"Waraqaan Eenyummaa biyyoolessa yeroo ammaatti bu'aa kalaqaa qofa osoo hin taanee gara faayidaa bu'uura misooma hawaasaatti cee'ee jira":- M/M Dr.Abiy Ahimad
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf kan qopheessitee fi Galmee eenyummaa diijitaalaa irratti kan xiyyeefate waltajjiin waggaa #Id4Africa jedhamu har'a eegaleera.
Waltajjichi guyyaa 3 walitti aansuun Hoteela Iskaay-Laayititti gaggeeffama.
Baniinsa waltajjii irratti kan argaman mumichi ministeera Dr.Abiy Ahimad erga dabarsaniin Galmee waraqaa eenyummaa diijitaalaa Faayidaatiin hanga ammaatti lammiileen miliyoona 15 galmaa'uu beeksisaniiru.
"Faayidaan kaardii qofaa miti. Iccitii fi eenyummaa dhuunfaa eeguun kan barbaachisu qofa lakkoofsa kennuu dha " jechuun ibsaniiru.
Itti dabaluun "Waraqaan Eenyummaa biyyoolessa yeroo ammaatti bu'aa kalaqaa qofa osoo hin taanee gara faayidaa bu'uura misooma hawaasaatti cee'ee jira" jechuun tajaajila hedduuf balbala kan bane ta'uu kaasaniiru.
Waltajjichi har'a dabalatee guyyaa sadiif kan turu ta'a.
@tikvahethafaanoromoo

"Imaltoota dhuunfaatiif jijjiirraan maallaqa alaa heyyamamu gara doolara kuma 10, imaltoota hojii daldalaaf ammoo gara doolara miliyoona 15 ol guddateera":- Baankii Biyyoolessa
Imaltoota gara biyya alaaf jijjiirraan maallaqa alaa ol guddatuu isaa baankiin biyyoolessa ibseera.
Baankichis " imaltoota biyya alaaf haala mijataa uumuuf jecha itoophiyaanota gara alaa imalaniif mallaqni alaa heyyamamu akka dabalamuu taasiseera" jechuun ibseera.
Daangaa haaraadhaan imaltoota dhuunfaatiif kan heyyamamu jijjiirraa alaa gara doolara miliyoona 10tti fi imaltoota hojii daldalaaf doolaara miliyoona 15tti ol guddateera.
Jijjiirraa alaa kanas maallaqa dheedhiin yookaan kaardiin fudhachuun akka danda'amus ibsameera.
@TikvahEthafaanOromoo

Manni Maree Ministirotaa walgahii Idilee 45'ffaa har'a taa'een murtoowwan garaa garaa dabarseera.
Manni Marichaa jalqaba irratti Wixinee labsii Bulchiinsaafi tajaajila qonnaa Ekisteenshii irratti mari’ate.
Itiyoophiyaatti waggoota darban tajaajilli ekisteenshinii qonnaa mootummaa qofaan kennamaa ture.
Fedhiin damichaa guddachaa dhufuun hojimaata dhaabbilee mit-mootummaa, damee dhuunfaa,waldaalee hojii gamtaafi waldaalee ogummaa hirmaachisuun kan dandeessisu diriirsuun ni barbaachisa.
Manni marichaa wixinee baherratti erga irratti mari’ateen booda mana maree bakka bu’oota Ummataatiif akka dhiyaatu sagalee guutuun murteesseera. #OBN

#Ogeessota_fayyaa
"Guutuun guututti hojii dhaabaniiru, ogeessonni muraasni qofa hospitaalicha keessa jiru, hojiin dhaabateera jechuun ni danda'ama":- Hojjattoota Hospitaala Ispeeshalizdii Rifaraala Walaayita Soddoo
"Ogeessota Rezidantiin ala ogeessonni fayyaa biroo hojii irra jiru":- Daarektara Hospitaalicha
Ogeessonni fayyaa Hospitaala Ispeeshalizdii Rifaraala Walaayita Sooddoo yaada Tikvah Itoophiyaaf kennaniin rakkoo biyyalessaa tibbana kana jiruun walqabatee hojjattoonni Rezidantii hojii waan dhaabaniif sadarkaa guutuun guututti jedhamuun tajaajilli hospitaalicha guyyaa kaleessa irraa eegalee adda cituu isaa hubachiisaniiru.
Hospitaalichi guyyatti hawaasa lakkoofsa guddaa qabuuf tajaajila kennaa akka ture kan ibsan yoo ta'u, guyyaa kaleessa kibxata irraa garuu haakimonni ispeeshalitii hojii dhaabuu isaaniitiin fayyadamtoonni dhufaa deebi'aa jiraachu himaniiru.
Tikvah Itoophiyaanis dhimmichan walqabatee Daarektara olaanaa hospitaalicha Dr. Wakiil Waldee kan dubbise yoo ta'u, "Rezidantoota irraa kan hafe hospitaalli tajaajila kennaa jira" jedhaniiru.

"Ogeessota fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorataa jira" :- Poolisii Federaala
Poolisiin Federaalaa sochii ogeeyiin fayyaa dhimmaa mindaa fi faayidaa ilaalchisuun tibbana taasisa turan hordofee ogeeyyii fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu isaa ibsa har'a baaseen beeksiseera.
Akka ibsa Poolisiitti ogeeyyonni to'ataman kanneen ''gaaffii mirgaa ogeeyyiin fayyaa kaasan dahoo godhachuun, humnoota biyyatti keessatti jeequmsa uumuuf hojjetan waliin ta'uun, lagannaa hojii seeraan alaa gaggeessuun, damee fayyaa keessatti jeequmsa uumuun, lubbuu dhukkubsattootaa balaadhaaf saaxiluudhaan shakkaman.''
Shakkamtoonni kunneen gaaffii mindaa fi faayidaa ogeeyyiin fayyaa kaasan jala dhokachuun lagannaa seeraan alaa eegaluu, warri kaanis duula hojii dhaabuu akka taasisan kakaasuun, dhukkubsattootni du'aafi balaadhaaf saaxiluudhaan, hokkorrii fi jeekumsi akka ka'u taasisuun shakkamanii jedha ibsichi.
Shakkamtoonni kunneen dhaabbilee fayyaa garaa garaa keessatti qaamolee hokkora hojii dhaabuu uuman uumuun, qaamolee ogeeyyii fayyaa hin taane gaawonii adii uffisuun mooraa hospitaalaa keessa seenanii jeequmsa akka kaasan godhaniiru jedhe.
Dabalataan holola hin taane afarsuun adeemsa tajaajila fayyaa gufachiisuun lubbuu namoota tajaajilli wal'aansaa isaan barbaachisu balaarra buusuun, dhaabbilee mootummaa tajaajilli wal'aansaafi barnootaa kennamu keessatti adeemsa baruufi barsiisuu danquus kaaseera.

Yaa’iin Qulqulluu Sinodosii walgahii har’a gaggeeffameen murtee dabarseera.
Yaa’iin Qulqulluu Sinodosii walgahii guyyaa har’aa gaggeesseen Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos, barreessaa olaanaa qulqulluu Sinodoosi fi Eebbifamoo Abuna Saawiroosin hojii gaggeessaa olaanaa Mana Lubummaa Waliigalaa Waajjira Paatriyaarkii gochuun muudeera.
Dabalataanis:-
🏁 Eebbifamoo Abuna Hiriyaaqoos, Angafa Phaaphaasii Biyya Lallabaa Magaalaa Finfinnee
🏁 Eebbifamoo Abuna Naatii naa’eel kan Koloraado, Angafa Phaaphaasii Kawaalota Biyya Iyeerusaalem Qulqulleetti
🏁 Eebbifamoo Abuna Naatiinaa'eel Minnesoota akkuma qabatanitti dabalatan Biyya Lallaba Koloraado akka hooggananuu.
🏁 Eebbifamoo Abuna Heenook Angafa Phaaphaasii Biyyaa Lallabaa Afriikaa Kibbaa.
🏁 Eebbifamoo Abuna Inbaaqom Angafaa Phaaphaasii Qajeelchaa Kawaalota .
🏁 Eebbifamoo Abuna Muusee Angafaa Phaaphaasii Awuustiraliyaa akkumaa qabatanitti dabalatan Kawaalaa Qulqulluu Gabri'eel Gibii fi Ba'aata Maariyaam akka hoogganan Murtee darbeera.
@tikvahethafaanoromoo
Yaa’iin Qulqulluu Sinodosii walgahii guyyaa har’aa gaggeesseen Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos, barreessaa olaanaa qulqulluu Sinodoosi fi Eebbifamoo Abuna Saawiroosin hojii gaggeessaa olaanaa Mana Lubummaa Waliigalaa Waajjira Paatriyaarkii gochuun muudeera.
Dabalataanis:-
@tikvahethafaanoromoo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Ameerikaan Maal jette?
➡️Faannoon gara kaayyoo qabatamaa fi nageenya waaraa qabatee haa dhufu
➡️Waraanni Bilisummaa Oromoo (OLA) walitti bu’iinsa oromiyaa keessa jiru dhaabuuf marii eegale itti haa fufu
➡️Mootummaan Federaala haleella diroonii uummata isaa irrattti taasisu hatattamaan haa dhaabu
Ameerikaan guyyaa har’aa Karaa imbaasi ishee Finfinnee jiruun hidhattootaa fi mootummaa federaalatif erga dabarsitee jirti.
Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa kan ta’an Ervin Maasingaa erga har’a dabarsaniin guutuu itoophiyaatti namoonni lakkofsi isaani miliyoonaan laakkawaman walitti bu’iinsa rakkoo hedduuf isaan saaxileef furmaanni nagaa fi sirrii ta’e akka isaaniif barbaadamuuf ergaa dabarsaniiru.
Ambaasaddarichis, humnoota hidhattootaa fi mootummaa Federaalaaf hawaasaaf dursa kennuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.
“Waraana dhaabuun, lammiilee buqqa’an gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gargaaruu, daa’imman gara mana barumsaatti akka deebi’anii fi dhaabbileen fayyaa tajaajila akka kennan gochuuf murteessa dha”. Jechuun hubachiisaniiru.
Ambaasaaddarichis erga isaaniitiin Faannoon gara kaayyoo qabatamaa fi nageenya waaraa akka deemu qabu , Waraanni Bilisummaa Oromoo (OLA) walitti bu’iinsa oromiyaa keessa jiru dhaabuuf marii eegale akka itti fufuu fi Mootummaan Federaala haleella diroonii uummata isaa irrattti taasisu hatattamaan akka dhaabu waamicha dhiyeessaniiru.