Telegram Web Link
'Sadarkaa hammaataarra gahuu dura atattamaan falli haa kennamu' - Waldaa Hakiimota Itoophiyaa

Waldaan Hakiimota Itoophiyaa duula ogeeyyiin fayyaa gaggeeessaa jiran ilaalchisuun ibsa baaseen ogeeyyiin fayyaa hidhaman akka gadhiifamanii hojii idileetti deebi'an gaafate.

Waldichi ogeeyyiin hangamii duula kanaan walqabatee akka hidhaman hin ibsine. Gama kaaniin lagannaa hojiin walqabatee hojjettoonni fayyaa 80 tti dhiyaatan hidhamuu qindeessitoonni duula ogeeyyii fayyaa guyyoota muraasa dura BBCtti himanii turan.

Kanneen hidhaman jiraachuu kan himan qindeessitoonni BBC'n qaama walabaa irraa lakkoofsi kun dhugaa tahuu hin mirkaneessine.

Waldaan Hakiimota Itoophiyaa ibsa miidiyaa hawaasaarratti maxxansee keessatti gaaffii ogeeyyiin mindaan xiqqaachuu, fayidaan ogeeyyiin argachuu qaban akka eegamuu fi bakki hojii akka mijatuuf kaasan ''sirriidha'' jechuun deeggaree fala akka argachuu akka qabu gaafateera. #BBC

@Tikvahethafaanoromoo
👍542😢1
"Waraqaan Eenyummaa biyyoolessa yeroo ammaatti bu'aa kalaqaa qofa osoo hin taanee gara faayidaa bu'uura misooma hawaasaatti cee'ee jira":- M/M Dr.Abiy Ahimad

Itoophiyaan yeroo jalqabaaf kan qopheessitee fi Galmee eenyummaa diijitaalaa irratti kan xiyyeefate waltajjiin waggaa #Id4Africa jedhamu  har'a eegaleera.

Waltajjichi guyyaa 3 walitti aansuun Hoteela Iskaay-Laayititti gaggeeffama.

Baniinsa waltajjii irratti kan argaman mumichi ministeera Dr.Abiy Ahimad erga dabarsaniin Galmee waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaatiin hanga ammaatti lammiileen miliyoona 15 galmaa'uu beeksisaniiru.

"Faayidaan kaardii qofaa miti. Iccitii fi eenyummaa dhuunfaa eeguun kan barbaachisu qofa lakkoofsa kennuu dha " jechuun ibsaniiru.

Itti dabaluun "Waraqaan Eenyummaa biyyoolessa yeroo ammaatti bu'aa kalaqaa qofa osoo hin taanee gara faayidaa bu'uura misooma hawaasaatti cee'ee jira" jechuun tajaajila hedduuf balbala kan bane ta'uu kaasaniiru.

Waltajjichi har'a dabalatee guyyaa sadiif kan turu ta'a.

@tikvahethafaanoromoo
👍24👎134
"Imaltoota dhuunfaatiif jijjiirraan maallaqa alaa heyyamamu gara doolara kuma 10, imaltoota hojii daldalaaf ammoo gara doolara miliyoona 15 ol guddateera":- Baankii Biyyoolessa

Imaltoota gara biyya alaaf jijjiirraan maallaqa alaa ol guddatuu  isaa baankiin biyyoolessa ibseera.

Baankichis " imaltoota biyya alaaf haala mijataa uumuuf jecha itoophiyaanota gara alaa imalaniif mallaqni alaa heyyamamu akka dabalamuu taasiseera" jechuun ibseera.

Daangaa haaraadhaan imaltoota dhuunfaatiif kan heyyamamu jijjiirraa alaa gara doolara miliyoona 10tti fi imaltoota hojii daldalaaf doolaara miliyoona 15tti ol guddateera.

Jijjiirraa alaa kanas maallaqa dheedhiin yookaan kaardiin fudhachuun akka danda'amus ibsameera.

@TikvahEthafaanOromoo
👍324👏3
Manni Maree Ministirotaa walgahii Idilee 45'ffaa har'a taa'een murtoowwan garaa garaa dabarseera.

Manni Marichaa jalqaba irratti Wixinee labsii Bulchiinsaafi tajaajila qonnaa Ekisteenshii irratti mari’ate.

