Ameerikaan Itoophiyaa dabalatee lammiilee biyyoota 36 irratti uggura imala kaa'uufi
Bulchiinsi Traamp Itoophiyaa, Masrii fi Naayijeeriyaa dabalatee lammiileen biyyoota 36 Ameerikaa akka hin seenne dhorkuuf yaadaa akka jiru sanadni keessoo Ministeera Dhimma Alaa Rooyitars fi Waashingitan Poostiin argan ni mul’isa.
Sanadni Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon mallattaa’ee fi dippilomaatotaaf kan qophaa’e kana irratti biyyoota 36 lammiileen isaanii ugguruuf yaadame kan tarreefaman yoo ta’u akkasumas sirreeffama biyyoonni kunneen uggura kana keessaa ba’uuf godhuun irraa eegamu tarreesse of keessatti hammateera.
Sanadni kun biyyoota lammiileen isaanii uggura imala guutuu ykn gartokkee ta’e adda baasuun rakkoo isaan mudatu kaa’uun biyyoonni kunneen uggurri kun hojiirra ooluu isaa dura Ulaagaa fi sirreeffama barbaachisaa ta’e akka godhan ji’a lama akka kennamu hubachiiseera.
Sanadni dhuma torban darbee dippilomaatotaa dhimmi ilaalatuuf kan kenname yoo ta’u, “[Ministeerri Dhimma Alaa] biyyoota yaaddoo qaban 36 kanneen ulaagaalee fi dirqama kaa’aman guyyoota 60 keessatti yoo hin guunne uggura imala guutuu ykn gartokkoon isaaniif saaxilamuu danda’an adda baaseera,” jechuun Rooyitars gabaaseera.
Ji’a Caamsaa darbe Pirezidaanti Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu nageenya biyyoota isaanii fi ummata isaanii eeguuf tattaaffii gochuuf jechuudhaan Ertiraa, Sudaan, fi Somaaliyaa dabalatee biyyoota Afrikaa torba dabalatee biyyoota 12 irratti xiyyeeffate mallatteessun isaanii ni yaadatama. #AS
@tikvahethafaanoromoo

Israa'el dhaabbata TV mootummaa Iraan haleelte
Qaaman tamsaasa TV mootummaa Iraan kan ta'e Neetworkiin Niwus Rippabiliika Islaamaa Iraan, Israa'eeliin haleellan irratti raawwatamusaa gabaasni Rooyitars mul'iseera.
Kunis doorsiisa har'a gara ganamaa ministirri ittisaa Israa'eliirraa dhufe hordofee kan yoo ta'u, biroodkaastarri mootummaa kun ''baduuf jedha'' jedhee ture. #BBC #Rooyiters

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara Teel Aviiv taasisu addaan kuteera.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sababa waraana Israa’elii fi Iiraaniin walqabatee balalii Finfinnee irraa gara Teel Aviiv akkasumaas Teel Aviiv irraa gara Finfinnee jidduuti taasiifamaa turan hundaa kallattii lameeniinu hanga Waxabajjii 22, 2025 A.L.Atti akka addaan citu beeksiseera.
Itti dabaluun Daandiin xiyyaaraa kun rakkoo mudateef kanaaf dhiifama gaafachuun maamiltoonni waajjira tikeettii daandii xiyyaaraa Itoophiyaa dhiyeenya isaanii jiru akka qunnaman gaafachuun Daandiin xiyyaaraa kun yoom balalii akka eegalu odeeffannoo haaraa akka kennu ibseera.
Lolli Israa'elii fi Iraan erga jalqabee har'a guyyaa 5ffaa isaa kan qabate yoo ta'u, Hanga ammaatti gama lachiinuu lubbuu fi qabeenya irratti miidhaa guddaan qaqqabeera.
@tikvahethafaanoromoo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Waldaan Aksiyoona Baabura Itiyoo-Jibuutii oomisha bunaa gara alaa erguuf hanqinni konteenaraa isa muudachuu Tikvah Itoophiyaaf ibseera.
Bunni Konteenaraayiz osoo hin taane biyyaa akka hin baane seerri bahuun isaa sababa hanqinna kanaa ta'uu daarektara waldichaa kan ta'an adde Mintasinoot Yohaannis ibsaniiru.
Kan jiru konteenaroota 20 qofa waan ta'eefi hammi bunaa gara alaatti ergamu dabaluu isaatiin fedhiin daldalaa tajaajila jiru waliin wal simuu hin dandeenye.
Rakkoo kana furuuf konteenaroota qullaa 104 FT gara hojiitti seensisuu isaani dareektarichi himeera.
Yeroo itti aanutti 106 kan ta'an konteenaroota 20 FT fichisiisuuf adeemsa irraa akka jiranii fi gaafii daldaltoota ilaaluun akka dabalamu eeraniiru.

#Itoophiyaa #Hindii #Airlines
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii jalqabaa Finfinnee gara Hindi Hayidiraabaadiitti taasise.
Daandichi torbeen guyyaa sadi balallii Finfinnee gara Hayidiraabaadiitti taasisu kaleessa ifatti eegaleera.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa imaltoota fe’ee wayita Buufata Xiyyaaraa Hayidiraabaad gahu hoggantoota olaanoo magaalichaan simannaan taasifameera.
Hayidiraabaadi Hinditti bakka ga’umsa 6ffaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa yoo taatu, yeroo ammaa torbeen balalliiwwan imaltootaa fi Kaargoo 50 gara Hinditti taasisa jira.

Dhaabbilee barnoota olaanoo 85 sirna barnootaa keessaa baasuufi
Gamaaggama dhaabbilee barnoota olaanoo 375 irratti gaggeeffameen; Dhaabbileen barnoota olaanoo"ulaagaalee guutuu dadhaban" 85 sirna barnootaa keessaa baafamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii beeksise.
Abbaa taayitichaatti Itti aanaan daayreektara olaanaa to’annoo fi mirkaneessa ragaa barnootaa obbo Biiniyaam Iiroo AMN Digital’tti akka himaniitti Dhaabbileen 47 hojimaata diriirfame cabsuu isaanitiin damee kanarraa akeekkachiisa olaanaa irraa kaasee hanga guutummaatti baafaamuu gahuu isaanii ibsan.
Dhaabbilee adabbii itti kennamee hin kabajne irratti ammoo tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu hojjetamuu ibsaniiruu.
Daarektarri olaanaa akka jedhanitti Kolleejjiiwwan baay’ina barattoota barsiisuu isaaniif hayyamame caalaa barsiisan jiraachuu ibsuun kunis qulqullina barnootaa irratti hanqina guddaa uumeera jedhe.
Itti dabaluudhaanis, "barattoota 40 barsiisuu kan hayyamameefi barattoota 5,000 kan simatuun" hojii dandeettii isaanii ol raawwachaa kan jiran akka jiran himaniiru.
Hogganaan dhaabbatichaas sanadoonni barnootaa seeraan alaa gara dhaabbatichatti fidamaa akka jiran eeruun amma garuu rakkooleen kunneen akka hin uumamneef dammaqinnaan hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Gochaalee hannaa ittisuuf sanadoonni barattootaa miiliyoona 1.3 sirna dijitaalaatiin galmaa’uus beeksisaniiru.
Itti aanaan daayreektara olaanaa kun ragaalee barnootaa hojjettoota dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa keessatti hojjetan mirkanaa’e xumuramuu isaa ibsuun akkasumaas hojiin bu’aa qorannoo mootummaaf dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin kun dhaabbilee federaalaa keessatti xumuramuusaa eeruun kan itti aanuu marsaan jalqabaa Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Sidaamaatti akka itti fufu ibsaniiru. #AS

"Haal duree tokko malee harka kennadhaa!"- Tiraamp
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waa'ee Iraan har'a dubbii jajjabaa dubbataa jira. Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa "Truth" irratti barreessen "HAAL DUREE TOKKO MALEE HARKA LAADHAA!" jedhu maxxanse.
Ergaawwan walitti aansee maxxansaa jiruun, hedduun US waraana Israa'elifi Iraanitti hirmaatti sodaa jedhu hammeessaa jira.
Tiraamp ergaa jalqa har'a maxxanseen "qilleensa Iraan guutummaan to'annee olaantummaa irratti qabna" jedhee ture.
Ittaansun ammoo, "Gaggeesan Iraan bakka dhokatee jiru beekna, garuu ammaaf hin ajjeefnu!" jechuun maxxanse.
Maxxansa si'a sadaffaa har'a maxxanseen, "haal duree tokko malee harka laadhaa!" jechuun namoota heddu shakkii keessa galcheera.

Iraan misaa'ela 'haypersonikii' Fattaah-1 jedhamu gara Tel Aviiv dhukaasuu himte
Eegdoti Warraaqsaa Iraan (IRGC) Akkaa jedhanitti, misaa’elli kuni galgala kaleessaa dhukaafame. Misaa’elli kuni jalqaba waggaa kana yeroo biyyoonni lamaan wal dhaban dhukaafameera. Erga dhihoo walitti bu’iinsi eegale garuu reefu dhukaafame.
Iiraan waldhabdeen Iraanii fi Israa’el gidduu jiru hammaataa dhufuu isaatiin halkan tokkotti misaa’ela 25 gara Israa’elitti furguggisaa akka jirtu gabaafameera.
Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatollaah Ali Khamenei miidiyaa hawaasaa irratti ''waraanni jalqabeera'' jechuun barreessaniiru.
Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka gabaasetti, Iraan waldhabdee guyyoota jahaaf biyyoota lamaan gidduutti uumameen yeroo jalqabaaf misaa'ela Fatah-1 hypersonic fayyadamteetti.
Israa’el gama isheetiin misaa’ela balistikii Iraan furguggifte kana ilaalchisee odeeffannoo hin kenninee.

#Ethiopia #USA
Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa yeroo jalqabaaf Pirezdaant Tiraamp waliin mari’atan
Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Binnaalf Andu’aalam Preezdaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin marii jalqabaa Waayit Haawusitti gaggeessuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera.
Ministeerichi ibsa Roobii baaseen, ambaasaaddarichi Waayit Haawusitti “simannaan dippilomaasii” kan taasifameef yoo ta’u, kunis “hariiroo yeroo dheeraa” Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru kan calaqqisiisu ta’uu ibseera.
Ministeerichi mariin kun “jalqabbii mariiwwan gara fuula duraa godhaman” ta’uu ibseera, Akkasumas “nagaa, nageenya, fi misooma dinagdee” dabalatee tumsa cimsuuf gahumsa “daangaa hin qabne” akka jiru ibseera.
Suuraaleen Ministeerichi qoode akka agarsiisanitti, Ambaasaaddar Binnaalf yeroo kanatti Pirezidaant Tiraampiin ala Ministira Dhimma Alaa biyyattii Maarkoo Ruubiyoo waliin wal arganii jiru.
Walgahiin kun kan gaggeeffame bulchiinsi Traamp Itoophiyaa, Masrii fi Naayijeeriyaa dabalatee lammiileen biyyoota 36 Ameerikaa akka hin seenne dhorkuuf yaadaa akka jiru Rooyitars fi Waashingitan Poost sanada keessoo Ministeera Dhimma Alaa argan wabeeffachuu erga gabaasan guyyoota murasa boodadha.
Sanadni Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon mallattaa’ee fi dippilomaatotaaf kan qophaa’e kana irratti biyyoota 36 lammiileen isaanii ugguruuf yaadame kan tarreefaman yoo ta’u akkasumas sirreeffama biyyoonni kunneen uggura kana keessaa ba’uuf godhuun irraa eegamu tarreesse of keessatti hammateera.
Sanadni kun biyyoota lammiileen isaanii uggura imala guutuu ykn gartokkee ta’e adda baasuun rakkoo isaan mudatu kaa’uun biyyoonni kunneen uggurri kun hojiirra ooluu isaa dura Ulaagaa fi sirreeffama barbaachisaa ta’e akka godhan ji’a lama akka kennamu hubachiiseera.
Photo credit: The White House

Haaromsi Golambaa Masaraa Biyyaalessaa Guutummaatti Xumuramee Daawwattootaaf Banameera.
Sadarkaa De’eetaa Ministiraatti Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Masaraa Mitikkuu Dheeressaa, Waggoottan Jijjiiramaa Darban Hojiileen Misoomaa Hedduun Hojjetamuusaanii Ibsaniiru.
Kanneen Keessa Dameen Tuurizimii Akka Keessatti Argamu Dubbataniiru.
Golambaan Haaromsisaa Xumuramee Daawwattootaaf Banaa Taasifame Kun Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa Guddaa Kan Jijjiirudha Jedhaniiru.
Golambaan Kun Har’a Eegalee Kibxataan Alatti Guyyaa Hunda Ganama Keessaa Sa’aatii 3:00 Amma 11:30tti Tajaajilaaf Banaa Akka Ta’u Himaniiru jechuun TOI gabaaseera