Telegram Web Link
Gatiin gurgurtaa boba’aa haaluma tureen itti fufa.

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa ji’a Adoolessaa guyyaa har’aa waxabajjii 21, 2017 irraa eegalee gatii baatii waxabajjii gurguramaa tureen akka gurguramu ibsameera.

Maddi:- Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa

@tikvahethafaanoromoo
Piroofeesar Maraaraa Guddinaa Itti Aanaa Dursaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Alaa ta'uun filataman

Addi Dimokraatawaa Federaalawaa Tokkummaa Itoophiyaa (Madrak), yaa'ii idilee Seena-qabeessa geggeessuun, hoggansa haaraa filachuu isaa ifoomseera.

Gamtaan siyaasaa sab-daneessaa beekamaa biyyattii kan ta'e, Addi Dimokraatawaa Federaalawaa Tokkummaa Itoophiyaa (Madrak), Yaa'ii Idilee isaa 17ffaa milkaa'inaan xumuruun, of haaromsuuf tarkaanfii murteessaa ta'e fudhateera.

Yaa'iin kun, waajjira muummee gamtichaa keessatti kan geggeeffame yoo ta'u, hoggansa haaraa filachuu fi Itoophiyaa dhugaan dimokraatawooftee fi tasgabboofte ijaaruuf kallattii tarsiimoo ifa ta'e kaa'uun goolabameera.

Hoggansi haaraan filatame, humna dargaggootaa fi muuxannoo gameeyyii siyaasaa walitti makuun kan ijaarame yoo ta'u, kunis Maddarakiin rakkoolee siyaasaa Itoophiyaa wal-xaxoo ta'an furuuf ga'umsa addaa akka qabaatu isa taasisa.

Koreen haaraa kunis:

1. Obbo Amdoom Gabrasillaasee:- Dursaa Madarakii

2. Obbo Sulxaan Qaasim:- Itti Aanaa Dursaa fi Itti Gaafatamaa Qunnamtii Hawaasaa

3. Aadde Maryam Hasan: Itti Aantuu Dursaa fi Itti Gaafatamtuu Faayinaansii

4. Obbo Mulaatuu Gammachuu: Itti Aanaa Dursaa Tokkoffaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Gurmaa'ina Ummataa

5. Piroofeesar Mararaa Guddinaa: Itti Aanaa Dursaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Alaa

6. Obbo Legeessee Lanqaamoo: Itti Gaafatamaa Waajjira Barreessaa Madarakii

7. Obbo Dastaa Dinqaa: Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Barreessaa Madarakii

Madrak:-

- Arena Tigraay Dimokraasii fi Birmadummaaf (Arena),

- Koongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO),

-Sochii Bilisummaa Sidaamaa (SBS), fi

- Paartii Haqaa fi Dimokraasii Ummata Affaar of keessatti miseensummaan kan hammateedha.

@tikvahethafaanoromoo
Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa 4ffaa adeemsifamee jira.

Badhaasa Haacaaluu Hundeessa marsaa 4ffaa fi yaadannoo wareegama isaa waggaa 5ffaa kaleessaa galgala Waxabajjii 29, 2025 Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti adeemsifamee jira.

Badhaasni kun Artistii gameessa waggoota shan dura ajjeefame yaadachuu fi maqaa isaatiin artistoota hojii isaaniin cimina olaanaa agarsiisaniif beekamtii laachuuf waggaa waggaadhaan qophaa'a.

Barana gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabamuu faawundeeshiniin maqaa isaatiin hundeeffame beeksisee ture.

Haalumaa kanaan:-

➡️Badhaasa Umrii guutuu - Abdullahi Jirmaa

➡️Badhaasa dhimmamaa muuziqaa/Music Care/- Aartist Aammee Xiqqaa

➡️Badhaasa Keerogiraafara cimaa-Artist Alamaayyoo Dhaabii

➡️Badhaasa Sinimaatoogiraafara Cimaa- Artist Shimallis Taaddasaa

➡️Badhaasa viidiyoo muuziqaa filatamaa- Artist Zaman Isheetuu

➡️Badhaasa Qindeessaa Muuziqaa Cimaa - Miiraa Tiruuchelvaam

➡️Badhaasa Weellisaa Cimaa/tuu Haaraa- Artist Asaantii Aschuu

➡️Badhaasa Weellistuu Cimtuu - Aartist Lamlam H/Mikaa'el

➡️Badhaasa Weellisaa Cimaa - Aartist Andu'aalem Gosaa

➡️Badhaasa Wallee Cimaa- Artist Lalisaa Idriis (Bilillee)

➡️Badhaasa wallee Aadaa Cimaa- Artist Aadam Mohammed fi Haliima Abdallaa(Shubbituu)

➡️Badhaasa Wallee Ammayyaa cimaa- Artist Guutuu Abarraa(Iyyoolee)

➡️ Badhaasa Albama Cimaa- Artist Andu'aalem Gosaa

Pireezidaantii amboo duraanii Dr.Taaddasaa Qana'aa bara gaggeessaa isaaniitti siidaa haacaaluu yunivarsitii keessa dhaabuu isaaniif badhaasni galateeffannaa kennameefi jira.

Sagantaa kanarratti maatii artiistichaa, artistoota badhaasaaf kaadhimamanii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Itiyoophiyaan tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii babal’isaa jirti- Dooktar Maqdas Dhaabaa

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan Itiyoophiyaan tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii babal’isaa jirti jedhan.

Fooramiin wal’aansa dhibee kaansariirratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Dooktar Maqdas fooramicharratti akka jedhanitti, tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii kanaan dura Finfinnee giddugala tokko qofatti kennamaa ture babal’isuun naannoleetti giddugaloonni dabalataa shan banamaniiru.

Giddugaloota wal’aansa kaansarii naannoleetti argaman shan keessaa afur tajaajila kennaa jiraachuu kaasanii, giddugalli hafe tokkos yeroo dhiyootti tajaajila kennuu akka eegalu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan hojii babal’ina giddugaloota wal’aansa dhibee kaansariif Yuuroo miiliyoona 25 baasii taasisuu kan ibsan Dooktar Maqdas, kunis bu’uuraalee misoomaa fayyaafi dhiyeessii galtee fayyaaf ooluu kaasan.

Gama tajaajila wal’aansaa keemooteeraappii waliingahuunis yeroo ammaa hospitaalota 13 keessatti tajaajilli kun kennamaa jira jedhan. #FBC

@tikvahethafaanoromoo
Siidaan Yaadannoo Artist Haacaluu Hundeessaa Magaalaa Ambootti ijaarame xummuramuun eebbifame

Siidaan Yaadannoo Artist Haacaluu Hundeessaa yaadannoo isaatiif Magaala Ambootti Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin ijaarame iddoo Itti Aanaan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Obbo Daraaraa katamaa Itti aanaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii oromiyaa, obbo Hacaaluu Gammachuu Kantiibaa magaalaa Amboo, haadha warraa Artist Haacaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damisoofi keessummootni kabajaa biroo argamanitti Eebbiffameera.

@tikvahethafaanoromoo
2025/07/02 00:46:02
Back to Top
HTML Embed Code: