Telegram Web Link
Obbo Tasfaayee Niwaay Walitti qabaa Itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa ta’uun muudamaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 36ffaa gaggeessaa jiruun muudama hoggantoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa raggaasiseera.

Manni marichaa obbo Tasfaayee Niwaayiin Walitti qabaa Itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa taasisuun muudeera.

Dabalataanis obbo Takliit Yimsaliifi Aadde Nasiim Alii miseensota hoggansa hojii Boordichaa taasisuun moggaaseera.

@tikvahethafaanoromoo
Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaan Waxabajjii 22, 2017 gaggeeffama

Guyyaa Yaadannoo Wareegamuu waggaa 5ffaa fi Badhaasaa Haacaaluu Hundaassaa marsaa 4ffaa ilaalchisee Boordiin Faawundeeshinii Haacaaluu ibsa kenneera.

Faawundeeshinichi gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabameera jedhe boordichi.

Hojiileen kunneen ogeeyyii fi abbootii murtee kan calalaman ta’uu eerame.

Adeemsi filannoos % 90 ogeeyyiin, % 10 ammoo ummataan ta’uu boordichi ibsa kenneen himeera.

Badhaasni umurii guutuu fi addaas ni jiraata jedhe boordichi.

Sirboonni badhaasaaf dhiyaatan sirboota Bitootessa 22, 2016 hanga hanga Bitooteessa 21, 2017tti hojjetaman ta’u jedhame.

Har’aa eegalee kaadhimamtoonni miidiyaalee hawaasummaarratti waan dhiyaataniif ummanni sagalee akka kennu faawundeeshinichi waamicha dhiyeesseera.

@tikvahethafaanoromoo
#Israa'el #Iraan

Israa'el wiirtuuwwan niwukilaraafi buufatawwan waraanaarratti xiyyeeffachuun Iraan haleelte.

Haleellaa Israa'el kanaan saayinitistoonni niwukilaraa Iraan fi hogganaan Eegduu Warraaqsaa Iraan [Iran Revolutionary Guard] ajjeefamuun gabaafameera.

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun lammiileen Israa’el qajeelfama waraanaa akka hordofan dhaamaa jiru. Yeroo dheeraaf bakka dahoo qabu keessa turuu akka danda'anis dubbataniiru.

Netaaniyaahuun haleellaa Iraan irratti gaggeeffame ''baay'ee milkaa'aadha'' jechuunis ibsaniiru. Garuu Israa'el amma haleellaa deebii Iraan irraa dhufuu maluuf jecha labsii yeroo muddamaa keessa jirti.

Jiraattonni "bakka eegumsa qabu keessa turuu" fi "qajeelfama" aanga'ootaa akka hordofan itti himameera. #BBC

@tikvahethafaanoromoo
Tajaajilli wal’aansa yaala agartuu ijaa 315 milkaa’inaan raawwatame

Tajaajilli Baankii Dhiigaafi Seelii Itiyoophiyaa tajaajilli wal’aansa yaalaa agartuu ijaa 315 milkaa’inaan raawwatameera jedhe.

Sosochiin biyyaalessaa gumaacha dhiigaafi agartuu ijaa jajjabeessuurratti kaayyeffate guyyaa boruu ni gaggeeffama.

Itti aanaan Daayriktara Olaanaa Tajaajilichaa obbo Habtaamuu Taayyeen akka ibsanitti, tajaajila wal’aansa agartuu ijaa waliin gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Bara baajataa 2017’tti tajaajila wal’aansaa agartuu ijaa 315 kennamuufi namoonni 522 agartuu ijaa isaanii gumaachuuf waadaa seenuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Tajaajila wal’aansaa agartuu ijaa bakkeewwan hundatti waluun gahuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasuun, yeroo ammaa hospitaalota Jimmaa, Hawaasaa, Goondar fi Maqaleetti kennamaa jiraachuu eeraniiru. #TOI

@tikvahethafaanoromoo
Chaayinaan biyyoota Afrikaa 53 irraa galtee guutummaatti qaraxa irraa bilisa taasisuuf qophaa’aa akka jirtu beeksiftee jirti.

Beeksisni kun yaa’ii Chaayinaa fi Afrikaa irratti kan ba’e yoo ta’u, murteen kun lakkoofsi biyyoota Afrikaa kanaan dura 33 irraa fayyadamoo ta’an akka dabalu himama.

Akka BBC'n gabaasetti, Taayiwaan akka naannootti beekamtii kan kennite Eswatiniin carraa kanarraa kan fayyadamu qofa miti.

Michuu daldalaa guddittii Afrikaa kan taate Chaayinaan waggaa tokko dura meeshaalee doolaara biiliyoona 170 ol Afrikaa irraa galchite.

@tikvahethafaanoromoo
Dhukkuba Maariyyee Jaldeessaa (Mpox)

Dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa maali?

• Dhukkubni kun Vaayiresii "Mpox virus'
jedhamuun kan dhufuufi namarraa
namatti akkasumas beelladoota irraa gara namaatti kan daddarbudha.
Dhukkubni kun nama kamiyyuu miidhuu kan danda'udha.

Mallattooleen dhukkubichaa maal fa'i?
• Namni dhukkuba Kanaan qabame mallattoo agarsiisuuf guyyoota 5-21 fudhachuuu danda'a. Mallattooleen namoota dhukkuba kanaan qabaman irratti mullachuu dandayan :
• Gubaa qaamaa
• Dhukkubbii mataa
• Dhukkubbii dugdaa fi maashaa
• Dhita'uu xannachaa
• Miira Dadhaabbii/dadhabsiisuu
• Shiftoo qaamaa dhukkubbii cimaa qabu ta'ee ho'inni qaamaa eegalee guyyaa 1-3 keessatti fuulaa irraa eegalee gara kutaa qaamaa birootti
babal'achuu danda'a.

Karaaleen daddarba isaa akkamitti?
Dhukkubni maariyyee Jaldeessaa karaalee adda addaa daddarbuu danda'a. Isaanis:
• Nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqaatii taasifamu. Kunis dhangala'aa qaama keessaa ba'u tuttuquu, tuttuqaatii qaamaa taasifamu, harka wal-qabachuu, fi meeshaalee adda addaa fi huccuuwwan faalamaniin

• Haadharraa gara daa'imaatti yeroo ulfaa ykn dahumsa booda tuttuqaatii taasitamuun.
• Dhukkubichaan bineeldota qabaman waliin tuttuqaatii taasifamu jechuunis madaa keessaa dhangala'aa bahu tuquu fi foon sirriitti hin bilchaanne fayyadamuunis ni daddarba.

Dhukkuba maariyyee Jaldeessaa akkamitti ittisuu dandeenyaa?

• Namoota dhuukkubichaan qabaman yookiin shakkaman fi bineeldota dhukkubsatan tuttuquu dhiisuu fi irraa of eeggachuu,

• Tuttuuqaatiïin yoo uumame harka bishaanii fi saamunaan sirriitti dhiqachuu.

• Nama dhukkubsate waliin meeshaalee garagaraa fayyadamuu dhiisuu.
• Nyaata bu'aalee bineeldotaa sirritti bilcheessuun fayyadamuu.

• Meeshaalee fi bakkeewwan dhukkubsataan tuttuqaman/faalaman qulqulleessuu,
• Yeroo kunuunsa Shakkamaa/dhukkubsataa Maaskii afaanii fi funyaanii fayyadamuu
• Talaalli dhukkubichaa fudhachuu.
• Namoota dhukkubsatan ykn shakkaman kophaatti adda baasuu, fi Of-eeggannoodhaan dafanii yaalamuun barbaachisaadha.

©MSH

@tikvahethafaanoromoo
Ameerikaan Itoophiyaa dabalatee lammiilee biyyoota 36 irratti uggura imala kaa'uufi

Bulchiinsi Traamp Itoophiyaa, Masrii fi Naayijeeriyaa dabalatee lammiileen biyyoota 36 Ameerikaa akka hin seenne dhorkuuf yaadaa akka jiru sanadni keessoo Ministeera Dhimma Alaa Rooyitars fi Waashingitan Poostiin argan ni mul’isa.

Sanadni Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon mallattaa’ee fi dippilomaatotaaf kan qophaa’e kana irratti biyyoota 36 lammiileen isaanii ugguruuf yaadame kan tarreefaman yoo ta’u akkasumas sirreeffama biyyoonni kunneen uggura kana keessaa ba’uuf godhuun irraa eegamu tarreesse of keessatti hammateera.

Sanadni kun biyyoota lammiileen isaanii uggura imala guutuu ykn gartokkee ta’e adda baasuun rakkoo isaan mudatu kaa’uun biyyoonni kunneen uggurri kun hojiirra ooluu isaa dura Ulaagaa fi sirreeffama barbaachisaa ta’e akka godhan ji’a lama akka kennamu hubachiiseera.

Sanadni dhuma torban darbee dippilomaatotaa dhimmi ilaalatuuf kan kenname yoo ta’u, “[Ministeerri Dhimma Alaa] biyyoota yaaddoo qaban 36 kanneen ulaagaalee fi dirqama kaa’aman guyyoota 60 keessatti yoo hin guunne uggura imala guutuu ykn gartokkoon isaaniif saaxilamuu danda’an adda baaseera,” jechuun Rooyitars gabaaseera.

Ji’a Caamsaa darbe Pirezidaanti Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu nageenya biyyoota isaanii fi ummata isaanii eeguuf tattaaffii gochuuf jechuudhaan Ertiraa, Sudaan, fi Somaaliyaa dabalatee biyyoota Afrikaa torba dabalatee biyyoota 12 irratti xiyyeeffate mallatteessun isaanii ni yaadatama. #AS

@tikvahethafaanoromoo
Israa'el dhaabbata TV mootummaa Iraan haleelte

Qaaman tamsaasa TV mootummaa Iraan kan ta'e Neetworkiin Niwus Rippabiliika Islaamaa Iraan, Israa'eeliin haleellan irratti raawwatamusaa gabaasni Rooyitars mul'iseera.

Kunis doorsiisa har'a gara ganamaa ministirri ittisaa Israa'eliirraa dhufe hordofee kan yoo ta'u, biroodkaastarri mootummaa kun ''baduuf jedha'' jedhee ture. #BBC #Rooyiters

@tikvahethafaanoromoo
✈️ #EthiopianAirlines

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara Teel Aviiv taasisu addaan kuteera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sababa waraana Israa’elii fi Iiraaniin walqabatee balalii Finfinnee irraa gara Teel Aviiv akkasumaas Teel Aviiv irraa gara Finfinnee jidduuti taasiifamaa turan hundaa kallattii lameeniinu hanga Waxabajjii 22, 2025 A.L.Atti akka addaan citu beeksiseera.

Itti dabaluun Daandiin xiyyaaraa kun rakkoo mudateef kanaaf dhiifama gaafachuun maamiltoonni waajjira tikeettii daandii xiyyaaraa Itoophiyaa dhiyeenya isaanii jiru akka qunnaman gaafachuun Daandiin xiyyaaraa kun yoom balalii akka eegalu odeeffannoo haaraa akka kennu ibseera.

Lolli Israa'elii fi Iraan erga jalqabee har'a guyyaa 5ffaa isaa kan qabate yoo ta'u, Hanga ammaatti gama lachiinuu lubbuu fi qabeenya irratti miidhaa guddaan qaqqabeera.

@tikvahethafaanoromoo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Waldaan Aksiyoona Baabura Itiyoo-Jibuutii oomisha bunaa gara alaa erguuf hanqinni konteenaraa isa muudachuu Tikvah Itoophiyaaf ibseera.

Bunni Konteenaraayiz osoo hin taane biyyaa akka hin baane seerri bahuun isaa sababa hanqinna kanaa ta'uu daarektara waldichaa kan ta'an adde Mintasinoot Yohaannis ibsaniiru.

Kan jiru konteenaroota 20 qofa waan ta'eefi hammi bunaa gara alaatti ergamu dabaluu isaatiin fedhiin daldalaa tajaajila jiru waliin wal simuu hin dandeenye.

Rakkoo kana furuuf konteenaroota qullaa 104 FT gara hojiitti seensisuu isaani dareektarichi himeera.

Yeroo itti aanutti 106 kan ta'an konteenaroota 20 FT fichisiisuuf adeemsa irraa akka jiranii fi gaafii daldaltoota ilaaluun akka dabalamu eeraniiru.

@tikvahethafaanoromoo
2025/07/05 15:47:35
Back to Top
HTML Embed Code: