Telegram Web Link
#Ethiopia #USA

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa yeroo jalqabaaf Pirezdaant Tiraamp waliin mari’atan

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Binnaalf Andu’aalam Preezdaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin marii jalqabaa Waayit Haawusitti gaggeessuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera.

Ministeerichi ibsa Roobii baaseen, ambaasaaddarichi Waayit Haawusitti “simannaan dippilomaasii” kan taasifameef yoo ta’u, kunis “hariiroo yeroo dheeraa” Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru kan calaqqisiisu ta’uu ibseera.

Ministeerichi mariin kun “jalqabbii mariiwwan gara fuula duraa godhaman” ta’uu ibseera, Akkasumas “nagaa, nageenya, fi misooma dinagdee” dabalatee tumsa cimsuuf gahumsa “daangaa hin qabne” akka jiru ibseera.

Suuraaleen Ministeerichi qoode akka agarsiisanitti, Ambaasaaddar Binnaalf yeroo kanatti Pirezidaant Tiraampiin ala Ministira Dhimma Alaa biyyattii Maarkoo Ruubiyoo waliin wal arganii jiru.

Walgahiin kun kan gaggeeffame bulchiinsi Traamp Itoophiyaa, Masrii fi Naayijeeriyaa dabalatee lammiileen biyyoota 36 Ameerikaa akka hin seenne dhorkuuf yaadaa akka jiru Rooyitars fi Waashingitan Poost sanada keessoo Ministeera Dhimma Alaa argan wabeeffachuu erga gabaasan guyyoota murasa boodadha.

Sanadni Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon mallattaa’ee fi dippilomaatotaaf kan qophaa’e kana irratti biyyoota 36 lammiileen isaanii ugguruuf yaadame kan tarreefaman yoo ta’u akkasumas sirreeffama biyyoonni kunneen uggura kana keessaa ba’uuf godhuun irraa eegamu tarreesse of keessatti hammateera.

Sanadni kun biyyoota lammiileen isaanii uggura imala guutuu ykn gartokkee ta’e adda baasuun rakkoo isaan mudatu kaa’uun biyyoonni kunneen uggurri kun hojiirra ooluu isaa dura Ulaagaa fi sirreeffama barbaachisaa ta’e akka godhan ji’a lama akka kennamu hubachiiseera.

Photo credit: The White House

@tikvahethafaanoromoo
Haaromsi Golambaa Masaraa Biyyaalessaa Guutummaatti Xumuramee Daawwattootaaf Banameera.

Sadarkaa De’eetaa Ministiraatti Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Masaraa Mitikkuu Dheeressaa, Waggoottan Jijjiiramaa Darban Hojiileen Misoomaa Hedduun Hojjetamuusaanii Ibsaniiru.

Kanneen Keessa Dameen Tuurizimii Akka Keessatti Argamu Dubbataniiru.

Golambaan Haaromsisaa Xumuramee Daawwattootaaf Banaa Taasifame Kun Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa Guddaa Kan Jijjiirudha Jedhaniiru.

Golambaan Kun Har’a Eegalee Kibxataan Alatti Guyyaa Hunda Ganama Keessaa Sa’aatii 3:00 Amma 11:30tti Tajaajilaaf Banaa Akka Ta’u Himaniiru jechuun TOI gabaaseera

@tikvahethafaanoromoo
Biiroon Barnoota Naannichaa dhimma qormaata kutaa 8ffaa 'amantii Islaamummaa xureesse' jedherratti dhiifama gaafate

Naannoo Giddugaleessaa Itoophiyaatti qormaata naannoo kutaa 8ffaa tibbana laatameen qormaata barnoota saayinsii hawaasaa keessaa gaaffiin tokko hordoftoota amantii Islaamaa dheekkamse irratti biiroon barnoota naannichaa dhiifama gaafateera.

Qormaata saayinsii hawaasaa keessatti gaaffiin 17ffaa "amantii islaamummaa kan xureessu" ta'uu hordoftoonni amantichaa karaa adda addaan komii dhiyeessaa turaniiru.

Biiroon Barnoota Naannoo Giddugaleessaa Itoophiyaa dhimma kana ilaalchisee ibsa kaleessa baaseen, biirichi komii dhiyaate qoratee komii sirrii akka ta'e mirkaneessuu ibseera.

Haaluma kanaan "dogoggora uumameef ifatti dhiifama akka gaafatu" ibseera. Kana malees qopheessitoota qormaatichaa dogoggora kana raawwatan irratti "tarkaanfii barbaachisu" akka fudhate ibse.

@tikvahethafaanoromoo
Daldalli boba’aa seeraan alaa kan babal’ateef gatiin gurgurtaa kan biyyoota ollaan gadi waan ta’eefi- Dooktar Kaasaahun Gofee

Itiyoophiyaatti daldalli boba’aa seeraan alaa kan babal’ateef gatiin gurgurtaa boba’aa kan biyyoota ollaan gadi waan ta’eefi jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofeen.

Dooktar Kaasaahun guyyaa har’aa raawwii karoora baatiiwwan 11 darbanii ministeerichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeessaniiru.

Miseensonni mana marichaa daldala boba’aa seeraan alaa to’achuufi iddoowwwan buufanni boba’aa hin jirretti buufataalee boba’aa babal’isuuf hojiilee hojjetamaa jiran irratti ibsi akka kennamu gaafataniiru.

Dooktar Kaasaahun deebii laataniin, buufataaleen boba’aa kumni 1 fi 700 ol tajaajila kennaa jiraachuu, buufataaleen dabalataa ijaarsi isaanii xumurame 250 banuuf tattaaffiin godhamaa jira jedhan.

Iddoowwan buufataaleen boba’aa hin jirretti buufataaleen akka ijaaramaniif Maaster Pilaaniin biyyaalessaa qophaa’aa jiraachuus eeran.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaan oomishaalee boba’aa hunda gama teerminaala Jibuutiin galchaa jiraachuu kaasanii, dhaabbileen boba’aa 58 fi bootteewwan boba’aa kumni 5 fi 427 jiraachuu eeraniiru.

Bara baajataa darbe boba’aa liitirri biiliyoona 3 fi miiliyoonni 900 dhiyaachuu yaadachiisanii, bara baajataa xumuramaa jiru kanatti boba’aa liitirri biiliyoonni 4 fi miiliyoonni 300 dhiyaateera jedhan.

Kunis kan bara darbeerra %10 caalmaa qabaachuu kaasaniiru.

Daldala boba’aa seeraan alaaf sababni dhiyeessii gahaan jiraachuu dhabuufi Itiyoophiyaatti gatiin gurgurtaa boba’aa kan biyyoota ollaan gadi ta’uu ibsaniiru. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo
Itoophiyaan qaal’iinsa jireenyaatiin Afrikaa irra sadarkaa 1ffaa irratti argamuu ishee gabaafame

Itoophiyaan biyyoota Afriikaa keessa jiraachuuf qaala’oo ta’an keessaa sadarkaa 1ffaa irra kan jirtu yoo ta’u, addunyaa irraa sadarkaa 53ffaa irra jiraachuu ishee gabaasni mul’iseera.

Akka gabaasa haaraa kuusaa ragaa baasii jireenyaa addunyaa guddichaa baaseetti lammiileen Itiyoophiyaa amma meeshaalee bu’uuraa kanneen akka nyaataa fi geejjibaa irratti biyyoota Afrikaa biroo keessa jiran caalaa baasii guddaa baasu jedheera.

@tikvahethafaanoromoo
Mootummaan Sa’uudii Arabiyaa murtii du’aa Itoophiyaanota dabalatee lammiilee alaa irratti dabarse akka hir’isu gaafatame

Sa’uudii Arabiyaatti yakka daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee yoo xiqqaate lammiileen Itoophiyaa 37 adabbii du’aa eeggachaa akka jiran dhaabbileen mirga namoomaa idil addunyaa 31 ibsa waloo baasaniin beeksisaniiru.

Itoophiyaanota dabalatee lammiilee biyya alaa dhibbaan lakkaa’aman Sa’udii keessatti adabbii ajjeechaa irratti darbuun yaaddoo guddaa akka itti uume dhaabbileen kunneen ibsa isaanii keessatti hubachiisaniiru.

Akkaadaamii Dippilomaasii Afrikaa dabalatee dhaabbileen idil addunyaa kunneen ibsa waloo Waxabajjii 17, 2025 baasaniin, yakka daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu kan “murtii du’aa hin kennisiisneen” waliin walqabatee kanneen hidhamanii jiran “lubbuu isaaniif yaaddoo qabna” jedhan.

Dhaabbileen kunneen ragaa Dhaabbata Pireesii Sa’uudii irraa wabeeffachuun akka eeranitti, bara 2025 qofa yakka kanaan walqabatee namoonni 98 kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee biyya alaa ta’uu ibsaniiru.

Ibsichi bara kana lammiileen Somaaliyaa 19 fi lammiileen Itoophiyaa torba ‘hashiishii seeraan alaa daddabarsuudhaan’ akka ajjeefaman ifatti gabaafamuu eereera. Itti dabaluudhaanis lammiileen Itoophiyaa sadii Waxabajjii 16 ajjeefamuu isaanii eeruun, kaan ammoo yeroo sodaa keessa akka jiraatan himeera.

Itti dabaluunis lammiileen Itoophiyaa 37 lammiilee Somaaliyaa 27 waliin ta’uun kibba lixa Sa’udii Arabiyaa mana hidhaa Giddugaleessaa Najranitti murtii du’aatiin kan hidhaman yoo ta’u, lammiileen Masrii 26 ammoo kaaba dhiha biyyattiitti mana hidhaa giddu galeessaa Tabuk keessatti hidhamanii akka jiran ibseera.