Itiyoophiyaatti waggoota darban tajaajilli ekisteenshinii qonnaa mootummaa qofaan kennamaa ture.

Fedhiin damichaa guddachaa dhufuun hojimaata dhaabbilee mit-mootummaa, damee dhuunfaa,waldaalee hojii gamtaafi waldaalee ogummaa hirmaachisuun kan dandeessisu diriirsuun ni barbaachisa.

Manni marichaa wixinee baherratti erga irratti mari’ateen booda mana maree bakka bu’oota Ummataatiif akka dhiyaatu sagalee guutuun murteesseera. #OBN

@tikvahethafaanoromoo
👍30👎21
#Ogeessota_fayyaa

"Guutuun guututti hojii dhaabaniiru, ogeessonni muraasni qofa hospitaalicha keessa jiru, hojiin dhaabateera jechuun ni danda'ama":- Hojjattoota Hospitaala Ispeeshalizdii Rifaraala Walaayita Soddoo

"Ogeessota Rezidantiin ala ogeessonni fayyaa biroo hojii irra jiru":- Daarektara Hospitaalicha

Ogeessonni fayyaa Hospitaala Ispeeshalizdii Rifaraala Walaayita Sooddoo yaada Tikvah Itoophiyaaf kennaniin rakkoo biyyalessaa tibbana kana jiruun walqabatee hojjattoonni Rezidantii hojii waan dhaabaniif sadarkaa guutuun guututti jedhamuun tajaajilli hospitaalicha guyyaa kaleessa irraa eegalee adda cituu isaa hubachiisaniiru.

Hospitaalichi guyyatti hawaasa lakkoofsa guddaa qabuuf tajaajila kennaa akka ture kan ibsan yoo ta'u, guyyaa kaleessa kibxata irraa garuu haakimonni ispeeshalitii hojii dhaabuu isaaniitiin fayyadamtoonni dhufaa deebi'aa jiraachu himaniiru.

Tikvah Itoophiyaanis dhimmichan walqabatee Daarektara olaanaa hospitaalicha Dr. Wakiil Waldee kan dubbise yoo ta'u, "Rezidantoota irraa kan hafe hospitaalli tajaajila kennaa jira" jedhaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
👍72👎43👏2
"Ogeessota fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorataa jira" :- Poolisii Federaala

Poolisiin Federaalaa sochii ogeeyiin fayyaa dhimmaa mindaa fi faayidaa ilaalchisuun tibbana taasisa turan hordofee ogeeyyii fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu isaa ibsa har'a baaseen beeksiseera.

Akka ibsa Poolisiitti ogeeyyonni to'ataman kanneen ''gaaffii mirgaa ogeeyyiin fayyaa kaasan dahoo godhachuun, humnoota biyyatti keessatti jeequmsa uumuuf hojjetan waliin ta'uun, lagannaa hojii seeraan alaa gaggeessuun, damee fayyaa keessatti jeequmsa uumuun, lubbuu dhukkubsattootaa balaadhaaf saaxiluudhaan shakkaman.''

Shakkamtoonni kunneen gaaffii mindaa fi faayidaa ogeeyyiin fayyaa kaasan jala dhokachuun lagannaa seeraan alaa eegaluu, warri kaanis duula hojii dhaabuu akka taasisan kakaasuun, dhukkubsattootni du'aafi balaadhaaf saaxiluudhaan, hokkorrii fi jeekumsi akka ka'u taasisuun shakkamanii jedha ibsichi.

Shakkamtoonni kunneen dhaabbilee fayyaa garaa garaa keessatti qaamolee hokkora hojii dhaabuu uuman uumuun, qaamolee ogeeyyii fayyaa hin taane gaawonii adii uffisuun mooraa hospitaalaa keessa seenanii jeequmsa akka kaasan godhaniiru jedhe.

Dabalataan holola hin taane afarsuun adeemsa tajaajila fayyaa gufachiisuun lubbuu namoota tajaajilli wal'aansaa isaan barbaachisu balaarra buusuun, dhaabbilee mootummaa tajaajilli wal'aansaafi barnootaa kennamu keessatti adeemsa baruufi barsiisuu danquus kaaseera.

@tikvahethafaanoromoo
👎20👍184
2025/07/09 18:28:03
Back to Top
HTML Embed Code: