerri Barnootaa Prof. Birhaanu Naggaa damee barnootaatti raawwii jiβoota sagal M/M/B/U tti dhiyaachuun ibsa kennuun isaani ni yaadatama.
Miseensonni mana maree barattonni dubara musliimaa biyya keessatti naannoo adda addaattii rakkoon akka isaan mudataaru kaasaniiru.
Godina Guraagee magaalaa Gunchureetti, Naannoo Tigraay magaalaa Aksuumitti akkasumas Yunivarsitii Dillaatti hijaabaan walqabatee rakkoon uumamuu kan kaasan miseensonni, dhimmicha irratti mootummaan furmaata waaraa qabu akka kaa'u gaafataniiru.
Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanu Naggaa maal jedhan?
"Seerotaa fi dambiiwwan Itoophiyaa: Seerri dhimma kana irratti bahe hijaaba uffatanii barachuu seerri Itoophiyaa dhorgu hin jiru. Sababa hjjaabatin, Eennulle hijaaba uffatte jedhe mana barumsaa irraa dhorguu hin danda'u."
"Niqaabni garuu adda. Mana barumsaa daa'immani fi Ijoolleen bakka jiranitti fuulli nama tokkoo haguugamee yoo seenu sodaa nageenyaa(Security risk) qaba."
"Namoota Majilisaa waliin teenyee, mari'annee waliigalleerraa. Niqaaba irratti seera jijjirsiisu yoo irra jiraatee paarlaamaa fiduun jijjirsisuudha malee yeroo hunda dhimma godhatanii sababa walitti bu'iimsaa ta'uu hin qabu. Seerribamma jiru garuu hijaabni sababa kamiinu, iddoo kamittuu dhorgamuu hin qabu."
"Miidiyaa waliin walitti qabamnee jirra, Naayilii keessattis akka mari'atamne ni amanna." "Seerri amma jiru HJJB bakka kamittiyyuu hojjechuu hin qabu." jedhaniiru.
@tikvahethafaanoromoo @tikvahorobot

π33β€7π2
TIKVAH AFAAN OROMOO
#Update Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee erga to'atamee guyyaa lama booda mana murtiitti dhihaate. Abukaatoon isaa Obbo Liban Abdii BBC'tti akka himanitti, poolisiitu Andu'aalam mana murtii federaalaa dhaddacha Araadaattiβ¦
Du'a Qananii Addunyaa ilaalchisee miidiyaaleen dhaddacha seenanii akka hin gabaasne Manni Murtii Federaalaa dhorke.
Galmeen saaqamee daqiiqaawwan muraasa booda miidiyaaleen dhaddacha gadi dhiisanii akka bahan taasifameera.
Manni Murtii Federaalaa Jalqabaa Ramaddii Araadaatti dhaddachi beellama yeroo tokkoffaa du'a jaalallee weellisaa Andu'aalam Gosaa shamarree Qananii Addunyaan walqabatee miidiyaaleen dhaddacha seenanii akka hingabaasne dhorke.
Manni Murtichaa bu'aa qorannoo Poolisii dhaggeeffachuuf har'atti beellamee kan ture yemmuu ta'u, akkuma dhaddachi eegaleen Poolisiin miidiyaaleen dhaddacharraa naaf yaa ittifaman jechuun iyyateera.
Miidiyaaleen odeeffannoo sobaa tamsaasuun adeemsa qorannoorratti dhiibbaa geesisaa jiru kan jedhe Qorataan Poolisii, hawaasni ilaalcha dogongoraa akka qabaatu taasisaa jiru jedheera.
Kanaafis miidiyaaleen dhaddacha akka hinseenne manni murtichaa jala murtii akka kennu gaafataniiru.
Iyyata Poolisiin dhiyeesseen akka waliigalan mana murtichaatti kan himan abukaatoon weellisaa Andu'aalam Gosaa, miidiyaaleen odeeffannoo dhaddacha keessatti hindubbatamne gabaasuun shakkamaa, maatii shakkamaafii isaanirratti dhiibbaa kan qabu ta'uu himan.
Akka fakkeenyaattis odeeffannoowwan 'shakkamaan koonsartii akka dhiyeessuuf mirgi wabii yaa eegamuuf akkasumas abukaatoon shakkamaa yaadannoon guyyuu miidhamtuu (Qananii Addunyaa) harkakoo jira jedheera' jedhan kaasan.
Yaada poolisiifii abukaatoo kan dhaggeeffate manni murtichaa, dhaddachawaan kanaan dura turanirratti miidiyaaleen karaa sirriifii madaalawaa ta'een akka gabaasan ajaja dabarsuusaa yaadachiise.
Itti aansuunis miidiyaaleen adeemsa qorannoofii dhaddachaarratti dhiibbaa geesisaa jiru jechuun dhaddachi miidiyaaleef cufaa ta'ee akka adeemsifamu jalamurtii dabarseera.
Miidiyaaleen dhaddacha keessa turanis galmeen ilaalamee osoo hinxummuramin dhaddacha dhiisanii akka gadi bahan ajajeera. WTV

π54β€5π5π2
Baga Ayyaana yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoosin Isin Gahe!!
Guyyaan har'aa yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoos hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.
Baga Geessan!
@tikvahethafaanoromoo
Guyyaan har'aa yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoos hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.
Baga Geessan!
@tikvahethafaanoromoo
β€64π25π₯°2
Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun Madfiin yeroo 9 ni dhukaafama jedhame.
Ayyaana Faasikaa guyyaa borii kabajamu sababeeffachuun Madfiin yeroo 9 halkan keessaa saβaatii 9 irratti akka dhukaafamu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera. #EBC
@tikvahethafaanoromoo
Ayyaana Faasikaa guyyaa borii kabajamu sababeeffachuun Madfiin yeroo 9 halkan keessaa saβaatii 9 irratti akka dhukaafamu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera. #EBC
@tikvahethafaanoromoo
π56π7π3
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Baga ayyaana Faasikaa geettan
Ayyaanni kun kan jaalalaa, tokkummaafi milkii isiniif haata'u
Ayyaana Gaarii!!
@tikvahethafaanoromoo
Ayyaanni kun kan jaalalaa, tokkummaafi milkii isiniif haata'u
Ayyaana Gaarii!!
@tikvahethafaanoromoo
π26β€12π₯°4π4
TIKVAH AFAAN OROMOO
Jeneraal Taddasaa Warradaan Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay taβuun muudamanii jiru. Jeneraal Taddasaa Warradaan waggoota lamaan darban itti aanaa bulchiinsa yeroo fi hogganaa sekeetara kaabinee nageenyaa fi Tasgabbii ta'uun tajaajilanii jiru.β¦
#Tigraay
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Waradaa caasaan kaabineen bulchiinsa bifa haaraan ijaarame hojii eegaaluu himaniiru.
Lakkoofsa Kaabinee Geetaachoo Raddaan durfamaa ture 27 irraa gara 21tti hir'isuun, itti aanaa 2 kan ture gara 1 tti kan hir'isan Pirezidaantichi hanga ammaatti itti aanaan isaani eennu akka ta'e ifa hin goone.
Haa ta'u malee, miseensa kaabinee humna TPLF DabraTsiyoonii caala laakkoofsa bal'aa akka qaban himameera.
Ittin aanaan isaanii hayyuu seeraa fi itti aanaa TPLF kan ta'an obbo Amaani'eel Asaffaa muuduu isaani namoonni dhimmichatti dhiyoo jiran bareessaa jiru.
Gariin isaanii: "Pireezdaantiin bulchiinsa yeroo haaraan kun gaafii jijjirama dargaggoota deebisuu of keessatti hin hammanne" jechuun komii dhiyeessa jiru.
Pirezidaanti Jeneraal Taaddasaa Waradaa ibsa kaabineen bulchiinsa haaraa hojii eegaluu kennaniin "Tigraay xaxama polotikaa moo'ataa fi moo'atamaa keessa jirtu irraa bahuu hin dandeettu" jedhaniiru.
"Pireezidaantiin duraanii Obbo Geetaachoo fi hoggantoonni hoggansa duraa waltajjiin galateeffanna fulduratti waan qophaa'uuf akka irratti argaman waamicha godhaniiru.
Gama biraatiin, Jeneraal Taaddasaa Waradaa Cinqaa buqqaatonni bara kana hojiin qe'ee isaanitti deebisuun ni jiraata jedhaniiru. Kanneen kaambii keessa turan ammoo haalli jireenya isaani ni fooyyeeffama jedhaniiru.

π51β€4π’3π1
#MoE #ExitExam
Qormaata bahiinsaa digrii jalqabaa ji'a Waxabajjii 2017 kennamuuf irra deebiin qoramuuf barattoonnii fedhii qabdan galmeen Ebla14-Caamsaa 05 2017tti kan gaggeeffamu ta'uu ministeerri barnootaa ibseera.
Galmaa'uuf πhttps://exam.ethernet.edu.et
Qormaaticha fudhatuuf waraqaa eenyummaa biyyaalessaa(Faayidaa) qabachuun dirqama dha.
Kanaaf kaffaltii galmee Birrii 500.00 karaa "Tele Birr" qofaan kaffaluun galmaa'uu akka dandeessan Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Note:- Email Fi Username Keessan galmeen booda karaa poortala keessaniin kan ergamu ta'a.

π27β€12π7π₯°2
Godina Arsii lixaatti himatamtuun yakka ajjeechaa sukkaneessaa raawwattee hidhaa cimaan adabamte.
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Arsii Lixaa Himatamtuu Lalisee Dhaabaa Dheeressaa jedhamtu yakka Ajjeecha Sukkaneessaa Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaala Nageellee Arsii Ganda Qarsaa Majaatti rawwatte hidhaa cimaan adabeera.
Himatamtuun tunis nama dhuunfaa maqaan isaa Diribaa Ijjiguu jedhamu yeroo Miseensa Poolisii Humna Addaa Oromiyaa turanitti hiriiyaa ishee kan ture maallaqa narraa liqeeffate naaf kennuu dide jechuun, haaloodhan gaafa guyyaa 26/02/2017 ganama keessa tilmamaan saβatii 3:00 yommuu ta'u mana abbeeraa isheetti waamuudhaan cuubeedhaan morma irraa waaranuudhaan erga inni kufee booda gajaraadhaan mataa fi iddoo adda addaa itti deddeebitee rukutuun haala garajabina adda qabuu fi Sukkaneessaa taβeen waan ajjeesteef Yakka Ajjeechaa Nama Cimaa Rawwatteen himatamtee jirti.
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Arsii Lixaas, galmee himannaa dhiyaate erga qorachaa tureen booda, dhaddacha gaafa Guyyaa 9/08/2017 ooleen Murtii adabbii hidhaa cimaa Umrii Guutuun adabeera.
Hawaasni yakka akka kanaa irraa of yaa qusanuun dhaamsa keenya.

π68β€9π’6