Dhaabbileen kunneen mootummaan Sa’uudii yakkoota seera idil-addunyaa jalatti ulaagaa “yakkoota ciccimoo” hin guunne irratti murtii du’aa dabarse akka hir’isu, ajjeechaan akka dhaabbatu akka labsuu, akkasumas seera biyya keessaa yakka itti yaadanii ajjeechaa keessa hin hirmaanne irratti adabbii du’aa hayyamu akka fooyyessuuf gaafataniiru. #AS

@Tikvahethafaanoromoo
Iraan erga Israa'el haleellaa bantee as lammiilenshee 430 ajjeefamu himte

Erga Israa'eli fi Iraan gidduutti walitti bu'iinsi eegalee Waxabajjii 13, 2025 eegalee as yoo xiqqaate namoonni 430 Iraan jalaa ajjeefamu maddi oduu biyyattii Nour jedhamu gabaase.

Kanneen du'aniin alatti namoonni 3,500 ammoo madaa'uu misiteera fayyaa Iraan waabeffachuun maddi oduu kun gabaaseer.

Dilbata darbe namoonni 224 du'uu ministeerri fayyaa Iraan beeksisee ture. Ergasii mootummaan Iraan lakkoofsa namoota du'aniifi miidhamanii guyyootaf osoo hin ibsin ture.

Gama Israa'eliin lakkoosi namoota du'anii hanga ammaa 25 ta'uu ibsameera. #BBC #Nour

@tikvahethafaanoromoo
Buufataalee gatiin boba'aa dabaluun mala jechuun dhoksanirratti tarkaanfiin ni fudhatama

Buufataalee osoo boba'aan jiru gatiin dabaluu mala jechuun hin jiru jedhan hordofuun Mootummaan tarkaanfii ni fudhata jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofee himaniiru.

Buufataaleen gatiin dabaluu mala jechuun boba'aa dhoksan jiraachuu eeruun, gatiin boba'arratti taasifamu kan hin jirre ta'uu ibsaniiru.

Mootummaan baatii Caamsaa irra eegalee deeggarsa boba'aa dhaabuu himuun, gatiin boba'aa akkaataa gaba Addunyaan kan murteeffamu ta'uu hubachiisaniiru.

Guyyoota muraasaa as odeeffannoon gama Miidiyaa hawaasaatiin akka mootummaan deeggarsa taasisaa ture hin kaafneefi taaksii haaraa gabaa boba’aarratti dabaluuf jedhuun tamsa'aa jiru dogogora jedhan.

Buufataaleen boba'aa gatiin boba’aarratti taasifamuu kan hin jirre ta'uu hubachuun tasgabbiin bittaaf gurgurtaa akka raawwatan hubachiisaniiru. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo
Ameerikaan ifatti gara Waraanaa seentee jirti!

Ameerikaan iddoowwan gabbiisa Niiwukilaaraa Iraan sadi haleeluun pirezidaan Doonaald Tiraamp himan.

Iddoowwan kunneenis Foordoo, Naataanzii fi Isfaahaan kan jedhaman yoo ta'u, Ameerikaan haleellaa buufataalee kanneen irratti raawwattu xumurteetti jedhaniiru.

"Foordoo, Naataanzii fi Isfaahaan dabalatee iddoowwan gabbiisa nikulaaraa sadan Iraan irratti haleellaa baayyee milkaa'aa ta'e xumurree jirra. Xiyyaaronni hundi amma naannoo qilleensa Iraaniin ala jiru" jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaanii 'Truth' jedhamu irratti barreessaniiru.

Haleellaa Ameerikaan iddoowwan gabbisa Niiwukilaaraa sadan irratti raawwatte kanas aanga'oonni Iraan mirkaneessaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
#Exit_Exam

Qormaanni bahiinsa yunivarsitii barattoota dhaabbilee mootummaatti(Yunivarsitii) barataniif guyyaa muraasa dura ifoomuun isaa kan yaadatamuudha.

Qormaatni bahiinsaa dhaabbilee barnoota ol'aanoo dhuunfaas ifoomuu isaa ministeerri barnootaa beeksiseera.

Ministeerri barnootaa akka ibsetti qormaatni bahiinsaa kun dhaabbilee kafaltii tajaajila qormaataa /Exam Service Payment/ kanneen xumuran hundaaf qormaatichi guyyaa kaleessa waxabajjii 14/2017 ifoomu isaa beeksiseera.

Dhaabbileen kafaltii xumuran qofa barattoonni isaanii gara iddoo itti baratanii deemuun bu'aa qormaata bahiinsaa isaanii laallachuu akka danda'an ministeerri barnootaa ibseera.

@tikvahethafaanoromoo
2025/07/02 00:46:16
Back to Top
HTML Embed Code: